Oromia Environmental Protection Authority @oefcc Channel on Telegram

Oromia Environmental Protection Authority

@oefcc


OEPA

Oromia Environmental Protection Authority (English)

Welcome to the Oromia Environmental Protection Authority telegram channel, also known as OEPA! This channel is dedicated to promoting environmental awareness and conservation efforts in the beautiful region of Oromia. OEPA is committed to safeguarding the natural resources of Oromia, including its rich biodiversity, forests, and water sources, for future generations. Our mission is to raise awareness about environmental issues, provide educational resources, and encourage sustainable practices among the local community. Who is OEPA? OEPA stands for Oromia Environmental Protection Authority, a government agency responsible for overseeing environmental protection and conservation efforts in the region of Oromia. With a team of dedicated professionals, OEPA works tirelessly to ensure the environmental health and well-being of Oromia's natural resources. What is OEPA? OEPA is a platform for sharing information, news, and updates related to environmental protection initiatives in Oromia. Our channel provides valuable insights into ongoing projects, upcoming events, and tips for individuals to make a positive impact on the environment. Whether you are an environmental enthusiast, a concerned citizen, or simply curious about the state of the environment in Oromia, OEPA is the perfect channel for you. Join us in our mission to protect the environment and preserve the beauty of Oromia for generations to come. Together, we can make a difference and create a more sustainable future for all. Stay informed, get involved, and be a part of the OEPA community today!

Oromia Environmental Protection Authority

13 Feb, 12:56


Hooggantoonniifi hojjettoonni Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Murtee Yaa'ii Lammaffaa  Paartii Badhaadhinaa Amajji 23-25/2017tti gaggeeffamee, hojii suuppervizhinii kurmaana 2ffaa bara 2017 kenna tajaajila mootummaa manneen hojii 16 Godinaalee 5fi B/Magaalotaa 15 keessatti gaggeeffameefi haala waliigala hojii sagantaa REDD+ Oromiyaan hojjetamaa turerratti guyyaa har'aa Magaalaa Adaamaarratti mari'ataniiru.

Mariin kunis hooggantoota Abbaa Taayitichaa Obbo Seeyifuddiin Mahadii, Obbo Boonaa Yaaddessaafi Obbo Gammachuu Baqqalaatiin mariisifamaa ooluun marichi milkiin xumurameeraa.
       Guraandhala 06/2017
        Adaamaa

Oromia Environmental Protection Authority

06 Feb, 11:13


Balaa Abiddaa Hambisuuf Hubannoon Haawaasaafi Qooda Fudhattootaa Gabbisuun Murteessaadha!

Oromia Environmental Protection Authority

06 Feb, 09:17


Balaan Abiddaa akka dhaabbattuuf hubannoon hawaasaafi qooda fudhattootaa akka gabbatuuf ibsi karaa miidiyaa OBNn Kennameera.
Balaan Abiddaa sababa lafa qonnaa baballifachuufi saatoon (Margi) gubatee deebiyee akka biqiluuf namoonni kan gubanii ta'uu Obbo Boonaa Yaaddessaa ATEN Oromiyaatti I/A/D/Ol'aanaafi I/gaafatamaan Damee Bosonaafi Bineensota Bosonaa ibsa kennan keessatti dubbataniiru. Balaan Abiddaa kunis bara kana Godinaa Arsii Aanaalee 7, Godina Arsii Lixaa Aaanaalee 2fi Godina Baalee Aanaa 1 kan uumame yoo ta'u, hirmaannaa hawaasaafi qooda fodhattoota naannoo sanaa waliin ta'uudhaan dhaabsisuun kan danda'ame ta'uus dubbataniiru. Haa ta'u malee, bakkawwan garaagaraatti deebiyee ka'uu waan maluuf hawaasni naannoofi qooda fudhattoonni naannoo sanaa waliin ta'uudhaan of-eeggannoo barbaachisan hunda gochuufi akka deebiyee hin kaaneef dammaqinaan hordoffiifi deggersa barbaachisan hunda gochuu akka qaban hoogganaan kun ibsa kennan keessatti dhaamaniiru.
Amajji 29/2017
Finfinnee

Oromia Environmental Protection Authority

06 Feb, 06:37


Ragaa Bu'uuraa Beeyleda Bosona,paarkotafi Ikooturizimii Inisheetiiviin daangeffamanii gaafachuu ta'a.

