Yayaa Bashir @yaya_beshir Channel on Telegram

Yayaa Bashir

@yaya_beshir


Oromo Frist

Yayaa Bashir (Oromo)

Yayaa Bashir Telegram channel ni jaalattoonni aadaa Oromoo keessatti argamtan. Channel inni gidduutti beekamtaan isa aadaa Oromoo, falmii dhaloota Oromootiin, dhiigni Oromoo, seeraan Oromoo, fi kan aadaa Oromoo hunda irraa yakkamuun mirkana'a jira. Jaalattoonni keenya kana keessatti namoonni kan manaa yaroo fi qabsoo, seenaa, dhiibbii, dhugaa, seera, fi seenaa keenya hojii fayyaa turan dirqameera. Yayaa Bashir Telegram channel irratti haalaan argachuun, qajeelfamoo dhiiboo Oromootiin hammeenyaa yeroo garaagarummaa Oromoo irraa fagoo hin qabdu. Kaayyoon keenya ni gargaaruu dha.

Yayaa Bashir

22 Sep, 20:16


Kana hojjadha sirritti link kana baana

t.me/empirebot/game?startapp=hero1431384267
๐Ÿ”ฅPlay with me, grow your startup.

๐Ÿ’ธ +5k coins as your first gift
๐Ÿ’ต +25k coins if you have Telegram Premium

Yayaa Bashir

22 Sep, 11:15


https://t.me/owlsonton_bot?start=1431384267

Yayaa Bashir

22 Sep, 09:25


https://t.me/memefi_coin_bot/main?startapp=r_c1ed4b5a4f

Yayaa Bashir

22 Sep, 08:40


https://t.me/realgoats_bot/run?startapp=648c9e28-27c3-45e6-8080-4e9e31d6aa0b

Yayaa Bashir

22 Sep, 08:39


Jirra jirtuu jollen tenyaa warri barumsa irra jirre bilash teysani social media garagara irrati yerooo teysaan gubbu irra osso airdrop gargaraa hojjatani galii arkattan natii tolaa
Link airdrop isinifin share godhaa join godha irra fayyadama

Yayaa Bashir

20 Sep, 18:53


https://t.me/hamster_kombAt_bot/start?startapp=kentId1431384267

Yayaa Bashir

16 Sep, 08:28


https://s.binance.com/zEmAsumF

Yayaa Bashir

03 Jul, 21:40


https://youtu.be/7BDQVlmEtlg?si=4P0L9tu1M0Hz3HZn

Yayaa Bashir

20 Jun, 06:29


https://t.me/haMster_kombat_bot/start?startapp=kentId1431384267

Yayaa Bashir

24 May, 18:24


https://t.me/tapswap_mirror_bot?start=r_1431384267 ๐ŸŽ +2.5k Shares as a first-time gift

Erga join gotaan play kan jedhuu tuqaa egas boda coin tap tap goradhaa

Yayaa Bashir

25 Oct, 19:48


Goolabbii dubbii tiyyaatiif barruu Jawar { Boqonnaa Qabsoo Oromoo } ja'ee barreessee gara Facebook isaas gama media OMN dabarse PDF dhaanis maxxanee jiru kan dubbisin akka dubbiftan isin affeera kan arkatin anaas gaafadhaa isiniif ergaa sadarkaa qabsoon Oromoo gubbaa jirtu xumuree lafa kaayee jira waan ta'eef.

#Waan_Waliin_Dhabne_Malee_Waan_Irratti_Wal_Dhabne_Hin_Qabnu

Tokkummaan Humna Guddaa Injifannoo Oromooti
Ilaalcha siyaasaa gara garaa qabnuun wal jibbaa keessaa baanee fuul-dura ummata Oromootiif waliin tokkoomaa hojjadhaa isiniin jannan.

Waan dubbiftaniif galatoomaa yaanni koo yoo isinitti Tole share godhaa.

Yayaa Bashir

25 Oct, 19:48


Ijoo Dubbii Dr Abiy Maal Ja'e.!

Ajaa'iba ture.!
Haasaan Dr Abiy raajii ture specially qabsaawota Oromootiif ergaa guddaa qaba ture akkana ja'e. Yaahaadig ykn wayyaanee keessa seennee cabsine akka isaan itti caphanitti qaamni kamuu nun cabsu waan beeynuun kun siif gala mitii? Jarri nun cabsu nuti yoo wal afaan deebines akka kaleessaa wanni milkaahu hin jiru kanaaf ilaalcha duubatti hafaa gattanii waliif abboomuun haa deemnu akka waan ja'uu fakkaata.

Inni biraa ammoo ijoollee bosona jirtuuf dhaamsa dhaame ykn warra bitaaf innis kana ture dhaabbilee akka manneen barnootaa mana yaalaa waajjira mootummaa fkkf mara diiguun wallaalummaadha maaliif jennaan biyya kanatti yoo mootummaa taate haaraatti waan harka keetiin balleessite deebitee ijaaruuf kadhaa fuula namaa dhaabbatta ergaan kunis gad lallaalan mixiin ija qabdii sani.

Inni biraa ammas kaabineef dhaamsi dhaamame Innis akkana ture. Nama tahi ummata wajji boohi ummata wajji kolfi ummata wajji rakkadhu ummata wajji badhaadhi nama tahi suufa uffattee konkolaataa duuba teeysee hulaa namni sirraa banee ajjaabiin if rakkisuu dhaabi nama tahi boru gaafa hojjachuu sababa dhabdeef sikaafne nuti akkana yaannee turre jechuun hiikan qabu yaadde osoo tahee carraa siif kennametti fayyadamtee hawaasaaf hojjatta ture ja'een dabalees
Inni adaamaa jirtu akka itti Finfinnee boolee seentu yaaduu dhiiftee akka adaamaa itti boolee fakkeessitu irratti hin hojjattu taanaan atis karaa qabatta ergaa walii galaa hoggantootaati kaabineef kan dheengadda dhaamame.

Kan biraa ammaas isan durarra kaase sanittin deebi'a akka ilaalcha kiyyaatti jechi Dr Abiy ja'e sun directly warra siyaasaa Oromoof dhaamame jechuun waliin taanee haa hojjannuu malee akka wayyaanee taankiif baankii waahundaan if ijaarte waggaa 30 deemte kuftetti keessa waan beeynuuf haala saniin kan nukuffisu abadan hin jirus hin jiraatus ja'e kana jechuun warri isa kuffisa ja'ee yaadu ykn ammoo sagalee hawaasaa qaban ja'ee yaadu dhaabbilee siyaasaa Oromoo malee taan hunda karaa qabsiise waan taheef ergaan kun waan isaan ilaallatu natti hin fakkaatu warra keenya malee.

