Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom @biiroolafaoromiyaa Channel on Telegram

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

@biiroolafaoromiyaa


Maqaa gaarii biiroo roga gaariin ijaaruu

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom (Oromo)

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom kan biiroo lafaa Oromiyaa fi bulchiinsa keessumaa gara komiin godhamaa jiru. Kan jedhuun maqaa gaarii biiroo roga gaariin ijaaruu. Kan beekanii fiixeesaa keenyaa kan ijaaramee fi gara biiroo lafaa Oromiyaa adeemaa jiru. BLO akkuma beekanii keessumaa yoo jiraatan gara komiin akka jiran kan barreessu ti. Kan kan keessumaa beekanii keessumaa yoo jiraatan jiraachaa jiraata. BLO kan beekanii keenyaa jiru yoo adeemaa jiran jedhu gaarii kan bakkaan gara Oromiyaaitti fudhatee jira. BLO kan keessumaa kan jedhu gaarii Oromoon adda addaa isiniif fudhatee jiru. BLO kan gaariin ijaaramee keessatti argamuu fi tekuumuu adeemaa jiru. BLO kan beekanii keessumaa jedhuun kan ijaaramee fi tekuumee adeemaa jiru. BLO kan beekanii keessumaa fiixeesaa gaaritti gaariin Oromiyaa ijaaramee jira. BLO kan beekanii keessumaa fixeesaa keessumuu adeemaa jiru. BLO kan kan fiixeesaa keessumaa kan ijaaramee adeemaa jiran jiru. BLO kan beekanii keessumaa gaaritti keessumaa ijaaramee jira. BLO kan beekanii keessumaa gaaritti keessumaa jiraachu jiru. BLO kan fiixeesaa keessumaa keessumaa tekuumuu jiru.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

31 Dec, 16:36


https://www.facebook.com/share/1C8ZXZaAHb/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

31 Dec, 13:50


Kenni Tajaajila Keenyaa Fayyadamummaa Hawaasa Keenyaan Madaalama!
‎~~~~
‎Koreen hojii hordoffii fi deeggarsaa Biiroo Lafa Oromiyaattin durfamu raawwii hojii kurmaana 2ffaa Godinaalee fi Magaalotaa itti fufiinsaan qorachaa jira.

‎Haluma kanaan koreen I/A Hoogganaa BLO Obbo Aliyoo Goleetiin durfamu Magaalaa Bulee Horaatti argamuun qindeessituu Magaalaa fi manaajimentii Wajjira Lafaa walii marii bal'aan taasifameera.

‎Marii kana keessatti hojiin Kaadaastaraa Magalichaa qawwaa waan qabuuf yeroo ji'a lama hin caale keessatti akka sirratuu fi saffisaan raawwii hojii akka fooyya'uu duubdeebiin kennamee jira.

‎Haluma walfakkatuun koreen I/A Hoogganaa BLO Obbo Biyyaa Rayyaatiin durfamu Godina Buunnoo Beddellee fi Godina Iluu Abbaa Booraa,akkasumas Magaalaa Mattuu fi Magaalaa Beddellee irratti gaggeessaa jira.

‎Gamaggama kana irratti kenna tajaajilaa, hojjirra oolmaa kaadastara Magaalaa fi Baadiyyaa,Karoorri ittifayyadama lafa baadiyyaa,Giddugala baadiyyaa (Haaromee) gadi fageenyaan ilaalamaa jiraachuu Obbo Biyyaan himaniiru.



Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

31 Dec, 04:31


Waajjirri Lafaa Magaalaa Adaamaa qabiyyee cittuu Lafaa 81,916 irratti kaadastaraan galmeessuu ibse.
~~~~
I/A Waajjira Lafaa Magaalaa Adaamaa obbo Taliilaa Qumbii Magaalaa Adaamaa keessatti hojiin kaadaastaraan hojjetameen cittuu lafaa 81,916 galamaa'ee jiraachuu himan.

Magaalaa Adaamaa keessatti cittuu lafaa 81,916 ta'e kaadaastaraan galamaa'ee abbaa dhimmaa harka kan gahee jira kan jedhan Obbo Taliilaan, hojii galmeessan boodaa kenna tajaajila toorarraa /E_Land Service/ magaalaa hangaa aanatti siistemni diriiree hojii jalqabeera

Tajaajilli toorarraa kunis
#Jijjiirraa maqaa, qabiyyee walitti makuu fi qooduu, dhorkii baankii fi mana murtii, xalayaa deeggarsaa fi dhimmoota tajaajila lafaan walqabatan irratti tajaajila kan kennudha.

Gama biraatin Hojiin ijaarsa seeran alaa dambiin duraa fi abiyyee durii pilanii magaalan wal siman gara seeratti fiduuf karoorri addaa qophaa'ee gaaffii uummata bara dheeraa gaafachaa ture deebisuu fi fayyadamummaa abbaa qabiyyee mirkaneessuu,pilaaniin magaalaa kabachiisuu, galiin magaalaa dabaluu,sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa'aa ta'ee fi tajaajila si'ataa akka argatuuf hojii hojjetameen raawwii milkaa'ina qabu galmeesisuun danda'ameera jedhan Obbo Taliilaan.

Karoorri addaa kunis kutaalee magaalaa jahaa (6) fi aanaalee 14 keessatti abbaa warraa 11,725 fayyadamaa taasisuuf galii magaalaa asirraa argamu mil,820,231,457 karoorfamee turii ji'a lamaa keessatti raawwii abbaa warraa 8,776 fayyadamaa kan taasifamee fi galii qar,mil,432,560,545 akka galu ta'eera jedhan.

Kanaafuu,karoora hafe ariitin xummurun Adaamaa sirni ragaa lafaa ammayyaa'aa, teknoloojin deeggaramee fi kenni tajaajila toorarraa /E_land service/ si'ataan itti dhugoomu gochuuf adeemsa amma jalqabame daraan cimsinee fayyadamummaa uummata keenyaa ni mirkaneessina jechuun himaniiru.

Teekinoloojii deeggaramnee kenna tajaajilaa dijiitaalawaa gochuun komii hawaasaa fi deddeebiin abbaa dhimmaa xiqqachaa dhufeera jedhan.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

06 Dec, 02:51


https://www.facebook.com/BBIFLO?mibextid=JRoKGi

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

06 Dec, 02:49


‎"Kenni Tajaajilaa Fayyadamummaa Hawaasaatiin Madaalama" Obbo Isaa Guyyee I/A Hogganaa BLO fi I/G Damee Misooma Lafaa
‎~~
‎BLO kabaja guyyaa farra ‎malaammaltummaa 2017 marsaa19ffaa akka naannoo keenyaatti gaggeeffamu bu'uura godhachuun dhaadannoo‎"Dhaloota safuufi naamusa gaarii qabu ijaaruun badhaadhina hunda galeessaaf” jedhuun Magaalaa Adaamaatti gaggeessee jira.

‎Kabaja kana ilaalchisee dhimma kenna tajaajilaafi dhimma naamusa gaarii hojjetaa giddugaleeffate irratti xiyyeeffachuun marii bal'aan gaggeeffamee jira.

‎Mootummaan kenna tajaajilaa si’ataa qulqulluu, malaammaltummaa irraa bilisa ta’ee giddugaleeffate hojiirra oolchuuf karoora tiraanisfoormeeshinii qopheessee sadarkaa maneen hojii hunda keessatti hojiirra oolchaa jiraachuu Obbo Isaan himaniiru.

‎Fayyadamummaan hawaasaa tajaajila nurraa argateen madaalama kan jedhan Obbo Isaan mana hojii keenya keessatti kenna tajaajilaa karaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabuu fi akkataa istaandardii mana hojiitiin raawwatamuu akka qabu dhaamaniiru.