Oromia Environmental Protection Authority

05 Feb, 08:38


ATEN Magaalaa Shaggariifi Kutaa Magaalaa Galaan To'annoo Faalama Naannoo Dhaabbilee Oomishtootaarratti Gaggeessee jira.

Haaluma kanaan to'annoofi hordoffii Amajji 27/2017 Kutaa Magaalaa Galaanitti gaggeesseen, Waarshaaleen bu'uura Labsii To'annoo Faalama Naannoo MNO Lakk. 177/2005, Labsii To'annoo Faalama Naannoo Lakk. 220/2013; akkasumas, Dambii To'annoo Faalama Naannoo Lakk. 07/2014 giddu-galeessa godhachuun, dhaabbillee oomishaa Seerota Eegumsa Naannoo darbuun faalama naannoofi hawaasaarratti qaqqabsiisanirratti tarkaanfii adda addaa fudhatee jira. Bu’uuruma kanaan, Dhaabbanni Oomishaa 1 (tokko) guutummaatti kan saamsamame yoo ta’u, dhaabbileen 8 (saddeet)tiif immoo of-eeggannoon barreeffamaa kennameef jira.
Dhimmuma kana ilaalchisuun I/G ATEN Magaalaa Shaggar, Aadde Yeroon Takkaalliny akka jedhanitti Dhaabbilee Seerota Eegumsa Naannoo darbun fayyummaa naannoofi hawaasaarraan miidhaa geessisan hundarratti Abbaan Taayitichaa tarkaanfii walfakkaatu seera qabeessa ta’e fudhachaa kan deemamu ta'uu ibsaniiru

Oromia Environmental Protection Authority

05 Feb, 06:37


Leenjii Lafa Bosonaa Tulluu Cuqqaalaa Deebisanii Dandamachiisuurratti Kenname

Oromia Environmental Protection Authority

03 Feb, 12:07


Tulluu Cuqqaalaa Deebisanii Dandamachiisuurratti OBN Hayyuu Abbaa Gadaa Tuulamaa Duraanii Obbo Naggasaa Nagahoo Waliin Marii Bilbilaan Taasifame

Oromia Environmental Protection Authority

03 Feb, 10:36


Guyyaa 27/2017
Beeksisa Ariifachiisaa. Godinaalee21fi Magaalonni 23 Kenna Tajaajila Lammummaafi carraa hojii uumuurratti hojiiwwan raawwataman hanga kurmaana 2ffaa bara 2017tti jiru hatattamaan ppt (power point) qopheessuun akka nuuf ergitan isin beeksifna.

Oromia Environmental Protection Authority

02 Feb, 16:29


Leenjiin dhimma gurmii waldaaleerratti xiyyeeffateefi hanqinoota hojii kana keessatti mul'tan hiiku sagantaa REDD+ Investimentii Oromiyaa(RIP)n qophaa'ee bakka Daayirekteerri Ol'aanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Obbo Seeyifuddiin Mahaadiifi I/A/Ejensii Babbal'ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Kabbadaa Dabaloo argamanitti Godinaaleefi Aanaalee Sagantaa kanaaf Magaalaa Adaamaatti kennamaa jira.

Leenjiin kanas Daayirekteerri Ol'aanaa Abbaa Taayitichaa ibsuun jalqabsiifame akkaatama sagantaa qabameen kennameera.
           Amajji 24/2017
            Adaamaa

Oromia Environmental Protection Authority

01 Feb, 14:45


Leenjii ATEN Oromiyaa Piroojektii LBTCD Dandamachiisuurratti koree teekinikaafi hojii raawwachiiftuu Waldaalee eegumsaafi kunuunsa bosonaa G/Sh/Bahaa A/L/Cuqqaalaa Ganda D/Jilaafi A/Mi'eechaaf Amajji 22-24/2017tti kennamaa ture milkiin goolabameera.