Kanaaf wantoota ijaan arkaa jirru baayyeedhaan wantoonni saba keessaa baane fakkaatu tan dhiigaaf lafee lubbuun itti dhabame hedduun mumullachaa jiraattus gamtaa dhaba dhaabbilee siyaasaa Oromootiif hundi milkaawaa hin jiru kanaaf wantoonni adeemsaan sirratan baayyeen jiraatus fedha keessaniin fedha mootummaatiin wantoota ammatti hin mijjanne booddeetti qabadhaatii waliigaltee uumaa akka warri diina keenya dhaabbataa jaarraa mooyyee/sanduuqa tokkotti walitti qabanii { ye onag mangist ye onag sarawit} makkalaakiyaa dabalatee isa Oromummaa himatu hunda diina godhatu kanatti ija laaffadhaa waliif abboomaa waan sabaaf tahu irratti waliin hojjadhaa.

Dhugaa kana hin dagatinaa ammoo dhaabbileen siyaasaa Oromoo hayyoonni Oromoo beeytonni Oromoo paartii kamuu keessa jirtan hoggansarras jirtan ummanni keenya gatii waggaa shanan darban kana kaffale kana itti gaafatama jalaa akka hin baane sababa keessan ummanni gatii kana mara akka kaffale hin dagatinaa wal tuffii akkamittiin siin hogganama anaatu si hoggana malee kun naan hin malu san malee waliin jechaa keessaniif kanaaf amma kan kutte gundoo tan dhuftuu guddo akkuma ja'amu sana isii dabarte bira kutaatii fuul duratti maal sabaaf goona michooma akkamii uumnaarratti xiyyeeffadhaan dhaamsa kooti dhaamsa Oromooti.

Waggaa arraa xiinxalaan siyaasaa hayyuun Oromoo Jawar Mohammed gaafa galatoomaa addunyaarra deemaa ture dubbate kan Oromoo walin sobnu warra hoggansarra jiran hin tuffatinaa
Nucaalanii dirree qabsoo nuti finnee keessatti nu injifatanii aangoo dhunfatanii kanaaf akka diina darberratti qabsaawaa turretti kan nukeessaa bahetti qabsaawuun hin tahu ja'e kun dhugaa lafa jirtuudha kana Oromoon marti amanee fudhachuu qaba tuffachuu osoon taane tasgabbiin waliin deemuu gaafata..

Yayaa Bashir

24 Oct, 16:55


"Dirqama Filannoo hin qabne" jechuun dubbii Galaana Diimaati!

Akkuma argaa jirru, Yaadni Itoophiyaan Poortii Asab/ galaana diimaa qabachuuf dhiheessite kan diinota itti baay'isu ta'us garuu murtee sirriiti!
Itoophiyaan waggoota 30 oliif kiraa portii Jabuutii (GDP) Biliyoonotaan kireeffattee Jabuutii utubaa turteerti.
Warri Somaliland Dorgomaa gaarii taโ€™anii Biliyoona itoophiyaan Jibuutiitti baastu kana fudhachuuf waggoota Shanan darbeef irratti hojjataa turan. Akkasuma Warri Faransaayii fi Araboonnis (DP world) Galaana diimaa โ€œMonopoliseโ€ gochuu dabalatee Fedhii fi olaantummaa isaanii jalaa akka hin baaneef qabeenya guddaa baasaniiru. Baasaa jirus. Kuni hunduu gabaa fi maallaqa Itoophiyaa abdataniiti.
Harโ€™a Itoophiyaan โ€œLakki ani eenyurraayyuu Bituun na gaheera, Kana booda qunnamtii kallattii Galaana diimatti taasiseen ofiin of jiraachisaโ€ gaafa jettu Abdiin dukkanaa'u baay'achuu mala!
Ankaaraa hanga Abu-Dhabi, Mombaasaa hanga Hargiisaa, Moqadishuu hanga Asmaraa, Jabuutii hanga Paarisitti warri jiran hunduu waan qabuun Itoophiyaa ugguree,Galaana Diimaas taโ€™ee Garba hindii akka hin qunnamne danquuf warra hojjetuudha. Dabalataanis Asab qabachuuf gaafa adeemamu, Jabuutiin Harโ€™a Ertiraaf diinaa tunis Asmaraa cinaa gortee Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka gootu shakkiin hin jiru.
Garuummoo bitaanis ta'ee mirgaan, tolaanis ta'ee malaan, qaala'iinsa jireenyaa hirdhisuuf, Carraa diinagdee biyyattii baldhisuu fi Qoonqoo ummata Miliyoona 120tiif jecha Asab qofa miti Ol siqanii #Mutsuwwwaatti gaafii kaasuunuu cubbuu miti. Murtee sirrii fi sirriiti. Itoophiyaaf Abbaay Caalaa poortiin Asab 1000% faayidaa qaba. Waan akkas faayidaa qabuuf ammoo Dhaadannoo "Lukkuu hanga Lubbuu" jettu sana yoo dhageessisanis rakkoo miti!

Kanuma Tolaanis ta'ee lolaan karaa fi karri doonii itoophiyaaf filannoo miti dirqama!!

Yayaa Bashir

16 Oct, 07:24


Jirra jirtu

Yayaa Bashir

27 Apr, 18:41


Nama Oromoof sagalee tahee yaada isaanii mormu hunda FB irratti gubuun amaluma Finxaaleyyiiti.

Yayaa Bashir

27 Apr, 18:33


Yayaa Bashir pinned Deleted message

Yayaa Bashir

27 Apr, 14:29


Jirra jirtuu turtii yeroo dheraa bodaa Telegram debinee me jirra jedhaa comment gubbatti

Yayaa Bashir

07 Nov, 10:38


Waa'ee Awwaalcha Dr.Ali birraa
Rabbi Rahmata haa godhuufi

Ali birraa mana yaalaatti lubbuun isaa dabarte
Sana booda hospital irraa fuudhame gara mana jireenya isaa Bishooftuutti geeffame yaroo sanirraa kaase haga yaroo ammaa khana Reeffi isaanii BISHOOFTUU akka jiruufi namoonni hedduun garas deemani gadda isaanitti dhagahame ibsachaaakka jiran ni beekkama
Boru yoorabbi ja'e gara Finfinne fidamee Sagantaan guddaan godhama Sagntaa kanarratti ,Seenaa isaa Afaan Amaaraatiifi Afaan oromootin
Dhaamsa hiriyoota Isaatiifi Maatii isaa, akkasuas
Qaama Mootummaatiin dhaamsi ni dabra san booda
ุตู„ุงุฉ ุงู„ุฌู†ุงุฒุฉ
Irratti ni Salaatama
Sa'aa 5: 30 booda
Gara Airport pole fidamee maatisaa haga tokko wajjiin gara Dirree Dhawaa ni gaggeeffama
Warri dirree dhawaatiifi bakka hundarraahuu namni Rabbiin isaaf laaffise STADIUM Dirree Dhawaa tti qeebalanii irratti Sagadanii
Gara qabri Muslima DIRREE DHAWAA laga harree ykn Jadiidaa bakka Awwaala abbaa isaatti Awwaalli isaa Raawwatama
RABBI RAHMATA HAA GODHUUF

