Iccitii Milkaa'inaa @ilaalchaa_gaarii Channel on Telegram

Iccitii Milkaa'inaa

@ilaalchaa_gaarii


Abjuu Guddaa qabaadhu.
Hojii Cimsi Hojjadhu.
Wanta Qabde Irratti Xiyyeeffadhu.
Naannoo Keetii Namootaa Gaarii qabaadhu.

Iccitii Milkaa'inaa (Oromo)

Iccitii Milkaa'inaa is a Telegram channel dedicated to sharing insightful and thought-provoking content in the Oromo language. The channel, with the username @ilaalchaa_gaarii, aims to provide a platform for discussing various topics related to culture, heritage, and current affairs within the Oromo community. Through engaging discussions and informative posts, Iccitii Milkaa'inaa creates a space for individuals to connect, learn, and explore the rich traditions and values of the Oromo people. Whether you are looking to stay informed about important issues or simply want to join a community that celebrates Oromo identity, this channel is the perfect place for you. Join Iccitii Milkaa'inaa today and be part of a vibrant online community that values knowledge, unity, and pride in Oromo culture.

Iccitii Milkaa'inaa

15 Nov, 21:40


Yeroo hundaa hojii irratti xiyyeeffadhu! Oduun arraba dheeresiti hojiin boqonnaa sammuu baceessiti/baayisti.

@ilaalchaa_gaarii
@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

10 Aug, 19:21


Addunyaa kanarraa namoonni baay'een haasa'aa gaarii bakka hojii buufatanii ittiin jiraatu, haasa'i gaariin nyaata guyyaa sii nyaachisa male uffata sitti hin uffisu. Ofiif dhaloota siin booda jiraniif hojii gaarii hojjadhu. Siin boodaas seenaa kettuu darbee dhalootaati dubbata. 👇👇👇👇 @ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

05 Aug, 18:16


Harki kennu yeroo hundaa gubbaa irra jira! Namoota baayeef yeroo fudhataniif yeroo kennanii harki nama kennuuf nama fudhatu walqixa itti fakkaata! Akkas miti harki kennu yeroo hundaa gaara irra jira kan fudhatu immoo yeroo hundaa jalaa irra oola. Kan kennuu waan qabu irra kenna! Kan hin qabne waan hin qabneef fudhata! Ati hoo ni kennita moo ni fudhata! Kennuuf qabaachuun murteessaadha. Qabaachuuf immoo yeroo, humnaafi beekumsa kee seeraan itti fayyadami! @ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

05 Aug, 18:02


Wanta hojjatu kamuu jaalalaan hojjadhu! Milkaa'uu akkuma jaalatu hojjachuus jaaladhu!

@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

05 Aug, 17:58


Channel photo updated

Iccitii Milkaa'inaa

30 Jul, 19:58


Mo'uuf dursa mo'adhu

@ilaalcha_gaarii
@ilaalcha_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

12 Jul, 04:45


"Yeroo deemtu miilaa jalqaba irratti kaastee sana sirritti dhaabachuuf dhiisuu isaa osoo addaan hin baasiin kan hafe hin fudhatiin!"
@Humnee

@ilaalcha_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

14 Jun, 04:29


Kitaabni ati dubbistu, muuziqaan ati dhaggeeffattu, fiilmiin ati ilaaltu kun hundi eenyummaakee bocu.
Ati waanuma sammuukee nyaachiftu fakkaatta.
Bu'aa ilaalcha keeti ati. Ilaalcha kee immoo nyaata ati sammuukee nyaachiftutu murteessa.
Wanta sammuukee seenu irratti eeggannoo guddaa godhi.
Olmaan Gaarii qabadhu!!

🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@ilaalchaa_gaarii
@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

06 Jun, 12:34


Eeyyen hanga wanta biraan bahuu barbaadee bira geessuutti xiyyeeffannaa kee gad hin dhiisin!

@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

18 Apr, 13:08


Ofii keetiif ta'i!

@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

05 Apr, 19:20


Waan gaarii qofa yaadi. Wanti hamaan inumtu hamaadha yaaduuf hin ta'u waan ta'eef.

@ilaalchaa_gaarii
@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

04 Apr, 18:30


Carraa har'aa argate kana ofirra hin dabarsiin.

