Gali Ababor Official @glababor Channel on Telegram

Gali Ababor Official

@glababor


Hubannoo sirrii uumuuf

Gali Ababor Official (Oromo)

Gabrummaa, akkasumas gaafa hiriyoota Oromoo kan hundeen ati kanneen qabate, Gali Ababor jedhu kan ummata Oromoo irratti murtii argaman beeksise. Gali Ababoriin kan umuu yeroo cimmoo dandeetti qabxii dha. Kanneen dabalataa, dulmi uume, fi waa'ee gara akeekni akka xumuraafkaatti argamu hubadha. Kan itti fayyadaman Gali Ababor jalqabe Qubeensa Uumaa ABO fi kan guutuu keenya keessaa qaban kan itti agarsiisiisu Gali ababor akka akeeka hundeen kan gara garaa akka argamuu dandeettii hanga deemuu kan danseedha . Kan waa'ee gaabummaa, sirbaa fi dhaggeeffadhaa Oromoo hundatti akka baatee gochuuf qaban itti fufa. Gali Ababoriin lafa keenya dhaga'ee dabalata keeysaa qabu ykn lafa keenya kara duraatti argamee akeeka hundeen kanneen dabalata dhagee hunda akka itti dhaga'e beeksisan. Gali Ababor jedhu akkasumas Oromoo hundeen hundi kanneen biroo akka keessaa qaban Gali Ababor irratti artistoota Oromoo arraa irrattii akkasuma hin barbadinaan nama jedhu beeksisee. Sirrii uumuuf itti fufan yoo oso walitti fufuu dha. Injifannoon sirbaa fi qopheessan sodaasiif gara garaa akkasuma qopha'ee fi sirbaa As kang seenaa gabaasa qabna. Kan hubanni sirrii uumuuf qabdu kun sagaleen Gali Ababor qoofatti hafan. Kan Oromoo fi hundi keenya akka hin ilaawamne kamiyyuun facaasaa fi qunnamii cimsu kanaaf argatanii hubannoo irraa dabalata qabuun sagantaan rassaasaa keef qabsoo ummataa argatanii qabdu keessaa waan hin argatu, waa'ee gara akeeksaa fi sirbaa keessa rakkachuu qofaa. Gali Ababoriin hubannoo sirrii uumuf, umrii ummata Oromoo fi dabalataa jalqabe keeysaa qabu. Ijoolleen keenya yardii fi qoonqoo sirbaa, qopheessan barreessan fi walitti jiraatan qabiinsa sirbaa gara gara Qubeensa Uumaa ABO jalqabee waliin hojiiitti dhagahuu qofatti cimsu. Gali Ababoriin hubannoo sirrii uumuf, hundi Oromoo fi hundi keenya akka hin ilaawamne namoota ummataa, qabsoo ummataa fi ittiin nama jedhu beeksisee. Gali Ababoriin hubannoo sirrii uumuf sagaleen Gali Ababoriin qoofatti sagaleen qindeesitoota isaa, hundi Oromoo fi hundi keenya jalqabe keesaa qabu. Akkasumas kanneen dabalata akka hin argamsiisne sirrii uumuf qabdu kan biroo hin argamne, kan ummannii fi ummanniif jalqabe keessaa dabalataa qabiysiisuu qabsoo ummata Oromoo argatefi namoon keenya qabu itti gurguree jalee fi dhumaa miti

Gali Ababor Official

29 Dec, 10:51


Barbaachisummaa seenaa Nabiyyii (saw)
******

1. Seenaan Nabiyyii (saw) jireenya Muslimaatiif madaala jiruufi jireenyaa guddaadha. Hojiin adeemsa isaaniitiin wal gale sirriidha Rabbiin biratti qeebaltiis argata. Hojiin adeemsa isaanii faallesse dogoggora; qeebaltiis Rabbiin biraa hin argatu.

2. Seenaan Nabiyyii (saw) modeela bareedaa, fakkeenyummaa filatamaa fuuldura kee dhaaba. Modeelli hunda caalu Nabi Muhammadi (saw). Kanaafuu Rabbiin isaan hordofuutti ajaje.
Rabbiin ni jedhe: "Dhugumatti, nama Rabbiifi guyyaa aakhiraa kajeeluufi Rabbiin baay'inaan yaadateef ergamaa Rabbii keessatti hidhannoo gaariitu jiraaf." (Ahzaab: 21)

3. Seenaa Nabiyyii (saw) qorachuudhaan jaalalli isaanii siif dabala. Kunis kan ta'u aarsaa isaan haqaaf kafalan yeroo bartu, jaalala isaan siif qaban, gaarummaa isaanii ogga agartu jaalala guddaa dabalattaaf.

4. Seenaa Ergamaa Rabbii (saw) qorachuudhaan Qur'aana Rabbii sirriitti hubachuufi ittiin hojjachuu dandeessa. Sababnis amalli isaanii Qur'aana ture. Jireenyi isaanii guutuun Qur'aana hojiin agarsiisuu ture.

5. Sammuun keenya oduu hin barbaachifne, sheekkoofi mammaaksaan guutamuu irra seenaa Nabiyyiitiin (saw) guutamuun bu'aa guddaa qaba. Keessumaa daa'imman akka seenaan Nabiyyii (saw) sammuu isaanii keessatti bakka qabatu gochuun kallattii guddaa itti agarsiisa.

