West Hararghe Prosperity Party @westharargheprosperityparty Channel on Telegram

West Hararghe Prosperity Party

@westharargheprosperityparty


Follow
https://www.facebook.com/WestHarargheProsperityParty?mibextid=ZbWKw

https://vm.tiktok.com/ZMrgNRswD

https://youtube.com/@WestHarargheProsperityParty?si=gFdsvrDSJi-DcHJj

https://x.com/WestHararghePP?s=09

https://t.me/WestHarargheProsperityparty

West Hararghe Prosperity Party (English)

Are you looking to stay updated on the latest news and events happening in West Hararghe? Look no further than the West Hararghe Prosperity Party Telegram channel! This channel is dedicated to sharing information, updates, and activities related to the West Hararghe region. From political news to cultural events, you'll find it all here. The West Hararghe Prosperity Party channel is your one-stop destination for everything West Hararghe. Whether you are a resident of the region or simply interested in learning more about it, this channel has something for everyone. Stay connected with the community, participate in discussions, and stay informed about important developments in West Hararghe. Who is it for? The West Hararghe Prosperity Party Telegram channel is for anyone interested in West Hararghe, its people, culture, and politics. If you want to stay informed about the region and connect with like-minded individuals, this channel is perfect for you. What is it? The West Hararghe Prosperity Party Telegram channel is a platform for sharing news, updates, and events related to the West Hararghe region. It aims to bring together individuals who are passionate about West Hararghe and provide them with a space to connect, engage, and stay informed. Join the West Hararghe Prosperity Party Telegram channel today to become part of a vibrant community dedicated to the prosperity of West Hararghe. Follow us on Facebook, TikTok, YouTube, and other social media platforms to stay updated on all the latest news and events. Together, let's celebrate and support the development of West Hararghe!

West Hararghe Prosperity Party

08 Jan, 16:37


Horata Badhaadhinaa, Fooyya’iinsa jiruu fi jireenya uummataa!
****
Godina Harargee Lixaa Aanaa Gammachiisitti Oomishaa Kilaastaraa Qamadii Bonee Bara 2017 Sadarkaa kanarraa gaheera.!

Badhaadhinni Yaadama Ida’amuutiin qajeelfame, Horata kaleessaa cimina har’aa fi abdii egereetiif oolchuun waadaa uummataaf gale gochaan dhugoomsaa, fayyadamummaa hunda galeessa mirkaneessaa jira.
#WestHarargheProsperityParty

West Hararghe Prosperity Party

06 Jan, 19:15


Badhaadhinni; Yaadama Ida’amuutiin qajeelfamee, horata kaleessaa cimina har’aa fi abdii egereetiif oolchuudhaan waadaa uummataaf gale gochaan dhugoomsaa, fayyadamummaa hunda galeessa mirkaneessaa jira.
#WestHarargheProsperityParty

West Hararghe Prosperity Party

06 Jan, 19:14


Baga Ayyaana Yaadannoo Dhaloota Iyyesuus kiristoos geessanii I/G Waajj/Paartii Badhaadhina Godina Harargee Lixaa Obbo Anas Aliyyii dabarsan.
***
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundii Baga Kabaja Guyyaa yaadannoo dhaloota Iyyesuus Kiristoos kan bara 2017 tiin nagaan ittiin isin gahe.

Ayyaana dhaloota Iyyesuus Kiristoos kan bara kanaa wayita kabajnus barsiifata gaarii guyyaan kun nu dhaalchise hojiirra oolchuudhaan laphee keenya dhiifamaaf bannee jaalala, nagaa fi obbolummaa lallabaa, akkaataa qajeeltoo amantichaatiin kan rakkate gargaaruu fi wal cinaa dhaabbachuun akka kabajamu amaana jechaa Ayyaanichi kan Nagaa, Gammachuu, Milkii fi Badhaadhinaa akka ta’uu hawwa. Irraa deebiin baga geessan isiniin jechuu barbaada.
Ayyaana Gaarii!

#Anaas_Aliyyii
Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Lixaa!
#WestHarargheProsperityParty

West Hararghe Prosperity Party

06 Jan, 19:14


Baga Ayyaana Qillee geessanii Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa Aadde Ekram Taha dabarsan.
****
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundii Baga Ayyaana Qillee (Yaadannoo Dhaloota Iyyesuus kiristoos) Nagaan geessan.

Hordoftootni Amantaa Ayyaanicha yeroo kabajatu walitti dhufee, hariiroo hawaasummaa waliin gaggeeffatu daran cimsatee,kan waldhabe gidduutti araara buusee, nagaa qe’ee fi ollaa isaa qajeelfate,jaalalaan waliin jiraachuun kan beekamu duudhaalee gaggaarii waliin qooddatu keessaa tokkodha.

Ayyaana kana wayita kabajnus, humna, beekumsaa fi qabeenya qabnu qindeessinee, Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu akka qabnu dhaamsa koo dabarsaa, Ayyaanni qillee kan Nagaa, Milkii, Jaalalaa, Araaraa, Injifannoo fi Badhaadhinaa akka ta’u hawwii koo ibsaa, irra deebi’uun hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf baga jala bultii Ayyaana Qilleen isin gahee jedhuu barbaada! Ayyaana Gaarii!
Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa
Aadde Ikraam Xahaa
#WestHarargheProsperityparty

West Hararghe Prosperity Party

05 Jan, 16:07


𝗢𝗳 𝗘𝗲𝗴𝗴𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼⚠️
**********
#Kirkira_Lafaa ilaalchisee dhaamsa Hayyoonni dhimmicha irratti kennan hojiirra oolchuun miidhaa ga’uu malu hambisuuf tattaaffii of eeggannoo taasisuun murteessaadha.

#Kirkirri Lafaa sochii humnoonni keessa lafaa taasisaniin kan uumamu yoo ta'u, Addunyaa kana irratti yeroo gara garaa mul’ateera. Biyya keenya keessattis hammaan xiqqaa ta’us yeroo kan mul’achaa ture yoo ta’u; bara kana garuu sochiin lafaa kan duraa irraa adda ta’e hanga Riitcher Iskeelii 5.8 lakkoofsise uumamuu danda'eera.

