Qormaati exit exam guyyoota shaniif kennamaa ture guyyaa harraa qormaata muummee fayyaatiin goolabameera. Barattootni warren qormaata Nursing Exit Exam fudhatan rakkoo guddaan muudatee jira jechuun himatan. Barattootni akka jedhanitti, gaaffileen baay’een qormaata keessa turan matadaalee gurguddoo barnoota isaaniin ala waan ta’aniif nu madaaluu hin danda’u jedhan.
“Qormaanni bahe kun hedduu cimaa ture. Gaaffileen baayyeen kan public health irratti yoo ta’u, major courses keenyaa bakka kan hin buune,” jechuun barattootni ibsanii jiru. Akkasumas, “Rakkoo kanaaf deebii nuuf kennaa,” jechuun gaaffii dhiyeessanii jiru.
Barattoonni bu’aa qormaataa kanaa akka sirriitti ilaalamu fi seerawaan akka hojiirra oolu waamicha dhiyeessanii jiru.