Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa @abdiimaariyaamiifinjira Channel on Telegram

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

@abdiimaariyaamiifinjira


“Nama gaaffii isin gaafatee deebii isinirraa barbaaduuf, deebii ga’aa deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!” (1Phex.3:15).

Channel, “Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa” jedhu kana keessatti gaaffii shakkitootaaf deebii ga’aa argattu.

@YaadgaaffiiBot

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa (Afan Oromo)

Dhugaa keenya keessatti, kan dabarfattu namaa, username fi qooda kanalee Telegram tti fida. Horii kanatti, akkuma kanaleen duraa, "Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa" jedhu dhihaa itti fayyadaman.

Gaaffii imaamaniin, deebiimaariyaamiifinjiraa fi hundumaa itti deebiiranii lakkaawwamanii, kan dhaggeeffadha. Kanumaan deebii gaafadhaa jedha.

"Nama gaaffii isin gaafatee deebii isinirraa barbaaduuf, deebii ga’aa deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!" (1Phex.3:15). Eenyummaa hundaa, kanali "Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa" jedhu isa fayyadama. Kanumaan akka "YaadgaaffiiBot" qoodaman.

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

11 Jan, 17:13


Instant View☝️ kan jettu tuquun banadhaa dubbisaa!

Cuuphaa Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos

1.1. Cuuphaa Gooftaa waggaa soddomatti

1.1.2. Cuuphaa Goofta keenya Iyyesuus Kiristoos waggaa soddomatti

1.2. Cuuphaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos laga Yordaanositti

1.3. Iccitii cuuphaa Gooftaa halkaan keessa sa’aatii kudhan

1.4. Cuuphaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos harka Yohaannisitti

Kutaan 2ffaa itti fufa

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

Group : @DeebiiGaaffiiShakkitootaa

Yaada fi gaaffiidhaaf: @YaadgaaffiiBot

https://telegra.ph/Cuuphaa-Gooftaa-Keenya-Iyyesuus-Kiristoos-01-18

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

08 Jan, 18:12


Dhaloota Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Dhaloota-Gooftaa-Keenya-Iyyesuus-Kiristoos-01-08

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

08 Jan, 06:12


Iyyasuus

'Maddi maqaa Iyyasuus jedhuu eessa? Hiikni isaa hoo maal jechuudha? Iyyesuus moo Yesuus tu sirriidha'

Maqaan kun duubatti deebinee yoo ilaallu seenaa baroota dheeraa kan qabudha. Kunis bu’uurri maqichaa maqaa Hibruu (Ibraayisxi) ‘Yehoshua/Joshua’ jedhu irraati. Hiikni maqaa kanaas ‘Yahweh saves-Waaqayyoo ni fayyisa/fayyisaadha’ akka jechuuti. Kitaaba Qulqulluu keessattis yeroo jalqabaaf hojiirra oolee kan argannu kakuu moofaa keessatti S.Bah. 17:9 irrattidha. ‘Museen yommus Iyyaasuudhaan, “Namoota fo'adhuutii dhaqii warra Amaaleq loli! Anis bor ulee Waaqayyoo qabadhee gaara gubbaa nan dhaabadha” jedhe’. Maqaan kun yammuu hayyoota 70n (Septuagint) gara afaan Giriikiitti hiikamu sababa sagaleewwan (vowels) hunda maqaa kana keessa jiran afaan Giriik keessaa argachuu hin dandeenyeef kaan keessaa baasuun, kaan immoo bakka buusuun (Greek transliteration) maqichi ‘Iēsous' (I-Suus jedhamee dubbifama) jedhame. Asirratti wanti hubatamuu qabu, hiikaan maqichaa gara Giriikiitti jijjiiramee osoo hin taane maqichatu gara barreeffama Afaan Giriikiitti jijjiirame.  Fakkeenyaaf maqaa Afaan Oromoo ‘Badhaasaa’ jedhu afaan Amaariffaan barreessuu osoo barbaadne “ባዳሳ-Badaasaa” jenna. Sababni isaa qubeen ‘Dh’ afaanicha keessa waan jirreeffidha. Kunimmoo seera afaanii keessatti “transliteration” jedhama.

Egaa Ilmi Waaqayyoo gaafa foon nama uffate maqaa kanaan akka waamamu Qulqulluun Gabri’eel gaafa Dubroo Maariyaamiitti missiraachoo hime dubbateera. “Ilma ni deessa Maqaa isaas Iyyesuus [Yehoshua/Joshua] ittiin jetta” Luq. 1:31. Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaawwan jiran baay’een isaanii maqaawwan eenyummaati; kana jechuun waamichaaf qofa kan oolan osoo hin taane eenyummaa abaluu sanaa illee ni ibsu jechuudha. Fakkeenyaaf Abrahaam, Pheexiroos, Phaawuloos….

Haaluma kanaan Ilmi Waaqayyoo nama fayyisuuf dhufuu isaatiin fayyisaa waan ta’eef Yehoshua-Fayyisaa jedhame. Kunimmoo akkuma olitti ilaalleen gara Giriikitti yoo deebi’u “Iēsous” jedhameera. Isa booda akkuma Kitaabni Qulqulluu Giriik kun Afaan garaagaraatti hiikamaa deemeen maqichis haaluma afaan sanaaf mijatutti waamamaa deeme jechuudha. Fakkeenyaaf afaan Engiliffaatti ‘Jesus’, afaan Amaariffaatti/Gi’iiziitti ‘እየሱስ”; Afaan Oroomootti ‘Iyyasuus; Yesuus’. Asirratti wanti tuqeen darbuu barbaadu, dubbattoota Afaan Oromoo birati yeroo baay'ee falmiin maqichi 'Iyyasuus' moo Yesuus? jedhu ni ka'a; amma falmiin akkasii akka hin barbaachisne hubattaniittu jedheen amana! Garaagarummaan gidduu isaanii jirus yoo baay'ate loqoda ykn adeemsa hiika afaan tokko irraa afaan biraatti taasifamuutiin garaagarummaa uumame ta'uu mala, kanaaf ajandaa falmii ta'uu hin qabu!

Haala kanaan hiikni maqaa Iyyasuus jedhuu fi Iyyaasuu jedhu hiikuma wal-fakkaataa qabu. Kana yoo ibsu barreessaan kitaaba ‘Malkaa Iyyesuus’ buufata isa jalqabaa ‘selaam le zikre simike-nagaan yaadannoo maqaa keef” isa jedhurratti akkas jedha, “…uumaa koo yaa Iyyesuus Kiristoos akkeenya Daawit akkeenya kee kan godhatte, qabeenya keessoo Daawit kan ta’e ati Iyyaasuudha. Gonfoo Maqaa kee mataa isaarratti gonfachuun diina isaa mo’ee biyya ishee gaarii sana dhaale”  Garuu burjaajii akka hin uumneef afaanota hedduu keessatti waamicha irratti garaagarummaa xiqqoo qabu. Fknf Ingiliffaatiin Jesus  fi Joshua; Afaan gara keenyaatiinis Iyyasuus fi Iyyaasuu jedhama, hiikni lamaanuu garuu 'qoricha/fayyisaa' jechuudha.

