MADDA BEEKKUMSAA🌳 @oromotoo Channel on Telegram

MADDA BEEKKUMSAA🌳

@oromotoo


"Abdii uummata bal'aa!"
-dhimma oromoo fi oromiyaaf
-galaa jireenyaaf
-seenaa qabsawotaaf
-imanaa beektotaaf
-Madda beekkumsaf
▷kayyoodhaf hojanna
☆Waliintaanee seenaa galmeessin!
YOUTUBE KEENYAF👇
https://youtu.be/p51FnhhOuDY

MADDA BEEKKUMSAA🌳 (Oromo)

MADDA BEEKKUMSAA🌳 is a vibrant and engaging Telegram channel that caters to the Oromo community. The channel, with the username @oromotoo, is dedicated to celebrating Oromo culture and heritage. It offers a platform for discussions on Oromo issues, promotes Oromo art, music, and literature, and shares insightful content on various aspects of Oromo life. Whether you are looking to connect with fellow Oromo individuals, learn more about Oromo traditions, or simply stay informed about Oromo news and events, MADDA BEEKKUMSAA🌳 is the perfect channel for you. Join us and become part of a community that values unity, pride, and the rich history of the Oromo people. Don't miss out on the opportunity to explore the beauty of Oromo culture and contribute to meaningful conversations that uplift and empower our community. Check out our YouTube channel for even more exciting content. Waliintaanee seenaa galmeessin! #OromoPride 🌳👇

MADDA BEEKKUMSAA🌳

29 Nov, 16:01


Rule No 1

Gammachuun jidduu keessanitti jiru cimee akka itti fufu yoo barbaadde namootaaf hin odeessin !
:¨·.·¨:
 `·.   @Jechootahayyoota

MADDA BEEKKUMSAA🌳

29 Nov, 16:01


Isa gadi ciibse morma kichu muru caala isa cal jedhee itti ilalaalutu laalaa harmee kichuutti uuma.😭
Inni har'a morma kichuu mure kun kaleessas harmaaf harka hadholi keenyaa muraa ture bakka muru jijjiirate malee inni hojii isaa ittuma jira.nuti mormaa gadiin ofirratti duuna amma mormas nu muruu guyyaa guyyaan amleeffatan.yaa warra ummata bakka buutan jaratti tanatti adaba hawaasarraa godhaa.
Imimmaan harmee kanaa isaan haa balleessu ibbo🥲.

®️ ✍️
@Jechootahayyoota

MADDA BEEKKUMSAA🌳

09 Nov, 11:38


#AKKAM_WAYYA?
****

Galiiliyoo Galiilee saayintistii beekamaa ture. Akkasumas Ammoo miseensa waldaa Kaatoolikiidha. Teleskooppiin ilaalee lafti akka aduutti naannoftu ibse. "Aduun lafatti hin naannoftu; lafatu aduutti naanna'a!" jedhee barsiise. Waan kun garuu aanga'oota amantaa Kaatoolikii akka malee aarse. "Kun uumama Waaqayyootti qoosuudha!" jedhan. Barumsa dogoggoraa kan Kitaaba Qulqulluu faallessu ta'uu isaa yaadan. Barsiisa isaa kana akka dhaabu deddeebi'anii
akeekkachiisan. Inni garuu ittuma fufee barsiise.

Dhuma irratti adabuuf murteessan. Koreen adaba itti murteesse. Namicha fudhatanii gaara guddaatti ol ba'an. Roggeen gaarichaa cabbii uffatee jira. Baay'ee qorra. Uffata isaa irraa baasanii cabbicha irra ciibsan. Qullaa isaa. Isa booda hamma dhiigni
isaa cobutti reeban. Reebicha guddaa qorra guddaa keessatti.
Baay'ee gidirfame. Dhuma irratti sagalee isaa dadhabee hollatuun akkana jedhe: "Yee jarana! Yookaan saayinsiin isiniif hin galu, yookaan immoo
Kitaabni Qulqulluun isiniif hin galu. Lachuu keessaa hin qabdan. Akkan itti isiniif ibsun dhabe.  Egaa akkam wayya?"
*
# Akkam_wayya ?
Waanan jechuuf jedhe jedheera. Dalga immoo akka na jalaa hin hiikne.