@ilaalchaa_gaarii
@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

03 Apr, 07:33


Namoonni rakkina har'aa isaan irra jiru caalaa milkaa'ina boruutiif tattaafatannu injifatoodha.
Boruu kee ilaali adeemi.

👉Join it👈
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

28 Mar, 19:50


Milkaa'inni irra deddeebi'anii yaaluu fi Abdii muruu dhiisuu irraan dhufti

#Toomaas Ediisan abbaan argannoo ‘Ampuulii’ ijoollummaa isaatti barnoota dadhabuudhaan mana barumsaa irraa akka ar'atamu taasifame. Guyyaa tokko barsiiftuun isa barsiiftu xalayaa akkas jedhu barreessitee itti laattee akka inni galee maatii isaatti kennuuf itti himte. Xalayichi akkas jedha. “Toomiin kee barumsa waan hin dandeenyeef,akka lammata mana barumsaatti hin ergine!’’ jettee xalayaa barreessitee isumatti laatte.

Ediisan dubbisuu waan hin dandeenyeef, xalayicha osoo banee hin ilaaliin akkuma jirutti galchee harmee isaatti laate. Harmeen isaa xalayicha dubbistee, hirqistee boosse. Innis harmee isaatiin.....“Maal taate?” jedhee gaafate. Isheenis....“Toomiin kee cimaadha!” jettee barsiiftuun kee xalayaa naaf barreessite......“Kana booda mana barumsaa hin deemtu. Manumattin si barsiifadha!” jetteen Toomiidhaan.

Akka seenaan isaa jedhutti ji'oota lama qofa barate Toomaas Ediisan. Garuu, abbaa argannoo addunyaa kanaa ifa nuuf laataa jirtuuti. Ampuulii kalaquuf yeroo 9999 yaalee, si'a 10000 irratti milkaa'e. Isayyuu xumura irratti ampuulii kalaqee hojjettoota isaa keessaa nama tokkotti akkanni bakka wayii ka'uuf itti laate. Innis harkaa fuudhee battaluma sanatti ampuulichi lafa harkaa rukutee caccabe. Eediisan dadhabbii amma kanaa itti dadhabee.....yeroo amma kanaa itti fixee yommuu jalaa caccabu, baay'ee nama hin aarsu. Nama aarsa dhugaa dubbachuuf! Ammas abdii muree hin dhiisne. Irra deebi'ee hojjechuu isaati. Hojjetee ammas hojjetaadhuma gaafa jalqabaa sanatti deebisee laate.

Hojii Eedisan kana irraa irra deddeebi'anii yaaluun milkaa'ina akka namaaf argamsiiftu barachuun baay'ee salphata. Abdii muruu dhiisuu dabalatee jechuudha.

#HeneriiFoordii abbaan argannoo konkolaataa, guyyaa tokko akkas jedheen Eedisaniin...“Wanti kun tasumaa hin danda'amu;koottuutii na waliin kaampaanii koo keessa hojjennaa!” jedheen. Kanas hin dhageenye inni. Xumura irratti ampuulii hojjetee...“Inni ati hin danda'amu jette sun;ni danda'ama!” jechuun ampuulicha itti agarsiisuu danda'eera. Ajaa'iba!

Pirezedaantii Ameerikaa 16ffaa kan ture Abrahaam Liinkan waggaa isaa 52ffaatti Ameerikaa bulchuuf carraa argate. Sanaan dura garuu kufaatii danuu jireenya isaa keessatti nama keessummeessedha. Garuu, mormiiwwanii fi kufaatii amma kanaatiif abdii muree dhiisuu hin dandeenye. Irra deddeebi'ee yaaluudhaan milkaa'eera!

Bulchaan guddaan Afrikaa Kibbaa duraanii, Nelsan Maandellaan bilisummaa uummata gurraachaa fiduuf waggoota 27'f mana siirreessaa keessa ture. Achiitii ba'ee Pirezedaantii Afrikaa Kibbaa ta'uu danda'eera. Wal-qixxummaa Adiif Gurraachaas mirkaneessuu danda'eera. Badhaasa beekamaa Addunyaa ‘Nobel Peace Prize’ fudhachuus danda'eera. Ajaa'iba. Wanti hundi kutannoo gaafatti!

Walumaagalatti, waan hundi kutannoo, irra deddeebi'anii yaaluu, abdii muruu dhiisuu irraan dhufa! Galatoomaa!

