Fataawaa NuuralHudaa @nuralhudaahukm Channel on Telegram

Fataawaa NuuralHudaa

@nuralhudaahukm


■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Fataawaa NuuralHudaa (Amharic)

ፋታዋና ኑራልሁዳ፡ ማንኛውም አካባቢ ነው፡፡ እንዴት ምንድነው ነው፡፡ 'Fataawaa NuuralHudaa' ብቻ ቡድንና በልጅነት በመታየቱ ከሳምንቱ ጀምሮ መዳረስ እስከ አራት ሰዓት አብራ እንደ ሰፊው በመምጣቱ መኖሪያ የለሽን ተያይዞ ከኈን ተዘጋጅቷል፡፡ 'Fataawaa NuuralHudaa' በሚከተለው ድምፅ እባካቹን ከሶማም ፏጭና እንዲሆነ በፋሲል በራሱ ስትጠብቁ እንዲሼፈኑ ላይታችጋል፡፡

Fataawaa NuuralHudaa

27 Dec, 05:53


262: Hawaasa waliin jiraachuuf jecha ajnabiyyaa harka fuudhuun ni tahaa?

Gaaffii: Nama ajnabii waliin mee akkam taana; gaafa biyyatti gallu rakkoo adda addaattu nu mudachutti jiraa maal taanaa manguddoon gariin ka ollaa nutti jiganii nu dubbisuu fedhanii yoo nuti didnellee kunoo biyya alaatii dhufteef boontii baraa nuun jedhanii akkam taanaa?

Deebisaa: Waan abbootiiniif manguddootiin gandaa siin jedhan sodaattee waan Rabbiin siin jedhe hin cabsin. Wallaalummaan duratti biyatti ajnabiyyaan hin jiru siin jedhaa turanii amma Rabbi ija tee siif bane qalbii siif bane ajnabiyyaan ni jiraa shari’aa Rabbii irraa argattee barattee warra wallaale waliin wanni deebitee walitti qixxooftuuf hin jiru. Kanaafuu boonaa mitii shari’ama Rabbiittu dhoowwee dhiifamaa jedhiinii harka kee maradhuu irraa achi garagali; namni humnaan harka kee qabee si dhungatu hin jiru. Yookaan irraa hijaabadhu, obboleessaaf obboleettiin tantee isiin ajnabiyyaa hin tuqxu jedhanii dura irraahuu siif haa himanii.

Sheik Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

27 Dec, 05:53


261: Salaata keessa du'aa'ii Afaan arabaatiin alatti godhuun akkami?

Gaaffii: Yoo salaata kophaa kiyya salaatu keessatti du’aa’ii afaan oromootiin godhadhe akkamii namni tokkoo na wajjiin salaatutti hin jiruu?

Deebisaa: Kophaa kee salaatte moo namaan wajji salaattee afaan Arabaa malee du’aa’iin ta afaan Oromoo afaan Inglishii takkallee hin hayyamamtu. Du’aa’ii salaata keessaa yoo Rabbanaa atinaafi duniyaa hasanatan wafil aakiratan hasanatan waqinaa azaabannaar yoo jette humaa hin hambifnee beeki. Ka keeyrii aakiraaf duniyaa hunda argatte.

Sheik Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

27 Dec, 05:52


260: Intala maatiin isii cufti Islaama hin tahin eenyutu Nikaha godhaaf?

Gaaffii: Intalti takka yoo islaamte ka maatiin isii cufti islaama hin ta’in eenyutu nikaya isii godha? Gurbaa tokko fuudhuu feetii, abbaani isii ka kiristaanaa sunilleen islamummaa isii irraa hammeenya hin qabuu nikaha godhuu ni danda’aa?

Deebisaa: Eega inni islaama hin ta’in Nikaha godhuu hin danda’u, waliyyii isiillee ta’uu hin danda’u abbaan sun. Kanaafuu nama qaadii bira haa dhaqxuu qaaditu nikaha isiidhaa godhuu danda’a.

Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

16 Dec, 08:56


259: Wudu'atanii qaama dhiqachuun rakkoo ni qabaa?

