Kuusaa Walaloo @kusaawalaloo Channel on Telegram

Kuusaa Walaloo

@kusaawalaloo


Walaloo Afaan Oromoo

Kuusaa Walaloo (Afaan Oromoo)

Kuusaa Walaloo kan sirna abbaa biyyummaa afaan Oromoo keessatti argaman ture. Kan walaloonni Afaan Oromoo fi Amaariffaa keessaa kan argan ture. Walaloo kan walitti deebii afan Oromoo, aada, seenaa, fi dhiibba ijaarsaa guddisuuf tajaajiluufi kara guddisaa ture. Kan walaloonni hiree kanarratti laatanii fi oggaa kanarratti muluuf hin ta'ine. Walaloo guddisuuf karaa keessaa fi seenaa keessaa keessaa hojii birraa akka taasisaniitti odeeffannoo dabalatee, dabalatee. Uummata kanarraa walitti deggertuun saabsoo isaa fi oggaa kanarraa mul'isuuf hin baafamu. Walaloo kan keessaa fi seenaa keessaa kan hin taasifne, Oromiyaan ibiddaa taasisaniif kennitanii kan jiru, kanarratti akka hin jirre itti fufe. Kuusaa Walaloo fi kan dhimmoota erga guddisuuf adeemta argan ture. Kan walaloo kan hafaa keessaa fi seenaa keessaa ture maaliifillee hundafnutu, Oromiyaan ibiddaa taasisaniif duddaa itti dhaga'amu. Walaloo kan keessaa fi seenaa keessaa kan dhugaa, har'asii fi har'arraa walitti deebina turee adeemta argan ture. Kan kanarratti akka hin jirre itti fufne akkasumas keessaa keessaa adeemta argan ture. Kuusaa Walaloo kan kana argan ture, afaan Oromoo fi afaan Amaariffaa keessaa irraa ture. Kusaawalaloo saachuun walaloo afaan Oromoo argan ture.

Kuusaa Walaloo

13 Nov, 12:48


Anis akkuma tiktookera tokkootti sirba haaraa baaseera. Ulaagaa tiktookarummaa guuttadheera. Kana booda 'giftera' argachuun qaba jedheen yaada. Dhaggeeffadhaatii ๐ŸŒน naa kennaa yeroon 'live' galu. Yoon galeef jechuu kooti.

https://vm.tiktok.com/ZMhpbH1qc/

Kuusaa Walaloo

24 Oct, 15:35


Ramaddiin barattoota bara 2017 yunivarsiitii galanii iftoome

Ramaddiin barattoota bara 2017 yunivarsiitii seenanii iftoomuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Barattoonni bara 2016 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii seensa yunivarsiitii galmeessan ramaddiinsaanii iftoomuu beeksiseera.
Haaluma kanaan Barattoonni karaa marsariitiifi Teeleegraamii armaan gadiin ramaddiisaanii ilaallachuu akka dandaโ€™an eereera.
https://placement.ethernet.edu.et
https://t.me/moestudentbot
@dirrox

Kuusaa Walaloo

24 Oct, 06:06


Kuusaa Walaloo pinned ยซโ€‹โ€‹๐Ÿ’ŒNamoota DV guutuuf karaa keessaa na dubbisaa jirtaniif๐Ÿ’Œ Ulaagaalee kanaa gadii guutuu qabdu. โœ…Unka siniif ergamu Afaan ingiliffaan guutuu qabdu. โœ…Suuraan gara keenyatti ergitan ulaagaalee kana qabaatuu qaba. โœ๏ธDuubni isaa adii ta'uu qaba. โœ๏ธSirriittiโ€ฆยป

Kuusaa Walaloo

15 Oct, 06:09


โ€‹โ€‹๐Ÿ’ŒNamoota DV guutuuf karaa keessaa na dubbisaa jirtaniif๐Ÿ’Œ

Ulaagaalee kanaa gadii guutuu qabdu.

