Badeno wareda Education Office @badanoeducationoffece Channel on Telegram

Badeno wareda Education Office

@badanoeducationoffece


Badeno wareda Education Office (English)

Welcome to the Badeno woreda Education Office Telegram channel! This channel serves as a hub for all educational information related to Badeno woreda. Whether you are a student, parent, teacher, or education enthusiast, this channel is the perfect place for you to stay updated on all educational activities and initiatives in the region

The Badeno woreda Education Office is committed to providing quality education to all residents of the woreda. Through this channel, you will have access to important announcements, educational resources, study materials, and event updates. Stay connected with us to learn about new programs, workshops, training sessions, and other educational opportunities that can benefit you or your children

Who is it? The Badeno woreda Education Office is a government entity responsible for overseeing all educational matters in the woreda. From curriculum development to teacher training, this office plays a vital role in ensuring that students receive a well-rounded education

What is it? This Telegram channel is a platform for the Badeno woreda Education Office to engage with the community and share valuable educational content. By joining this channel, you become part of a network of individuals who are passionate about education and dedicated to improving learning outcomes in the region

Join the Badeno woreda Education Office Telegram channel today and be a part of the educational revolution happening in our community!

Badeno wareda Education Office

12 Feb, 16:20


Urgent!!! Hooggantoonni manneen barnootaa barattoota bara kana kutaa 6ffaa fi 8ffaa qoruuf qophii irra jirtan foormii kana dogongora tokkoon maletti guutuun hanga guyyaa 08/06/2017 tti guutuun Duursaa garee Iyyaafannoo fi Madaalliif soft copy fi hard Copy dhaan galchuu qabdu.

Badeno wareda Education Office

04 Feb, 17:53


Urgent!!! Barsiisoonni Jijjiirraa Aanaa Fi Aanaa argattan baga gammaddan jechaa akkaatuma qajeelfamaatiin turtii torbee tokkoo keessatti( torbee kana) jechuudha hattamaan dhuftanii ragaa keessan fudhachuun gara aanaa jijjiirraan itti isiniif raawwatameetti akka deemtan isin beeksifna. Dabalataaniis akka aanaa keenyaatti barsiisoota jijjiirraan aanaa keenya argatan ofitti fudhachuuf kanneen jijjiirraan nu biraa deemtan hatattamaan ragaa keessan xumurachuu qabdu. Jijjiirraan kuniis barsiisoota Sadarkaa Dippiloomaa qofa kan ilaallatuudha.

Badeno wareda Education Office

04 Feb, 17:53


Share 1817.pdf

Badeno wareda Education Office

28 Jan, 15:59


#BEEKSISA.

20/05/2017
#Barsiisota_Barnoota_Isaanii_Sagantaa_Gannaatiin Dippiloomaarraa Gara Diigriitti Fooyyefataniif !
-----------
Barsiisotni Barnoota Sagantaa Gannaatiin Sadarkaa Barnootaa Dippiloomaa Irraa Gara Diigriitti Fooyyeffatan #Qormaatni_Yunivarsiitii_Bahiinsaa(Exit Exam) kan kennamu Guraandhala 1/2017 Yunivarsiitiiwwan keessatti waan ta'eef #qophii_barbaachisaa ta'e akka taasiftan Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa Beeksiseera .

#Hubachiisa:- Yunivarsiitii Qormaata itti fudhattan karaa Waajjira Barnootaa Godinaaleefi Magaalotaatiin kan isin beeksisan ta'a.

Badeno wareda Education Office

27 Jan, 16:48


Hooggantoonni Manneen barnootaa duubdeebiin isiniif kenname kun kilaraansii ji'a Amajjii hanga guyyaa 20/05/2017 tti hin galchitan taanaan kan itti isin gaafachiisu taha.

Badeno wareda Education Office

25 Jan, 17:07


Dura Bu'oonni keenya kilaraansii kana guutuun boru ganama yeroo walgahii seentan fiddanii dhuftu. akka araddaatti walitti qabaan guutee yoo fide irra filatamaadha. ji'a amajjii foormii kanaan warra hin fidin kafaltaan kan hin raawwatamne tahuu gamanumaan isin beeksifna. sababniis barsiisoonni qormaata osoo hin kennin fi leenjii dhiisanii gara ifiin fedhan deemaniis ni jiru waan taheef.

