Fursaan Media @fursaan_media Channel on Telegram

Fursaan Media

@fursaan_media


« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ »
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.

Fursaan Media (Amharic)

እንኳን ወደ Fursaan Media በአማርኛ ትእዛዝ ይደርሳል! ይህ ቻናል ለአዲስ የህዝብ መንገድና የትምህርት ማስተማር የተፈጥሮ አዲስ የቴሌግራም ቻናል ነው። Fursaan Media በተለያዩ መረጃዎችና ተጨማሪ ዜናዎች ውስጥ በተመለከተ ሁኔታዎችን እንዲሰጥ ከሚያስፈልገኝ በቀላሉ ኮምኔኬሽንን በመጠቀም በመለያየታው እንመለከታለን። Fursaan Media የእናት ቻናልን እና ልጅ ቤትን እና ወንድ ልጆችን አብረው ከሆነ መድሃኒትን ውስጥ እና ለልጆችና ለቤትነት ጥቅም ከሆነ ምስራች ቤትን ማስከበር እንችላለን።

Fursaan Media

07 Dec, 17:06


#HUBACHIISA

Mata duree kana sirritti dubbisaa Nama naannoo keessan jirus gaafadha hubadhaa.

Salaanni Amrii akkaan yaachistu dha, namuu baratuun dirqama isaati...


Garaagarummaa Arkaana Salaataafi Waajibaata Salaataa.

1. Arkaana Salaataa

Arkaanni salaataa hojiiwwan bu’uurri salaataa irratti ijaaramuu dha.

Yoo arkaana keessa tokko dhabame/bade salaanni suni ni baddi haga Rukni salaata baddee san deebisutti malee.

Fakkeenya:-
Suuratul-Faatiha qara'uu dagatuu, Sujuuda dagatuu... fi kkf.


2. Waajibaata Salaataa

Wajibaata salaataa jechuun hojiiwwan salaata guutuuf hojjatamuu dha.

Waajibaata keessa tokko yoo dhabame salaanni hin diigamu, garuu sujuud sahwii gochuudhaan sirreeffama, yoo beekkaa hin dhiisin

Fakkeenya:
Takbiiraa intiqaala, Tashahhuda jalqabaa.kkf


Barreeffama gabaabaa as irratti isiniif barreessu kana qofaan namni hagam hubata jechuun gaaffii dha.

Nama naannoo keessan jiru gaafadhaa, Kitaabbiini garagaraatis dubbisaa...

@Fursaan_media
@Fursaan_media

Fursaan Media

07 Dec, 14:19


DEEBII Gaafii 10ffaa

Waajibaanni salaataa saddeeti

Waajibaanni salaataa saddeettan Akka armaan gadiiti.

1. Takbiiraa ce’umsa (Takbiiratul intiqaal) jechuun:
Rukni salaataa tokko irraa gama biraatti yeroo cehan takbiiraa jedhamutuu dha...


2. "Sami’a Allaahu liman Hamidah" jechuu: yeroo rukuu'a irraa ka’anii ol dhaabbatan imaamaafii namni itti hidhatellee jechuu qaba.


3. "Rabbanaa walakal Hamdu" jechuu: Erga Sami’a Allahu liman Hamidah booda jedhama.


4. "Subhaana Rabbiyal ‘Aziim" jechuu: Rukuu keessatti yeroo tokko.


5. "Subhaana Rabbiyal A’alaa" jechuu: Sujuuda keessatti yeroo tokko.


6. "Rabbighfir Lii" jechuu: Jidduu sujdoota lamaatti yeroo tokko.


7. Tashahhuda jalqabaa: (Attahiyyaata jalqabaa jechuu ).


8. Tashahhuda jalqabaa taa’uu: Yeroo tashahhuda/Attahiyyaata jalqabaa irratti taa'uu



#Hubachiisa: Namni tokko yoo waajiba tokko dhiise, maaliif akka dhiise hubachuun barbaachisaadha. Yoo yaada keessa galee (irraanfatee) balleesse sujuuda sahwii yoo godhee, salaanni isaa ni sirraa’a. Garuu yoo beekkaadhaan dhiise salaanni suni ni bada.

Sujudu sahwii haala lamaan dhufte Tokkoffaa:- Salaamata osoo hin baafanne sujudu sahwi godhuu,
Lammaffaa:- Salaamata booda sujudu sahwii godhuu.

Sujuud sahwiin gaafa kam salaamata dura godhama gaafa kam salaamata booda godhama ka jedhuuf kitaaba fiq'hii Sheik Ibnu baz barreessan (Sharhul Mumtaaz/شرح الممتاز) dubbisaa...

©️Fares Muhammed

@Fursaan_media

http://T.me/Fursaan_media

Fursaan Media

06 Dec, 05:07


Ergamaan rabbii ﷺ :- " Ani rahmata ergameedha. " Jedhan

Salawaata Nabiyyi rahamataan nuuf ergame irratti heddummeessaa buusaa.

♥️ اللَّهُمَّ صَلِّ وَسَـــلِّمْ وَبَارِك على نَبِيِّنَـــا مُحمَّد،♥️

Fursaan Media

06 Dec, 05:06


#Odeeffannoo
#Fursaan_media

Fox News Akka gabaasetti England keessatti maqaan Muhammad jedhu, maqoota hunda dursuun, sadarkaa 1ffaa irra jira.

Maqaan Muhammad jedhu maqaa Daa'imman reefuu dhalataniif hedduminaan moggaafamaa kan jiruu dha.


Guyyaa Jum'aa keessa Jirra Ergamaa rahmtaa irratti Salawaata heddummeessaa buusaa....

اللَّهُمَّ صَلِّ وَسَلِّمْ وَبَارِكْ عَلَى نَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ

@Fursaan_media
@Fursaan_media

Fursaan Media

05 Dec, 08:23


Baale gaarreen gurguddaan rabbiin isii badhaase, Gaarreen gurguddaa san keessa tokko Kabajamoo Sheeka keenna Doktor Gazaalii Haajii Xaahaati.

Rabbiin umrii isaanii nuuf haa dheereessu.

Fursaan Media

04 Dec, 23:50


"لا تُجالِس امرأةً وحدَها، ولو كُنتَ تُدرّسُها القُرآن."
- عُمر بن الخطاب

" Dubartii waliin kophaa hin taa'in osoo qur'aanallee ka barsiistuun taatee "
-Umar Ibnul kaxxaab

@Fursaan_media

Fursaan Media

04 Dec, 07:04


Seenaa footon tun if duubaa qabdu ni beeytanii?

Mucaan taankii waraanatti dhagaa darbaa jiru khun maqaan isaa "Faaris Odeh" ja'ama, lammii falasxiini, taankin waraanaa ta inni dhagaa itti darbaa jiru tun taankii waraana israa'ili

Footon tun October 29 bara 2000 kheessa waggaa 23 dura gaazixeessaa Associated Press Laurent Rebours khaafamte. Faaris yeroo sanitti umriin isaa waggaa 14 turte

Faaris yeroo hunda waraana Isreal guddaa khana dura dhaabbatee dhagaa itti darbuuf mana baruumsarraa hafuu ture. Akka inni mana baruumsarraa yeroo garii hafu barsiisonni maatii isatti himnaan maatin isaa akka inni gad hin baanef hidhanii manatti hulaa itti cufuu turan, garuu inni yeroo hunda dhokhateeti maskootan behee warra isarra gurguddaa wajjiin waraana israa'ilitti dhagaa darbaa ture

Faaris maatin tiyya yoo na agarte nan dhiiftu je'ee waan sodaatuf cameran akka isa argu hin fedhu, yeroo hunda camera irraa maqeeti waraana gabroofataa biyya isaa kheessa jirutti dhagaa darba. Haati isaa hayyee yoo lola khanarraa hafuu hin feenellee namni sirra gurguddaatu taankii irraa fagaateti lolaa jiraa atis irraa fagaadhuu loli jennaanin an waraana gabroomfataa hin sodaadhu je'ee haadhatti hime faaris

Haaluma khanaan osoo taankii waraana israa'il dura dhaabbatee dhagaa itti darbuu baruma san November 8tti waraanni israa'il morma kheessa xiyyitiin isa dhehe. Waan inni taankii waraana israa'iilitti dhihoo jiruuf saahibban isaa nutis yoo achi dhihaanne waraanni israa'il nu dhaha ja'anii waan sodaataniif isaa xiyyitiin dhahamee ciisu itti achi deemanii lafaa khaasuu sodaatan. Haala khanaan faaris bakkuma dhahamee ciisutti dhiiyni hedduun irraa yaa'ee achumatti du'e

Yeroon tun yeroo ummanni falasxiin gabroomfataa ofirraa khuffisuuf fincila mormii gaggeessaa turan kheessa turte. Maqaan fincila khanaa Second Intifada ykn Al-Aqsa Intifada" ja'amuun beekkama

Faarisis lola gabroomfataa biyya isarraa khaasuf eegale khanarratti dura bu'ummaan hirmaatuu ture. Osuma haala khanaan itti jiruu November 1 baruma san kheessa ilma adeera isaa kha maqaan isaa "Shaadii" ja'amu kha umriin waggaa 17 kha yeroo sanitti poolisa falasxiin ture waraanni israa'il dhehee ajjeese. Yeroo tana faaris akka hijaa bahu khakhatee haga duraanii caalaa meeshaa biraa dhabus dhagumaan qabsaahuu itti fufe" Jette obboleettin isaa Anam Odeh hoggaa waa'ee obboleessa isii dubbattu