Lammeessaa T. (Dn)
Mudde 28, 2017

╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮
            @Kalabhiyahu
            @Kalabhiyahu
╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

07 Jan, 18:26


Instant View☝️ kan jettu tuquun banadhaa dubbisaa!

Foon Uffachuu Gooftaa Keenya Iyyesuus Kirsistoos

1.1 Jechi Nama Ta’uu Isaa

1.2. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Nama ta’e?

1.3. Iyyesuus Kiristoos Yoom Nama Ta’e?

1.4. Iyyesuus Kiristoos Akkamitti Nama Ta’e?

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

Group : @DeebiiGaaffiiShakkitootaa

Yaada fi gaaffiidhaaf: @YaadgaaffiiBot

https://telegra.ph/Foon-Uffachuu-Gooftaa-Keenya-Iyyesuus-Kirsistoos-01-08

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

06 Jan, 18:26


Gammachuu Guddaan Isinitti Hima!” (Luq.2:10).

Lallaba akkaan minyooftu, kan guyyaa dhaloota gooftaa irratti  barreeffamaan dhiyaate kana sirriitti xiyyeeffannaadhaan dubbisaa!

✍️ B/saa Dn Baacaa Nagaasaa (BTH)

Join: @GolaSoorataJireenyaa
        : @abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Gammachuu-Guddaan-Isinitti-Hima-Luq-210-12-30-2

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

05 Jan, 16:34


Waaqayyo murtee dhala namaa jecha qofaan dubbatee balleessuu osoo danda’uu nama ta’uun maaliif isa barbachise?

@abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Waaqayyo-murtee-dhala-namaa-jecha-qofaan-dubbatee-balleessuu-osoo-dandauu-nama-tauun-maaliif-isa-barbachise-01-05

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

04 Jan, 15:11


Waaqayyo jecha isaa qofaan dubbatee osoo fayyisuu fi murtii sana kaasuu danda’uu maalif nama ta’ee dhalachuun isa barbaachise?

Baga geessan!🙏

“Hin dheerate” hin jedhinaa sirriitti xiyyeeffannoodhaan dubbisaa!🤲

@abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Jecha-qofaan-dubbatee-osoo-fayyisuu-dandauu-maalif-dhalachuun-isa-barbaachise-01-04

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

01 Jan, 19:49


Mudde 24 Guyyaa Abbaan keenya Qulqullicha Tekle Haayimaanoot itti dhalatanidha; Baga geessan!

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Qulqulluu-Abbaa-Tekle-Haayimaanoot-08-29-2

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

27 Dec, 11:25


#UGGUM RAAJII_DHA
ግሩም ድንቅ ነው #Gadhiifameera_seena_dhaggeeffadha #share_like_subscribe taasisuun akkuma baramee na jajjabeessa🙏 https://youtu.be/JGefyEdIBeU

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

09 Dec, 17:37


#Gadhiifameera

Manni kiristaanaa fi Kiristoos hariiroo akkamii qabu? #Hanqaaquun_Guchii maalif mana kiristaanaa irratti godhama?Manni Kiristaanaa maalif qormaata keessa jiraatti?
Gaaffilee jedhaniif deebii argattu

Dhimbiibbaa Kutaa 2ffaa Bsaa Baacaa Nagaasaa waliin qopheessine kunoo

Tajaajila Miidiyaa kanaa jajjabeessuuf #Subscribe gochuun akka maatii taatan irra deebidhaan isin affeerra.

https://youtu.be/YYLMPZAk8OY?si=efO9BJR1iKLNlX2-

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

02 Dec, 07:31


#Dhimbiibbaa
#Kiristoos_Hin_Beektu

Kiristoos Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo qofatti karaa sirrii fi dhugaatin lallabama. Haa ta'u malee shakkitootni baay'ee mana kiristaanaa kanaan Kiristoos hin beektu jedhu. Dhugaan jiru garuu akkami?

Qophii Barsiisaa Baacaa Nagaasaa (Dn) waliin qopheessine kutaa 1ffaa isaa har'a galgala (23/03/2017) sa'aatii 2:00tti nu eegaa

Tajaajila Miidiyichaa jajjabeessuuf #Subscribe, #Share , #Like fi #Comment akka gootan maqaa Waaqayyootin isin gaafanna

https://youtube.com/@Soteriamedia21
https://youtube.com/@Soteriamedia21
https://youtube.com/@Soteriamedia21

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

29 Nov, 15:46


Instant View☝️ kan jettu tuquun banaa dubbisaa!

Baga geessan!

“Namni haadha keenyaan ‘Tsiyoon’ jedha. Ishee keessattis namni dhalate.” (Faar.87:5).

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Namni-haadha-keenyaan-Tsiyoon-jedha-Ishee-keessattis-namni-dhalate-Faar875-11-30

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

18 Nov, 19:15


https://telegra.ph/Saaatiin-sadii-waggoota-sadiirra-ni-caala-11-18

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

16 Nov, 03:06


Instant View☝️ kan jettu tuquun seenaa dubbisaa!

Sadaasi 7 guyyaa ayyaana yaadannoo manni qulqullummaa Wareegamaa Qulqulluu Giyoorgisii itti kabajamedha.

Channel Telegram: @abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Baga-ayyaana-yaadannoo-wareegamaa-qulqulluu-Giyoorgisiin-isin-gahee-04-29

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

15 Nov, 16:04


Gaaffii dubbisa kitaaba qulqulluu marsaa 5ffaa

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa hojjedhaa!

Deebiin asirratti👇


https://telegra.ph/Gaaffii-dubbisa-kitaaba-qulqulluu-marsaa-5ffaa-11-15

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

15 Nov, 08:18


“Sadaasa 6 — Debre Qusqu’aam”

Baga geessan!

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

15 Nov, 05:00


https://telegra.ph/Mulatni-121-6-Dhuguma-Durbee-Maariyaamii-hin-ibsuu-05-23

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

14 Nov, 13:13


"INSTANT VIEW" kan jettu tuqaa seenaa dubbisaa!