โœ…Unka siniif ergamu Afaan ingiliffaan guutuu qabdu.
โœ…Suuraan gara keenyatti ergitan ulaagaalee kana qabaatuu qaba.
โœ๏ธDuubni isaa adii ta'uu qaba.
โœ๏ธSirriitti kan mul'attu
โœ๏ธGurri lamaan wal qixa kan mul'attu
โœ๏ธUlaagaa suura kanaa gadii qabaatuu qaba

Yoo suuraa akka edit sinii goonu kan barbaaddan ta'e immoo suura mudhii keessanii ol, mataa keessanii olitii fi cina lamaaniin kan bakka duwwaa qabu fageenya hanga metira lamaa irratti kaatanii yoo nuuf ergitan edit sinii goona. Suurri gurdii mana suuraatti kaatan Ulaagaa Dv hin guutu.

โœ…Suuraan maxxansa kanatti aanee jiru kan edit ta'ee xumuramedha. Kan isin nuuf ergitan akka suura kanaa yookaan kan ganaa edit ta'u kaatanii nuuf ergitu.

Karaa @dirrox nu dubbistu. Waan carraa keessa isin hin galchine hin hojjennu.

@dirrox

Kuusaa Walaloo

10 Oct, 13:04


Kuusaa Walaloo pinned ยซโœ…๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ธ DV-2026 kan baranaa guutamuu eegaleera ๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ธ DV-2026 kana nu biratti yoo guuttan qulqullina olaanaan waan guunnuuf carraan keessan kan warra kaaniirra ni caala! Kanas hojiin keenya kanaan duraa nuuf mirkaneessa! ๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ธ @kusaawalalo jedhamna โœ…DV-2025 nama 1101'fโ€ฆยป

Kuusaa Walaloo

07 Oct, 06:53


โœ…๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ธ DV-2026 kan baranaa guutamuu eegaleera

๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ธ DV-2026 kana nu biratti yoo guuttan qulqullina olaanaan waan guunnuuf carraan keessan kan warra kaaniirra ni caala! Kanas hojiin keenya kanaan duraa nuuf mirkaneessa!

๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ธ @kusaawalalo jedhamna

โœ…DV-2025 nama 1101'f guunnee achi keessaa namoonni 41 abbaa carraa ta'aniiru!

โžก๏ธ DV-2026 kanas nu biratti guuttachuu kan barbaaddan @dirrox irraan suuraa fi unka(form( dv keessanii ergaa!

   โœ‰๏ธ Inbox: @dirrox

Gatii barbaachisu erga isiniif guunnee booda kaffaltu!

Kuusaa Walaloo

07 Aug, 12:15


Kuusaa Walaloo pinned ยซOf keessaa si baasuu? Hadhaa koo malaasuu? Dhiphuu koo micciiree Mukatti fannisuu? Kutadhee gootomee Takka si doorsisuu? Si dubbisuu dhiisee Karaa sirraa maquu Jaalala Kee guusee Jibba Keen madaquu Galmee hammeenya Kee Irra keessa kaa'uu? Gaarummaa Kee ukkaamseeโ€ฆยป

Kuusaa Walaloo

06 Aug, 07:05


Of keessaa si baasuu?
Hadhaa koo malaasuu?
Dhiphuu koo micciiree
Mukatti fannisuu?
Kutadhee gootomee
Takka si doorsisuu?

Si dubbisuu dhiisee
Karaa sirraa maquu
Jaalala Kee guusee
Jibba Keen madaquu
Galmee hammeenya Kee
Irra keessa kaa'uu?
Gaarummaa Kee ukkaamsee
Awwaalee irra taa'uu?

Kan hin jirre uumee
Fira kee xiqqeessuu?
Hiriyaa Kee biraa
Waamee si salphisuu?
Jechoota jibbinsaa
Gadi sitti roobsuu?
Baalage siin jedhee
Ka'ee si arrabsuu?