6. Walumaa galatti seenaa Nabiyyii (saw) hubachuu keessa Amantii Islaamaa guutummaan hubachuutu jira. Aqiidaan, ibaadaan, fiqhiin isa keessa jira. Kanaafuu baranne itti haa fayyadamnu.

Yaa rabbi nama sunnaa isaanii hordofu, seenaa isaanii baratee barsiisu nu godhi.

Gali Ababor Official

25 Dec, 14:51


Obboleessi keenya Nabaanii Shaafii Barreessaan Kitaaba "Seenaa Gootota Shanan Gibee" Kitaaba haaraa "Dhaamsa Dhaamolee" jedhu qabatee dhufeera. Kitaabni "Dhaamsa Dhaamolee" akkuma maqaa isaa "Dhaamsa Qabsaa'ota Oromooti". Seenaa Qabsaa'ota kaleessaa bu'uura godhachuudhaan rakkoo yeroo ammaa dhaloota qoraa jiru dhibee Gandummaa (Racism) kaansarii dhalootaa akka ta'e baldhinaan kaasaa furmaatas kaa'a. Dhaloonni gaaddisa seenaa Gootota ofii jalatti ijaaramuu akka qabu dhaama. Muldhata gaarii akka qabaannu nu akeeka. Qabsoo goonu mara keessatti seenaa gootota kaleessaa fakkeenya godhachuu akka qabnu nuuf dhaama. Kitaabni kun dubbisuuf kana nama hin nuffisiifne fuula 95 qofa, Mata duree 15 garaagaraa qaba.

Kitaabichi biyya keessatti:

Finfinnee Awutobistaraa
~Mana Kitaabaa Elellee 0912365502
~Mana Kitaabaa Shawaa 0922490450
Finfinnee Jamoo 1ffaa
~Mana Kitaabaa Iluu 0910819409

Finfinnee Meeksikoo
~Mana Kitaabaa Jaafar 091112 5324

Jimmaa
~Mana Kitaabaa Gaalii 0936149292
~Mana Kitaabaa Haafiz 0944473834

Gali Ababor Official

23 Dec, 15:15


Warra Ibsa Barbaaddaniif

Yeroo ammaa baay'inaan dubartoota hijaaba uffatan, dhiira masjiidatti deddeebi'u, kan mallattoon Islaamaa irraa mul'atuun "sobduudha, nama gowwoomsuuf akkas godhatu, hijaaba keessa dhokatanii waa heddu balleessuuf..." kan jedhu ogga dhageessu, faallaa kanaa immoo warra salaata hin jabeessine, kan mallattooleen Islaamaa irraa hin mul'anne, dubartii ajaja Rabbii ifatti faallessituun "qalbiin jaraa qulqulluudha, nama dhugaati..." kan jedhu dhageessa.

Kun miizaanni haqaa gara galuudha. Nuti gubbaa namootaa ilaalla; keessa Rabbitu beeka. Nama gubbaa tolfate gaariitti yaadna. Nama gubbaan isaa ajaja Rabbii faallesse yakkamaatti fudhanna.

Namni ajaja Rabbii tokko guute kallattii sanaan warra ajaja Rabbii hin guutin ni caala, namni ajaja Rabbii tokko faallesse kallattii isii faallessee sanaan yakkamaadha. Keessoon kiyya gaarii waan ta'eefin badii kana hojjadhe jechuun gonkuma sirrii miti.

Nuti Keessoo namaa Rabbiif dhiifna; gubbaa malee keessa qorachuun ga'ee keenyaa miti.
Ws wr wb

Gali Ababor Official

23 Dec, 14:34


Hadiisa Shayxaanaa 2ffaa

Dhiira salaata hin eegganne, kan jamaa'aa hin jabeessine, areeda soqatee deemu, surrii koronyoo irra gadhiifatu... iimaana qaba, keessi isaa warra kaan irra qulqulluudha.

Isinis itti dabalaa
3.
4...

Gali Ababor Official

23 Dec, 14:33


Hadiisa Shayxaanaa kan biraa

Warri areeda dheeressee masjiidatti deddeebi'u hedduun munaafiqoota, hattoota, sobdoota. Dhaqxee isaanii wajjin hin dhaabbatin.

*** Yaa obboleesso Salaata Jamaa'aa dhiiftee Taqwaan qaba jettee of hin gowwoomsin.

Gali Ababor Official

22 Dec, 16:59


Hijaaba hin uffattu, qullaa ta'uutti dhihaattee deemti. Garuu qalbiin isii kan ishee hijaaba uffattuu irra qulqulluudha.
Kun hadiisa shayxaanni qalbii namoota gariitti himuudha.

Gali Ababor Official

20 Dec, 17:53


Addunyaa Teknoolojii Waliin dorgomuu barbaadduu? Yoo barbaaddan kottaa waliin haa hojjannu isiniin jedha Dhaabbanni Flexdivs.com

๐Ÿ‘‹ Dhaabbata keessaniif baay'ee si'ataa fi ammayyaawaa kan ta'e Websaayitii fi Aappii Mobaayilaa ykn Sistama hojjechiisuu ni barbaadduu?