Faaris awwaalcha ilma adeera isaa dhaqeeti lahdii ilmi adeera isaa itti awwaalamuuf deemu kheessa ciisee laalee lahdin tun ta shaadii qofa osoo hin taane tiyya" je'ee achii deeme jette obboleettin isaa

Torbaan takka booda Ghazzaa bakka karnii ja'amtutti faarisii fi saahibban isaa waraana israa'ilitti osoo dhagaa darbaa jiranii mul'atan, faaris nama hunda dura dhaabbateeti taankii waraana israa'ilitti dhagaa darbaa ture. Akka saahibban isaa himanitti akkuma faaris dhagaa lafaa fudhachuuf gad je'etti waraanni israa'il morma kheessa xiyyitiin dhehee ajjeese

United Press International (UPI) akka himetti nama kumaatmaan lakkaayamuutu awwaalcha Faaris Odeh irratti hirmaate, Abbaan faaris ilmi khiyya shahiideedha, yeroo hunda wanni inni barbaadaa ture tana" gaafa hagana hin geenyerraa MASJID AL AQSAAF du'uuf hawwaa ture" jechuun (UPI)tti hime

Ergasii badhaasni gaazixeessitoota ciccimaaf maqaa isaatin waggaraa khennamu uumame, Akkasuma dhaabbata mirga dhala namaatif falmu hedduu kheessatti seenan Faaris Odeh mallattoo qabsoo dhugaa taateeti barsiifamti. Akkasuma footon faaris tun ummata falasxiin biratti mallattoo dura dhaabbannaa diddaa gabrummaa ja'amteeti beekkamti

Tana males footon tun "David and Goliath" moment ja'amteeti addunyaa biratti beekkamti. Akkana jechuun isaanii Nabi Dawuud nama akkaan zaata isarra guddaa qabuun hoggu lolu san osoo kha footon agarsiifamu tehee akkana fakkaata jechuu itti fedhaniiti sociologistoonni addunyaa yeroo fotoo faaris tana qoratanii laalan

Fursaan Media

04 Dec, 07:04


Yeroo san kheessa Washington post haadha isaa interview yeroo godhan haati isaa akkana jechuun isaanitti dubbatte: Hoggan footoo isaa arge onneen tiyya bakka dhibatti addaan na facaati, garuu goota ja'amee yaamamuu isaati fi dhagaadhan taankii dura dhaabbatee loluu isaatiif ittiinin boona. Haa tahuu garuu yeron joollee inni wajjiin barataa ture ta mana baruumsaatii baatee deemtu arge booyuu malee waan biraa tanin godhu hin beekhu. Wannin an sodaadhu wanni hundi akkuma duraanitti deebitee duuti faaris du'a bilaash tahuudhan haalan sodaadha. Yoo lolli khun bu'aa takka malee kha asumatti dhaabbatu tehe anumaatu ilma khiyya dhabe malee faa'idaan argamte hin jirtu je'eetin amana" Jetteeti dubbatte haati gootaa.

Ibsaa Habroo

T.me/Fursaan_media

Fursaan Media

04 Dec, 04:14


DEEBII Gaafii 9ffaa

Arkaanni Salaataa (Rukniwwan Salaataa) 14 dha. Isaanis:

1. Diriiree Dhaabatuu dha

Salaata waajibaa dhaabbatee salaatuun dirqama nama dandahu irratti. yoo hin dandeenne, taa’ee yookiin ciisee salaatuun hayyamama.

2. Takbiiraa Seensaa(Takbiiratul Ihraam)

Salaata jalqabuuf "Allahu Akbar" jechuun dirqama. Niyyaa salaatatti seenuu argamsiisuu waliin, Kun arkaana salaataa keessaa isa jalqabaa ti.

3. Faatihaa Qara’uu.

Salaanni Faatihaan malee guutuu hin taatu, Raka'aa hunda keessattu, Salaata waajibaa tahee sunnaa, Imaama waliin salaatee kophaa salaatee Faatihaa qara'uun dirqama.

4. Rukuu'a gochuu

Rukuu’a jechuun duuyda gadi qabuudhaan harka jilba irra kaa’uu dha.

5. Rukuu’a irraa ol-ka'uu

Rukuu’a irraa of sirreessanii diriiree Dhaabatuu.

6. Sujuuda gochuu humna torban irratti.

Namni sujuuda irratti qaama torban itti fayyadamu qaba, Kallachaafii funyaan, harka lamaan, jilba lamaan fi miila lamaan.

7. Sujuuda irraa ol-ka’uu
Sujuuda irraa ol-ka’anii taa'uu


8. Jidduu sujuuda lamaanii taa’uu.

Sujuudota lama jidduu taa’anii tasgabbiin turuu.

9. Arkaanota hunda keessatti tasgabbiin turuu.

Tasgabbiin (xumaaniinaa) qabaachuu, arkaana hundaa tasgabbiin dalaguun dirqama

10. Tartiibota Arkaanaa

Arkaana hundaa tartiibaan gaggeessuu dha, Arkaana tokko tokko Dura dabarsuun hin tahu.

11. Tashahuda Dhumaatiif taa'uu.

Tashahuda qara'uuf taa'uun Dirqama.

12. Tashahuda xumuraa qara’uu.

Dhuma salaataatti Tashahuda qara'uu, Attahiyyaatu jedhe ykn akkaataa sunnaan ittiin dhufteen.

13. Salawaata Nabiiyyii irratti buusuu.

Taa'uumsa tashahudaa keessatti Nabii Muhammadiin (SAW) irratti salawaataa fi nagaa buusuu. Erga tashahuda jedhee booda

14. Salaammatuu lamaan

Salaata xumuruuf gara mirgaafii bitaatti "Assalamu Alaikum wa Rahmatullah" jechuu, salaanni bifa kanaan xumurama.


#Hubachiisa

Arkaanni kunniin hojiiwwan bu’uuraa fi dirqama salaataati, yoo hojii kana keessaa tokko dhabame, salaanni hin guuttamu.

©️Fares Muhammed

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

04 Dec, 04:10


DEEBII Gaafii 9ffaa

Daqiiqaa muraasa booda eegga dhaa

Fursaan Media

01 Dec, 14:32


Aalima Awwaalle Har’a!!!

Sheikh Abdurrahiim Abuu Bakar Ismaa’il.

Akka lakkoofsa Hijraatti 1382 -waggaa 64 har’aa- Diin barachuuf baalerraa miilaan imalanii Ardii Sa’uudii seenan… Sheikhni gaafa biyyarraa bahanuu Aalima guddaa turan.
Ulamoota isaanirraa achitti Fiqhii qara’an keessaa Sheikh Muhammad Amiin Karroo,Dr Abdushakuur,Dr Abdul Jaliil fi Ulamoota hedduu dha.

Hanga baatii muraasa duraatti osoo ilmii (dhaalmaya Nabi Muhammad -Sallallaahu Aleyhi Wasallam- ) qoodan addunyaa dhumtuu tanaan adda bahan.

Har’a hiriyyootni isaanii hedduun biyyee qabrii keessa ciisu… ulamootni isaaniin hiriyyaa umriin har’a gahan garaan isaanii bobahaa oole…

والشيخ كان همزة الوصل بين قرنين في العلم،وكان سلسلة من السند،وكأنها انقطعتِ اليومَ بوفاته. وقد ألحق الأصاغرَ بالأكابرِ لأنه تجاوز مائة سنة!!!

اللهم أكرم ضيفك

©️Qilleensi Nasrii Bubbise

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

01 Dec, 04:18


إنا لله وإنا إليه راجعون
"موت العالم مصيبة لا تجبر"
Aalima guddaa Imaamu Shaafi'ii zamana keennaa ( Muftii Sheeik Abdurrahiim Abu Bakar ) gara Ganda irraa hafiinsi hin jirree gara Aakiraa godaanan Rabbiin jannataan isaan haa gammachiisu....

Fursaan Media

30 Nov, 16:57


#Carraaqadhu Namni carraaqatu guyyaa tokko bakka deemuuf san ima gaha.


@Fursaan_media

Fursaan Media

30 Nov, 07:17


Hirmaannaan keessan itti haa fufu.

Akkuma baratame deebii isaa bal'inaan waliif ibsina...

Fursaan Media Obboleeyyan keessaniif share godhaa gama chaaynaalii keennatti affeeraa ...

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

29 Nov, 11:14


irra caalaan hiyyeessaa,kubbaa miilaa daawwata, irra caalaan harka qalleessaa,telvizyiina jala taa’ee diraamaa laalaa bula,irra caalaan harki hujii hin beeknee,eddoo sirbaafi taphaa fedha,irra caalaan nama hujii hin qabnee,siyaasa gara isaa hin beekne irraa dubbataa jiraataa taajjabi.

Qalbi dhabeessi telvizniina guddaa bituuf deema,qalbi qabeessi bitee itti gurguruuf dhaadhessa,gowwaan kophee furdaafi sa’atii guddaa bituuf deema,qaruuteen meeshaa bifa garagaraa fidee jala qabee waliin rakkisa,kaayyoo jiraataniif beekuu dhabuufi uf jalaa dhabamuun, jiruu nama harkaa balleessitii xiinxalli.