Jedheen..
keessa kootti yaadeen
Jecha qopheeffadha
Gaafan si argummoo
Tasan irraanfadha
Faallessee faallesseen
Si faana taphadha
Gaafa ati deemtummoo
Kophaama koo taa'een
Ofitti si hamadha.
#Barsee
@kusaawalaloo

Kuusaa Walaloo

12 Jul, 17:39


Dhooqa dhiphuu
Gaafan dhaaphu
Hulaa du'aa mataa kaa'ee
Jiruu jibbee of akaa'ee

Gaafan dhabe wabii kamuu
Narraa goree jibbee namuu
Wawwaannaan koo lafa lixee
Abdiin qabu ergan fixee

Firaaf hormaan ofuu lagee
Waanta darbe anuu dagee
"Ishoo" jedhee erga dhiisee
Madaa koo obsaan kiisee...

Sana hundaa keessa lufee
Meeqa ka'ee meeqa kufee..
Ana miirota koo ofuu dhoksuu
Ulee jechaan maa na cabsuu?

#Ogeettii

Kuusaa Walaloo

14 Jun, 15:47


Hin Abdatiin

Gaafa sitti tole
Gaafa sitti ho'e
Godoon kolfaa guutee
Gaddi keemmoo gu'e

Ganama yoo kaatu
Ilkaan si addaatu
Galagalas yoo galtu
Guutuu sit fakkaatu

Hiriyaa Kee guurtee
Affeeruun siif tolu
Dubbatanii baacuun
Gaafa inni siif galu

Akka feete baatee
Akka feete galtu
Hunduu siif mijatee
Burraaqxee utaaltu

Hin Abdatiin si gowwomsa
Sirkaa bu'ee nama kolfaa
Si taasisa

Kuusaa Walaloo

09 Apr, 07:16


โœ…โœ…Fala Faalameโœ…โœ…

Akkam jirtu hordoftoota Kuusaa Walaloo fi jaalattoota aartii? Walaloowwan hedduu karaa toora telegram kanaa isinii dabarsaa turuun keenya ni yaadatama. Irraa barachaas, ittiin bashannanaas, wal qeeqaas turreerra. Hunduma isaafuu galata qabdu. Amma immoo dabalataan Sagantaa tokko torban torbaniin isin dhaqqabsiisuuf, isin bashannansiisuuf qophii xumurree jirra. Jaalattoonni walaloo jaalattoota Asoosamaatisi. Asoosama mata dureen isaa "Fala Faalame" jedhu torbee kana irraa kaasee isinan dhaqqabsiisa. Jaalachuu keessan immoo na agarsiisaa. "Haa eegalu" yoo jettanii barreessitan, dhugumaan jaalalaa fi dheebuu aartii qabdu.
Galatoomaa
Torban nagaa!!!

โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…

Kuusaa Walaloo

18 Mar, 07:30


Kuusaa Walaloo pinned ยซโ€‹โ€‹โœ…EESSA JIRRA BEEKTUU?โœ… Mandaraa hattummaan Itti leellifamu Sobduu fi afuuftuun Itti weeddifamu Ilmi namaa du'ee Awwaalcha dhorkamu Wallaalaan dubbatee Itti eebbifamu . . Inni beeku dhiisee Doofaan yoo barsiisu Burqaan dhugaa onee Kan sobaa mirgisu Baraโ€ฆยป

Kuusaa Walaloo

18 Mar, 04:23


โ€‹โ€‹โœ…EESSA JIRRA BEEKTUU?โœ…

Mandaraa hattummaan
Itti leellifamu
Sobduu fi afuuftuun
Itti weeddifamu
Ilmi namaa du'ee
Awwaalcha dhorkamu
Wallaalaan dubbatee
Itti eebbifamu
.
.
Inni beeku dhiisee
Doofaan yoo barsiisu
Burqaan dhugaa onee
Kan sobaa mirgisu
Bara hareen bahee
Waraabessa lolu
Adalti gad baatee
Leenci mana bulu

As jirraam!!!

Bara anatu sii beekaan
Biyyarra garmaame
Mallattoon namummaa
Namarraa dhabame
Biyya dhalli namaa
Jiraachuu mulqame
Wallaalaan beekamee
Beekaan wallaalome

Akkasi bar....

