Kello Media @kellomedia5 Channel on Telegram

Kello Media

@kellomedia5


Alagarraa bilisummaa kajeeluu osoo hin taane, qawwee qofaan hadheeffatanii loluutu bilisa nu baasa!

Kello Media (Oromo)

Kello Media jedhu yeroo itti dhagayamaa kan qabu, kan ammoo faayilkaa fi oguma ilmaan Oromoo keessattis tarreeffamanii akka hin deebiin dhaamsa qawwee qofaan qabatanii loluutu bilisummaa nu baase! Kello Media kan barsiisuu, fooyyeeffannuu fi tajaajiluudhaan sagalee Oromiyaa fi osoo hin taโ€™iin isinitti dhagaโ€™amuudhaan itti fufaa. Kan keessaa tokko qawwee qofaan keessattis tarreeffamanii akka nu bilisa murteeffatamee dha. Kanaafuu, Kello Media jalqabaa dhabbii, kattaa qorannoo, fi kan ilmaan Oromoo keessattis tarreeffamee lammataa fi jaalalaa ilmaan Oromoo keessatti argatanii ittiin kennamaa turu. Qawwee qofa keessattis tarreeffatameen kan ittiin fufaa jiraachuu jalqabaa sagantaa tajajila Kello Media jedhu bitamuu fi jiru. Kan dhukkubsadhaaf Kello Media jedhu nu bilisummaa gahanii turan. Bilisummaa fi keessummaa dha. Kello Media kan yeroo wal fakkaatan keessattis bilxummaan murteeffachuun sagalee Oromoo keessatti nu baase. Bilisummaan isinitti himuun, Kello Media kan walakkaama nu bilisa.

Kello Media

11 Feb, 14:07


Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfii laalessaa aanaa Sirkaa keessatti waraana PP irratti fudhate

ONM-ABO Guraandhala 10,2025
Irree fi gaachana sabaa kan ta'e Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa magaalaa Xareetaa keessatti kan argamtu Maaybaasa Xareetaa keessatti kaleessa Guraandhala 9 loltoota Abiy Ahimed weeraruun 21  battalatti irraa yoo ajjeesu 13 ol madeessee warri hafte magaalaa gadi lakkisuun baqattee bakka Dirboo fi Collee jedhamu seenuun humna dabalataa magaalaa Gobeessaa irraa hanga dhufuufitti  mana namoota dhuunfaatti baqachuun of dhoksitee turuun  baramee jira.

Loltoota Abiy Ahimed du'an keessa itti aanaan ajajaan 1000 tokko keessa jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Kello Media

11 Feb, 14:05


Eeruu Qeerroo Midaa - Amboof
=========================
Aanaa Midaa Qanyii Gantootni Jireenyaa Rabbumaa fi Kabbadaa Qoroo/Fiqaaduu Qoroo Miseensoota Isaanii Warra Leenjii Basaa Summaa Fi Waraanaa Fudhatan Fuudhanii Mida Qanyii Galaa jiru. Jireenyaanis Fiqaaduunis Miseensa isaanii Adda Qooddatanii Aanicha Seensisaa jiru. Ammaaf Namni 150 Olii Aanicha Galaniiru. Kan Hafani immoo Ambo Gahaniiru.

Kello Media

11 Feb, 14:05


Odeessa Gama Eritrean Irraa Dhufte
============================
Dooniiwwan sadii meeshaalee waraanaa Itoophiyaatiin guutaman dhuunfachuun dhagahame.  Dooniiwwan sadan kun Azarbaajaan irraa meeshaalee kana fe'anii gara Ethiopiatti imalaa kan turan yoo ta'u, ji'oota dura to'annoo Ertiraa jala akka oolan miidiyaalee biyya alaa fi hedduudhaan gabaafameera.

Dooniiwwan sadan kunneen meeshaalee waraanaa mootummaan Itoophiyaa mootummaa Azarbaajaan irraa bite qabatanii jiru.
Ji'oota muraasa dura itti aanaan muummicha ministeeraa Itoophiyaa Obbo Temesgen Tiruneh gara Azarbaajaan imaluun waliigaltee bittaa meeshaalee waraanaa hedduu mallatteesse.

Dooniiwwan  kunneen ammoo
          ๐Ÿ‘‰Rasaasa diroonii,
          ๐Ÿ‘‰Qawwee gurraacha,
          ๐Ÿ‘‰Qawwee fageenya giddu galeessaa fi dheeraa irratti rukutuu danda'u
baatanii deemaa utuu jiranii  mootummaa Eertiraatiin to'annoo jala oolaniiru.

Mootummaan Ethiopia dooniiwwan kana harka Ertiraa keessaa gadhiisifachuuf yaalii hedduu taasisus hanga ammaatti akka hin milkaa'in akka jiru barameera.

Kello Media

11 Feb, 14:00


Namitti salphoo Habtaamu Lamuu jedhamtu kana wa'e isee irraa dubbachu hin feedhun ture garuu garuu amma hojii aarsa isee kaffalchiisuti jirti wan ta'eef dubbadhe.
Dhiyeenyaa kaaste jaallan dirree jiranin isiin qabsoo gantaani yoo galtan mootummaan Dr Abiyyii birr Million 5 isiniif keenna jechuun bilbilaa jiraachu isee qabatamaan bira geenyerra.
Kanaaf jaaluma iseen itti bilbilaa jirtuutu biyyeen maka wan ta'eef adabadhu ta'ii jechun fedha.
Namni kun hojii akkasiif Adaneech Abeebe irraa birr bifa liqaan Million 100 akka fudhate jiruus qabatamaan beekna.

Kello Media

11 Feb, 13:58


K/Abiyyii Karaa kibbaa WBO balleessuf Keeniyaa keessa utuu fiigu WBOn bahaa daandii Ethio-Jibuuti guutummati to'aachun qabeenya nyaapha kan taate keessaa barbadeessun to'aannoo isaa akkuma itti fufeeti jira.
Qabsoo hidhannoo Oromoon amma itti jiru warri akka bara leencoo lataati yaaddan yoo jiraattan abadan "Nuti Dhaloota Jiile" .
IUOf

Kello Media

11 Feb, 13:56


Warri Suuraa kana akka waan injifannoo taa'etti gabaasa Jirtan dhaabadha. Gantoota mootummaan WBO fakkeesse ittiin WBO adaamsaa tureedha inni harka ol qabee dhaabbatu sun bajaajii jedhama xaakiya shurrubbe turee amma diinaati gale jira malee injifannoo miti jechuumafi ๐Ÿ˜‚

Kello Media

05 Feb, 16:43


โœจ๏ธDhugaa Oromoo dhoksuuf Miniliik humna ergisaa Ingilizootaa irraa argatee Oromoo cabse.

โœจ๏ธDhugaa Oromoo dhoksuuf H/Sillaaseen gargaarsa humna ergisaa Awuuroppaa fi Ingilizootaa  argatteen Oromoo caabse.

โœจ๏ธMangiistuun humna ergisaa raashiyaa argateen Oromoo cabse.

โœจ๏ธMallasaan humna ergisaa Americaa fi kanneen biroo argateen Oromoo cabse.

โœจ๏ธK/Abiyi ammoo humna Eeritra fi sumaale ergisaa argateen Oromoo cabsuuf yaalee milkii malee hafe
~Itti dabaluun humna faannoo itti affeeree suniis milkii hin arganne.
~ Akkasuma humna Turkii itti afferee suniis milkii dhabe kan Ijibbaataa ammoo humna Keeniyaan yaalaa jira Kunis hin milkaโ€™u.
๐Ÿ‘‰Dhugaan Oromoo duula meeqa keessa darbee bakka kana ga'ee jira.

Kan hafe Oromoon dhugaan isaa bilisummaa Oromoo
Walabbummaa Oromiyaan mirkaneessuuf dhaloota dhugaa Oromoo harka qabutu itti jira.
Jabaan waaqa!

Kello Media

01 Feb, 16:43


Mirgii Booji'aama nu biratti 100% kabajamaa dha.
Dirqama inni qabu yoo baayyate isa fidee dhufee fe'ee deemu dha.

Baga lubbuu kee oolfatte gurbaa.

Kello Media

01 Feb, 16:37


Dhiisi olaadema haadha fi abbaa jalatti hin ajjeesiin gaafa jennuu akka ati akkas taatu wan beeknuf yaa gadhee .

Kello Media

19 Jan, 08:00


Kanneen akka Dammaqaa Nagaasaafaa kana nama jadhanii komachuun mataamti isaa cubbuudha!
Namni komatamu,nama namummaan itti dhaga'amu fi itti gaafatamummaan maal akka ta'e beekudha.

Kaadiroota PP ija dunuunfatanii Murna aangoorra jiru yakkarraa qulqulleessuu fi olola sobaan cubbuu ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru haalan,komachuun hafuu qaba.

Jara kana dhimma garaa fi garaa qofatu akka Saree isaan duuchisa,akka Waraabessaa isaan yuusisaa jira.
Hojiin jara kanaa Geetaachoo Raddaa 2017 "Agaaniint" nun jadhe fi Aluulaa Salamoon "Alshabaab" nuun jadhe,akkasumas Abbooy Tsahaayyee "Kana caalaa raawwatama" nun jachaa ture sana nama yaadachiisu.

Akka muuxannootti waan arginee bira darbine waan ta'eef,jara kanatti mufachuu fi itti gadduun hin barbaachisu.
Galaanichi haafa fi kos'''ii akkasii walumatti haree sokkuun isaa hin hafu.
Abbaan garaachoo fi fakkaattoonni isaanii,dhimma garaa fi garaatu isaan yaaddessa.
Cubbuun ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru,guyyaan iyyatu fi dubbatatu dhihaateera.
Dhaddacha seeraa fi seenaatti,barri yakkamtoonni dhihaatanis fagoo miti.