Yayaa Bashir

07 Nov, 08:01


แแ‰…แˆญ แŠฅแŠ•แ‹ฐ แŠ แˆตแ‰ดแˆญ แŠฅแŠแŠ• แŠ แ‹ญแŒŽแ‹ณแŠแˆ
แŠ แˆŠ แˆตแˆˆ แˆ†แŠ•แŠฉแŠ แŠฅแˆธแ‹แ‹ฐแ‹‹แˆˆแˆ
แŠจแ‹ตแˆฌ แˆตแˆ˜แŒฃ แŒแŠ“ แ‰ตแŠ•แˆฝ แŠแ‰ แˆญแŠฉ
แ‹›แˆจ แŠจแŠขแ‰ตแ‹ฎ แˆตแ‰ณแˆญ แ‰ฃแŠ•แ‹ต แŠขแ‹ฉแŠ แŒแ‹ตแŠ•แŒแ‹ต แŠแŠ" je'ee afaan Amaaraa caccaphaan wallisuun iddoo fii gatii afaanichaaf qabu ifa baasuun jara garaa gube.

Gama biraa tiin ammoo, wallee,
"แ‰ตแ‹ แ‰ตแ‹ แŠฅแ‹ซแˆˆแŠ แ‰ฅแ‹™ แ‰ฐแŒจแŠ•แ‰„
แŠจแŠ•แ‰ฑ แˆ‹แˆ‹แŒˆแŠแˆฝ แŠ แŠ•แ‰บแŠ• แˆ˜แŠ“แˆแ‰„

แˆ…แˆŠแŠ“แˆฝ แŠ แˆตแ‰ฆ แˆแ‰ฅแˆฝ แˆ˜แ‰ผ แˆจแ‹ณแŠ
แŠฅแŠ” แŒแŠ• แ‹แˆตแŒฅ แ‹แˆตแŒกแŠ• แˆ˜แŠ“แˆแ‰„ แŒŽแ‹ณแŠ
แˆ˜แŠจแˆซแŠ• แˆตแ‰ฝแˆˆแ‹ แˆ›แŠ•แˆ แˆตแ‹ แˆณแ‹ญแˆจแ‹ณแŠ
แŠ แŠ•แ‰บแŠ• แˆ˜แŠ“แˆแ‰„ แ‹ฐแˆ…แŠ“ แŠ แ‹ตแˆญแŒŽ แŒŽแ‹ณแŠ" jettu alalaasa miidhagaan qindeeysee Mahmuud Ahmad akka ittiin beekkamu kan godhe Alii Birraa ti.

Alii Birraa akkuma wallee isaatti,
"Oromiya Oromiyaa biyya abbaa koo tii
Gammachuum too irruu hammaan si arkutti

Oromiyaa biyya jeeynota kumaatamaa
Ol ka'uus gaciisuus yaadnni kiyya sumaa
Abdiin too hawwiin too suma galmi kiyyaa
Si obsuu dadhabe biyya too Oromiyaa" je'etti, bara 2004 keeysa sadoo biyya namaarra rakkoo biyya isaa filachuun, jiruu biyya ambaa tan waggaa diiydamii booda Oromiyatti deebi'e. Akka achi gayeeniis, gorsa abbaa isaa kan barnootatti jabaadhuu, kan inni irraa hamilee cabse, hadhaadhiyyuuf karoorfate. Karoora kanaan, hiyyeeyyii naannoo Ija Aannannii tan naannoo Dirree Dhawaa, warra hiree barnootaa tiin wal arkuu hin dandeenyeef mana barnoota sadarkaa duraa banee carraa barachuu tiin walitti baase.

Gabaabinatti, xiqquma irraa himuuf yo tahe malee, seenaan Alii Birraa, barruu gabaabduu tanatti waan shalagamuu tahaa tii miti. Ali, afaan, aadaa, biyya, seenaa fii qabsoo Oromoo-rratti walleeleen wallise hedduu tahuu malees, tan irraa himanii fii dhiisan keeysaa filuun haalaan nama rakkisa.

Wareega godheen kan wal madaalu tahullee batu, Aliin, gumaata guddina afaan, aadaa fii wallee Oromoo tiif godheef waldayoota hawaasa Oromoo hedduu-rraa badhaasa beekkamtii hujii umrii guutuu badhaafamee jira. Hujuma isaa tanarraa ka'uun, Universitiin Jimmaa Digrii Kabajaa Doktorummaa Muuxiqaa kennee fii jira. Jaarmayni Muuzik Afrik ja'amu kan biyya Kanadaa, magaala Torontoo qooda artii Afrikaa tiif gumaacheef Badhaasa Beekkamtii Hujii kennee fii jira.

Ali, akkuma "Birraa dhaan Barihe"-en jalqabetti, afaan Oromoo, Arabaa, Soomaalee, Adaree, Affaar walleelee mimmidhagoo ammayyaa dhibba sadiihii ol hawaasa Oromoo tii fii, kanneen biraa tiif gumaacha daaddaa hin qabne godhee, Sadaasa 06, bara 2022, umrii 74-tti bakka kan dhalate irraa hin deebinetti lammii isaa kan akkaan jaalatu dhiisee sokke.

Alii, bilisummaa ummata Oromoo tan jaalala isii bifa addatti ibse odoo goolabbii isii hin arkin biraa deemullee, walleelee isaa kanneen yaroon moofoysuuf hin jiraanneen ilaa abad dhaloota dhufaa jiruu booharsuuf jiraata. Seenaan isaa tiis isaanumaa waliin dhalootarraa dhalootatti dabara.

Galanni isaa Jannatul Furdoos haa tahu!
Sadaasa. 06, 2022-

Yayaa Bashir

07 Nov, 08:01


Haala kana keeysa, ministeroonni Jabuutii kanneen boqonnaaf Dirree Dhawaa dhufan, isaanii wallisu arkanii, Jabuutii dhufanii hawaasa isaanii akka booharsanii fii, achumaanuu jabaabira isaanii sossooha afanii fii aadaatti kakaasaniif kara manguddoo tiin Hawwisoo Urjii Bakkalchaa afeeran.

Wallisoonni afaan Oromoo biyya alaatti afeeramuun, mootummaa Hayle sillaasee tan jijjiirama hawaasa Oromoo keessatti dhufaa jiru-rraa baaragaa fii dallansuu qabduuf fudhatamuu dide. Saniif, wallisootaaf baasaboora daangaa itti qaxxaamuran kennuu didan.