Leenjichis mata dureewwan: "haala waliigalaafi seen duubee Lafa Bosonaa Tulluu Cuqqaalaa, tooftaalee lafa bosonaafi bosona haphatan deebisanii dandamachiisuu, misoomaafi  qabiinsa bosona nami tolchee, haala hundeeffamaafi qabiinsa buufata biqiltuu, bulchiinsa bosona hirmaachisaa, haala jiruufi jireenya hawaasa fooyyeessuu, lafa bosonaa daangessuufi sakatta'iinsa qabeenya bosonaa, bulchiinsa waldaa hojii gamtaa, labsiifi dambii waldaa hojii gamtaafi karoora hojii ji'a 6 hafanii guyyoottan dhiyaataniiru.
Mata dureewwan kanarrattis yaadaafi gaaffii ka'aniif karaa hog. waltajjichaa Ob. Silashii Jabeessaa, Ob. Gurmeessaa Qixxeessaafi Ob. Kabbadaa Gammachuun yaadniifi hubannoon itti kennamuun waltajjichi milkiin xumurameera.
         Amajjii 24/2017
         Bishooftuu

Oromia Environmental Protection Authority

01 Feb, 10:30


Leenjii ATEN Oromiyaa Lafa Bosonaa Tulluu Cuqqaalaa Deebisanii Dandamachiisuuf guyyaa dheengaddaarraa kaasee Magaalaa Bishooftuutti kennaa jiruun kan guyyaa har'aas mata duree "Lafa bosonaa qiyyaasuu,  daangessuu, kaartaasaa qoheessuufi sakatta'a qabeenya bosonaa" karaa Obbo Taarkuu Magarsaa Ogeessa GIS ATEN Oromiyaafi  haala qophii karoorri ji'a ja'aa bara 2017 ji'oottan hafanii jiranii karaa Obbo Silashii Jabeessaa ATEN Oromiyaatti Daay. Eegumsaafi Manaajimantii Bosonaa dhiyaateera.
           Amajjii 24/2017
           Bishooftuu

Oromia Environmental Protection Authority

31 Jan, 20:07


Leenjii ATEN Oromiyaa Lafa Bosonaa Tulluu Cuqqaalaa Deebisanii Dandamachiisuuf guyyaa kaleessaarraa kaasee Magaalaa Bishooftuutti kennamaa ture kan guyyaa har'aas milkiin xumurameera.

Leenjichis mata dureewwan duratti inbsamaniin alatti haala fooyya'insa jiruufi jireenya hawaasa naannoo bosonaa jiraatanii karaa Obbo Abbabaa Girmaa ATEN Oromiyaatti "Livelihood Specialist REDD + Invasment Oromia" (RIP) kan kenname yoo ta'u, gaaffileen shaakkalli haala qabatamaa naannoosaanii qophaa'ee akka irratti ari'atan taasifameera. Maree taasifame kanarraas hubannoo ga'aa akka argatan hubachuun kan danda'ame, yoo ta'u leenjichi guyyaa booriis haaluma sagantaarra kaa'ameen kan kennamu ta'a.
           Amajjii 23/2017
           Bishooftuu

Oromia Environmental Protection Authority

21 Jan, 06:56


ATEN Godinaalee 21 fi Bulchiinsa Magaalota 23 tiif
Dhimmi:- cheekliistii kurmaana 3ffaa bara 2017 erguu ilaala.
Akkuma armaan olitti ibsuuf yallametti hojiiwwaan gurguddoo kurmaana 3ffaa kana keessatti hojjataman cheekliistii kana irratti adda bahan xiyyeeffannoo itti kennuun akka rawwattan isin beeksifna.