Kello Media

19 Jan, 07:54


Waraa-na itti abdannu waan qabnuuf waa'ee Biyyaas waa'ee WALABUMMAA OROMIYAAS lafa dhiitnee dubbanna! Siifan lol-la jedhee sobee hin beeku!

Kello Media

18 Jan, 17:50


Oromoo Ilmaan Ke Dhumee

Kan Arsiitti ta'eef utuu teesse gaddiitu kunoo Booranattis manaa gadii baasan haala sukkanneessaa kanaan Qeerroo kee galaafachaa jirti kaadiree fi ergamtooni impaayera.
๐Ÿ‘‰Ka'i Falmadhu
๐Ÿ‘‰Teesse Du'a Hin Eeggatin

Kello Media

18 Jan, 17:50


Oromoon Guddaan kee ergamtuu impaayeran akkasitti salphaate qe'ee isaa irratti haala sukkanneessaan ajjeefamuun akkuma itti fufeeti jira.

Kello Media

18 Jan, 17:50


Walagga Lixaattis
Daa'ima kanas rasaasa itti roobsanii ajjeessan Milishaatu ajjeesse ๐Ÿ˜ข

Kello Media

18 Jan, 17:49


WALLAGGA BAHAA

Wallaggaa bahaa aanaa WAAMAA hagalootti ji'a darbee keessa rasaasaa ja'an(6) itti roobsuun Ganda daakkoo keessatti kan ajjeefame

Kello Media

18 Jan, 17:49


Wallagga Lixaa Gimbii
Galgala edaa sa'atii 2:00 tti Gimbii naannoo baddeessaa makkoo jedhamutti milishaan dargaggoo maqaan isaa Abbushe  jedhamu rasasa itti roobsitee ajjeeste jirti.
Mucaan kun konkolaachisaa dha

Kello Media

18 Jan, 17:03


Bilisummaa Biraanuu Araarsaa eenyu?
Godina Shawaa Lixaa aanaa Dirree Incinnii ganda Winee jedhamutti dhalate.
Miseensa koree nageenyaa godina arsii lixaa, shawaa lixaa, shawaa kibba lixaa fi shawaa kaabaatti ramadamedha!

Ajjeechaa suukaneessaa dargaggoota fi abboota Oromoo irratti bifa suukaneessaa taheen raawwatu namoota dhoksaan qindeessan keessaa fi poolisoota dhukaasan namoota qindeessan keessaa isa hangafaati!

Gareen kun miseensa 9 kan qabu yoo tahu bulchitoota godinaa fi aanaallee kan basaasanii fi hojii irraa hariisisan namoota gara jabeeyyii Biltsiginnaan bobbaasedha!.

Ammaaf kan jiraatu finf
innee kutaa magaalaa nifas silk aanaa 8 yoo tahu mana dhuunfaa shaggar lafa kennameef gurguratee kan ijaarrate tahus finfinneetti kiryibetoch mana mootummaa keessa jiraata!

Haadha abbaa kan hin qabne tahus obbolaa hedduu qaba!
Lubbuu lammiilee nagaa galaafachuun viidiyoo sobaati jedhee qooduuf irratti argama

Gumaan ni baati qoosuun Kee yeroof ta'usaa hubaadhu gati harkaa ofi safaraatte fudhaachuuf jirta

Kello Media

10 Jan, 16:57


Eeruu Bobbaa Gantoota
====================
Waraanni Sanyii Nagaasaa bobbii fudhattee WBO loluuf mooraa leenjiirra yaatee jirti.
Har'a gareen tokko gara lixa Oromiyaa deemaa jiraachuu dhageenyeerra. Gareen gurbaa Amboo tokko kan Dabbaal Mootii Gaaraa ofiin jettu shawaa lixaatti bobbaatee raayyaa ittisaa fi milishaa waliin bosona keessa gara Waddeessa geessetti.
Gareen Jireenyaa gara Jibat, Incinnii fi naannoo sanatti bobba'eera.
Waaqoo Shaarkii fi Liiban Gurraachi bobbii gara kibba oromiyaa fudhatee jira.
Warra hafe hordofnee isin biraan geenya.

Kello Media

05 Jan, 11:55


Biyya diiguuf qabsoofna osoo hin taane biyya ta'uuf qabsoofna! Waraa-nni keenya beenzila qabsoo bilisummaa Oromooti! W*B*On yoomiyyuu nii jiraata!

Kello Media

29 Dec, 15:15


Aanaa Ada'aa Bargaatti

Kutaa Waraana 18ffaa
~Riijimentii 5ffaan
Guutummaatti Barbadaa'eera.

Injifannoo Aja'iiba.

WBOn Haa Waaru

Kello Media

25 Dec, 17:50


โ€œCichoomina Kaayyoo โ€œ
=====================
Guyyaa harยดaa irraa eegale, WBOn bobbaa waraanaa Cichoomina Kaayyoo zooniilee WBO saddeetanuu keessatti eegalee jira.
Buยดaa bobbaa kanaa guyyoota as adeeman wal beeksifna.
Gootonni Ilmaan Oromoo kuffisaa jiru.

โ€œCichoomina Kaayyooโ€

"แ‰ แ‹“แˆ‹แˆ› แŒฝแŠ“แ‰ต"

"Purposeful Perseverance"

Kello Media

15 Dec, 17:55


Ijoolle Sanyiitti Ajaji Keenname
=========================
Fiqaadu Tasammaa ijoolle sanyiin bobbaa isaa xumuruun fudhate galee waliitti qabe waltajji teesissun ajaja baddu tokko jala muree ajajee jira
Innis waggaa tokkof akkuma waraana warra kaanitti mindaan isiinif kanfalamaa faannoo nurraa loltu.
Waggaa tokkof erga dirqama keessan rawwatan booda ammoo akka feedhi keessanitti gara barbaddaniti isiin bobbasna jechun waltajjii isaa xumuree jira.

Kello Media

14 Dec, 18:59


Waraanaa Shimalliis Abdiisa farra riphee lolaa jedhe torbee darbe Godinalee hedduuti ergaa ture kunoo akka argiitan kanatti riphee araqee isaa tumee hawaasa nagaa tumuuf jedhe tumamaa jira. ๐Ÿคช

Kanatu nagaa buusa ๐Ÿ˜

Kello Media

14 Dec, 18:57


Injifannoo Qe'ee Diina Rifaasise.

Injifannoo GG leencichi Gindabaratiiti sa'aati muraasa gidduutti fudhateen Injifannoo addaa galmeesse jira.
IUOf

Kello Media

14 Dec, 18:49


Gindabarat hanga ammaatti reeffa ishee  konkolaataa 6'n feete jirti.

Boji'aamaan ammoo akkuma argiitan darzanaan.

Qubsuma diinaa diigun itti fufa.

Kello Media

11 Dec, 15:58


Shaneen Hayiluu Gonfaa Galanii Hin Dhumne Ammayyu?

"Maatiin Abbaa Duulaa Gammadaa Adaamaa irraa osoo gala jiranii qaama hin beekamneen ukkaamfaman
Qaamni ukkaamse sun qarshii million 16 nuuf kaffala ni baasna" jechuun gaafatan jedha odeessi arganne .๐Ÿ˜ณ๐Ÿ˜ณ

Kello Media

10 Dec, 18:18


Hojii diinummatti kan ture Sanyiin erga kaampii RIB galee ji'a 6 ta'uusa midiyaan kun himee jira
Kana qofaas utu hin taane hojii diinummaa fi hojii WBO addaan hiruu irrati akka bobbahee turees ifoomse  jira

Kello Media

09 Dec, 19:06


Abarraa Buunnoo Itti Gaafatamaa Waajjira Milishaa Oromiyaa ergaa har'a galtaniif waan nu gootan waan daganne isinitti hin fakkaatin erga jedhe Ambootti ergaasa dabarsatee kaase hanga ammaatti ijoolle Sanyiin fuudhe galee keessaa namni 18 qabatamaan rashanamanii jiru.

Kello Media

07 Dec, 12:39


Tarsiimoo  Diinni Baasee Jiru
========================
WBO fi Deggertoota WBO Wal nyaachisuuf Hojjetaa Jiru.

Tarsiimoo Baadiyyaa Keessati:-

1ffa.Biltsiginnaan Mana Maatii Qabsaa'ootaati nyaata Soorachuu.

2ffa.joollee Maatii Qabsaa'ootaa Milishaa ganda keessatti filuu.

3ffa Namoota Koree/Deggertoota WBOn ganda Baadiyyaatti WBOf amanomoo ta'an  Hojii Uummataa akka hojjetaniif WBO'n filatee jiru Biltsiginnaanis irraa deebi'uun isaanumaan Hoji Hawaasaa keessatti filuu.

4ffa.Qeerroo Hawaasaa kana dura WBO'n Hoji Hawaasaa akka hojjetaniif filee Jiru Biltsiginnaanis isaanumaan Hoji gandaa akka Garee fi Zoonii keessatti filu.

5.Abbootii (Jaarsolii Araaraa)kana dura WBO'n akka Rakkoo Uummataa hiikaaniif Gandaa keessatti filee jiru Biltsiginnaanis dhaqxe irra Deebitee isaanumaan filuu.

6.Maandhee/Addaa Duree amanamaa WBO Loojistiksii WBO ta'ee Nama tajaajilaa ture ammas Biltsiginnaan Gandaa Baadiyyaa keessatti hojii Hawaasaa akka hojjetaniif Deebisani filuu.