Badeno wareda Education Office

07 Jan, 14:58


Urgent!!!!!!
Guyyaa 29/04/2017
👉Hooggantoota manneen barnootaa aanaa Baddannoo hundaaf.
Dhimmi; hojiilee xiyyeeffannoo addaa barbaadu isin beeksisuu taha.
👉Akkuma mata duree irratti ibsamuuf yaalametti kanaan dura hojiilee hojjatamuu qaban keessaa kan xiyyeeffannoo addaa barbaaduu fi yeroon itti galuu qabu isiniif kennuun bi yaadatama. Isaan jeessaa
1. Maallaqa buusaa gonofaa barattoota irraa sassaabamaa ture karoora isiniif kennameen 100% kanneen hin xumurin fi barattoota irraa sassaabamee osoo akkaawuntii buusaa gonofaa irratti hin galin dura bu'oonni of harkatti ykn barsiisaa biratti tursiiftan hanga guyyaa 30/04/2017tti galii godhuu qabdu.
2. Barsiisoota digrii qaban kanneen maqaan usaanii teeleegiraama irra idiniif kaayamee ture footoo bifa barattoota ministirii qoramuun[3×4] dhaan kaasaa ergaa zubeeyri irratti ergaa jedhamee kan ture namoota muraasa qofaatu erge. Kanaaf erguu qofa osoo hin taane bilbiltanii ittu himtu. Kuniis guyyaan xumuraa guyyaa 30/04/2017 ti. Warreen MGO f qoramuu qaban jechuudha.
3. Madaallii qorumsa Ifa Boruu karoorri 200 jedhamee kan ture ragaa isaanii foormii jedhameen guutaa ergaa jedhamee ture. Isa kanaas kanneen qaama dhimmi ilaallatuuf hin ergin yeroo xumuraaf hanga guyyaa 30/04/2017tti ergamuu qaba.
👉walumaa galatti hooggansi keenya kan ragaalee olitti tuqame kana guyyaa jedhametti hin ergine tarkaanfiin xumuraa kan irrattu fudhatamu tahuu isaa fi duubdeebiin naaf hin kennamne jedhee waakkachuun kan hin danda'amne tahuu isin beeksifna. Taaksifoorsiiniis bilbilaan isin gaafachaa jiru.
👉Dabalataaniis supparvizyiniin ji'a dabre manneen barnootaa keessanitti isin ilaaluun deeggarsa ogummaa kennaa turre. Ciminni akkuma jirutti tahee waantoota fooyya'uu qaban akka fooyya'uuf duubdeebii isiniif kenname san qaamni osoo hin sirreessin ol kaawwatee jala taa'u yoo jiraate kan itti gaafatamu taha. Kanneen sirreessitanii hojiilee san teeleegiraamaan nuuf ergaa jirtaniis galatoomaa jechaa warreen haftaniis haaluma saniin erguu qabdu.
👉nyaanni barataa sassaabamee ganda keessa jiruus hatattamaan galii tahee barattoonniis nyaachifamuu qabu.

G/G: Hoogganaa waajjira Barnootaa A/Baddannootiif
Baddannoo

Badeno wareda Education Office

30 Dec, 15:58


Qayyabannaaf ykn sirriitti barachuuf wantoota barbaachisoo ta‟an
1. Kaka‟iinsa qabaachuu
Barnoota baratan keessatti faayidaa barnoota sanarraa argatan ilaaluun
barbaachisaa dha. Toora kaayyoo jireenya keenyaa wajjin walsime galmaan ga’uu isaanii ilaaluun gaarii dha. Haaluma kanaan, barnootichi jireenya keenyaaf murteessaa yeroo ta’u, xiyyeeffannoo fi kaka’iinsa guddaa qabaannee hordofuu qabna. Sababiin isaa beekumsa addunyaa kanaa jireenya ittiin fooyyeffannu irraa arganna.
2. Sagantaa qayyabannaa qabaachuu
“Jireenya kee to’achuu yoo barbaadde, yeroo kee to’achuu qabda.” jedhu beektonni. Warqeen namni hundi walqixxee of harkaa qabu yeroo dha. Kanaaf, yeroo sekoondiidhaan lakkaa’amtullee akkasumaan balleessuun sirrii miti. Haaluma kanaan, yeroon rafnu beekamaa ta’uu qaba, yeroo inni hirribaa kaanu beekamuu qaba, yeroon itti mana barumsaa silaayyuu beekamaa dha, manatti galuuf daqiiqaa nuti deemnu beekamuu qaba. Gallee yeroo nuti boqonnu beekamuu qaba, yeroon qayyabannaa qofaatti ba’uu qaba, yeroo hojiidhaan maatii gargaaran beekamuu qaba. Kuni egaa waan guyyaa tokko keessatti hojjetamuu danda’uu dha. Kanarratti hundaa’uun kan torbanii, kan ji’aas saganteeffachuun murteessaa dha.
3. „Note‟ baafachuu (Note Taking)
- Mala noottii baafachuuf nu gargaaru beektonni 1Q5R jedhu.
a. Waan barsiifamu qabachuu yaaluu (Record)
- Kanaan dura beeka, dubbiseera jedhanii utuu of hin gowwomsin waan barsiisaan barsiisu hunda qabachuun gaarii dha.
b. Cuunfaa baafachuu (Reduce)
- Isa duraan barreeffatte irra deddeebi’ii dubbisiitii yaadawwan ijoo ta’an keessaa baafadhu.
c. Gaaffiilee baafachuu (Question)
- Isa dubbifte sana akka si cimsuuf gaaffilee qopheeffadhuu deebii itti kenni.
d. Hamman akka qabatte mirkaneeffachuu (Reciting)
- Hanga qabatte mirkaneeffachuuf yaada keen waan sammuutti qabatte yaadannoo kee cuftee waraqaa adii fudhadhuu barreessuu shaakali.
e. Hojiin agarsiisuu (Reflect)
- Beekumsi namaa kan madaalamu waan baratan qabatamaadhaan hojiirra oolchuu dha waan ta’eef, waan baratte hojiin agarsiisuu yaaluun sirraa eegama.
f. Irra deddeebii (Review)
- Wanti ati har’a baratte isa darbe akka si hin irraanfachiifneef irra deddeebitee ilaaluun barbaachisaa dha.
g. Gaggabaabsuu (Recapitulate)
- Baay’ee gaggabaabsuun wantoota dura qabatte sana barreeffamaan qopheeffachuun salphaatti akka qormaataaf qophooftu si gargaara.
4. Bakka qayyabannaa filachuu
- Qayyabannaa utuu hin eegalin dura bakka mijataa filachuun barbaachisaa dha. Wantoota hordoffii keenya dogoggorsaan sagalee namaa, TikTok,TV fi Radio irrraa fagaachuun gaarii dha. Teessuuma, miinjaalli fi kuticha keessatti ifti gahaan jiraachuu qaba. Soofaarra taa’anii , sireerra ciisanii , lafa muka jala ciisanii qayyabachuun sirrii miti sababnisaa hirribaaf nama afeera. Moobayilii ofirraa fageessuun gaariidha. Si’a tokkotti gosa barnootaa tokkoofi meeshaalee isaaf barbaachisan qofa ofbiraa qabaachuutu barbaadama. Fakkeenyaaf Afaan Ingilizii qayyabatta yoo ta’e dabtara , kitaaba ,kuusaa jechootaa of biraa qabaachuu qabda. Ammaa amma baatee, kaatee ergaa deemtee deebi’uu hin qabdu.Turtii saa’itii tokkoo booda garuu gidduutti hafuura fudhachuu qabda. Kanaaf, qayyabannaaf wanttoota si barbaachisan guuttadhuu jalqabi.
5. Mala qayyabannaa filatamaa – SQ5R fayyadamuu
a. Irrabutaa ilaalanii waliin ga‟uu (Surveying) – kun jechuun yaadota gurguddoo qayyabattu sana itti hubatta.
b. Gaaffilee qopheeffachuu (Questioning) - yeroo qayyabataa deemtu, akka hin irraanfatamneef gaaffilee qopheeffachuun barbaachisaa dha.
Isaanis
 Yaadni ijoo wanti ani dubbise maali?
 Yaadannoon deggertoota ta’an warra kami?
 Fakkeenyota akkamiitu fudhatamee yaada kana ittiin ibsame? kan jedhanii fi k.k.f ta’uu danda’u.
c. Xiyyeeffannoon dubbisuu (Read)
- Malaan hubataa jira jechaa of gaafataa dubbisuu jechuu dha.
d. Gaaffilee ibsaa qopheessuu (Writing questions)
- Gaaffilee ibsa bal’aa kennamerratti xiyyeeffatan, ibsa gad-fagoo ta’e kennuuf nama dandeessisan qopheeffachuu ilaallata.
e. Yaadaan irra deebi‟uu (Reciting based on the questions you prepared)
- Gaaffilee armaan olitti qopheeffatteef deebii kan ta’anirratti xi

