ETV AFAAN OROMOO @etvzenaafaanoromoo Channel on Telegram

ETV AFAAN OROMOO

@etvzenaafaanoromoo


Etv zena57 (Afaan oromoo)ใ€Š๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡นใ€‹
https://t.me/etvzenaAfaanOromoo
https://t.me/ETVzenaSPORT
https://t.me/wwetvzena1
https://t.me/ETVSPORTGole

ETV AFAAN OROMOO (English)

Are you looking for a channel that offers news and entertainment in Afaan Oromoo? Look no further than ETV Afaan Oromoo! This Telegram channel, also known as Etv zena57, provides a platform for Oromo-speaking people to stay updated on the latest news, sports, and entertainment. With links to other channels like ETVzenaSPORT and ETVSPORTGole, you'll have access to a wide range of content to suit your interests. Whether you're interested in current events, sports updates, or entertainment news, ETV Afaan Oromoo has got you covered. Join the community today by visiting https://t.me/etvzenaAfaanOromoo and start exploring all that this channel has to offer. Stay connected and informed with ETV Afaan Oromoo!

ETV AFAAN OROMOO

28 Aug, 18:17


Bunni Itoophiyaa kiiloon tokko doolaara 980.64 (birrii kuma 102 oliin) gurgurame

Dorgommii buna dhamdhama addaa sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffame irratti Buna Itoophiyaa kiiloon tokko caalbaasiidhaan doolaara 980.64 (birri kuma 102 oliin) gurguramuu ibsame.

Akka odeeffannoon Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii irraa argame mulโ€™isutti, dorgommiin dhamdhama buna baranaa Itoophiyaa keessatti yeroo 4ffaaf sagantaalee garagaraan jiโ€™oottan torbaaf gaggeeffamaa tureera.

Abbaan Taayiticha dorgommii bara 2024 Itoophiyaatti gaggeeffame kana irratti gatii caalbaasii โ€œseena qabeessa ta'e argamuu ibseera.

Adeemsa caalbaasii gama onlaayiniin gaggeeffame irratti buna dorgommitti dhiyaataniif gatii adda addaa 4870 dhiyaachuus eere. 

Haaluma kanaanis, Bunni kiiloo tokko doolaara 980.64 ykn birrii kuma 102 ol gurguramuu beeksiseera. "Gatiin kunis dorgommiiwwan hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti gaggeeffamanii fi madaalliiwwan birootin olaanaa ta'uun galmaa'eera," jedhe.

Abbaan Taayitichi gosni bunaa doolaara 980.64 gurguramee kun kutaa biyyattii kamirraa kan dhiyaate akka taโ€™e hin ibsine. #AS
https://t.me/etvzenaAfaanOromoo

ETV AFAAN OROMOO

28 Aug, 18:06


https://t.me/etvzenaAfaanOromoo

ETV AFAAN OROMOO

28 Aug, 18:06


https://t.me/wwetvzena1

ETV AFAAN OROMOO

28 Aug, 18:06


https://t.me/ETVzenaSPORT

ETV AFAAN OROMOO

28 Aug, 18:06


https://t.me/ETVSPORTGole

ETV AFAAN OROMOO

26 Aug, 18:33


#Gondar

Sigiga lafaa muudateen lubbuun namoota 23 darbeera.

Naannoo Amaaraa, Godina Gondar Kaabaa aanaalee 3 keessatti sigiga lafaa guyyaa lama dura muudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 23 darbeera.

Lakkoofsi namoota miidhaan irra gahee 8 gaheera.

Walumaagalatti lakkoofsi namoota qe'ee isaa irraa buqqa'ee kuma 2 fi 700 ol ta'eera.

Balaan kun kan mudate gandoota baadiyyaa 11 godina kanaa aanaalee Xaalamit, Jaanamoora, Adi-Arqayinaa fi Yadda keessattidha.

(Komunikeeshinii Gondar Kaabaa)

ETV AFAAN OROMOO

26 Aug, 18:20


Namootni qajeelfamaa fi hojmaata aviyeeshinii cabsan 6 har'a mana murtiitti dhiyaataniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha ramaddii guyyaa har'aa tureen guyyoota dabalataa 14 Poolisiin Federaalaa Yohannis Daani'eel fa'a irratti gaafate bitaafi mirga dhaggeeffatun murtii kennuuf guyyaa boruu Hagayyaa 21, 2016 beellamee jira.

Shakkamtoonni kunneen karaa abukaatoo isaaniitiin mirga wabii gaafataniiru.

ETV AFAAN OROMOO

20 Apr, 18:19


Baqattootni Itiyoophiyaa 170 gara Yaman ce'uuf yaala turan Somaaleelaandiitti to'annoo jala ooluu isaani ibsame.