Alii fii wallisoonni Urjii Bakkalchaa, garii, murtii bulchiinsa Amaaraa fudhachuu diduun, odoo abbootii fii manguddootaan hin marihatin, tokkoo-lamaan Jabuutii dhaquuf baabura garas deemurra if kaayan. Bakka sakattaa malaan dabraa, wal duraa-duuba Jabuutii seenanii, Birraa 24, bara 1965, afaan Oromoo dooyaa biyya alaa-rratti baasan. Duratoota Oromoo kanneen magaalattii keeysa jiran if waliin dooyaarratti baasuun, wallee afaan Oromoo malees kan Arabaa, Soomaalee fii Affaar muuziqaa ammayyaa fii sossoohinsa ajaaโ€™ibaa tiin miidhaysanii wallisuun, ummata magaalaa Jabuutii seenaa daawwachiisan. Achumaan saba Oromoo boonsan.

Oduun wallisoonni Afran Qalloo magaalaa Jabuutiitti agarsiisa godhuu gurra mootummaa Amaaraa seenuuf yaroo irraa hin fuune. Jarri duraanuu sossoohicha ugguruu barbaadan, miseensota hawwisootaa kanneen Dirree Dhawaa keessa jiran adamanii hidhatti guuruu fii miya isaanii caccabsutti seenan.

Ali yakka mootummaan Amaaraa wallisoota Oromoo-rratti godhaa jirtu dhagayee biyyatti deebi'uu dhabuu murteeffate. Abbaan isaa garuu, akka biyyatti deebi'u kadhate. Ali fedhii abbaa, kan isa malee ilmoo biraa hin qabne, kan isaa jecha fuudha hanqate, dura dhaabbachuu garaan dadhabe. Akkasiin, lasbaasee (hayyama yaroo) warri abbaan itti erge Imbaasii Xoophiyaarraa baasaniif qabatee, dhuma bara 1965, karaa biyyaa qaceele. Hoggaa achi gayu, akkuma eegetti, ililliin odoo hin taane, hasbiin simatamee, harka hudduu duubatti hidhamee, Aawziin, mana hidhaa guddaa magaalaa Adaree, geeyfame.

Ali, umrii bara 15-16-tti, mana hidhaa Biyyoo Adaree, kan mootumaman Amaaraa Oromoota keessatti araraaftu keessa ji'a jahaa ol eega hidhame booda, gunaa fii kadhaa cimtuun, hidhaa-rraa gadhiifamee, Dirree Dhawaatti deebi'e.

Gaafana, hawwisooleen Afran Qalloo takkalleen hin jiran. Meeshaaleen muuziqaa gariin duraa caccaphee, gariiniis saamamee jira. Waaheloonni waliin Jabuutii dhaqan, kanneen biyyatti deebi'uu didanii alatti hafan malees, gariin biyya dhiisanii Soomaaletti baqatanii jiran. Kanneen hafan ija-diimtuu ammaa-ammaa tiin waan lubbuun itti guraaramteef wallisuu dhiisanii jiru. Ali, kan haala kana keeysatti hidhaa bahe, dachiin itti garagaltee, magaalaa keessa daddeemuu malee waan godhu dhabe.

Abbaan Alii, ilmi isaa, mana barnootaatti deebi'ee jiruu akka sirreeyfatu godhuuf tattaafatullee, milkaawuu dadhabe. Haala ilmi keessa jiru akka jijjiiruuf, iddoo amalli itti sirraawu (แŒ แ‰ฃแ‹ญ แˆ›แˆซแˆšแ‹ซ) naa geeysi jechuun, Jamaal Haaji Aadma Iloo, kan gaafasitti miseensa Paarlamaa Xoophiyaa turetti, kenne.

Jamaal Haaji Aadam fedhii Mahammad Muussaa guutuuf ji'a Waxabajjii tan bara 1966, Alii Birraa if waliin fuudhee Finfinnee geeyse. Ali halkan mana Jamaal bulee borumtaa akka magaalaa laaluuf manaa gadi baheen, joollee Dirree Dhawaatti wal beekan arkee, achumaan achi tahee, manatti deebi'uu hanqate.

Alii waahellan malees gitaara arkatee, hiriyootaa waliin gondoota Finfinnee keeysa daddeemee taphatu, namni Koloneel Xaahir ja'amu kan Haati Warraa Oromoo, dhalataan Dirree Dhawaa fii miseensi garee Raayyaa Waardiyaa Mootichaa (แŠญแ‰กแˆญ แ‹˜แ‰ แŠ›) arkee, haalaan dinqifate. Xaahir akka fedhii Alii hubateen, isaa Finfinnee seenee ji'a sadihii, Hawwisoo Booharsituu Mootichaa, tan maqaa Kibuur Zabanyaa (แŠญแ‰กแˆญ แ‹˜แ‰ แŠ›) qabdutti, ji'a Birraa tan bara 1966, akka mindaawu godhe.

Yayaa Bashir

07 Nov, 08:01


Hawwisoo Kibuur Zabanyaa keeysatti wallisoota akka Mahmuud Ahmad, Xilaahun Gassasaa fii Buzunesh Baqqalaa faa-tti hanga'ee arkamuuf Alirraa yaroo hin fuune. Wallee afaan Oromootti ykn akka gaafas ibsamutti tan afaan Qottuu-tti waliisaa tokkicha qoonqabii hin qabne tahe. Qophiin ayyaanotaa fii dhimmoota addaa-addaa tiif ammaa-amma qophooytu isa malee miidhagina tan hin qabne taate.

Walleeleen Alii miidhagina qabaatanillee, Ali haalaa fii amala Hawwisoo tiin wal fudhachuu dadhabe. Inni dura rakkoo itti fide yaroo shaakhalaa, Ali, jimaa qabatee ykn mallaa guuttatee kan arkamu tahuu isaa ti. Haala kanaaf Ali irra daddeebi'amee doorsifame. Odoo saniif rakkaatuu gaafa kaan dhibdee sanii olii tiin yakkame.

Badiin tan arkamte qophii hiraataa tan Hayle Sillaaseen keeysummaaf godherratti. Gaafana, akka Alii fii wallisoonni galgalicha booharsaan miidhaysuuf dooyaa qabataniin Mootichi keeysummaa isaa waliin galma seene. Yaroo tana, warri Alii waliin galma gubbaa jiran hundi bakka takka mudhii gaccabsanii lafa laalutti seenan. Ali garuu akkuma dhaabbatetti hafee mootichaa waliin ija keeysa wal daawwatan. Hoggaa kan ashkaroonni Mootichaa, kanneen hojjaan birbirsa gayan, Alii qallaa fii dhaabbata xiqqaa, rarraasanii achii-rraa deemaniin.

Dubbiin Alii rarraafamee galma keeysaa bahuu qofatti irraa hin oole. Hidhaa guyyaa muraasaa tan mana qorraa booda, Dhaddacha Raayyaa-tti dhihaatte.

Ajajaan baannanni (himanni) Alirratti dhihaate bira gaye, maalif Mootichaaf sujuuduu akka hanqate Ali gaafate.