Gaaffii: Yeroo qaama dhiqannu dura wudu’atanii qaama dhiqatan jechutu jiraa; yeroo qaama dhiqatan kana ammoo namni saala ufiitti bubbu’aa saalli kunis yeroo namni samunaan diqatuu qaamni saalaa nama garii ufirraa dadammaqaa yoo akkasii wudu’uni nama sani ni bada moo wudu’uni sun wudu’a sirriitii?

Deebisaa: Rakkoo hin qabu Rasuulli Rabbii ﷺ wudu’ateetuma janaabaallee dhiqataa, wudu’ateetuma qaama isaallee dhiqata. Kanaafuu wudu’atanii qaama dhiqachuun rakkoo hin qabuu wanni wudu’a cabsaa tokkolleen hin jiru inshaa Allaah.

Namtichillee dhufee Rasuula gaafatee ﷺ qaama kiyya yoo harkaan itti bu’e akkamii jedhe. Maal yoo miila keetti buute maal taata jedheen Rasuulli ﷺ hin cabu jechu. Garuu yoo abbaan ufii isaatii beekaa uf taphachiisee qaamuma isaatti niyyatee uf taphachiisee jedhe sun baaba biraatii wudu’a ni cabsa.

Sheik Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

16 Dec, 08:56


258: Dhiiraa fi dubartii ollaa keessatti walitti makamanii buna dhuguun shari'atti akkami?

Gaaffii: Warri tokko ollaa keenya; walitti laaqamanii dhiiraaf dubartiidhaan namuu dubartii isaa fudhatee dhaqee buna waliin dhuganii ollatti nullee nu yaamanii; mee wanni akkanaa akkami?

Deebisaa: Shari’aa keessatti hin ta’u; dhiiraaf dubartiin walitti laaqamtee namuu taa’ee akkanumatti fuula keessa wal ilaaluu shari’aan hin hayyamu. Kanaafuu irraa fagaachutu isaan barbaachisa.

Sheik Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

13 Dec, 04:39


257: Akka Rabbi ilmoo namaa kennu Salaata nazrii ufirra kaahuun akkami?

Gaafii: Akka Rabbi ilmoo naa kennuuf jecha salaata tirfii ufirratti qodhaa godhee, salaata ufitti nazare kana eegasii qalbiin na waswaastee sodaadhee dhiisuu barbaadee akkamii shari’aan maal naan jetti. Ziyaadaa salaata Rabbii irratti fiduu kiyyaaf qalbiin na waswaasee akkamiin godhaa.

Deebisaa: Yoo ka yeroo tokko raka’aa lama salaattee ka Rabbiin yaa Rabbi ilmoo na kenni ka jettu taate kun waa takka shari’atti rakkoo hin qabu kadhachuu dandeetta. Garuu yoo Rabbi ilmoo naa kenne salaanni akkanaa umrii kiyya narra haa jiraatu jette waan hin dandeenye ufirra kaahuu shari’aan dhoowwee jira. Yeroma takkattii salaattee ka hafe toowbaa Rabbitti deebita.

Sheik Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

13 Dec, 04:39


256: Namni Zakaatul Fixrii hin baasin soomanni isaa akkami?

Gaafii: Fixirii amata lamaa ani ufirraa hin baafnee waan obboleessi kiyya narraa baase sehee ani ufirraa hin baafnee amma maaltu narra jiraa?

Deebisaa: Namni fxrii hin baasin soomni isaa hir’uudhaa jechuudhatu jira. Amata lamaan booda yaadatte kanallee baasi soomni kee siif haa guutamuu.

Sheik Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

06 Dec, 04:41


255: Salaata keessa yoo imaamni dogongore namni itti hidhate akkam godhuu qaba?

Gaafii: Nama imaamaattu salaata maghriibaa irraanfatee nutilleen booda dhufnee itti guuttannee raka’aa duraa ta nu dabarte. Yoo inni sujuudussahwii bu’u isaan wajjiin sujuudussawhii buuna moo akkam goonaa?