Share gochuu hin dagatiinaa👍🙏


https://telegra.ph/Mata-dureen-dhabe-11-14

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

12 Nov, 09:58


Sirna jireenyaa 36

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa👇👇👇


https://telegra.ph/Sirna-jireenyaa36-11-12

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

11 Nov, 10:13


Deebii gaaffii marsaa 4ffaa


"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaatii hamma argattan ilaalladhaa🙏😂


https://telegra.ph/Deebii-gaaffii-marsaa-4ffaa-11-11

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

09 Nov, 17:04


Link kun eenyuu irraayyuu yoo isiniif ergame, akka bantanii waan inni isin gaafatu hin guutneef of eeggannoo cimaa taasisaa!

Kaayyoon link kanaa, Telegram Account keessan, Channel Telegram fi Group Telegram qabdan mara kan isin dhabsiisuu fi abaluun kun immoo ofii itti fayyadamuufidha.

Darbees waan isin nama biraa faana haasoftan iccitii keessan facaasuu fi isin fakkaatee yakka garaagaraa dagaluuf, maqaa isin balleessuufidha! Kanaarraa abbaatu cimsee of eeggata!

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

08 Nov, 16:02


Gaaffii Marsaa 4ffaa

"INSTANT VIEW" kan jettu tuqaatii seenaa hojjedhaa🙏

Carraa gaarii!

https://telegra.ph/Gaaffii-marsaa-4ffaa-sagantaa-dubbisa-kitaaba-qulqulluu-11-08

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

08 Nov, 12:27


Akka sagantaa keenya dubbisa kitaaba qulqulluuttii har’a sangantaa gaaffiidha. Kanaafuu, Sa’aatii 1:00 irratti nu eegaa! Hagasitti bakka isin hafe irra deddeebi’aa ilaalaa!

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

06 Nov, 16:01


https://telegra.ph/Deebii-Sagantaa-Dubbisa-Kitaaba-Qulqulluu-Marsaa-3ffaa-11-06

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

06 Nov, 05:34


Yaa Fayyisaa Addunyaa; akkaataan lakkaawwii yeroo kootii sirrii mitiiti, akkaataa lakkaawwii yeroo kee na barsiisi🤲

Baga geessan!
Fayyisaan Addunyaa bakkaa fi haala keessa jirtan hundatti isin haa gargaaru🙏

Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(B.Th)

"Amantaa kee bari"👇

https://t.me/GolaSoorataJireenyaa

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

05 Nov, 09:25


Onkoloolessa 27 yaadannoo fannifamuu Waaqa keenyaati.

Instant View” kan jettu tuquun seenaa dubbisaa!

Channel Telegram: @abdiimaariyaamiifinjira

Group Telegram: @DeebiiGaaffiiShakkitootaa

Yaada fi gaaffiidhaaf: @YaadgaaffiiBot

https://telegra.ph/-11-07-788

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

01 Nov, 18:24


I. Himaa sirrii ta’e “Dhugaa” hima dogoggora ta’emmoo “Soba” jechuun deebisi!

1. Kennaan midhaanii namni waaqayyoof dhiyeessuu yemmuu ibiddaan gubamee irraa hafutti hafteen Aaroonii fi Ijoollee isaaf ta’a!

2. Kennaa midhaanii tolfamee aarsaadhaaf dhiyaatutti raacitii fi dammi naqamuu hin qabaatu.

3. Bulchaan tokko yoo cubbuu  hojjete kan inni aarsaadhaaf dhiyeeffatu korbeessa Re’eettidha.

4. Uummata keessaa namni tokko yoo cubbuu hojjete reʼee dhaltuu hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu jedhameera.

5. Mucaan dhiiraa dhalatee guyyaa saddeettaffaatti dhagna haa qabatu jedhamee ajajameera.

II. Deebii filannoo sirrii qabu filadhu!

6. Akka seera ooriitiitti namni hoolaa tokko hatee gurgurate ykn qalate, bakka hoolaa tokkoo maal adabama ture?

A. Hoolaa afur gatii baasa
B. Ni hidhama
C. Rukutamee du'a
D. Qotiyyoo shan gatii baasa
E. Hoolaa lama gatii baasa.
F. Qarshii hoolaa tokko bitutu itti murama.

7. Akka seera ooriitiitti namni abbaa fi haadha isaa arrabse maal adabama?

A. Ni hidhama
B. Ni reebama
C. Ni ajjeefama
D. Ni fannifama
E. Ni garafamaa
F. Dhagaadhaan rukutama

8. Museen Taabota kakuu Waaqayyo biraa fiduuf si'a lama yemmuu deeme walumaa galattu guyyaa meeqaa fi halkan meeqa achi ture?

A. Guyyaa saddeettamaa fi halkan saddeettama
B. Guyyaa jaatama fi halkan jaatama
C. Guyyaa torbaatamaa fi halkan torbaatama
D. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama.

9. Akka seera ooriitiitti iddoo aarsaa irratti guyyaa guyyaatti xobbaallaa meqatu dhiyaata ture?

A. Lama
B. Afur
C. Tokko
D. Sadii
E. Aarsaan bara sanaa waggaatti malee guyyaatti hin dhiyaatu.

10. Iddoo aarsaa isa ooriitii sana irratti ibsaan yeroo akkamii akka ifu ajejame?

A. Yeroo hunda
B. Ganamaa jalqabee hanga galgalaatti
C. Galgalaa jalqabee hanga ganamaatti
D. Galgalaa jalqabee hanga halkan walakkaatti

11. Iddoo aarsaa isa bara ooriitii ilaalchisee kamtu dhugaadha?

A. Dheerinni isaa dhumdhuma shani
B. Bal'inni isaa dhumdhuma shani
C. Ol ka'insi isaa dhumdhuma sadii
D. Muka laaftoo irraa ijaarame
E. Hunda

12. Dunkaanaa ooriitii akka hojjetuuf ogummaan kan kennameef eenyufi?

A. Baasili'eel/Baazaali'eel
B. Eeliyaab/Aholiiyab
C. Aaron
D. Musee
E. A fi B
F. C fi D

13. Cubbuu akka guutummaa waldaatti hojjetamuuf qalmii aarsaadhaaf dhiyeeffamu, dhiiga tuntunoo sanaa lubni yeroo meeqaaf golgaa duubatti fuula waaqayyoo duratti facaasa?

A. Yeroo 3
B. Yeroo 7
C. Yeroo 12
D. Yeroo 24

14. Ijoolleen Aaroon keessaa inni dhiigaa fi moora horii qalma araaraaf aarsaa godhee dhiyeessu horii sanarraa ga’ee ykn qooda maalii fudhata?

A. Many’eewwan
B. Luka bitaa
C. Andaraafa
D. Luka mirgaa
E. Aarsaa kanarraa waan fudhatu hin qabu.

15. Museen akka waaqayyo isa ajajetti Aaroonii fi Ijoollee isaa lubummaadhaaf yeroi muudetti, isaa hamma guyyaa meeqaatti dunkaana sana dura turan?