Badeno wareda Education Office

30 Dec, 15:58


Gocha 5ffaa: Waadaa naamusaa dhuunfaa barataan ofii seenu
Waadaa naamusa dhuunfaa keetii, naamusa gaarii qabaachuu ofii galtu 5 barreessi
mee.
Fakkeenya, bara darbe barsiisota hinkabajju turte yoo ta’e, waadaan ati seentu,”Bara kana barsiisonni abboota beekumsa koo waan ta’aniif nan kabaja!” kan jedhu ta’a. Waliigalaan waan gaarii kanaan dura gochaa hinturre gochuuf waadaa galta.
a___________________________________________
b.___________________________________________
c.___________________________________________
d.___________________________________________
e.___________________________________________
Maqaa Mallattoo Guyyaa
1.Barataa _________________ __________ _______
2.Maatii __________________ __________ _______
3.Abdaree ________________ _________ ________
4.Hoogganaa MB___________ ___________ _______

Badeno wareda Education Office

30 Dec, 15:58


Seenaa Jireenyaa Gara Fuulduraa/Visionary Autobiography/
Yaadni seenaa jireenyaa gara fuulduraa barreeffachuu kun kan inni irraa ka’e, namoonni tokko tokkoo,”Namni waanuma isaaf barreeffame qofa jiraata.Akeeka jireenya isaa gara fuulduraa murteeffachuu hindanda’u.” jedhanii waan yaadaniifidha.
Akka bu’uura barruu kanaatti, namni kamiyyuu sirriitti ittiyaade egeree jireenya isaaf har’a qophaa’uu yookaan karaa saaqqachuu nidanda’a.
Seenaan jireenya kun yaada cuunfaa kan armaan olitti(Boqonnaa 1ffaa hanga 6ffaa) hojjenneefi kallattii gara fuulduraatti waan hojjetamu xiyyeeffachuun barataan barrreeffatee abdareef dhiyeessuun booda maatiidhaan ilaalamee gara hoogansa mana barnootaatti deebisuun mirkanaa’a.Kanaaf, Mul’atni , ergamni, galmi, oolmaan guyyaa, naamusa gaarii, sagantaan qayyabannaa, yaadni kalaqaa rakkoo hawaasaa furuufi kkf kan keessatti ibsamu ta’a.
Gocha 10ffaa: Mee seenaa jireenyaa gabaabaa gara fuulduraa kee akkaataa qajeelafama armaan oliitiin barreessi.Fakkeenya armaan gadii bu’uura godhadhu.
Ani Abdii Gammachuun jedhama.Barataa kutaa 7ffaadha.Mul’tni koo dookteerii fayyaa ta’ee of arguudha. Ergamni koommoo dhukkubsatoota gargaaruudha.Karoorri koo waggichaa qabxii giddu galeessaa 98 fidee kutaa 8ffaatti darbuudha. Kutaa 8ffaa qormaata Naannoo qabxii giddu galeessaa 98.8 galmeessuufi akkasumas kan kutaa 12 gosa barnoota hunda “A” fidee Yuniversitii beekamaa biyyatti seenuuf karoora dheeraa baafadheera.
Raawwii oolmaa guyyaa koo keessattis barnoonni, hojiin barnootaafi qayyabannaan qoodama yeroo isa caaluu qabu.Naamusa gaarii qabaachuudhaan seerotaafi qajeelafamoota mana barnoota nan eega. Guyyaatti yoo xiqqaate sa’a lama qayyabachuuf saganteeffadheera.Barnoota koo faana rakkoo hawaasa koo xiinxalee furuuf akkamitti akka karaa saayinsaawaa dhibeewwan dawaa hinqabneef furmaanni argamu bira gahuuf nan hojjedha.
Maqaa Mallattoo Guyyaa
1.Barataa _________________ _____ _____
2.Maatii __________________ ______ ______
3.Abdaree ________________ _______ ______
4.Hoogganaa MB___________ ________ ______