Deebisaa: Namni imaamatti hidhate waan imaamni godhu isaan wajjiin godhuu qaba. Yoo ka salaanni ati kaatee itti guutattu jiraatellee sujuudussahawhii isumaan waliin buutee hoggaa inni salaamtaa baafate kaatee itti guutatta.

Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

06 Dec, 04:39


254: Rahiima waldhabaniin yoo araaramuun dadhabame Soomanni akkami?

Gaafii: Obboleessa kiyya tokko waa xiqqoo irratti yeroo dheraadhaaf waldhabnee amma isallee argutti hin jiru Ramadaanillee dhufee nu bira dabrutti jiraa isallee itti dhaquu hin danda’uu dhiifama gaafachuudhaaf Ramadaanni kiyya akkam ta’a?

Deebisaa: Ramadaan kee Rabbi siif taqabbala inshaa Allaah. Obboleessi kankee yoo nama sirraa gaafatamaa ta’e, ka itti gaafatama kee harkaa qabu ka ati amrii isaa didde taate dilii guddoo keessa jirta. Yoo obboleeyumamaaf abbaallee ni qabdaa namni isarra guddaallee ni jiranii waldhabuma xiqqoodhaaf taatu taate ati telefoonaanis taanaan miseejaanis taanan dhiifama gaafadhu.

Sheikh Alii Jimma🎵

Fataawaa NuuralHudaa

23 Oct, 20:05


250: Namni tokko haqqii tiyyaa yoo nadhoorkate horii isaa nabira jiru irraa hambifachuu danda'aa?

Gaafii: Nama tokko bira dalageetiin horii na dhoowwatanii horii ani isaan bira kaayadhe. Ammoo horiin isaanii waan na bira jiruuf horima isaanii ka jarri na bira kaayee deeme kana keessaa horii tiyya fudhadhee, horii kana fudhachuun haqqii isaanii balleesse na jechisiisa moo akkam?

Deebisaa: Yoo namni tokko haqqii kankee fuudhee ka siif hin kennine taate ka isin horii isaa karaa biraatiin fudhattan taate hanga horii keessanii hanga Rabbiin isin quba qabu qofa keessaa fudhachuu ni dandeessa. Yoo garuu deebi’anii herreeganii hattuudha siin jedhanii maqaa keetis maqaa Islaama ka balleessan taate ufumarraa eeggachutu gaariidha.

Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

23 Oct, 20:04


249: Intalti takka heerumtee dubrummaa yoo hin qabaannee kan fuudhe maal godhuu danda'a?

Gaafii: Intalti takka yoo isiin heerumte dubraa mitii jedhan abbaan manaa, dhiiraan wajjiin turte jedhanii waa heddu irratti oofani. Dubartoota qofaa mitii abbaa mana kanaa isarraa nama waa himu hin agarree innillee yoo dubartii fedheen waliin deemee ka’ee intala dubraa fuudhe atuu dubraa mitii jechuuniin takkaa hin dhagayamnee sila zulmiin akkanaa dubartima qofa irratti deema moo abbaa manaa sunillee akka dubartii biraatiin wajji deemeef akka inni dhugumaanuu dubartii hin argin akkamitti beeynaa?

Deebisaa: Dhugaadha dubri waan irraa badutu jira yeroo hedduu. Kanaaf abbaan manaa sun intala dubraa irratti waa hima. Yoo ka dhugaan Rabbi sodaatee yoo dhugumaan waa badaniif yoo mallattoon jiru zamana ammaa waan ittiin hubatanii laalan heddutu jiraa yoo sanaan beekuu danda’e haqqii isaatii horii guddaa itti baasee dubra jedheetiin namni tokko hin tuqne jedhee horii itti baasee maqaa kanaan fuudhe. Kanaaf yeroo hedduu dhiirri wanni inni dubraafii dubraa mitii gaafatuuf sababaan tana.