Yooo
Shey×xaani diina kiyya jedhaa ufii moggifatanii bulaa,Rabbiin ni sodaadha jedhaa ufii daangaa inni Kaahe diigaa bulaa,wal makee,walitti makamee nama harkaa wal laaqaa jiraa taajjabi.

Jaaloo
Homaan nama sakaalaa argi,Nyaata hinbilchaatin irra,sammuu hin bilchaatintu dhukkubaa beeki.

©Sufiyaan Usmaan

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

14 Nov, 06:25


Waahilli dhugaa Qur'aana.

Eee waa milkaahe namni Qur'aanatti waahiloome...


اللهم اجعل القرآن العظيم ربيع قلوبنا، ونور صدورنا، وجلاء أحزاننا، وذهاب همومنا وغمومنا. اللهم ذكرنا منه ما نَسيناه، وعلمنا منه ما جهلناه، ووفقنا لتلاوته والعمل به آناء الليل وأطراف النهار على الوجه الذي يرضيك عنا...

Fursaan Media

14 Nov, 06:05


▶️ Qorannoo fi yaala Hormaataa Guutuu barbaadduu ?
▶️ Garaan taa'uu didee rakkattanii jirtuu ?
▶️ Garaan taa'ee irra deddeebin bahuun ni jiraa ?
▶️ Laguun yeroo isaa malee dhaabbatee jiraa ?
▶️ Laguudhan wal qabatee yaaddoon ni jira taanaan
▶️ Qorannoo Fiixee Gadaamessaa
▶️ Baqaqsanii yaaluu  Gadaamessaa
▶️ Qorannoo fi yaala harmaa
▶️ Hordoffii Ulfaa fi Da'umsaaf
▶️ Dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaatiin rakkachaa jirtuu
▶️ Yaala Dhukkubbi dahumsa boodaa

▶️ Yaaddoo Dhaladhabuu(Maseenummaa) qabaattan taanaan

Gara Kilinika G/G KEER PILAAS Koottaa❗️
Speeshaalistii ulfaafii Gadaamessaa Muxannoo qabuun yaala argattu.


Teessoon: Baalee Roobee Naannoo Masjida Hamzaa

Odeeffannoo dabalataaf
0913979001 / 0932307566

Fursaan Media

13 Nov, 07:08


Wanti hundi hin dhuma...... 🥀
Waan Rabbiif jecha tahe malee......🌹


Sanyii gaarii facaaftee firii isii sooratta

@Fursaan_media

@Fursaan_media

Fursaan Media

13 Nov, 06:58


♥️ ‏اللهم صلِّ وَسلِّم على نبيِّنا مُحَمَّدٍ ﷺ ♥️

Fursaan Media

13 Nov, 06:55


• وسلاماً على من مر صدفة،،، فصلّى على الرسول ...

فزادني حسنه . . . وازدادت حسناته ♥️

@Fursaan_Media
@Fursaan_Media

Fursaan Media

12 Nov, 13:37


𝗪𝗼𝗹𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮… 𝗤𝘂𝗯𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂.

1. Bara namni beekkumsaa fi horii qabataa deemutti, ati muudima namatti qabataa deemuun iyyaalummaa osoo hin taane wallaalummaadha.

2. Fuudhaa fi heeruma sodaataa, sagaagalummaa irratti goota ta’uun wollaalummaadha.

3. Kan nama Uume Kan biraa, Kan nama uunshe Kan biraa ta’uun wallaalummaadha. Kama si uume jala deemi.

4. Xiqqoo obsanii barachuu diddaaf, yeroo dheeraa obsanii wallaalummaa baadhatanii deemuun, wallaalummaadha.

5. Jireenyi hundi akka Fiilmii irratti argan namaaf ta’uu qaba jedhanii yaaduun wallaalummaadha. Warruma viidiyoo irratti wal faarsetu wal abaara, warruma wal arraabe santu walitti tufaa quba qabaadhu.

6. Hojii jiru tuffatanii Hojii malee taa’aa ooluun wallaalummaadha. Digrii qabaattee yoo karaa irra teettee kophee haxoofte wanti sirraa hirdhatu hin jiru. Inumaayyuu waan baratteef hojii San Ol guddisi.

7. Alif Osoo hin jedhin Alif, Laam, Miim dhaqanii Fatwaa Kennuun wallaalummaadha. Bakkuma beekkumsi keenya itti dhaabatutti osoo dhaabannee bareeda.

8. Dubartoota qulqulluu barbaadaa xureessaati, Gaafa fuudhuuf deeman dubartii qulqullummaa qabdu barbaada jechuun wallaalummaadha. Rabbiin waadaa seene hin diigu. Baalageen baalagema fuudha/heerumaa quba qabaadhu.

9. Waan Ofiif jibban nama irratti godhuun wallaalummaadha. Waan ofii jibbanis namaaf kennuun wallaalummaadha.

10. Wallaalaa ta’uu ofii wallaaluunis wallaalummaadha quba qabaadhu.

𝗛𝗶𝗶𝗸𝗮 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗡𝘆𝗮𝗮𝘁𝘁𝗮𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗦𝗮𝗹𝗽𝗵𝗮𝗮 𝗧𝗮’𝗲 𝗧𝗮𝗻𝗮 𝗕𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗜𝘀𝗵𝗶𝗶

1. 𝖧𝗂𝗂𝗄𝖺 𝖠𝖽𝗎𝗋𝗋𝖾𝖾𝗇 𝖻𝖺𝖺𝗒’𝖺𝗍𝗎𝗍𝗍𝗂 𝖧𝖺𝗇𝗍𝗎𝗎𝗍𝖺 𝗍𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇 𝖺𝗋𝗀𝖺𝗆𝗂𝗇.

2. 𝖧𝗂𝗂𝗄𝖺 𝗐𝖺𝗋𝖺𝖺𝖻𝖾𝗌𝗌𝗂 𝖻𝖺𝖺𝗒’𝖺𝗍𝗎𝗍𝗍𝗂 𝖿𝗈𝗈𝗇 𝗁𝖺𝗋𝗋𝖾𝖾 𝗍𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇 𝖺𝗋𝗀𝖺𝗆𝗂𝗇.

3. 𝖧𝗂𝗂𝗄𝖺 𝗇𝖺𝗆𝗇𝗂 𝗆𝖺𝖼𝗁𝖺𝖺’𝖾 𝖻𝖺𝖺𝗒’𝖺𝗍𝗎𝗍𝗍𝗂 𝖡𝗂𝗋𝗂𝗅𝗅𝖾𝖾 𝗍𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇 𝖺𝗋𝗀𝖺𝗆𝗂𝗇, 𝗆𝗈𝗋𝗆𝖺 𝗌𝗂 𝗊𝖺𝖻𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎𝗇 𝗃𝖺𝗋𝖺𝖺 𝗁𝗂𝗇 𝗁𝖺𝖿𝗎.

4. 𝖧𝗂𝗂𝗄𝖺 𝖻𝗈𝗈𝗅𝗅𝗂 𝗊𝗈𝗍𝖺𝗆𝖾 𝖻𝖺𝖺𝗒’𝖺𝗍𝗎𝗍𝗍𝗂 𝗃𝖺𝖺𝗆𝖺𝖺 𝗎𝗅𝖾𝖾 𝗀𝖺𝗍𝖾 𝗍𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇 𝖺𝗋𝗀𝖺𝗆𝗂𝗇. Takka ofii itti badda, takkaa immoo harkisanii itti si darban.

5. 𝖡𝖺𝗄𝗄𝖺 𝗇𝖺𝗆𝗇𝗂 𝖻𝗂𝗋𝗈𝗈 𝗁𝗂𝗇 𝗃𝗂𝗋𝗋𝖾𝗍𝗍𝗂 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝖺/𝖽𝗎𝖻𝖺𝗋𝗍𝗂𝗂 𝗐𝖺𝗃𝗃𝗂𝗂𝗇 𝗄𝗈𝗉𝗁𝖺𝖺 𝗁𝗂𝗇 𝖳𝖺𝖺’𝗂𝗇. Jarri kun akka bantoo maagneetii Kaabaa fi Kibbaati, walitti dhihaannaan Wal harkisu waan ta’eef, fageenyumatu gaariidha. Bakki kun hattootaaf hin tamacha’u.

𝗕𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮𝘁𝘁𝘂𝘂 𝗻𝘆𝗮𝗮𝘁𝘁𝗮𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗸𝗲𝗲 𝗵𝗶𝗻 𝗵𝗮𝗳𝘂.Rabbi Si Haa eegu.

©Gaazixeessaa Abdunnaasir tufaa

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

12 Nov, 13:34


"ليس كلُّ من حملَ الكتبَ تزوّدَ بالحكمة، فالمعرفةُ ليست في ثقلِ الأوراقِ، بل في سموِّ الفهمِ وعمقِ الإدراك."

Fursaan Media

12 Nov, 10:17


Ibraahimiyyaan maali ?