Badeno wareda Education Office

30 Dec, 15:58


yyeeffachuun utuu barruulee hin ilaalin yaadaan ibsa gahaa kennuu dha.
f. Keessa deebii (Reviewing)
- Sirriitti keessa deebii gochuun odeeffannoon sammuutti qabannaa yeroo dheeraa keessa sirriitti akka taa’uu fi deebisanii itti fayyadamuuf nama dandeessisa.
Beekumsa ykn odeeffannoo sammuutti qabachuun sadarkaa sadii keessa darba.
1. Sadarkaa galmee miiraa (Sensory Register ) : Odeeffannoon sadarkaa kanatti sekondii 5 qofa turuu danda’a.
2. Sadarkaa sammuutti qabannaa gabaabaa(Short_Term_memory) sadarkaa kanarraa odeeffannoon seene sekondii 20- 30 qofa ta’uu danda’a. yoo akka gaariitti xiyyeeffatameef irra deddeebi’ame gara sammuutti qabannaa yeroo dheeraatti darba.
3. Sadarkaa sammuutti qabannaa yeroo dheeraa (Long term memory) Odeeffannoo ykn beekumsi nuti irra deddeebine , xiyyeeffannoon hordofamee, hojiin argisiisuuf yaalle…. Sammuutti qabannaa yeroo dheeraa seena . Inni kun mana kitaabaa guddaa bakka beekumsi hedduun itti kuufamu jechuudha. Beekumsi sadarkaa kanarra seene umurii guutuu hin badu . Haata’u malee, irraanfachuu dandeenya. Irraanfannaan (Forgeting )Maali ?
Irraanfannaan odeeffannoo takkaa fudhanne deebifnee itti fayyadamuuuf yeroo jennu yaadachuu dadhabuu jechuudha.
Irraanfannaa maaltu fida ?
Irraanfannaa kanneen fiduu danda’an :
 Dhiphina (stress)
 Hirriba gahaa dhabuu (lack of sleep)
 Yeroo dubbisan ykn dhaggeeffatan sirriitti dhaggeeffachuu dhabuu fi kkf ta’u
Irraanfannaa akkamitti hir‟ifna ? kn Akkamitti yaadannaa keenya cimsanna ?
1 . Hirrba gahaa (sa’a 6-8) rafuudhaan .
2. Yeroo hunda sa’a walfakkaataatti rafnee sa’a wal fakkaataatti ka’uudhaan
3. Waan barannu sirriitti (xiyyeeffannoon) hordofuudhaan
4. Nyaata madaalamaa nyaachuun
5. Sochiilee qaamaa hojjechuudhaan
6. Irraa jala ykn cabsata cabsataan qayyabachuudhaan
7. Irra deddeebi’uun dubbisuudhaan
8. Waan dubbifne hojiitti hiikuu yaaluudhaan
g Hojiin agarsiisuu yaaluu (Reflections)
Waan naannootti beekanii wajjin wal qabsiisuun raawwii fi faayidaa isaa ilaaluu dha. Kun qormaataaf qofa utuu hin ta’in bara kee guutuu si keessatti hundee akka godhatu taasisa.
6. Ofitti amantummaa (confidence) dagaagfachuu
a) Kaayyoowwan milkaa’inaan nu ga’uu danda’an baafachuu
b) Nama hojiin agarsiisu ta’uu
c) “Anatu hojjechuu danda’a, anatu milkaa’uu danda’a, anumatu herrega danda’a, anumatu Afaan Ingilizii qajeelchee dubbachuu danda’a, anumatu waan haaraa kalaqee biyya koo guddisafi kkf “ dagaagfachuu barbaachisa.

Badeno wareda Education Office

30 Dec, 15:58


Dagaagfannaa Amala Dansaa Barattootaa
2.1.Qajeelfamoota (principles) 10 armaan gadii duraaduubaan hojiirra oolchuu
A. Barattoonni mul’ata dhuunfaa isaanii akka beekan barsiisuufi gochuu
B. Barattoonni ergama dhuunfaa isaanii akka beekaan barsiisuufi gochuu
C. Barattoonni galma waggaa tokkoo akka qopheeffatan barsiisuufi gochuu
D. Barattoota seerota bu’uuraa mana barnootaa barsiisuufi waadaa namusaa seensiisuu.
E. Raawwii oolmaa guyyaa barattootaa to’achuu
F. Baratoonni sagantaa qayyabannaa baafatanii akka qayyabatan gochuu.
G. Barattoonni hojii kalaqa aartiifi saayinsii keessatti akka hirmaatan kakaasuu
H. Barattoonni qabxii gosa barnootaa tokkon tokkootti galmeessan beekaa akka deemaniifi karoora waggaa isanii biraa qabanii akka karoora isaanitti akka hojjetaa deeman gochuu
I. Duuchaadhaan osoo hinta’iin barattoota ijoowwan amalarratti ji’aan , nuusaan , seemisteeraan ykn waggaan madaaluun maatiif gabaasaa deemuu.
J. Barattoonni seenaa jireenyaa isaanii gara fulduraa akka barreeffatanii isa hojiirra oolchuuf dhama’an gochudha.

Badeno wareda Education Office

30 Dec, 15:58


Turtii yeroorratti hundaa‟e galmi bakka sadiitti qoodama.Isaanis
a. Galma yeroo gabaabaa(Short-term goal): galmi kun karoora hojii waggaa tokko keessatti raawwatamuuf qophaa’uudha.
b. Galma yeroo giddu-galeessaa(Medium-term goal): galmi kun karoora hojii waggaa lamaa yookaan sadii keessatti raawwatamuuf qophaa’uudha.
c. Galma yeroo dheeraa(Long-term goal): galmi kun karoora hojii waggaa shan keessatti raawwatamuuf qophaa’uudha.