Maarree Dargaggoota qaxalee ijoolleedhuma keessaniin kan hundaa'e dhaabbanni flexdiv technology solutions plc Filannoowwan Teknolojii dhaabbata keessan ammayyeessuu fi Addunyaa har'aa waliin dorgomaa taasisuu danda'an heduu qabatee isiniif dhufeera. Dhaabbatichi Ilmaan Hawaasaatiin Hawaasa barnootaa fi Teknolojiidhaan Sababa adda addaatiin duubatti hafee jiru tumsuuf kan dhaabbate yoo ta'u gatii madaalawaa fi haala hawwataa ta'een tajaajila barbaachisu hunda dhaabbilee garaagaraatiif kan kennuudha waan ta'eef dhaabbata keessaniif yoo nu affeertan gammachuu guddaadhan tajaajila keenya isiniif keennina.

Tajaajila kenninu:-

๐ŸŒ Custom Website Design and Development
๐Ÿ’ป Bespoke Software Solutions
๐Ÿ›’ E-commerce Platforms
๐Ÿ“ฒ Mobile App Development

๐Ÿ’ฅ https://flexdivs.com
๐Ÿ’ฅ https://cars.flexdivs.com

๐Ÿ“ž Odeeffannoo dabalataaf 0960059905 dhaan nu quunnamuu dandeessu.

Gali Ababor Official

18 Dec, 07:36


ู‚ูู„ู’ ุฅูู†ู‘ูŽ ุตูŽู„ูŽุงุชููŠ ูˆูŽู†ูุณููƒููŠ ูˆูŽู…ูŽุญู’ูŠูŽุงูŠูŽ ูˆูŽู…ูŽู…ูŽุงุชููŠ ู„ูู„ู‘ูŽู‡ู ุฑูŽุจู‘ู ุงู„ู’ุนูŽุงู„ูŽู…ููŠู†ูŽ

Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi.
[ุงู„ุฃู†ุนุงู… : 162]

Gali Ababor Official

17 Dec, 07:18


ุฅูู†ูŽู‘ู…ูŽุง ูŠูŽุฎู’ุดูŽู‰ ุงู„ู„ูŽู‘ู‡ูŽ ู…ูู†ู’ ุนูุจูŽุงุฏูู‡ู ุงู„ู’ุนูู„ูŽู…ูŽุงุกู ุฅูู†ูŽู‘ ุงู„ู„ูŽู‘ู‡ูŽ ุนูŽุฒููŠุฒูŒ ุบูŽูููˆุฑ
Gabroota Isaa irraa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa. Dhugumatti Rabbiin injifataa, araaramaadha
[ูุงุทุฑ : 28]

Gali Ababor Official

16 Dec, 13:49


‏{‏ูˆูŽู†ูู†ูŽุฒูู‘ู„ู ู…ูู†ูŽ ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ู ู…ูŽุง ู‡ููˆูŽ ุดูููŽุงุกูŒ ูˆูŽุฑูŽุญู’ู…ูŽุฉูŒ ู„ูู„ู’ู…ูุคู’ู…ูู†ููŠู†ูŽ ูˆูŽู„ูŽุง ูŠูŽุฒููŠุฏู ุงู„ุธูŽู‘ุงู„ูู…ููŠู†ูŽ ุฅูู„ูŽู‘ุง ุฎูŽุณูŽุงุฑู‹ุง}
Nuti Qurโ€™aana irraa waan Mu'uminootaaf dawaafi rahmata taโ€™e, kan zaalimootaaf immoo hoongoo malee homaa hin daballe buufna.

Gali Ababor Official

16 Dec, 07:49


‏{‏ุชูู„ู’ูƒูŽ ุงู„ู’ุฌูŽู†ูŽู‘ุฉู ุงู„ูŽู‘ุชููŠ ู†ููˆุฑูุซู ู…ูู†ู’ ุนูุจูŽุงุฏูู†ูŽุง ู…ูŽู†ู’ ูƒูŽุงู†ูŽ ุชูŽู‚ููŠู‹ู‘ุง}
Jannatattiin sun ishee gabroota keenya irraa warra Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha.

Gali Ababor Official

16 Dec, 07:07


Ergaa sagantaa eebba Ma'ahada Abbaa Jifaar irratti ani dabarse.
Hojjadhuu hambaa wahii hambifadhu!
ูˆู†ูƒุชุจ ู…ุง ู‚ุฏู…ูˆุง ูˆุขุซุงุฑู‡ู…
ูˆุฌุนู„ู†ุง ู„ู‡ู… ู„ุณุงู† ุตุฏู‚ ููŠ ุงู„ุขุฎุฑูŠู†

Gali Ababor Official

14 Dec, 17:29


ู‚ู„ ูŠุง ุนุจุงุฏูŠ ุงู„ุฐูŠู† ุฃุณุฑููˆุง ุนู„ู‰ ุฃู†ูุณู‡ู… ู„ุง ุชู‚ู†ุทูˆุง ู…ู† ุฑุญู…ุฉ ุงู„ู„ู‡ ุฅู† ุงู„ู„ู‡ ูŠุบูุฑ ุงู„ุฐู†ูˆุจ ุฌู…ูŠุนุง ุฅู†ู‡ ู‡ูˆ ุงู„ุบููˆุฑ ุงู„ุฑุญูŠู… (ูฅูฃ)
Jedhi: โ€œYaa gabroota kiyya kan lubbuu isaanii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin yakka hundaa ni araarama. Inni araaramaa, rahmata godhaadha."