Oromia Environmental Protection Authority

20 Jan, 06:37


Baay'ee Ariifachiisaa: ATEN Godinaalee 21 Hundumaaf,xalayaa waajjira Bulchiinsa Godinaalee keessan jala jiranif akka nuuf ergitan cimsinee isin hubachiifna.

Oromia Environmental Protection Authority

16 Jan, 11:18


Konfiraansiin hundee paartii Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Amajjii 6/2017 irraa eegalee guyyoottan sadiif walitti aansee Magaalaa Adaamaarratti haala ho'aa ta'een gaggeeffamaa ture guyyaa har'aa milkiin goolabamee jira.
Amajji 8/2017
Adaamaa

Oromia Environmental Protection Authority

06 Jan, 08:21


Baay'ee Ariifachiisaa: ATEN GODINAALEE 21 Hundumaaf, Biiroon Maallaqaa Oromiyaa Ragaa Kanfaltii Sirreeffama iskeelii Mindaa Godinaalee ji'a tokkoo addaan baasnee hanga 30/4/2017 qindeessinee akka dhiyeessinuuf waan xalayaadhaan nu gaafateef isinillee kanuma hubattan unka armaan gadii of eeggannoodhaan guutuun hanga 30/4/2017 sa'aatii 6:00 tti akka nuuf ergitan cimsinee isin hubachiifna.

Oromia Environmental Protection Authority

02 Jan, 08:13


Hojjatoota ATEN Oromiyaa Ragaa Barnootaa kannen hin dhiyeeffatiniif

Oromia Environmental Protection Authority

02 Jan, 06:48


Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosona Naannoo Oromiyaa Lakk. 257/2016 Baherratti Ibsi Yoo Kennamu

Oromia Environmental Protection Authority

01 Jan, 06:25


Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosona Naannoo Oromiyaa Lakk. 257/2016 baherratti hubannoo qooda fudhattootaa gabbisuuf Godina Baalee Magaalaa Roobeetti Mudde 18/2017 gaggeeffame

Oromia Environmental Protection Authority

31 Dec, 06:39


Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosona Naannoo Oromiyaa Lakk. 257/2016 baherratti hubannoo qooda fudhattootaa gabbisuuf Magaalaa Shaashamanneetti Mudde 17/2017 gaggeeffame

Oromia Environmental Protection Authority

27 Dec, 13:44


Godinaalee fi Magaalotni hanga har'aa gabaasa hojii kenna tajaajilaa fi Bulchiinsa Gaarii hanga Muddee 15/2017 akka nuuf ergitan kallattii adda addaan irra deddeebiin isin yaadachiifnullee hanga yonaa gabaasni nu gahee jiru kan Godinaalee fi Magaalota muraasaa qofa waan ta'eef yeroo dhumaaf hanga Muddee 23/2017 qofaatti Godinaaleen dhimmoota Caasaa haaraa sadarkaa gandaatti tajaajila eegalan irratti xiyyeeffachuun unka gabaasaa BPSMQNO irraa darbe haala hordofeen guuttanii akka nuuf ergitan isin yaadachiisaa, kana hin ta'u taanaan Madaallii keessan marsaa 1ffaa bara kanaa keessatti dhimmi murteessaan ilaallamu gabaasa kana waan ta'eef gamanumaan akka xiyyeeffannoo itti kennitan cimsinee isin hubachiifna.

Oromia Environmental Protection Authority

27 Dec, 12:28


ATEN Oromiyaa Magaalaa Roobeetti Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosona OromiyaaLaok. 257/ 2016 baherratti  waltajjii mareefi hubannoo uumuu qaamolee Seeraa, Pirezidaantii Manneen Murtii, I/G A/Alangaa, I/A Bulchaa, I/G Poolisiifi ogeessota Seeraa ATEN Aanaalee Godina  Baaleefi B/Bahaa jala jiraniif kenneef jira.

Waltajjii kanarrattis Ob. Abrihaam Haayilee I/A Bulchaa Godina Baalee haasaa baga nagaan dhuftanii erga jedhanii booda Ob. Seeyifuddiin Mahaadii D/O ATENO kaayyoofi barbaachisummaa leenjichaa ibsuun jalqabsiisaniiru.