Badeno wareda Education Office

30 Dec, 15:58


Seerota Naamusaa Mana barnootaafi
waadaa naamusa dhuunfaa ofii
A. Seerota Bu‟uuraa Mana Barnootaa
B.Ibsa Seerota Bu‟uuraa Naamusa Barattootaa
A.
1
Seeraa 1ffaa:Kabaja Yeroo 2
Seera 2ffaa: Kabaja Namaa 3
Seera 3ffaa : Naamusa daree barnoota keessaafi alaa 4
Seera 4ffaa:Qulqullinaa ofii dareefi mooraa eeguu. 5
Seera 5ffaa: Qabannaa rifineesaa fi akkaataa uffannaa 6
Seera 6ffaa: Hojii barnootaafi Qormaata hojjechuu 7
Seera 7ffaa: Naamusa nyaataa eeguu 8
Seera 8ffaa: Meeshaalee barnoota qabaachuu 9
Seera 9ffaa: Qabeenya mana barumsichaa kunuunsuu 10
Seera 10ffaa: Seerotaafi qajeelfamoota eeguu.
1
Seeraa 1ffaa (Rule #1):Kabaja Yeroo
Yeroon jireenya.Yeroo keenya balleessinaan jireenya keenyaatu bada.Yeroon mana barumsaa seenaan,boqonnaafi laqanaa hundinuu kabajamuu qabu.
2
Seera 2ffaa (rule # 2):Kabaja Namaa
Barsiisota,hojjetoota biroofi barattoota biroo kabajuu qabna malee arrabsuu,qoccoluuniifi loluun fafeedha.
3
Seera 3ffaa (rule # 3 ) :Naamusa daree barnoota keessaafi alaa
Mallattoon nama guddummaa daree barnootaa keessaafi alatti naamusa qabaachuudha.
4
Seera 4ffaa(rule #4): Qulqullinaa ofii dareefi mooraa eeguu
Qulqullina eeggachuun ofirraa jalqaba.Ofii qulqullina eeggannee qulqullina mana barnootaa keenyaafi naannoos akka ofii keenyaatti haa eeggannu.
5
Seera 5ffaa(rule #5):Qabannaa rifineesaafi akkaataa uffannaa
Uffata seeraa guutuu ta’e uffachuuniifi rifeensa akka seeraan ibsametti sirreeffachuu ykn qabachuun mallattoo nama amala gaarii qabuuti.
6
Seera 6ffaa (rule #6): Hojii barnootaafi qormaata hojjechuu
Dhamaanee barachuun jijjirama amalaa fidnuun hanna qormaataa ciiga’uu qabna.
7
Seera 7ffaa (Rule #7 : Naamusa nyaataa eeguu
Hanni nyaata barataa hiriyaa,osoo harka hin dhiqatin nyaachuuniifi nyaaata barataafi hinmalle ancaqqee(maastikaa) nyaachuun fafeedha.
8
Seera 8ffaa (Rule #8):Meeshaalee barnoota qabaachuu
Manni Barnootaa dirree qabsoo beekumsaafi jiijjiiramaati.Hidhannoo guutuu qophii qaamaafi sammuu qabaachuu gaafata(Qubeessa,iskiriiptoo,dabtara,korojoofi kkf qabaachuu dabalatee).
9
Seera 9ffaa (rule #9):Qabeenya mana barumsichaa kunuunsuu
Manni barnootaa kan uummataati,keessaayyuu kan barattootaati.
Qabeenya mana barnootaa ofii kunuunsuun of kunuunsuudha.
10
Seera 10ffaa (rule #10):Seerotaafi qajeelfamoota eeguu
Seeronniifi qajeelfamoonni amala gaarii jajjabeessuufi amala badaa hambisuuf qophaa’u.Seerotaafi qajeelfamoota hojiiirra oolchuun amala gaarii qabaachuudha

Badeno wareda Education Office

24 Dec, 20:14


URGENT!!! FOORMII Barsiisoota sadarkaa barnootaa Digrii qaban fedhii MGO qoramuu qaban ittiin guutamu. yeroon turtii hanga guyyaa 16/04/2017 qofaadha. kanaaf xiyyeeffannaa addaa itti kennuun manneen barnootaa barsiisoota digrii isin bira jiru kan kanaan dura MGO qoramee hin milkaawin ykn ragaa milkaawuu isaa ibsu of harkaa hin qabne hundaahuu guutuun erguu qabdu.

Badeno wareda Education Office

20 Dec, 16:59


Guyyaa 12/04/2017
Dura Bu'oota Manneen barnootaa Aanaa Baddannoo Hundaaf.
👉Dhimmi: ragaalee ganama qabachuun waltajjii seenuu qabdan isin yaadachiiduu taha.
1.Kilaraansii barsiisotaa kan ji'a muddee
2. Barsiisotaa fi baratyoota hojii kalaqaa qaban. Jechuuniis maqaa guutuu, sad. Barn, gosa hojii kalaqaa
3. Barsiisoota ji'a kana hojii gadi lakkisan yoo jiraate xalaayaa beeksisaa
3. Gabaasa CPD ykn Dow
Halkan gaarii