A. Guyyaa 40
B. Guyyaa 30
C. Guyyaa 7
D. Guyyaa 3

16. Ijoolleen Aaroon, sababa ibidda isa waaqayyo hin eeyyamnetti ixaana naqanii aarsaa dhiyeessaniif du’an eenyuu dha?

A. Afniinii fi Feeniihaas
B. Naadaabii fi Abiyuud
C. Misaa’elii fi Elphaafaanin
D. Al’aazaarii fi Itaamaariin

17. Gaaffii 13 irratti hundaa’uun Ijoollee warra iddoo qulqulla’aa sana duratti du’a akka kaasaniif Museen kan isaan waame eenyuufaadha?

A. Aaroonii fi Eelii
B. Naadaabii fi Abiyuud
C. Misaa’elii fi Elphaafaanin
D. Al’aazaarii fi Itaamaariin

18. Dunkaana ykn godoo Musee fi uumatni Israa’el hojjetan keessaa mi’i gogaadhaan hojjetame gogaa maalii irraati?

A. Gogaa Hoolaa
B. Gogaa Sangaa
C. Gogaa Re’ee
D. Gogaa Roobii

III. Ibsa gabaabaa kenni!

19. Akkaataa museen lubummaadhaaf Aarooniin dibe qabxiilee jiran gabaabsii barreessi!

20. Caqasa seera Leewotaa 12:2-4 akkasuma 12:5 irraa maal hubatte? Ammatti guyyaan sun maalif nu gargaara?

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

29 Oct, 08:02


"....Kana booda Taabota hin barbaaddani"(???)

Maaloo "INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa👇👇



https://telegra.ph/Kan-booda-Taabota-hin-barbaaddani-10-29

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

28 Oct, 15:16


Sirna jireenyaa(35)

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa👇


https://telegra.ph/Sirna-jireenyaa35-10-28

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

28 Oct, 07:25


Sorry! Kun irraa citee hafe!👇👇

Gaaffii 23 iirraa eegalee🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

28 Oct, 07:25


aattutti inni tokko osoo guddatuufi arge. Waaqayyos(ergamaan Waaqayyoos) "Kana eenyutu sooraa?" jedhee Musee gaafate; Museenis "Waaqayyodha" jedhe. Waaqayyo(ergaan Waaqayyoo) yemmus Museedhaan, "Maarree Waaqayyo inni raammottii kana soore, maatii kees ni sooraatii dhiisii deemi" jedheen. Museenis dhiisee deeme.

24. Israa'eloonni akka Gibtsii ba'aniin yeroo jalqabaatiif bakki isaan buufatan maal jedhama?

A. Suukoot
B. Raamsee
C. Eetaam
D. Siinaa
E. Kooreeb

👉 Ba'u. 12:37, 13:20, Lakk. 33:5-6

25. Abboommiiwwan kurnan keessaa Seera Ba'uu irratti kan hin caqasamne kami?

A. "Ana malee Waaqa kan biraa hin waaqessiin" kan jedhu
B. "Hiriyaa kee akka mataa keetti jaalladhu" kan jedhu
C. "Guyyaa sanbataa qulqulleessi" kan jedhu
D. "Qabeenya hiriyaa keetii hin hawwiin" kan jedhu
E. Abboommiin Seera Ba'uu irratti hin caqasamneyyuu hin jiru ykn abboommiin kurnanuu seera Ba'uu irratti caqasameera.

👉 Abboommiiwwan kurnan keessaa 9 Ba'u. 20:3-17 irratti kan caqasaman yoo ta'u, tokko garuu, Lew. 19:18 irratti caqasameera. Haaluma wal fakkaatuun bara kakuu haaraattis "Keeyyata eebbifamtootaa kurnan(አሥሩ አንቀጸ ብፁዓን)" kan jennu keessaas 9 Mat. 5:1-11 irratti kan caqasaman yoo ta'u; inni tokkoo immoo Yoh. 13:17 irratti caqasame.

Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(B.Th)

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

27 Oct, 16:04


a maxinoo guyyaa meeqaaf akka kabajan ajejamani?

A. Guyyaa shantamaaf
B. Guyyaa torbaaf
C. Guyyaa kudha afuriif
D. Guyyaa kudha tokkoof
E. Guyyaa digdamii tokkoof

👉 Ba'u. 13 dubbisaa.

16. Waaqayyo Israa'elootaaf ji'a jalqaba waggaa akka isaaniif ta'uuf ji'a isa kam itti hime.

A. Fulbaana
B. Mudde
C. Amajji
D. Eebla

👉 Akka hiika kitaaba qulqulluutti Ba'u 12:2 irratti kan caqasame ji'a Eeblaati. Israa'elootaaf jiinii jalqabaa Eebla jechuu dha. Akkuma kan keenya Fulbaana ta'u jechuudha. Kunis kan ta'eef Israa'eloonni Gibtsii kan isaan ba'an Eebla gaafa 14 galgala waan ta'eef ji'a sana akka kabajan ajejaman.

17. "Maasaah" jechuun maal jechuu dha?

A. Oyruu
B. Lafa qonnaa
C. Qormaata/qoruu
D. Falmuu
E. Morkachuu
F. Xiiqii qabachuu

👉 Ba'u. 17:7, Kes. 6:16, 9:22, 33:8 dubbisaa.

18. "Mariibaa" jechuun maal jechuu dha?

A. Walii galuu
C. Fudhachuu
D. Falmii
E. Morkii
F. Diddaa
G. D fi E

👉 Ba'u. 17:7, Lakk. 20:13, 20:24, 27:14, Kes. 32:51, 33:8 dubbisaa.

19. Guyyaan Isiraa'eloonni nyaata guyyaa lamaa akka funaannataniif ajejaman yoomi?

A. Wiixata
B. Roobii
C. Jimaata
D. Dilbataa
E. Sanbata duraa
F. D fi E

👉 Ba'u. 16:23-31 dubbisaa.

20. Arjummaa Waaqayyo abboota isaaniitiif godhe dhaloonni akka ittiin yaadatuuf jedhee Museen nyaata hammamii leemmaatii warqiittii naqee kaa'ee?

A. Gomoor/Omeer tokko
B. Kiiloo sadii fi walakkaa
C. Gomoor/Omeer sadii
D. A fi B
E. Hunda

👉 Ba'u. 16:35-36 dubbisaa

21. Yeroo Israa'eloonni Amaaleqota wajjin wal lolan, Israa'eloonni akka injifataniif/mo'ataniif harka Musee bitaa fi mirgaan ol kan qaban eenyuu fi eenyu?

A. Iyyaasuu fi Aaron
B. Aaron fi Hoor
C. Hoor fi Iyyaasuu
D. Yootoor fi Iyyaasuu
E. Iyyaares fi Iyyaanbares

👉 Ba'u. 17:12 dubbisaa.