Gali Ababor Official

14 Dec, 16:20


‏{ูˆูŽูŠูŽูˆู’ู…ูŽ ูŠูŽุนูŽุถูู‘ ูฑู„ุธูŽู‘ุงู„ูู…ู ุนูŽู„ูŽู‰ูฐ ูŠูŽุฏูŽูŠู’ู‡ู ูŠูŽู‚ููˆู„ู ูŠูŽูฐู„ูŽูŠู’ุชูŽู†ูู‰ ูฑุชูŽู‘ุฎูŽุฐู’ุชู ู…ูŽุนูŽ ูฑู„ุฑูŽู‘ุณููˆู„ู ุณูŽุจููŠู„ู‹ุง}
Guyyaa miidhaa raawwataan harka isaa lamaan ciniinee "yaa badii koo! Maal qaba osoon Ergamtichaa wajjin karaa sirrii qabadhee?" jedhu (ummataaf himi).

Gali Ababor Official

14 Dec, 09:21


Injifannoon Sooriyaa keessatti argame hanga ammaatti abjuu fakkaata.
Namni wahii abjuu sanarra na dammaqsaan sodaadha.
Yaa Rabbi injifannoo dhugumaa kan Muslimoota hundaaf milkii qabu taasisi.

Gali Ababor Official

10 Dec, 05:53


Maaliif namicha billaadhaan ajjeeftee gaafatamee rakkinan qabaafin qawwee bitachuu dadhabe jedhe jedhan.

Gali Ababor Official

08 Dec, 18:12


Mooskoon amma gadi baatee Bashaariifi Maatii isaa ni simanna jette. Diinummaan isaanii akkanatti ifa gala.

Gali Ababor Official

29 Nov, 07:24


"Doyna namaa jechuun nama ani isa biratti dubbatamee rahmata narratti hin buufneedha."
Rasuul (SAW )

"Halkan Jum'aafi guyyaa Jum'aa Salawaata narratti buusuu heddummeessaa. Salawaanni keessan narra fidamtii."
Rasuul (SAW)

Guyyaa Jum'aa keessa jirra. Kanaafuu Ergamaa Rabbiirratti rahmata haa buufnu.

ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ ูˆุณู„ู… ุนู„ู‰ ู†ุจูŠู†ุง ู…ุญู…ุฏ ูˆุนู„ู‰ ุขู„ู‡ ูˆุตุญุจู‡

Gali Ababor Official

17 Nov, 14:54


Guuttannee jirra Alhamdu lillaah!

Gargaarsa Jama'aa barattoota Muslimaa Yunivarsitii Dambi Doollootiif lafa masjidaa bituuf birrii 360,000 gaafannee turre amma guuttanneerra. Faaruun hunduu kan Rabbiiti.
*****

Barattoonni Yuunivarsitii Dambii Doolloo yeroo dheeraaf Masjida rakkataa turanii qabsoo dheeraa booda bakka xiqqoo wahii qabatan. Bakki sunis isaanitti xiqqaattee bakka itti salaataniifi itti qara'an dhabanii K.M 200 cinaa masjidichaa jiru bittanii akka itti dabaltaniif gaafachuun kiyya ni yaadatama. Rabbi isin irraa haa jaalatu amma maallaqichi guuteera. Jama'aa barattootaa yaada kana fidan irraa jalqabee warra maallaqa qabaniin itti hirmaatan hundaa Rabbiin milkii addunyaaf aakhiraa haa badhaasu. Keessumaa obboleessa keenya Nasir Hamza haadhaafi abbaa isaa wajjin Rabbiin nuuf haa milkeessu.
Hanga pirojektii barattoota Yunivarsitii biraatiin walitti deebinutti nagaan naaf turaa. Jamaa'aa barattoota Yunivarsitii hanga dandeenyeen rakkoo isaanii furaa teenya; Rabbi nu haa gargaaru. Isinis naannoo jirtanitti jamaa'aa barattootaa kana hin dagatinaa. Ws wr wb.

Gali Ababor Official

11 Nov, 17:14


Guyyaa tokko mootiifi saahiboonni isaa bakka maraatuun dubbii cimaa dubbatu wahii jirutti dhugaatii macheessu dhugaa turan. Mootichi kubbaayyaa tokko fuudhee maraatichatti hiixate.
Maraatichis "isin akka kiyya ta'uuf dhugdu; animmoo akka eenyuu ta'uufin dhuga?" jedhe. Mootichis kanarraa barumsa fudhatee achumaan dhugaatii macheessu dhaabe.

Namoonni dhugaatii macheessu dhugdan osoo Rabbiin malaa warra Jahannamaa isin hin obaasin irraa dhaabbadhaa. Sammuu qaalii Rabbiin isinitti arjoome dhugaatii salphina kanaan hin jijjiirinaa. Rabbi nu haa tiksu. Yakka kamirraayyuu Inni nu haa fageessu.