Nama nama bitee
Namafaa gurgura
Yoo barbaades qalee
Walirratti tuula
Ilmat ol deebi'ee
Haadhasaa doorsisa
Gola maatii onsee
Duguugee fudhatee
Daa'ima boosisa

Iddoo akkanaa teenyee
Jireenya himanna
Ba'aa laftuun baanne
Mataarratti baanna

Hamaaf dibbee reebnee
Hojii xireeffachaa
Ammaaf hin dadhabne
Jirra hunda baachaa
...
..
.
,
โœ…โœ…โœ…โœ…โœ… Follow @kusaawalaloo

Kuusaa Walaloo

15 Mar, 10:00


Live stream scheduled for

Kuusaa Walaloo

15 Mar, 07:56


Kuusaa Walaloo pinned ยซโœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ… Gaafa ani nyaadhe Quufa koo inaafaa Gaafa ani dubbadhe Dubbii koo lafafaa Gatii dadhabbii koo Xiqqoo gaafan argu Kolfa ilma dhiiraa Gaafan ilkaan saaqu Waan naaf guute seetee Maaliif hidhii nyaatta? Ija lafa jalaan Maaliif na ilaalta Lakkiโ€ฆยป

Kuusaa Walaloo

05 Mar, 05:27


โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…

Gaafa ani nyaadhe
Quufa koo inaafaa
Gaafa ani dubbadhe
Dubbii koo lafafaa

Gatii dadhabbii koo
Xiqqoo gaafan argu
Kolfa ilma dhiiraa
Gaafan ilkaan saaqu

Waan naaf guute seetee
Maaliif hidhii nyaatta?
Ija lafa jalaan
Maaliif na ilaalta

Lakki naaf guutee miti
Har'a chidhan oole
Aachii nyaadhee dhugeen
Kunoo amman gale

Huccuus hin bitanne
Nan miiccadhe malee
Bishaan badee ture
Inni nuuf deebinaan shaaworiifaan gale

Itti tole seetee
Akka ofin huune
Baga gammadde namanaa
Homtuu naaf hin guunne

Jedhe geeraraan gaafa geeraru

โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…

Kuusaa Walaloo

25 Jan, 16:27


Kuusaa Walaloo pinned ยซโœ…โœ…โœ… HIN DEEBI'Uโœ…โœ…โœ… Erga jaalalli koo Sirkatti bushaayee Jireenyi na faanaa Erga sitti hadhaayee Kabajaan siif qabu Erga gatii dhabee Si duraa dhokatus Innan siif miidhame Ini ani siif cabe Sammuu siif garboomee Garbummaa ho'ifatee Onnee siif doqnoomeeโ€ฆยป

Kuusaa Walaloo

25 Jan, 05:16


โœ…โœ…โœ… HIN DEEBI'Uโœ…โœ…โœ…

Erga jaalalli koo
Sirkatti bushaayee
Jireenyi na faanaa
Erga sitti hadhaayee

Kabajaan siif qabu
Erga gatii dhabee
Si duraa dhokatus
Innan siif miidhame
Ini ani siif cabe

Sammuu siif garboomee
Garbummaa ho'ifatee
Onnee siif doqnoomee
Ormarraa baqate
Ija osoo ilaaluu
Si'iif junuunfate
Gurra osoo dhagahuu
Si'iif cuqqaallate

Erga si biratti
Kun gatii dhabanii
Ani hin DEEBI'U
Teessee nan eeginii

Boohi hin boohiin hin jedhu

Haga ijji lamaan
si diddiimatutti
Haga na dagachuuf
si'iif mijatutti
Gatiin jaalala koo
Haga siif galutti
Ayii ofiin jettee
Quba kee nyaattutti

Boohi... Boohi sin sossobu

GARUU

Akka na cabsite
Si cabsuun barbaadu
Bara Kee hafaniif
Hamaa siif hin yaadu

Siif haa kennu nama akkakee
Isa jaalala busheessu
Ija ati na ilaalteen
Si jaalatee si kunuunsu

Chaw

โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…

Kuusaa Walaloo

13 Jan, 13:56


Kuusaa Walaloo pinned ยซNamoonni hojii ani hojjechaa jiru kanarra fayyadamaa taatan congratulations ๐Ÿ‘. Ammas viidiyoo haaraa gashiiseeraa galtanii check gochuu dandeessu https://youtu.be/2wIpW1Dhw4Y?si=ZHqBn2tBxtdfYn4Kยป