Miidiyaaleen Somalilaandii akka gabaasanitti, baqattoonni 170 seeraan alaa Itoophiyaa gara Yaman ceโ€™uuf yaalaa turan eegdota qarqara galaanaa Somaalilaandiitiin toโ€™annoo jala oolaniiru.

Baqattoonni kunneen gara biyya tasgabbii hin qabne kan biraa Yaman imaluuf qarqara galaanaa Isnaag Eyi'on irraa bidiruu guddaa utuu yaabbatanii jiran toโ€™annoo jala oolan. Baqattoota kanneen keessa dubartoonnis jiraachuu himameera.

ETV AFAAN OROMOO

16 Nov, 17:53


#YunivarsitiiWallaggaa

Yunivarsitiin wallaggaa barattootaf waamicha godhee jira.

๐Ÿ‘‰Barattootni haaraa sagantaa barnoota idileetiin (Freshman students) bara barnootaa 2016 A.L.Itti Yuunivarsiitii Wallaggaatti ramadamtan hundi guyyaan galmee keessanii #Sadaassa_17_fi_18/2016 A.L.Itti kaampaasii Naqamteetti taโ€™uu beeksisee jira.

๐Ÿ‘‰ Barattoota saganta fooyyeffannaa qabxii (Remedial Program) bara barnootaa 2015 A.L.Itti Yuunvarsiitii  Wallaggaatti ramadamtanii idileedhaan barachaa turtanii qormaata seensa Yuunversiitii qoramtanii qabxii darbiinsaa kan argattan hundi guyyaan galmee keessanii akkasuma #Sadaassa_17_fi 18/2016 A.L.Itti taโ€™ee:

๐Ÿ‘‰ Barattootni Saayinsii Uumamaa(Natural and Science)
๏ƒ˜  Maqaan keessan qubee A-Ftti kan jiru hundi Kaampaasii Shambuutti kan ramadamtan taโ€™uu isaa akka beektan.

๏ƒ˜๐Ÿ‘‰Maqaan keessan qubee G-Ztti kan jiru hundi immoo Kaampaasii Naqaamteetti kan ramadamtan taโ€™uu isaa akka beektan.

๐Ÿ‘‰Barattootni Saayinsii hawwasaa(Social Science) hundi keessan bakka ykn kaampaasii duraan sagantaa barnoota fooyyeffanaa qabxii (Remedial program) itti barachaa turtaniitti kan ramadamtan ta'uu beeksisee jira.

Hubachiisisa_:-Barattootni hundi galmeef yeroo dhuftan wantoota isin guuttachuu qabdan:

โ€ข   Ragaalee barnootaa keessan kan kutaa 8ffa hanga 12ffaa tti oriijinaalaafi kooppii isaa.
โ€ข  Uffata halkanii, afata ciisichaafi uffata boraatii.
โ€ข  Suura (3x4) baayโ€™inni isaa afur taโ€™e.

(Erga Yunivarsiticha Suuraa irraa ilaala)

ETV AFAAN OROMOO

21 Aug, 16:18


Dooniin qilleensaan sochootu imala jalqabaa taasisuuf jira.

Ingiliziin kan kalaqamte dooniin feโ€™umsa meeshaalee addaa qilleensaan sochootu imala jalqabaa taasisuufi jira.

Doonitti kan kirreeffate Dhaabbanni Geejjiba Kaargilee, teeknooloojichi indaastiricha gara misooma magariisaatti kan ceesisu bocuuf akka tumsu ibseera.

Sirna qilleensaaan hojjetuu ofirraa kan qabdu doonittiin hamma itti fayyadama bobaโ€™aa hirโ€™isuu fi hamma faalama kaarbanii hambisuuf teeknooloojii kaayyeffate akka taโ€™e ibsameera.

Indaastirichi gadi lakkifama Kaarban Daayi Oksaayidii idila addunyaa %2.1โ€™f gumaacha akka taasisu timaamameera.

Doonittiin Chaayinaarraa gara Biraaziil kan imaltu yoo taโ€™u, teeknooloojii kochoo (Gofla) qilleensaan yaalii jalqabaa idil addunyaa akka taโ€™e gabaafameera. #FBC

ETV AFAAN OROMOO

21 Aug, 16:18


Dorgommii xumuraa meetira kuma 10 dhiirotaan biyyi keenya Itiyoophiyaan nahaasii argattee jirti.

Solomoon Baaragga atileetii meedaaliyaa nahaasii injifateedha.

Yugaandaan dorgommii kana tokkoffaa taatee yeroo xumurtu; Keeniyaan lammaffaa bahuun xumuranii jiru.

1,954

subscribers

573

photos

3

videos