‎Lafa siistamaan hogganuu dura ragaa odeeffannoo bulchiinsa lafaa karaa ammayyaa ta'een qindeessuun komii fi rakkoo bulchiinsa gaarii furaa deemuun dhimma murteessaa ta'uu himaniiru.

‎Hojiin kamiyyuu cheek liistiin hordofaa, to'achaa fi madaalaa deemuun barbaachisaa ta'uu kan himan ammoo ‎I/A Hogganaa BLO Obbo Aliyoo Goleeti

‎Dhimmi kenni tajaajilaa dhimma ijoo hawaasni nurraa barbaadhudha kan jedhan Obbo Aliyoon hirmaattoonni leenjichaa hubannoo leenjicharraa argatan qixaan hojiitti hiikuuf kutannoon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

‎Marii kanaan barreeffamni karoora tiraanisfoormashinii kenna tajaajila, naamusa kenna tajaajilaa,naamusa iddoo hojii fi hubannoo qajeelfama naamusaa dhiyaateen namoota mana hojichaa keessatti naamusaan fakkeenya gaarii qabaniif beekamtiin kennamee jira.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

06 Dec, 02:48


‎"Malaammaltummaa Lafarratti gaggeeffamu hambisuuf sirna lafaa cimaa ijaaruudha" Hogganaa BLO Obbo Kadir Maammoo.
‎~~~
‎Malaammaltummaan hojmaata hamaa fi egeree diinagdee biyyaa irratti dhiibbaa kan geessisuudha.

‎Biiroon Lafa Oromiyaa guyyaa kabaja farra malaammaltummaa akka Addunyaatti yeroo 21ffaaf, akka biyyaatti yeroo 20ffaafi akka naannoo keenyaatti marsaa 19ffaaf sababeeffachuun naamusa kenna tajaajilaa,namusa iddoo hojii, qajeelfama naamusa hojjetaa fi karoora tiraanisfoormashinii kenna tajaajilaa irratti xiyyeeffachuun leenjii hubannoo kenne.

‎leenjicha irratti Hoggantoota sadarkaa Biiroo, I/A Waajjira Lafa Magaalotaa,Godinaalee, ogeeyyota qondaaltota naamusaa fi hojjettootnni Biiroo argamaniiru.

‎ Hogganaa BLO Obbo Kadir Maammoo saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin wayita guyyaa kana kabajnu haala qabatama mana hojii keenyaatiin malaammaltummaan hojimaata badaa ta’uu balaaleffachuun kenna tajaajilaa hawaasni barbaadu amanamummaa guddaa fi naamusa gaariin hojjechuun nurraa eegama waan ta'eef hunduu gahee isa irraa eegamu bahuu qaba jedhaniiru.

‎Malaammaltummaan qabeenya qisaasiisuun ala biyya ni diiga kan jedhan obbo Kadir gochaa fi ilaalcha malaammaltummaa irraa bilisa ta’uun dhaloota safuu fi naamusa gaarii tanee argamuun maqaa gaarii mana hojii keenyaa roga gaariin ijaaruun nurraa eegama jedhaniiru.

‎Lafti utubaa diinagdee waa hundaa waan ta'eef seekteroota malaammaltummaaf saaxilamaa ta'an keessaa isa tokkoodha, kanaafis malaammaltummaa lafarratti gaggeeffamu hambisuuf sirna lafaa cimaa ta'e ijaaruuf xiyyeeffannoon ni hojjenna jedhan Obbo Kadir.

‎Sirnoota darban keessatti lafti sababoota adda addaatiin qisaasamaa fi malaammaltummaaf saaxilamaa turee jira, Jijjiiramaa as garuu riifoormii gaggeeffameen cituun lafaa hunduu kaadastaraan galma'ee akka beekamuufi misoomni lafarratti gaggeeffamu kamiyyuu akkataa karoora qindaawaa itti fayyadama lafattiin hojirra olchuun nageenyi lafaa akka eegamu gochuun hojiin hojjetamaa jiru olaanaadha jedhan.

‎Biiroon Lafa Oromiyaa bara kana sirna bulchiinsa lafa caalmaatti ammayyaa gochuufi odeeffanoo ragaa lafaa karaa qindaawaa ta'een hogganuuf siistemoota adda addaa diriirsuun hojjechaa jira jedhan Obbo Kadir