Dhimma kana ilaalchisuun of eeggannoo hawaasni gochuu qabu irratti gorsa Hayyootni kennan hojiirra oolchuun miidhaa ga’uu malu ittisuun itti gaafatamummaa keenya bahachuu qabna.

Wayita kirkirri lafaa uumamu sodaa keessaa bahuufi tasgabbaa’uun tarkaanfiiwwaniifi of eeggannoo fudhatamuu qaban hordofuun hojiirra oolchuu akkasumas odeeffannoo madda sirrii hin taaneerraa argaman fudhachuu dhiisuufi babal’isuurraa of qusachuun waantota barbaachisanidha.

Rakkoon Nageenyaa Maatiifi nama dhuunfaa kamiiyyuu akka hin mudanneef qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa yoo ta'u, dabalataanis iddoowwan sodaa balaatiin daangeeffaman keessa socho’uu dhiisuufi ergaawwan of eeggannoo armaan gadiis hojiirra oolfamuun baay'ee barbaachisaadha.

#Kirkirri_Lafaa osoo hin mudatin dura wantoota nuti taasisuu qabnu;

Mana ykn gamoo keessaa akkamitti bahuun akka danda’amuufi iddoo kamiitti walitti qabamuuf turuu akka qabnu beekuu,
Yeroo balaan uumamu meeshaalee bakka ol ka’aa irra kufan irraa of baraaruuf minjaala, deeskii, utubaawwan jiran adda baafachuun murteessaadha.

Sararootni bobo’aa, bishaaniifi ibsaa akkamiitti akka cufamuu qaban dursanii shaakaluu akkasumas yeroo kirkirri lafaa uumamu meeshaalee gurguddoo kufaniifi miidhaa qaqqabsiisuu malan adda baasuun dursanii dhabamsiisuun daraan barbaachisaadha.

Keemikaalootaafi dhangala’oo boba’an ykn balaa qaqqabsiisan minjaaloota ol ka’iinsa hin qabne keessatti kaa’uu ykn dhabamsiisuufi meeshaalee yeroo muddamaatti barbaachisan (qoricha, baatirii harkaa, raadiyoofi uuffata) adda baasuufi qopheessuunis gaarii ta'a.

Yeroo balaan uumamu maatiin bittinnaa’uu malu iddoo kamiitti akka wal argu dursanii murteessuu , lakkoofsota bilbilaa adda baasuufi Mana yookaan gamoo salphaatti diigamuu danda’u irraa ofiis ta’e maatii fageessuufi gorsa ogeessaatiin iddoo tursiisa yeroo turuun murteessadha.

#Gama biraan wayita kirkirri lafaa uumamutti gamoo yookan mana keessa yoo ta’e;

Iddoo jiranitti tasgabbaa’anii taa’uufi wantoota qabatamuu qaban qabachuu akkasumas mataa ofii balaa irraa eeggachuufi Kutaa mana tokkorraa gara kutaa biraatti socho’uufi fiiguuf yaaluu dhiisuun murteessaadha.

Meeshaalee kufan irraa of eeggachuuf wantoota salphaatti hin cabne kanneen akka Minjaalaa, deeskii, utubaawwan manaafi siree jalatti gadi jedhuun of baraaruu akkasumas fooddaadhaan yookaan liiftiidhaan of miliqsuu yaaluu dhiisuun baay'ee barbaachisaadha.

Fuula gara balbalaatti naanneessuun fooddaawwaniifi meeshaalee gurguddaa irraa of eeggachuufi Kirkirri lafaa hanga dhaabbatutti iddoo jiranitti tasgabbaa’anii taa’uufi socho’uu dhiisuunis fala waaraa ta'uu mala.

Manaa alaa jirra yoo ta'e ammoo;

Iddoo tokkorraa gara iddoo biraatti fiiguufi socho’uu yaaluu dhiisuufi hanga kirkirri lafaa dhaabbatutti socho’uu dhiisuu akkasumas mana, gamoo, sararoota humna ibsaafi utubaawwan irraa fagaachuun iddoo banaa ykn dirreerratti gadi jechuun madaala ofii eeggachuun taa’uu ykn dhaabbachuun filatamaadha.

#Konkolaachisaan yeroo konkolaachisaa jirutti hammi kirkirri lafaa olaanaa yoo ta’e;

Yeroo konkolaachisnutti iddoo banaa filachuun dafanii dhaabbachuu, mootora dhaamsuufi seerota of eeggannoo yeroo balaa hojiirra oolchuun konkolaataa keessa taa’uufi Konkolaataa daandii daddabarsa ykn dildila irraafi sarara humna ibsaa jala dhaabuu dhiisuun gaariidha.

Kana malees konkolaataa keessaa bahuun dirqama ta’ee yoo argame iddoo diriiraa irra turuun barbaachisaadha.

#Kirkirri lafaa erga uumamee booda waanti nuti gochuu qabnu;

West Hararghe Prosperity Party

05 Jan, 16:07


Kirkira lafaa uumame hordofuun wantoonni balaan ibiddaa, sigiga lafaa, balaa bishaaniifi balaawwan biroo qaqqabsiisuu danda’an yoo jiraatan balaa dabalataa akka hin qaqqabsiifne of eeggannoo gochuunis daraan murteessaadha.

Gama biraatiin namoonni miidhaman/madaa’an jiraachuu isaanii mirkaneeffachuun yaalii dursaa kennuun yaalii ga’aa akka argatan gochuufi bu’uurri gamoo, sararoota aarri ittiin bahuufi kan biroo babbaqaquufi miidhamuu isaanii mirkaneessuufi miidhaa akka hin qaqqabsiifne of eeggannoo gochuun nurraa eegama.

Kirkirri lafaa uumame kan itti fufu ta’uun yoo mirkanaa’e iddoo tursiisa yeroo qophaa’e turuu, naannichi sodaachisaa ta’uun isaa mirkanoofnaan iddoo tursiisa yeroo biroo qopheessuun irraa fagaachuufi yeroo muddamaaf meeshaalee bu’uraa barbaachisan nyaata, bishaan, uuffataafi qorichi jiraachuu isaanii mirkaneessuunis barbaachisaadha.

