DAANDII MO'ATTOOTAA

@daandiimoattotaa


Daandii mo'attoota irraa adeemuun jireenyaa keenyarrati mo'anee jiraachuuf nu gargaaraa

DAANDII MO'ATTOOTAA

16 Jul, 07:39


@daandiimoattoota
@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

19 Jun, 16:26


NAMOONNI JIREENYATTI MILKAA'AN:

1 yeroo hundaa waan haarawa yoo baran mul'atu muuxxannoo haaraa baruf yeroo hunda waa dubbisuun nama guddisaa, dirree hiree Fi milkaa'ina namaf baal'isaal.

2 hir'inaa Fi cimina isaanii addaan baafatu ykn bareechani beeku. namoota jireenyatti milkaa'ani sadarkaa guddaa irraa gahan kan isaan biroo irraa adda taasisu yoo jiraate namoonni kunniin cimina fi dadhabina isaanii qajeelchani beekuu isaaniiti waakkachuu irraa namoonni kunniin hir'ina qaban hubatu yoo itti himames gammachuudhaan simatu.

3 dhimmoota kamiif dursi laatamu akka qabu hubatu. jireenya bu'aa bahiin itti heddummate kana keessatti wanti hojjatamuu qabu yookiin rakkoon furamuu qabu hedduudha dhugaan jiru garuu hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii kenuun tasa waan hin danda'amneedha. isaa hunda irraa xiyyeeffannaa guddaan kan barbaachisuuf dursi laatamu qaba.

ยฉ namoonni cicciimoon jireenya isaanii keessati milkaa'ina guddaa galmeessisa kan godhan kanuma. hedduun keenya garuu waan cufa al tokkon raawwachuuf carraqna; akkaas gochuu keenyan dhoqqee keessa hin baaneen qabmna.
Al tokko waan dursi laatamuuf tokko!

4 maallaqa isaaniitti sirnaan fayyadamu.
waa'e maalaqan wal qabate dhugaan yeroo hunda ka'u tokko hangs argattu qofa osoo hin taane waan argattu akkata itti qabattudha kan si duroomsu hangamuu yaa baay'atuu maallaqa argattu ni faffacaasta, bubbeef kennita taanan ati yoomu rakkataa fi liqii kadhataadha

5 yeroodhaan hirriiba ka'u.
amalli namoonni barnootan, dadalaanis ta'ee waan biraatiin cimina ykn milkii guddaa argisiisan ittin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa ta'uu isaaniiti.

6 kaayyoo Fi galmi isaanii ifa. maaliidhaaf jiraata? essaa ga'uudhaaf tiratta? jettaniin yoo gaafattan namoota kanniin irraa kan argattan deebii gabaabaa fi IFA ta'ee tokko. maaliidhaaf akka hojjatan, eessa ga'uudhaf akka tarkaanfatan yoo gaafataman bifa wal Hin dhoofneen deebii isaanii lafa kaa'u.

7 hawaasa fi hiriyyoota wajjin hariiroo cimaa uummatu milkaa'inni kallatti kamiinuu ta'uu danda'a jireenya hawaasummaatin hedduu walitti hidhata qaba. kophaatti ba'anii jiraachuunis ta'ee milkiin kophaatti galmeessisan waan hin yaamne ta'uu waan beekaniif hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu.

8 Amala gaariidhaan ummaata biratti mul'atu.
ummaata biraa jibbaa fi tuffi horachuun gufuu imala gara milkiitti godhamu gatantarsan keessa isaa tokko.

๐Ÿ‘‰ hawwuu qofa miti jireenyi.
kanniin milkaa'an irraa barachuudhan nutis waan hawwinu harkatti galfachu ni dandeenya. gufuulee hawaii keenya biraa akka hin geenyeef danqaa ta'an hedduutu jira. gufuu guddaan garuu nuti amala fi aadaa milkitti nu geessu dhabu keenya. Ammumaa amala fi aadaa gara milkaa'anaati nu geessu simachuudhaan hawaii milkaa'inaaf qabnu haa dhugoomsinu

Waan beektanii fi dubbistan dhalootaf dabarsa waliin barannee waliis haa barsiifnu

@daandiimoattotaa
@daandiimoattotaa

DAANDII MO'ATTOOTAA

17 Jun, 16:25


KAAYYOO JIREENYA KEETI BEEKTA?????

