Jechoota Onnachiiftu @moufi Channel on Telegram

Jechoota Onnachiiftu

@moufi


๐€๐ง๐ข ๐ƒ๐ข๐ง๐ช๐ข๐ข!๐Ÿ’™
๐€๐ญ๐ข๐ฌ ๐ƒ๐ข๐ง๐ช๐ข๐ข ๐Ÿ’™
๐๐ฎ๐ญ๐ข ๐ƒ๐ข๐ง๐ช๐ข๐ข ๐Ÿ’™
๐ƒ๐ข๐ง๐ช๐ข๐ข ๐ฒ๐š๐š๐๐ง๐š๐Ÿ’™
๐ƒ๐ข๐ง๐ช๐ข๐ข ๐๐ฎ๐›๐›๐š๐ง๐ง๐š๐Ÿ’™
๐‡๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐ƒ๐ข๐ง๐ช๐ข๐ข ๐๐š๐ฅ๐š๐ ๐ง๐š๐Ÿ’™

Inbox @gutexy or @fayeraT


Chaanelii namoota mul'ataa! ๐Ÿ”ฅ

Jechoota Onnachiiftu (Afan Oromo)

Jechoota Onnachiiftu kan hojii muuzii Telegramitti tajaajiltuu osoo hin taane, 'moufi' jedhu. Kan jedhuun yeroo tokko tokkoo maqaa Afaan Oromoo irra deebii ykn hojii mormii jiraatu. "Atis Dinqii, Nuun Dinqii, Waan Dinqii yaadna, Waan Dinqii dubbannaa, Karaa Dinqii irra deemna, Waan Dinqii Hojjennaa, Nuun Dinqisiifamtoota" jedhamuun ni yaadatama. Kan hojii dura duras tajaajiluuf kan inni gochuuf deemi, hojii umrii miidhaa qaba. Jechoota Onnachiiftu kan jedhu dhaamsa haaraa, qajeelaa, fi akkasumas jechoota baheef daataan osoo hin taane jechuun hojjii ittiin moofamu. Kan inni gochuun Akkasumasaaf akkasumas akkuma ittiin dura, jechoota kun akkaataa daataaf tajaajiluuf ittiin boonsuu dha.

Jechoota Onnachiiftu

07 Dec, 03:38


๐†๐ฎ๐Ÿ๐ฎ๐ฎ๐ฐ๐ฐ๐š๐ง ๐ฆ๐ฎ๐ฅ'๐š๐ญ๐š๐š ๐›๐ž๐›๐›๐ž๐ž๐ค๐š๐ฆ๐จ๐จ ๐š๐Ÿ๐ซ๐š๐ง

๐Ÿ’ฅ1.  "สœษชษด แด…แด€ษดแด…แด€'แด€แดแดœแดœ"

Namoonni naannoo keenyaa baayyeen namoota mul'ata isaanii dhugoomsan waan hin taaneef jireenya isaatiin qofa osoo hin taane dubbannaa isaaniitiin danda'amuu mul'ataa irratti haamilee sitti hin horan.

๐Ÿ’ฅ2. แดŠแด€แด€สŸแด€สŸแด€

Mul'ati keenya namoota jaallannuu fi nu hin jaallanne biratti fudhatamummaa yeroo dhabu, maqaa jaalalaaf jennee mul'ataa keenya biraa deebi'uuf of dirqamsiisuu. Hiree daa'ima isaanii murteessuuf akka aaboo qabanitti maatiin yaadan akkasumas miiltoon jaalalaa fi hiriyoonni keenya as keessatti qoodamuu danda'u.

๐Ÿ’ฅ3. ๊œฑแดแด…แด€แด€ แด‹แดœ๊œฐแด€แด€แด›ษชษช

Yaaliin galma keenya ga'uu keessatti kufaatii jiru yaadanii sodaachuun waan baayyee baratamedha. Kufaatii namni balaaleffatu abjuu isaatiif hin qabsaa'u sababnisaa namni akkasii kufaatii akka qaama jireenyaatti osoo hin taane akka qaaniitti ilaala.
Yaaluu sodaachuun yeroo baayyee kufaatii sodaachuurraa madda.

๐Ÿ’ฅ4. ๊œฑแดแด…แด€แด€ แดษชสŸแด‹แด€แด€'ษชษดแด€แด€

๐‘จ๐’Œ๐’Œ๐’–๐’Ž๐’‚ ๐’”๐’๐’…๐’‚๐’‚๐’ ๐’Œ๐’–๐’‡๐’‚๐’‚๐’•๐’Š๐’Š ๐’‹๐’Š๐’“๐’– ๐’”๐’๐’…๐’‚๐’‚๐’ ๐’Ž๐’Š๐’๐’Œ๐’‚๐’‚'๐’Š๐’‚๐’‚ ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐’‹๐’Š๐’“๐’– ๐’’๐’–๐’ƒ๐’‚ ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’…๐’‚๐’‚?
Mata dureen kun iccitii qor-qalbii ilmaan namootaa dubbatan keessaa isa angafaa yeroo ta'u mata duree kana  dacheerraa kan hubatan baayyisee muraasa. Namoonni hedduun galma isaanii erga ga'anii sababa dachee irra jiraataniif akka dhabanitti yaaduun mul'ata isaanii hin dhugoomsan. Of-gulaalanii  of-ilaaluu yeroo baayyee booddee namoonni hedduun dhibee kana of keessatti argatu. Yeroo biraa mata duree kana sirnaan kana caalaatti nan ibsa.

@moufi       @moufi         @moufi

Jechoota Onnachiiftu

06 Dec, 14:18


Maalif addunyaa kanatti aartaa,
Waan akka addunyaan kun si dhaggeeffatuu?


Marcus Aurelius

Jechoota Onnachiiftu

06 Dec, 09:37


Miira kee dagadhu; waan hojjechuu qabdu hojjedhu! ๐Ÿ’ฅ

Jechoota Onnachiiftu

06 Dec, 05:43


Abdii kutachuun dhiiga koo keessa hin jiru! ๐Ÿ’ช๐Ÿพ

Jechoota Onnachiiftu

05 Dec, 18:24


Bor guyyaa biraadha; yoo waaqni dabarsee guyyicha siif laate dogoggora guyyaa har'aa irra hin deebi'in ๐Ÿ˜Š

Jechoota Onnachiiftu

05 Dec, 13:34


Jechoota Onnachiiftu pinned ยซWanti gaariin yeroo ati hin eegnetti si mudatee yoo beeke, ammas irra deebi'ee si mudachuu danda'uu isaa beekuun qofti keessa kee gammachiisa!ยป

Jechoota Onnachiiftu

05 Dec, 03:35


Guyyaa har'aa waan gochuun sitti ulfaatu tokko raawwadhu!