Kirkira lafaa uumame hordofuun irra deebiin kirkira lafaa uumamuu danda’uuf qophii gahaa taasisuun dirqama akka ta’e ogeessonniifi qorattoonni dhimmicha ilaachisuun ergaa ni dabarsu.

Kanaaf uummanni keenya gorsaa fi dhaamsa kana hojiirra oolchuu fi #Share gochuun Odeeffannoo kanaa waliif dabarsuun balaa dhaqqabuu malu haa ittifnu!
#WestHarargheProsperityParty

West Hararghe Prosperity Party

26 Dec, 18:38


Hordoffii fi to’annoo hojii gaggeessuun Abjuu Guddinaafi Badhaadhinaa dhugoomsaa.!
***
Godina Harargee Lixaatti Koreen Supparvizyinii Liigii Dubartootaa fi Dargaggoo Oromiyaa irraa boobba'aan hojiiwwan hangaa ammaatti Liigii Dubartootaafi Dargaggoon hojjetaman hojii Sadarkaa Godinaa, Aanaalee fi Gandaatti jiru ilaalaa turan gabaasa argannoo hojii walii gala bakka Itti Gaafatamtuu Ijaarsa Paartii Badhaadhina Godina Harargee Lixaa Aadde Amina Abrahim argamanitti dhihaate jira.

Koreen Suppervizyiinii kuni gabaasa argannoo dhiheessaniin hojiiwwan Gurmaa’insa Dubartootaa fi Dargaggoo Sadarkaa Godinaa, Aanaalee fi Gandaatti hojjetamaa jiruu galma Badhaadhinaa qabame milkeessuuf hojjataman dawwannaa Koree Supparvizyinii kanaan lafarratti qabatamaan arganiin kan dinqisiifatan keessaa Hojiiwwaan Inisheetiviiwwan garaagaraa hojjatamaa jiruu fayyadamummaa Dubartoota fi Dargaggoota gama hundaan mirkaneessuuf hojii hojjatamaa jiran jajjabeessaa ta'uu isaa ibsaniiru.
#WestHarargheProsperityparty

West Hararghe Prosperity Party

07 Dec, 16:57


Badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuuf miira xiiqii fi kutannoo olaanaan hojjetamaa jira.
***
Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Machaaraa-Miicataatti Hojiin Misooma Qonna Magaalaa Inisheetivii Sheediiwwan Kilaastara Gabbiisa Beeladaa, Kilaastara Horii Annanii fi Horsiisa Lukkuuf hojjatamee Xumuramuun tajaajiilaaf qophaa'anii jiru.

Godina Harargee Lixaatti hojiin Misoomaa Magaalaa Inisheetiiviiwwan Misoomaa xiiqiif kaka’umsa ol’aanaadhaan hojiirra oolchuun galmoota imala Badhaadhina biyyaa milkeessuuf xiyyeeffannaan hojjachuun Fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hedduun hojjatamaa kan jiru yoo ta'u, hojiilee hojjataman keessaa Inisheetiivii Sheediiwwan Kilaastara Misooma Beelladaa, Kilaastara Horsiisa Horii Aannanii fi Horsiisa Lukkuuf hojjatamee xumuramuun tajaajilaaf qophaa'anii jiru.

Paartiin Badhaadhinaa rakkoojiru bu'uura irraa furuuf hojiilee gama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaan jiru fayyadamummaa uummataa irratti xiyyeeffate ciminaan hojjachuu irratti argama.
#WestHarargheProsperityparty

West Hararghe Prosperity Party

07 Dec, 09:53


Milishaan Wabii Nageenya ummataati!
********
Godina Harargee Lixaa Aanaa Bookeetti Milishaa fi Gaachana Sirnaa Leenjii Gahumsa dandeettii raawwachiisummaa cimsuu fi tooftaa loltummaa irratti leenji'aa turan bakka Hoggansii fi Jiraattoonni argamanitti eebbifaman.

Leenjiin Milishaa kun Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa Godinichaa hundaa irratti kan gaggeeffamuun kan eebbifamaa jiran kun Olaantummaa Seeraa Kabachiisuu,Hojii Misoomaa fi Nageeyaa Mirkaneessuuf Humna Guutuun Jijjiiramaa fi Injifannoo Gama Siyaasaatiin argame Bu'aa Caalmaa lafa qabsiisuf Milishoonni Leenjii Oogummaa Tooftaa Woraanaa, Heera Mootummaa fi Ittiin Bulmaata Dambii Milishaa irratti Leenjii kan fudhachaa turaniidha.
#WestHarargheProsperityparty

West Hararghe Prosperity Party

06 Dec, 11:16


“Wal dhabdee siyaasaa afaan qawweetiin hiikuuf adeemsi deemame aarsaa hedduu kaffalchiiseera” Qondaala ol’aanaa WBO Sanyii Nagaasaa
***
Wal waraansa bu’aa hin qabneen dararaa ummata Oromoo hammeessuun sirrii waan hin taaneef waamicha ummataa owwaannee gara daandii nagaatti dhufneerra jedhan qondaalli ol’aanaan WBO Obbo Sanyii Nagaasaa ibsa miidiyaaleedhaaf kennaniin.

Waliigalteen Nagaa WBO fi MNO gidduutti taasifame kun wal hubannaa fi wal amantaa ol’aanaadhaan hojiirra oolaa jira, kanaafis miseensonni WBO kumaatamaan lakkaahaman karaa nagaatiin galaa jiraachuun agarsiiftuu guddaadha akka ta’e ibsaniiru.