#A_Adha. #AU,irraa

Ergaa kanaa yoo jaallattee hiriyyoota keef share godhi.
Join 👇👇👇
@Oromotoo
@Oromotoo
@Oromotoo

MADDA BEEKKUMSAA🌳

31 Oct, 17:38


https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=nGDJjmJA
LFG!
PAWS is the new top dog! 🐾

MADDA BEEKKUMSAA🌳

06 Oct, 15:42


✍️ Wantoonni kan galma gahan... hanga abjuu keetiitiin osoo hin taane.. hanga ati galma sanitti gahuudhaaf irratti hojjatteen..
kanaafuu furtuun gammachuu abjuu gaarii qabaachuudha... furtuun milkaayinnaa abjuu qabdu sanarratti gatii barbaachisu hundaa kafaltee hojjachuudha....!!

👇
https://t.me/Jechootahayyoota

MADDA BEEKKUMSAA🌳

10 Sep, 21:50


BARRI 2🌻17 KUN:
▬▬▬▬▬▬▬▬
🌻 Kan Gammachuu!
🌻 Kan Milkaa'inaa!
🌻 Kan Badhaadhinaa!
🌻 Kan Jaalalaa!
🌻 Kan Tokkummaa!
🌻 Kan Guddinaa!
🌻 Kan Haaromsaa!!
   🌺 Isiniif!
   🌺 Maatii keessaniif!
   🌺 Ollaa keessaniif!
   🌺 Hiriyyoota Keessaniif!
   🌺 Biyya KEENYAAF!

🎄Bara Itti Mul'anni keessan dhugoomu!

🎄Bara itti bakka yaaddan geessan.

🎄Bara itti hojjettanii milkooftan!

🎄 Bara itti firii keessanitti gammaddan!

🌺 ISINIIF HAA TA'U! 🌻
Yoo jennu hawwii guddaa dhaan!


@Oromotoo
@Oromotoo

MADDA BEEKKUMSAA🌳

10 Sep, 20:27


Baga Bara Haaraan isin ga’e.

Bara haaraa , bara haaromaa, bara milkii isiniif haa ta’u!



@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

MADDA BEEKKUMSAA🌳

26 Aug, 14:12


🖤 ​​Suuta jettee du'uu jalqabda
yoo hin imalle, .
yoo hin dubbisne, .
Sagalee jireenyaa yoo hin dhaggeeffanne .
Yoo of hin dinqisiifanne.

🖤 ​​Suuta jettee du'uu jalqabda

Yeroo ofitti amanamummaa kee ajjeeste;
Yeroo namoonni kaan akka si gargaaran hin hayyamne.

🖤Suuta jettee du'uu jalqabda

Yoo garba amala keetii taatee Guyyaa guyyaan daandii tokko irra deemte...
Yoo hojii idilee kee hin jijjiirre ta’e, .
Yoo halluu adda addaa hin uffanne Ykn warra hin beekne waliin hin dubbanne.

Suuta jettee du'uu jalqabda
Yoo fedhii Fi miira kee isa jeeqamaa ta'ee sitti dhaga'amuu irraa fagaatte;Kanneen ija kee akka calaqqisu Fi onneen kee saffisaan akka dha'atu godhan irraa fagaatte .

🖤 ​​Suuta jettee du'uu jalqabda

Hojii keetti, ykn jaalala keetiin yeroo hin quufne jireenya kee yoo hin jijjiirre, .
Yoo waan hin mirkanoofneef nageenya qabdu risk fudhachuu baatte, .
Abjuu duukaa yoo hin deemne, ...

━━━━━━━━━━━
🖋️@Oromotoo
@Oromotoo

MADDA BEEKKUMSAA🌳

06 Jul, 17:08


"Jireenya kee keessatti nyaata akka qorichaatti sirnaan fayyadami; yoo akkas gochuu diddee umuriikee guutuu qoricha akka nyaataatti fayyadamaa jiraatta." #SteveJobs


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
   

MADDA BEEKKUMSAA🌳

06 Jul, 17:08


#DUBBIIWWAN_ABRAHAAM_LIINKAAN_GURGUDDOO !
~
1) Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
2) Hiriyyaan koo nama hundumaarra naaf caalu, Nama kitaaba ani hin dubbisne naaf kennedha.
3) Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
4) Waan feete ta'i; garuu itti cimi.
5) Akaakayyuunkoo eenyu akka ta'e hin beeku; ilmi ilma isaa eenyu ta'uuf, ta'uuf akka jirutu na dhiba.
6) Michuun kee nama diina ati qabdu qabuudha.
7) Waan har'a hojjechuu qabdu kamuu boriif hin kaa'iin.
8) Nagaa yoo feete beekamtummaa irraa of fageessi.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

MADDA BEEKKUMSAA🌳

21 Jun, 12:49


https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_1130202262 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift

MADDA BEEKKUMSAA🌳

21 Jun, 12:04


#Amma_Jalqabi!