Walumaagalatti Qaamoota Waraanaa WBO wajjin Hariiroo Qabu jedhanii shakkii irraa qaban Mootummaa Biltsiginnaanis Hojii Siyaasaa, Hojii Nageenyaa,Hojii Diinagdee fi Misooma addaa addaa keessatti Hirmaannaa Uummataa akka Hogganaaniif keessatti Makani filataa jiru.

Kaayyoon isaanii Maaliif ?
====================
WBO yeroo Gara gandichaa seenuuu Warra Koree tahee hojjetaa jiru Warra Mootummaan filee jiru akka Ajjeessuu, akka dararuu fi akka butee adabu gochuu barbaadu.

Karoorri isaanii WBO fi Deggertoota WBO Wal nyaachisuuf Siyaasaa Haadhooftuu hojjetaa jiru .

Kanaaf WBO yeroo Gara gandichaa seenuuu of Eeggannoo fi Hubannoon itti Adeemuu qabu.

Qaamota/Qotee Bulaa Biltsiginnaan Hojii kana keessatti Dirqamaan filte jirtu kanaaf hojii Hubannoo kennuu irratti Hojjechuu qabna.

Biltsiginnaan isaan Jaal'attee filte Utuu hin taanee Sababa isin Deggertoota WBO ta'aniif WBO wajjin walitti  buusuuf Caasaa WBO Caasaa Biltsiginnaa keessati filataa jirti.

Kello Media

06 Dec, 18:40


Dubbiin Faallaa Taatee
===================
Jidduu Galeessa Oromiyaati Humni WBO Daran Jabaa tahuu mediyaaf ibsaniiru.

Radio fi Television VOA'n Jiraattoota Godinaalee fi Aanaalee Giddu Galeessaa Oromiyaa Haasofsiisuun Waraanni dhaabbatee Araarri bu'uun Gaarii ta'us ammayyuu Waraanni WBO Giddu Galeessaa Oromiyaa  kan Jaal Marroo Dirribaan Hogganamu  akkuma duraati cimee Lolatti jiru.

Guyyaa Har'a kan iji keenya Arge Waraani Jaal Marroo Humna Guddaatu Sochii Sochii gochaa Jira.Kan Durii Olitti baayyinaan Sochiiti Jira.Garuu Mootummaan afaan Faajii uummuun WBO Jidduu Galeessa galeera jechuun Goyyomsaa Uummata gochaa jira jechuun Dubbatan.

Waraanni Sanyii Nagaasaa Galeera kanaaf Nageenyi Shawwaa keessati ni Bu'a jechuun soba jechuun Jiraattootni hedduun Yaada isaanii VOAtiif ibsani jiru .
Dhugaa jiru hubachuuf toora Website VOA seenuun ilaala.

ABO-WBOn Haa Waaru
IUOf

Kello Media

06 Dec, 18:39


Kaampii Bulbulaa irraa
Ijoolleen Sanyii Nagaasaa gurgurate rakkoo dhamdhamuu jalqabaniiru.

Jaallan kiyyaa erga Kaleessaa nyaata hin nyaanne, har'as guyyaa sa'atii saddeetitti nyaata maaf nuuf hin laattan jennee gaafannaan, beela duruu dandeessanii turtan jette waardiyyaan nu eegdu.

Sareen sareetti nu keenitee ofii Finfinnee keessa bashannanaa jirti.
Sanyiin nu galaafate...
Cubbuu hirbuu jaallaniirra tarkaanfanneeti.

Kaampii Bulbulaatti nu naqanii nutti Qoosaa jiru.

Kello Media

06 Dec, 16:40


~Humna Oromoof Oromiyaaf malu leenjisuun itti fufa!
Shakkii hin qabaatan.

Kello Media

05 Dec, 04:40


Bu'aa Impayeera

Taayyee Danda'aa mirga wabiin gadii bahee erga baheen booda humna tikaan butame achii buutensaa hin baramiin jira.
Kana gaa warri impayeera kana faarsitan.
Hidhadhu falmadhu