Humnoonni dhiigni qehee Oromootii akka hin fagaanne barbaadanii fi dhugaa lafarra jiru hin hubanne ammas waldhabdeen akka itti fufuuf hawwii waan qabaniif ummatni Oromoo qaamolee kanaaf gurra osoo hin kennin nageenya isaa waaressuuf akka tumsu, miseensotni WBO hafanis holola kanaan osoo hin burjaaja’in karaa nagaan akka galaniif dhaamaniiru.
Oromia Prosperity Party / OPP /

West Hararghe Prosperity Party

06 Dec, 11:15


Gumiin dhaabbilee Amantaa Oromiyaa haala nageenyaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenne.
****
Gumichi ibsa miidiyaaleef kenneen ijaarsa nageenyaa irratti hojjechuun nageenyi Oromiyaa keessatti akka mirkanaahuuf gahee isaarraa eegamu adda durummaan bahaa turuu ibsee jira.

Oromiyaa keessatti wal dhabdee tureen hawaasni keenya rakkina isaaf hin malleef saaxilamaa turuu gumichi ibsuun dhabdeen kun furamee Oromiyaa keessatti nageenyi waaraa akka mirkanaahuuf tokkummaaafi kadhannaa labsuudhaan waloodhaanis ta'ee dhuunfaan kadhaannaan taasifamaa turuu ibsaniiru.

Gumichi kadhannaafi tokkummaa labsaa tureenis uumaan kadhaa keenya dhagahuun waligalteen nageenyaa yeroo ammaa Mootummaafi qondaaltoota WBO gidduutti taasifamuu danda'eera jechuun kan ibse yoo ta'u, kanaanis gammachuu guddaan itti dhagahamuu ibseera.

Qaamoleen bosonatti hafanii jiranis akka galanuuf gumichi waamicha taasisuudhaan dhaabbilee amantaafi hawaasi keenya kadhannaa cimsee akka itti fufuu qabus dhaamanii jiru.
Oromia Prosperity Party / OPP

West Hararghe Prosperity Party

03 Dec, 17:00


Nageenya waaraa mirkaneessuuf waliigalteen Nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi WBO gidduutti Mallateeffame hordofee WBO kallatti hundaan giddu-galeessaatti dhufaa jiraniif simannaa taasifame.
**
Waliigaltee Nageenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha Nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee guyyaa har’aa Miseensonni WBO kallattii hundaan galuu itti fufanii jiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf waliigalteen nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi WBO waamicha nageenyaa fudhatan gidduutti mallattaa'e qabatamaan hojiirra oolaa jira.

Oromiyaan Dirree Misoomaa fi Nageenyaa malee dirree jeequmsaa hin taatu.
#Nagaan_waamara
Oromia Prosperity Party / OPP /

West Hararghe Prosperity Party

03 Dec, 12:22


Oduu Ammee

Waliigaltee nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee guyyaa har’aa miseensonni WBO moonaa qophaa’efitti galaa jiru
Garaagarummaan ejjennoo siyaasaa mariidhaan yoo ta’e malee afaan qawweetiin hiikamuu kan hin dandeenye ta’uu isaarratti walhubannaarra gahuun, wal-waraansa yeroo dheeraa fudhatee madda dararama ummataa ta’e dhaabuudhaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti waliigalteen nageenya buusuu guyyoota muraasaan dura mallattaa’e qabatamaadhaan hojiirra oolaa jira.
Oromia Prosperity Party

West Hararghe Prosperity Party

02 Dec, 19:07


Nageenyi galma gahiinsa hojiilee misoomaa fi Ijaarsa Biyyaatiif dhimma murteessaadha.
**
Paartiin Badhaadhinaa galma nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuu akkasumas diimokiraasii fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuu sagantaawwan misoomaa wajjin walitti hidhuudhaan hojiirra oolchuuf ni hojjeta, hojjataas jira. Nageenya mirkaneessuun hojiiwwan misoomaa fi haqummaa mirkaneessuudha.

Biyya nageenyi itti fufiinsa qabu itti hin mirkanoofne keessatti diinagdee cimaa ijaaruu, karoora misoomaa dhugoomsuu akkasumas lammiileen mirgootni diimokiraasii fi namoomaa isaanii kabajamee jiraachuuf carraa hin argatanu. Kanaaf dhabamuun nageenyaa gaaga'ama jireenyaa qaqqabsiisa.

Biyya nageenyi itti fufiinsa qabu keessatti mirkanaahee badhaadhinni isheetis dhugoome mirkaneessuudhaaf gahee keenya haa bahannu.
@Oromia Prosperity Party

West Hararghe Prosperity Party

02 Dec, 13:40


Nageenya, Bu’uura Jiruu fi Jireenyaa!

West Hararghe Prosperity Party

02 Dec, 10:06


Nageenya, Bu’uura Jiruu fi Jireenyaa!
*****
Imalli jiruu fi jireenyaa ilmi namaa guyyaa guyyaatti taasisu, sochiin siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa sadarkaa hundatti gaggeeffamu nageenya bu’uureffateeti.

Bu’uura waan hundaa kan ta’e nageenyi akkuma qaama sochii jireenya nama hundaa ta’e, bu’uura cimaa ta’e horachuufis kunuunsaa fi tumsa hundaa kan barbaadu meeshaa murteessaaf barbaachisaa ta’edha.

Mirkanaahuu nageenyaatiif dhimmoota qormaata ta’an bu’uuraan maqsuudhaan duudhaalee waliin jireenya lammiilee cimsan, obbolummaa dagaagsanii fi tokkummaa jabeessan qixaan hojiirra oolchuudhaan nageenyi amansiisaa fi itti fufiinsa qabu akka dhugoomu goochuun murteessaadha. Kana galmaan gahuuf ammoo qaamni hawaasaa hundi gahee fi dirqama isaa sirnaan bahachuu qaba. Hirmaannaa hunda galeessa ta’een nageenya keenya haa tiksinu.
Oromia Prosperity Party / OPP /

West Hararghe Prosperity Party

01 Dec, 21:05


Daandiin Guddaan Badhaadhina Dhugoomsu Nageenya Tikfachuudha.
****
Godina Harargee Lixaatti Marii Haala yeroo fi Kallattii hojii itti aanuu irratti Hoggansaa Godinaa, Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa waliin mariin gaggeeffamee jira.