Ilaalchi Kun Amantoota sadiin
Islaamummaa kiristaanaa fi Yahuudaa irratti xiyyeeffata ijoon dubbii jarri Kun Sadan obboleewwani hundi isaaniituu amantii samii irraa bu'e jechuu irra mara.

Sadarkaalee garagaraa keessa darbee Jira
Gaafa durii 1987 biyya Spainitti wolgayii godhan woldhaya Al mu'uminuun Al muttahiduun jedhus dhaabanii mallaqa guddaan deeggarraa turan hin milkoofne

Qur'aanaa wongeelaa fi towraat wolitti makanii Kitaaba tokko godhuu akkasuma mana Amantaa tokko wolitti ijaaruufis yaalan hin milkoofne

Booda kana
Amantii wolitti laaqanii tokko godhuun sun hin milkaayuu hubannaan
البيت العائلة الإبراهيمية
Mana maatii Ibraahiim yaada jedhuun gadi dhufan
Imaaraat mana tokko wolitti ijaarteefii jirti
Addunyaa hundarrattis yaaduma kanatu bifa garagaraatiin mariif dhiyaataa Jira
Maqaa jijiiruu fi haalaa garagaraatiin dhiyeessanis
Woldanda'uu fi wol jaalala Namoomaa jedhamus
Wolaa'aa fi baraa'aa laaffisuu/ balleessuu fi Amantiin adda hin baanu tokko tokko hin kafarsiisnu jechuudha.

Aqiidaan islaamaa ammoo faallaa yaada kanaati....

Islaamummaan ala amantiin kamu dhara.
وَمَن يَبْتَغِ غَيْرَ ٱلْإِسْلَٰمِ دِينًا فَلَن يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِى ٱلْءَاخِرَةِ مِنَ ٱلْخَٰسِرِينَ.

Fursaan Media

10 Nov, 19:06


- الدعاء للذرية شديد الحضور في القرآن ..

"وأصلح لي في ذريتي"

"وإني أعيذها بك وذريتها"

"ربنا هب لنا من أزواجنا وذرياتنا قرة أعين"

"رب اجعلني مقيم الصلاة ومن ذريتي"

"ربنا واجعلنا مسلمين لك ومن ذريتنا"

"رب هب لي من لدنك ذرية طيبة"

"واجنبني وبني أن نعبد الأصنام"

ففي تدبر الآيات السابقة، وما فيها من الدعاء للذرية
ندرك أن من أعظم أسباب صلاح الأبناء؛ "كثرة الدعاء لهم"
فاحترس أن تستغرق كثيرًا في الوسائل التربوية الحديثة، وتغفل عن الوسيلة العظمى، وهي "كثرة الدعاء لهم".

Fursaan Media

10 Nov, 06:39


إلى كل فتاة ملتزمة ضروري تعرفي قبل الزواج💍

💍 لا يوجـد رجل كامـل ✔️

💍 الرجال مثل الأطفال✔️

💍 اسمعي بسرعة. تحدثي ببطء.✔️

💍 لا تتنافسين مع رجل أبدًا.✔️

💍 لا تحاولى أبدًا أن تكوني متساوية معه.✔️

💍 سارعي بالاعتذار عندما تعلمي أنك مخطئة.✔️

💍 لا تغاري عليه كثيرًا. وهذا جيد لراحة بالك.✔️

💍 يمكنك التحقق من هاتفه إذا أردتي، ولكن هذا ليس ضروريا.✔️

💍 كوني صادقة دائمًا كزوجة.✔️

💍 لا تخرجي من منزلك أبداً دون إذنه.✔️

💍 تأكدي من معرفة الأطعمة التي يحبها، وجهزيها مرتين في الأسبوع على الأقل إذا سمح المال بذلك.✔️

💍 حاولوا وضع الميزانيـة معًـا.✔️

💍 كوني ناصحة له، وليس ناقـدة. ✔️

💍 لا تنسي أبدًا أن الزوجة هي مساعدة الزوج.✔️

💍 تعلمي الأشياء الجيدة من والدتك.✔️

💍 عندما يرزقك الله بأطفال، لا تهتمي أكثر بأطفالك وتنسى زوجك.✔️

💍 تعلمي أن تبتسمي لزوجك.✔️

💍 عندما يحين موعد خروج زوجك من العمل، سلمي عليه. إذا أمكن، عانقيه.✔️

💍 لا تتركي زوجك يخرج من المنزل دون أن يأكل.✔️

💍 عندما يغضب زوجك توقفي عن الكلام. ✔️

💍 حافظي على نظافة غرفة النوم دائماً.✔️

💍 لا تضع الملابس على السرير أبداً. بعض الرجال يكرهون ذلك.✔️

💍 كوني امرأة نظيفة.✔️

💍 كوني رومانسية.✔️

💍 تذكري دائماً أن تفعلي ما يجب على الزوجة أن تفعله. أنت لست أخته.✔️

💍 عاملي أقاربه كما تعاملي أقاربك.✔️

💍 اسألي في كثير من الأحيان عن أحوال أقاربه.✔️

💍 اذهبا إلى المسجد معًـا. "صـلاة التراويح"صلاة الجمعة"هناك مكان مخصص للنساء ✔️

💍 لا تقارني زوجك أو منزلك أبدًا بمنزل شخص آخر.✔️

🍀 اذا اتممـت القـراءة ﷺ 💛

Fursaan Media

09 Nov, 17:10


MIDHAMU KALEE (Dadhabuu Kalee)YEROO GABAABAA...
▶️Miidhaa Kalee cimaa (AKI) jedhamee kan waamamu, hojiin kalee akka tasaa gadi bu’uudha.kunis Sadarkaan seerumi kiriiyaatiniinii dabaluu, fincaan hir’achuu ykn lamaan isaaniitiin kan beekamudha. AKIn sa’aatii hanga guyyootaatti kan uumamuu danda’u yoo ta’u, sababoota adda addaa irraa kan ka’en dhufuu danda'a.
isaanis bal’inaan gosoota gurguddoo sadiitti ramadamuu danda’u:

1. Sababbi Kalee Duraa: Kunis dhangala’aan dhiigni gara kaleetti hir’achuu irraa kan ka’e yoo ta’u, kunis sababa:
- Bishaan qaama keessaa hir’achuu (fkn, garaa kaasaa(baasaan deeddebiee baasuu), garaacha, ykn garmalee haqqisiisuu baasuu irraa) .
- Onneen dadhabuu ykn rifachuu
- Dhiiga dhabuu (dhiiguu) .
- Sepsis/infection cimaa jedhamun
- Dhibee arterii kaleetiin

2. Sababbiii kalee Keessaa: Isaan kun kallattiin tishuu ykn qaama kalee irratti miidhaa qabaachuu yoo ta'u, kanneen armaan gadiitiin dhufuu danda'u:
-▶️Acute tubular necrosis (ATN), yeroo baay’ee sababa ischemia ykn nephrotoxins kan dhufu
- ▶️Dhukkuba Glomerulonephritis jedhamu
- ▶️Interstitial nephritis (yeroo baayyee sababa qoricha garagaraa fudhatuu ykn infekshiniin dhufuu danda'a) .
- ▶️Dhimma ujummoolee dhiigaa kaleetiin .
_▶️Dhukkuba Busaatiin

3. Sababbii kalee Boodan jiru: Isaan kun sababa danqamuu ykn cufamuu dhangala'aa fincaaniitiin kan dhufan yoo ta'u, kunis:
-▶️ Dhagaa ykn xirracha kalee qabaatuu
- ▶️Tumoorii ykn ixii jiraachuu
- ▶️Xannachi Piroostaatii guddachuu (benign prostatic hyperplasia) .
- ▶️Urethral strictures (walitti Maxxanuu ujoommoo fincaanii)

### Mallattoolee dhukkubaa
Mallattoon AKI garaagarummaa qabaachuu danda’a garuu kanneen armaan gadii of keessatti qabachuu danda’a:
- ▶️Fincaan bahu hir'achuu
- ▶️Miila, jilba, ykn naannoo ijaa,fuulli dhiita’uu
- ▶️Fincaan bifa jijjiirachu
-▶️ Ol nama jechuu fi fedhii nyaataa hirrachu
- ▶️Hinqirsuu qabaatu
-▶️ Hafuura baafachuu dadhabuu
-▶️Oi Qaamaa dabaluu
_▶️Dadhabina qaamaa qabaatuu

### Qorannoo

Qorannoo yeroo baay’ee kanneen armaan gadii of keessatti qabata:
- Qorannoo dhiigaa hamma seerumi kiriiyaatiniinii fi yuuriyaa naayitiroojiinii (BUN) dhiigaa safaruuf
- Xiinxala fincaanii ba’aa fi walnyaatinsa fincaanii ilaaluu
- Qorannoowwan suuraa (fkn, altiraasaawundii) danqaawwan wanti karaa fincaanii cufan jiraachuu isaanii ilaaluu.
- Yeroo tokko tokko, sababa adda baasuuf baayoopsii kalee fudhatuun barbaachisaa ta'uu danda'a.

### Wal'aansa
Wal’aansi AKI sababa isaa furuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, kanneen armaan gadii of keessatti qabachuu danda’a:
- Dhangala’oodhaan bishaan deebisuu (yoo sababa kalee duraa ta’e) .
- Qorichoota nefrootoksiiksii ta'an addaan kutuu
- Dhibee biraa kan jiru yaaluu (fkn, dadhabuu onnee, infekshinii) .
- Haala cimaa ta’een ykn rakkoon lubbuu namaa balaa irra buusu yoo jiraate daayaliisiisii ​​barbaachisuu danda’a.