22. Yeroo Waaqayyo biyya Gibtsiitti cabbii buusetti gosoota midhaanii keessaa kan osoo cabbiidhaan hin rukutamiin hafe kami?

A. Misira
B. Qamadii
C. Honborii/Aajjaa
D. Talbaa
E. Garbuu
F. B fi C
G. A fi D

👉 Ba'u. 9:32

23. Waaqayyo yeroo Musee gara Gibtsiitti ergetti maaliif karaa irratti isa ajjeesuuf ka'e?

A. Waan Museen ajejamee deemuu dideef
B. Waan Museen duraan namicha Gibtsii sana ajjeeseef
C. Waan Museen mucaa isaa dhaqna qabuu dhiiseef
D. Waan Museen haadha manaa isaa fi ijoollee isaa fudhee gara Gibtsii deemeef
E. A fi B
F. C fi D

👉 Ba'u 4:24 irratti akka caqasametti, Waaqayyo(ergamaan Waaqayyoo) osoo Museen gara Gibtsiitti deemaa jiruu daandii irratti isa ajjeesuuf ka'e.

Akka hiika kitaaba qulqulluutti sababiin Waaqayyo(ergamaan Waaqayyoo) Musee ajjeesuuf tureef sababa lamaafidha.

*. Sababii Museen mucaa isaa dhaqna hin qabneef. Musee Mucaa isaa isa tokko "inni kun qooda/hiree/ga'ee kooti" jedheetu dhaqna qabee; mucaa isa tokko immoo "qooda/hiree/ga'ee isheeti" jedheetu dhiisee ture. Sababa kanaanis Museen seera lama diige. Isaanis:- Seera dhaqna qabaa isa Abrihaamiif kennamee fi seera abbaan manaa fi haati manaa tokko ta'uu isaanii labsu diigeef ijoollee waan qoqqoodeef Waaqayyo isa ajjeesuuf ture. Mucichas haati manaa yerosuma dhaqna qabde.

*. Sababni inni lammaffaan immoo Museen haadha manaa isaa, ijoolleesaanii isaa fi harroota isaa fuudhee gara Gibtsii deemuuf ka'uun isaa Waaqayyoon mufachiise. Kunis Museen kan inni gara Gibtsii ergameef saboota gabrummaa jala jiran bilisa baasuufidha. Inni garuu, warra bilisa jiran(maatii isaa fi horii isaa) fuudhee gara biyya gabrummaatti deemsa/imala eegale. Yeroo kana Waaqayyo(ergamaan Waaqayyoo) isa ajjeesuuf ka'e. Museenis "maalin balleessee?" jedhee yoo gaafatu; Waaqayyos(ergamaan Waaqayyoos) "Ani warra garbummaa jala jiran dhaqii baasi siin jennaan atimmoo warra as jiran fuutee deemtaa?" jedheen. Museenis, "Anoo, ani deemnaan eenyutu isaan sooraa? jedheen of duukaa fuudhee deemaa jiraam" jedhe. Waaqayyos(ergamaan Waaqayyoos) yemmu " galaanni isaan bira waan tureef "mee harka kee galaana kana keessa kaa'i" jedheen; Museenis harka isaa galaanicha keessa yemmuu ka'u dhagaa/cirracha fuudhee ba'e. Waaqayyos(ergamaan Waaqayyoos) "mee cabsi" jedheen; yeroo inni cabsus dhagicha keessa raammoo jaamaan tokkoof mukti baala lakkuu qabu biqileefii, hamma isheen isa tokko ny

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

27 Oct, 16:03


1. Mucaan Yaa'iqob inni dhumaa eenyu?

A. Yihuudaa
B. Biiniyaam
C. Yooseef
D. Roobeel
E. Aaser
F. Zaabiloon

👉 Uuma. 42 fi 43 dubbisaa.

2. Obboloonni Yooseef, Yooseefiin qarshii meeqaan gurguran?

A. 20
B. 30
C. 10
D. 40

👉 Uuma. 37:28 dubbisaa. Akka hiikni kitaaba qulqulluu nuuf ibsutti immoo Yooseef yeroo lama gurgurame. Jalqaba obboloonni isaa qarshii digdamaan daldaltoota Miidiyaam kan ta'an Ismaa'elootatti gurguran. Daldaltootni kunniin immoo gara Gibtsiitti gadi buusanii qondaalaa biyya Gibtsii ykn ajejjuu eegdotaa kan ta'e Phixfaaraa kan jedhamutti qarshii soddomaan gurgurani. Qarshii kudhan irraa buufachuu isaaniiti😂.

3. Yooseefiin obboloota isaarraa kan bite eenyu?
A. Fariisota
B. Ismaa'eloota
C. Giriikota
D. Yihuudota
E. Saduuqota.

👉 Kanas Uuma. 37:28 irraa argattu.

4. Obboloota Yooseef keessaa, Yooseef akka hin duune, akka gurguramu kan yaada dhiyeesse eenyu?
A. Biiniyaam
B. Yihuudaa
C. Roobel
D. Efreem
E. Minaasee

👉 Uum. 37:26 dubbisaa

5. Qondaalli biyya Gibtsii inni Yooseefiin bite eenyu?
A. Phixfaaraa
B. Fari'on
C. Awunaan
D. Eer
E. Maanuhee

👉 Uum. 37:36 dubbisaa

6. Yeroo ijoolleen Yaa'iqob midhaan barbaacha Misiritti gad bu'an kan isaan wajjin hin deemne ykn kan manatti hafe eenyu?

A. Gaad
B. Yisaakoor
C. Biiniyaam
D. Niftaalem

👉 Uuma. 42 dubbisaa

7. "Yeroo Waaqayyo isin daawwatu/yaadatutti, lafee koo as keessaa fuudhaa ba'aa" jedhee Isiraa'eloota waadaa kan galche eenyu?

A. Yaa'iqob
B. Musee
C. Yooseef
D. Lewii
E. Niftaalem

👉 “Yoseef ammas ilmaan Israa'eliin, "Waaqayyo yommuu isin yaadatu, lafee koo asii fuutanii akka ol baatan anaaf kakadhaa!" jedhe.”Uuma. 50:25

8.______________________Error

9. Ajeja Fari'on fudhachuu diduu isaaniitiin, Waaqayyo waan gaarii kan isaaniif godhe eenyuu fi eenyu?

A. Musee fi Aaron
B. Siippaaraa/Siifraa fi Fohaa/Phuwaa
C. Raahelii fi Yoostiinaa
D. Yoostiinaa fi Soloomee
E. Raahelii fi Maariyaam

👉 Ba'u. 1:15-22 dubbisaa

10. Maqaan haadha manaa Musee eenyu?

A. Yookabid
B. Yoostiinaa
C. Siippaaraa/Siiforaa
D. Fohaa
E. Diibooraa

👉 Ba'u. 2:21 dubbisaa.