Gali Ababor Official

09 Nov, 18:28


Gargaarsa Jama'aa barattoota Muslimaa Yunivarsitii Dambi Doolloo hin dagatinaa
*****

Dhimma barattoota keenyaa kana hanga xumurrutti itti fufuu qabna. Barattoonni Yuunivarsitii Dambii Doolloo yeroo dheeraaf Masjida rakkataa turan. Qabsoo meeqa booda bakka xiqqoo wahii qabatan. Bakki sunis isaanitti xiqqaattee bakka itti salaataniifi itti qara'an dhaban. Amma K.M 200 cinaa masjidichaa jiru bitachuuf dubbatatanii birrii 360,000 ta'e. Isaan immoo herrega jamaa'aa irraa birrii 100,000 malee hin qaban. Mee birrii 360,000 kana walitti funaannee bakka salaataafi qaraatii barattootaa kanaaf haa mijeessinu. Namni maallaqa galchitan nagahee as jalatti nuuf ergaa maxxansinee warra kaanis ittiin kakaafna.

1000432190847
Maqaan isaa: Jamaa'aa Barattoota Yunivarsitii

Gali Ababor Official

08 Nov, 17:45


As wr wb
***โ˜…****
Mee dhimma barattoota keenyaa kana waliin itti haa yaadnu. Barattoonni Yuunivarsitii Dambii Doolloo yeroo dheeraaf Masjida rakkataa turan. Qabsoo meeqa booda bakka xiqqoo wahii qabatan. Bakki sunis isaanitti xiqqaattee bakka itti salaataniifi itti qara'an dhaban. Amma K.M 200 cinaa masjidichaa jiru bitachuuf dubbatatanii birrii 360,000 ta'e. Isaan immoo herrega jamaa'aa irraa birrii 100,000 malee hin qaban. Mee birrii 360,000 kana walitti funaannee bakka salaataafi qaraatii barattootaa kanaaf haa mijeessinu. Namni maallaqa galchitan nagahee as jalatti nuuf ergaa maxxansinee warra kaanis ittiin kakaafna.

1000432190847
Maqaan isaa: Jamaa'aa Barattoota Yunivarsitii

Gali Ababor Official

26 Oct, 15:44


Kottaa bor ganama sa'aa 2:30 Hoteela Ilillii Intarnaashinaal!
Oboleessi keenya ustaaz Sufyaan Usmaan kitaaba isaa Kirkira Sammuu yoo Rabbi jedhe bor ganama Hoteela Ilillii Intarnaashinaalitti waan eebbisiisuuf hundumti keenya achiitti wal haa agarru.

Gali Ababor Official

25 Oct, 13:29


New Vision College
******
Kolleejjii hayyoota keenyaan hundeeffame, naannoo Furii gamoo bulchiinsa kutaa magaalaa Furiitti gubbaatti kan argamuudha. Gosoota barumsa adda addaa sadarkaa Maastarii, digrii tokkoffaafi TVET kennaa jira. Amma immoo hayyuun keenya Sufyaan Usmaanis achi seene Saayikoloojii baraiisuu eegalee jira. Warri saayikoloojii kana barachuutti dhimmitan asitti galmaa'a.
Gosoonni barumsaa kanneen akka leadership, MBA, Project Management, ackounting maasteriin kennamaa jira.
Kolleejjii kun keessani; hoggantoonni isaas akka isiniif ta'utti haala mijeessuu danda'u. Kanaafuu isinis barataa hayyoota keenya kanaaf hamilee ta'aa.
Barachuun bu'uura qaroominaati.
Odeeffannoo dabalataatiif:
+251952000333
+251952000444

Gali Ababor Official

15 Oct, 12:49


Baankii Hijraa Bitadhaa abbaa baankii ta'aa.
Afaan Oromoo foormii keessa seentanii filachuu dandeessu
**
แ‹แ‹ต แ‹จแˆ‚แŒ…แˆซ แ‰ฃแŠ•แŠญ แ‰คแ‰ฐแˆฐแ‰ฅแฃ แ‹จแˆ‚แŒ…แˆซ แ‰ฃแŠ•แŠญ แ‰ฃแˆˆแ‰คแ‰ต แˆ˜แˆ†แŠ• แŠฅแŠ•แ‹ฒแ‰ฝแˆ‰ แ‹ˆแ‹ฐ แŠฅแˆญแˆตแ‹Ž แ‹ญแ‰ แˆแŒฅ แŠฅแ‹จแ‰€แˆจแ‰ฅแŠ•แ‹Ž แŠแ‹แข แ‹จแˆšแŠจแ‰ฐแˆˆแ‹แŠ• แˆŠแŠ•แŠญ แ‰ แˆ˜แŒซแŠ• แ‰ฅแ‰ป แŠ แŠญแˆฒแ‹ฎแŠ• แ‹จแˆ˜แŒแ‹›แ‰ต แŒ‰แ‹žแŠ• แ‹ญแŒ€แˆแˆฉแกแก

https://t.me/hijra_share_bot?start=GALIABABO

Gali Ababor Official

10 Oct, 17:37


As wr wb
****
Galmeen Dippiloomaa tafsiira Qur'aanaa galgala kana sa'aa 4:00tti raawwata.
https://t.me/markazibnabbas/751
Namni isiniif mijate galmaa'aa.