Kanatti aansuun haala waliigala mancaatiin bosonaa irra jiru karaa Ob. Gurmeessaa Qixxeessaafi Ob.Geetaachoo Abdataatiin kan dhiyaate yoo ta'u, Labsichis karaa Ob. Tamasgeen Lammeessaa Og. Seeraa ATENO dhiyaatee mareen bal'aa irratti adeemsifameera.

Waltajjiin maree kunis hooggantoota ATENO Ob. Seeyifuddiin Mahaadii, Ob. Boonaa Yaaddessaafi Ob. Kadir Niinnoo I/A D/O DhBBBOn hoogganamaa oolee marichi hubannoo gaarii uumuun goolabameera.
Muddde 18/2017
Roobee

Oromia Environmental Protection Authority

27 Dec, 12:01


Abbaa Taayitaa Godinaalee fi Magaalotaa Hundaaf
Hojjattoota Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa galuun gosa Barnootaa “MA in Leadership & Change Management (LCM)” dhaan Amajjii 2017 irraa eegalee galanii baracuuf fedhii qabanii fi ulaagaalee guutan waliin dorgomsiisuun dorgomaa tokko tokko haala qajeelfama RHQNMNO Lakk.24/2015 tiin adda baasuun hanga 25/4/2017 qofaatti akka nu beeksiftan yaa ta’u!

Oromia Environmental Protection Authority

26 Dec, 20:09


ATEN Oromiyaa Magaalaa Shashamanneetti Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosona Oromiyaa Lakk. 257/2016 baherratti  waltajjii mareefi hubannoo uumuu qaamolee Seeraa, Pirezidaantii Manneen Murtii, I/G/A/Alangaa,I/Aantota Bulchaa, I/G Poolisiifi Ogeessota Seeraa ATE Naannoo Aanaalee Godina Arsii Lixaa jala jiraniif guyyaa har'aa kenneefii jira.

Waltajjii kanarratti Obbo Asaffaa Tolosaa I/A Bulchaa Bulchiinsa Godina A/Lixaa haasaa baga nagaan dhuftanii erga jedhaniin booda Obbo Seeyifuddiin Mahaadii D/O ATENO kaayyoofi barbaachisummaa leenjiichaa ibsuun jalqabsiisaniiru.

Kanatti aansuunis, haala waliigala mancaatii bosonaa irra jiru karaa Ob. Aliyyii Duubee I/G Damee BB Bosonaatiin kan dhiyaate yoo ta'u, Labsichi karaa Ob. Tamasgeen Lammeessaa Og. Seeraa ATENOn dhiyaatee mareen bal'aa irratti adeemsifameera.

Waltajjiin maree kunis, hoog. ATENO Ob. Seeyifuddiin Mahaadii, Ob. Boonaa YaaddessaafiI Ob. Kadir Niinnoo I/A DhBBBOn hoogganamaa ooluun marichi milkiin xumurameera.
Muddde 17/2017
Shaashamannee

Oromia Environmental Protection Authority

06 Dec, 07:52


Leenjii hubannoo uumuu Labsii Misooma Bulchiinsaafi Ittifayadama Bosonaa Oromiyaa Lakk. 257/2016rratti kenname

Oromia Environmental Protection Authority

05 Dec, 11:01


Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Kabaja Guyyaa Ayyaana Farra Malaammaltummaa akka Addunyaatti marsaa 21ffaa, akka Biyya keenyaatti marsaa 20fi akka Naannoo keenyaatti marsaa 19ffaa dhaadannoo "Dhaloota Safuufi Naamusa Gaariin Ijaaruun, Badhaadhina Hunda Galeessaaf!" jedhuun guyyaa har'aa Magaalaa Bishooftuutti marii paanaaliin kabajee jira.