#AKI sababa, ciminaa fi fayyaa waliigalaa dhukkubsataa irratti hundaa’uun garaagarummaa qaba. Dhukkubsattoonni hedduun guutummaatti ni fayyu, garuu tokko tokko miidhaan kalee yeroo dheeraa ykn gara dhukkuba kalee yeroo dheeraa ta’etti guddachuu danda’a.

Gaaffii addaa yoo qabaattan ykn waa'ee acute renal failure odeeffannoo bal'aa yoo barbaaddan, bilisaan gaafadhaa!

Odeeffannoo dabalataa fi yaala isaa ykn qorannoo guutuu


Kiliinika G/G Keer Pilaas
Baalee Roobee Naannoo Masjida Hamzaa tti argattu.

Fursaan Media

08 Nov, 19:20


Irra jaalatamaan dalagaa Rabbi biratti

1ffaa: salaata yeroo isinitti salaatuu
2ffaa: haadhaa fii abbaatti tola ooluu
3ffaa: karaa Rabbii keeysatti qabsoo godhuu

Salaata yeroo isii dura yoo salaatan hin qeebalamtu. Osoo zuhriin hin geenye, osoo fajriin hin geenye daqiiqaa 5 hafus waqxii dura ta salaatan sun waan takka osoo isiin hin jirre fiduudha sun hin qeebalamtu. Booda aansuun ammoo ajaja Rabbii fii Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam khallafuudha. Salaata waqxii isiitti salaatuun ammoo waan akkaan Rabbiin jaalatu fii itti ajaje hojjachuudha.

Haadhaa fii abbaa namni qabu qabsoon isaa guddoon, sadaqaa fii tolli isaa guddaan, koflaa fii gammachuun isaa guddaan isaan gammachiisuun tahuu qaba.

Karaa Rabbii keeysatti qabeenyaan, beekkumsaa fii qaamaan qabsaawuun Irra jaalatamaa hojiiti.

Sadeenuu hojjachuudha Rabbi nuuf haa laaffisu

Fursaan Media

08 Nov, 10:32


Haati akka lubbuuti yeroo lama hin deebitu.

Haadha teessan jabeeffadhaa.

👈🏽 امك ثم امك ثم امك

(( وقل ربي ارحمهما كما ربياني صغيرا ))

Fursaan Media

08 Nov, 06:07


كُلُّ خيرٍ فِي إِتبَاعِ مَنْ سَلَف --- وكُلُّ شرّ فِي ابْتِدَاعٍ مَن خَلَف...!

Fursaan Media

08 Nov, 04:12


‏"ثم يُقال : يا مُحمَّد :
ارفعْ رأسكَ، وسَلْ تُعطَ، واشفعْ تُشَفّع

فأرفع رأسي فأقول :
يآربّ أمّتي، أمّتي "

إِنَّ اللَّهَ وَمَلائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا

♥️ ‏اللهم صلِّ وَسلِّم على نبيِّنا مُحَمَّدٍ ﷺ ♥️

Fursaan Media

07 Nov, 06:45


#Seeqadhu…
Ati fayyaa fi qananii keessa waan gangalataa jirtuuf….dhibamaa meeqatu gatii qaalii bira kutee, waan qabu guutuu gurguree bituuf hawwaa jira…!
#Seeqadhu….!
Ati lubbuun jirtaa…hiree tee barbaadataa jirtaa…Nama meeqatu kan du’ee boolla keessa jiru…galee gaarii dalagachuuf hawwaa jira….!!
#Seeqadhu…!
Rabbii gabbartuu fi kadhattu qabda waan taheef…Nama meeqatu loon gabbaraa jira beektaa…!
#Seeqadhu….!
Ati waan si taateef…Nama meeqatu si tahuu hawwee dadhabe…!

👇🏻

https://t.me/tafak_or

Fursaan Media

06 Nov, 17:07


Waan deemaa jiru tana quba qabaadhaa...

Fitnaa obboleettii Ahbaash fakkattu ammallee majlisa keessaan as bahuuf deemaa jirti quba qabaa dhaa...

Amantii #Ibrahimiyyaa mootummaa Imaaraatiin deeggaramtu Itoophiyaafii biyyoota garagaraa keessatti gadi dhabuuf sochii deemaa jirtu keessaa tuni takka.

Fursaan Media

06 Nov, 06:16


Fitnaa Majilisa keessaan ummata Islaamaatti as deemaa jirtu tana rabbiin nurraa haa qabu...

Hedduun hawaasa keennaa irraa quba hin qabu waan deemaa jiru kana.

Fursaan Media

06 Nov, 06:15


#Amantii Ibraahim malee #Amantiilee Ibraahimiyyaa wanti jedhamu hin jiru.

👉Amantiin Ibraahim ammoo Islaamummaa qofa

🤔#Namni Maallaqaa fi aangoo yoo qabaate Aqiidaa namaa akka fedhe godha jechuudhaa?
Aqiidaa keenya Qur'aana malee Majliisaa fi Mootummaa Dubaayii miti.

مَا كَانَ إِبْرَٰهِيمُ يَهُودِيًّۭا وَلَا نَصْرَانِيًّۭا وَلَـٰكِن كَانَ حَنِيفًۭا مُّسْلِمًۭا وَمَا كَانَ مِنَ ٱلْمُشْرِكِينَ ٦٧

Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taane.Garuu inni Muslima qajeelaa ture.Inni mushrikoota irraas hin taane.

إِنَّ أَوْلَى ٱلنَّاسِ بِإِبْرَٰهِيمَ لَلَّذِينَ ٱتَّبَعُوهُ وَهَـٰذَا ٱلنَّبِىُّ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ۗ وَٱللَّهُ وَلِىُّ ٱلْمُؤْمِنِينَ ٦٨

Namoonni Ibraahiimitti irra aanan: isaan isa hordofan, nabiyyii kanaafi warra amananiidha.Rabbiin gargaaraa mu’uminootaati.

وَدَّت طَّآئِفَةٌۭ مِّنْ أَهْلِ ٱلْكِتَـٰبِ لَوْ يُضِلُّونَكُمْ وَمَا يُضِلُّونَ إِلَّآ أَنفُسَهُمْ وَمَا يَشْعُرُونَ
👉"Gareen warra kitaabaa irraa taate tokko isin jallisuu jaalatte.Lubbuu isaanii malee homaa hin jallisanu; garuu isaan hin beekanu"

keeyyatoonni armaan gadii Muslimootaaf gahaadha ibsa biroo hin barbaachisu.

۞ یَـٰۤأَیُّهَا ٱلَّذِینَ ءَامَنُوا۟ لَا تَتَّخِذُوا۟ ٱلۡیَهُودَ وَٱلنَّصَـٰرَىٰۤ أَوۡلِیَاۤءَۘ بَعۡضُهُمۡ أَوۡلِیَاۤءُ بَعۡضࣲۚ وَمَن یَتَوَلَّهُم مِّنكُمۡ فَإِنَّهُۥ مِنۡهُمۡۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا یَهۡدِی ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّـٰلِمِینَ ۝٥١ فَتَرَى ٱلَّذِینَ فِی قُلُوبِهِم مَّرَضࣱ یُسَـٰرِعُونَ فِیهِمۡ یَقُولُونَ نَخۡشَىٰۤ أَن تُصِیبَنَا دَاۤىِٕرَةࣱۚ فَعَسَى ٱللَّهُ أَن یَأۡتِیَ بِٱلۡفَتۡحِ أَوۡ أَمۡرࣲ مِّنۡ عِندِهِۦ فَیُصۡبِحُوا۟ عَلَىٰ مَاۤ أَسَرُّوا۟ فِیۤ أَنفُسِهِمۡ نَـٰدِمِینَ ۝٥٢

Barreeffama kana share godhi..jzk

©Awol Kasim Alo

Fursaan Media

05 Nov, 10:22


Fakkeenya Gaarii

Yeroo khaliifummaa Umar Ibnul Khaxxaabitti Dargaggoonni sadii namticha tokko qabanii, gara Amiira muslimootaa fidan.

Yaa Amiiral Mu'miniin, Namtichi kun Abbaa keenya nurraa ajjeese. kanaafuu akka murtii itti nuuf kennitu barbaanna. jedhaniin.

Umar: maaliif ajjeeste?

Namticha: Ani gaala tiksa, gaala kiyya keeysaa inni tokko Ooyruu Abbaa isaanii seenee dheede, yeroo kana Abbaan isaanii dhagaa diqqaa tokko darbatee gaala kiyya ajjeese. anis dhagaa inni darbe san fuudhee itti darbadhee dhahe. yeruma san innis du'e jechuun deebise.

Umar: akkas tahu murtii sirratti dabarsina.

Namticha: murtii ni fudhadha. garuu dhaala Abbaan keenya akka Obboleeyyan kiyyaa qoodu dhaamatetu na harka jira, yoo murtiin natti kenname dhaalli kun obboleeyyan kiyya kanaa hin dhaqabu. kanaafuu dhaala kana kennee dhufaa guyyaa sadii naaf kenni .