‎Gama biraan kenna tajaajilaa daran fooyyessuuf BLO utubaalee '4' Teeknoloojii deggaramuu,hojimaata seeraa lafa qabsiisuu, humna namaa gahoomsuu,fi sirna itti gaafatamummaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan.

‎ Kenna tajaajilaa si’ataa, qulqulluu, malaammaltummaa irraa bilisa ta’ee fi dhaloota naamusa qabu ijaaruun fayyadamummaan hawaasaa yoomiyyuu caalaa akka mirkanaahu gochuuf hunduu gahee isaa bahuu qaba jechuun dhaamaniiru

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

21 Nov, 10:28


Olaantummaa Yaadaa, Badhaadhina Hunda Galeessaaf!
‎----
‎Hoggantoonniifi Hojjettoonni Biiroo Lafa Oromiyaa Ayyaana Kabaja Hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa Biiroolee Naannoo Oromiyaa waliin qindoominaan kabajaniiru.

‎Hoggantoonniifi hojjettoonni biirichaas Ayyaana kana sababeeffachuufi labsii tajaajila lamummaa bu'ureeffachuun yeroo darbe dhiiga arjoomaaniiru.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

18 Nov, 17:47


Nama gargaaruuf nama ta'uun gahaadha!
‎~~~~
‎ BLO Bulchiinsa Magaalaa Sandafaa Bakkeetti argamuun maatii harka qalleeyyii fi ijoollee sababa garaagaraan maatii isaanii dhabaniif deeggarsaa mallaqaa taasise.

‎Biirichi hojii tajaajila lamummaa kallatti adda addaan maatii harka qalleeyyii deeggaraa kan ture yoo ta'u, guyyaa har'aas Magaalaa Sandafaa Bakkeetti argamuun maatii harka qalleeyyii fi daa'imman sababa garaagaraan maatii dhabaniif qarshii kuma dhibba sadii ( 300,000) ol gumaacheera.

‎ Aadaa fi duudha uummataa keenyaa bu'uura kan godhatee fi ilaalcha tokkummaa uumuu bira darbee abdii walitti horuun kallattii jijjirama walitti agarsisuuf kan gargaaru ta'uu Dursaa Garee Koorniyaa BLO Aadde Caaltuu Liyoo himan.

‎BLO hojii tajaajila lamummaa fulduratti cimsee kan itti fufu ta'uu himaniiru.


Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

15 Nov, 03:51


Odiitii lafaa gaggeessuun qisaasama lafaa xiqqeessuu keessatti iddoo olaanaa qaba
‎~~~~`
‎BLO hojii hordoffii fi deeggarsa odiitii lafa magaalaa gamaaggame.
‎---
‎Biirichi argannoo hojii hordoffii fi deeggarasa odiitii lafa misooma investmentii magaalaa gaggeessaa ture bakka hoggansii fi garee ogeeyyii dirree bahaan waliin gamaaggama gaggeesse.

‎Gamaaggama kanaanis gabaasni argannoo odiitii dirree dhiyaatee jira.

‎Odiitii lafaa gaggeessuun lafti akkaataa waliigaltee jedhameen misooma jedhameef ooluu fi dhiisuu isaa adda baasuun qisaasama lafarratti gaggeessamu hambisuuf shoora olaanaa qaba jedhan I/A Hogganaa Biiroo lafaa fi I/G Misooma Lafaa Obbo Isaa Guyyee

‎Ragaa odeeffannoo lafaa seeraan qabamuu dhaabuun al seerummaa lafarratti gaggeeffamuuf qaawwa guddaa banuu bira darbee rakkoo bulchiinsa gaariif kan saaxiluudha jedhan Obbo Isaan.

‎ Lafa magaalaa akkataa hojimaataa fi qajeelfamaan murtee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin murta'ee misooma investimeentiif dabarfamee kenname akkaata walii galtee taasifameen hojiirra oolaa jiraachuu dhiisuu isaa beekuuf argannoon odiitii kanaan argame kan jajjabeeffamuu fi fuulduratti hojii guddaa kan gaafatuudha jedhan.

‎Ragaa lafaa fi lafaan walqabate qulqulluu, waqtaawaa fi amansiisaa ta'e caasaa hanga sadarkaa gadiitti jiraachuufi wal dubbisaa deemuun dhimma murteessadha kan jedhan obbo Isaan milkaa'ina hojii kanaaf ammoo gaheen caasaa qooda fudhattootaa olaanaadha jedhaniiru.