Uumamni hundinuu kaayyoo mata isaa qaba! Haa xiqqatu haa guddatu, lubbuu haa qabaatu lubbuu haa dhabu, uumamni kamuu kaayyoo murtaa'aa tokko waliin uumama.

๐Ÿ‘‰kaayyoon sababa uumamaati. wanti tokko utuu hin uumamiin dura akka inni uumamuuf sababni jiraachuu qaba. erga uumamee booda sababani uumama isaatuu kaayyoo isaaf ta'aa.

๐Ÿ‘‰kaayyoo waan tokkoo beekuuf jalqaba sababa uumama isaa beekuun dirqamadha. Konkolaataan addunyaa kana irra hin jiru Jenne haa yaadnu. Obbo Henerii Foordi konkolaataa isaa ishee jalqabaa yeroo duraaf kalaqee balabala mana isaa dura dhaabee utuu jiruu argite haa jennu. hubadhu kanaan dura kunkolaataan maal akka ta'e hin beektu yeroo jalqabaaf konkolaataa sana yoo argite kaayyoon isaa maal akka ta'e beekuu hin dandeessu. Yoo inni kalaqe sun sitti hime malee.

๐Ÿ‘‰kaayyoo jireenya kee kan siif Kenne uumaa keeti
" waaqayyoon ala jireenyi kaayyoo hin qabu; kaayyoon ala jireenyi hiika hin qabu; hiikaan ala jireenyi barbaachisummaa yokaan abdii hin qabu!"
Riik Waaren

โˆšUumamni yoomuu uumaa qaba uumaan utuu Hin jiraatin uumamni hin uumamu. ati uumamuun kee jiraachu uumaa keef ragaadh. Addunyaa kana irraa sabni hedduun maqaa adda addaan isa waamu. Hedduun isaanii jiraachuu isaa irratti shakkii hin qaban. Namoonni jirachuu uumaa isaanii shakkan hammi tokko yoo jiraatan; garuu mataa isaanii waliin waldhaansoo guddaa keessa jiraatu lapheen isaanii utuu beekuu arraba isaanitin ganu.

Uumaan kee ni jiraa, kaayyoo uumamuu kees isumatu beeka, isuma gaafadhu!

@daandiimoattoota
@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

17 Jun, 07:06


โšซ MO'ATTOOTAA

Never, never, never give up
Tasumaa, tasuma, tasumaa harka hin kenniin
Hayyuun addunyaa kanaa guddaa fi beekaan #Aalibert Enistaayin yeroo hiikaa jireenya lafa kaa'uu "jireenyi akka peedaalii saayikiliiti yoo dhaabde ni dhaabbata yoo rukuttee ni adeema" jedha. Dhugaadha! jireenyatti harka hin laatiin jireenyi harka sitti yaa laattu malee.
Hayyuun oromoo beekamaan tokko #miratuu Shaanqoo kitaaba isaa keessaatti jecha milkaa'ina (success) jettu gaafa ibsuu, "milkaa'ina jechuun wantoota soddoma hojjechuu osoo hin taane wanta tokko karaa soddoman hojjechuudha"... jedha. Jechoonii kunniin baayy'ee waliiti dhiyaachuudha baatanis akkataan isaan ittiin ibsaman baayy'ee wal fakkaata. barreessaan biraa Eebbisaa Baayisaa jedhaamu, kitaaba isaa daandii mo'attootaa jedhuu keessatti:- "ganamaa yeroo hundaa kuruphen hirribaa kaati leencota keessaa isa hunda caalaa fiiguu danda'u fiigdee dursuu akka qabdu yaadi, taa'u baannaan ni nyaatamtii. Afrikaa keessaatti ganamaa yeroo hundaa leenci hirribaa ka'a kuruphee ishee hundumaa gadii figduu dursuu qaba, ta'uu baannaan ni beela'a. leencas ta'i kuruphee sun rakkoo qabu, yeroo aduun baatu garuu daraan fiiguu qabda.!"
#ROOJER BANISTER

#maartii luuter kiing, "namni kaayyoo du'uuf tokko hin qabneef jiraachuun isaaf hin malu"... jedhaa.
#Eeyyee kaayyoo ofiif du'uun jiraachuudha walumaa gaalati yoomiyyuu, eessattiyyuu tasumaa harka hin keniin
#xumureera #share
@daandiimoattoota
@daandiimoattoota
@daandiimoattoota
#join

DAANDII MO'ATTOOTAA

15 Jun, 03:15


Wanti Jireenya Keetti Tulluu Ta'e Maaliidha?????