Ali akka amantii isaatti (Islaamaatti) kan sujuudamuuf Rabbi qofa tahuu fii nama akka isaa tiif gadi godhachuun yakka tahuu Ajajaatti hime.

Ajajaan sujuuduu fiin hanqatee ammas "Mootichaan isa jattaa?" je'e Aliin.

"Mootichi nama meeqa?" Je'ee Ali Ajajichaan.

Ajajichi waan deebisu dhabee Ali, Koloneel Xaahir, kan hujiicha akka seenu gargaareetti erge. Xaahir, malli Ali haala akkanaa jalaa itti bahu, akka miseensa raayyaatti odoo hin taane siviiliitti if mindeeysuu tahuu itti gorse. Aliis gorsa Xaahir fudhatee mindoomina Kibur Zabanyaa waliin qabu jijjiire.

Haala kana keeysa qophii boohartii hawwisoon ajajoota raayyaa biyyaa tiif gootu takkarratti Ali rakkoo seene. Ali faa wallisuuf qophaawaa jiru Jeneraaltichi tokkoo haasawa dheereeyse. Yaroo tana Ali, kan barcaan manatti eeydu, obsa fixatee, sagalee ol kaasee, "Boo ni taphannaa, haasawa kee nurraa dhaabi!" je'e. Ali akkas jechuumaa fii rarraafamee deemamuun waluma-faana tahe.

Akka olii kanaan, uumamni Ali kan bashaashummaa, walbaa fii burraaqaa jiruu Hawwisoo tan naamusa malees, ukkaamamaa fii ajajaootaaf mataa gadi cabsachuu wal fudhachuu dide. Kanaaf, mindoomina waggaa sadihii booda, Ali, jaraan nagayatti je'ee biraa deeme.

Akka hujii Hawwisoo Kibur Zanenyaa gadhiiseen Ali, dardarri, umrii diiydamii lamaa, tin'isa waahela abbaa, Ibraahim Abdullee, tiin Warshaa Baaburaa tiif Hojjataa Miya Bishaanii kan Buufata Awaashitti mindaawe.

Hujiin kuni, Ali Birraa, Dirree dhawaa fii Finfinnee madiinota wallee fii sirbaa keessaa baasee, gammoojjii sagaleen muuziqaa fii wallee hanqatee, cuqiin shimbirraa irraa hin dhagayamne geeyse. Gaafana qunnamtiin Ali adunyaa muuziqaa waliin qabu raadiyoona xiqqaa tokko qofa tahe. Akki kuni, Alitti adabbii hidhaa dhaabbataa kan abbaa itti murteeysi hin beeyne itti tahee, umnaawa bara lamaa booda, jalqaba bara 1972, hujicha dhiisee Finfinnetti deebi'e.

Akka Finfinnetti deebi'een, xiqqo turee, Hoteela Harraambeetti wallisummaan mindaawee, galgala-galgala daawwattoota booharsuun, fedhii isaa itti fufutti seene. Haala kana keeysa, bara 1973 keeysa walleelee isaa, Abbaa Lafaa, Awaash, Imimmaan Jaalalaa, Kan Ati Feetu Isaan Hin Fedhan, Waa Sillee Hin Dararuu, Ushuruururuu, Eessattiin Si Arka, Si Jaallee, Nagayattiin Siin Ja'a Imimmaan Haqachaa fii Hin Yaadin bakka tokkotti haqaaree baase.

Yayaa Bashir

07 Nov, 08:01


Walleeleen armaa olii, walaloon, yadalee fii muuziqaan Oromoo bira dabranii lammii biyya guutuu dhunfatan. Makiinota gurguddaa daldalaa, manneen dhugaatii, manneen sinimaa, dukkaanonni walleeleen taphachiisan kanneen Alii Birraa tahan. Raadiyoonni biyyaa kan duratti ji'atti wallee afaan Oromoo tokko faa dhageeysisu, walleelee namni karaa isaanii tiin akka taphatamuuf waliif gaafatan biratti, guyyatti, san hanqannaan torbaanitti, wallee Alii irra kaayuu addeeyfachaa dhufe.

San biratti, walleeleen Alii manneen bashannanaa, siniimaa, dukkaannaan, keessaa dhawwaaqan. Ushurururuun atoobusa gurgurraa biyyatti keessaa olii-gad deeman fudhatte. Qohiin aruuza walleelee walleelee Alii malee tan biraa magantatte.

Ali haala hawaasa keeysa jiru mara-rratti alaalse. Wallee isaa tiin cunqurfamaaf sagalee tahe, miidhamaa hadhaadhiyye. Walleen " Yaa Abbaa Lafaa" jattu, tan roorroo sirni Miniliki-rraa kaasee lammii Oromoo mude balaaleeyfattu, tan,
"Hamma arraa tooftaa sobaa uumtee
Ummata saamuu dhaan lafa walitti qabattee
Qotee bulaa roorroo dhaan dhamaaftee
Tooftaan tee dulloomtee humniti tee kuftee
Taa'anii nyaachuun raawwattee, hobbaatee
Odoo hin taraarree callaa saffarachuun
Cooma jijihachuun dammaa dhadhaa nyaachuun
Qooda kaleeysa dabre dafqa malee jiraachuun

Hamma arraantanaa hiyyeeysa saamtanii
Dafqa malee sadoo burraayxaanii
Asirratti raawwatti faraqaan teeysanii

Yaa abbaa lafaa hubadhuu dhugaa yaroo tii
Gamtummaan qabeenyi cire hidda kee tii
Filmaata biraa hin qabdu ka'i hujii dhattii" jettu, fincila mooticha inni (Aliin) sujuuduuf dide aangoo-rraa baasuuf godhamaa ture fiixa baasuu fii jijjiirama sirnaa fichisiisuuf gumaacha guddaa goote. San malees, walleen,
"Maal ja'anii maal himanii?
Hoggaa yaadaan dhibamanii
Jiruu afaan wallaalanii

Kan lafa dhabee horii saamame
Kan roorroo jibbee gaaratti game
Maal odeeysa maal dubbata mee?

Kan facaafatee kadhaa mudate
Kan irraa hoongawe waani abdate
Maal irraa odeeysa waan isa mudate?

Dur qarayyoon boonee kan arra jaame
Odoo ifni jiruu guyaan itti dhaame
Maal anaannata gufuun yo dhawame?

Kan roorroon alagaa mukhatti galchite
Kan bilisummaan dhiiga qaadhimte"
Maali abdiin isaa yo duuti aggaatte?" jattuu, namni haala jiruu fii jireenyaa sirritti akka yaadu goote.