Yoo isiilleen seera keeyyattee namtichillee akka inni nama haraama takkaa hin seenin ta’u taate nin heerumaan yoo jiraatte isiinillee isarraa haqqii kana qabdi eeggachuudha qaba. Yeroo hedduu waan dhiirri dubra barbaadee dubra fuudhuuf yookii gursummeetti jedhanii gursummeettii fuudhuuf filmaanni isa bira jira jechuudha malee namtichii yoo dhaqeetiin dubartii birootiin wajjiin waan hin taane dalage hin ta’aafii ka isaa namni isa hisaabu hin jiru jechaa miti. Kanaaf dhiirri kun yoo ka dubartii biraatiin wajji ka deemu taate Rabbi sodaachutu isarra jiraa kun amaanaa isaaf Rabbi jidduu jirtu.

Garuu ka dhiiraatiif ka dubraa wal too’achuu keessatti haala abbaan itti murteeffate. Dubra barbaadee fuudhuu isaa saniif dubrummaa isii himuufii dubrummaa dhabuudhaa himameef malee innillee gara biraa haa deddeemuu jechaa miti. Dhiirtichi takkaa dubartii argee hin beeynellee dubra jedhama. Dubri takkaa dhiira argitee hin beeynelleen dubra jedhamti. Qulqullinna Rabbiin isaanitti beeku santu laallamee maqaa saniin yaamamaa.

Kanafuu dubra ka jedhan dubartii qofaa mitii dhiirtichi takkaa haraama hin seenin takkaa dubartii biraa fuudhee hin beekin akkasuma dubra jedhama. Daliilli dubbii kanaa gaafa A’ishaan Kadiijaa guddoo tuttuqxee haasoftu, Faaxumadhaan jetti mucattii Rasuulaatiin “ maal haati tantee ta abbaan kankee guddoo dubbataa oolan tun tama nam meeqa irra babbaheetuma zihaare mitii “ jetteetiin cinaa babbaatee dubbatti haati teenya A’ishaan yeroo hedduu. Hogguu sani faaxumaan Sabrii dhabdee akka malee qalbii cabdee Haatii teenya A’ishaan yeroo hedduu akkas naan jettii aabboo jettee isiin abbatti himannaan; wamaa mitii intala tiyya abshiir jedhiinii yoo ani dubrummaan ani isii argachuun uf dhaadde haati tanteellee anaa dubraa na argattee jedhii itti himi jedheen Rasuulli Rabbii ﷺ qalbii Faaxumaa fayyisuuf.

Hogguu san Faaxumaan saniin ufirraa deebiftee eega sanii A’ishaanillee waan san takkaa hin deebifnee jechu. kana wanni irraa fudhanneef Haati tantee Khadiijaanilleen yoo an dhugaa hedduu isii faarsaa oolellee isiin anaa dubraa na argattee wanni isii gursummeettiif arrabsaniif hin jirtuu jechaa Rasuulli Rabbii Faaximaa fahamsiisee jechu. Yoo intalti takka yoo ka nama dhiiraa ka takkaa dubartii hin arginiin fuudhuu qaba jettee seera godhatte isiinillee karaa barbaaddeen nama sani hubachuun dirqama isiitii. Garuu yeroo hedduu dubartiin seera kana ta kaayattu hin jirreef namtichummaan qofti yoo isiin dubra taatellee dubra jedhee gammadee yoo isiin dubra hin ta’inis wanni waan kana jala deddeemaniif waan kanatu lafa jira.

Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

11 Oct, 04:32


246: Hajjii fi niyyadhee umraa yoo raawwadhe akkami?

Gaafii: Akkamitti hajjii godhaa, umraallee kana dura ramadaana keessa godhee turee, umraa an godhe sanillee maaltu narra jiraa hajjii niyyadhee bahee umratti jijjiiradhe.

Deebisaa: Hajjii niyyattee dhuftee iraamaan dhuftee taa’uu ni dandeessa. garuu ka irra siif laafaa amma fakkeenyaaf yoo guyya kudhan, kudha shan bahuu feete umraaf hajjii walitti niyyadhuu tamattu’aa jedhamaa qooda hajjii sadan keessaa tamattu’aa jedhamaa, tamattu’a kanatu irra jaalatamaadhaa, tamattu’a godhadhuu yoo hajjii niyyatteefii akkasuma yoo umraa qofa niyyattee dhuftellee hogguu Makkaa geessee Harama geesse umrattii jijjiradhuu umraa kankee fixadhuu, hogguu umraa irraa kaate uffata keetti deebi’ii warra makkaa ta’i.