Kuusaa Walaloo

13 Jan, 09:41


Namoonni hojii ani hojjechaa jiru kanarra fayyadamaa taatan congratulations ๐Ÿ‘. Ammas viidiyoo haaraa gashiiseeraa galtanii check gochuu dandeessu

https://youtu.be/2wIpW1Dhw4Y?si=ZHqBn2tBxtdfYn4K

Kuusaa Walaloo

03 Jan, 16:54


โœ…โœ…โœ… JIRA DHUGAAโœ…โœ…โœ…

maaliif ukkaamsitee
......................................
maali maaf ukkaamsitee
maaliifis isa awwaalta
isa kaleessa jennes
mee maaliif irraanfatta
isa gaafa jaalalaa
isa gaafa sorooroo
isa gaafa wal faana
isa kan xiiqiif roorroo

gaafa ormi nu dhaane
isa nutti roorrisuu
tokkoo keenya rukutee
lamaan keenya boosisuu

isa gaafa wal faanaa
wal harkaa fuunee dhugnu
afaan irratti wal qabnee
tokko waliin cuffannu

icciitii dhuunfaa keenyaa
hunda walitti himannee
akka jara wal fuudhee qullaa wal jala ciifnee

isa gubbaa garjallaa
walitti odeessinee
jiruun ni tolti jennee
abdii walii kenninee

utubaa isa sibiilaa
isa baraan hin jigne
akkana walii taana
nuti waliin hin jennee?

wajjiniin tabba baana
of duraa fuunee gufuu
jijjiiramaaf hojjenna
goomataan akka kufuu

jettee waadaa naa galtee
waan baay'ee natti himtaa
edaa garaa kee keessa
summii bofaa kuufattaa

takka ooltee bubbultee
anuu sii jira jechaa
ji'aan waggaas lakkooftee
garaa kee na dhokfachaa

waggaa gaafa lakkooftu
dhokattee hojii eegalte
isa waliin eegalle
hundumaa irraanfattee

silaa homaan dhokfanne hunduman sitti himadhe
icciitidha kun jedhee
mee maalfaan si dhokfadhee

har'a garuu(2)

waan jenne irraanfattee
ana kophaa na dhiifte
murtii isa dhuunfaa keetii
ormootatti labsite

waa'ee koo tokko lamaan
namoota biroof laattee
imaanaa gaafa duraa
wal waliin jenne nyaattee

har'a shira hin taane
ormaan narratti xaxxee
waanan godhee hin beekneen
maaliif narratti maqxee?

naafillee homaa miti
namnin amanun dhibu
situ duwwaatti hafa
kan waaqaa dhabee agabuu

dhugaan koo ni mul'ata akkanatti hin hafu
erga akkas na gootee
egaa anis siin rafu

hin ilaalla dhumasaa
abbaa bakkeetti kufuu
akkana an sin seene
yaa isa isa nyaatteef safuu

maali maalan balleesse
dhugaan dubbadhe malee
isin biraa hafeeraa
rakkoo dhuunfaa koo ilaalee

si faanas nan dhaabbadhe
gaafa dhugaa baatte jirtu
gaafa ati soba fiddus
lakki isheen kun hin taatu

jedhee siinis gorfachaa
waan baay'ee dabarsine
osoo akka har'aa kana
dabarsee nan kennine

adda baane kanachi
walittis hin deebinu
waaqumti hojii keenya
anaaf siifis haa kennuu

boolla buufattee nyaatte
goota ija barbadaa
wayyoonuu galchuu dide
egaa eessan barbaadaa?

keenya firoomnin jiru
duraa fi har'a booddee
du'a gootaa nu diige
hojii kee isa bordodde

gootas gootummaan faarsu
gantuus gantummaan arrabsuu
keellee arrabsoo mitii waqnu gadi sin dhiisuu


โœ…โœ…โœ…โœ…@kusaawalaloo

Kuusaa Walaloo

02 Jan, 10:41


Hojjedhaa ittiin jijjiiramaa.

https://vm.tiktok.com/ZM6fvVeSg/