Gali Ababor Official

06 Oct, 06:58


Galmeen dippiloomaa Tafsiira Qur'aanaa dhumuuf guyyaa afur (4) qofatu hafe.

Tafsiira Suurat Alhujuraat aayata 6 hanga dhuma suurichaatti dhaggeeffadhaa.
Darsiin idilee guyyaa afur booda jalqaba Inshaa Allaah. Kan ammaa kun suuraa muraasa akka fakkeenyaatti barsiisaa jirra.
Liinkii kanaan seenaa odeeffannoo Dippiloomaa Tafsiira Ibn Abbas Akkaadaamii argadhaa.
https://t.me/markazibnabbas/702

Gali Ababor Official

29 Sep, 13:28


Dippiloomaa keessatti Tafsiira Qur'aanaatiif text book kan ta'u kitaaba armaan gadiiti. Afaan Oromootiinis ni dhihaata. Ibn Kasiir reference ta'a.

https://t.me/markazibnabbas/696

****
Akkaadaamiin barnoota Islaamaa Ibn Abbaas sagantaa barumsa gannaa kan Certificate Tafsiira Qur'aanaa xumuree Dilpata darbe barattoota isaatiif waraqaa ragaa kennee jira.

Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Waggaaa Lamaaf barsiisuuf galmee eegalee jira.

Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u:
****
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qurโ€™aanaa Ilaalchaan qaraโ€™anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu dandaโ€™uu.

Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa:
https://t.me/markazibnabbas/672

Gali Ababor Official

27 Sep, 10:34


"Doyna namaa jechuun nama ani isa biratti dubbatamee rahmata narratti hin buufneedha."
Rasuul (SAW )

"Halkan Jum'aafi guyyaa Jum'aa Salawaata narratti buusuu heddummeessaa. Salawaanni keessan narra fidamtii."
Rasuul (SAW)

Guyyaa Jum'aa keessa jirra. Kanaafuu Ergamaa Rabbiirratti rahmata haa buufnu.

ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ ูˆุณู„ู… ุนู„ู‰ ู†ุจูŠู†ุง ู…ุญู…ุฏ ูˆุนู„ู‰ ุขู„ู‡ ูˆุตุญุจู‡

Gali Ababor Official

26 Sep, 13:18


Ibn Abbaas Akkaadaamiin Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Online Waggaaa Lamaaf barsiisuuf galmee eegalee jira.
*
Yeroo darbe sagantaa barumsa gannaa kan Tafsiira Qur'aanaa juuza shan, aqiidaa, hadiisaafi usuula tafsiiraa Online barsiisee barattoota isaatiif waraqaa ragaa kennee jira.

Amma immoo sagantaa dippiloomaa Tafsiiraa galmee jalqabee jira. Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa dippiloomicha keessatti barataman kanneen armaan gadii ta'u:
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qurโ€™aanaa Ilaalchaan qaraโ€™anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu dandaโ€™uu.

Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa:
https://t.me/markazibnabbas/672

Gali Ababor Official

26 Sep, 06:28


Dullattii Suudii tokkotu waldhaansaaf biyya biraa deemte. Achiin "Masjidni Huseen kunootu dhaqii isa kadhu" jedhan.
Isiinis "akaakayyuun Huseenuu nu bira jiraa guyyaa tokkoyyuu isa hin kadhanne" jette.
Aqiidaan akkanatti qulqullaa'uu qaba.

แŠ แŠ•แ‹ฒแ‰ต แ‹จแˆฐแ‹แ‹ฒ แŠ แˆฎแŒŠแ‰ต แ‰ณแˆ› แˆˆแˆ…แŠญแˆแŠ“ แ‹ˆแ‹ฐ แˆŒแˆ‹ แ‰ฆแ‰ณ แ‰ตแˆ„แ‹ณแˆˆแ‰ฝแข แ‰ แ‹šแˆ…แŠ• แŒแ‹œ แ‹จแŠ แŠจแ‰ฃแ‰ขแ‹ แˆฐแ‹Žแ‰ฝ "แ‹จแˆแˆดแŠ• แˆ˜แˆตแŒ‚แ‹ต แ‹ซแ‹แŠ“ แˆ‚แŒ‚ แˆˆแˆแŠšแ‹ แ‰ตแ‹ตแŠ›แˆˆแˆฝ แŠ แˆแ‰ตแข

แŠ แˆฎแŒŠแ‰ท แ‹จแ‹‹แ‹› แŠ แ‹ญแ‹ฐแˆˆแ‰ฝแˆแŠ“ แŠฅแŠ•แ‹ฒ แŠ แˆˆแ‰ฝ" แˆแˆดแŠ• แŠ แ‹ญแ‹ฐแˆˆแˆ แ‹จแˆแˆดแŠ• แŠ แ‹ซแ‰ตแˆ แŠฅแŠ›แŒ‹ แŠแ‹ แŠ แŠ•แ‹ตแˆ แ‰€แŠ• แˆˆแˆแŠ”แŠแ‹ แŠ แŠ“แ‹แ‰…แˆ" แ‰ แˆ›แˆˆแ‰ต แˆ˜แˆˆแˆฐแ‰ฝ แ‹ญแ‰ฃแˆ‹แˆ!