Akkasitti guyyaadhaa guyyaatti sodaa kee sodaachisaa jiraachuu nii dandeessa! ๐Ÿ”ฅ

Jechoota Onnachiiftu

04 Dec, 12:43


Qajeelfama daqiiqaa shanii
(5 minutes rule)

Rakkina wantoota hojjechuu qabdu yeroo itti aanuutti daddabarsuu (procrastination) yoo qabaatte, qajeelfama daqiiqaa shanii kana fayyadami. Qajeelfamichi, wanti ati gochuu barbaaddu sun dhimma hanga daqiiqaa shanii qofa fudhatu yoo ta'e yerooma itti yaadde sanatti raawwadhu.
Fknf

๐Ÿ’ฅNamatti bilbiltee waan himtu yookaan dubbattu qabda? battaluma bilbili!
.
.
.
@moufi

Jechoota Onnachiiftu

03 Dec, 18:11


Hanga fuulduratti adeemtu qofa bakka amma jirturraa fagaatta!

Baayyee fagaachuu yaaddaa?
Baayyee tarkaanfadhu!
๐Ÿšถโ€โ™‚๏ธ

Jechoota Onnachiiftu

03 Dec, 03:41


Yaa waaq, maalif akka har'a dammaquun koo barbaachise yoon dagadhe, na yaadachiisi; yoon hin beeknemmoo na barsiisi! ๐Ÿ™

Jechoota Onnachiiftu

02 Dec, 17:05


Qajeelfama jireenya sadan

๐Ÿ’ฅ1. Waan barbaaddu faana yoo hin buune, waan feetu sana hin argattu.

๐Ÿ’ฅ2. Yoo hin gaafanne, deebiin isaa yeroo kara LAKKII dha

๐Ÿ’ฅ3. Yoo fuulduraatti hin tarkaanfanne,  lafuma jirtu sanatti hafta

@moufi @moufi @moufi

Jechoota Onnachiiftu

01 Dec, 18:26


Iccitii gola sammuu keenyaa
(Subconscious mind)


Karoora guyyaa borii hojjechuu barbaaddu barreessitee buluun akka qaamni sammuu keetii inni dhokataan (subconscious mind) karoora kee guyyaa boriitiif qophaa'ee bulu taasisa.
Hayyoonni hedduun yeroo ciisan gaaffilee isaan dhiphisan barreessanii yookaan sammuu isaanii gaafatanii rafu sana booda sammuun isaanii deebii isaa barbaadee bula!

Nagaan bulaa; hirriba gaarii!๐Ÿ›Œ

Jechoota Onnachiiftu

01 Dec, 14:04


Yeroo dureessi addunyaa kanaa Elen Maask, " Ani abdii kutachuudhaaf sammuun koo yaaduu dhiisuu qaba" jedhe jabina cichoominaa dhalli namaa qabaachuu danda'un hubadhe!

Jechoota Onnachiiftu

30 Nov, 15:28


Wanti gaariin yeroo ati hin eegnetti si mudatee yoo beeke, ammas irra deebi'ee si mudachuu danda'uu isaa beekuun qofti keessa kee gammachiisa!

Jechoota Onnachiiftu

30 Nov, 08:29


Jireenya keessatti kaayyoo keetiif "wanti fedhe haa dhufu' jettee kutannoodhaan waan dhufu mara simachuuf qophii qabaachuu qabda!

Jechoota Onnachiiftu

29 Nov, 10:00


Mannneen hidhaa Biraaziil keessatti baayyina kitaabaa hidhamtoonni dubbisanii irratti hundaa'uun yeroon adabbii isaanii irraa hir'ataaf.
Namni kitaaba tokko yoo dubbise guyyootii 4 murtoo isaa irraa nii hir'ifata!

Ani kanan jedhu, nuti warri qaamaan birmaduu taane kun aadaa dubbisuu osoo qabaannee, yaadotaa fi ilaalchota nu hidhan baayyee jalaa waan baanu sitti hin fakkaatuu?

Jechoota Onnachiiftu

28 Nov, 03:28


Dhaamsa Marcus Aurelius guyyaa har'aaf ๐Ÿ™Œ

๐Ÿ’ฅ1. Yaadadhu! Utuu namni hin beekin nama gaarii ta'uu nii dandeessa! ๐Ÿค—

๐Ÿ’ฅ2. Yaadadhu! Callistee ilaaluu keetiin yakka hojjechuu nii dandeessa! ๐Ÿ˜

๐Ÿ’ฅ3. Yaadadhu! Yeroo mara mirga yaada dhabuu qabda! ๐Ÿ’ช๐Ÿพ

๐Ÿ’ฅ4. Yaadadhu! Akka warqeen yookaan daayimandiin jajuu namootaan hin daballe yookaan tuffii namootaan hin xiqqaanne ๐Ÿ˜Ž

๐Ÿ’ฅ5. Yaadadhu! Akka duutu; warri si beekanis akka du'an! Beekamtiin kees booda akka sin fayyadne ๐Ÿคทโ€โ™‚๏ธ

Meditation: Marcus Aurelius ๐Ÿ“š

Oolmaa gaarii!

Jechoota Onnachiiftu

27 Nov, 09:49


Maraakii jechuun jecha afaan Girikii yoo ta'u hiikaan isaa hojii hojjechaa jirtutti dandeettii, kalaqaa fi humna kee guutummaa dhangalaaastee hojjechuutti hiikama.
Ofii kee karoora keetti dhangalaasuun yeroo hojjettu, kaayyoon ati wal'aansoo ittiin qabdu utuu milkaa'uu dhiiseellee gaabbii hin qabdu! ๐ŸŒฑ

Jechoota Onnachiiftu

27 Nov, 09:44


Dirqama milkaa'uu qabda; namoonni si jaallatan baayyeen milkaa'ina kee eegaa jiru! ๐Ÿšถโ€โ™‚๏ธ

Jechoota Onnachiiftu

27 Nov, 03:21


Seeqi; uumaa keetti gammadi, obbole.
Har'as dammaqxeetta!

