Mata duree. “Qur'aana Kabajamaa fi Macaafa Kiristaanotaa keessatti waa'een 𝗛𝗶𝗷𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮 dubbatamuu quba qabduu...?”
Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤
Dura dursoo; osoo mata-duree kana gadi fageenyaan hin ilaalin dura, “ 𝗵𝗶𝗷𝗮𝗮𝗯𝗮 ” jechuun maal jechuu akka ta'e haa ilaallu. Jechi Hijaaba jedhu jecha afaan arabaa yemmuu ta'u, hikkaan isaa ammoo:- “Uffannaa dubartootaa kan bal'aa ta'e, kan rifeensa mataa hanga miila isaanii dhoksu
jechuu dha”.
Jechi 𝗵𝗶𝗷𝗮𝗮𝗯𝗮 jedhu Kakuu moofaa “Oriit” keessatti yeroo 23 irra deddiibiin dubbatamee jira. Kakuu haaraa keessatti immoo iddoo 6 keessatti dubbatamee jira. Qur'aana Kabajamaa keessattis iddoo 7 ol keessatti dubbatamee jira.
● Wantoota amantaaleen 𝘀𝗮𝗺𝗮𝗮𝘄𝗶𝘆𝘆𝗮𝗮 ykn semitic religion hunda (Yahuudummaa, Kiristaanummaa fi Islaamummaan), keessatti RABBIIN dirqama godhe keessaa tokko hijaaba dubartootaati.
Ergaa fi qajeelfamoota Ergamoonni Rabbii ittiin dhufan hunda keessatti, Rabbiin ol ta'e, dubartoonni hijaaba ykn uffata qaama isaanii dhooksu akka uffachuu qaban isaan ajajee jira.
🛑 Kitaaba Kiristaanonni itti amanan, Macaafa Qulqulluu kan jedhamu, (Kakuu moofaa) keessatti haala armaan gadii kanatti waa'een hijaabaa dubbatamee jira.
" Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaqin argitee, gaala irraa buute; yommus isheen hojjetaa ishee fuudhee adeemu sanaan, “Namichi bakkee keessaa as nutti adeemu sun eenyu?” jette; hojjetichis, “Inni ilma gooftaa kootii ti” jedhee deebiseef; kana irratti isheen 𝘀𝗵𝗮𝗮𝘀𝗵𝗶𝗶 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝘁𝗲𝗲 𝗼𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗱𝗲."
[Seera Uumama 24:64-65]
𝗦𝗵𝗮𝗮𝘀𝗵𝗶𝗶 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝘁𝗲𝗲 𝗼𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗱𝗲, jechuun; Yisihaqin irraa hajjabatte jechuu dha.
" 𝗦𝗵𝗮𝗮𝘀𝗵𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲 𝗶𝘀𝗮 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝘁𝗲 of irraa fuudhii, majii qabadhuu midhaan daaki!
Uffata kee ol soqoladhuu gudeeda kee mul'isii, bishaan keessa adeemi! "
[Isaayaas 47:2]
" Kunoo ati miidhagduu dha yaa hiriyee ko!
Ati miidhagduu dha, iji kees akka ija gugee kuullee dha, innis 𝘀𝗵𝗮𝗮𝘀𝗵𝗶𝗶 𝗮𝘁𝗶 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝘁𝘂 keessaan in mul'ata; rifeensi mataa kee karra re'oota tulluu Giil'aad irraa gad yaa'anii fakkaata; "
[Weedduu Weedduu Caalu 4:1]
🛑 Kakuu Haaraa keessatti immoo haala armaan gadii kanaan akka dubartoonni qaama ishee guutummaatti haguuggachuu fi shaashii mataas (hijaab) uffachuu qaban jabeessee ajaja.
" Dubartiin waldaa keessatti yommuu Waaqayyoon kadhattu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul'ise himtu, yoo 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 dhaabaatte garuu, mataa ishee in salphifti; isheen kun dubartii mataa haaddattee wajjin wal hin caaltu. Egaa dubartiin 𝘆𝗼𝗼 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 dhaabaatte, rifeensa mataa ishee murachuu iyyuu hin yeellaatu, dubartiin sababii malee rifeensa mataa ishee muratte yookiis haaddatte salphachuu yoo jibbite immoo haa 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝘁𝘂. "
[1 Qorontos 11:5-6]
|| haa 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝘁𝘂 jechuun; uffata bal'aa qaama ishee dhooksu haa godhattu jechuu dha, kana jechuun immoo hijaaba haa godhattu jechuu dha.
● Yeroo salaattu (RABBIIN kadhattu) hijaaba uffachuu akka qabdu...
" Dubartiin utuu mataa ishee hin 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝗶𝗻 waldaa keessatti Waaqayyoon kadhachuun qajeelaa dhaa ree? Isinumti ofii keessanii faradaa! "
[1 Qorontos 11:13]
" ...Garuu dubartiin rifeensa dheeraa yoo qabaatte, kun isheedhaaf ulfina mitii ree? Rifeensi ishees akka isheen ittiin 𝗴𝗼𝗹𝗴𝗮𝘁𝘁𝘂𝘂𝗳 kennameef. Nama yaada kanaan mormuu barbaaduuf garuu, nuyi, waldoonni Waaqayyoos amala kan biraa hin qabnu. "
[1 Qorontos 11:13-16]
" Warri dubartii immoo amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti, keessa ba'uudhaan of kuuluu utuu hin ta'in, 𝘂𝗳𝗳𝗮𝘁𝗮 𝗾𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝗮𝗮 fakkaatu akka ta'utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis haa ta'u! "
[1 Ximotewos 2:9]
🛑 Islaamummaan immoo ergaa Rabbii ishee xumuraa fi goolabbii, kan isheen alatti shari'aan biraa RABBIIN bira hin dhufne yemmuu taate, waa'een hijaabaa, suuraalee Qur'aana garagara keessatti bal'inaan irra deddeebiin dhufee jira.