Kello Media

04 Dec, 18:00


~Warri Har'a Gaa'ela Shiraa Waliin Godhate Boruu Wal Yakkee Dhaddacha Seeraa Wal Dhaaba, Quba Qabaadhu!
~~~~~~
Seenaa Impaayeera Itoophiyaa keessatti bulchitoota impaayeera Itoophiyaa kan kaleessa uummata cunqurfamaa Oromoo humnaan hacuucanii bulchaa turanis haata'anii warri har'a bara keenya somba ekeraa Miniilikiin harganan warri qeerroofi qarree kumaaf kitila dhiiga dhangalaasanii lafee cabsuun maqaa Oromoo dhahatanii aangoo siyaasa impaayeerattii dhuunfatan qabsoo bilisummaa Oromoo sakaaluu irraa duubatti jedhanii hinbeekan.

Summii shiraa tokkummaa Oromoo ittiin diiguuf isaan gargaaru hogayyuu bocuufi facaasuurraa dhaabbatanii hinbeekan. Har'as seenaan seenaa dabaluun gareen jibbaafi inaaffaa jaarmiyaa ABO-WBOf qabu dambiifi seera jaarmiyaa kabajuu dhabuun naamusaafi sansakkaa waraanummaa lafa kaa'ee fuudhaaf heeruma siyaasaa faashinni irra darbetti waliigaluu murna abbaa irree Oromoof Oromiyaa ajjeesaafi ajjeesisaa jiru waliin ifatti gaa'ila godhatee jira. Haata'u malee haga ammatti gaa'ela shiraa murna abbaa irree waliin tolfamee milkaa'ee hinargine.

Murni abbaa irree fakkeessaafi sossobbaan beekamu qabsaa'oota danuu baabura qabsoorraa harcaaseera, kanniin akka isaan jedhanitti adeemuu didan hedduus nyaateera kanaaf, seenaatu ragaadha. Fknf Leencoo Lataa, Gollicha Dhengee...Diinaraas fa'aa kaasuun nidanda'ama. Gariin ammoo yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiru. Har'as gareen mufattootaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon daldalaa turan kan Sanyii Nagaasaan hoogganamu jibbaafi inaaffaa ABO-WBOf qaburraan kan ka'ee gaa'ela murna PP waliin godhateera. Gareen kun kaleessaa Oromoo ajjeesaa, hiraarsaafi gidirsaa ture har'as murna Biltsiginnaa uummata Oromoo duguugaa jiru waliin amalasaa itti fufuuf waliigaltee ifatti mallatteessee jira.

Quba qabaadhaa! Bultiin shiraan ijaarame umurii hinqabu. Guyyaa jarri lachuu wal yakkuun dhaddacha seeraa waldhaabuun mana hiraarsaatti waldarban fagoo miti. Laal!Danuumma qabsoo bilisummaa Oromoo danquuf dhama'an keessaa qabsoon bilisummaa Oromoo daran kan kaleessaa caalmaatti mandi'uun diina garaa gubee fira gammachiisuurratti argama. Sadhaatuma gantuufi galtuun moonaa qabsoo keessaa harca'aa adeemtu qabsoon bilisummaa Oromoo guddachaa, dagaagaafi galma abbalame dhaqqabaa adeema.

Kello Media

01 Dec, 17:23


Haqa tana numa dubbanna...

Miidiyaaleen mootummaa fi qaamoleen uwwisa miidiyaa hawaasaa mootummaan ijaarrate akka jedhanitti Har'a Shimallis Abdiisaa ABO-Shanee jedhee kan duraan xiqqeessee waamu WBO wajjin akka waan waliigaltee mallatteessaniiti xarari'aa oolan. โ€œMuuu...โ€ jenneen.

Maxxansi Addis Standard Afaan Oromoo hamma tokko har'a natti tole. โ€œMootummaan #Oromiyaa garee hidhattoota #WBO irraa adda bahe waliin waliigaltee nagaa mallatteesse

Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa adda bahe, kan ajajaa zoonii giddu galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaan durfamu waliin waliigaltee nagaa mallatteessuu beeksise.

Balโ€™inni waliigaltee Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu mallattaaโ€™e kanaa hanga ammaatti ifatti hin ibsamne.

Jiโ€™a Fulbaana darbe Sanyii Nagaasaan gareen isaanii kana booda jaarmiyaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootin hogganamu jalatti akka hin sochoone ibsanii turan. Mootummaa waliinis mari'achuuf fedhii akka qaban himanii turan.

Yeroos Waajjirri Sab-qunnamtii ABO-WBO, Sanyii Nagaasaan jiโ€™oota dura โ€œsababa gocha gantummaatiinโ€ garee kana keessaa ariโ€™amuu ibsee ture. WBOn dhimma waliigaltee araaraa har'a mallatteeffame ilaalchisee hanga ammaatti waan jedhe hin jiru.โ€œ jedhe.
Kana jechuun dhugaa jiru, Qaamni Shimallis faana waliif mallatteese Waraana Bilisummaa Oromoo akka bakka hin buune ifa godha.

Isayyuu... Waraanni Bilisummaa Oromoo kan inni wajjin lola qabu addatti Sirna Mootummaa Itoophiyaati malee, Shimallis qofa miti. WBOn kan inni wajjin wal lolaa jiru Oromiyaa adoo hin taane Itoophiyaa ta'uun ifa. Shimallis Piresidaantii Oromiyaa yoo ta'eyyuu MM-Itooophiyaa miti. P.M Itoophiyaa Abiy Ahmad achitti hin agarre an Shimee malee. Shimeen Oromiyaa bulcha jira moo Itoophiyaa bulchaa jira duuba? Sanyiinfaa duraanuu Itoophiyaa osoo hin taane Oromiyaa wajjin wal lolaa akka jiran nu hubachiisan moo 'kkam?

*

Suuraalee jaraa irraa kan hubannu ammoo... waan nuti irraa baranne namni gaafa dirree qabsoo jiru akka ajaa'ibaatti bareedu simboo san achumatti dhiisee gala jechuudhaam!๐Ÿค”
Gaaf kaayyoorraa maqxee gantee galtu namumti bareedaan dirree qabsootti inumaa diyaaspooraa faffakkaatu... Namni ati duraan isa beektuyyuu isa miti nama biraa sitti fakkaata. Saree roobaa faa fakkaatan. Gariin yoo galu namummaa gatee kaartoona roobni itti roobee basabbasee aduun immoo itti bahee goggosse fakkaata. Kan duraaniirra kanaaf ragaan Goollichaa fi Sanyiidha.

Waan nama taajjabsiisu Abbaa Gadaa fi Haadha Siinqee jechuun warri of moggaasee si cina dhaabbatu isa dirree qabsoo gaaf ati jirtus takkaa gargaarsa/tumsa siifis qabsoo bilisummaatiifis taasisee hin beeknetu si waliin suuraa kaka'a.

Inni biraan... Namoota si arrabsaa, Si xiqqeessaa, Si tuffachuun sitti qoosaa turan waliin nyaattee jireenya sammuun kee siin lolaa jiraattu of tuffachaa jiraatta.

Akka Paartiittis haa ta'u, Akka gareettis yk akka dhuunfaattis haa ta'u.. Waan jala murree beekuu qabnu mootummaa wajjin walitti dabalameen karaa nagaan qabsaa'a faa jettee yaadda yoi ta'e mee? Ati akka nama dubartii HIV-AIDS qabdu wajjin sagaagaluuf kondoomii fudhatee wajjin ciisee ta'uu kee sirriitti beekuu qabda.
Kana jechuun...
1 ffaa,
Sagaagalaaf yoo ta'e malee, Fedhii gabaabduu second 5n hin caalle argachuuf yoo ta'e malee bu'as hin qabu. Sagaagaluu malee Ulfeessuu akka hin dandeenye beekuu qabda. (Qabsoon kee akkana)

2 ffaa,
Boodarra miiraan mo'amtee, Sagaagala keessa akka tasaa sitti minyaa'ee kondomii ofirraa baastee itti fufta, Isa booda atis Vaayirasii HIV-Aids saniin qabamta jechuudha. Kana jechuun ishii wajjin wal fuuchuus.. Yoo dhalchitellee tarii... Mucaa Kondomii miliqxes argachuu dandeessa. Garuu mucaan sunis Vaayirasii HIV-Aids fudhatee akka dhalatus hin dagatinimmoo malee...

Kello Media

01 Dec, 14:16


ยซKan galli ishee hinoolleef,qoda bukoo gogsitee deemtee?ยป Jedhe jaarsi jaartiidhaan๐Ÿ–•

Kello Media

01 Dec, 10:13


Murtoo cimaa jarmiyaa Guddichi Oromoo ABO-WBOn  gantoota irratti fudhateen qinqaanin qabsoo Oromoo quucarsaa turte wal guurun gara qe'eeti deebitetti.
Amma kan hafuu xiqqoo dha.
Isammo walumaan kan argiinu ta'a.
IUOf

Kello Media

30 Nov, 16:43


Yaadota Haaraa Shimallis Abdiisaa Afaanii Baate (Ibsa ABO-WBO)

Abiy Ahimad ammas, ibsa hiikaa hin qabne kan yaada wal faallessuu fi dhaadannoo keessisaa duwwaatiin guutame, karaa Shimallis Abdiisaatiin kan dabarfate yoo tahu, haasaan gamtokkee waltajjiirraa qofa darbu kan Naqamteetti taasifame kun kaleessa miidiyaa sirnichaan tamsa โ€Œee jira. Yaadonni haaraa ifa tahan kunneen kunooti:
1. Marii Nagaatiif Ammas Fedhii Fakkeessaa,
Shimallis seenessa dulloomaa sirnichi waaee nagaarratti oofaa ture, ammas irra deebi โ€Œee dubbate.

Akkauma irra deddeebiin ibsine, wanti sirnichi "nagaa" jedhee waamu, humna ummatni hammeenya mootummaadhaan irratti raawwatu ittiin ofirraa ittisu tokkicha irraa mulquudha. Waamichi nagaa fakkeessee Orweliyaanii kun sababani itti fufeef, akka dhaadatan humni waraanaa isaanii bittinaahaan sun injifannoo argamsiisuufii waan dadhabeef qofa. Gochoonni isaan bifa wal irraa hin cinneen taasisan kan mirkaneessan, sirnichi haaluma kamiinuu lola deemaa jiru kana karaa nagaan furuuf fedhii akka hin qabne dha.

2. Bulchiinsi WBO Dachee Oromiyaa Irra Dagaagaa Dhufuusaaf Beekamtii Kennuu
Shimallis ifatti amanee kan fudhate: bulchiinsa sadarkaa Aanaa fi Gandaatti jiru, WBOn haala amansiisaa taheen fudhachuu isaati. Jecha isaatiin โ€œWBOn caasaalee mootummaa sadarkaa Gandaa fi Aanaatti jiran diigeeraโ€ jedheera.

Hima kana Afaan Oromoo qajeelaatti yeroo deebifnu, Bilxiginnaan bulchiinsa aanaa fi gandaa WBOf dhiiftee baduu, fi qoodni/dhiibbaan WBOn Oromiyaa guutuu keessatti qabu ammoo guddachaa dhufuu irra deebiidhaan kan mirkaneesse.
3. Dirqama Nageenya Eeguu Gara WBOtti Dabarsuu
Shimallis, dubbii isaa Naqamtee kanaan, itti gaafatamummaa mootummaa isa jalqabaaโ€”daangaa biyyaafi nageenya ummataa tiksuuโ€”ofirraa dabarsee WBOf kennee jira. Jecha isaatiin, โ€œWBOn

lootee seentota/weerartoota alarraa dhufanii haleellaa raawwatan naannichaa irraa ittisuu dhiiseโ€ akkasumas โ€œwaraana mootummaa gargaaruu malee mogolee laaffisuu hin qabuโ€ jedhee jira.

Waan Bilxiginnaan jechaa jirtu hubadhaa yaa sabaa! WBOn sadarkaa aanaa fi gandaatti bulchiinsa fudhachuu; akkasumas itti gaafatamummaa dangaa biyyaafi nageenya ummataa fudhachuu akka qabu Shimelis Abdiisaa ifaan lafa kaaheera. Kanas Afaan Oromoo qajeeltoottii yeroo jijjiirru, Shimallis dubbii isaa kanaan, WBOn itti gaafatamummaa bulchiinsa Oromiyaa akka fudhatu akeekee jira.