Marii kana irratti Kabajamoo itti aanaa Af-yaa'ii Naannoo Oromiyaa Obbo Eliyaas Uummata fi Kabajamoo Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina Godina Harargee Lixaa Obbo #Anaas Aliyyiitiin kan taasisuun, Nageenyi bu'uura waan hundaati.!
Ilma namaaf waa hunda caala kan isa barbaachisu Nageenya. Nagaan yoo jiraate bahanii galuun danda'ama, Nagaan yoo jiraate hojjetanii sooramuun danda'ama, Nagaan yoo jiraate fuudhanii heruumuun, ilmaan godhatanii guddifachuun danda'ama, Midhaaniif bishaan caalaa nagaan yoo jiraate bahanii galuun danda'ama! Oromoon kanaaf "Bunaaf Nagaa Hin Dhabinaa" jedhama.

Nageenyi Biyyaa Keenyaaf!
Nageenyi Uummata Keenyaaf!
Nageenyi Qabeenya Waloo Keenyaati!
#WestHarargheProsperityparty

West Hararghe Prosperity Party

22 Nov, 19:35


Ol’aantummaa Yaadaa; Badhaadhina Hunda Galeessaaf! ''የሀሳብ ልዕልና፣ ለሁለንተናዊ ብልጽግና!
#WestHarargheProsperity

West Hararghe Prosperity Party

22 Nov, 19:24


Harargee Lixaatti Dargaggoota fedhii isaaniitiin gooticha raayyaa ittisa biyyaatti makamaniif gaggeessaan taasifame.
****
Godina Harargee Lixaatti,Dargaggootaa Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa Godinichaa irraa Raayyaa ittisa biyyaatti fedhii isaaniitiin makamaniif sirnii gaggeessa bakka Hoggansii Raayyaa ittisa biyyaa, Hoggansii Godinaa, Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa akkasumas keessumoonni adda addaa argamanitti guyyaa har'aa taasifameera.

Sirna gaggeessaa Raayyaa ittisa biyyaa kan irratti Itti aanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa Obbo Teshome Kebede argamuun Gooticha Raayyaa ittisa Biyyaatti dabalamuun beekumsaa fi ogummaa gonfachuu waan ta’eef humnaa fi beekumsa qabdaniin biyya keessan tajaajiluuf gahee keessan ba'uu qabdu jechuun dhaamaniiru.

Akkasumas Dargaggoon kanaan duraa Godinichaa irraa Raayyaa ittisa biyyaatti makamuun Raayyaa ittisa biyyaa keessatti iddoo ol’aanaa hojjechaa jiran akka carraatti Sagantaa kana irratti argamuun ergaa fakkeenyummaa guddaa qabu dabarsaniiru, Dargaggootni Raayyaa Ittisa Biyyaatti makaman gama isaaniitiin,Carraa kana argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsuun, gama kamiinuu diina biyyarratti aggaamu barbadeessuuf kutannoo qabaachuu isaanii ibsaniiru.
#WestHarargheProsperity

West Hararghe Prosperity Party

13 Nov, 18:58


Gurmaa'insa Gandaa Tajaajila Hunda Galeessaf!
***
Godina Harargee Lixaatti Koreen Supparvizyinii Naannoo irraa dhufan Aanaa Xuullootti Gurmaa'insa haaraa haala kenna tajaajilaa uummata kenna jirufi Daawwii Hojiilee Misoomaa adda addaa hojjatamaan daawwataniiru.

Caasaaleen Mootummaa Sadarkaa Gandaatti gurmaa’uun tajaajilli uummataaf kennamu ariitii fi qulqullina barbaadamuun kennuu qofa osoo hin taane,ejjennoo 'Bulchuun ganda,Buluunis ganda' jedhu hojii qabatamaatti hiikamaa jiruu kuniis qabatamaan hojiin kun lafarratti gaad bu'uu isaa koreen supperviiyinii ilaalanii jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummanni tajaajila si’ataa dhiyeenyatti akka argatu, akkasumas rakkoolee bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa hiikuun fayyadamummaa uummata naannichaa ol guddisuuf tarkaanfiwwan sirreeffamaa gara garas fudhachaa turee jira. Kunis, gurmaa'insa caasaa gandaa bifa haaraan gurmeessudhaan ijaarsi sirna uummataa cimaa ta’e dhugoomee nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf kan akeekuudha.
#WestHarargheProsperityParty

West Hararghe Prosperity Party

09 Nov, 19:16


Konfaransii hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa Miseensa Hojjataa Mootummaa Seektaraa Godinaa waliin gaggeeffame.
*
Kabajni hundeeffama Paartii Badhaadhina waggaa 5ffaa Miseensii Paartii Badhaadhinaa kun milkaahinoota gurguddoo gama Siyaasaa, Diinagdee fi Hawaasummaatiin argaman qixaan hubachuudhaan injifannoo caalmaatti cehuudhaaf qophaa’ummaa ol’aanaa kan goonfachiiseedha.

Ijifannoowwan waggoottan shanan darban keessatti galmaahan kunuunfachaa abjuu waloo Badhaadhina hunda galeessaa dhugoomsuuf qabame galmaan gahuuf qophaa’ummaaf kutannoo ol’aanaan akka hojjatan Miseensotni Paartichaa ibsaniiru.
#westharargheprosperityparty

West Hararghe Prosperity Party

08 Nov, 18:54


West Hararghe Prosperity Party Official page Youtube Subscribe it👇 https://youtu.be/briNarQkOPA?si=CcPH5aZkuqDeJgmf

West Hararghe Prosperity Party

08 Nov, 11:06


Harargee Lixaatti Konfaransiin Paartii Badhaadhinaa hundeeffama Waggaa 5ffaa sababeeffachuun Sadarkaa Aanaalee, Bulchiinsa Magaalaa fi Gadaatti gaggeeffamaa jira.
***
Miseensotni Paartii Badhaadhinaa Sadarkaa garaa garaatti argaman Konfaransii Kurmaana 1ffaa bara 2017 hundeeffamni Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaan yaadachuun gaggeessaa jiru.