Gaafa Zulhijjaan guyyaa saddeeti geessse warra Makkaatiin wajjiin Hajjii kankee niyyadhuutii gara Hajjii keetiitti dabri. Akkastu irra siif gaariidha tamattu’a jedhama Hajjiif umraallee akkasitti waliin godhuu dandeessa. ka duraan dabre ammoo wanni sirra jiru hin jiru inshaa Allaah.

Fataawaa NuuralHudaa

13 Sep, 18:52


245: Bismillaah yoo olqabanii jedhaniif yoo gad qabanii jedhan akkami?
 
Gaafii: Bismillaah yoo olqabanii jedhaniif yoo gad qabanii jedhan akkam?

Deebisaa: Lachuu ni jirti. Bismillaahii gad qabanii Alhamdulillaah rabbil aalamiiniin olqabuun ni jirti sunnaa Rasuula Rabbiiti ﷺ bismillaah olfuudhanii qara’uulleen rakkoo hin qabu namni gariin yoo olfuudhee qara’ellee salaanni kee bade hin jennuun numa hayyamama jechu.

 Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

13 Sep, 18:52


244: yoo salaatu saffii eeysa dhaabbadhaa?

Gaafii: Nama tokko wajjiin yoo salaatu saffii eeysa dhaabbadhaa?

Deebisaa: Yoo nama tokkoon waajjiin salaatte mirga isaa dhaabbadhu qaxi godhaa miila keessan lamaan wal qixxeessaatii qubaaf quba walitti manxansaa dhaabbadhaa. Akkamitti imaamaaf ma’amuuma namni yoo dhufe gargar beeka yoo jettan taatan, namoota lamaan waliqixxaawan saffii dhaabbatan keessaa namticha gara mirgaa jiru haa harkifatuu namtichi sadaffaa dhufe. Ka gara bitaa jiru sun imaama ta’utti haa beekuu

Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

13 Sep, 18:51


243: Abbaa kiyya irraa qabeenya akaakoo kiyyaa dhaalaan qoodamuu ni danda'aa?

Gaafii: Yoo akaakayyuun kiyya horii inni dhiisee deeme abbaa kiyya wajjiin naa dhaame shari’aan maal qabdi? Akiyyatu na guddifatee, akaakayyuun kiyya hogguu deemuuf deemu abbaa kiyya waamee horii kiyya kana gurbaa an akaakayyuu ta’uuf kana hin rakkisin hin dhiibin horii kiyya isin lachuufuu adda qoodee jiraa sillee ni dhalee kanallee ni guddifadhee jedhee akaakayyuun kiyya akkasitti horii nuuf qoodee abbaan kiyya garuu sanirraa gammachuu hin qabuu, garuu dirqama abbaa isaa itti taanaan horii isaa san ani irraa qooddadhee akkanatti jirraa ammaan tana maaltu malaa?

Deebisaa: Yoo akaakoon kankee yeroo du’aa deemu sani dhaamsa akkasitti dhaammate taate hin taatu. Dhaamsi isaa sun guutamuu hin qabdu. Maaliif jennaan wasiyyaan zulmiidhaa, dhaala Rabbiin samii torbaa olii qoodee ebalu hagana haa fudhatuu, ebalu hagana haa fudhatuu jedhee Rabbi qoodee lafa kaa’e namni tokkollee yeroo du’uu ka’e waa dhaammachuun isarra hin jiru hadiisattillee dhoowwadha.

Wanni inni dhaammachuu danda’u horii isaa bakka sadi keessaa bakka tokko qofa dhaamsa itti godhachuu danda’a. Ka kafanaa isaa, ka deeynii isarraa baasan, ka sadaqaa isaa yoo tokko sadaffaa san keessaa waa dhaammate malee horii isaa walitti qabee ebaluu hagana kennaa ebaluu hagana kennaan shari’aa Rabbii keessa hin jirtu. Kanaafuu akka abbaan kankee sirraa jaalatu godhii ati.

Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

29 Aug, 05:17


242: nama ilmoo hin qabne eennutu dhaala?

Gaafii: Yoo namni tokko ilmoo hin qabne, ka horii isaa nama isa dhaalu hin qabne horii isaa akkam godha?

Deebisaa: Yoo biyyi biyya islaamaa ta’e baankii islaamaatti kenna. Yoo nama inumaa isatti dhiyaatu hin qabne taate nama aalimaa ka biyya sani jirutu horii isaa san akkam godhaa isa fatwaa gaafachutu isarra jira. Yoo sadaqaa godheef taanaan, yoo masjiidaan ijaaree waqfii godheef taanaan aalima olla san jirutu ka akka abbaa isaa isaa ta’u santu horii isaa san bakka itti godhuufii qaba.

Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

29 Aug, 05:17


241:

Fataawaa NuuralHudaa

29 Aug, 05:16


239: Haqqisuun Soomana ni balleessaa?

Gaafii: Yoo eega soomaaf nyaadhee boodaa garaan na dhukkubee haqqeen na qabatee ji’a ramadaana ka na dhukkubee jennaan harkumaanuu ufirraa haqqisiise taatuu ka ufiin haqqisaan na qabatte taatuu soomni kiyya sun akkamii?

Deebisaa: Yoo si dhukkubee haqqisaan dirqiin ufumaa sirraa dhufe soomni kee hin badu yoo harkaan ufirraa baafte ammoo soomni kee ni bada. Daliila hadiisaattu jira ka Rasuulli Rabbii ﷺ agarsiisan jechu.

Sheikh Alii Jimmaa

Fataawaa NuuralHudaa

15 Jul, 05:51


238: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa?

Gaafii: Yoo warra kiyya waliin rafee itti qanani’ee ka an osoo hin dhiqatin natti azaaname janaabaa sani ittumaanin salaata moo ni dhiqadha?

Deebisaa: Janaabaadhaan salaatuun hin jiru sitti azaanamee azaanamuu baatee janaabaa ufirraa buusanii seera isaa hunda guuttatanii, eega istinjaa godhanii booda wudu’ataanii, gara mirgaatti bishaan buufatanii, eegasii qaama ufii hunda bishaan waliiniin gahanii haga qeensaaf rifeensaan baatuu waliin gahanii dhiqatanii ka’anii salaatan. Azaanamee azaanamuu baatee janaabaan namarraa ba’u malee hin ta’u ka dhiiraatis ka dubartiitis jechu

Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

15 Jul, 05:48


237: Nikahaan fagootti telefoonaan ni tahaa?

Gaafii: Yoo namni tokko biyyarraa kaadhimaaf yoo na barbaade ka nuti gargar jirruu telefoonaanillee nikaha wal hidhachuun ni ta’aa jedhee ka inni haasawu yoo taate, an ammoo biyya dhufee wal arginee wal hubannee kaanee haa nuu ta’uu ka ani jedhe, ka inni tattaaffatee daliila wayii natti barbaadee akkam jedheetiin ufirraa isa amansiisaa?

Deebisaa: Wal argaan biyyatti wal arganiif ka ammaan tana maatiin walbeekee ijoolleen biyyaa walbeekanaii diinii qabaachuu isaa, iimaana qabaachuu isaa, footoo isaa gartee qaama guutuu gartee ka fayyaan isaa guutuudhaa ta’uu argitee yoo itti gammadde rakkoo hin qabu sun isin lamaanitti hidhaa qabdi.

Yoo isin lamaan gammachuu qabaattan fageenyi jiraachuuf nikaahan rakkoo hin qabu telefoonaanis nikaha walgodhachuunis numa ta’aa jechuudha. Walitti dhihaatanis sun irra caalaadhaa rakkoo hin qabu. Biyya dhaqee nikaha godhadha jechuun kankee yoo ka mahrama malee karaa kophaa deemtu taate, nikaha godhattee yoo danda’e inni bikka ati jirtutti sitti dhufee mahrama argattee galuudhatu irra sii jira malee kophaa karaa deemuun gaarii miti.