Tulluun jireenya Lee dura dhaabbatu wantoota lama agarsiisa. Isaanis:
1) si dhoksuudhaf
2) si mul'isuudhaf
Filannoon mul'achuus akkasumas dhokachuu kanuma keeti

Yoo tulluu jala dhaabate hafta ta'e, tulluun sun si dhoksuun isaa hin oolu. osoodhuma jirtuu akka nama hin jirree taatee hafta.

Yoo toofta injifannoo fayyadamtee tulluu sana mataa isaa irra dhaabbate immoo addunyaatti si mul'isaa.

Dubbii kana keessatti tulluu jechuun rakkina har'a karaa garagaraan si qunnamaa jiru jechuudha

Rakkina si qunnamaa jiru tooftaa sammuu injifannoo of keessa qabu fayyadamuun rakkina dhoksee si hambisuuf yaala mataa isaa irra ba'uun addunyaatti mul'achuu qabda.

( #Miratuu_Shaanqoo)

Share fore friends....
namootni haraan maatii Keenya ta'uuf
๐Ÿ‘‰ @daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

13 Jun, 12:04


@@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

13 Jun, 04:04


#Nama_keessa_nama_fo'i

Waan kokkolfeef sin jaalatu
Buburreedha garaan nama
Iddoo jedhes hin dhaabatu
Haala ilaalee jijjiirama

Hin dhaabatiin gita malee
Iddoo mul'ata kee dhoru
Ogeessa ta'ii haleeli
Hin dhaqiin dirree si qoru

Akkaa hundi garaa si baru
Hin godhiin abshaala ta'i
Hundi jiraaf sin gargaaru
Nama keessa nama fo'i
@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

12 Jun, 19:07


Never depend on anyone work hard and be independent.

Eenyurrattillee hin hirkatin cimisi hojjedhu ofdanda'i.

#Link gadii kan tuquun #join channel kan hordooffa
@daandiimoattoota
@daandiimoattoota
@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

12 Jun, 06:51


#Ani kanan jedhu!

#Ati hanga yoomitti warra milkaa'aniif harka reebaa fi hidhii xuuxaa jiraatta?
#Ati maaf hin milkooftu?

#siif yoomi kan harki Reebamu moo milkiitu siif hin malle moo jireenyatu carraadha jettee amante fudhattee rafaa jirta?
Anaan natti hin fakkaatu carraa hojii keessa jira jedheen amana.
#lotoriyyuu yoo ati guyyaasaa eegdee kutte malee waan carraa ta'e qofaaf manatti siif hin dhufu. Kan kette sanas hanga guyyaansaa gahutti obsaan eeguu qabda. Kana jechuun carraan kun hojii ofkeessaa qaba jechuudha maallaqa baastee kutta malee tola miti akkasumas waan kutte kana qulqullinaan hanga guyyaansaa gahutti olkeessee ilaallachuu qabda.
#Ani Barnoota sadarkaa olaanaa ykn yuunivarsiitii irraa akkan bajeen hangan waanan ittiin baradhee hojii aradhutti hojii guyyaa hojjechaa ture. Ati kaayyoof jecha Digirii baattee hojii guyyaa hojjetteettaa ykn ni hojjettaa? Har'a garuu achi hin jiru, borummoo as hin jiru. Dhiifama yeroo kanatti seenaa koo odeessuuf miti gaaftokko garuu bifa barruutinuu qopheessuun koo hin oolu waanti irraa baratamu baay'een waan jiruuf ammaaf waa'ee kutannoofan kaase.
#ciminni kee maali naan jettee yoo na gafatte "#Ani kutannoo olaanaan qaba waan namni biraan natti fe'uuf deemu hunda hin sodaadhu keessaa calaleen fudhadha.
Hiriyoota koonis akkasuma jedha
Waanuma isinittii fe'ame hin fudhatinaan jedhaan. Ajaja gaggeessitoota ykn hooggantoota kooyyuu hunda hin fudhadhu, nan morma maaliif akkan mormu garuu nan beeka".
#walumaagalatti namoonni milkaa'oon addunyaa kana irraa jiran hundi #milkaa'ina gadameessa haadha isaanii keessaa fudhatan miti kan dhalatan. Yaalanii, kufanii ka'anii osoo abdii hin kutatin kutannoon halkaniif guyyaa hojjetanii milkaa'an. Haala kanaan hojjennaan #Atis milkaa'uu dandeessa!
#milkaa'i
@daandiimoattoota
@daandiimoattoota
Namoota milkaa'inna isaani hawwiitu hundaaf qodduu ykn share gochuu hin dagatiin