11. Waaqayyo yeroo Museedhaaf eenyummaa isaa ibse eenyudha ofiin jedhe?

A. Waaqa Abrihaam
B. Waaqa Yiisihaaq
C. Waaqa abboota keessanii
D. Waaqa Yaa'iqob
E. Kan turee fi kan jiru
F. C fi E
G. Hunda

👉 Ba'u. 3:13-16 dubbisaa.

12. Falfaltuuwwan/xonqoltootni Fari'on xonqola isaaniitiin maal hojjechuu dadhabani?

A. Ulee isaanii bofa taasisuu
B. Bishaan dhiigatti jijjiiruu
C. Injiraan yaasuu/baasuu
D. Hundayyuu hin dandeenye

👉 Ba'u. 8:16-19

13. Waaqayyo laphee Fari'oniin jabeesse jechuun maal jechuudha?

A. Fari'oniin hamaa taasise jechuudha
B. Fari'oniin gara jabeessa taasise jechuudha
C. Gargaarsa isaa isarraa fageesse jechuu dha.
D. A fi B

👉 "Waaqayyos laphee Fari'oniin ni jabeesse" Ba'u. 9:12

Namoonni tokko tokko luqqisa kana fudhatanii "Fari'on balleessaa maalii qabaree kan laphee isaa jabeessewoo Waaqayyodhaatii?!" jedhanii Fari'oniif ol iyyata fudhachuu barbaadu😂.

Akka Manni kiristiyaanaa keenya barsiiftuttu, akka hiika kitaaba qulqulluutti garuu "Waaqayyos laphee Fari'oniin ni jabeesse" jechuun "Ayyaana isaa isarraa fuudhee, arjummaa isaa isarraa kaasee, gargaarsa isaa isarraa fageessee,......" jechuudha malee, Waaqayyotu akka inni garaa jabaatu taasise jechuu miti. Kunis, Fari'on diddaa isaatti waan cimeef, waan Waaqayyo ykn namoonni Waaqayyoo(Musee fi Aaron) isatti dubbatan dhaga'uu waan dideef, Waaqayyos arjummaa isaa, gargaarsa isaa, ayyaana isaa isarraa mulqe. Yeroo darbe gaaffii kana ibsameera!🙏

Asirraa kan nuti barannus, yoo nuti diddaa keenyatti cimne, ajeja Waaqayyoo raawwachuu yoo dhiifne, akka yaada mataa keenyaatti yoo deddeebine,...Waaqayyo ayyaana isaa nurraa mulqa, gargaarsa isaa/arjummaa isaa nurraa fageessa jechuu dha.

14. Israa'eloonni hoolaa Faasikaa qalanii, dhiiga isaa michichila balbalaa fi buusaa manaatti dibuudhaan kan isaan jalaa miliqan dha'icha isa kami?

A. Dha'icha hawaannisa
B. Dha'icha cabbii
C. Dha'icha qarxaasaa
D. Dha'icha du'a ilma hangafaa
E. Dha'icha dukkanaa

👉 Ba'u. Boq. 11 fi 12 dubbisaa.

15. Israa'eloonni Faasikaa booda ayyaan

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

27 Oct, 16:03


Deebii keessan ilaalladhaa👇👇👇🙏🙏🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

27 Oct, 07:42


Sirna jireenyaa(34)

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa👇👇


https://telegra.ph/Sirna-jireenyaa34-10-27

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

26 Oct, 17:30


Baay'ee namatti toltu, Waaqayyo isin haa eebbisu🙏

Yeroo akkasitti hirmaattan, aarsaa kamuu kaffallee osoo isin tajaajillee nu hin gaabbisiisu🙏

Warri haftanis hanga bor galgalaatti yaalaa!🙏

Deebiin walii galaa bor galgala sa'aatii 1:00 tti dhoobama🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

25 Oct, 16:17


A. Suukoot
B. Raamsee
C. Eetaam
D. Siinaa
E. Kooreeb

25. Abboommiiwwan kurnan keessaa Seera Ba'uu irratti kan hin caqasamne isa kami?

A. "Ana malee Waaqa kan biraa hin Waaqessiin" kan jedhu
B. "Hiriyaa kee akka mataa keetti jaalladhu" kan jedhu
C. "Guyyaa sanbataa qulqulleessi" kan jedhu
D. "Qabeenya hiriyaa keetii hin hawwiin" kan jedhu
E. Abboommiin Seera Ba'uu irratti hin caqasamneyyuu hin jiru ykn abboommiin kurnanuu seera Ba'uu irratti caqasameera.

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

25 Oct, 16:17


1. Mucaan Yaa'iqob inni dhumaa eenyu?

A. Yihuudaa
B. Biiniyaam
C. Yooseef
D. Roobeel
E. Aaser
F. Zaabiloon

2. Obboloonni Yooseef, Yooseefiin qarshii meeqaan gurguran?

A. 20
B. 30
C. 10
D. 40

3. Yooseefiin obboloota isaarraa kan bite eenyu?

A. Fariisota
B. Ismaa'eloota
C. Giriikota
D. Yihuudota
E. Saduuqota.

4. Obboloota Yooseef keessaa, Yooseef akka hin duune, akka gurguramu kan yaada dhiyeesse eenyu?

A. Biiniyaam
B. Yihuudaa
C. Roobel
D. Efreem
E. Minaasee

5. Qondaalli biyya Gibtsii inni Yooseefiin bite eenyu?

A. Phixfaaraa
B. Fari'on
C. Awunaan
D. Eer
E. Maanuhee

6.  Yeroo ijoolleen Yaa'iqob midhaan barbaacha Misiritti gad bu'an kan isaan wajjin hin deemne ykn kan manatti hafe eenyu?

A. Gaad
B. Yisaakoor
C. Biiniyaam
D. Niftaalem

7. "Yeroo Waaqayyo isin daawwatu/yaadatutti, lafee koo as keessaa fuudhaa ba'aa" jedhee Isiraa'eloota waadaa kan galche eenyu?