Kabajni hundeeffama waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa kun milkaahinoota gurguddoo gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaatiin argaman qixaan hubachuudhaan injifannoo caalmaatti cehuudhaaf qophaa’ummaa ol’aanaa goonfachuun kan kabajamudha.
#westharargheprosperityparty

West Hararghe Prosperity Party

01 Nov, 18:52


Biyya badhaatuu dhaloota har'aa fi egereef taatu dhugoomsuuf Hooggansi Sadarkaan jiru hubannoo argateen miira itti gaafatamummaa olaanaadhaan hojjechuu qaba.
*****
Godina Harargee Lixaatti Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Marsaa 3ffaa Mata-duree “ Humna Abjuu Guddina Amansiisaaf" jedhuun Sadarkaa Aanaalee fi Magaalotaatti Hoggansaa Sadarkaan jiraniif Guyyoota Kudhaniif Leenji'aa turan guyyaa arraa Sagantaa adda addaan Milkaa'inaan goolabameera.

Leenjiin kennamaa ture dhimmoota ijoo Badhaadhina biyyaatiif utubaa ta’anii fi sochiiwwan gama Siyaasaa, Diinagdee fi Hawaasummaa irratti xiyyeeffachuun hubannoo guddaa kan uumedha.

Hooggansi hubannoo argateen gurmaa'insa sadarkaa hundatti lafa qabsiisuu,aadaa hojii jijjiruu,hojiiwwan tarkaanfii addaan qabaman milkeessuu,aadaa qusannoo gabbisuu fi badhaadhina maatii dhugoomsuuf gahumsaan raawwachuuf leenjii xiiqii uumedha.

Xumura Leenjii irratti Hoggansii Leenjii irraa ture Hojii Tajaajila lammummaa adda addaa, Daawwannaa hojiilee Misoomaa gaggeessaniiru.
#westharargheprosperityparty

West Hararghe Prosperity Party

30 Oct, 20:36


“Fedhii ummata keenyaa guutuuf itti dhiyeenyaan tajaajiluu fi boqonnaa male hojjannee jijjiirama dhugoomsuu qabna” Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa
**
Ummata fedhii misoomaa guddaa qabu akkasumas imala jijjiirama biyyaa sadarkaa ol’aanaadhaan tumsaa jiru qabaachuun carraa guddaadha.

Fedhii ummata keenyaa guutuudhaaf kenna tajaajilaa itti dhiyeenya qabu kennuuf jecha gurmaa’insa gandaa bifa haaraadhaan gaggeessine caalmaatti cimsinee galma qabanne milkeessuu haala nu dandeessisuun deeggarsa barbaachisaa gochaa boqonnaa male hojjachuu qabna.

Sabboonummaan dhugaa kan mirkanaahu hojii qabatamaadhaan waan ta’eef aantummaa ummata keenyaaf qabnu tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu kennuun agarsiisuun murteessaadha.
Oromia Prosperity Party

West Hararghe Prosperity Party

30 Oct, 19:33


Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun gootummaa dha!.
**
Dargaggoo #Pailet_Tekabe_Ketema dhalataa Godina Hararge Lixaa Aanaa Gammachiis kan tahee Kabajamoo I/G Waajjira Paartii Badhaadhina Godina Harargee Lixaa Obbo Anaas Aliyyii waliin kan mul'atu fi Amaaddin Mahamed dhalataa A/Mi'eessoo dhalatedha. Har'a hojjatani boruuf yoo olkaa'atan olka'ani fudhatu akkuma jedhamu umrii Dargaggummaatti yoo Seenaa Gootni hojjatu har'a hojjatan boruu seenaan dubbatamu waan ta'eef Dhaloota Seenaa akka taanuuf Miseensa Gooticha Raayyaa ittisa biyyaa ha taanu!

Gootummaa Abboota keenyaa irra dhalleen Miseensa Gooticha Raayyaa ittisa biyyaa ta'uun Dhaloota boruu Gootummaa dhaalchisuuf Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa dargaggoota bara bajataa 2017 ulaagaa galmee Raayyaa Ittisa Biyyaa guutan bobbaasuun waraana idileefi ogummaa addaa leenjisuun miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa taasisuuf waan barbaaduuf Dargaggoonni Keenya osoo carraan kun isiin hin dabaree galmaa'uu qabdu.

West Hararghe Prosperity Party

30 Oct, 18:59


𝗔𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗤𝘂𝘀𝗮𝗻𝗻𝗮𝗮 𝗝𝗶𝗷𝗷𝗶𝗶𝗿𝘂𝘂𝗻, 𝗚𝘂𝗱𝗱𝗶𝗻𝗮 𝗗𝗶𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝗠𝗶𝗿𝗸𝗮𝗻𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂𝘂𝗳!

Guddina diinagdee amansiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuun kan danda’amu hawaasa aadaa qusannaa cimaa qabu sadarkaa hundatti horachuudhaani.

Qusannaan bu’uura guddinaaf badhadhinaa waan ta’eef sochiiwwan misoomaa kallattii hundaan taasifamu keessatti qusannaan aadeffatamee itti fufiinsaan akka gaggeeffamuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira.

Imala gara badhaadhinaatti eegalame fiixaan baasuuf carraawwan misoomaa gama hundaan jiran qixaan beekuu fi itti fayyadamuudhaan misooma biyyaatiif oolchuudhaan gamatti hawaasni sadarkaan jiru galii isaa guddifachuuf tattaafachuu, kan qabu irraayis qusatee boruuf ol kaawwachuun murteessaadha.

Aadaa qusannaa keenya fooyyessinee jijjiirama hunda galeessa fiduuf wayita sochoonu biyya diinagdeedhaan cimtee badhaadinatti tarkaanfatte ijaaruun dhalootatti dabarsina. Kanaaf, abjuu waloo badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf qabanne galmaan gahuuf qusannaa aadaa haa godhannu.
#Oromia Prosperity Party- OPP

West Hararghe Prosperity Party

30 Oct, 17:46


Hojii eebbifamaa fakkeenyummaa qabu Hoggansii Magaalaa Ciroo fi Hoggansii Godinaa Leenjii Marsaa 3ffaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti Leenji'aan taasisan.