@daandiimoattoota
@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

09 Jun, 16:39


Of gaggeessuu/ self leadership
------------------------------
Jireenya keessaatti gaggeessuummaan gosa hedduutu jira. Kanneen keessaa:- tokkoo fi isa jalqaba kan tahe of gaggeessuudha.
Kun immoo gosoota gaggeessuummaa keessaa ulfaataa kan ta'edha.
Ogeeyyiin gaggeesummaa hedduun, of gaggeessuun gaggeessummaa isa jalqaba akka ta'ee fi salphaatti kan hin ilaalamne akka ta'e ibsu.
Of gaggeessun imaammata mataa ofi danda'e qaba. Isaan kana gabbifachuun immoo dandeetti of gaggeessuu in dabalu. Isaanis:-

1. of beekuu /self awareness/. inni akka nama dhunfaatti sonawwan jireenya ofii beekuu, ciiminaa fi dadhabina ofii beekuu, ofii madaalaa deemuu fi namoota irraa dubdeebbii fudhachaa deemuu of keessatti qabate.

2. Of hoggannuu/self mangement/. Inni kun immoo dandeetti yeroo ofii bulchuu fi miira ofii bulchuu of keessatti qabata. Kana guddisuuf ammoo akka toftaatti kan nu fayyadan; waan gaarii ofiti himu/ postive self talk/, hiriyaa irraa dubdeebbii fudhachuu, waan ta'uu barbaadnu fakkiin kaa'uu/ visual board/ qabaachuu fa'adha.

3. Of sissi'eessuu/self motivation/ si'aa'iinaaf wanti barbaachisaan tokko fi guddaan galma ofi beekuudha
Si'aa'iinni= galma + humna (energy) + xiqqaa irraa eegalani hojechuudha.

4. Of guddiisu ykn of barsisuu/ self development /: akka nama of gaggeessuu tokkotti guyyuu dubbisuu, leenjii adda adda fudhachuu fi namoota nu gorsan yookiin mentor godhachu barbaachisa.

5. Of gamaagamuu/ self reflection/: guyyuu waan keessaa olee of gaafachuu, ciiminaa fi laafina keenya adda baasaa deemuu fi jireenyi keenya haala kamiin akka deemaa jiru beekuu barbaachisa.

Akka walii galaatti dandeetti #of-gaggeessuu kan guddisuuf #toftaaleen fayyadan:-

1. Mul'ataa fi galma ofi haala SMART ta'een kaa'achuu.
2. Yeroo keenya #matrix-of-urgent and important fayyadamuun sirnaan hoggaanu.
3. bilchina miiraa ofii guddisuu.
4. Nama har'aa irraa dhaabbatanni boritti essaa gahuuf akka deemnuu fi addunyaan garam deemaa jirti beekuu/proactive/fa'adha.

Namoota biroof #share gochuu hundaa biran gahaa.