Dimshaashatti, Alii Birraa, warra afaan Oromoo beekanii fii hin beeyne, kanneen jaalatanii fii jibban mara, wallee afaan Oromoo alalaasise. Yoom san qofa, xiqqo turee, wallee,
"Yaa bartuu kutattu, warraaqsi sitti dhaama
Yaadadhu siin ja'a, saba cunqurfamaa

Tulluu gubbaan bahe hallayyarra gorii
Raaree keessa ceehii gaara qaxxaamurii
Atuu ni arkitaa, qarreerra dhaabbataa
Bututtuu uffataa midhaan kotakottaa" jattu gaafa baase, dhaabni Ihaappaa kan yaroo sanitti akka hidda baarzaafiitti barattootaa fii hawaasa keeysa loohaa ture, faaruu dhaaba isaa godhate.

Alii haala hawaasa keeysa jiru, gadda, gammachuu, roorroo, seenaa, duudhaa fii kkf hundarratti walleelee yaroon hin moofoysine kanneenn dhagayamanii hin quufamne wallise. Qabsoo hadhooytuu inni faan godhaniin, qoqqodamni diinni hawaasa Oromoo tiif hawwe diigamee, Gurraandhala 28, bara 1976, gaafa Oromoon naannoo adda-addaarraa agarsiisa aadaa tiif Finfinnetti wal gayan, walleen Alii Birraa,
"Waa malli nu dhibee jenne bitaa-mirgaa
Karaa sirrii dhiifnee maalif deemna moggaa

Rabbi moo namumaa kan seera jallisee
Haati teenya takka maaltu addaan nu baase,"en warra galma san keeysa turan imimmaan gaddaa fii gammachuu dhangalaasifte.

Yayaa Bashir

07 Nov, 08:01


Ali, xiqqo turee, odoo diina hin sodaatin wallee seenaa hawasni Oromoo sirna gabrummaa Habashaa dura qabaachaa tureen as bahe.
"Karaan manni Abbaa Gadaa eeysa
Dhaqeen Galma isaa jajjabeeysa," jechuun, mambultii wal-qixxummaa, sadoo fii qananii, tan gaafa adunyaan Abbootii Irree jala turan, Oromoon dimokraasiin itti wal bulchaa turan beekaa fii wallaalaa Oromoo bira kutee firaa fii diina yaadachiise.

Walleelee kaasetaa fii shaklatti baasuun alatti, Ali, Hoteela Harraambee malees, Kilaba Waazeemaa, Zaambeez, Hootala De-Afriik ja'amuu fii Raas Hootelitti booharsaa daawwattoota kumaatamaa tahe.

Haala kana keeysa, gaaf tokko isaa halkan wallisaa bulee, ganama karaa manaa gala deemu, nama tokko kan harreen qoraan itti fe'ee deemuun waan qeeyra ol bahuu dadhabeef, tuminsaan tabba baasuuf ijibbatutti dhufe.

Ali, namichaan, "boo! Harrichi dadhbee, mee xiqqo hafuura baafachiise," je'e.

Namicha kana dhagaye, Aliin, "harrichi kiyyaa akkaan fedhee godha," je'e.

Ali "harricha akka feete godhuu hin dandeeysu" namichaan kan je'u tahe.

Yaroo tana namicha foolisii itti yaamee, Ali qabsiisee, qabalee geeyse.

Warri qabalee isaanii Ali hidhuuf deemu, Hoogganaan (Liqa-manbarri) isaanii, kan Ali beeku dhufee, rakkoo Alii fii namicha jidduu gaafate.

Ali yaada isaa kan jalqabaatti cichuun, "namichi kuni harricha ajjeesaa jira. Horii ittiin gurgur ani niin kennaa fii, qoraanicha asumatti irraa haa buusu!" kan ja'u tahe.

Hoogganichi, kan haala Alii, walleelee isaa waliin beeku, cinatti qabee, "yaa Ali wal'aansoon mirga ummataa tiif gootu si haqatteen, ammaas kan beeyladaatti seentee?" je'ee sossobee karaa mana isaa akka deemu godhe.

Bara 1982 keeysa, odoo Raas Hoteelitti wallisuu, Ali dubartii Birgiittaa Astroom ja'amtu, tan barreessituu safaaraa Suwiidin taate waliin wal baree, fuudhe. Birgiittaan, bara 1984 keeysa ramaddii hujii biyya Xoophiyaa raawwattee hoggaa Amerikatti jijjiiramtu, Alii niis lammummaa biyya Suwiidin fudhatee, niitii isaa waliin, magaalaa Kaalifoorniyaa tan biyya Amerikaa dhaqe.

Bara 1984 irraa kaasee hamma 1992 Alii fii Birgiittaan hujii fii salaloof biyyoota Amerikaa Kaabaa, Awrooppaa fii Aasiyaa keeysa daddeeman. Haalli kuni, Ali, hawaasa Oromoo malees muuziqaa-rraa fageeyse. Jiruu sadoo fii qananii qabaatullee, wallee fii wallisuun adda bahee jiraachuun Alii-tti rakkoo tahe. Kanaaf, kaaseeta isaa kan bara 1992-a akka baaseen, Ali, wal-hubannaan Birgittaan wal hiikee, walleelee isaa kanneen hin moofoynee fii haarayaa waliin, hawaasa Oromoo kan yaroo sanitti adunyaa wal gayaa jirutti as bahe.

Alii Birraa, akkuma nama Dirree Dhawaa keeysatti dhalatee guddatetti afaan Oromoo biratti, kan Arabaa, Amaaraa, Soomaalee fii Adaree qaceellotti dubbata. San boodaas, kan Suwidinii fii Ingilizii itti dabalate. Afaanota alagaa keeysaa kan Arabaa, Soomaalee fii Adareetti walleelee seena qabeessa tahan, kanneen akkuma gaafa bahaniitti yoomuu jaalataman hedduu wallise.

Gama biraa tiin gaafa Hawwisoo Kibuur Zabanyaa keessa turee fii san boodaas afaan Amaaraa tiin akka wallisuuf dhiibbaa guddoo tu irra ture. Garuu afaan kanaan wallisuu akka foon karkarrootti lagate. Akkuma Xilaahunii fii Buzuneshitti, afaan Amaaraa tiin wallisuun bu'aa guddaa akka qabuuf Ali tolchee beeka. Haa tahu malee, afaan Amaaraa kan afaan isaa cunqurse tahuu waan hubateef, bu'aa silaa gamasiin arkatu wareeguu murteeyfate.

Murtiin akkasiin fudhate, jaalala Amaaraa tii fii horii irraa arkatu dhabsiisuu malees, naaduraa siyaasaa biyya sanii keeysaan rakkoo akka itti fiddu odoo beekuu ti. Gaaffii haala kanaaf karaa warra aangoo qabuu tiin ammaa-amma itti dhihaattu, tooftaa fii qarooma joollee Dirree Dhawaa (Iyyaal Dirree) tiin jalaa miliqaa ture.

Afaan Amaaraa tiif gatii kennuu dhabuun Alii, isa bira dabree afaanii fii saba Oromootti kabajaa godhe. Oromummaa arra dagaagee, qabsoo bilisummaa yoomiyyuu caalaa finiinsaa jiruuf onnee tahe.