Akka gaariitti hojjechuuf hin yaadda'in.  Callisiituma hojjechuu eegali.

Kitaaba gatii guddaa baaasu barreessuudhaaf hin yaadda'in, barreessuu qofa eegali.  Mo'ataa Grammy Award ta'uuf hin yaadda'in, muuziqaa qofa hojjedhu.  Kufaatii hin yaadda'in, mul'achuu fi yaaluu qofa itti fufi.  Tokkoffaa, wanti barbaachisaa taʼe, wanta gochuu barbaadde raawwachuu kee ti.  Sana booda dogoggora kee irraa barachuudhaan yeroo darbaa deemuun bakka barbaadde gahuu dandeessa.

Dhugaan jiru garuu wanti ati hojjettu ajaa'ibaa fi addunyaa jijjiiru ta'uu fi dhiisuu isaa yoo yaaddofte milkaa'ina guddaa hin argattu.  Wantoota kana kan argattu yeroo salphaatti waan hiika qabuu fi hiika qabu ofii keetii uumuuf of hayyamtudha.

Kanaaf mudaa kan hin qabne taʼuu mannaa guddina irratti xiyyeeffadhu.  Waan tokko haala gaariin hojjechuu mannaa, hojii sana hojjechuu irratti xiyyeeffadhu.  Sana booda hojii sana akka barbaaddetti gulaaluu, ijaaruu, fooyyessuu fi guddisuu dandeessa.

Gaara yaaddoo kee ofirraa baasuu qofa irraa jalqabi.  Hiriyaa koo mee ammuma jalqabi!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
     

MADDA BEEKKUMSAA🌳

03 Jun, 13:58


https://t.me/hamster_kombAt_bot/start?startapp=kentId1130202262
Play with me, become cryptoexchange CEO and get a token airdrop!
💸 2k Coins as a first-time gift
🔥 25k Coins if you have Telegram Premium

MADDA BEEKKUMSAA🌳

26 May, 23:42


#Sababa_hin_qabduu.

Nama komachuun baayyee salphaadha, sababa dhiheessuun baayyee salphaadha, kanaafis kufaatiif saaxilamuun salphaadha.

Sababa hin qabdu;  Hammam fudhatama qabaatanis, hamma fedhe haa ta'u nama komattu hin qabdu.Akkaataa jireenyi kee itti ta'uuf itti gaafatamummaa akka qabduu fi wanti si mudatu hundi kan sirra jiru malee kan nama biraa akka hin taane hubattee yeroo jiraattu, gadi teessee waan dandeessu hunda hojjechuuf yaalta.

Sababni kee hangam dhugaa ta'us na amani hin lakkaa'amu.  Itti gaafatamummaa fudhadhuu waantota hojjedhu, jireenya keessatti akkasitti injifatta. Hanga hojjetutti wanti tokkollee hin hojjetu, hanga sababa dhiheessuu dhiistee eenyuun akka komattu barbaaddutti hin hojjetu.

Jireenyi kun 100% itti gaafatamummaa kee ti, milkaa'ina kee fi kufaatii kee abbummaan qabadhuu hanga wanti tokko hojjechuu jalqabutti hojjechuu kee itti fufi.Yeroo hundumaa karaa argachuu yoo dadhabde sababa ni argatta, garuu hammam qorumsaa fi cimaa ta'us gonkumaa hin fudhatin.  Yeroo hunda fagoodha, argachuun sirratti hundaa'a.

Sababni yeroo hunda siif jiraata, carraan hin jiraatu, waan fedhe haa ta'u, seenaan guutuun tokkuma, kan komatamu si qofa.
Har'a murteessii waadaa gali, sababa hin fudhatin, hanga hojjetutti hojjechuu itti fufi.