@daandiimoattoota
@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

07 Jun, 17:35


๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Link gadii kan cuqaasun #join godha
@daandiimoattoota
@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

07 Jun, 17:30


#Ogummaa_qabaadhu
___________________________


๐Ÿ˜Šguyyaa tokko mootiitu abjuu abjoote.abjuu isaa kan hiikuun baay'ee waan itti ulfaatef nama abjuu isaa kan hiikuuf barbaaddu eegale.saan booda nama abjuu hiikuu danda'u tokko fidaniif.inni abjuu hiikuuf dhufees waggaa kuma moo'i mootii maal abjoottan? jedhee gaafate.mootichis deebisee halkaan osoon rafuu abjuudhaan ilkaanota kootu buqqa'e jedhe itti hime.inni abjuu hiikuus akka nahuu ta'eet kana isinumatu abjoote? jedhe.mootichis eeyyee anumatu abjoote; maalitti? hiikama jedhee gaafate inni abjuu hiikuu immoo baay'ee nama gaddisiisa.firoonni kee hundumti isaani yeroo dhiyootti du'aan lafa irraa dhabamu jedheet hiikef.mootichis namichatti baay'ee aaree namitti kana fuudhaati Mana hidhaa gashaa.nama abjuu hiikuu kan biraa na barbaada jedhe.isaa dura erga hidhaanii nama abjuu hiiku kan biraa fidani.inni 2ffaa kunis dhufee, waggaa kuma moo'i mootii maal abjootte jedheen.mootiinis kanuma isa duraatti himate kanattis himate.inni abjuu hiikuus ni kolfe.fuula ifaadha baga gammadde mootii ati baay'ee carraa qabeessaadha jedhen.mootiinis deebisee maalitti hiikama jedheen.inni abjuu hiiku immoo deebiseet, firootaa Kee hunda keessa namni umuurii dheera qabu fi namni umuurii dheera lafa irraa jiraatu si qofaadha.abjuun Kee kanatti hiikama jedheen mootiniis baay'ee gammadde namicha abjuu hiikuu kan asuma Mana mootumma koo keessa iddoo ol anaa keennafi jedhe jedhamaa. (kanan dubbisse irraan isiniif qoode)
=========================
Hubadhaa waanti namoonnii abjuu hiikan 2n isaaniyyuu dubbattan kun hiikni isaa tokkichimma garagarummaa isaan gidduutti kan uumee garuu ogummaa isaan ittin dubbatanii dha.

โบOgummaa qabaadhu ogummaan si golga.

โบOgummaa qabaadhu ogummaan si olchaa.

โบOgummaa qabaadhu ogummaan injifannoo sif kennaa

โบOgummaa qabaadhu ogummaan akkamitti akka waaqayyoo walin jiraachuu akka qabdu si barsisaa.

โบOgummaa qabaadhu ogummaan akkamitti nama waliin akka jiraatu si barsisaa.

Jireenyi keessan yaa milkaa'uu!
HORAA BUULA
@daandiimoattotaa

DAANDII MO'ATTOOTAA

07 Jun, 17:14


#Bidiruu_mataa_keen_gaafa_sochootu_dacheetu_jennata_siif_ta'a

Gaafa bidiruu mataa keen jireenya kee naanneessu eegaltu, addunyuma dhaloonnii qeequ kanatu, jennata siif ta'a. dhaloota gaariis hojjeettu bada jecha siif hin dhabne kanaaf jette mul'ata kee raffistaa? gonkumaa akkas ta'uu hin qabu!

Of taatee jiraachuuf of taatee uumamte. jireenya kee qajeelfama mataa keen gaggeeffadhu! Of taatee fixuufu barri sitti xiqqaata maaltu akkaa ormaa si hawwisiisa? kun of tuffachuudha. namni of beekuummoo gaati isaa gaara gararraa duumeessati ol baase lakka'a. Jechoota ormaan mul'ata kee hin gubiin. waan barbaadde ta'uuf of taatee dhalatte! nama gaarii fi nama ajaa'ibaa ta'u irraa of hin qusatiin! yaada gaarii ofitti hin sassatiin, sin miidhu waan ta'eef! ati of goda of keenyaan kan si gaara si baasu hin jiru. Dhaloonniis bakka ofii si kaa'eetti osoo hin taane, bakka ati of keessetti si arga. Hamilee kee eeggadhu, hamileen kee gaafa rukutamu jireenya keetu rukutama. Of dandeessee akka dhaabachu dandeessu warra hamilee kee harcaasaniiti argisisi yoomiyyuu taanan karaa deemaan figee dhufee akka jireenya kee bukeessuuf hin heeyyamiinif!
Yaada keen, mul'ata keen, ilaalcha keen gaggeeffami uumadha gaditti jireenya keef itti gaafatamuummaa guutuu kan qabu suma mataa keeti.