A. Yaa'iqob
B. Musee
C. Yooseef
D. Lewii
E. Niftaalem

9. Ajeja Fari'on fudhachuu diduu isaaniitiin, Waaqayyo waan gaarii kan isaaniif godhe eenyuu fi eenyu?

A. Musee fi Aaron
B. Siippaaraa/Siifraa fi Fohaa/Phuwaa
C. Raahelii fi Yoostiinaa
D. Yoostiinaa fi Soloomee
E. Raahelii fi Maariyaam
F. Iyyaares fi Iyyaanbares

10. Maqaan haadha manaa Musee eenyu?

A. Yookabid
B. Yoostiinaa
C. Siippaaraa/Siiforaa
D. Fohaa
E. Diibooraa

11. Waaqayyo yeroo Museedhaaf eenyummaa isaa ibse eenyudha ofiin jedhe?

A. Waaqa Abrihaam
B. Waaqa Yiisihaaq
C. Waaqa abboota keessanii
D. Waaqa Yaa'iqob
E.  Kan turee fi kan jiru
F. C fi E
G. Hunda

12. Falfaltuuwwan/xonqoltootni Fari'on xonqola isaaniitiin maal hojjechuu dadhabani?

A. Ulee isaanii bofa taasisuu
B. Bishaan dhiigatti jijjiiruu
C. Injiraan yaasuu/baasuu
D. Hundayyuu hin dandeenye

13. Waaqayyo laphee Fari'oniin jabeesse jechuun maal jechuudha?

A. Fari'oniin hamaa taasise jechuudha
B. Fari'oniin gara jabeessa taasise jechuudha
C. Gargaarsa isaa isarraa fageesse jechuu dha.
D. A fi B

14. Israa'eloonni hoolaa Faasikaa qalanii, dhiiga isaa michichila balbalaa fi buusaa manaatti dibuudhaan kan isaan jalaa miliqan dha'icha isa kami?

A. Dha'icha hawaannisa
B. Dha'icha cabbii
C. Dha'icha qarxaasaa
D. Dha'icha du'a ilma hangafaa
E. Dha'icha dukkanaa

15. Israa'eloonni Faasikaa booda ayyaana maxinoo guyyaa meeqaaf akka kabajan ajejamani?

A. Guyyaa shantamaaf
B. Guyyaa torbaaf
C. Guyyaa kudha afuriif
D. Guyyaa kudha tokkoof
E. Guyyaa digdamii tokkoof

16. Waaqayyo Israa'elootaaf ji'a jalqaba waggaa akka isaaniif ta'uuf ji'a isa kam itti hime.

A. Fulbaana
B. Mudde
C. Amajji
D. Eebla

17. "Maasaah" jechuun maal jechuu dha?

A. Oyruu
B. Lafa qonnaa
C. Qormaata/qoruu
D. Falmuu
E. Morkachuu
F. Fincila

18. "Mariibaa" jechuun maal jechuu dha?

A. Walii galuu
C. Fudhachuu
D. Falmii
E. Morkii
F. Diddaa
G. D fi E

19. Guyyaan Isiraa'eloonni nyaata guyyaa lamaa akka funaannataniif ajejaman yoomi?

A. Wiixata
B. Roobii
C. Jimaata
D. Dilbataa
E. Sanbata duraa
F. D fi E

20. Arjummaa Waaqayyo abboota isaaniitiif godhe dhaloonni akka ittiin yaadatuuf jedhee Museen nyaata hammamii leemmaatii warqiittii naqee kaa'ee?

A. Gomoor/Omeer tokko
B. Kiiloo sadii fi walakkaa
C. Gomoor/Omeer sadii
D. A fi B
E. Hunda

21. Yeroo Israa'eloonni Amaaleqota wajjin wal lolan, Israa'eloonni akka injifataniif/mo'ataniif harka Musee bitaa fi mirgaan ol kan qaban eenyuu fi eenyu?

A. Iyyaasuu fi Aaron
B. Aaron fi Hoor
C. Hoor fi Iyyaasuu
D. Yootoor fi Iyyaasuu
E. Iyyaares fi Iyyaanbares

22. Yeroo Waaqayyo biyya Gibtsiitti cabbii buusetti gosoota midhaanii keessaa kan osoo cabbiidhaan hin rukutamiin hafe kami?

A. Misira
B. Qamadii
C. Honborii/Aajjaa
D. Talbaa
E. Garbuu
F. B fi C
G. A fi D

23. Waaqayyo yeroo Musee gara Gibtsiitti erge maaliif karaa irratti isa ajjeesuuf ka'e?

A. Waan Museen ajejamee deemuu dideef
B. Waan Museen duraan namicha Gibtsii sana ajjeeseef
C. Waan Museen mucaa isaa dhaqna qabuu dhiiseef
D. Waan Museen haadha manaa isaa fi ijoollee isaa fudhee gara Gibtsii deemeef
E. A fi B
F. C fi D

24. Israa'eloonni akka Gibtsii ba'aniin yeroo jalqabaatiif bakki isaan buufatan maal jedhama?

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

25 Oct, 16:02


Kunoo👇👇👇

Warri bilbilli keessan pdf isiniif hin dubbifne yoo jiraattan natti himaa, word dhaan isiniif maxxansa!

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

25 Oct, 12:41


Har'i jimaata!

Of hin dagatiinaa jechuumaafi😂

Filannoo qofaadha! Gaaffii 25 pdf dhaan🙏

Galgala sa'aatii 1:00🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

25 Oct, 06:35


Sirna jireenyaa(33)

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa👇👇


https://telegra.ph/Sirna-jireenyaa33-10-25

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

24 Oct, 10:11


Yaalaafii🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

24 Oct, 10:11


Akkami jirtan Barsiisaa Gaaffii qaba mee naaf deebisaa
1) Addaam lafarraa iddoo eldas jedhamutti uumamee guyyaa 40tti gannata gale jedhama, gannatticha keessatti immoo uumatoota hundaaf Abbaa ta'ee ture ,Addaam gannataa erga bahee uumamtoonni kaannis aadam wajjin bahanii?
2)Gaannanni samiiwwan torban keessaa samii isa kam irratti argama moo eessatti argama?
3 Adaama 40tt, Hewaan immoo 80tti gannata galan, Maaliif Adda adda galan?
4 )erga doggonggoranii booda waaqayyoo 5 fi walakkaattin dhala dhala keerraa dhaladhee si fayyisa kan jedhe kitaaba kam irraa arganna?

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

17 Oct, 16:14


Yeroo gaaffii.

Kutaa kitaaba qulqulluu har'a akka dubbifnuuf maxxanfame dubbiftaniittuu?🤔

Yoo hin dubbifne ta'e dubbisaa🙏

Yoo dubbiftaniittu ta'e immoo, amma yeroon yeroo gaaffiiti waan ta'eef;

Yeroo kanatti waa sadii raawwachuu dandeessu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa gaaffii waliif baaftanii wal madaaluu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan hubattan gabaabsitanii asirratti waliif ibsuu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan ifa isiniif hin taane gaafachuu!

Itti fufaa🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

17 Oct, 08:17


Hamma namaa kabaja dhabuu(2)

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa🙏


https://telegra.ph/Hamma-namaa-kabaja-dhabuu2-10-17

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

16 Oct, 16:11


Yeroo gaaffii.