Kabaja Guyyaa Ayyaanichaarrattis Ob. Boonaa Yaaddessaa I/A/D/Ol'aanaa ATEN Oromiyaa argamuun kaayyoofi barbaachisummaa Kabaja Guyyaa Ayyaanichaa ibsuun kan jalqabsiisan yoo ta'u, kanatti aansuun barreeffamni "Maalummaa Safuufi Naamusa Gaarii" calaqsiisu karaa Ob. Jamaal Hajii KNFM Oromiyaatti Daayirekteera Ijaarsa Naamusa dhiyaachuun irratti mari'atameera.

Mariin panaalii kunis Ob. Boonaa Yaaddessaa I/A/D/Ol'aanaa, Ob. Siyyum Ittaanaafi Ob. Gazzaany Kabbadaa Gorsitoota D/Ol'aanaa Abbaa Taayitichaa hoogganamaa kan oole yoo ta'u, aadaa, duudhaafi safuun keenya ganamaa cabuun bu'uura rakkoo ammaa mul'achaa jiru ta'uufi rakkoo kana furuuf ammoo aadaa, duudhaafi safuu keenya ganamaatti deebiyuun dhimma filannoo biroo hin qabne ta'uu kaasaniiru.

Dhumarratti hojjettoota mana hojichaa keessaa naamusaafi amala gaarii qaban filatamaniif badhaasniifi waraqaan ragaa mana hojichaan kennameera.
              Sadaasa 26/2017
                    Bishooftuu

Oromia Environmental Protection Authority

03 Dec, 12:04


Xiyyeeffannoo keessaniif

Oromia Environmental Protection Authority

28 Nov, 08:29


Adeemsa Raawwii Hojii SDHNH fi Odiiti Naannoo isinif erguu ta'a.

Oromia Environmental Protection Authority

21 Nov, 10:24


Xalayaa Hordoffiifi Deeggarsaa Paarkiifi Dawoo Binensa Bosonaa erguu ta'a.

Oromia Environmental Protection Authority

21 Nov, 07:35


Dhaabbata Keemikaalota Yeroon irra darbe dhabamsiisu isin beeksisuun ta'a,akkasumas xalayaan kun godinaaleefi magaalota hunda kan ilaallatu ta'a.

Oromia Environmental Protection Authority

13 Nov, 13:19


Labsii Misoomaa, Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Bosonaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe,Lakkoosfa 257/2016.

Oromia Environmental Protection Authority

12 Nov, 13:03


Godinaalee 21,Magaalota 23 fi Daayirektoreetota mana hojii keenyaa hundinuu Gabaasa Kenna Tajaajilaa hanga ammaa jiru unka kanaan guutuudhaan hanga 04-3-2017 sa'aatii 7:30 qofaatti akka nuuf ergitan yaa ta'u!

Oromia Environmental Protection Authority

05 Nov, 11:07


Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa hooggantootaafi hojjettootasaa sadarkaa Naannootti argaman waliin gamaaggama raawwii karoora kurmaana 1ffaa bara 2017 Magaalaa Finfinneetti gaggeessee jira.

Gamaaggama kanarrattis raawwiin karoora kurmaana 1ffaa bara 2017 Abbaa Taayitichaa karaa Daayirekteera Qophii Karooraa, Hordoffiifi Gamaaggamaa Obbo Sabbooqaa Gabbisaatiin dhiyaateera. Gabaasa kana keessattis ciminaaleefi hanqinaaleen raawwii kurmaanichaa keessatti mul'achaa turan adda ba'anii dhiyaataniiru.

Gamaaggamni kunis Daayirekteera Ol'aanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Seeyifuddiin Mahaadii, I/A/D/Ol'aanaafi I/G Damee Bosonaa Obbo Boonaa Yaaddessaafi I/A/D/Ol'aanaafi I/G Damee Eegumsa Naannoo Obbo Gammachuu Baqqalaatiin hoogganamaa ooleera.
Dhumarrattis, hojiiwwan kurmaana kana keessatti harca'anii hafan duguuganii kurmaana lammaffaa keessatti karoorfachuun raawwatamuu akka qabu hooggantoonni kallattii kaa'uun gamaagggamichi goolabameera.
  Onkoloolessa 26/2017
       Finfinnee