@daandiimoattoota
@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

05 Jun, 17:17


โบkanneen jireenya kee sii jalaa balleesan

Kutaa 2ffaa

3. #YAADA(thinking) yaada Kee yoomiyyuu qarshiin olitti to'achuf yaadi.sammuu kee keessaatti yaadoot qarshii si fuuldura qaban isumaan si shubbisiisan booda jireenya kee qileetti gatu.amalli atti bartee godhatte ofiraatti moosifttu Kun oolee bulee onnee kee keessaatti mana ijaarrata.jireenya kee isaa dhugaa ta'as.yaada tasgabbii
qabu yaadi.qarshii qabaatteef yaada namummaa keessa hin bahii.

4. #MAAL_NAAN_JEDHU(wath they can say about me?); namoota jaaladhu onnee kee irraa kabaji! maal naan jedhu jettee garuu waan tokko illee akka hin goone.namni waan siin jedhu hin dhabu.osoo atti akkaataa dandeeti namaan olitti(supernatural force) galaan irraa milaan deemteeyyuu waan siin jedhan hin dhaban.bishaan dakuu (swimming) waan hin dandeenyef milaan irraa deema siin jechuun isaanii hin oolu.ofii kee qofa irratti xiyyeeffadhu.jireenya lafa kanarraa gabaabduu kanaaf, namni maal naan jedha jettee dhiphachuun moofkamudha/gowwoomudha.waan yaadde kamiyyuu hojjedhu.
5.#QABEENYA_MAALLAQAAf(for money wealth) meeshaan gammachuu siif bituu hin danda'u.nageenyas siif hin kennu.nageenyii fi gammachuun kan sirraa fagaateef waan meeshaalee qaalii ta'a(brand material) waan dhabdeef yoo sitti fakkaate dhifama. meeshaalee babbareedoof qaaliin addunyaa kana irra jiran hundi kan kee yoo ta'eyyuu gammachuu dhugaa siif hin kennu.sirumaayyuu si maraachu danda'aa.mee meeshaalee hawwitu fi gatii guddaa qaban kanaan dura bitte tokko yaadadhu.gammachuu fi nageenya guutuu siif kenneerra? isa sumaafan dhiisa.har'as meeshaa barbaadde osoo bitte yeroo muraasa booda si nuffisiisa.hin jibbita bilbila Amma fayyadama jirtu kana hawwitee ykn jaalattee bitatte ammaa garuu isaa nuffitee kan biraa hawwaa jiraachuun kee hin oolu.meeshaan kamiyyuu gammachuu siif hin kennu.gammachuu kan siif kennu onnee kee keessa jira. itti hin kafflatu toladha.waan gaarii yaadi! waan qajeelaa hojjedhu! waan akka namni siif godhu barbaaddu, namaf godhi! isatu gammachuu fi nageenya daangaa hin qabne siif kenna.

6. #ARAADA(addiction);waant hunduu araada.jireenya kee badaa kan taasisu araada badaadha/gadheedha.araada baada of keessa ajjeesi! inaaffaa, jibba(nama, hojii), dhibaa'umaa, machaa'uu, tanboo aarsuu, sobuu...fi kanneen biroo jireenyaa Kee duubatti harkisan kamuu of keessa buqqisii darbadhu bakka isa arada gaariin bakka buusi gara ati deemu barbaaddeeti siin deema araadni gaariin
Xumureera
Kanan dubbiserra kanneen biroof #share goodha
Jireenyi keessan yaa milkaa'uu!
HORAA BUULA
@daandiimoattotaa