Join 👇👑👑
@Oromotoo
@Oromotoo

MADDA BEEKKUMSAA🌳

26 May, 23:41


Wanta kana dhugaa nati fakkata mee linki isaa tuquudhan start godha  achiin booda nama gara linkichati Afeeruudhan checki godha.
🙏🙏🙏🙏🙏🙏


Baga nagaahan gara hojii Online dhuftan nama tokko gara liinkii kana affeeruun qarshii 10 argachuu dandeessu. Qarshiin keessan yeroo 100 guutuu baafachuu dandeessu.
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Hojionlinebot?start=r03531111220

MADDA BEEKKUMSAA🌳

20 May, 13:27


#JIREENYA_KOPPII

✍️Barataan gaafa qormaata qoramuu akka wal-irraa hin korojneef barsisonnii mala isaan fayyadamantuu jira innis qormaataaf koodii laachuudhani. gaafa kanaa barataan duruu hatuun amala isa itti ta'ee akkumaa amala isa biyyi nagaadha jedhe hiriyyaa isa irraa waraabatee gala. Gaafa bu'aan qormaata dhufuu garuu mucaan akka darbuuf ofitti amanamumman qormaata kooppii godhe sana abdiidhan eeggachaa ture sana  kufee mataa gadii buusee abdi kutate of arga.

✍️Qajeelfamnii kun jireenya dhala namaafis dhugaadha. Nuti yeroo baay'ee kaayyoo namaa, karoora nama jiraachuuf rakkannna, akka ebeluu yoon ta'ee malee, waan ebeluun baratee yoon baradhe malee, akka ebeluun dubbisuutti yoon dubbisee malee akka ebeluutti yoon uffadhee, yoon nyaadhee, yoon, yoon.....fi kkkf jechuun jireenya namoota biroo irraa kooppii gochuun jiraachuuf yaalla garuu dhumni keenya kufaatiidha.

✍️Maalif seete beekta jireenyii koodii mataa ishee qabdi. Karaan isa tokkoof milkaa'insa ta'ee isa biraaf immoo kara kufaatitii, sababiin isa akkuuma qormaata sana jireenyas kooppii goonee waan jiraannuuf yeroo baay'ee kufaatiin nu mudata, Isa booda Abdi kutanna.
✍️Kanaaf Obboleessa koo jireenya jiraattuu tokko qabaadhuu, jireenya akkamii? Jireenya Qajeelfama namootan jirataamee osoo hin taane kan qajeelfama fi ilaalchaa sammuu keen fudhatamaa argatte keessii kee itti gammadee jiraachuuf tattaffadhuu gaafa sana kufaatii osoo hin taanee milkaa'insa goonfatta, jireenya boqonna qabus jiraatta. Sababiin isaas ati jireenya kan nama irra kooppii hin gooneeka.


"AKKA EBELUUTTIN SIRBAAN MORMA NAMA JAL'ISAA"
      "Guyyaa bareedaa                     
         qabaadha"

A_A dha...... YUUNIVERSIITII DIRE DHAWA  irraa.

Join 👇
@Oromotoo
@Oromotoo
@Oromotoo

MADDA BEEKKUMSAA🌳

10 Apr, 15:08


hordoftoota Amantaa Musliimaa Martuu Baga Ayyaana Iid Al-fixrii 1445ffaa geessan.

Ayyaanni kun kan jaalalaafi gammachuu kan tokkumaa akka isiniif tahu hawwina.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

MADDA BEEKKUMSAA🌳

30 Mar, 01:46


D𝙝𝙖𝙡𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙚𝙠𝙚𝙧𝙖𝙖!

Minilik bara isaatti mootii ture.
Bara sana impaayera Itoophiyaa ijaaree, bulchee jiras.
Bara isaatti injifannoowwan heddus gonfatee jira(namoota inni hoogganuun ta'us).

Amma garuu Minilik ekeraadha. Kan nama gaddisiisu du'uu isaa namoonni amananii hin fudhanne ammas ni jiru.
Ekeraa faarsaa,sagadaa fi waaqessaa jiraatan jiru.
Dhaloonni ekeraa faarsee sagaduuf silas ekeraadhuma.

Dhaloota ekeraa!

@Jechootahayyoota

MADDA BEEKKUMSAA🌳

30 Mar, 01:29


Jireenyi eenyufillee barnoota bilisaa hin kennitu.

"Jireenyi na barsiiste " namni jedhu gatii heddu kafalee jira jechudha.

                  -Nagib mahfouz

@Oromotoo
@Oromotoo

MADDA BEEKKUMSAA🌳

21 Mar, 19:32


Mul'atni hin ilaalu ni arga malee. Arguufi ilaaluun baayyee garaa gara. Kanaafuu abbaan mul'ata ni arga malee hin ilaalu.