Oromia Environmental Protection Authority

05 Nov, 05:14


Beeksisa Bu'aa Calallii Waldorgommii Guddina Sadarkaa

Oromia Environmental Protection Authority

02 Nov, 17:47


Hojjettoota Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Hundaaf
Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2017 Onkoloolessa 25/2017 Magaalaa Adaamaatti akka gaggeeffamuufi hhojjettoonni hundi akka irratti argaman beeksifni maxxanfamuunsaa ni beekama. Haa ta'u malee, guyyaan kun guyyaa Abbaa dhimmaa itti keessumeeffaman waan ta'eef guyyaa birootti kan darbe ta'uusaa beektanii hojii idilee keessanirratti akka argamtan isin beeksifna.

Oromia Environmental Protection Authority

30 Oct, 11:20


Hub: Peerooliin ergamuu qabu kan ji'a Fulbaanaa bara 2017 ta'uusaa hubattanii akka nuuf ergitan isin beeksifna.

Oromia Environmental Protection Authority

30 Oct, 06:24


Labsii Misoomaa, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosonaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe, Lakkoofsa 257/2016

Oromia Environmental Protection Authority

30 Oct, 06:15


Ergaa Ariifachiisaa
Godinaaleefi Magaalotni keenya Ragaan hojjattootaa /Caasaa humna namaan guutameefi miindaa sirreeffama mootummaan taasisuuf deemuuf galtee waan ta'uuf of eeggannoo cimaatiin guutuunii hanga Onkoloolessa 23/2017ti akka nuuf deebiftan isiniin jenna. Dabalataanis, Godinaaleen bifuma walfakkaatuun ragaa Aanaalee keessanii akka of biratti qindeessitanii qabataniifi Peeroolii kanfaltii mindaa Godinaaleefi Magaalotni Chaappaa Waajjira Maallaqaatiin mirkaneesiftanii haala dubbifamuu danda'uun ‘’Scan’’ gootanii ariitiin akka nuuf ergitan jenna. Kana malees, Karoora Keenna Tajjaajila kan waajjira keessanii qopheeffachuun gabaasa raawwii isaa hojii idilee waliin kan ji'aafi kurmaanaan akka nuuf ergitan jenna. Qindeessaa (Focal Peson) dhimma kana abbummaan hordofuufi qindeessee gabaasasaa nuuf ergu maqaafi bilbila isaa waliin ragaalee gaditti isin gaafanne waliin akka nuuf cimsinee isin hubachiifna!

Oromia Environmental Protection Authority

29 Oct, 19:25


Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaafi Amboo Yuunivarsiitii waliin ta'uudhaan kunuunsaafi eegumsa heddummina lubbu-qabeeyyii biqiltuulee bosona Tulluu kormaarratti waliin mari'ataa oolaniiru.

Marii kanarrattis hojiiwwan qindoominaan qooda fudhattootaafi hawaasni Aanaa Ejeree naannoo Bosona Tulluu Kormaa jiraatan qindeessummaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaafi Amboo Yuunivarsiitii hojjechaa turan bu'aa qabatamaa kan agarsiise ta'uu yaada hirmaattotaarraa hubachuun kan danda'ame yoo ta'u, gara fuul-duraattis kana caalaa qindoominaan hojjechuu akka qaban hirmaattoonni walii galuun marichi milkiin goolabameera.
    Onkoloolessa 19/2017
     Ejeree

Oromia Environmental Protection Authority

21 Oct, 06:02


Cheeklistii Kur 2ffaa Bara 2017 ATENO`tiin Godinaalee fi Magaalootaaf Qophaa`ee isinif erguu ta'a.

Oromia Environmental Protection Authority

17 Oct, 14:54


Gamaaggama raawwii hojii bara 2016fi Karoora bara 2017 Sagantaa Lafa Bosonaa Manca'e Deebisanii Dandamachiisuufi Hirmaannaa Uummataan Bosona Bulchuu' ATEN Oromiyaa Godinaa Shawaa Bahaafi Aanaa Liiban Cuqqaalaa saganta kan keessatti hojjetu waliin Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa oole xumurameera.