DAANDII MO'ATTOOTAA

05 Jun, 17:12


#Jireenyaa_gammachuu_qabu

#kutaa_1ffaa
Jireenyaa gammachuu qabu jiraachuu namni hin barbaanne hin jiru.kanaf yeroo hunda gaafin ilmaa nama waan isaati hirratee hunda gutaate jireanya gammachu qabu jiraachudha. garuu jireenya gammachu jiraachuu kan danda'uu namoota beekumsa qaban (mo'attootaa) qofa.sababnii isaa Mo'attoonii Tarsiimoo ykn mala jireenya gammachu qabu ittin jiraachuun danda'amu waan beekanif.mee tarsiimoowwan kana duuba bune yaahordofnu.
1#ofii_kee_namoota_biroo_waliin_wal_hindorgomsiisin!
Hundii keenyaa akkuma bifa keenyaa amalli fi fedhii keenyaa garaagara.sababoota gammachuu si dhabsiisan keessa tokko offi kee Namootaa biroo waliin Wal dorgomsiisudha.qurtummiin akka simbirrootti saamii keessa fiigdee gammaduu yoo barbaadde, simbirroon immo galaan keessa seente gammaduu yoo barbaadde lachuu osoo hin gammadin hafu, you rawwatan ammoo ni du'u.kanaaf gammachuu Kee safartuu keetin safaradhu.

2#xiyyeeffannaa_kee_waan_hin_qabne_irratti_osoo_hin_taane waan_qabdu_irratti_taasiisi.
maaltu siti hir'atee? maal qabda ammoo? yeroo waliin madaalchistu kamtuu caala?baay'een keenyaa waan hin qabne irratti waan xiyyeeffannuuf waan qabnutti osoo hin fayyadamiin hafna gammada ta'uf waan hunda qabchun sirraa hin eegamu.sirrittii yoo itti fayyadamte waanti ati ammaa qabdu gammachu keef gahaadha.sababni isa ati tarii qaama guutuu qabda ta'a kan isaa ati qabdu kan dhabani hawwanis ni jirani kana qabachu kee qofti siif madda gammachuu ta'uu danda'aa.

DAANDII MO'ATTOOTAA

03 Jun, 16:21


Kitaaba G/pro #Mihiratu_shaanqoo keessa kan fudhatame jechoota sammuuf soorata ta'an
*******************

Namooni bay'een gaafuma dhalatan du'an muraasin immoo gaafa du'an dhalatu. ati hoo?
Osoo nama hin ta'iin namaf ta'uun hin jiru

Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan of beektus murtoo hin murtessitu.
Barachuun beekuu hin ibsu, beekuun garuu barachuu ibsa.

Gad-aantummaaร—hirkattummaaร—of awwaaluu= of wallaaluu.
Of wallaaluun of awwaaluudha
Dhala nama malee addunyaan duwwaadha
qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala namati.

(Of beekuun foormulaa hin qabu)

Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru lakkoofsa guutuu ta'e dhalata malee

Ati of daangesite teessa taanaan eenyutu daangaa si ceesisa?
Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa?
Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggaattudha.

Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifataniidha malee jaarraa mufachuun injifatanii miti
Ilaamee!! addunyaan sammuukee fi jechaa ati waa'ee keef qabdu keessa jirti

Nama jechuun bu'a yaada isaati. namni waanuma nyaatu fakkaata.
Barriisu kan dandeessu hanga barriisu dandeessu yoo amante qoofa

Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu si ga'aa.
Dirree itti injifatamte keessatti lubbuun jiraachaa hafuu kee caalaa dirree itti injifatamte keessatti dutte awwaalamuu siif wayya.

Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabadhuutii gara dirree seeni.
Tulluun ofiin beekee si dura kufu hin jiru akkaasumas tulluun ati dhibdee si dura kufu didus hin jiru.
Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha.

Sammuu hidhamaadhaan addunyaa hiikama keessa jiraachu irra qaamaan hidhamanii sammuu hikamaa qabaachuu wayya.

Rakkina kaleessa sirraa ga'e har'as rakkin jettee dubbatta taanan har'a iyyuu Namatu siif hin argine malee ati rakkina isa kan kaleessa caalu keessa jirta.
Of booda hin ilaaliin booriikee namni siif ilaalu hin jiruu.

Yoo isinitti tole namoota jallaattaniif qoodaa
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@daandiimoattoota
@daandii moattoota
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡me
https://t.me/daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

02 Jun, 18:43


Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa osoo taane akkataa itti fayyadama guyyoota saana keessa jira. namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenyaa xiqqoo jiraachu danda'a
@daandiimoattoota
@daandiimoattoota

DAANDII MO'ATTOOTAA

01 Jun, 19:48


Channala @daandiimoattoota jedhuu join godhato jechoota abdii namati hoorran dubbisaa