แ‹จแŒ แˆซ แŠ แ‰‚แ‹ณ แˆตแŠ–แˆญ แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆ… แŠแ‹แข
ู…ู†ู‚ูˆู„
https://t.me/glababor/1131

Gali Ababor Official

25 Sep, 18:11


Gubbaa namaa qofa ilaaltanii hin murteessinaa. Hadiisa Bukhaarii keessatti Ergamaan Rabbii (saw) buโ€™uura kana sirriitti nu barsiisan.
ุนูŽู†ู’ ุณูŽู‡ู’ู„ูุŒ ู‚ูŽุงู„ูŽ: ู…ูŽุฑู‘ูŽ ุฑูŽุฌูู„ูŒ ุนูŽู„ูŽู‰ ุฑูŽุณููˆู„ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุตูŽู„ู‘ูŽู‰ ุงู„ู„ู‡ู ุนูŽู„ูŽูŠู’ู‡ู ูˆูŽุณูŽู„ู‘ูŽู…ูŽุŒ ููŽู‚ูŽุงู„ูŽ: ยซู…ูŽุง ุชูŽู‚ููˆู„ููˆู†ูŽ ูููŠ ู‡ูŽุฐูŽุงุŸยป ู‚ูŽุงู„ููˆุง: ุญูŽุฑููŠู‘ูŒ ุฅูู†ู’ ุฎูŽุทูŽุจูŽ ุฃูŽู†ู’ ูŠูู†ู’ูƒูŽุญูŽุŒ ูˆูŽุฅูู†ู’ ุดูŽููŽุนูŽ ุฃูŽู†ู’ ูŠูุดูŽูู‘ูŽุนูŽุŒ ูˆูŽุฅูู†ู’ ู‚ูŽุงู„ูŽ ุฃูŽู†ู’ ูŠูุณู’ุชูŽู…ูŽุนูŽุŒ ู‚ูŽุงู„ูŽ: ุซูู…ู‘ูŽ ุณูŽูƒูŽุชูŽุŒ ููŽู…ูŽุฑู‘ูŽ ุฑูŽุฌูู„ูŒ ู…ูู†ู’ ููู‚ูŽุฑูŽุงุกู ุงู„ู…ูุณู’ู„ูู…ููŠู†ูŽุŒ ููŽู‚ูŽุงู„ูŽ: ยซู…ูŽุง ุชูŽู‚ููˆู„ููˆู†ูŽ ูููŠ ู‡ูŽุฐูŽุงุŸยป ู‚ูŽุงู„ููˆุง: ุญูŽุฑููŠู‘ูŒ ุฅูู†ู’ ุฎูŽุทูŽุจูŽ ุฃูŽู†ู’ ู„ุงูŽ ูŠูู†ู’ูƒูŽุญูŽุŒ ูˆูŽุฅูู†ู’ ุดูŽููŽุนูŽ ุฃูŽู†ู’ ู„ุงูŽ ูŠูุดูŽูู‘ูŽุนูŽุŒ ูˆูŽุฅูู†ู’ ู‚ูŽุงู„ูŽ ุฃูŽู†ู’ ู„ุงูŽ ูŠูุณู’ุชูŽู…ูŽุนูŽุŒ ููŽู‚ูŽุงู„ูŽ ุฑูŽุณููˆู„ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุตูŽู„ู‘ูŽู‰ ุงู„ู„ู‡ู ุนูŽู„ูŽูŠู’ู‡ู ูˆูŽุณูŽู„ู‘ูŽู…ูŽ: ยซู‡ูŽุฐูŽุง ุฎูŽูŠู’ุฑูŒ ู…ูู†ู’ ู…ูู„ู’ุกู ุงู„ุฃูŽุฑู’ุถู ู…ูุซู’ู„ูŽ ู‡ูŽุฐูŽุงยป ุตุญูŠุญ ุงู„ุจุฎุงุฑูŠ (7/ 8)
Akka Sahl irraa odeeffametti namichi tokko Ergamaa Rabbii (saw) irra dhufee darbe. Nabiyyiin [saw] โ€œmee namicha kanaan maal jettu?โ€ jedhan. Sahaabonnis โ€œinni kun yoo haasaโ€™ate fuusifamuun, yoo manguddoomee manguddummaan isaa fudhatamuun, yoo haasaโ€™es dhagaโ€™amuun shakkii hin qabuโ€ jedhan. Ergasii ni callisan. Namni hiyyeessa Muslimaa irraa taโ€™e tokko dhufee darbe. Nabiyyiin [saw] โ€œisa kanaan hoo maal jette?โ€ jedhan. โ€œInni kun yoo haasaโ€™ate fuusisuu diduun, yoo manguddoomee didamuun, yoo haasaโ€™e dhagaโ€™amuu dhabuun beekamaadhaโ€ jedhan. Ergamaan Rabbii (saw) โ€œinni hiyyeessi kun tokkichi isa dureessa dachii guutuu irra ni caalaโ€ jedhan. Bukhaariitu gabaase.

Gali Ababor Official

25 Sep, 06:18


Barumsa Fiqhii kan Ibn Abbaas akkaadaamii irratti barsiifamu kana fakkaata ture.
Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Online jalqabaara.

Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa:
https://t.me/markazibnabbas/672

Barumsichi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u:
****
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qurโ€™aanaa Ilaalchaan qaraโ€™anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu dandaโ€™uu.

Gali Ababor Official

24 Sep, 06:35


Ibn Abbaas akkaadaamiin akkasitti barsiisaa ture.
Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Online kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u:
****
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qurโ€™aanaa Ilaalchaan qaraโ€™anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu dandaโ€™uu.

Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa:
https://t.me/markazibnabbas/672

Gali Ababor Official

23 Sep, 14:43


Akkaataa baruufi barsiisuu
****
Afaan bar
nootaa Afaan Oromooti. Kanaafuu kitaaboleen Afaan Oromootti hiikuuf mijatan ni hiikamu.

. Qormaannis Afaan Oromootiin kan qophaa'u ta'a.

. Barnootichi online kennama.
. Sagantaan barnootichaa waggaa lama yoo ta'u semisteera afur of keessatti hammata.
. Sagantaan barumsaa ganama salaata Subhii boodaafi galgala sa'aa 3:30 irratti ta'a.
. Qormaata, attendance fi yaadannoo barattootaa ilaaluun madaallii keessa ni jiraata.

Gali Ababor Official

23 Sep, 12:30


ุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ูŠูƒู… ูˆุฑุญู…ุฉ ุงู„ู„ู‡ ูˆุจุฑูƒุงุชู‡
Beeksisa
****
Akkaadaamiin barnoota Islaamaa Ibn Abbaas sagantaa barumsa gannaa kan Certificate Tafsiira Qur'aanaa xumuree Dilpata darbe barattoota isaatiif waraqaa ragaa kennee jira.

Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Waggaaa Lamaaf barsiisuuf galmee eegalee jira.

Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u:
****
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qurโ€™aanaa Ilaalchaan qaraโ€™anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu dandaโ€™uu.

Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa:
https://t.me/markazibnabbas/672

Gali Ababor Official

04 Sep, 19:28


Sila Mawlida kabajuun Rabbitti nama dhiheessa moo Rabbirraa nama fageessa?
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Mawlida jechuun dhaloota jechuudha. Dhaloota eenyuutuu kabajuun amantii Islaamaa keessa hin jiru. Kanaafuu:
. Ergamaan Rabbii (saw) mawlida hin kabajne; kabajuuttis hin ajajne.
. Khaliifonni arfan warri Soddaa Rasuulaas (saw) hin kabajne.
. Sahaabonni hunduu mawlida hin kabajne.
. Mazhabni afranuu mawlida hin kabachiifne.
. Salafoonni hunduu mawlida hin kabajne.

Wanti jarri kun hundi hin hojjatin Rabbitti nu dhiheessuu danda'aa? Yoo akkas ta'eef hiikti jechaa Nabiyyii (saw) armaan gadii maal ta'a laata?

ุฅู†ู‘ูŽู‡ู ู„ูŠุณ ุดูŠุกูŒ ูŠูู‚ูŽุฑู‘ูุจููƒูู…ู’ ุฅู„ู‰ ุงู„ุฌู†ุฉู ุฅู„ู‘ูŽุง ู‚ุฏ ุฃูŽู…ูŽุฑู’ุชููƒูู…ู’ ุจู‡ู ุŒ ูˆ ู„ูŠุณ ุดูŠุกูŒ ูŠูู‚ูŽุฑู‘ูุจููƒูู…ู’ ุฅู„ู‰ ุงู„ู†ุงุฑู ุฅูู„ู‘ูŽุง ู‚ุฏ ู†ูŽู‡ูŽูŠู’ุชููƒูู…ู’ ุนู†ู‡ู
Nabiyyiin (saw) akkana jedhan: "waan gara jannataatti isin dhiheessu hundaayyuu isin ajaju malee hin dhiifne; waan gara ibiddaatti isin dhiheessu kamuu irraa isin dhorgu malee hin dhiifne."

Yoo mawlidni jannatatti nu dhiheessa ta'eef akkamitti Nabiyyiin (saw) nu ajajuu dhiisan jettu? Bareechaa xiinxalaa. Sammuun xiinxaluuf nuu kenname. Waan Rabbitti isin dhiheessu malee hin hojjatinaa.
Ws wr wb
https://t.me/glababor/799

Gali Ababor Official

04 Sep, 19:27


Muslimni ayyaana lama malee hin qabu. Isaanis Iida Fixriifi Iidal Ad-haa jedhamu. Ayyaana hordoftoota amantii biroo kabjuus ta'ee eebbisuun hin eeyyamamu. Ayyaana Kiristaanaa kan akka Masqalaa, kan Waaqeffataa kan akka Irreechaafi kkf ayyaaneffachuufi eebbisuun Muslimaaf gonkuma hin eeyyamamu. Jijjiirraa baraa isa kamuu ayyaaneffachuunis Islaama keessa hin jiru. Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa kan ani waggaa sadii dura barreesse fuula 126 - 128 dubbisaamee. Liinkii armaan gadii irraa buufadhaa.
https://t.me/glababor/435

11,828

subscribers

332

photos

78

videos