Kun waan qajeelaa. WBOn, ummata isaa waliin, nageenya naannichaa mirkaneessuuf qophii dha. Har`as, akka daballoonni Bilxiginnaa hafarsan otoo hin taane, WBOn daangaa biyyaafi nageenya ummataa tiksaa jira. Kana garuu kan godhu bobbaafi karoora ofii baaseen malee, karooraafi qindoomina waraana Bilxiginnaa boru ummata keenya ganu waliin godhamuun miti.
4. Himannaa Sobaa Waa'ee Loojistikii Marii Nagaa
Shimalli, akkuma amalasaa, dhimmoota xixiqqaa, kan akka dhiyeessii haasaa nagaaf godhame, irratti illee, himannaa buสผuura hin qabne dhiyeesse. Jilli WBO marii nagaaf gara Taanzaaniyaatti akka imaluuf, mootummaan xiyyaara ergee akka haala mijeessetti dubbate. Kun soba adii dha.

Imalli jila kanaa guutummaatti michoota idil-addunyaatiin kan deeggarame yoo tau, xiyyaaraa fi hilikooptera qabeenyummaan isaa kan Waldaa Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa (ICRC) tahe fayyadamuun kan raawwatame ta'uun ifatti beekama.

Akka gaaritti wal yaadachiisuuf, jilli sirnicha bakka bu โ€Œuun garas imalee ture illee bifuma walfakkaatuun kan deeggarame ture.
Ummata keenyaf hoggansa fedhiif dantaa isaa calaqqisuu fi nageenya isaa eegutu malaaf. Sanatu gita Oromooti. Sun โ€œhooggansaโ€ Paartii Bilxiginnaa kan adiin gurraacha jedhee sobaa oolu keessaa hin jiru. Qabsoon haqa, bilisummaa, dimokraasii fi gaafatamummaa dhugoomsuuf taasifamu raafama tokko malee itti fufa!

Kello Media

30 Nov, 16:41


Kutaan Waraanaa 38ffaa WBO balleessuf Giddu Galatti K/Abiyyi Bobbaase Keessaa Kan Lubbuun Hafe Nama 240 Qofa.
Dhugaa Jirtu Boji'aamtota Irraa Caqasii.
Oromoon Kan Gumaa Baastu Yoo Hidhatte Qofa Kanaaf Hidhannoo Kee Jabeeffadhu Yoos Abbaa Biyyaa Taata.
WBOn Haa Waaru
IUOf

Kello Media

28 Nov, 17:17


Giddu Galatti Humni Haaran Leenji waraanaa fi siyaasa fudhachaa turee ebbifamuun gara dirqama itti anuuti bobbaafame jira.

Oromoon Ammas Humna Isa Gitu Horachuu Qaba.
Maatif Dinqisifattooni WBO Baga Gammaddan.

Kello Media

27 Nov, 18:08


Akka Faannoo Ummatarraa hin dhorkine kan nu ittisu โ€œShaneedhaโ€ (WBO) jedha.

Finxaaleyyiii Faannoo daangaa Oromiyaan naannoo Amaaraatin wal daangessitu hundaan seentee Ummata Oromoo nagaa morma kukkutaa jirtu akka hin dhoorkineef kan humna nagaa keenya rukutee nu rakkise WB@dha jedha shimallis.

Egaa nutis ni gaafanna:-
1ffaa Faannoodhaaf heyyama Oromiyaa seenanii Shanee loluu jedhuun walii galtee Tamasgeen Xurunaa waliin walii galtee mallatteessee qarshii Miliyoona 25 kan kenne mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaatiin durfamu addatti naannoo amaaraa dhaqee walii galtee kana mallatteessun Shimallis mataa isaatii mitii? ofii bobbastanii eenyuurraa dhoorkitu?

2ffaa, Faannoo Ofii hidhachiiftanii daangaa Oromiyaa keessa seenuu qofa otuu hin taane Oromoo buqqisee qeyee Oromoo dhuunfatee kaampii waraanaa ijaarratee akka jiraatu kan heyyame isin malee eenyudha? Yoo quba hin qabnu jettan lafa dheengadda rakkoon itti dhagahame aanaa Darraa Salaal-kullaadhaa hanga Jaardagaa Jaartetti, Angar Guuteedhaa hanga amuruutti, Boosatii hanga Fantaalletti gandoota isaan kaampii godhatan waliin isiniif himuu dandeenya.

3ffaa, waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo meeqa faannoo keessan gaafa inni Oromiyaa keessaa rukutee baasuf duula eegalu isin Diroonidhaan Faannorra gortanii haleelaa turtan. Kan fagoo haa dhiifnuuti dhiheenyuma kana aanaa Darraatti maal raawwattan?

4ffaa, Poolisii Oromiyaa aantummaadhan Finxaaleyyii kana Ummatarraa rukutaa turan meeqa qabdanii hiitan? Ijoollee oromoo Yunifoormii mootummaa uffattee Ummata ofii humna badii kanarraa ittisuuf hiriirte โ€œergama shanee qabdaโ€ jettanii rashantan? Kan mana hidhaa jiaranii hanga rashanamaniitti maqaa guutuu qabna. Aanaa boosatii fi Fantaalletti sabboontota Yunifoormii keessan uffatanii nagaa ummataa tiksuuf bobbaโ€™an maal goosiftan?

5ffaa, dhuguma Waraanni bilisummaa Oromoo fi Poolisiin Oromiyaa daangaa Oromiyaa tiksuuf daangarra jiru wal waraanu moo waliin diina qolachaa turan? Kana Ummanni lixa Oromiyaa agamsaa hanga Angar jiru ragaa hin taโ€™uu? Eenyutu ammoo morma itti cite?

6ffaa, Ummata Daangarra jiru milishaa keessanii fi warra isin WB@ fakkeessitanii bobbaaftanii mitii kan meeshaa irraa hiikee diina duuban itti ergee ficcisiise? Agmsatti maaltu raawwatame?

7ffaa, Dhuguma humna hidhataa โ€œmootummaanโ€ keessan bobbaasu malee faannoo Kamtu Gujiitti, Booranatti,Arsii Shirkaatti mana ummataatti bidda qabsiisaa oola? Humni kun fira moo diina Oromooti? Wantin godinaalee amma maqaa dhahe kana keessattiraawwatame waan finxaaleyyiin isin bobbaaftan raawwataniin maalin wal adda?

8ffaa, - Jeneraalonni keessan โ€œShanee balleessineerraโ€ jedhanii yeroo meeqa ibsa baasaa fi xiinxala kennaa turanii harโ€™a humna balleessine jettan kanatu nu uggure yoo jettan haasaan keessan kun wal isin harkaa hin dhahuu ?

9. Abiyyi Ahimadii mitii paarlaamaa gubbaa taaโ€™ee โ€œFaannon humna nagaa waan godhu beekudha. Ni kabjna kallattii barbbaannutti bobbaafna? kan jedhaa ture?

10. Itaamaazhoorii Keessanii mitii Faannoo waliin wal lola hin qabu walis hin waraannu jechaa kan ture? Ammas kan nu lole faannoo miti warra maqaa kanaan gurmaaye malee jechaa hin jiruu?

kkf baayyee kaasuu dandeenya.

Furmaataf hoo m@highlight jirtu ree?

- Akkuma jettanuu humna humna mootummaa keessanii kana caalee Oromiyaa akka isin hin tooโ€™annee fi nagaa ummataa tiksuu isin dhoorke kana waliin maaltu araara waaraa buusuu isin dhoorke?

- Ummata Oromoo ni bulchina jettan erga nagaa isaa eeguu hin dandeenyee mootummaa jettanii of waamuf ulaagaan keessan maali?

- Aangon keessan hoo erga Ummata kanaaf nagaa buusuf hin oollee eenyuf aangorra jirtu?

waan baayyee kaasuu dandeenya garuu mee hammanuma lapheerra bufadhaa โ€ฆ @highlight

Kello Media

24 Nov, 18:27


๐Ÿ€ Oromiyaa Godinoota Garaagaraa keessatti bifa adda ta'een dargaggeessi dirqiin mooraa leenjii waraanatti guuramaa Jira!

Kun Dargaggeessa G.jimmaati.

Kello Media

24 Nov, 16:39


Odeessaa Xixiqqoo
Qubsumaa fi Sochii Diina Beeku Qabna
๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ๐Ÿ”ญ

๐ŸซธOf Eeggannoon Godhamuu Qabu, RIB Yeroo Gandaa Baadiyyaa Qubatee taa'uu eegaltu akka Milishaa miti. RIB Humna muraasa Kaambiiti dhiiftee irraa Cabsatee Bosona Naannoo keessa Bulti.

๐ŸซธToora Daandii WBO irra gara Kaambii ishee dhufu ykn Seenaa fi Ba'insa daandi  Magaalaa Bosona Guddaati riphxee Bulti .

๐ŸซธAkka tasaa yeroo WBO dhufee Kaambiiti dhukaasa  banee Waan godhu godhee Yeroo inni deebi'uu warri Bosona riphxee jirtu Karaa teessee Dhahuu yaalti.

WBO yeroo tarkaanfii fidhatu Sirriiti Sochii fi Qubsuma Diina adda baasee Qorate beekuu qaba

๐ŸซธKanaaf WBO Kaambii rukutuu Qofaa utuu hin taanee Odeessaa Sochi Qubsuma Diinaa cimsee adda baasee Lolatti seenuuu qaba.

๐ŸซธDiinni tooftaa ijijjiirtee yaali Gooti Waan taheef Sochii Diinaa Qorannoo gochaa Adeemuu fi Keessoo ofiis hubachuun Gaariidha. Sababiin isaa yeroo WBO Magaalaa akkasi tokko haleeluuf yeroo Ka'u Odeessi dursee gurra Diinaa akka hin seenne ittisuu qabna.

Kello Media

24 Nov, 16:04


Sanyii Nagaasaa waraana 3000 ajaja koo jala jirutu gala jedhe jenaan, OPDOn waraana gala jedhame marsaa 1ffaa fe'achuuf Baasota TATA 25 ganamaan Ilfata galchite manneen barnoota keessa, dunkaana dhaabdee, kadiroota ishee abbootii gadaa jettutti gaabii dirtee, digisii illim jedhe qopheesitee, midiyaalee akka OBN, Fana, ETVfi kkf osuma eegduu, sa'aatiin deeme. Fagoorraa dhufaa jira waraanni waan ta'eefi osuma jedhamu lafti dhihe. Bultee eegnaanis homtuu hin dhbe. Waraana kuma 3 miti, waraanni Sanyii faana turan 62 ta'an yoo dubbiin galtuufi hud-duu keeti muka jechuun, gara ajaja waraanaa GGtti deemuun akka gabaasan kallatiin kennameefii turetti kutan. Miseensi hongansa ajaja zoonii waraanichaa, JL Oljiraan lakki ani harka hin kennadhu jennaanis, bakka jiurtti makalakayaa geesanii itti marsiisuun harka kennudhu illee osoo hin jedhiin galafachiisan. OPDOn waraana WBO 3,000 harka kennata jedhame, Finfinnee Masqaal Addababayii irratti hiriira baasuun agarsiisaaf qopha'aa turte kisaaraa irra gahe sanatti aaruun, Sanyiin VOAfi BBC irratti akka waa labsu gootus, snu immoo daraanuu gudii godhe. Amma Sanyii Nagaasaa taraa ergamtuu ta'uun, qonnaan bulaafi namoota isaan gargaara ture hisisuutti gadi teessee jirti. Gabaabumatti Carraa Sanyii mudate, caarraauma gantoota mudatutu mudate. Kan gantuu kanaa adda kan godhu, oolee osoo hin buliin ta'uu isaati!

Sanyii Nagaasaa har'a gantummaa isaa " araaraani gale" jedhee labsachuun qabeenya qonnaan bulaa saameen tandalaqaqe jiraachuuf yaaluus Shimelis Abdisa " hin ta'u, waraana 3,000 galcha jettee, 13 qabattee hin labsinu, yoo barbaadde waraana walitti qabuun, barkat gochuun galta, kanaa ala waan jedhamtu dalagaauma turi" ittiin jechuun salphina gantuun irraa hin oolle sana dhadhamachisaa jiru.

Kello Media

23 Nov, 08:57