@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

18 Mar, 14:01


Tattaafii kee addaan hin kutiin namoota milkaa'oo addunyaa kana yoo ilaaltee baay'een isaan tattaafachuudhan worra milkaa'aniidha.
@Humnee

Join
@ilaalchaa_gaarii
@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

21 Feb, 19:54


Milkaa'inaa jeechuun

1. Milkaa'inni DHIMMAA CARRAA MITI. Namoonni milkaa’an carraa qofa miti; tarkaanfii fudhachuu fi duubatti deebi’iinsa keessa darbee cichuudhaan carraa ofii isaanii tolfatu.

2. MILKAA'INNI IMALA MALEE GALMEE MITI. Milkaa'inaaf foormulaan nama hundaaf ta'u hin jiru. Wanti nama tokkoof hojjetu nama biraatiif hojjechuu dhiisuu danda’a. Wanti guddaan daandii milkaa’ina mataa keetii barbaaduu fi karaa irratti aarsaa barbaachisu kaffaluuf fedhii qabaachuudha.

3. Milkaa'inni Qarshii MITI. Maallaqni barbaachisaa ta’us, milkaa’inaaf kan madaalamu isa qofa miti. Namoonni milkaa’oo ta’anis hojii isaanii keessatti gammachuu argachuun addunyaa irratti dhiibbaa gaarii geessisu.

4. Milkaa'inni AMALA. Namoonni milkaa’an amala kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf isaan gargaaru horataniiru. Amalli kun wantoota akka galma kaa’uu, tarkaanfii fudhachuu fi gonkumaa abdii kutachuu dhiisuu dabalata.

5. Milkaa'inni YAADHA. Namoonni milkaa’an yaada gaarii gufuu osoo hin taane waan ta’uu danda’u akka argan isaan dandeessisu qabu.

6. MILKAA'INAAN WAA'EE GUDDINA DHUUNFAA TI. Namoonni milkaa’an yeroo hunda barachaa guddachaa jiru. Naannoo mijataa isaaniitiin ala tarkaanfachuun waan haaraa yaaluun hin sodaatan.

7. MILKAA'INNI WAA'EE DEEBISUU KENNUUTI. Namoonni milkaa’an milkaa’ina argatan namoota biroo gargaaruuf itti fayyadamu. Kophaa isaanii akka hin taane beeku, hawaasaaf deebisee kennuunis itti gaafatamummaa itti dhagahama.

9. MILKAA'INNI DHALA DHIHEESSUU JEDHA. Namoonni milkaa'an addunyaa kanarratti jijjiirama fiduu barbaadu. Gumaacha gaarii taasisaniin yaadatamuu barbaadu.

10. MILKAA'INNI NAMA HUNDAAF NI DANDA'AMA. Eessaa dhufte ykn haalli kee maal haa ta'u, abjuu kee galmaan gahuu dandeessa. Hojii cimaa, of kennuu fi cimina kan gaafatu taʼus, dandeettii kee guutuu galmaan gaʼuun ni dandaʼama

Via #Kaasuu_Jamboo

Iccitii Milkaa'inaa

10 Feb, 20:51


Amantiin hojjadhu malee shakkiin hin hojjatiin. Shakkiin diinaa milkaa'inaati. #Jiloo_Badachoo
@ilaalchaa_gaarii
@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

08 Jan, 21:12


Karaa sirriittiif wanta sirrii ta'e irratti yeroo hundaa tattaffii kee addaan hin kutin. Milkaa'iin tattaaffii sirrii keessatti argama.

@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

06 Jan, 06:57


Yaalii dhabi! Yaalee dhabe siin jedhan malee taa'ee eegate siin hin jedhanu!

@ilaachaa_gaarii
@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

09 Dec, 08:03


Sababni milkaa'ina namoota Yeroof fedhii ofitti seeraan fayyamuudhaan.
Namoonni yeroo isaan akkuma arganii qisaaseesudhaan balleessan fi fedhii isaanitiin ala hujii hojjattan milkaa'ina isaa irratti danqaa cimaa ijaarani jiru.

@ilaalchaa_gaarii
@ilaalchaa_gaarii

Iccitii Milkaa'inaa

08 Dec, 09:40


Tattaaffii fi ciminni mallattoo injifannooti.
@ilaalchaa_gaarii
@ilaalchaa_gaarii