Umar: hanga ati deebituuf nama wabii Siif tahu tokko dhiheessi.

Namtichi ammoo nama tokkollee isaan keeysaa hin beeku. Nama wabii dhiheeyfatu dhabee dhaabbatee hafe. Achi booda Abaa Zarri (R.A) ummata keeysaa as bahee,

Anatu wabii tahaaf jedhe.

Umar: Abaa Zarri, wabii tahuu ni dandeessaa?

Abaa Zarr: Eeyyen

Umar: Yoo inni guyyaa Sadi keessatti hin deebi'in murtiin isaa gama kee dabarfamti ni beeytaamii?

Abaa Zarr: Eeyyen ni beekaa.

Achi booda Umar Namntichaan deemi jedheen. Osoo namichi deebi’ee hin dhufin guyyaan 3ffaa gahe. Ummanni Namichi deebi’uu dhabnaan hedduu rifatan. Murtiin du’aa namicharratti dabarfamu, yoo inni dhufuu dhabe gama abaa Zarrii dabra. Kun ammoo hedduu ummata rifachiise. Ummanni walitti qabamee Namicha eegutti jira. Salaanni Asrii dabree Madgriibni dhihaatee jira. eega namni hundi abdii muree Murtii Abaa Zarr irratti dabarsuuf qophaahanii booda, Namtichi fiigichaan haafuura darbaa dhufe. Namni hundi Namticha arginaan ajaa’ibuu eegale. Dhufee Umar dura dhaabbatee,

Yaa Amiiral Mu’miniin, Duniyaa na bira jirtu hunda Qoodee bakkaan gahee biraa dhufe. Amma murtii narratti dabrsuu ni dandeessa. Toohannoo kee jala jira. jedheen

Umar: Silaa dhokattee achumaan hafuu ni dandeessaayu, garuu akkamitti dhufte? Jedhee gaafate.

Namticha: ilmaan namaa jiddutti waadaa walii galan guutuun akka hin dhabamneef dhufe. Jedheen

Umar: Yaa Abaa Zarr, namticha kana hin beektu, akkamiiltti wabii taateef?

Abaa zarr: wanti ani wabii taheef, Ilma namaa jiddutti tola waliif ooluun dhabame akka hin jedhamne sodaadheeti.

Yeroma kana Dargaggoonni Abbaan isaanii irraa ajjeefames rifatuun

nutis dhiifama gooneefii jirra. adabbiin akka irratti hin raawwatamne jedhan.

Umar: Isiin hoo maaliif dhiifama gootaaniif ?

Dargaggoota: Nuti immoo dhiifama waliif godhuun Ilma namaa jiddutti dhabame akka hin jedhamne Sodaanneeti.

Rabbiin warra fakkeenya gaarii irraa baratu nu haa godhu!

Fursaan Media

04 Nov, 06:45


Naamusa Islaamummaa keessaa Nama tokko waan inni sirraa dhoysu qoqqottee isa gaafatuu dhabuu dha.

قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ:- "مِنْ حُسْنِ إِسْلَامِ الْمَرْءِ تَرْكُهُ مَا لَا يَعنِيهِ."

Ergamaan rabbii ﷺ akkana jedhan:- " Toliinsa Islaamummaa namichaa irraa waan is hin galchine dhiisuu dha "

Maal hojjatta ??
Mindaan kee meeqa ??
Yoom fuuta ??
Maa hin heerumne ??
Eessa deemta ??
Maa gurraachooyte ??
Maa laafte ??

Bu'aan deebii gaaffii kanaa irraa argamu maali !!!

Fares Muhammed

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

01 Nov, 03:57


" Mootummaan dhimma hijaabaa fi niqaaba barattoota muslimaatiif furmaata waaraa Akka argatuuf maal gochaa jira?"

Kabajamoo Ustaaz Kaamiil Shamsuu gaaffii Paarlamaaf dhiyeessan
.



"የሙስሊም ተማሪዎችን የሂጃብ እና የኒቃብ ጉዳይ ቋሚ መፍትሄ እንዲያገኝ መንግስት ምን እየሰራ ነው?" ሲሉ የተከበሩ ኡስታዝ ካሚል ሸምሱ ለፓርላማ ጥያቄ አቀረቡ

Fursaan Media

01 Nov, 03:57


Jeedalti kormaa lukkuu nyaachuu muratte lukkuudhaan, sagaleen abbaa keetii,hedduu namatti tola jetteen,kormaan lukkuu hinaafee,anis sagaleen kiyya,kan abbaa kiyyaa caala mi’aawaa,kiyya hin dhageenne seha jedheen.

Jeedalloonis mee al tokko,iyyiitii na dhageessisi jetteen,kormaan lukkuu hinaafu ija lamaan cufatee, qoonqa ciratee,iyyansa itti gadi dhiise.

yeroo inni ija walitti cufatee iyyansa jalqabu,jeedalti kormaa lukkuu qab gootee,afaan kaahattee fiigicha kutte,yeroo kana sareen naannoo eegu argee,jeedala jala gadi jedhe.

jeedalti sareen bira geette,hedduu cinqame,yeroo kana lukkuun jeedalaan,sareen kuni si dhaqqabaa jiraa,lukkuun kuni ka naannoo keessaniitii miti jedhiin jedheen.

jeedalti rifatte saree ariituun,lukkuu kuni kan naannoo keessaniitii mitii narraa dhaabbadhu jetteen,yeroo jeedalti haasawaaf afaan bantu,kormaan lukkuu afaan jeedalaatii bu’e barrisee kute.

jeedalti ufirra dhaabbattee,badii nama yeroo isaa osoo hin eegne waa dubbatuu har’a arge jennaan, kormaan lukkuutis,badii nama osoo hammenya argu ija irraa cufatee,anis har’uma arge jedhe.

Yoooo
Bakka si hin madaalletti waa hin dubbatin,bakka ija banachuu qabdutti hin dunuunfatin,bakka gatii kee hin beekne hin ijjatin,teessoo kabajaa,abbatu uf jalaan deema.

Abbaakoo!
Nyaata hin bilchaatinirra,sammuu hin bilchaatintu summiidha!

©Ustaaz Sufiyaan Usmaan

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

27 Oct, 06:58


𝗗𝗼𝗴𝗼𝗻𝗴𝗼𝗿𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗠𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗕𝘂𝗹𝘁𝗶𝗶 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗥𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝘂 𝗠𝘂𝗿𝗮𝗮𝘀𝗮…🎁🎁🥀

1. Bultiin Amaanaa Rabbii Ta’uu Wollaaluu.

2. Oowwa SHahiwaa ofirraa hirdhisuuf jecha Jaartii barbaaduu.

3. Hojii alaatti jabaa ta’ee, Hojii mana isaa dadhabuu.

4. Jaartii Ofii jalaa dheessuuf jecha, dubartii biroo jalatti kufuu. Booji’amaa akka nama fiilmii hindii baay’isuu.

5. Alatti arjaa ta’ee, mana ofiitiif harki isaa akka harka kaangaarrootti gabaabbachuu.

6. Jaartii ofiitiin sijaaladha jechuu akka saalfiitti laaluu.

7. Siree irratti ofii daddafee quufee laxxi jedhee rafuu. Jaarsa akka kormaa Lukkuu.

8. Wanti Jaartiin Isa irraa barbaaddu maallaqa qofa jedhee yaaduu.

9. Jaartii Ofii biratti Dubartii biroo faarsuu. Ta qaamaan beektu dhiisiitii tan TV irratti argituu faarsuun qaaqa ofitti bituudha.

10. Qabeenya Keessan Mariidhaan maletti firfirsuu. Mari’achuun bareeda.

11. Mana Ofii humnaan bulchuuf yaaduu fi yaaluu. Tiksee Horiituu yoo taate loon uleen itti hin duulin.

12. Yaada Haadha Manaa Baha dhoorguu fi Tuffachuu.

13. Balleessaa Ofiitiif dhiifama jechuun du’a namatti fakkaachuu. Dhiifamni dawaa kafaltii malee ittiin wal yaalan.

14. Guddina, Aangoo fi Kabajaa iddoo dalagaa baatanii manattiin galuu. Jara kana uffatuma waliin ol seenii baafadhuu maatii keetitti makami.

15. Waan hunda Keessatti Jabaa Of fakkeessitee muldhachuu. Hanqina keetiif jaartiin tee yoo itti siif guutte hin duutu abshir.

16. Ilmaan wajjiin jaartii kophaa gatuu fi irraanfachuu. Dhaluu qofaan yoo kan dhaadattu ta’e, foonis raammoo dhalaa quba qabaadhu.

17. Kabaja keetii fi Maatii keetii Jaartii irraa barbaadataa, Isii fi Maatii isii Xiqqeessuu.

𝗗𝘂𝗯𝗮𝗿𝘁𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶 𝗕𝗮𝗴𝗮 𝗴𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱𝗱𝗮𝗻 𝗵𝗮𝗿𝗱𝗵𝗮.

©Abdunasir tufaa

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

24 Oct, 17:10


Wanti bareedaan hundi akka waan jaalallee isaanii Nabi Muhammadiin isaan yaadachiisuuti... 🤍

🛑 Aadaalee mimmidhaagoo ummata masrii (gibxii) keessa tokko;

Yeroo waan bareedduu argan hunda: “Yaa RABBI nabi muhammad irratti salawaata buusi ” jedhu.