Hojii eebbifamaa Rabbii fi Namnilleen Jaalatuu Deeggarsa Obboleessa keenyaa balaa konkolaataan miidhame yaalamaa jiru Dargaggoo Miiki Yusuf Hoggansii Magaalaa Ciroo fi Hoggansii Godinaa Leenjii Marsaa 3ffaa Yuunivarstii Odaa Bultumitti Leenji'aa jiraan guyyaa har’aa qaaman biratti argamuun ilaalluun qarshii walitti buusaan Qarshii 40,000 harkaan gahaniiru.

Galatooma Jalleewwaan keenya hojii fakkeenyummaa gudda qabu hojjatanii galataa gudda qabdu, Nama ofiitiifi biyya ofiitiif tola oolun namummaa qofa osoo hin taane jaalala biyyaa fi quqama ummataa qabaachuu ibsa.

Bifumaa walfakkatuun Hoggansii Leenjii Marsaa 3ffaa Sadarkaa Aanaalee fi Magaalotaa irratti Leenji'aan Aanaa/Magaalaa isaaniitii Namoota dadhaboo harka qalleeyyii ta'an hojii eebbifamaa deeggarsa tajaajila lammummaa duudhaa wal gargaarsaa cimaa ta'ee Tajaajilli lammummaa kan taasifamuudha.

West Hararghe Prosperity Party

27 Oct, 21:57


Haqa Waloof Mana Murtii Aadaa!!!

Haqa Waloof Mana Murtii Aadaa Cimsuun Murteessaadha!

#badhaadhina_hunda_galeessaaf!

West Hararghe Prosperity Party

27 Oct, 21:10


#Harargee_Lixaa!
*
Godina Harargee Lixaa Oomisha Aannanii fooyyessuuf Loon Mala Namaan Rimaa fuusisuu (AI) Aanaa Odaa Bultumitti hojjatamaa jira.
#westharargheprosperityparty

#hirkattummaa_irraa_gara_oomishtummaatti
#badhaadhina_hunda_galeessaaf

West Hararghe Prosperity Party

27 Oct, 21:10


Nageenya Waloof, Gaachanaa Sirnaa Cimsuun Murteessaadha!!!
***********
Godina Harargee Lixaa Aanaa Gammachiisitti Nageenya Waloo Hawaasaa kunuunsuuf Gaachana Sirnaa Leenji'aa turan bakka Hoggansii fi keessummoonni garaagaraa akkasumas Jiraattoonni argamanitti eebbifaman.

Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa Godinichaatti Humnoonni waloo keenya gaachana rakkoolee uumamaa fi namtolchee ittiin qolannu ta'uu bira darbuun daandii imala Badhaadhinaa milkeessuuf bu'uura amansiisaa kaa'uun Nageenyaa naannoo isaa eeggachuufi Gaachana Sirnaa Leenji'uun Nageenyaa isaa halkanii fi guyyaa eeggachuu irratti kan argamuudha.
#westharargheprosperityparty

West Hararghe Prosperity Party

27 Oct, 20:17


Harargee Lixaatti, Miseensonni ABO Shanee Leenjii haaromsaa fudhatanii dhufan maatii isaanitti makaman.
***
Godina Harargee Lixaatti Miseensotni ABO Shanee Leenjii Haaromsaa fudhatanii xumuran hawaasa miidhaaf dararaa irraan gahaa turan guyyaa arraa Aanaa Ancaaritti dhiifama gaafachuun dogoggora kaleessaa hojii fakkeenyummaa qabuun bakka buusuuf bakka Abbootii Amantaa fi Manguddoonni biyyaa akkasumas Jiraattoonni Aanichaa argamanitti waadaa seenan.

Daandiin kaleessa hordofaa turre kallattii dogoggoraa irra akka imallu nu godheera kan jedhan miseensotni garechaa duraanii, akeeka qabsoo galma hin qabneen ajaja gara jabinaa hojiirra oolchinee ummata nagaa irratti miidhaa hamaa qaqqabsiisaa turreef gaabbiin guddaan nutti dhagahameera jedhaniiru.

Leenjii ji’oota lamaa oliif fudhataniin hubannoo argatan hojiitti hiikanii sochiilee misoomaa fi nageenyaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan badii kaleessaa fakkeenyummaa har’aatiin bakka buusuuf akka carraaqan ibsaniiru.
#WestHarargheProsperityparty

West Hararghe Prosperity Party

27 Oct, 20:13


#Badhaadhina_hunda_galeessaaf!

West Hararghe Prosperity Party

24 Oct, 18:46


Kaayyoowwan Ijoo Sagantaa Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa

~ Nageenya waaraafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu,
~Sirna diimokiraasii dhaabbileefi aadaa uummataarratti hundaa'e ijaaruu.
~Waliigaltee biyyoolessaa mootummaa fudhatama qabu ijaaruuf dandeessisu uumuu.

1. Mootummaa cimaa fi fudhatama qabu bu’uura cimaarratti dhaabuuf karaa dandeessisuun waliigaltee biyyoolessaa uumuun dhimmoota ijoo Paartiin Badhaadhinaa cimsee irratti hojjatuufi akka galmaatti kaawwate keessaa isa tokkoo dha.

Sirni dimokraatawaan akka jiraatu haala mijataa uumuu, tokkummaa sab-daneessummaa cimsuu, fudhatamummaan mootummaa akka dabalu gochuuf cimsee ni hojjeta. Dabalataan, garaagarummaan yaadaafi wal-hin-simneen dantaa fi fedhii uumamaan kan laatame ta'uu paartichi ni hubata;

2. Sirna dimokraatawaa aadaa dhaabbilee fi ummataa irratti hundaa’e ijaaruu.

Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaa badhaate fi tokkummaan ishee cimaa ta'e ijaaruuf furtuun dimokiraasii dhugaa hojiirra oolchuun akka ta’e cimsee ni amana. Aangoon mootummaas filannoo uummataatin karaa dimokiraatawaa ta'een, akkasumas haqa qabeessafi amanamummaa qabuun qofaa argama jedhee amana. Kanas, qabatamaan hojiirra oolchurratti argama.