Oromoon biyyaa Kana kessatti waan Hin tanee qabu kun tatee Naannoo Gambelaa kessatti Jiratotaa Irratti ta'eedhaa Oromoo mirgaa Kee Kabachisatee jirachuuf Qabsoo Karaa Qawwee Duwatu furmataa waranaa Kee jabefadhuu Yoo didee atis Caraan ati qabdu kanuma share godhaa waali Dabarsaa

Kello Media

23 Nov, 04:05


Yoo diinni si q*lus, Yoo diinni saamee si godaansisus, Yoonni si dhiigsee, Yoonni jumlaan si daguuges.... Ati hiriira nagaa bahuun furmaata sitti fakkaata mitii?

#Muuu!๐Ÿ™„

Kello Media

22 Nov, 16:35


Mormiin morma muraa, kan barattoota Oromoo Yuunivarsitiileefi manneen barnoota sadarkaa gad-aanaatiin balaaleffatamaa oole guddoo dansaa!

Garuu mee... gochaan ilmaan Oromoo irratti ta'aa jiru kun, barattoota qofa dhukkubsaa? Moo mormiif barattoota qofaatu barbaachisaa? Oromoon taan cufa mee? Ayyee..!

Mormiin kun kan guyyaa tokkoofi lamaaf iyyaamee taa'u moo? Hanga furmaanni waaraan argamuutti itti fufaa? kan jedhu waan keessa kiyyaatti gaaffii uumeedha.

Kan biraa ammoo warri Pp faarsaa Faannoo balaaleffattan;kan furmaata akka godhu, mootummaa irraa eeggattan, mootummaan kunuu kamii? Abiyyiin mootummaa ni jedhamaa?
Sirna Pp duraatti kan morma ilma Oromoo kute ni jiraa?

Waggaa 4'n har'aa bara 2020, godina Gujii lixaa aanaa Surroo Baarguddaatti waraana Pp hin turree? kan Jl Taarikuu Gabayyoo Egersoo ciibsee morma muree ajjeessee, mataa qofaatti baasee hidhii uree, kan sibilaa hidhii keessa baasee, magaala keessa naannessee quufee, kan waajjira isaanii duratti guyyoota 3 ofii mataa ilma Oromoo fannise waraana Pp mitii? moo Faannootu Gujii lixaa dhufe? Morma muraa Faannoo osoo hin taane Pptu eegale. Taateen gujii lixaatti raawwatame sun hanga kan Wallaggaa, kan Jl Kaarruu fi har'a Salaaleetti ta'e kanaa, dhageettiiifi uwwisa miidiyaallee osoo hin argatin hafe.

Nan yaadadhaa ...miidiyaa keessaa ONM-ABO qofaa irratti kan Jaallannee Biqilaa dabarsite callaa arge.

Inni Gujii lixaatti raawwatame, Wallaggaatti irra deebi'ame; kan Wallaggaatti ta'es torbee tokkoof afarfamee darbe. Kunoo 3ffaa Salaaleetti ce'e. Yaa Oromoo yo ofiif jabaattee, humnoomtee ofirraa qolatte malee, kan itti himattuufi kan siif dhagahuu hin jiruu, jabaadhii hanga furmaanni waaraa argamuutti falma kee jabeessi!

Kello Media

22 Nov, 16:33


"Qurxumicha balleessuuf bishaanicha gogsuudha"

-Fiqaaduu Tasammaa

Akkuma jedhan gogsaa jiruu hin dagatinaa! Yaadadhaa jechuumaafi!

Kello Media

22 Nov, 16:28


Oromoo Dammaqi Ilmaan Kee Si Jalatti Fixaa Jira Impayeerri

Oromoo Balleessuf Aggammii guddaaf project guddaan K/Abiyyii karaa ergamtoota isaaf karaa faannoo hojiiti seene jira.

Kello Media

22 Nov, 10:32


#Update #Darra
Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kaffaaloo Adareeti fi bulchaan aanaa Darraa Obbo Masfin Taayyee harโ€™a Ummanni ganama akka wal gahii bahu gochuudhaan waltajjiirratti ajaja โ€œViidiyoon waraabbamee tamsaโ€™aa ture sobadha, Shaneedha malee faannon homaa nun goone nagaa qabnaโ€ jedhaatii hiriira bahaa jedhanii ajaja kennaniin ummata dirqiidhan hiriira baasanii yakka raawwatame haalchisaa jiru.

Doorsisa ummatarra gahaa qeyeerraa buqqaโ€™ee bosona keessa jiru sanarra gahaa jiruu fi namoota hidhamaniitin walitti deebinaโ€ฆ

Ijjii fi gurrri Oromoo hundi Darraa jira kana beekaa โ€ฆ!

Kello Media

22 Nov, 10:28


#OduuAmmee
Kaadireen Aanaa Darraa nama rasaasa meeshaa guddaa ummatatti dhukaafame harkatti baatee ture kana qabanii hidhaa galchaniiru. Ummata rakkoo sana keessa jirus walitti qabanii gochi viidiyoodhan waraabamee darbe sun hunduu soba nuti nagaa qabna jedhaa hiriira bahaa jedhanii walitti qabanii gidirsaa jiru. Baldhinnaan walitti deebina...
@highlight

Kello Media

22 Nov, 10:03


Ibsa Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunivarsitii Dambi Doolloo irraa kenname.

Kello Media

22 Nov, 10:02


Gurri dhugaa dhaga'u, haasaa gabaabduu tanarraa waan hedduu arga.
โœ“Faannon walitti bu'uu hin feenu
โœ“Ajandaa fannon walitti nu buusu hin qabnu
โœ“Garaagarummaa Ajandaa siyaasaa hin qabnu jedha.
     Dhuguma Faannoon Kan kunuunsee kan guddise, Kan leenjise, Kan hidhachiise Qaama mootummaati.

Ajandaan siyaasaa Faannof Qaama mootummaa kana walitti buusu hin jiru taanan Ajandaa Waloo, Waraana Bilisummaa Oromoo'n walitti isaan buusu Akka qaban garuu asirraa hubanna.
    Oromoon nama osoo hin taane sirna Oromoof balaafamaa Sana jibbaree.

Kello Media

22 Nov, 10:00


Ibsa Ejjennoo fi Gaaffii Mirgaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Arsii!

Uummanni Oromoo dur-bara moototaa irraa kaasee, hanga har'a irra jirru kanaatti ajjeechaa, hacuuccaa, reebichii fi hidhaan irraa dhaabbatee hin beeku. Akkasumas, uummanni Kun Diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasaan kufee, bitamee bara hunda akka jiraatu karaa hundaan irratti hojjetamaa as-gahe. Haati Oromoo fi Abbaan Oromoo boohicha 'Wayyoo Ilmakoo' jedhuu fi 'Wayyoo Intalakoo' jedhu addaan hin kunne. Qabeenyi nuti qabnu osoo dargaggeessi Oromoo beelahuu halagaan saamamee dhumaa jira. Osoo qabeenya keenyatti fayyadamuuf, mirga karaa seeraas karaa uumamaas qabnuu, faallaasaa garuu qabeenyi uumamaa Oromoo, uummata Oromoodhaaf diina waan bite fakkaata.
Har'as, uummanni Oromoo isa durii caalaa ajjeefamuun jabaatee itti fufee jira. Uumanni kun har'a hiree tokkollee dhabee ilmaan Abbaa hin qabne fakkaatee jira. Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo irraa mulqamee gochi sanyii duguuggaa uumata kana irratti taasifamaa jira. Nuti barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Arsii uummata Oromoo Haadhaa fi Abbaa keenya bakka buunee mirga lubbuun jiraachuu keenyaa fi uummata keenyaaf cichinee ni falmanna; gaaffii mirgaas gaafachuu itti fufna. Hanga Mootummaan 'ibsa ejjennoo' gaaffii uumataa kana irratti qabu kennuu fi tarkaanfii fudhatamuu qabu fudhachuu eegalutti barnootaaf daree akka hin seenne beeksisuu barbaanna. Gaaffii ijoo nuti Mootummaa gaafachuu barbaannuu fi wantoonni nuti Mootummootaa fi dhaabbilee mirgoota Namoomaa Idil-Addunyaatti agarsiisuu barbaannu:
1) Mootummaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu uumata Oromoo kabajuu qaba.
2) Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu uumata Oromoo kabajamuu qaba.
3) Uummanni Oromoo akkuma Saba kamiiyyuu hidhannoo 'Qawwee' uummaticha gitu hidhachuu qaba.
4) Daangaan Oromiyaa kabajamuu qaba.
5) Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo kabajamuu qaba.
6) Humna finxaaleyyii nafxanyaa 'Faannoo' daangaa Oromiyaa keessaa hatattamaan Mootummaan qulqulleessee baasuu qaba.
7) Mirgi Barsiisota keenyaa kabajamuu fi gaaffiin Barsiisota keenyaa deebii quubsaa argachuu qaba.
Sadaasa, 21/2024 G.C

Kello Media

21 Nov, 16:58


Jenaraal Tesfaayee Ayyaaloo kan jedhamu Kun !Dhalataa Daarraatti!Gandoota Afaan Amaaraa dubbatan keessatti dhalatee guddate.Inni Jeneraala BiyyaatiObboleessi isaa Asaminoo Ayyaaloo jedhama.Hogganaa Faannoo naannoo sanaati.

Guyyaa sadii dura Darraa ture.Taateen vidiyoon argine sun kan dhihoo ta'us uummati erga gadadoo keessummeessuu eegalee waggaa 6 ga'e Jira
Mootummaan beekati gocha kana raawwataa jira kan jennuuf sababni guddaan kana.

Bulchaa Godina Kaabaa shaggar Salaalee obbo Kaffaloo Adaree fi Bulchaa aanaa Darraa Obbo Masfin Tasfaayee ifaan ifattj Faannoo deeggaru uummanni qalamaa jiru Kun iyyaachaa ture.
Garuu iyyi uummata kanaa ibsaa guuboo Keessaa ta'ee namni dhaga'uuf hin jiru.

Faannoo fi Mootummaan qaama tokko; Lamaanuu Oromoo ajjeesu.
Mootummaan kun karaa namni naqqa'uu hin dabdeenyeen Faannoo waliin harka wal keessa naqatee Oromoo ajjeess@@ Jira,Kunis sirni darbes sirni ammaa Kunis Oromoo waan sodaataniif karaa Oromoon itti baduuf itti jilbeenfatu hojjetaa oolu.

Jech Gaallaa jedhu dura mootummaa Abyin jedhamutti ka'e, Kunis sababa ta'eef qaba.
Fannoo kan hidhachiise Mootummaa Piltsiginnaa ta'uu isaa hunduu kan beektaniidha.
Maaliif akka hidhachiisanis hundaaf ifaadha.
Yeroo mara Piltsiginnaan jibba fannoo haasafti,fannoonis jibba Abiy asoofti, ajajoonni waraanaa fi bulchitoonni Magaalaa Oromiyaa heedduun fannoo waliin hojjetu.
Kunis project amilee Fi mataa uummatichaa ittiin cabsan Shira dalagameedha

Kanaaf Uummata Daarraa kan fixees kan ficcisiisees Mootummaa fi fannoodha.

Kello Media

21 Nov, 16:39


Barattoonni guyyaa hardha
1,Arsi university โœ…
2,Ambo university โœ…
3,Wallaga University โœ…
4,Salaale University โœ…
5,Jimma University โœ…
6,Madda Walaabu University โœ…
7,Haramayaa University โœ…
8,Kotabe University โœ…
9,Mattuu University โœ…๏ธ
10,Bulee Horaaโœ…๏ธ
11,Assosa Universityโœ…
12,Finfinnee Universityโœ…
fi barattoonni sadarkaa addaa addaa irraa uummata keessaniif sagalee taatan
Galatoomaa!
Ammalleen itti fufa dammaqiinsi uummata keenyaa caalaatti waliin ka'uu qaba sanatu fala.
Haqaafan Fayyeeraa

Kello Media

21 Nov, 15:55


Dhoksaan Dharraa Keessaa

Warra waliin dhalatetu wal ta'ee saba keenya nyate,
sunsuma bakka lamaa kan Oromoo bilcheesse.
```````````````````````````````````````
  "Letenaanti Jeneraal Tesfaayee Ayyaalew naannoo Salaaleetti Ajajaa Raayyaa Ittisa Biyyaa yoo ta'u, obboleessi isaa Alamaayyoo Ayyaalew naannoo Darraatti hogganaa Faannoti!