Kutaa kitaaba qulqulluu har'a akka dubbifnuuf maxxanfame dubbiftaniittuu?🤔

Yoo hin dubbifne ta'e dubbisaa🙏

Yoo dubbiftaniittu ta'e immoo, amma yeroon yeroo gaaffiiti waan ta'eef;

Yeroo kanatti waa sadii raawwachuu dandeessu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa gaaffii waliif baaftanii wal madaaluu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan hubattan gabaabsitanii asirratti waliif ibsuu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan ifa isiniif hin taane gaafachuu!

Itti fufaa🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

16 Oct, 07:23


Hamma namaa kabaja dhabuu(1)

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa🙏



https://telegra.ph/Hamma-namaa-kabaja-dhabuu1-10-16

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

15 Oct, 16:13


Yeroo gaaffii.

Kutaa kitaaba qulqulluu har'a akka dubbifnuuf maxxanfame dubbiftaniittuu?🤔

Yoo hin dubbifne ta'e dubbisaa🙏

Yoo dubbiftaniittu ta'e immoo, amma yeroon yeroo gaaffiiti waan ta'eef;

Yeroo kanatti waa sadii raawwachuu dandeessu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa gaaffii waliif baaftanii wal madaaluu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan hubattan gabaabsitanii asirratti waliif ibsuu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan ifa isiniif hin taane gaafachuu!

Itti fufaa🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

14 Oct, 16:02


Yeroo gaaffii.

Kutaa kitaaba qulqulluu har'a akka dubbifnuuf maxxanfame dubbiftaniittuu?🤔

Yoo hin dubbifne ta'e dubbisaa🙏

Yoo dubbiftaniittu ta'e immoo, amma yeroon yeroo gaaffiiti waan ta'eef;

Yeroo kanatti waa sadii raawwachuu dandeessu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa gaaffii waliif baaftanii wal madaaluu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan hubattan gabaabsitanii asirratti waliif ibsuu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan ifa isiniif hin taane gaafachuu!

Itti fufaa🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

14 Oct, 15:41


Bitootessi 5 Guyyaa Abbaa-Gebre-Menfes Qidduus (Aabboo) itti boqotaniidha

Join : @abdiimaariyaamiifinjira

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

14 Oct, 07:32


"Kunoo Yeroon Jaallatame Amma dha."

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa👇


https://telegra.ph/Kunoo-yeroon-jaallatame-amma-10-14

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

13 Oct, 16:06


Yeroo gaaffiiti.

Yeroo kanatti waa sadii raawwachuu dandeessu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa gaaffii waliif baaftanii wal madaaluu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan hubattan gabaabsitanii asirratti waliif ibsuu.

*. Kutaa kitaaba qulqulluu har'a dubbifame keessaa waan ifa isiniif hin taane gaafachuu!

Itti fufaa🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

12 Oct, 15:57


"Sagantaa dubbisa kitaaba qulqulluu"

Amma yeroo gaaffiitii!

Namoonni dubbiftan gaaffii baasuu dandeessu. Akkasumas yeroo dubbiftan wanti ifa isiniif hin taane yoo jiraate gaafachuu dandeessu🙏

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

12 Oct, 09:58


Sirna jireenyaa(31)

"INSTANT VIEW" kn jettu tuquun seenaa dubbisaa!

Channel kanaaf haaraa kan taatanis asumaan join godhaa hordofaa🥰


https://telegra.ph/Sirna-jireenyaa31-10-12

Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa

11 Oct, 12:56


"Kitaaba kana nyaadhu" Hiz. 3:1

Kottaa dhaloota dubbisu haa horruu!
Kottaa kitaaba jireenyaa waliin wal baraa!

"Karoora kitaaba qulqulluu duubbisuu(The project of reading Bible)" jedhu, kan yeroo darbe isin gaafanne irratti hedduun keessan fedhii akka qabdan nu beeksiftaniittu. Kanaafuu, bor (Onkoloolessa 2, 2017) irraa eegallee Seera Uumamaa itti haa fufnu. Guyyaatti Boqonnaa 5 dubbifna. Fkn bor Seera Uumamaa Boqonnaa 1 hanga Boqonnaa 5tti dubbifna jechuudha.

Namn sagantaa kana hirmaatu qabxiiwwan kurnan armaan gadii hordofuu qaba.👇

1. Kitaabni qulqulluun afuura qulqulluudhaan waan barreeffameef, yeroo dubbifnu kadhannaa godhannee sodaadhaan dubbisuu, akkasumas akka hubannutti suuta dubbisuu.

2. Erga dubbisnee booda guyyaa guyyaatti galgala sa'aatii 1:00 irraa eegallee, kutaa kitaaba qulqulluu dubbifne sana keessaa gaaffii wal gaafachuu.

3. Kutaa kitaaba qulqulluu tokko guutummaa isaa dubbifnee erga xumurreen booda(fknf:- Seera uumamaa dubbifnee erga xumurreen booda) gaafii kudhan kudhan baafnee wal madaaluu.

4. Erga dubbisuu jalqabneen booda, namni akka adda hin kunneef wal jajjabeessuu/wal gorsuu fi wal kakaasuu, haamilee waliif ta'uu.

5. Yeroo dubbifnu, kutaa kitaaba qulqulluu keessaa bakka ifa nuuf hin taane yaadannootti qabachuudhaan barsiisota gaafachuu.

6. Kitaaba qulqulluu dubbisuuf subaa'ee galuu yoo baannellee, kitaaba qulqulluu dubbisuuf waadaa ofiif gallee hanga xumurrutti dubbisuu.

7. Sagaleen Waaqayyoo qajeelchaa jireenya keenyaa waan ta'eef, yeroo dubbifnu waan hubanne tokko gara jireenyaatti osoo jijjiirree gaariidha.

8. Qabxii lakkoofsa 1ffaa irratti akkuma caqasne kitaabni qulqulluun, Afuura qulqulluudhaan waan barreeffameef nu eebbisa. Kanaafuu, hammam yoo beeknellee irra deddeebinee yoo dubbifne gaariidha.

9. Torbanitti guyyaa tokko(jimaata galgala), gaaffii barsiisotni nuuf baasan hojjechuu.

10. Namootni erga nuti jalqabnee booda walakkaatti dhufan yoo jiraatan, jalqabaa eegalanii dubbisanii nu haa qaqqabani. Ykn immoo bakkuma nuti jirruu eegalanii nu waliin dubbisanii, yeroo xumurru immoo isa isaan darbe deebi'anii haa dubbisani.


Hub:- Barreeffamni "Sirna jireenyaa" jedhuu fi maxxansoonni tokko tokkos ittuma fufu, wal cina deemsifna jechuudha.🙏

Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(BTH)