Ammoo yoo daruuraan dubartiin gara biyya abbaa warraa galuu taanaan, yooka biyya kaafiraa irraa godaanuu taanaan gala isii yeroo takkatti galtu daruuraadhaaf ulamaan hayyamanii jiran. Garuu wanni irra siif jiru bakkuma jirtutti nikaha sii godhanii halaala kankee argattee mahrama kankeetiin wajjiin galutu sirra jira. Haala fuudhaa heerumaa keessatti nikahan fagoottis nima ta’a jechudha.

Sheikh Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

15 Jul, 05:48


236: Dubartiin eega hiikamtee booda herumuuf hangam turutu isii irra jira?

Gaafii: Intalti yoo uf hiikte; abbaan manaa hiikuu didee jeennaan ka uf hiiktu yoo taate, yoom heerumuun isiidhaa isiidhaaf malaa?

Deebisaa: Dubartiin takka yoo hiikkaa tartiibaatiin hiikamte Rabbiin akkuma qur’aanaan dubbatetti dhiiga sadi argiteeti irraa qulqullooftee kaatee iddaa isii fixattee heerumti. Yoo abbaan manaa irraa du’e ji’a afuriif guyyaa 10 teessee gufufa fixattee heerumti. Hikmaan Rabbiin waan kana dubbateef akka garaa keessa waa jiraniif haqqiin nama kanaa nama birootti akka hin dabarreef haga isiin gargar baatuuf haga ulfi beekamuuf yoo ka jiraatu taate saniif Rabbiin akkas godhe.

Sheik  Alii Jimmaa🎵

Fataawaa NuuralHudaa

15 Jul, 05:47


235: sujuuda irraanfachuun akkam?

Gaafii:  Namni tokko sujuuda tokko irraanfatee yoo irraa ol ka’e, eega ol ka’ee ammoo yoo yaadate maal godhuu qabaa?

Deebisaa:   Waa hunda dura wanni nuti beekuu qabnu salaata keessa waa lamaatu jira. Rukniifii waajibaatatu jira. Waajibaatni saddeeti, waa saddeeti keessa yoo waa keessaa dhiifte salaanni kee akka sirraa hin banne ka godhu Sujuudassahwii;  osoo hin salaammanneen duratti sujuuda lama.

Yoo wanni ati dhiifte ruknii taate, rukniin salaata keessatti waa kudha afurii kudha afran keessaa ta dhiifte san yoo deebitee fuute malee salaanni kee bade. Sujuuda lammeessaadhaa yoo dhiifte gad deebitee teessee sujuuda san sujuuddee olkaatee aakhira salaata sanii irratti Sujuudassahwii lama sujuuddee salaammachuu qabda.

Yee eega salaammattee yaadatte sujuuda dhiifte san akka ulamaa’iin murtii godhanitti raka’aa zaa’idaa jedhaaniiti fakkeenyaaf salaanni kee afuri takkaahu sadi oluma kaatee raka’a biraa haarawa tokko Allaahu Akbar jettee raka’aa tokko haarawaan dhuftee Faatihaa qaraatee rukuu’a gootee sujuuda lamaan walitti dhaabdee sujuuddee achi boodaan attaahiyyaata teessee osoo hin salaammanne Sujuudassahwii ufirraa sujuuddee salaammatta. Sujuudassahwiin bakka rukniidhaa hin dhaabbattu waa lamaan kana addaan baradhaa.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵

Fataawaa NuuralHudaa

15 Jul, 05:46


234: Namni maatiin ijoollummaan hin qaraasisin dilii isaatiif akkamitti toowbata/eenyutu itti gaafatama?

Gaafii:  Abbaa kiyya anaa ijoollee ka ufi hin beeyne addunyaa tanarraa du’ee garuu humaa na hin barsiifne, ani ammoo humaa hin beekuu waan hin qara’iniif akkamitti toowbadha?