Jechoota Onnachiiftu

26 Nov, 15:47


Tips for business

Tajaajilli ati maamiltoota keetiif dhiyeessitu kan dorgomtoota keetii yoo hin caalle, maamiltoonni kee mootota.
Tajaajilli ati laattu yeroo kan dorgomtoota keetii caalu, situ mootiidha!

Jechoota Onnachiiftu

26 Nov, 09:51


Wabi-sabi jechuun gaalee afaan warra Jaappaan yeroo ta'u haalota baayyee ulfaatoo keessatti miidhagina arguun gara caalutti darbuutti hiikama! ๐Ÿ”ฅ

Jechoota Onnachiiftu

25 Nov, 19:43


Wanti ati abjuudhaan agartu baayyeen addunyaa sammuu keetii isa dhokataa (subconscious mind) keessaa madda.
Namni abjuu halkaniin argu sirnaan yoo hordofe waan jireenya isaa keessatti ta'aa jiruu fi ta'uuf jiruuf akeektuu sirrii argata!

Halkan Gaarii! ๐Ÿ›Œ

Jechoota Onnachiiftu

25 Nov, 07:56


Kitaaba Top five regrets of dying people jedhu kan afaan keenyatti gaabbilee gurguddoo shanan namoota du'aa jiranii jedhu kan Bronnie Ware katabde keessatti gaabbiin guddaan namoonni afaan du'aarra ga'an himatan,

๐‘ฎ๐’‚๐’‚๐’ƒ๐’ƒ๐’Š๐’Š 1๐’‡๐’‡๐’‚๐’‚ : Utuun ija jabina qabaadhee jireenya mataa kootii jiraadhee,
jireenya namoonni jiraachuu koo barbaadan osoon jiraachuu dhiisee...! kan jedhudha.
Obbole, jireenyi kun jireenya keeti! Har'a yoo ofiif jiraachuun siif hin galle gaaftokko si gaabbisiisa!

Jechoota Onnachiiftu

24 Nov, 19:10


Guyyaa har'aa jiraachuu keetiif qalbii galataa fi gammachuun guuteen ciisii boqodhu! ๐Ÿ›Œ

Jechoota Onnachiiftu

24 Nov, 06:37


Yeroo pirezdaantiin Ameerikaa duraanii Theodore Roosevelt osoo hirriba isaa keessa jiruu dachee irraa godaanuu, siree namichaa bira kan turan pirezdaantiin Ameerikaa yeroo sanaa Thomas R. Marshal akkas jechuun dubbate, " Duuti Theodore Roosevelt hirriba keessa fudhachuun waan irra tureef hirriba keessa isa fudhate; utuu inni dammaqee jiraatee silaa isaan lamaan gidduutti lola ka'a ture"

Maalif akkas jechuun dubbate seete?
Namicha bara jiraate mara wal'aansoo qabee injifachuu amaleeffateera. Rakkinatti harka kennuu fi abdii kutachuun kellaa jireenya isaatii keessatti hin simataman turan!

Abdii kutachuun salphaadha; haalotaan wal'aansoo qabanii abdii ofii eeggachuun, garuu jabina gaafata!

Jechoota Onnachiiftu

23 Nov, 06:10


Yaadota xumuraa kee gaaffiitti deebisi!

"Hin danda'uu" gara maalifan hin danda'uu?
"Hin beekuu" gara maalifan hin beekuu?

Sana booda gaaffilee sana deebii ittiin furtu barbaadi. Gaaffiin hundee ogummaati; himoota xumuraa kee gaaffiitti deebisuun wal'aansoo dachee kanaa falmii injifadhu!

Jechoota Onnachiiftu

23 Nov, 05:53


Osoo homaa hin jijjiirin jijjiiramni dhufu hin jiru!

Jechoota Onnachiiftu

22 Nov, 13:09


Mirkaneessa barbaachisummaa dachee irratti qabduu namoota irraa hin barbaadini; isaan miti kan si erge! ๐Ÿ”ฅ

Jechoota Onnachiiftu

22 Nov, 03:49


Dachee kanarratti utuu hin yaalin wanti gaariin gara namaa dhufu hin jiru.
Obbole, looteriiniyyuu warra yaaleef ba'a!

Yaali!

Jechoota Onnachiiftu

22 Nov, 03:48


๐‰๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ค๐ž๐ž ๐Ÿ๐จ๐จ๐ฒ๐ฒ๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐๐ก๐š๐ฆ๐š๐š๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐š๐ญ๐ข ๐๐ก๐จ๐ค๐ฌ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐จ๐œ๐ก๐š๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐ญ๐ฎ ๐ค๐ฎ๐ง ๐›๐จ๐ซ ๐ง๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐›๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž ๐๐ฎ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฌ๐ข ๐›๐จ๐จ๐ง๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฃ๐ข๐ซ๐š!

Jechoota Onnachiiftu

20 Nov, 07:22


Jireenyi kee jireenya keeti

Addunyaa keenya bahaa keessatti gaaffiin, " Yoo ati jireenya kee jiraachuu dhiiste, eenyuutu jireenya kee siif jiraata?" jedhu tokko jira.
Eenyullee jireenya kee kan siif jiraatu hin jiru.
Yaadadhu jireenyi kee jireenya keeti!

Jechoota Onnachiiftu

19 Nov, 17:00


Jechoota chaanelii keenya keessatti maxxanfamuu isaa barbaaddan karaa liinkii armaan gadii erguun nu qaqqabsiisuu dandeessu!

@fayeraT

Jechoota Onnachiiftu

19 Nov, 16:33


Ati yaada ofii keetii yaaddu miti; haata'u malee akkuma nyaati ati soorattu qaama keetti dabalamaa adeemu, yaadni ati simattus bu'aa ilaalchaa fi xiinxala sammuu keetii ta'aa adeema.

Kanaafuu balbala sammuu kee dura dhaabbadhuu, yaada ba'eessa qofa simadhu!