Badeno wareda Education Office

03 Dec, 14:39


[Sadaasa 24/2017 Aanaa Baddannoo waajjira Barnootaatti haala bobbaa Supparvizyinii hojiilee barnootaa irraatti mariin gaggeeffamee jira.]
👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏
👉Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannootti Waajjirri barnootaa Aanaa Baddannoo ogeeyyii isaa haala bobbaa supparvizyinii hojiilee barnootaa irratti marii isaa baldhinaan gaggeessaa ooleeti jira.
➡️Orranteeshina kanaas kan kennan Ogeessa waajjira barnootaa G/H/Bahaa irraa bobbahan Kabajamoo Obbo Darajjee Taayyee fi I/G Waajjira barnootaa aanaa Baddannoo Kabajamoo Obbo Aliyyii Mahammad dha.
⤴️Ogeeyyiin waajjirichaa kanneen orranteeshina babbaa supparvizyinii fudhataniis
𝐊𝐚𝐫𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐝𝐡𝐢 16 𝐃𝐮𝐛 7 𝐖𝐠 23 yoo tahu
𝐑𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐢 16 𝐃𝐮𝐛 7 𝐖𝐠 23 𝐝𝐡𝐚.
➡️Toorri xiyyee marii kanaa akkaataa karoora BBO baaseen supparvizyiniin hojiilee barnootaa deeggarsa ogummaa manneen barnootaa fi qooda fudhattootaaf kennuun uwwisa baldhaa taasisuun haala baruu fi barsiisuun daree keessaatti ittiin gagggeeffamaa jiru xiinxaluun fooyya'insa qabxii barataa irratti duursanii hojjachuu irratti kan xiyyeeffateedha.
➡️Haaluma kanaan ogeeyyii waajjirichaa garee jahatti qooduun araddaalee/gandoota afurtamii lama keessaa gandoota 40 keessa manneen barnootaa jiran hunda bira gahuun akka gadi fageenyaan ilaalamuun ogeeyyiin iddoo deeman hundatti deeggarsa ogummaa kennuun rakkoolee addaan baafatan irratti sadarkuma sanitti sirreeffama akka kennan kallattiin ogeessa waajjira barnootaa godinaa irraa bobbaheen kennameeti jira.
{𝓖𝓪𝓻𝓮𝓮 𝓣𝓠𝓞 𝓦𝓪𝓪𝓳𝓳𝓲𝓻𝓪 𝓫𝓪𝓻𝓷𝓸𝓸𝓽𝓪𝓪 𝓪𝓪𝓷𝓪𝓪 𝓑𝓪𝓭𝓭𝓪𝓷𝓷𝓸𝓸𝓽𝓾 𝓰𝓪𝓫𝓪𝓪𝓼𝓮}

Badeno wareda Education Office

29 Nov, 16:50


Duubdeebii Manneen barnootaatiif/ D/B M/B Qindeessaa tahaniif

Badeno wareda Education Office

29 Nov, 16:39


Duubdeebii Manneen barnootaatiif/D/B M/B Qindeessaa ta'aniif

Badeno wareda Education Office

25 Nov, 17:48


Ragaa kana dura bu'oonni manneen barnootaa xiyyeeffannaa addaa itti kennuun guutee guyyaa 17/03/2017 tti Dura bu'aa kaabineef kennuun Dura Bu'aan kaabineen guyyaa 18/03/2017 waajjiratti galchuu qaba. Hundaa olitti immoo harcaatii tokko malee akka araddaatti qindaawee haala gaafatameen guutamuu qaba. iddoo isin dhibetti bilbilaan gaafachuun hatattamaan haa xumurruu. Kan xumure teeleegiraama dhunfaa duursaa garee misoomaa irratti erguun erguun hard copy isaa chaappaan dhahuun galchitu

Badeno wareda Education Office

23 Nov, 20:31


Manneen barnootaa hanga guyyaa 14/03/2017tti galchuu dadhabdan kunniin too'annaa fi hordoffii barsiisaa gochuun ragaalee barbaachisan qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf galchuu dadhabuun irra deddeebiin mullachaa waan jiruuf marsaa kanaaf of eeggannoon isiniif kennamuun hanga guyyaa 15/03/2017 tti akka galchitan irra deebiin isin beeksifna

Badeno wareda Education Office

22 Nov, 16:56


Alert
Hooggantoota manneen barnootaa Aanaa 𝐁𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚𝐟!!!!
Manneen barnootaa tokko tokko keessatti ragaalee odeeffannoo barsiisaa yeroo sassaabbannu qaamoleen tokko tokko tahe jedhanii walburjaajessuuf jecha leenjiitu jira jechuun qajeelfama waajjirri hin dabarsin dabarsuun walburjaajessuutu mullata. Kanaaf leenjiin osoo jiraateehuu kilaraansii/qunnamsiiftuutu waajjira irraa kennama. Kanaaf waldogongorsiisuuf yaaluu fi odeeffannoo Sobaa dabarsuun yakka waan taheef akka irraa of qusattan isin beeksifna. barsiisoonni keenyaas odeeffannoo argateen socha'uu osoo hin taane waajjira irraa qulqulleeffachuu qaba. Kanneen osoo waajjira irraa hin qulqulleeffatin sochii taasisan kamuu itti gaafatamni mataa isaas ni dabalata.

Badeno wareda Education Office

20 Nov, 20:21


Duubdeebii Oolmaya guyyaa 11/03/2017 Manneen barnootaa hooggantoonni isaanii bilbuilli cufaa tahuudhaan ragaalee gaafataman galchuu dadhaban

Badeno wareda Education Office

20 Nov, 07:05


Alert manneen barnootaa kutaa 7 i 8 qabdan barsiisaa barnoota Ogummaa teeknikaa barsiisaa jiran hatattamaan hardhuma foormii kanaan guuttanii Duursaa garee mis fi HMB tiiferguu qabdu.

