1.Jalqaba amata kanaa irratti hariiroo tee Rabbii keeti wajjiin tolfadhu.
Yoo dilii Takka ta irratti turte qabaatte ,nu cuftinu nama dilaawu, arraan tana guyyaa seenaa Towbaa teeti itti eegaltu siif haa tahu.
Yoo salaata irraa fagaatte Takkaa yeroo irraa booda aansite guyyaa arraa irraa yeroo irrattiin salaata ja’ii lubbuu teetif beellama seene ja’ii.
2.Jalqaba amata kanaa irratti hariiroo tee namaa wajjiinis tolfadhu.
Obboleessa isa murte ,saahiba isaan oodde ,fira firraa fageeysite ,ollaa isaan mormite hunda isaaniti wajjiin waraqaa haaraya Rabbiin jaalatu wajjiin jalqabi.
Duniyaan gabaabduudha waan irratti waliin oodne irratti wal xiqqeeysinu haqa hin godhattu.
Maal eeyna maalif hariiroo teenya waliin hin tolfanne qalbii isaan cabsine eega qabrii keessa kaayaman booda gubbaa dhaabbanne nama sabrii nuun ja’u qeebaluudha eeynaa ?
Faayidaan oggaa namni du’ee booyuu maali gaafa lubbuun jiranuu isaaniin oodu eega turre.?!
Haadha Abbaa keetiif ilmoo gaari tahi ,jaartii teetiif jaarsa gaari tahi,ilmaan keetiif Abbaa gaarii tahi..
3.Jalqaba amata kanaa qur’aana irra qooda Takka kan yeroo hunda qaraatu osoo bineensi si nyaatellee hin lakkisu jattee kan irratti kakattu goradhu.
Zikrirraahis hanga Takka ta dalagaan hanga feetellee si shaakaltu hin lakkifne goradhu.
4.Jalqaba amata kanaa waan faayidaa siif qabu Takka karoora goradhu.
Kitaaba dubbiftu ,Sagantaa bu’aa siif qabdu tan laaltee dhaggeeyfattu ,Ulamaa jala gad teeysee irraa barattu ,dalagaa ittiin if jijjirtu…uummachuuf yaali.
6.Jalqaba amata kanaa dalagaa dhooysa Takka tan siifi Rabbii kee malee hin beeyne goradhu.
Sadaqaa xiqqoo Takka tan osoo nama takkatti hin himne kannattu.
Raka’a lama salaata duhaa irraa kan amata guutu hin lakkifne…
7.Jalqaba amata kanaa diin kun siin tahu yookan si malettis tahu ol tahuuf jiraataa yaadadhu.
Yoo ati masjiida lakkifte ,nama biraatu isa jiraachisa.
Yoo ati qur’aana lakkifte, nama biraatu isa qara’a.
Namni kheeyrii dalagaatu gama Rabbii itti fufan hulaa jannataa malee irratti hin dhaabbatan.
Suma qofaatu kasaara yoo keessa hin jiraanne.
8.Jalqaba amata kanaa warri amata dabre du’ee hundi duuti fagoodha ja’aniiti yaadu turanii yaadadhu.
Akkuma yeroo salaata salaannu salaata dhaammanna salaataa ja’amnee ajajamnetti ,amatni kunis amata kee kan irraa boodaa tahu malaa kheeyrii dalagadhu.
Rabbiin sii dalagaa gaarii dalagatu akka umrii si dheereysuun Rabbi karadha.
@mubarek54