Jechoota Onnachiiftu

18 Nov, 16:38


Ofiif yaaduun kee ofittummaa sitti hin fakkaatin!
Yeroo milkooftu namoota baayyeetu milkaa'ina kee irraa fayyadamuuf jira!
๐Ÿ…

Jechoota Onnachiiftu

07 Nov, 11:06


Namoota sitti dhiyaatan osoo hin taane namoota galma keetti dhiyaatan haasofsiisi! ๐Ÿ…

Jechoota Onnachiiftu

07 Nov, 05:41


Mul'ata kee mul'isi

Waan akka mul'ata kee hin dhugoomsitu taanaan lubbuudhaan jiraachuu hin dandeenyeetti mul'ata keetiif jiraadhu! ๐Ÿ”ฅ

Jechoota Onnachiiftu

06 Nov, 07:41


Haamileen namootaa, yeroo milkooftu caalaa yeroo daandii milkaa'inaa eegaltu si barbaachisa. Addunyaan keenya, garuu faallaa kanaa jiraatti.
Erga ati injifattee haamilee fi ajaa'ibsiifannaa ishee siif gumaachiti; haata'u malee, yeroon akkasii yeroo haamileen itti si hin barbaachifnedha!
๐„๐ซ๐ ๐š ๐ฆ๐ข๐ฅ๐ค๐จ๐จ๐Ÿ๐ญ๐ž๐ž ๐›๐จ๐จ๐๐š '๐๐ข๐ข ๐๐š๐ง๐๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š' ๐Ÿ๐ข ' ๐€๐ญ๐ข ๐œ๐ข๐ฆ๐š๐š๐๐ก๐š' ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ง๐ข๐ข ๐๐ก๐ข๐ข๐›๐›๐š๐š๐š ๐ฆ๐š๐š๐ฅ๐ข๐ข ๐ช๐š๐›๐š?
๐€๐ญ๐ข๐ฒ๐ฒ๐ฎ๐ฎ ๐ฒ๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐ค๐š๐ง๐š ๐š๐ค๐ค๐š ๐๐š๐ง๐๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ ๐›๐ž๐ž๐ค๐ญ๐š; ๐ฎ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ง '๐ก๐ข๐ง ๐๐š๐ง๐๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ' ๐ฌ๐ข๐ข๐ง ๐ฃ๐ž๐๐ก๐š๐ง๐ข๐ข๐ฒ๐ฒ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐๐ก๐š๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ!

Kanaafuu yeroo daandii abjuu kee irra buutu haamilee dhabuu keetiif hin dinqifatin; dacheematu akkana!
Yeroo qofummaa irraa eegaltu sana haamilee of biraa hin dhabin!
Ofii kee onnachiisi!

Jechoota Onnachiiftu

05 Nov, 04:14


Beekumsa barbaachisaa ilaalcha diinagdee biyya koo miidhe irratti!

๐Ÿ’ฅ Biyya keessatti namni qarshii 100,000 malaammaltummaaf laatee hojii miindaa qarshii 5,000 seenu ilaaluun haamilee dhaloota ol adeemaa miidheera.  Maal akkamitti namni qarshii hanga kana baasee birmadummaa balfee garbummaa bitata?
Hojiin qacarrii garboomfataadha.
Kan ati hojii qacarrii hojjechuu qabdu yoo wantoota lama keessatti argatte qofa.
๐Ÿ‘‰Jaalala waan hojjechaa jirtuu fi beekumsa boriif si barbaachisu. Qarshiif yeroo ofii gurguruunimmoo wallaalummaadha sababnisaa qarshiin deebisee yeroo hin bitu.

๐Ÿ’ฅ Baayyinni dargaggoo hojii uummachuu yaaduu dhiisee qarshii walakkaa miiliyoonaa baasuun biyya alaatti baqatu arguun barumsi biyya keenyaa diinagdee biyya itti utubuu irratti laafaa ta'uu mul'isa.  Maal akkamitti namni utuu qarshii ittiin hojjetee ofii fi biyya isaa geeddaruu danda'u qabuu...?

Biyya keenya keessatti, daandiin sooromaa biyyattii keessaa ba'uu qofaan waan ta'e fakkaateera!

Walii keessaniif qoodaa!

@moufi   @moufi   @moufi  @moufi

Jechoota Onnachiiftu

04 Nov, 07:26


๏ผน๏ฝ๏ฝ๏ฝ„๏ฝ๏ฝ„๏ฝˆ๏ฝ•!

Namni miindaa qacarrii qofaan soorome hin jiru!

ษดแดส™แดแด…ส แด‡แด แด‡ส€ ษขแดแด› ส€ษชแด„สœ ๊œฐส€แดแด แด€ ๊œฑแด€สŸแด€ส€ส แด€สŸแดษดแด‡

๐Ÿ”ฅ

Jechoota Onnachiiftu

03 Nov, 09:55


Daandiin beekumsaa inni guddaan beekumsa dogoggoraa baratan sammuu keessaa haxaawuudha!

Beekumsa dogoggoraa fi barsiifata eenyummaa kee wajjin hin deemne dhiisi. Yeroo ofii kee ibsitu jechoota fayyadamtu qalbeeffadhuu madaali.
Mootorri jireenya keetii ilaalcha naannoo fi hawwaasni siif qopheesseen akka hin geggeeffamneef eeggadhu!

Uumaan kee, akka ati dachee kanaaf baayyee barbaachistu hubatee si uume; ilaalchii fi beekumsi ati qabdu kan kanaan mormu qilee haa seenu!

Jechoota Onnachiiftu

02 Nov, 04:10


Gaafa dhuguma waa gochuu barbaaddu karaa argatta; yoo karaa argachuu dhiiste sababeessa ittiin barbaaduu dhiistu (excuse) argatta!

แดŠษชษชแด ส€แดแดษด ๐Ÿ”ฅ

Jechoota Onnachiiftu

01 Nov, 05:47


Sababeessa caalaa amantaa qabaadhu

Loltoonni ispaartaa duraanii yeroo lola adeeman baayyina loltoota diina isaanii hin gaafatan. Meeshaa diinonni isaanii hidhatan yookaan seenaa waraanaa diinota isaanii beekuun isaan hin dhiphisu.  Gaaffiin tokkittiin isaan qaban ariifatanii bakka diinonni isaanii jiran beekanii lolanii injifachuu qofa!
Ofitti amanamummaan isaan qaban waan isaan dhala namaa qofa hin turre isaan fakkeessa.  Sababa kanaaf gootota seenaa dhala namaa keessatti yoomillee hin irraanfatamne ta'an

Jireenya keessatti yeroo tokko tokko sababeessuu caalaa amantiitu nu fayyada.  Akka injifannu utuu sababoonni baayyeen nu daangessan jiranii amanuu qabna.  Akka hin danda'amne sababooti tarreessan osoo guutanii jiranii akka danda'amu amannee milkaa'ina faana buuna.
Osoo sababeessuu qofaan ta'e dhuguma xiyyaarri, bilbilli, ibsaan... kalaqama turee?
Tarii maaltu beeka, abshaalummaa fi beekumsi keenya nu fayyaduu caalaa akka nuti risky sodaannu nu taasisu.