© Ifaa Dhugaa

Fursaan Media

23 Oct, 08:50


Irra xiqqaataan / irra Salphataan namaa,
Nama siin dorgomuu hin dandeenne kan ofii ammo kijibaan Dhageettii / Maqaa kee si balleessaa deemuudha

Jibran Kaliil jibran

Fursaan Media

22 Oct, 19:14


#Jaalattee_osoo_hin_taane_Dirqiidhaani

😱 😱 😱 😱 😱

👉🏽Gaafa ati duute
Mana kee bareedaa keessaa jaalattee osoo hin taane dirqiidhaan si baasan.

👉🏽Gaafa ati duute
Uffata kee bareedaa jaalattee osoo hin taane dirqiidhaan sirraa mulqanii abjadii sitti uffisan.

👉🏽Gaaf ati duute
Firaasha kee bareedaa irraa jaalattee osoo hin taane dirqiidhan irraa si buusanii biyyee irra si ciibsan.

👉🏽Gaaf ati duute
Qabeenya kee hunda walitti qabani jaalatte osoo hin taane dirqiidhaan warroota si dhaalaniif Qoodan.

👉🏽Gaaf ati duute
Maqaa kee sirraa dhiisanii jaalattee osoo hin taane dirqiidhaan reeffa jechuun waamamta.

👉🏽Gaaf ati duute
Firaafii hiriyyoota kee gaggaarii irraa jaalattee osoo hin taane dirqiidhaan addaan baata.


🔴🔴🔴🔴

Fursaan Media

22 Oct, 11:06


Yeroo nama ajaa'ibsiistu, Nama khofalchiistu akkasumas nama rifachiistu kheessa jirra

Yeroo nama hedduu agarru garu namummaa hin agarre kheessa jirra

Yeroo taajirri ilmaan caalaa ruuma hedduu qabu kha miskiinni ammoo ruuma caalaa ilmaan hedduu qabu kheessa jirra

Yeroo telefoonni nama sirraa fagootin walitti si dhiheessee ammoo nama sitti dhihorraa si fageessu kheessa jirra

Yeroo Haati takka ilmaan khudhan jiraachisuu dandeessu garuu ilmaan khudhan haadha takka jiraachisuu hin dandeenye kheessa jirra

Yeroo taajirri nyaata ofirraa daleysiisuuf amna dheertuu deemu garuu miskiinni nyaata barbaaduuf amna dheertuu deemu kheessa jirra

Yeroo dubartiin akka qullaa deemtuuf birriin khafalamtuuf garuu namni biraa waan qaamatti uwwifatu dhabaaf qullaa deemu kheessa jirra

Yeroo namni walitti dhihaannuun haalan hedduu garuu hariiroon cimtuun nu jidduu hin jirre kheessa jirra

Yeroo akka itti maallaqa bareedaa argatan beeynu garuu jireenya bareedaa jiraatuu wallaalle kheessa jirra

Yeroo namni hundi xiqqo malee gatii waa hundaa beekhu garuu maalummaa waan takkaa hin beeyne kheessa jirra

Dhugumatti yeroo ajaa'ibaa kheessa jirra. Rabbiin amrii jabaatte hundaahuu nuuf laaffisu.

Forwarded

Fursaan Media

20 Oct, 12:18


رحمك الله يا ابا ابراهيم يحي سنوار عاش مرفوع الراس حتى وهوه في سجون اعدائه.

ومات مرفوع الراس شامخا وهو يقاتل اعدائه
فعاش كما يحب ومات كما تمنا
وهوه يردد ساحمل روحي على راحتي والقي بها في مهاوي الردا
فاما حيآ ترضي الاله واما مماتآ يغيض العداء ونفسي الشريف لها غايتان ورود المنايا. ونيل المنى

Fursaan Media

19 Oct, 18:01


{وَكَأَيِّن مِّن نَّبِيٍّ قَاتَلَ مَعَهُ رِبِّيُّونَ كَثِيرٌ فَمَا وَهَنُوا لِمَا أَصَابَهُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَمَا ضَعُفُوا وَمَا اسْتَكَانُوا ۗ وَاللَّهُ يُحِبُّ الصَّابِرِينَ}

["Nabiyyoota heddutu jira kan Sahaabonni isaa hedduun isa woliin lole! Madaa fi miidhaa isaan irra ga'eef jedhanii hin laafne! Dadhabaniis qabsoo hin dhiifne. Diina isaaniitiifis gad jedhanii harka hin kennanne! (Qabsiin isaanii Rabbiif waan ta'eef) Rabbiin obsitoota isaa jaalata!]

Jedha Rabbiin keenya.

Fursaan Media

19 Oct, 14:01


خطبة الجمعة كاملة بين أيديكم ( السنوار قصة بطل )

https://youtu.be/5fzzEbK1etE

Fursaan Media

19 Oct, 06:43


Guyyaa tokkoon goota hin tahan,halkan tokkoon hayyuu hin tahan,yeroo tokkoon beekaa hin tahan, hunduu yeroo isaa eeggatee wal-duraa duubaan dhufaa beeki.

Yooo
Qorsa dhukkuba hundaaf dawaa tahu,beekkamaan lamatu jira,yeroofi tasgabbiidha,yeroo fudhatanii ija qaroo qabduun laaluufi,qalbii tasgabbii qabduun waa hubachuudhaa beeki.

Jaaloo
Takka dura zeerotu jiraa argi,takka guddisuufis zeeroo heddummeessutu barbaachisaa,diindallee bu’aa hin oolinii,bu’aa zeeroo duraatiifi zeeroo duubaa baradhu.

©️Ustaaz Sufiyan Usman

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

18 Oct, 17:56


1961 Kaampii baqattoota Kaan Yuunis keessatti dhalate

1982 Garee Al-Maajid jedhamu waliin wal qabatee too'annoo jala oole

1988 Kutaa naga eegsiftoota Haamaas ijaare

1989 Israa'elootaan hidhamee murtiin du'aa isarratti darbe

2011 Hidhaa waggoota 22 booda wal jijjiirraa hidhamtootaan gadi lakkifame

2017 Hogganaa Hamaas Gaazaa ta'uu filame

Onkoloolessa 7-2023 Israa'el irratti haleellaa tasaa akka raawwatu taasise

Waxabajjii 2024 ajjeefamuu Ismaa'il Haniyaa sababeeffachuudhaan hogganaa Hamaas ta'ee filame

Onkoloolessa 17-2024 haleellaa waraana Israa'eliin wareegame!.

...
Rabbiin sadarkaa Shaahiidotaa Isaaf Haa Kennu!.

Fursaan Media

18 Oct, 12:58


Kataa'ib Al-qassam
Yahyaa Sinwar

Gootichi Yahyaa Sinwar wareegamuu kataa'ib Al-qassam mirkaneessee Jira.

Goota tahee jiraatee goota tahee du'e

#Fursaan_media

Fursaan Media

18 Oct, 06:35


Namtichatu mana sirreessaa adabaa erga seene waggaa hedduu lakkoofsise jedhan,yeroo dheeraa booda adabbii lubbuu’uutiin akka goolabamu itti murtaahe,yeroo mana murtiitii galu,hiriyaan isaa mana hidhaa keessa wajji jiraatan argee,maal taate? Maal sitti kennan jedhee gaafannaan,cal-jedhi,adabbii kallachaan liqimsuuti jedheen.

Hiriyaan isaa,Maarree!galata Rabbii galchi jedheen, innis deebisee,adabbii du****’aa natti murteesan sii hin galuu laata jedheen,ammas galata Rabbii keetii galchi siin jedhee jiraa galchi jedheen.

Namtichi aaree, qoosaa jirta natti fakkaate,moo! yookaa matatu si harkaa wal-makaa jira jedheen, ammas galata Rabbii galchi jedheen,namtichi,us-jedhee,mee maal argadhee,galata Rabbii galcha naa ibsi jedheen.

Eee
Wanti ani galata galchi siin jedheef,osoo yeroo dhibba tokkoo ol ”girf’ii”itti naqaa,erga achii sana geessitan immoo,harkaafi miila walitti xaxaa,sana booda immoo rasaa*saan,miila irraa ol jalqabaa rurruku*utaa galaafadh’aanii jedhamee maal goota laata?tuni immoo,takkittima liqimsanii qajeeluudhaa galata Rabbii galchi jedheen.

Eeeee
Namni waan xinnoo xooxeffatu,waan itti aanee dhufuuf uf qopheessuu qaba,galata Rabbii ufiitii galchaa,ta dabarteefi ta hafteefis harka Rabbi jala qabataa deeman malee,ol na qabaa gadi na dhiisaan hedduun,na argaa,booddeen isii na dhooksaa fiddii beeki.

Yoooo
Aqlii tee guuttachuuf,Olmaa sirreeffadhu,olmaan kee hayyuufi beekaa wajji taanaan,waa heddutu sii galaa deemaa qayyabadhu.