Gamaaggama kanarrattis, gabaasaaleefi Karoora bara kana dhiyaatan keessatti ciminaaleefi hanqinaalee mul'atan gamaaggamamee adda baa'uun mariifi yaadni bilchaataa erga irratti kennameen booda, hanqinaalee mudachaa turaniif B/B D/Olaanaa ATEN Oromiyaa kan taa'an Obbo Sintaayoo Bafiqaaduufi I/A/tu waajjira Bulchiinsa Godinaa Shawaa Bahaa Adde Raaheel Kifileettin waltajjiichi hooganama tureera Karoora bara kana keessattis hojiin jiruufi jireenya hawaasa naannoo Bosonaa jiraatanii fooyyessuu haala qabatamaa naannoo sanaa giddugaleeffachuu, biqiltuuwwan biyya keessa dhaabuu, qindoominaafi kutannoon hojjechuu xiyyeeffannoo argatee hojjetamuu akka qabu kallattii kaa'uun gamaaggamichi kaayyoo barbaadameef milkeessuun goolabameera.
        Onkoloolessa 7/2017
           Bishooftuu

Oromia Environmental Protection Authority

17 Oct, 07:20


Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii 'Sagantaa Lafa Bosonaa Manca'e Deebisanii Dandamachiisuufi Hirmaannaa Uummataan Bosona Bulchuu' Godinaa Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaarratti hojjetamaa jiruurratti guyyaa har'aa magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira.

Gamaaggama kanarrattis Obbo Silashii Jabeessaa B/B/D/Ol'aanaa ATEN Oromiyaa ta'udhan kaayyoofi barbaachisummaa isaa ibsuun kan jalqabsiisan yoo ta'u, kanatti aansuun gabaasni raawwii hojii bara 2016 Aanaa Liiban Cuqqaalaa karaa Ogeessa Bakka bu'aa piroojeektii Lafa Bosona Tulluu Cuqqaala deebisanii daandaammachiisuu kan ta'an karaa Obbo Abuu Bajigaattin dhiyaachaa jira.
       Onkoloolessa 7/2017
         Bishooftuu

Oromia Environmental Protection Authority

14 Oct, 13:10


Waltajjii Qindoominaa ATENOfi ''Population  Health & Environment Ethiopia Consortium'' waliin taasifame

Oromia Environmental Protection Authority

10 Oct, 20:17


ATEN B/M Adaamaa duula sosochii ittisa Faalama Naannoo akka biyyaa, Naannoofi Magaalaatti Ji'a  Eeblaa  1/ 2016 - Fulbaana 30/2017 Ji'a  6f ifoomee hojjatamaa ture keessaa tokko kan ta'e maalummaafi hojiirra oolmaa Dokumantii SDhNH irratti abbootii Jaarmiiyaa garaagaraafi qooda fudhattoota waliin guyyaa har'aa Hoteela Kaanetitti marii paanaalii gaggeessee jira.

Marii kanarrattis, seerota eegumsa naannoo duguuganii hojiirra oolchuun fayyummaa naannoo mirkaneessuu keessatti pirojeektoonni karooran hundi Dokumantii SDhNH akkaataa seeraatiin qopheessuufi hojiirra oolchuun gahee ol'aanaa akka qabu irratti waliigalameera.

Hirmaattoonni marii kanarratti argamanis maalummaafi faayidaa dokumantii SDhNH irratti hubannoo guddaa akka argatan ibsanii jiru.

Abbaan Taayitaa Magaalichaas, gama qophiifi hojiirra oolmaa Dokumantii SDhNHtiin deggarsa ogummaa, to'annoofi hordoffii addaan hin cinne pirojaktoota misoomaa magaalichaa keessatti agamaniif laachuuf waadaa galaniiru
    Fulbaana 28/2017
      Adaamaa