Har'a sababeessuu kee guyyaa boriif ol kaawwadhu! Sababa kee caalaa amantiidhaan geggeeffami! Waan mo'amuun kee beekamaa fakkaatutti mataa raasaa adeemi! Beekumsi kee si hin gowwoomsin! Akka wallaalaatti hojjedhu!


@moufi    #join     #share
@moufi    #join     #share

Jechoota Onnachiiftu

31 Oct, 03:41


๐‘น๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’Š๐’๐’๐’Š ๐’”๐’Š๐’“๐’“๐’‚ ๐’ˆ๐’‚'๐’† ๐’…๐’‰๐’‚๐’๐’‚ ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚๐’“๐’“๐’‚ ๐’ˆ๐’‚'๐’†๐’† ๐’‰๐’Š๐’ ๐’ƒ๐’†๐’†๐’Œ๐’–๐’–?

Yeroo namni ati jaallattu dacheerraa darbu yookaan jaalalleen ati mararsiifattu si dhiistee adeemtu, "๐‘จ๐’๐’Š ๐’Œ๐’‚๐’๐’‚ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‚๐’Ž๐’‚๐’๐’–!" hin jedhin.
Dachee kanarra wanti haaraan hin jiru.
Yeroo tokko ilma namicha falaasama Istooyisizimii hordofu tokkootu dirree waraanaatti akka wareegame yeroo isatti himan, maal jedhee waan dubbate sitti fakkaate?
" ๐‘จ๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐’Š๐’๐’Ž๐’Š ๐’Œ๐’๐’ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’“๐’‚๐’‚๐’ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‹๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’๐’๐’† ๐’ƒ๐’†๐’†๐’Œ๐’‚๐’ ๐’•๐’–๐’“๐’†"
Sababa kanaafi kan Seenekaan, " Yeroo galgala ilma kee ciifsitu akka inni du'ee buluu danda'u yaadi" jedhuuf.
Wantoota gaarii qofa osoo hin taane wantoonni hamoonis akka si mudatan yaaduu qabdaan gorsa falaasama jara kanaati. Sana booda wanti surprise si godhu hin jiraatu. Amalli akkasii kan Istookiyootaa miti.
Kanarratti Maarkas Yuureeliyes yeroo barreessu, " Akka turistii biyya argee hin beekne daawwachaa jiruutti waan dachee irratti ta'u raajeffachaa hin adeemin!" jedhuuf. Wantoonni si mudatan waggoota kumaatamaaf mudachaa akka jiran yaadadhu.
Wanti dhala namaa kan biraarra hin geenye kan sirra ga'e maaltu jira?

๐€๐ญ๐ข ๐ฒ๐จ๐จ ๐จ๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐ญ๐š๐š๐ญ๐ž, ๐š๐ค๐ค๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐ข๐ญ๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐ง๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐ฆ๐ฎ๐๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐ฐ๐š๐ฅ๐Ÿ๐š๐ค๐ค๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐ฌ๐ข๐ซ๐ซ๐š ๐ ๐š'๐ž ๐ข๐ง๐ฃ๐ข๐Ÿ๐š๐ญ๐š๐ง๐ข๐ข ๐๐š๐ซ๐›๐š๐ง๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐›๐š๐ซ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ข๐ง๐ฃ๐ข๐Ÿ๐š๐ญ๐ญ๐š; ๐ฒ๐จ๐จ ๐จ๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š'๐ข๐ง๐ข๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐ฐ๐š๐ง๐ญ๐ข ๐ฌ๐ข๐ซ๐ซ๐š ๐ ๐š'๐ž ๐๐ก๐š๐ฅ๐š ๐ง๐š๐ฆ๐š๐š ๐ค๐š๐ง ๐›๐ข๐ซ๐š๐š๐ซ๐ซ๐š ๐ ๐š'๐ž๐ž ๐š๐ค๐ค๐š ๐ก๐ข๐ง ๐›๐ž๐ž๐ค๐ง๐ž๐ž ๐Ÿ๐ข ๐ข๐ง๐ฃ๐ข๐Ÿ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐š๐ค๐ค๐š ๐ก๐ข๐ง ๐๐š๐ง๐๐š'๐š๐ฆ๐ง๐ž๐ญ๐ญ๐ข ๐ฒ๐š๐š๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ซ๐š๐ค๐ค๐ข๐ง๐š ๐ค๐ž๐ž ๐ฃ๐š๐ฃ๐š๐œ๐ก๐š๐š ๐ฐ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐š๐ญ๐ญ๐š!

Jechoota Onnachiiftu

29 Oct, 03:57


๐’๐š๐๐š๐ซ๐ค๐š๐š ๐ข๐œ๐œ๐ข๐ญ๐ข๐ข ๐ฆ๐ข๐ฅ๐ค๐š๐š'๐ข๐ง๐š๐š ๐ฅ๐š๐ฆ๐š๐š๐ง

๐’๐ญ๐ž๐ฉ 1: Karoora baayyee fo'amaa (specific) ta'e baafadhu

Fkn. Karoorri fo'amaan (specific) kee qabxii seensa Yuunivarsitii 490 galmeessisuu yookaan qarshii 500,000 waggaa tokko keessatti hojjechuu ta'uu danda'a. Karoora qindaa'aa fi fo'amaa ta'e (specific) baafadhu.


๐’๐ญ๐ž๐ฉ 2: Tarkaanfii guddaa karoora kee sanarratti fudhachuu (Karoora kee akka addunyaa waraanaatti yaadi)

Humna, beekumsaa fi qabeenya kee utuu hin qusatin haleellaa hamaa karoora kee irratti fudhadhu.
Waan qabdu mara itti dhangalaasi!
Yoo karoorichi dogoggora ta'ehoo?
Rakkoo hin qabu, osoo hin turin daandii dogoggoraa ta'uu isaa hubattee ammas daandii kee sirreeffattee tarkaanfii jabaa karoora kee irratti fudhatta!