‎ Lafa karaa adda addaan qisaasamaa jiru odiitii osoo hin godhiin bulchuun rakkoodha waan ta’eef gahee hojii ,hojimaataafi itti gaafatamummaa nuuf kenname giddu galeessa godhachuun nageenya lafaa eeguuf biirichi yoommiyyuu caalaa xiyyeeffannoon ni hojjeta jedhan Obbo Isaan


Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

01 Nov, 04:36


Raawwiin hojii kurmaana 1ffaa sadarkaa Biirootti qoratame.
‎~~~
‎BLO raawwii hojii kurmaana 1ffaa 2017 manaajimantii biiroo waaliin sadarkaa naannootti qoratee jira.

‎Raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2017 sadarkaa irra gahame, ciminniifi hanqinni mul'ate maali? ciminoota jiran daran itti fufsiisuun akka danda'amuu, hanqinoota jiran ammoo haala kamiin kurmaana itti aanu keessatti maqsuun akka danda'amuu fi namnni hunduu hojii isaa qixa sirriin beekee gahee isaa bahuu akka qabu biirichi gadi fageenyaan irratti marii'atee jira.

‎Hogganaan Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Kadir Maammoo raawwii hojii kurmaana kana keessatti kufaatii keenya irraa barachuun hojii itti aanu keessatti xiiqiifi ariitiin akkasumaas qindoominaan bu'aa caaluuf kutannoon hojjechuu qabna jechuun himaniiru.

‎Lafti qabeenyaa siyaas diinagdee biyyaa isa olaanaadha kan jedhan obbo Kadir qabeenya kana ammoo seeraan beekaanii bulchuu gaafata waan ta'eef adeemsa baratame keessaa bahuun hojii offii sirnaan beekuufi karaa tarsimaawaa ta'een hogganuu fi hojii qulqullina qabu hojjechuun rakkoo bulchiinsa gaarii hiikaa deemuun isa ijoo ta'uu dubbatan.

‎Hojii hojjetamu lakka'anii waaliif kennuufi wal irraa fudhachuu akkasumaas iftoomina, artii,qulqullinaa, yeroo fi baayyina barbaachisuun hojjachuun xiyyeeffannoo keenya ta'a jechuun dhaamaniiru.

‎Hojiifi hojimaata giddugaleessa godhaachuun hariiroo fi hordoffii caasaa sadarkaa sadarkaan jiran cimsuun kurmaana itti aanu keessatti bu'aan caalmaan dhufuu qaba jechuun himaniiru.

‎Hojii dameewwaan gurguddoo Biiroon Lafaa irratti hojjechaa jiruu keessaa Itti Fayyadama Lafaa, Misooma Lafaa,Bulchiinsa Tajaajila Qabiyee, fi Kaadaastara Seeraa fi ta'uu Obbo Kadir himuun hunduu kufaatii hojii isaa adda baasee beekee yeroo itti aanu keessatti foyyeessuuf xiyyeeffannoo hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

‎Bulchiinsa lafaa keessatti kana booda al seerummaan kamiyyuu iddoo hin qabu kan jedhan obbo Kadir dhimma hojimaata seeraa bulchiinsa lafa irratti Biiroon Lafa Biiroon Lafaa cimsee ni hojjeta jedhaniiru.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

28 Oct, 07:48


Dorgomtoota qormaata Af-gaaffiif waamicha isiniif ta’eef.
Qormaata Af-gaaffii beeksiisa guyyaa 15/02/2017 lakk. BLO/X-17/209 baheetiin waamamuun keessan ni beekama.
Haata’u malee guyyaan qormaataa guyyaa hin beekamneetti darbee jira waan ta’eef hanga waamicha isiniif taasifnutti obsaan nu eega.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

28 Oct, 03:53


Sagantaa Lafti Lafee Keeya!
~~~~
Walta'iinsa OBN fi BLOtiin qophii sagantaa lafti lafee keenya jedhu Waajjira Lafaa Magaalaa Mojoo irratti kan gaggeeffame.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