Alii, afaan Amaaraa ittiin wallisuu diduu bira dabree, akka armaa gadiitti walaloo mana hin rukkunnee fii dhama hin qabneen,
"แˆตแ‹˜แแŠ‘ แˆตแˆฐแˆ› แŠฅแ‹ซแ‹จแˆ แ‹˜แ‹แŠžแ‰ฝ
แŠฅแŠแˆ แ‰ฃแˆ›แˆชแŠ› แ‹›แˆจ แŠฅแ‹˜แแŠ“แˆˆแˆแข

Yayaa Bashir

07 Nov, 08:01


SEENAA GABAABAA-Dr.K. ALII BIRRAA(1948-2022)

Uumama isiirraa kaasee Xoophiyaa kan jaare, diinarra ittisee fii adunyatti beeysise Oromoota. Warra jaarinsa isii tiif utubaa tahaniif Goobana Daacee fii Qusee Diinagdee; kanneen diinarraa ittisaniif kanneen akka Balaay Zallaqaa Qilxuu; warra adunyatti beeysisaniif Abdiisaa Aagaa, Ababaa Biqilaa, Faaxumaa Roobaa biratti kumaatama maqaa dhawuun ni dandayama.

Haala olii biratti afaanii fii aadaa Amaaraa, kan maqaa Xoophiyaa golgate, lubbuu itti godhuu fii guddisuu keeysatti qoonni Oromootaa Amaarotaa oli. Fakkeenya kanaa tiif Xaggaayee Gabre-medhin, Xilaahun Gassese, Buzinesh Baqqalaa fii Oromoota baayyee tu lakkaawama.

Warri armaa olii kuni, beekaa ykn wallaalaan, ifii dabanii ykn dogoggoranii, lammii Oromoo waanjoo diinaa jalatti galchuu bira dabranii maalummaa fii eenyummaa isaa mulqee tan Amaaraa akka fudhatuu fii, of ganee isaan akka tahu, godhamuu keessatti gumaachi isaanii guddaa dha.

Ee! Namoonni aangoo fii dantaa waa-xiqqoon fedhii lammii isaanii gananii fii gurguran hawaasa hunda keeysatti rakisha. Qaaliin, warra aangoon, horiin, sadoo fii qananiin, dantaa lammii isaaniitti duuyda gara hin-galchine. Haala kanaan, bu'ura Oromummaa kan tahe, afaanii fii aadaa Oromoo dhabamsiisuuf ijibbaata diinni godhaa ture hoongeeysuu keeysatti namni wal'aansoo seena-qabeeysa godheen, afaan Oromoo du'a diinni hawweef jalaa bahee sadarkaa arra irra gaye heluu keessatti gumaacha hundaa olii qabu Alii Birraa ti.

Alii Birraa abbaa isaa Mahammad Muussaa fii haadha isaa Faaxumaa Alii-rraa, Xaaliyaanii biyya teenya keeysaa bahee bara torbaa, Caamsa 26, bara 1948, magaalaa Dirree Dhawaa, Ganda Kaabaa kan gaara Ganda Qoree duubaan jiru jalatti arkamu-tti nama dhalate.

Mahammadii fii Faaxuma wal fuudhanii bara shanitti, Alii dhalatee amata sadihii, wajji jiraachuu dadhabanii adda deeman. Yaroo tana abbaan Alitti waan cicheef Faaxuma odoo hin jaalanne ilma isii abbatti dhiiftee, Ejersa Gooroo, biyya itti dhalattee guddattetti, deebite. Haalli kuni, Ali, abbaa malee haadha dhablee godhe. Haa tahu malee Rabbi adaadaa isaa, Maryam Muussaa (Aboonyi), obboleeytii abbaa, bakka haadhaa buuseef.

Abbaan Alii, Mahammad, nama ogummaa hujii harkaa tiin beekkame. Hujii tanaan nama Sharikaa Baaburaa-tti mindaawe. San biratti, koontiraata hujii tan boombaa bishaanii manneeniif naquu fii, bakka caphe tolchuu tiin bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa waliin qabuun nama jiraatu. Haala kanaan, ilma isaa, tokkicha, Ali, aayyadaa malee guddisuu murteeyfate.

Ali, akka umrii barnootaa gayeen, mana barnoota amantii Islaamaa kan maqaa Madrasa Jadiidaa-tti beekkamu, kan Ganda Laga-Harree-tti karaa oliin arkamutti galmeeffame. Achitti hamma hulaa shanii eega barate booda, mana barnootaa kan gaafasitti maqaa Lu'ul Makoonnin qabaachaa ture, kan Gaziiraa keessatti arkamu geeyfamee, achitti hulaa jahaffaa xumure. San booda, Ali fedhii gama kanaan barnoota itti fufu dhabuu waan hubateef, abbaan, madrasaa Arabii, kan Ustaad Gubee, kan gaara Ganda Qabri-Joollee gubba arkamu naqe.

Ali barnoota Madrasaa Ustaad Gubeetti kennamu yaroo gabaabduu keessatti fixee, achumatti, barsiisummaa mindaawee, Ustaad Ali moggaafame. Isaa haala kana keeysa jiru, sossoohinsi Afran Qalloo kan guddina afaanii fii aadaa Oromoo tiif bu'ura tahuuf jiraatu Dirree Dhawaa keessatti jalqabe.

Kan sossooha kanaaf sababa tahe, aruuza ilma Ugaazaa, kan jalqaba bara 1961 keeysa godhame. Gaafana wallisoota wallee afaan adda-addaa tiin afeeramtootaa booharsaa turaniin, Rabbi rahmata haa godhuu fii, Abdullahii Girichoo, โ€œmee wallee afaan keenyaa tiis, takkallee taatu, nu dhageeysisaa khaa!โ€ jeโ€™e. Wallisoota keessaa kan gaaffii Abdullaahii tiif deebisaa kennu dhabnaan, Rabbi Jannataan haa qananiโ€™uu, Hassan Umar Tarree, sagalee ol kaateen, gaaffii Abdullaahii warra dooyaa-rra jiraniif irra deebiโ€™e. Gaaffiin lamada itti darbatamnaan, kan miya muuziqaa dhawaa ture tokko, โ€œmeeshaan muuziqaa afaan Qottuu hin beeytuu. Yo ittiin dhawan ni cabxi,โ€ deebisaa jattu kenne.

Yayaa Bashir

07 Nov, 08:01


Deebisaan kennamte, qaanqee dallansuu fuula Abdullaahii Girichoo, Hassan Umarii fii dargaggoota dura facaaftee, sharaa bashannana aruuzaa tiif dhaabbatte shororkaan weerarte.