๐‘ฒ๐’‚๐’“๐’๐’๐’“๐’‚ ๐’‡๐’'๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚๐’‚ ๐’š๐’๐’๐’Œ๐’‚๐’‚๐’ ๐’”๐’‘๐’†๐’„๐’Š๐’‡๐’Š๐’„ ๐’‹๐’†๐’„๐’‰๐’–๐’–๐’ ๐’˜๐’‚๐’‚๐’ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’‚๐’๐’๐’– ๐’‰๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’Ž ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’๐’๐’– ๐’š๐’๐’๐’Œ๐’‚๐’‚๐’ ๐’‰๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’‚๐’•๐’‚๐’‚๐’‚ ๐’Œ๐’‚๐’“๐’๐’๐’“๐’‚ ๐’Œ๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚ ๐’…๐’–๐’“๐’”๐’Š๐’๐’†๐’† ๐’ƒ๐’†๐’†๐’Œ๐’–๐’–๐’…๐’‰๐’‚.
๐’‡๐’Œ๐’. ๐‘ด๐’‚๐’๐’‚ ๐’Š๐’‹๐’‚๐’‚๐’“๐’–๐’–๐’ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’…๐’‚ ๐’š๐’๐’ ๐’‹๐’†๐’๐’๐’† ๐’Ž๐’‚๐’๐’‚ ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’Ž๐’Š๐’Š? ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’‚ ๐’„๐’Š๐’Š๐’”๐’Š๐’„๐’‰๐’‚๐’‚๐’‚ ๐’Ž๐’†๐’†๐’’๐’‚ ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’‚?

Jechoota Onnachiiftu

28 Oct, 07:02


Gaaffii namni hojii uummachuu fedhu marti of gaafachuu qabu:

๐Ÿ’ฅ 1. Hawwaasni naannoo koo jiru tajaajila akkamii argachaa hin jiru?

๐Ÿ’ฅ2. Yoo argachaa jiraatemoo, ani tajaajila kana caalaa qulqullina qabu, saffisaa fi gatii madaalawaa akkamiin kennuu danda'a?

Hawwaasa keessa jiraattu sirriitti qo'adhu!
Ija maamilaatiin isaan ilaaluu shaakali!


@moufi
@moufi

Jechoota Onnachiiftu

27 Oct, 17:32


๐‚๐š๐ซ๐ซ๐š๐š๐ง ๐ช๐š๐ฅ๐›๐ข๐ข ๐ช๐จ๐ฉ๐ก๐š๐š'๐ž๐ž ๐ข๐ฌ๐ก๐ž๐ž ๐ž๐ž๐ ๐ ๐š๐ญ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฅ๐จ๐จ๐ ๐๐ข!

๐™ป๐š’๐š ๐šž๐šž๐šฃ ๐™ฟ๐šŠ๐šŠ๐šœ๐š๐šŽ๐š› ๐Ÿ”ฅ
(Chance favours a prepared mind)

Yaada chaanelii keenya irratti qabdaniif karaa #inbox nu quunnamaa!

Jechoota Onnachiiftu

27 Oct, 03:27


๐๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐ ๐š๐ฅ๐ข๐ข ๐ช๐š๐›๐ฎ๐ฎ๐ง ๐จ๐Ÿ ๐๐š๐ง๐๐š'๐ž ( financially independent) jedhamu, nama miindaa yookaan madda galii yeroo yeroon argatu osoo argachuu dhiisee hanqina qarshii malee itti fufee yeroo dheeraa tasgabbiitti jiraachuu danda'udha.
Fakkeenyaaf: ji'a kana hojii kee isa madda galii siif argamsiisaa jiru irraa yoo qarshii argachuu dhiiste, yaaddoo malee madda garaa garaa irraa akkasumas kan duraan qusaterraa fayyadamuun yoo yeroo dheeraaf rakkina qarshii irraa walaba ta'uu dandeesse, ๐Ÿ‘‰ ๐๐š๐ ๐š ๐ ๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐๐๐ž, ๐€๐“๐ˆ ๐†๐€๐‹๐ˆ๐ˆ ๐๐€๐๐ƒ๐”๐”๐ ๐Ž๐… ๐ƒ๐€๐๐ƒ๐„๐„๐’๐’๐„๐„๐“๐“๐€! ๐Ÿ…

Jechoota Onnachiiftu

26 Oct, 04:05


Bakkoota kana yoo deemte waan ati hubattu si yaadachiisufan.

1, Bakka awaalcha namoota.

Iddoo kanatti gatii abjuu ofiif jiraatani darbuun qabu bartaa akkasumas gatii yeroon qabu sii galata.

2, Mana yaala (Hospital)

Mana yaala gaafa deemtu fayyaa qabatte jiraachunkee iyyuu gatii akkamii akka inni qabu hubattaa.

3, Mana hidhaa

Mana hidhaa keessatti biliisan socho'uun kennaa guddaa ta'uu isaa hubattaa.

Kanaaf maati keenya waanti isiniif kennaamee jiru guddaadha. Waan kana sadan keessa utuu tokko dhabdanii silaa yaada amma milkeessuf hojjechaa jirtan kana yaadun iyyuu nii cima turee.

Al-tokko reaction ๐Ÿฅฐ kanan galateeffadha.

Iddoo nagaa oola
@moufi

Jechoota Onnachiiftu

25 Oct, 02:36


๐Œ๐ฎ๐ฅ'๐š๐ญ๐š ๐ค๐ž๐ž ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐จ๐Ÿ๐ข๐ญ๐ญ๐จ๐จ (๐ฌ๐ž๐ฅ๐Ÿ๐ข๐ฌ๐ก) ๐ญ๐š'๐ข

Yeroo kaayyoo keenya hojiitti hiikuun nu sodaachisu, yaada namootaa dhageeffachuu amaleeffanna. Namoonni baayyeenimmoo waa'ee kaayyoo isaanii malee isa kan keenyaa hubachuu hin danda'an (yoo kanuma isaaniiyyuu hubataniiru ta'eef)
Yaada namootaa kan keenya caalaatti ilaaluun gufuu milkaa'inaa isa beekamaa fi jalqabaati.

