Odoo si taatee maal goota?
Jireenya kee keessa Nama lamaatu jira.
1ffaa, Hedduu si jaalatti dhooyfattees, ifa baafattees si hordofti. Mallattoo akka si jaalattu argisiisu mara irratti argitee jirta. Hedduu "care" si goote, waan siin taheefii sirraa argame cufaaf hedduu bakka laatti, si dinqisiifatti, Garuu ulaagaalee ati lafaa qabdu, Nama tokko jireenya keetti dabaluuf waan kana kana guutuu qaban jattee kan ati tarreeffattee qabdu siif hin guuttu. Ulaagaalee tee San keessaa ulaagaa si jaalachuu qofa naaf guutti jattee yaadda.
2ffaa, Mallattoolee akka si jaalattu isii irraa mullisan xiqqollee irratti hin argitu. Yoo ati itti dhiyaachuu feetees karaa itti dhiyaattuun siif hin mijjeessitu, xiqqollee "care" si hin gootu, na jaalatti jachuuf xiqqollee mallattoo hin argitu. Ija laafummaaf akkana gooti akka hin janne immoo nama si hin tahiniif immoo bakka siif qabdu kan caalu itti argisiisti.
Tahuus garuu ulaagaalee jireenyaa kan naaf guutuu qaban jattee nama tokko irraa eeydu irra caalaa isaa guuttattee jirti. Namni kun bultii keessatti naaf gargaara, maatii guddisuu keessatti nama itti gaafatamummaa isaa bahachuu dandahu jattee tilmaamtee jirta. Ulaagaalee ati lafaa qabdu keessaa tan na jaalachuu qaban jatte qofa siif hin guutini.
Nama lamaan kana keessaa eenyuun filattee isaanii wajjiin bultii gad dhaabuu filatta?
✍Yaada keessaan "comment" jala barreessaa, hirmaannaan keessan bareedaa taanaan isiniifiin itti fufa.
Namni keessaan na qunnamuu feetan immoo👇
@K12vy3
An join zis channel👇
@JaQu2