Dhugaan jiru kana!"

Kello Media

20 Nov, 10:12


~Rakkoo hawaasa kee hirmaachuu yoo hin dandeenye rakkisurraa of eegi !
Yoo Hawwaasa antummaa hawaasa keeti qabaatte ammoo wan dandeessun cina dhaabbadhu

Kello Media

13 Nov, 17:38


Milishaan Sirna PP
1. Dargaggoota baadiyyaa irraa  gara Magaalaa deemaan daandii gurguddaa Magaalaa Seenuu irratti qabaa jiru.
2.  Namoota Hospitaala  keessatti  nama dhukkubsatu bira jirus qabaa jiru. 
3. Barattoota kuta 12 qoramanii qabxiin jalaa hafte yeroo isaan tiranskirptii fudhachuuf gara mana baranoota deemaan mana barnoota keessa taa'anii adamsaa jiru akkasumas ganda keessa deemuun adaamsa jiru.
4. Barattoota kollajjii gara garaa irraa maatii ilaaluuf maatii bira deemaanis qabanii gara Adda Waraanatti guuraa waan jiraaniif ofeeggannoo godha.

Kello Media

13 Nov, 16:55


A soldier's performance is measured not only by his ability to shoot a gun but also by his discipline.
If a soldier kills and plays with the corpse or captures and tortures it, that person is a shifta, not a soldier.
    The OLA is known for its greatest ethic of caring for captives.
   
