=========================
โ๏ธ Ilmi dhiiraa bakka nyaata nyaadhu jedhamee qaana'utti uumaama fincaan fincaa'uu hin qaanofnedha.
โ๏ธilmi dhiiraa bakka intinaasaaf jedhee dhaqu dhimma biraaf garuu sniper qabateellee deemuu uumama sodaatudha.
โ๏ธ lafoowwaan tokko tokko yoo konkolaataan xiqqooshee itti siqe ni iyyu, ni orii'u. Maal qaba yoo na dursiiste jedhanii dheekkamu. Dhugaan jiru garuu kan konkolaataa bitnu isin dursuufidha๐ช
โ๏ธNamoonni tokko tokko dhimma waaqayyoo irratti waaqayyo caalaa serious dha. Akka yaada isaanitti samii kan utubeeru isaani.
โ๏ธBarattoonni tokko tokko presentation lola meeqaan akka dhiyeessaniif dirqamsiifaman....thank u teacher carraa kana waan naaf laatteef jedhanii jalqabu.
โ๏ธIlmi dhiiraa yeroo hundaa akka dubarri isa dhiphistutti haasa'ata. Bilbilli dubara biraa yeroo ati bira jirtu dhufuuf deebii text 53 fi miscall 67 inni daqiiqota 30 dura ergaafi bilbilaafii turedha. Respectively ๐คจ
โ๏ธNamoonni tokko tokko maatiinkoo hojii nan hojjechiisan jechuu another level godhanii odeeffatu. Isaan garuu warra abbaansaanii akka kubbaa lafatti rukutee ol utaalchisaa turedha.
โ๏ธNamoonni tokko tokko waan faallaa nama hundaa ta'aniif sirrii fi nama addaa of se'u.
โ๏ธNamoonni hedduun yeroo block sin godha jedhan waanuma dhaabbata wayii sochoosan malee wan button tokko tuqan hin fakkaatan. Garuu dhokatanii nama hordofu.
โ๏ธNamoonni tokko tokko ani akka mataa kootti malee akka namaatti hin jiraadhu isa jedhamu nama irraa baruus waan hammatu se'u.
โ๏ธyoo mirga Kabalamte bitaa itti qabi seerri jedhu waggaa 1000 akka kabalamtu si affeera. (Malcolm X)
โ๏ธObboleessi keef abbaankee abbaa manakee baay'ee jibbu. Isaan fuulduratti jaalala qabduuf suuta kenniif yookiin yeroo galtan isaaniin hamachaa walimmoo hammaachaa galuu dandeessu.
โ๏ธDurboonni ija isaaniirra gurra isaanii waan amananiif ilmoon dhiiraa dirqama soba. Dhiironnimmoo gurra isaaniirra ija isaanii waan amananiif durboonni make up tti qarshii fixu.
โ๏ธBarataan campus kamuu graden isaa C yoo ta'e akka kennameefitti yoo A ta'emmoo akka hojjetetti haasa'ata.
โ๏ธBarataan Campus kamuu oduu inni osoo hin nuffiin sitti himuu barbaadu campusiin isaanii nama baay'ee akka arii'eedha. He is telling u he is smarter than em.
โ๏ธDhiigni koo lafee ta'ee fi tiruun bule lafee ta'a inni jedhamu isa namoonni erga fuudhanii yookan heerumanii maatii isaanii dagatanidha. Please be aware of this. Haati tokko ijoollee 10 guddistee ijoollee 10 haadha tokko dadhabuu jechuun abaarsadha.
โ๏ธMana nama hedduu keessa baay'iinni namaa baay'ina room mana isaanii keessa jiruu olidha.
โ๏ธdurboonni namoota si fakkaatan 10 jireenya isaanii keessa osoo qabanii ati qofaan akka jirtu fakkeessaani ,fafakeessanii jiraachuu danda'u.
โ๏ธLiqeessaaf liqeeffataan yeroo walitti dhufan...liqeeffataan waan baay'ee qaana'e of se'a. Kan baay'ee qaana'u garuu isa liqeessedha.๐คจ
By Hamilan G Geremu