Ejjennoo kaayyoo ofiitiif ofittoo ta'uu

๐Ÿ’ฅ 1. ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š๐ง ๐ฆ๐จ๐ซ๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฌ๐ข ๐ฌ๐จ๐๐š๐š๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐š๐š?
Yeroo namoonni maalif akka hin danda'amne si hubachiisuu dhufan afaaniin 'Tole' jedhiin, garaa keetiin itti kolfi.  Maalif waan namoonni hubachuu hin dandeenye hubachiisuuf yeroo kee gubda? Kaayyoon kan abbaati!

๐Ÿ’ฅ 2. ๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐ค๐ž๐ž ๐จ๐Ÿ๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐ค๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ ๐ค๐ž๐ž ๐ช๐จ๐Ÿ๐š๐š๐Ÿ ๐ช๐จ๐จ๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฌ๐ข ๐ฌ๐จ๐๐š๐š๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐š๐š?

Isaanirraa fagaachuu keetiif yeroo hiriyoonnii fi firoonni kee si komatan,  kallattiidhaan mul'ata kee hin ibsiniif ( busy ta'e, as hin turre, natti tolaa hin turre...jedhiin)
Akkuma duriitti jiraachaa mul'ata kee bira hin geessu!

๐Ÿ’ฅ 3.  ๐€๐Ÿ๐ž๐ž๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ฒ๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐๐ก๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐ฌ๐ข ๐ฃ๐š๐ฅ๐š๐š ๐ ๐ฎ๐›๐ฎ ๐ก๐ข๐ง ๐ฌ๐ข๐ฆ๐š๐ญ๐ข๐ง
Ati nama kaayyooti; sa'aatii tokko gubuun yoo si hin gaddisiifne, yeroo keetti fayyadamuun siif hin galle jechuudha. 'Social media' fayyadamtee yookaan barreeffamaan (SMS)  hin dubbatin.  Waan baayyee si barbaachisu yoo ta'e, bilbila bilbili. Yeroo kee qusadhu!

๐–๐š๐ฅ๐ฎ๐ฆ๐š๐š๐š ๐ ๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ข, ๐ ๐ฎ๐Ÿ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฆ๐ข๐ฅ๐ค๐š๐š'๐ข๐ง๐š๐š ๐ง๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š ๐ ๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐œ๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฒ๐š๐š๐ฅ๐ฎ๐ฎ๐๐ก๐š ๐ค๐š๐ง ๐ฃ๐ž๐๐ก๐š๐ฆ๐ฎ ๐๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š๐๐ก๐š.
๐๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐ฆ๐ฎ๐ฅ'๐š๐ญ๐š๐š ๐ค๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ฌ๐š๐š๐ญ๐ข๐ข๐Ÿ ๐จ๐Ÿ๐ข๐ญ๐ญ๐จ๐จ ๐ญ๐š'๐ฎ๐ฎ ๐ก๐ข๐ง ๐๐š๐ง๐๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐ž ๐ฆ๐ข๐ฅ๐ค๐š๐š'๐ฎ๐ฎ ๐ก๐ข๐ง ๐๐š๐ง๐๐š'๐ฎ!


Nan beeka, namoonni baayyeen yaadota ani dubbadhe kanaan nii mormu;  haata'u malee, gara fuulduraatti namni hundinuu akka na hubatu abdiin qaba ๐ŸŒฑ

Jechoota Onnachiiftu

23 Oct, 05:44


Milkaa'uu akka dandeessu kan mirkaneessuu danda'u si qofa! Ho'i abidda si keessa jiruu namoota baayyeetti hin dhaga'amu. Yeroo abiddi si keessaa sun guutummaa jireenya keetii bobeessee abiddatti si jijjiiru, garuu abidda kee irraa qabsiifachuuf baayyeen wal guuranii dhufu!

Jechoota Onnachiiftu

22 Oct, 08:12


Jabaatanii hojjechuun sodaa fi dhiphina ofiitiif deebii ga'aadha! ๐ŸŒฑ

Jechoota Onnachiiftu

21 Oct, 16:27


๐€๐ฆ๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญa kufaatii ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฌ๐ข ๐ก๐š๐ฆ๐›๐ข๐ฌ๐š๐ง!

๐Ÿ. "Boran eegala" jechuu. Har'uma, ammuma eegali.

2. Mul'ata kee namoota ofiifuu hin milkoofne faana mari'achuu!

3. Karoora barreeffamaan yeroo wajjin qindaa'e dhabuu.

4. Namni kan biraan dhufee akka si oolchuuf abdachuu.

5. Hamma mul'ata kee irratti hojjetturra waa'ee mul'ata kee dubbachuu baayyisuu!

6. Kitaaba baayye dubbisuu, garuu kitaaba tokkoyyuu hojiitti hiikuu dhiiisu.

7. Kufaatii al-tokkoof barabaraan abdi kutuu.

8. Jaalallee mul'ata kee hubatee/ttee si gargaaruu hin dandeeye qabaachuu.

9. Ilaalcha namootaaf kan ofii caalmaati bakka laachuu.

10. Mul'ata guddaa baattee amala kee geeddaruu sodaachuu!

๐‡๐ฎ๐ง๐๐š ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง๐ข๐ข๐Ÿ ๐ฆ๐ข๐ฅ๐ค๐š๐š'๐ข๐ง๐š๐ง ๐ก๐š๐ฐ๐ฐ๐š!
๐‹๐š๐Ÿ๐š ๐ฒ๐š๐š๐๐๐š๐ง ๐ช๐š๐ช๐ช๐š๐›๐š๐š!
๐€๐ฆ๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐ค๐š๐ง๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐ค๐ค๐Ÿ ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐จ๐Ÿ ๐ช๐ฎ๐ฌ๐š๐๐ก๐š๐š!

@moufi
@moufi
@moufi

Jechoota Onnachiiftu

21 Oct, 04:59


Abjuukee isa guddaa sana si yaadachisufan dhufee, isa gaafa yaadattu eenyu iyyuu akka sin dhaabne nan beeka. ๐Ÿ”ฅ
@moufi

Jechoota Onnachiiftu

20 Oct, 02:46


๐Ÿ‡พ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฉ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฉ ๐Ÿ‡ญ ๐Ÿ‡บ !

Fอ†ฬบeอ†ฬบdอ†ฬบhอ†ฬบiอ†ฬบiอ†ฬบ ๐ ๐ฎ๐๐๐š๐š๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐š๐ง๐ง๐š๐š๐ง Gอ†ฬบuอ†ฬบfอ†ฬบuอ†ฬบuอ†ฬบ ๐ ๐ฎ๐๐๐š๐š๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ!