26 Oct, 11:18


Biiroo Lafaa Oromiyaa fi Dhaabbanni Itiyoo-Telekoom walta'iinsaan Bulchiinsa Lafaa caalmaatti ammayyeessuuf marii taasisan
~~~
Maricharratti Hooggantoota BLO, Maanaajimantii Dhaabbata Itiyoo Telekoom dabalatee ogeeyyiin BLO dhimmi ilaalatu irratti argamaanii jiru.

Kayyoon marii kanaa sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa ta’e (SMART LAND GOVERNANCE) diriirsuun kenna tajaajilaa karaa dijitaalawaa ta’een akka kennamu gochuu, ogummaa tekniikaa fi meeshaalee teknooloojii deeggarsa gochuu, hariiroo waliinii cimsuu fi waliin hojjechuun galma barbaadame bira gahuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Hojii kenna tajaajilaa ariitiin, qulqullinaafi dhaqqabamummaan kennuuf gargaaruufi nageenyummaan isaa mirkanaa’e hojiirra oolchuuf akka tolutti waliin hojjechuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf ta'uu hubachuun danda'ameera.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

19 Oct, 09:19


Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa ogeeyyota Kaadaastara Baadiyyaatiif Adaamaatti kennamaa jiru akkuma itti fufetti jira.
‎~~~~
‎BLO leenjii Labsii Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa lakk. 248/2015, walqixxummaa koorniyaa mirga abbaa qabiyyummaa lafaa irratti qaban idileessu ,Galmee qabiyyee Lafaa,Yaad-rimee Kaadaastaraa fi softweerii GIS (Geographical Information system) irratti xiyyeeffate ogeeyyota Kaadaastara baadiyyaa Godinaalee 15 fi Aanaalee 36tiif guyyoota 8'f kan turu Magaalaa Adaamaatti itti fufinsaan kennaa jira.

‎lenjiin kun rakkoo sirna bulchiinsa lafaa furuu fi dandeettii ogummaa ogeeyyota cimsuun sirna kadaastara lafaa karaa salphaa ta'een hojiirra olchuuf kan gargaaru ta'uu dursaa garee Mirkaneessa Qabiiyyee Lafa Baadiyyaa fi qindeessaa leenjichaa Obbo Olaanii Namoomsaa himaniiru.

‎Gama biraan rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuun bulchiinsa lafaa ammayyeessuu, sirna qabinsa ragaa lafaa qulqulluu fi kenna tajaajilaa si'ataa gochuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf shoora olaanaa qaba jedhan.

‎Leenjichi Godinaalee fi Aanaalee hafaniifis marsaa marsaan itti fufinsaan kan kennamu ta'uu qindeessan leenjichaa Obbo Olaanii Namoomsaa himaniiru.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

18 Oct, 15:41


Dandeettii raawwachisummaa ogeeyyii cimsuun kenna tajaajilaa si'aataa uummataaf kennuuf shoora olaanaa qaba!
‎~~~~
‎Biiroo lafa Oromiyaa sirna Kaadaastara lafa baadiyyaa caalmaatti ammayyaa fi si'aataa gochuuf leenjii dandeetii raawwachiisummaa ogeeyyii cimsu Magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

‎Leenjichis ogeeyyota Biiroo, Godinaalee 15 fi Aanaalee 36 kan hirmaachise yoo ta'u, kayyoon guddaa leenjii kanaa dandeettii raawwachiisummaa ogeeyyota Qawwisaa (Surveying) fi Galmee lafaa (land registration) cimsuun, qabiyyee lafa naannoo keenyaa kaadaastaraan galmeessuun, mirga abbootii qabiyyee lafaa caalmaatti mirkaneessuun tajaajila si'ataa fi qulqulluu kennuudha.

‎Qabiyyeewwan leenjichaa:- Labsii Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa lakk. 248/2015, walqixxummaa koorniyaa mirga abbaa qabiyyummaa lafaa irratti qaban, ‎Galmee qabiyyee Lafaa,Yaad-rimee Kaadaastaraa fi softwarii ‎GIS (Geographical Information system) irratti kan xiyyeeffateedha.

‎Biiroo Lafa Oromiyaatti Obbo Addunyaa Irranaa Daar. Kaadastaraa Mirkaneessa Qabiyyee Lafaa sagantaa baniinsaa irratti argamun haasaawa taasisaanin dandeettii raawwachisummaa ogeeyyii cimsuun kenna tajaajila ammayyaa fi si'ataa uummataaf kennuu irratti shoora olaana qaba jedhan.

‎Karoora hojii bara kanaa milkeessuuf ogeeyyotni qaawwa dandeetti qaban guutachuun kenniinsa tajaajilaa qulqulluu,qaqqabamaa fi haqa qabeessa kennuuf leenjii kun murteessadha jedhaniiru.

‎Rakkoo bulchiinsa lafaa hiikuu keessatti kaadaastarri iddoo olaanaa qaba kan jedhan Obbo Addunyaan Biiroon lafa Oromiyaa Aanaalee 206 keessatti sirna kaadaastaraa diriirsee hojjechaa jirachuu ibsuun Aanaalee 153 keessatti hojiirra olchuun mirga abbaa qabiyyummaa Qotee bulaafi Horsiisee bulaa mirkaneesuu danda'ameera jedhan.

‎lenjichi guyyoota saddetiif (8)'f kan turu ta'uus himaniiru.

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

16 Oct, 13:03


https://www.facebook.com/share/p/Jc5ATBvVykogePEG/

Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom

15 Oct, 10:49


https://youtu.be/vZd1-Xak1jk