Dubbiin gurbaan mana aruuzaatti afaan Oromoo laalchisee darbate, sharaa aruuzaa keeysa qofatti hin dhaabbanne. Hawaasa Oromoo naannoo sanii, keessaa huu, manguddoota, haalaan onnachiifte. Odoo hin turin, horii walitti baasanii, miya muuziqaa ammayyaa bitanii, dargaggoota fedhii wallisuu qaban harka kaayan. Gochi isaanii kun, Hagayya 05, bara 1961, Hawwisoo Afran Qalloo tan maqaa Urjii Bakkalchaa tiin beekkamuuf jiraattu dhalโ€™che.

Miseensoonni Urjii Bakkalchaa kanneen harmoonikaa afuufuun rakkisaa ture, yaroo gabaabduu keessatti, miyoota muuziqaa bitamee fiin wal fudhatanii, Bitooteessa 08, bara 1962, ayyaana Iida Ramadaanaa kan Hijraa 1381, dooyaa galma bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa-tti ol bahanii hawaasa seenaa daawwatamtee hin quufamne badhaasan. Achumaan, dargaggoota magaalatti maraan,
โ€œIlmaan Afran Qalloo maalif tatteeysanii
Dardara alagaa if cinatti hin-gartanii
Afaan isaanii-tiin kunoo wal faarsanii
Dubarran teenya tan karaa yaatu-lleen
Wanni wallisan bar tan jaraa ti walleen,โ€ jechuun wal'aansoo aadaa fii afaan isaanii guddisuu-tti yaaman.

Akki kuni, magaalaa Dirree Dhawaa, Urjii Bakkalchaa biratti hawwisoo Biiftuu Ganamaa, Hiriyaa Jaalalaa, Maskoob, Arsalee fii Suuqal Ilaaq badhaase. Dargaggoota malees, shamarran maqaa Azeeba Timiraa, Biqilee fii Eeynabeen gurmeeysee, akkuma dhiiraatti dooyaa agarsiisaa gubbatti baase.

Dargaggoota yaamicha Urjii Bakkalchaa jalaa oowwatanii guddina aadaa fii afaan isaaniitti bobbahan keeysaa tokko Alii Birraa ti. Aliin nama joollummaan wallee fii wallisuu akkaan jaalatu. Kanarraa kan ka'e, mana barnootaa keessatti faaruulee yaroo adda-addaatti barattootaan dhihaatan irraa qooda fudhachaa ture. Sanii tu umrii bara kudha afuritti, hawwisoo Hiriyaa Jaalalaa tiif isa qaadhimsiise.

Ali, hawwisoo Hiriyaa Jaalalaa tan kaa'imman umriin warra Urjii Bakkalchaa tii gadiitti makamee odoo xiqqollee hin turin, dandeeytii yadalee wallee baafachuu fii wallisuuf qabuun Urjii Bakkalchaa tiin fudhatamee, Iida Ramadaanaa kan Gurraandhala 25, bara 1963-i dooyaa gubbatti bahee, sagalee isaa bareedduu fii alalaasa miidhagaan walle,
"Birraa dhaa barihee,
Ililliin urgooytee
Dilee maaliin qabaa
Rabbii kiyya gooytee? jettu wallisuun, daawwattoota if wallaalchise. Warri galma keeysa turan, wallicha biis.. biis.. jechuun akka irra daddeebi'ee wallisuuf godhanillee dhagayanii quufuu dadhaban. Guyyaa san booda maqaan abbaa, Mahammad Muussaa, irraa hafee, Ali kan Birraa tahe.

Akkuma dooyaarratti beheen, Ali sagalee fii sossoohaan onnee hawaasaa keessa seene. Xiqqaa fii guddaan magaalatti isa bare. Dardarri yaroo waan barcaa dhaban, "Alii tu rakkateen," maallaqaa fii waan biraa tiis warra dubrarraa funaannatu tahan. Baala-gaariin magaalattii Ali miilaan deemuu dhoorkite.

Alii Birraa, sossooha Afran Qalloo tii fii Hawwisoo Urjii Bakkalchaa tiif beenziila tahe.
โ€œHiriyaa wal-taate yaa Urjii Bakkalchaa
Si malee eeynummaa wallee akkaan tolchaa
Tapha afaan keenyaa sumaa tu xalilchaa
Kan dhufee caqase gammachuu galaalcha
Garaa ni hidhanii onneen hidhaa hin taatuu
Yaa Urjii Bakkalchaa tan bariisaa baatuu,โ€ jechuun, hawaasni Oromoo Dirree Dhawaa malees, naannoo Baha Oromiyaa keessa, iddoo dhaqanii wallisan maratti jaalalaa fii kabajaa hawwisoo isaanii tiif qaban ibsan. Faaruu olii tanaaf burqaan Alii birraa ti.

Hawwisoon Afran Qalloo afaan Oromoo biratti, kan Soomaalee, Arabaa fii Adaree wallisuun warra gaafa aruuza ilma Ugaazaa afaan Oromootti qoosan, saba Oromoo dabree kan isaanii keeysatti bilaash godhan. Walleelee isaanii tiin fedhii hawaasa naannoo sanii guutaa fii calaqqisaa waan dhufaniif, aruuzni isaaniin alatti gatii dhabe.

Yayaa Bashir

18 Oct, 14:06


ุฅู†ุง ู„ู„ู‡ ูˆุฅู†ุง ุฅู„ูŠู‡ ุฑุงุฌุนูˆู†!!

Guyyaa Arraa sheeka Sheekowwanii, Abbaa Ulamaa'ii Aalima Guddaa Sh. Aadam Tuulaa Dhabne!
Sheekkan Amma biyya teenya keessa jiran Irra hedduun isaanii barattoota Sheek Aadami, yokaan barattoota darasoota isaaniiti yoo jenne soba hin tahu.

Sheekni Aalima Ilmii barsiisan qofa osoon tahin Nama biyyaan dhaabbatu turan, Biyti teenya Arra Abbaa dhabde!

Sheeka keenya Rabbiin haa Rahmatuuf, Qabrii isaanii haa ibsuuf, Qubsumti isaaniitis Jannata ol Aantuu Haa taatu! Aalimaa fi Hayyuu akka isaaniitis Rabbi nuuf haa heddummeessu!
ุฑุญู… ุงู„ู„ู‡ ุณู…ุงุญุฉ ุงู„ุดูŠุฎ ุงู„ุนู„ุงู…ุฉ ุงู„ูู‚ูŠู‡ ูˆุฃุณูƒู†ู‡ ูุณูŠุญ ุฌู†ุงุชู‡!

Yayaa Bashir

25 Sep, 12:00


Jirra jirtuu Ilmaan oromoo
Jirra jedhan mee Ilmaan waqoo gutuu โค

Yayaa Bashir

15 May, 21:08


Galataa rabbii alhamdulillah Ammaa nagayaan debinee jirra turtii ji'aa bodaa

Yayaa Bashir

27 Jul, 18:06


Jirraa jirtuu

Yayaa Bashir

03 Sep, 08:46


Channel created

4,836

subscribers

2

photos

0

videos