       HIIKA MUL'ATAA

1. Adeemsa sammuuti.
2. Ta'udha malee taa'uu (iddoo qabachuu miti)
3. Boba'aa geggeessaan tokko ittiin adeemuu danda'uudha.
4. Humna ittiin waan haaraa uumaniidha.
5. Shaamaa ittiin dhaloota keessaa ga'umsa barbaadanii arganiidha.
6. Funyoo ittiin boolla gadi fagoo keessaa ol ba'anii tulluu irra ittiin  dhaabbataniidha.
7. Kan namoonni gurguddoon addunyaa kanaa wareegamaniifiidha.
8. Har'a caalaa fira boriiti.
9. Ija foonii caalaa fageessee arga.
10. Madda qaba madda isaa malee ba'ee hin mul'atu.
11. Kutannoo fi ija jabina malee nama keessaa hin ba'u.
12. Haala amma keessa jirtu ganuu akka qabdu sitti hima.
13. Hojii garee miti.
14. Ni tarkaanfata malee hin tiratu.
15. Nama biraa ta'u akka hin dandeenye sitti hima.
16. Wanta ati ofi harkaa qabduu irratti hin hundaa'u.
17.Biyya ati dhalatte irratti hin hundaa'u.
18. Sin gatu yoo ati gatte malee.
19. Si hin sobu, yoo ati sobde malee.
20. Dhabamuu sababa baduu dhaloota baay'ee ta'eera .
21. Dhabamuun hiyyummaa namoota baay'eef sababa ta'era.
22. Dhabamuun akka geggeessitoonni baay'een uummata   miidhan godheera.
            
  By Miratu Shanko

           @Jechootahayyoota
           @Jechootahayyoota

MADDA BEEKKUMSAA🌳

09 Mar, 14:55


Daandii qabattee jirtu hamma milkeessitutti yookaan hamma raawwattee kuftuttii goonkumaa addaan hin kutiin yookaan daandii biraa hin eegalin.

Dhimma kana irratti H.Rozi Perot akkas jedha; "Namoonni baay'een wayita milkaa'inatti dhiyaatan hojii dhaabu. Namoonni kunneen rakkoolee hedduu dandamatanii dhufanii wayita tarkaanfiin tokko qofti isaan haftu abdii kutaanii addaan kutu"   

@Oromotoo
@Oromotoo

MADDA BEEKKUMSAA🌳

09 Mar, 14:54


SAMMUU KEENYATTI HAMMAM FAYYADAMAA JIRRAA?
==========================
➡️ Dandeettiin sammuu namaa dhokataadha. Yommuu ittin hojjetan ba'ee mul'ata. Ittiin hin hojjenne taanaan garuu sammuun dadhabaa fakkaata.

➡️ Sammuu ofii hojjechiisuun dandeetti horachiisuu osoo hin taane, dandeetti sammuu sanaa hojiitti hiiksisuudha.

➡️ Saayintistichi beekaman dhalootaan Yihuudii, Lammummaan isaa Ameerikaa ta'e Albert Enstian utuu addunyaan hamma sana sammuu isaa ajaayibsiifattuu akkana jedhe, " Dandeettii sammuu kootti harka dhibba keessaa haraka digdamii shan (25%) qofaan waanan fayyadame natti fakkaata jedhe!"

➡️ Hayyuun Wiliyam Jems jedhamu immoo giddu galeessaan ilmaan namootaa 10% -12% qofaa sammuu isaaniitti akka fayyadamanii darban ibseera. Kana jechuun sammuun ilmaan namaa heedduminaan sammuu isaa utuu hin hojjetin akkuma waliin dhalatetti  waliin du'a jechuudha. Biyyeen albuuda guddaa ammana ga'u kuufachaa jirti.

➡️ Addunyaa kana caalaatti dandeettii sammuu namaa qabeenya isaa kan godhate biyyeedha jechuudha.

➡️ Akka ta'utti sammuu kee hojjechiisuu shaakali.
   ▶️ Karoorsi!
   ▶️ Hojjedhu!
   ▶️ Waan hojjettu madaali!
   ▶️ Bu'a qabeessa ta'e!
   ▶️ Addunyaan dirree wal dorgommiiti, ammuma ka'i dirreetti makami!

👉 Milkaa'inni fagoo miti, barruu harka kee keessa jira.

@Oromotoo
@Oromotoo