==================================
Biiroon fayyaa Oromiyaa sosochii hawaasaa/Adivookeesii duula talaallii ittisa dhibee laamshessaa/ Pooliyoo gaggeessee jira.
Duulli talaallii pooliyoo marsaa 1ffaa akka Oromiyaatti Gurraandhala 14 hanga 17 bara 2017tti manaa manaatti, wiirtuuwwan talaallii dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaa fi iddoowwan birootti qophaa'anitti ni kennama.
Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kabbabaaw saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin, biiroon fayyaa hojii fayyaa maatii fi daa'immanii irratti hojjachaa jiruun du'aatii haadholii fi daa'immanii hir'isuun akka danda'ame kaasanii jiru.
Haaluma kanaan, dhibee pooliyoo dhabamsiisuuf hojii hojjatamaa tureen bu'aan argmus, vaayirasichi biyyoota nu daangessan irraa gara biyya keessaa seenuun mul'achuu danda'ee jira.
Kanaaf akka Oromiyaatti daa'imman waggaa shanii gadii miiliyoona 8.3 ta'anif marsaa jalqabaatiin talaalliin pooliyoo kan kennamu ta'uu dubbatanii jiru.
Yeroo duulli talaallii kun gaggeeffamu daa'imman talaallii kamiyyuu hin argatinii fi dubartoota rakkoo Feestullaaf saaxilamanii mana jiran akkasumas daa'imman baqaqa laagaa, hidhii fi jallina miilaa qaban kan adda baafaman ta'uu kaasanii jiru.
Dr.Tasfaayeen itti dabaluun milkaa'ina duula talaallii kanaaf qindoominni murteessaa waan ta'eef qaamni dhimmi kun ilaallatu gahee isarraa eegamu bahuu akka qabu dhaamanii jiru.
Sagantaa kana irratti abbootiin gadaa, haadholiin siinqee, abbootii amantaa, hooggantoonni fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu irratti argamaniiiru.