Badeno wareda Education Office

27 Oct, 14:38


""""""" 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐫𝐢𝐢𝐟𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚""""
Guyyaa 17/02/2017
Dura Bu'oota manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1-8 ykn 5-8 fi sadarkaa 2ffaa hundaaf.
👇Dhimmi waa'ee walgahii ariifachiisaa isin waamuu taha.
➡️Akkuma mata duree irratti ibsamuuf yaalametti dura bu'oonni keenya kanneen sadarkaa 1ffaa keessaa kanneen kutaa 1-8 ykn 5-8 fi kanneen sadarkaa 2ffaa afran boru guyyaa 18/02/2017 ganama irraa sa'aa 2:30 tti galma waajjira bulchiinsa aanaa Baddannootti harcaatii tokko malee akka argamtan isin beeksifna.
➡️Marii ariifachiisaaf waan barbaadamtaniif jecha harcaatiis tahee,orraafachuuniis tahee, nama biroo bakka buusuuniis hin danda'amu.
➡️kan dhagahe ykn ergaa kana kan arge keessoodhaan ergaa waliif dabarsuun waldhageessiftu.
G/G: waajjira paartii Damee A/Baddannootiif
Baddannoo

Badeno wareda Education Office

27 Oct, 10:58


QAJEELFAMNI ANIMEESHINII JECHUUN SIRNA GURMAA'INA, BULCHIINSA, HOGGANSAAFI ITTI FAYYADAMA LAABORAATOORIIWWAN BAAYOLOOJII, KEEMISTIRII, FIIZIKSII (SAAYINSII WALIGALAA) FI HERREGAA GAREEN OGEEYYII BARNOOTAA, HOOGGANAA BARNOOTAA FI BARSIISOTARRAA IJAARAMAN, BIIROO BARNOOTAA OROMIYAARRAA KAASEE HANGA MANNEEN BARNOOTAATTI QAJEELFAMA ITTIIN RAAWWATANIIFI GAGGEEFFAMAN JECHUUDHA.
1) Mana Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa: Kutaa 1ffaa hamma kutaa 6ffaa tti kan jiran ni hammata
2) Mana Barnootaa giddugaleessaa: Mana barnootaa kutaa 7ffaa fi 8ffaa of keessatti hammata.
3) Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa: Mana barnootaa kutaa 9-12 tti jiran of keessatti hammata.
Suppervaayizara: Hoogganaa barnootaa barsiisota manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatiif deeggarsa ogummaa kennuuf hojii fi itti gaafatamummaa kan qabuu fi qajeelfama kana keessatti barnoota saayinsii uumamaa akka muummee/xiqqaatti kan barate yookiin qophii barnootaa kan qabu.

Badeno wareda Education Office

23 Oct, 15:27


[Onkoloolessa 13/2017, Ergaa Galateeffannaa Hoogganaa Waajjira Barnootaa Aanaa Baddannoo Kabajamoo obbo Aliyyii Mahammad Irraa dabre.]
➡️Guyya hardhaa Mana barumsa Baddannoo Sadarkaa 1ffaa 1-8 kan Obboleessa keenya 𝐒𝐨𝐨𝐫𝐞𝐲𝐬𝐚 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐉𝐮𝐧𝐞𝐞𝐲𝐝𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 ijaaramaa ture eebbisuun keenya ni yaadatama. Obboleessi keenya Sooreysi Yaadataa Juneeydii Ilmi sabaa, Ilmi Biyyaa, "qabeenyi koo kan sabaaf hin taane anaafiis hin tahu" jechuun mana barnootaa keenya kan jijjigee ture qarshii mil. 64 ol itti baasuun guyyaa hardhaa eebbisiisuun baruu fi barsiisuuf banaa godhee jira.
🔃Duraan duursee Obboleessa keenya ilma sabaa. Ilma Biyyaa Sooreysa yaadataa Juneeydiitiin baay'ee baay'ee galatoomaa, ulfaadhaa isiniin jenna. Akka hoogganaa waajjiraatti jechaan ittiin isin galatoomfadhuutu na hanqata. Kanaaf umrii dheertuu, rabbiin isiniif haa kennu jechuu malee waanaan jedhu hin qabu. Irra deebiin maqaa hawaasa aanaa baddannoo fi maqaa waajjira barnootaa aanaa baddannootiin galatoomaan jedha.
➡️Dabalataaniis Bedeno Community Support kan yaadaa fi wixinee bu'aa hardhaa kana kalaquun hordoffii fi tattaaffii guddaa godhuun milkii kana argamsiiftaniis baay'ee baay'ee galatoomaan jedha.
➡️Akkasumaas 𝐊𝐨𝐫𝐞𝐞𝐧 𝐪𝐢𝐧𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐡𝐚𝐫𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐪𝐨𝐩𝐡𝐢𝐢 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐡𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚𝐰𝐮𝐮𝐟 𝐢𝐟𝐚𝐚𝐣𝐣𝐢𝐢 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐞𝐞𝐛𝐛𝐢 𝐦𝐚𝐧𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐮𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚𝐰𝐮𝐮𝐟 𝐠𝐚𝐡𝐞𝐞 𝐥𝐞𝐞𝐧𝐜𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢𝐭𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐥𝐚𝐭𝐨𝐨𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚.
Gaggeessitoonni seektaralee aanaa keenyaa, hojjattoonni, hawaasni aanaa keenyaa, jiraattoonni magaalaa baddannoo fi naannawa ishee, barsiisoonni keenya, barattoonni keenya kanneen bifa miidhagaa fi hawwataa taheen keessummoota keenya simattan irra deebiin galatoomaan jedha.
↪️Dabalataaniis keessummoonni keenya kanneen guyyaa hardhaa sadarkaa naannoo, sadarkaa godinaa fi Biyyoota Alaa irraa sirna eebbaa kana irratti argamuun gammachuu guyyaa hardhaa nuun waliin qooddattaniis maqaa ummata aanaa baddannoo fi maqaa waajjira barnootaa aanaa baddannootiin baay'ee baay'ee galatoomaan jedha.
🔛Kabajamtoota qooda fudhattoota sirna eebbaa kana irratti argamuuniis tahee, bu'aa guyyaa hardhaa kana akka milkaawuuf gahee keessan bahaa turtan hunduu tokkoo tokkoo keessan kaasuun ergaa galataa dabarsuu dhabuu kootiif na ofkolchaa jechaa hundumti keessan galatoomaan jedha.
𝐇𝐨𝐨𝐠𝐠𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐣𝐣𝐢𝐫𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐀𝐥𝐢𝐲𝐲𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐡𝐚𝐦𝐦𝐚𝐝.