             
          WBOn Haa Waaru

Kello Media

07 Nov, 17:24


~WBOn, Abukaattoo Gadaa Gurraachoota Hortee Kuush Orom-Durii; Angafticha Nagaaf Wal-Qixxummaa Lallabu Kaleessaati!
~~~~~~~~
Gadaan gurraachoota Bahaa Afriikaa guddichi hortee Kuush- Orom-durii, kaleessa uumamaa Ardii kamiifuu mirgaaf wal qixxummaa lallabaa turte deebisee har'a hundeen gadi dhaabuuf jaarmiyaan ulfina qabeessi ABO-WBO, korommiiwwan naamusaaf sansakkaan cuuphamte gaarreniif lageen Oromiyaa keessatti horsiisuun teessoo Impaayeeraa raasee gabrummaa seenaa taasisuuf daandii injifannoorra bu'ee jira.

Uummanni Oromoo guddichi Gaanfa Afriikaa, abbaan falaasama sirna Gadaa, abbaan dilbii seenaaf duudhaa, guuzi aadaaf safuu, angafni qaroomina Addunyaa durii, inni ilma namaaf uumama maraaf nagaaf walqixxummaa lallabu; Uummanni Oromoo yeroo inni waanjoo harqoota gabrummaa ganna 160 cabsee biyya qananiituu dachee Oromoo waanjoo gabrummaarraa qulloofte Oromiyaa guddoo Gaanfa Afriikaatti gadi dhaabu fagoo miti! Oromoo jajjabaadhu, booruun baqaquufii!

Quba qabaadhu! Oromoof Oromiyaa giddugala falaasamaa, siyaasaa, hawaas-dinagdee, saayinsiifi teeknooloojii, barnootaa taate dhiigaaf lafeen ijaarree guddummaa keenya kaleessaatti ni deebina!

Faajjiin Mo'ichaa Dhugaa Gurraachoota Hortee Kuush-Orom-Durii Lallabu Shakkii Tokko Malee ABO-WBOn, Gadi Dhaabbachuuf Jira!

Oromiyaan Biyya Guddoo Gaanfa Afriikaati!

Kello Media

07 Nov, 17:02


~Xurreen Kaleessa Dhiigaaf Lafee Jaallaniin Tattaraaramte Imaanaadha; Har'a Abbaafi Ilmaan, Intalaafi Abbaan Tikfamuutti Jira!

Maaliif qabsichi nu marara beektuu? Laal! Qabsoo Bilisummaa Oromoo duuba Abbaaf Intala, Abbaaf Ilma, Obboleessaaf Obboleettii akkasumas, Obboleessaaf Obboleessatu jira; kanaaf qabsichi akka malee nu marara, quba qabaadhaa!

Har'a maatiin hacuuccaafi rirriittaa murna abbaa irreen mana ba'e kun dantaa ofii awwaalee dantaa sabasaa qaalii tiksuuf hidhannoo sammuufi mudhii jabeeffatee falma hadhooftuu dirree qabsoo gubbaatti diina waliin  gaggeessuutti jira.

Kana malees, qabsoo gaggeeffamuun sirna abbaa irree afaan qawween mirga abbaa biyyummaa Oromoo sarbuun dantaa sabichaa bu'aan sharafate harkaa micciiranii fuudhuun Oromiyaa walabaa waanjoo gabrummaarraa qulloofte dhaloota dhaalchisuudha!

Qabsoon Bilisummaa Oromoo Dhugaa Kanaaf Akka Malee Nu Marara!

๐Ÿ‘‰Hinsharafnu!

โœ๏ธBarii Bilisummaa

Kello Media

31 Oct, 17:41


Wallaalummaan hanqina/ dhabiinsa beekumsaa (muuxannoo jireenyaa, ogummaa ykn barumsaa) ti. Ofitti amanamummaan beekumsa irraa bilisa taโ€™e ammoo oftuulummaa( arrogance) jedhama. Namni oftuulummaan keessatti darare akka waan hundaa beekutti (โ€˜jack of all tradesโ€™ taโ€™etti ) ofhubata. Namni akkasii barsiisuu malee barachuufis banaa miti. Of sakattaโ€™ee wallaalummaa isa keessatti daraaree jiru carraan itti argu/ hubatu baayyee dhiphaa dha. Kan nama ajaaโ€™ibu namootni gad-buโ€™oon akkasii โ€œofitti amanummaanโ€isaanii baayyee guddaa dha. Dhimmoota hundaa irratti beekumsa guutee dhangalaโ€™u akka qabanitti of ilaalu. Kanaafi yeroo media irratti ol bahan saalfii tokko malee hunda-beekeyyii (philosopher, economist, engineer, historian, doctor,โ€ฆ) taโ€™anii kan xiinxala balโ€™aa kennani. Abiy Ahimad โ€œmisooma koridara fi urban quality of lifeโ€ irratti xiinxala dheeraa yeroo kennu yoo dhageeffattu, hiikkaan makmaaksa โ€œ buqqeen yeroo argatte dhagaa cabsitiโ€ jedhuu sirriitti siif gala. Dhugaa dubbachuuf donqooroo (arrogant) fi wallaalaa (ignorant) akka Abiy Ahimad barbaadanii argachuun ni ulfaata.

Kello Media

27 Oct, 07:32


Biltsiginnaa/ OPDOn qabxii ololaa ofii itti hin amanne tolchuun fayyaalessota ittiin boochifti. Ajandaan ololaa โ€œPeace has no alternativeโ€ jettu xiqquma diddibamtee โ€œWAR IS NOT THE ANSWERโ€ taโ€™uun as baatee jirti. Waraanni barbaachisaa akka hintaane, lubbuu fi qabeenya akka gaagaโ€™u, jiruufi jireenya ilma namaa akka hadheessu kan hinhubanne hinjiru. Taโ€™us waraanni dhaadannootiin dhaabbatu hinjiru. Waraanni kan dhaabbatu dhugaan yoo injifate ykn gaafa haqa walii deebisuun dandahame qofaa dha.

Kello Media

16 Oct, 18:46


Seenaa QBO keessatti Dhalootichi Bu'aa Qawwee Elemoo Qiltuurraa, humna tokkummaa jaallan Shinniggatti kufterraa, cichoomina Laggasaa wagiifaarraa barate waan ta'eef ka'uumsasaa cimsee beeka.
Bakka gahus cimsee waan beekuf yeroo kamuu Annisan isaa hoo'a dha.
Kan inni barbaadu golgaa Aduuf dhiphinaa Gaaddisa Ummatasaa qofa.

Mararfattoonni Damboobi jedhaanii!
Oromiyaan Ilmaanshen Ni Walaboomti
IUOf

Kello Media

12 Oct, 10:19


Yaaliin Giddugala Oromiyaatti xaxamee tures ji'oota dura furga'ee, gubatee, gatame.

Ji'oota muraasa dura, dhimmoota naamusaa jajjaboo irratti qorannoo dheeraa erga godhee booda, hogganni ABO-WBO namoota dhuunfaa hoggana WBO zoonii Giddu Galeessa Oromiyaa keessa turan muraasa irratti, tarkaanfii naamusaa fudhatame
beeksise. Diina waliin hojjechuun namoota kanaa erga ragaa shakkii hin qabneen (incontrovertible evidence) mirkanaahee booda, murtoo hogganni ABO-WBO zoonii hundumaa, hoggana zoonii giddugalaa dabaltee, dabarsan, Ajajaan Olaanaan dhaabichaa
turtii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa walin taasisaniin ifatti beeksisani. Waraaanni namoonni tarkaanfiin naamusaa irratti fudhatame kun hogganan homtuu akka hin jirree fi hogganni Waraana Bilisummaa Oromoo zooni Gidduu Galeessaa durumaa (ji'oota torba dura) Jaal Abdii Dhugaatti dabarfamuun ibsame.

Dabalataan, torban darbe, itti aanaan Ajajaa Olaanaa dhaabichaa murtoo kana irratti ibsa dabalataa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irratti keennan. Ajaajaan WBO Giddugalessa Oromiyaa ille gantummaa namoota tarkaanfiin naamusaa irratti fudhatamee jala Giddugaleessa Oromiyaa hoggana isaanii jala jiru walin walitti dhufeenya akka hin qabne BBCf mirkaneessan.

Namoonni tarkaanfiin naamusaa irratti fudhatame kun, duraan humnoota Bilxiginnaa fi aangawoota Rayyaa ittisa biyyaa walin dhoksaan wal quunnamaa turani. Sanaaf ragaa hedduutu nu harka ture. Boodarra garuu dubbin ifatti bahee mul'ate. Angawwoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Bilxiginnaa, namoota tarkaanfli naamusaa WBOn irratti fudhate
keessaa tokkoof karaa Sagalee Ameerikaa (VOA) Sagantaa Afaan Oromoo fi BBC Afaan Oromoo turtii akka taasisu haala mijeessani. Kana midiyoonni kun ofi isaanii mirkaneessaniiru. Itti fufuun jeneraallonnin Bilxiginnaa illee ifatti bahanii deggarsa isaanii argisiisani. Har'a immoo Shimalis Abdiisaa sududaan koottaa galaa, isin eegaa jirra jedheera. Carraa gaarii hawwinaaf.

Sududuma keessoon jarmayaa qulqullaahaa deemeen, Oromoon rarraga bilisummaan gaha!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Ajaja Olanaa ABO-WBO

Onkoloolessa 10, 2024

Kello Media

11 Oct, 18:41


Dubbii xuxxuqxan dubbii dhalchitan Ethiopia xiiqii keessa galchitan.
Jarri kun sadan osoo dhuguma Ethiopia ruยฐkutuuf walii galu ta'ee secret agreement akka Triple Entete fi Triple Alliance sana godhu malee of hinmul'isan ture.
Show of gochuun Kuni garuu loยฐlaaf osoo hintaane dooยฐrsisoodha.
Waa takka shakkiin Ethiopia tiyya๐Ÿ˜„

Kello Media

11 Oct, 18:07


Wal Gaareffannan Gaanfa Africa Akkuma Itti Fufeeti Jira.

Eertiraa, Masrii fi Somaaliyaan marii gam-sadee kaleessa Asmaraatti taasisan booda ibsa waloo baasaniin, Somaaliyaan โ€œdaangaa lafaa fi galaana ishee akka eegdu" tumsuuf waliigaluu beeksisan.

Biraanu Juulaa ammoo afuura sodaan Itophiyaan Eritrea waliin waal dhabde hin qabdu jedhe midiyaarra lallabus Ethio tele com ammoo sarara bilbilaa Eritrea waliin qabu adda kutee jira.

Oromiyaan Biyya
WBO kee Jabeeffadhu.

Kello Media

06 Oct, 07:12


Central Command TDF- TPLF kora Sabaa gageesateef beekamtii akka kennu murteessuun isaa yoo dhagahamu, Getachoo Raddaa atatamaan aangoo akka gadi lakkisu ajaja kennuun beekameera. Getachoon osoo hin jaallatiin guyyoota muraasa keessatti aangoo gadi akka lakkisutu ergama. Murtoo kana hordofuun OPDO/Bilxiginnaan pherepheramaa akka jirtus beekameera.

Sirna faashistii keessatti Qawwee ala waanti sikabbachiisu tokko hin jiru.

Kello Media

01 Oct, 17:35


Hirmii Baafadha.

Ajajoonni PP kunneen warra lola dheengadda fulbaana 29/2024 Jajjabee Madda Albuudaatin Tikeetni murameefidha.

Kello Media

01 Oct, 17:30


Dhuuma Gantuu

"Akkam jirta? Yaada wayii siif qooda jedheen jaal. Amma mana murtii ol'aanaa Go/shawaa lixaa jira. Miseensonni WBO  jechuun harka kennatan baay'inaan 50 ol ta'an yakka shororkeessummaan himatamanii m/murtiitti dhiyaataniiru.
Kan si ajaaibu abbootii gadaan kan simatan illee keessa jiru."

Kello Media

29 Sep, 06:14


Sasiggaatti dhukee irraa kaasutti jira leencichi.
Milkiin kan abbaa haqaaf

Kello Media

27 Sep, 19:57


Gantuun Hin Milkooftu!
Namni kun WBO ganee magalatti galee ture, erga galee booda aanaa fantallee magalaa Mataa Haaraa keessatti  ummata Oromo bobbaa fi gala isaa rakkisa turee.
ummata kanan isiintu duraan nyaata nu dhiyyeessa ture jechuun Ummata naga rakkisa, hidhaa dararaa utuu jiru deebi'e harka leencicha galeera.
Isaan hafanis carraan isaani kanuma ta'u isin hubachifna.
koomandar Tamesgen ammoo naasun waa meeqa balleecha jira jedhan. Waa maraafu innis dhumniisa harkuuma keenya.

Kello Media

23 Sep, 06:51


~Aanaa Abuunaa Gindabarat bulchiinsa magaalaa lama furxoof biitee keessaa ari'ee qabeenya ummataa ppn saamte harkaa buusee uummataaf deebise jira!
IUOf

Kello Media

21 Sep, 16:53


~Injifannoo
Aanaa Gullisoo fi boojjii coqorsaa jalatti  tarkaanfii kaleessaa  kaasee WBON Waraana maafiyaa irratti fudhachaa jiruun kaan du'aan fi madoon immoo gara aayiraatti rifeerii tahee jira๐Ÿ’ช
itti fufa......

Kello Media

21 Sep, 03:37


~Birgeedii Simbirtuu Barii!
     Of qopheessi lolli Finfinneetti jedhu!!
Nu milkeessi waaq!!

Biraanu Julaas yaaddoo keessa seenuun guyyaa harraa Bishooftu irraa Drone qabu hundaa sochoose jira.

Waa maraafu hawwaasi badiyyaa keessa jirtan waliitti baayyattan/gobbiitan dhaabbachu irraa of qusadhaa.

๐™’๐˜ฝ๐™Š ๐™’๐™–๐™ก๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™๐™ช๐™ก๐™™๐™ช๐™ง๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™ž

Kello Media

20 Sep, 12:51


Shabiyaan Zalambassaa to'aatetti.

Kanaan duraa Oromoon iddoo kanatti wan isa hin ilaalanneti ilmaan isaa kuma dhibbaa oli itti gabbareera.

Amma moo PPn meeqa itti gabbarsiisuf qopheessiteti laa?

Kello Media

16 Sep, 19:23


Of-Qopheessi
============
Akka Oromiyaatti ppn lola WBO waliin geggeessaa jirtu dadhabuun, olola bantee itti hin milkoofne.
Gantoota mooraa qabsoo keessatti ijaartus itti salphatte.
Hattoota WBO fakkaattus bosona seensistus dhukkee irraa kaafnee ariinee baafneerra.

Yeroo ammaa kana maatii qabsaawotaa akka ajjeesaniif dirqama miliishaaf kennitee jirti.
~Kanaafuu
~Miliishaan
~Gaachana sirnaa
~Kaabineen
~Dabballeen
~Poolisii fi
Caasaan tikaa pp kamillee Oromiyaa keessatti bakkaa bakkatti socho'uu akka hin dandeenyee fi kallattii kamiin iyyuu daandiin akka itti cufamuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaamsa waliif dabarsaa!

WBOn waan godhu beeka.
Qeerroon dirqama sirraa eegamu ba'i!

๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™ฎ๐™–๐™– ๐˜ฝ๐™ž๐™ฎ๐™ฎ๐™–