Deebisaa:   Abbaan kankee si’ii ijoollee sirraa du’ee osoo jiraateeyyuu maal si qaraasisa mee? Waa si barsiisuun amatuma torba booda. Keessahuu amatuma 10 booda. Wanni ijoolummatti nama barsiisan takkalleen hin jirtu, wanni uf sigaaltullee hin jirtu, eega ballagdee boodatti waa barachuun simarratti waajiba. Eega ballagdee boodatti yoo badiin sirra jiraatte abbaa kiyyatu na nin barsiisin jechuun dogongoraa badii dalagdeef sumatu toowbata.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵

Fataawaa NuuralHudaa

03 Jan, 04:27


233: Intala eega butanii zinaa irratti dalaganii booda Nikahaan ni tahaa?

Gaafii:  Gaaf tokko na butanii ganda gurbaa na geessanii achitti gurbaan hamtuu natti dalage, warri keenyas dafaniillee na hin dhaqbnee nallee hin barbaannee. Garuu akka aadaatti wajjiin haasawanii hamtuu natti dalages na hin gaafanne nikahuma qofa irra buusanii, nikaahan kun akkami?

Deebisaa:   Yaa gabritti Rabbii wanni gaafachuun sirra jiru gurbaan tokko akkanatti zinaa natti dalagee badii tiyya sanirraa akkamitti toowbadha jechuu gaafachutu sirra ture. Ta duraatii sirratti baditu jira. Gurbaa irrattillee badiitu jira. Toowbaan teessan osoo hukmiin shari’aa jiraattee xiilaa dhibba dhibba dhukkee isin irraa kaasanii amata tokko biyyarraa isin baasu. Waan hukmiin shari’aa akkasitti hin jirreef jecha bakka jirtanitti toowbaa qulqullii toowbachuudha. Achi boodaan nikaha haarawatti isin godhuudha. Isinii zinaa walitti godhee jiruu nikahaan keessan fayyaa hin ta’u.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵

Fataawaa NuuralHudaa

03 Jan, 04:27


232: Maatiin intala dubraa wallaalaan biyya irraa baasan dilii isaanii saniif maal godhuu qaban?

Gaafii:  Biyyarraa bahuun jaarsi koo na baasuu, abbaan koo na baasuu ufii uf baasuu dogongora ta’uu uf beeke ammoo toowbaa kootiif biyyatti deebi’ee toowbaadhee heerumuu fedha warren keenya ka nu baasan kana hoo maaltu isaan irra jira?

Deebisaa:   Eega dogongora ufitti beeytee ka heerumtu taatee Rabbiin toowbaa teellee sirraa haa qeebalu keeyruma dalagde. Ammoo warra keessan kan gaafa duraa waan kanarratti si gargaare wanni isaan irratti jiru Yaa Rabbi waan dogongoraan dalagne dhiifama nuuf godhi jedhanii Rabbii isaanii qofa araarama kadhachuudha malee kaffaaraan woyiituu isaan irra hin jirtu.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵

Fataawaa NuuralHudaa

03 Jan, 04:27


231: Qabrii akkamitti salaamatna?

Gaafii:  Namni kun hoggaa qabrii bira dhaqe warra qabrii keessa jiran irratti salaammataa; namni nama keessaa qabu nama san maqaa ni dhaha moo akkamii?

Deebisaa:   Akka Nabiin keenya lafa nuuf kaayetti, qabrii bira hoggaa dhaqan yoo dhiira ta’e keessa seenee abbaaf haatillee yoo keessa jiraatan walumatti qabanii salaammatan. Yoo qabrii abbaa kiyyaa jedhee ka dhaqu ta’e silaahuu dhalaan achi dhaquu hin danda’uu nama san bira dhaqee Assalaamu aalyekum tanuma jedha. Ammoo salaata salaatuu yoo fedhe fa’a qabri san bira dhaqee irratti salaatuu ni danda’a waan dhiira ta’een. Ammoo dhalaan osoo makiinaan deeman yookaa miilaan deeman qabrii sani cinaa yoo dhufan karaatu irra baasee rakkoon takkallee hin jirtuu garuu nama achi keessa jiru sani maqaa dhahuun hin barbaachisu.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