Kana malees, biyyoota akka Itoophiyaa heddumminni itti calaqqisu keessatti dimokiraasii dorgommii qofaarratti hundaa'e osoo hin taane, sirna dimokiraasii madaala isaa eeggate, walta’iinsaa fi dorgommiirratti karaa hundaa'en hojiirra ooluu akka qabu Paartiin Badhaadhinaa ni amana. Kunis, waggoota shanan darban keessa hojiirra oolaa jira.

3. Nageenya waaraafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu

Waggoota shanan darbaniif galmi paartii keenyaa badhaadhina fi nagaa waaraa mirkaneessuu karaa dimokiraasii, .

Paartiin Badhaadhina waggoota shanan darbaniif nageenyaa waaraa mirkaneessuf akeeka galma dimokiraasitiin, bulchiinsa gaarii fi sagantaalee misoomaa qabateen wal simsiisuun nageenya mirkaneessuf hojilee misoomaa fi haqummaa mirkaneessan, sirna dimokiraasii fi bulchiinsaa hunda hammataa ta'e diriirsun heddummina karaa kabajuun, akkasumas abjuufi mul’ata waloo uumuudhaan milkaa’ina galma walootiif waloon socha’uun nageenya waaraa mirkaneessuuf ciminaan hojjachuu irratti argama.

West Hararghe Prosperity Party

24 Oct, 18:08


Harargee Lixaatti, Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa Hooggansa Marsaa 3ffaaf kennamuu guyyaa har’aa eegalame.
***
Godina Harargee Lixaatti Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Hooggantoota Paartii Badhaadhinaa Marsaa 3ffaan Mata-duree “Humna Abjuu Guddina Amansiisaaf” jedhuun Hooggantoota Sadarkaa Godinaa irraa hanga Gandaatti jiran hirmaachisuun Aanaalee 15 fi Bulchiinsa Magaalaa 5 irratti kennamuu guyyaa har’aa eegalame.

Hooggansa haala waliigala Godinaa, Aanaa/Magaalaa, Gandaa, Biyyaa fi idil addunyaa qixaan hubatee gaggeessummaa yeroon gaafatuu kennuu fi abjuu waloo keenyaa kan ta’e badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuu danda’u horachuuf gumaacha ol’aanaa kan qabu leenjiin kun dandeettii raawwachiisummaa Hooggansaa cimsuudhaan ergama itti aanuuf qopheessuu keessatti shoora guddaa kan qabudha.

Hooggansi Paartii Badhaadhinaa sadarkaan jiru rakkoowwan kenna tajaajilaa beekumsaa fi xiyyeeffannaa cimaadhaan furuudhaan itti quufiinsa hawaasaa mirkaneessuu akka danda’an fi carraalee Misoomaa naannoo isaaniitti argamanu qixaan hubatanii diinagdee biyyaatiif oolchuu akka danda’aniif hubannoo uumuudhaan gamatti miira biyyaalessummaa cimaa ta’e dagaagsuudhaan ijaarsa biyya waloo dhugoomsuu, Nageenya mirkaneessuu fi galmoota imala Badhaadhinaa xiiqiif kaka’umsa addaatiin raawwachuu leenjii dandeessisudha.

Leenjichi hooggansa gidduutti wal hubannaa fi tokkummaa cimaa ta’e uumuudhaan Muuxannoo walii qooduuf haala mijataa kan uumu yoo ta’u, mata dureewwan garaa garaa irratti guyyoota kurnan itti aananuuf kan kennamu ta’a.
#WestHarargheProsperityParty

West Hararghe Prosperity Party

20 Oct, 18:30


Badhaadhinni hawwii fi fedhii qofaan osoo hin taane xiiqiin hojjechuun mirkanaa'a!.
*
Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi'eessootti Oomishaa Kilaastaraa Mishiingaa Hirkattummaa fi Kadhaan Qaanii ta'uu isaa hubatamee Carraawwan misoomuu qabu hundaa fayyadamuun tattaaffii godhamaa jiruun galmoonni sagantaa dinagdee Paartii keenyaa dhugoomsuuf Dinagdee damdaneessa cimaa ta'e Ijaaruu fi Badhaadhina Maatii dhugoomsuu galma keenya godhachuun gara hojii qabatamaatti galle gochaan dhugoomaa Jira.
#Hirkattummaa_Irraa_Gara_Oomishtummaatti!
#WestHarargheProsperityParty

West Hararghe Prosperity Party

20 Oct, 17:43


Waldaa Misoomaa Oromiyaa, Tokkummaan Misoomaaf!.
****
Godina Harargee Lixaatti Waldaan Misoomaa Oromiyaa Damee Godina Harargee Lixaa Hojiilee Damee kanaan hojjatamaan cimsuuf mariin qooda fudhattoota waliin Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa irratti mariin gaggeeffamaa jira.

Marii gaggeeffamaa jiru kanaa irratti I/G Waldaa Misoomaa Oromiyaa Damee Harargee Lixaa Obbo Nesru Kedir argamuun Deeggarsa fi Hordooffii hojii WMO Kurmaana 1ffaa Bara 2017 ilaalluun Hubannoon Waldaa Misoomaa Oromiyaa irratti Hoggansa Gurmaa’insa Gandaa fi Hoggansa Seektarootaaf kennamaafi jira.
Tokkummaan Misoomaaf!.
#WestHarargheProsperityParty

West Hararghe Prosperity Party

20 Oct, 15:07


Harargee Lixaatti, Gamaaggamni Gumii Tiraanisfoormeeshinii Misoomaa Barnootaa gaggeeffamee.
***
Godina Harargee Lixaatti Gumiin Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa bakka Kabajamoo Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa Aadde Ekram Taha fi I/G Waajjira Paartii Badhaadhina Godina Harargee Lixaa Kabajamoo Obbo Anaas Aliiyyii argamanitti Gamaaggamni Raawwii hojii hangaa ammaa qoratamee.

Misoomaa Barnootaa cimsuuf deeggarsi qooda fudhattoota Godinichaa keessatti lammii barnootaan gahoome uumuu fi cimsuuf akka taasifamu kallattiiin deeggarsa shoora fudhattootaa guddaa tahuu ibsamee jira.
West Hararghe Zone Communication
#westharargheprosperityparty