Jechoota Onnachiiftu

18 Oct, 03:37


๐๐š๐ซ๐ฌ๐ก๐ข๐ข ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฒ๐š๐š๐๐จ๐ญ๐š ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐š๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐จ๐จ ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐ง ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š

1. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’ ๐’‚๐’•๐’Š ๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’”๐’•๐’– ๐’’๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’‚๐’•๐’Š ๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’•๐’•๐’–๐’“๐’“๐’‚ ๐’„๐’‚๐’‚๐’๐’–๐’– ๐’‰๐’Š๐’ ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’–!
Waanuma si marare mara hin bitin; karooraan geggeeffami!

2. ๐’€๐’๐’ ๐’™๐’Š๐’’๐’’๐’‚๐’‚๐’•๐’† ๐’’๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’•๐’•๐’–๐’“๐’“๐’‚๐’‚ 10% ๐’๐’ ๐’Œ๐’‚๐’‚๐’˜๐’˜๐’‚๐’…๐’‰๐’– (๐’’๐’–๐’”๐’‚๐’…๐’‰๐’–)
Mul'ata hojii gara fuulduraatiif si fayyada.  Wanti qusannaadhaan walirra bu'aa adeemu yeroo dheeraa booda guddachuu hin oolu.

3. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’Œ๐’†๐’† ๐’๐’Š๐’’๐’†๐’†๐’”๐’”๐’–๐’–๐’‡ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‚๐’“๐’Š๐’Š๐’‡๐’‚๐’•๐’Š๐’
Yeroo liqeessitu qarshii yoo siif deebi'uu dhiise si irratti dhiibbaa hin uumne liqeessi. Yeroo liqeessitu hundas akka kennaa namaaf laatteetti lakkaa'i.

4. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’ ๐’˜๐’‚๐’๐’•๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’š๐’š๐’†๐’† ๐’…๐’‰๐’‚๐’๐’‚ ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’„๐’‰๐’Š๐’”๐’‚๐’ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐’•๐’๐’Œ๐’Œ๐’ ๐’•๐’‚'๐’–๐’– ๐’Š๐’”๐’‚๐’‚ ๐’‰๐’Š ๐’…๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’•๐’Š๐’.
" Qarshiin gammachuu hin bitu" jechuun qarshiin hin barbaachisu jechuu miti. Qarshiin wantoota dhala namaaf baayyee barbaachisoo keessaa isa tokko ta'uu hin dagatin.
Qarshiif bakka guddaa qabaachuu keetiifis of hin ceepha'in; haata'u malee, waan hundammoo qarshiidhaan hin madaalin!

5. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’๐’Š๐’’๐’†๐’†๐’‡๐’‡๐’‚๐’„๐’‰๐’–๐’– ๐’Œ๐’†๐’†๐’•๐’Š๐’Š๐’ ๐’…๐’–๐’“๐’‚ ๐’Š๐’“๐’“๐’‚ ๐’…๐’†๐’…๐’…๐’†๐’†๐’ƒ๐’Š๐’Š๐’ ๐’š๐’‚๐’‚๐’…๐’Š
Yeroo jettetti deebisuu danda'uu kee yoo shakkite rakkadhu malee hin liqeeffatin.
Liqiin hiriyummaa baayyee akka balleessu hin dagatin kanaafuu namoota dhabuu hin barbaannerraa liqeeffachuurraa of eegi!
" Qarshii liqeessuu jechuun hiriyaa ofii dhabuudha" Fyodor Dostoyevsky

@moufi
@moufi
@moufi

Jechoota Onnachiiftu

17 Oct, 16:11


Ammayyuu lubbuun jirtaa?


๐Ÿ‘‰ Ammayyuu abdii qabda!

Jechoota Onnachiiftu

15 Oct, 16:32


๐™บ๐šŠ๐š›๐šŠ๐šŠ๐š•๐šŽ๐šŽ ๐š’๐š๐š๐š’๐š’๐š— ๐š˜๐š-๐š”๐šž๐š—๐šž๐šž๐š—๐š๐šŠ๐š๐š๐šž.

๐Ÿท. Waan keessi kee itti hin gammadne hin raawwatin.

2. Dhugaa si keessa jiru dubbadhu.

3 . ๐™‡๐™–๐™ ๐™ ๐™ž jechuu hin sodaatin.

4. ๐™€๐™š๐™ฎ๐™ฎ๐™š๐™š jechuus hin sodaatin.

5. Jechoota haamilee kee tuqan ofirratti hin dubbatin.

6. Wantoota si bohaarsanirra wantoota si barsiisan caalchifadhu.

7. Hirriba ga'aa fudhadhu.

8. Karooraan geggeeffami.

9. Hiriyoota abjuu keetiif hin taanerraa adda ba'i.

10. Waaqa keetti dhiyaadhu.

Jechoota Onnachiiftu

15 Oct, 10:01


โš ๏ธ Har'a balbala sammuu keetii dura dhaabbadhu;

Yaadni gadi bu'aanii fi haamilee keetiif hin taane yeroo dhufu ol hin galchin!๐Ÿšซ

Jechoota Onnachiiftu

14 Oct, 10:38


Falaasama jireenya kee ittiin geggeeffattu qorii ilaali!
Jireenyi kee har'aa-borii ilaalchaa fi falaasama kee irraa akka maddu hubadhu
๐Ÿ’ก

Fkn. ๐™‰๐™–๐™ข๐™ฃ๐™ž ๐™Ÿ๐™ž๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™ž ๐™˜๐™–๐™ง๐™ง๐™–๐™–๐™™๐™๐™– jedhu, jireenya isaa keessatti dhiibbaa uumuuf dandeettii qabu mara hin fayyadamu. ๐™‰๐™–๐™ข๐™ฃ๐™ž ๐™Ÿ๐™ž๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™ž ๐™˜๐™–๐™ง๐™ง๐™–๐™–๐™ฆ๐™ฆ๐™ž๐™ž๐™™๐™๐™– jedhummoo, tattaafachuu dhiisee callisee taa'uu hin danda'u!

Walumaa galatti, Jireenyi kee ilaalchaa fi falaasama keetii ๐ŸŒฑ

6,132

subscribers

152

photos

1

videos