Badeno wareda Education Office

23 Oct, 14:22


[Onkoloolessa 13/2017, Aanaa Baddannootti Manni barumsa Baddannoo Sadarkaa 1ffaa Baddannoo 1-8 Sooreysa Yaadataa Juneeydii tiin Ijaaramaa ture Eebbifamuun hojii baruu fi barsiisuuf banaa tahee jira.]
👉Hirmaannaa Qindaa'aa, Badhaadhina Hunda Galeessaaf!
__
Jilli Afayaa'ii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Aadde Sa'adaa Abdurammaaniin durfamu Harargee Bahaa Aanaa Baddannootti Mana Baruumsa Sadarkaa 1ffaa Birrii Mil.60 oliin Abbaan Qabeenyaa Sooreysa Yaadataa Juneeydii ijaare Eebbise jira.
ΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔΔ
↪️[On October 13, 2017, Bedeno Primary School 1-8 was inaugurated by Soreysa Yadeta Juneydi.
👉Organized Participation, for Inclusive Prosperity!
__
A delegation led by the Speaker of the Oromia Regional State, Hon. Seada Abdureman, inaugurated a primary school built by Sooreessi Yadeta Juneydi in Bedeno woreda of East Harargee zone.
✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦✦
[ኦክቶበር 13, 2017, ባድኖኖ የመጀመሪያ ደረጃ ትምህርት ቤት 1-8 በ Soreysa Yadeta Juneydi ተመረቀ።
👉የተደራጀ ተሳትፎ፣ለአካታች ብልፅግና!
__
በኦሮሚያ ክልል አፈ ጉባኤ የተከበሩ አቶ ሰአዳ አብዱራማን የተመራ የልኡካን ቡድን ከብር በላይ በሆነ ወጪ በሶሬይሳ ያዳታአ ጁኒዲ ያስገነባውን አንደኛ ደረጃ ትምህርት ቤት አስመርቋል።

Badeno wareda Education Office

21 Oct, 07:35


Akkam ooltan Kabajamtoota , bu'aan leenjii ijaarsa dandeettii barsiisotaafi Hoggansa manneen brnootaa gannaa leenjii fudhachaa turanii ifatti gadhiifamuu isaa gammachuu guddaadhaan isin beeksifna.
Leenjifamtoonni bu’aa isaanii https://result.ethernet.edu.et daawwachuun tarree jiru keessaa filannoo TDP filachuudhaan bu'aa isaani ilaaluu akka danda’an beeksisaa !!

Badeno wareda Education Office

15 Oct, 18:11


Guyyaa 05/02/2017
Hooggantoota Manneen Barnootaa fi Barsiisoota Aanaa Baddannoo hundaaf.
𝐃𝐡𝐢𝐦𝐦𝐢 ;𝐰𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐟𝐨𝐨𝐲𝐲𝐚'𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐬𝐚𝐝𝐚𝐫𝐤𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐥𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚.
👉Akkuma mata duree irratti ibsamuuf yaalametti kanaan dura barsiisotaa fi hooggantoonni manneen barnootaa barnoota gannaa kanneen barachaa turan
1. Kanneen mindaa haala mijjeessaa nyaachaa turan kanneen yeroo ammaa ganna 3ffaa xumuranii jiran yoo jiraate
2. Kanneen ganna kana dippiloomaa xumuree jiru
3. Kanneen ganna kana Digrii 1ffaa xumuree jiru.
4. Kanneen digrii 2ffaa ganna kana xumurtanii turtan yoo jiraate
𝐖𝐚𝐥𝐮𝐦𝐚𝐚𝐠𝐚𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐡𝐚𝐧𝐠𝐚 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 09/02/2017𝐭𝐭𝐢 𝐰𝐚𝐚𝐣𝐣𝐢𝐫𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐛𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐥𝐚𝐤𝐤.9𝐭𝐭𝐢 𝐠𝐚𝐥𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐝𝐮. Barsiisaas tahee hooggansi yeroo jedhame keessatti ragaa isaa hin dhiheeffatin itti gaafatamni matuma isaa taha. Kuniis faayiduma isaa dhabuu taha jechuudha. Kanaaf waldhageessisuu fi walyaadachiisuun murteessaadha.
𝐇𝐮𝐛; 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐢 𝐤𝐮𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚𝐬 𝐭𝐚𝐡𝐞𝐞, 𝐡𝐨𝐨𝐠𝐠𝐚𝐧𝐬𝐚𝐚𝐬 𝐭𝐚𝐡𝐮 𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐠𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐧𝐧𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐚 2016 𝐟𝐨𝐨𝐲𝐲𝐞𝐟𝐟𝐚𝐭𝐞 𝐪𝐨𝐟𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐱𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐭𝐚

Badeno wareda Education Office

14 Oct, 10:14


Guyyaa har'a 2/2/2017 sirna kabajaa Alaabaa akka Mana Barumsa Baddannoo Sadarkaa 2ffaa tti haala gaariiin kabajame jira