Fursaan Media

17 Oct, 13:41


Gurbaa maatiifi firri itti jirmaatanii,cidha hoo’aa godhaniifii intala itti fuudhan jedhan,baatii tokko booda,haadhaa abbaan,mana isaa deemanii ziyaaraa taasisaniif,haati warraa isaa gammachuudhaan nyaata gaarii qophoossitee dhiheessitee,abbaa warraatiin nyaadahaa jedhii jalqabsiisi jetteen.

Gurbaan nyaata bareedaa arge,jalqaba ufiif fudhate, itti aansee haadha manaa isaatii fuudhe,abbaafi haadha isaa immoo,lafeefi raafuu jalatti guuree mee nyaadhaa jedheen.

Haati manaa isaa,hujii abbaa manaa isii cal-jettee laalti,fooniifi cooma ufiifi haadha manaa isaatii inni sassaabu laalte,biddeenaafi raafuu inni haadhaafi abbaa isaa jalatti guuru laalte.

Haati manaa hojii abbaa manaa argite,jidduudhaan cal-jettee yaadaan godaante,abbaan warraa isii maal taate jedheen.

Haati warraa akkana jetteen,obbolaa!waan facaafatte haamatta waan taheef,ati abbaa ilmaan kiyyaa tahuuf haqa hin godhattu,namni haadhaa abbaa ufii tuffatu, dhuma isaatti,ilmaan isaattu harka deebisaafii,ani ilmaan abbaafi haadha ufiitii hin taane,sirraa horuu hin barbaaduu,nagaatti jetteen jedhama.

Yoooo!
Haadha manaa kee dura,haadha tee tan si deettetu jiraa hubadhu,mana bareedaa niitii teetii ijaartee, uffata bututaa haadha teetiin yaadachuun,cubbuu qofa osoo hin taane yakkaa beeki.

©Ustaaz Sufiyaan Usmaan

http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media

17 Oct, 10:26


"Obboleessa kooti, ​​natti hin ulfaatu"

jedhe mucaan reeffa obboleessa isaa duugdatti baate.

Yeroo waraana Jaappaanitti loltuun tokko daa'imni xiqqaan tokko reeffa obboleessa isaa dugdatti baatee awwaaluuf akka deemu miira gadi fagoodhaan arge!

"Maaliif of dadhabsiista? Osoo reeffa daa'imaa dhiistee deemte dadhabbiin kee hin hir'atu?" jedhee isa gaafate.

Mucaan sun yeroo deebii kennu: "Obboleessa kooti, ​​natti hin ulfaatu" jedhe.

Yeroo sanatti loltuun gaaffii gaafate of to'achuu hin dandeenye... Baay'ee miira keessa ture, Ijji isaa imimmaaniin guutamte hedduu gadde.

Ergasii as fakkiin kun Jaappaan keessatti mallattoo obbolummaa fi tokkummaa ta’eera jedhama.

Sun waan garaa nama nyaataati taanii ammoo sagantaan jireenya keenyaa akkana yoo ta'e hoo?

Inni obboleessa kooti, ​​ani hin dhibu
Isheen obboleettii kooti, ​​natti hin ulfaattu!

Obboleessi kee yoo kufe kaasi, Obboleettiin kee yoo dadhabde cinaa ishee dhaabbadhu!

Forwarded

Fursaan Media

15 Oct, 14:08


قال عمر بن عبد العزيز -رحمه الله- : ما أنعم الله على عبد نعمة فانتزعها منه فعاض ( أي عوضه ) مكانها الصبر إلا كان ما عوضه خيراً مما انتزعه.

Fursaan Media

14 Oct, 08:57


#Oduu_Gammachisaa
Baalee Roobee

Passport baafachuuf kana booda gara Magaalaa Adaama ,Finfinnee ,Hawaasaa deemuun hin jiru.
Keessattuu hawaasni keennaa Muslima hajjiidhaaf rakkaataa turtan baga gammaddan Gaaffiin waggaa hedduun gafataa turtan Deebii argatee Jira.

Magaalli Roobee carraa migration kennuu argatte iddoonis mijaatee yeroo kaluutti hojii ni eegaala.


@Fursaan_media

Fursaan Media

14 Oct, 07:41


Jiruu tee keessatti gammaddee jiraachuu yoo feete waan sadan kana jabeessii ofirraa eegi.

1️⃣ Deyfa namaa.
2️⃣ Imimmaan namaa.
3️⃣ Dhiiga namaa.

اللهم إني أعوذ بك من الظلم ومن ظلم عبادك...

Fares Muhammed

Fursaan Media

12 Oct, 06:33


Rabbiin dargaggeessa keenyaa fi dargaggeettii teenya qur’aanatti haa kaasu….Jaalala qur’aanaa Rabbiin isiniif haa kennu….🤲🏿

Fursaan Media

11 Oct, 14:29


Ameerikaatti balaqqeettiin aduu cimaa jedhame lafatti bu’uu ibsame

Maddi Odeeffannoo AL-JAZEERA

Balaqqeettiin/carallaan aduu cimaa jedhame lafatti bu’uu Bulchiinsi Garba biyyaaleessaa fi Naannawaa Qilleensaa Ameerikaa beekksise.

Aduurraa kan dhohee balaqqeettiin kun fageenya maayila miiliyoona1.5 sa’aattiitti imaluun kaleessa waaree booda naannawaa sa’aatii 11:15 lafa qaqqabuu bulchiinsichi himeera.

Balaqqeettii hamaan kun obomboleettii Helen fi Milton kan kutaalee Ameerikaa adda addaa keessatti mudatee lubbuu namoota 230 ol galaafate deebi’ee akka ka’u sababa ta'a jedhamuun sodaa uumuu himameera.

Carallaan aduurraa dhohe kun kutaalee bulchiinsaa Ameerikaa Albaamaa fi Kaalifoorniyaa Kaabaatti waayita sammiirra gara lafaatti bu’u mul’achuu AL-JAZEERA gabaaseera.

@Fursaan_Media

Fursaan Media

Fursaan Media

11 Oct, 09:18


Abbootii qabeenyaa ummata Itiyoophiyaa Mil. 120 ol keessaa sadarkaa warqiin badhaafamuu fi galata Muummicha Ministeeraa Dr Abiyyi Ahmad irraa argachuun Sh Jamaal Aliyyii Abdullaah seenaa dalaganiiru.

Guyyaan kuni dadhabbii fi tattaafii waggaa 25 ol boodaan,hojii kuulii irraa hanga Abbootii qabeenyaa miliyoonota dhibbaatamaan Gibira mootummaa sirnaan kafaluutiin,dhaabbilee gurguddoo biyya kanaa heddu dursuun sadarkaa badhaasa warqii kaasaniiru.

Beekumsaa fi hayyummaa,namummaa fi obsa qabeessa ta’uun eessa jira jennee gaafannee Sh Jamaal Aliyyii biratti agarre.

Nama bakka irraa fuudhuu fi bakkatti baasu beeku biratti,qabeenyi akkuma aananii fi bassoon walitti dhangalaateeti.

Ergamaan Rahmaan (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Sahaabticha Amri Bin Al-Aasiin akkana jedhan”; Yaa Amru! Qabeenyi gaariin nama gaarii biratti ee waa bareede !!! “ jedhaniin.
رواه البخاريّ في الأدب المفرد

Kanaa Olitti Arguuf Jirra!

©️Qilleensi Nasrii Bubbise

Fursaan Media

11 Oct, 09:00


Har'i jum'aa dha
Ergamaan rabbii (saw) akkana jedhan " Irra caalaan guyyaa aduun keessatti baatee guyyaa jum'aati "

#Sunnaawwa_guyyaa_jummaa.

#سنن_يوم_الجمعة


الاغتسال.
Qaama dhiqachuu.

لبس أحسن الثياب.
Uffata bareedaa uffatuu.

التطيّب.
Urgooftuu dibatuu.

التسوك.
Ilkaan Rigachuu.

التبكير في الذهاب الى المسجد.
Gama masjidaa ganaman deemuu.

صلاة تحية المسجد.
Raka'aa lama akka masjida seenaniin salaatuu.

قراءة سورة الكهف.
Suuraa Kahfii qara'uu.

عدم تخطي رقاب الناس.
Ceekuu namaa irraan tarkaanfatuu dhabuu.

الإنصات للخطبة.
Yeroo imaamni Khuxbaa godhaa jiru cal'isanii dhageeffatuu.

() الإكثار من الصلاة على النبي (صل الله عليه وسلم).
Ergamaa rabbii irratti salawaata heddummeessanii buusuu.

الإكثار من الدعاء.
Du'aa'ii heddummeessuu.

Dogongoroota guyyaa jum'aa keessa raawwataman.

🚫 Yeroo imaamni Khuxbaa godhaa jirutti haasahuun Ajrii jum'aa nama jalaa balleessa.

🚫 Ergamaa rabbii irraa (SAW) Jum'aa Mubaarak jechuun hin sabanne.

🚫 Khuxbaa lamaan jiddutti harka ol fuudhanii kadhatuun hin sabanne.

🚫 Salaatni sunnaa qabliyyaa salaata jum'aa dura salaatamtu hin jiru.


Guyyaa rabbiin keessatti gabbarru keeyrii keessa baay'ifannu, hamtuu keessa dhiqannu isiniif haa tahu.

@Fursaan_Media
T.me/Fursaan_Media

3,177

subscribers

750

photos

21

videos