FAZAKKIR㋛︎ @fazakkir12 Channel on Telegram

FAZAKKIR㋛︎

@fazakkir12


Wal Yaadachiisumaaf!😊🫀
Yeroon waan tokko si gorsu akkan si caalu sitti himuufii miti, akka ati na caaltuufi malee!.🖤🥀


@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎ (Oromo)

FAZAKKIR㋛︎ ni ol afaan Oromoo. Kaayyoo fi maqaa kan jedhu si qooda, wal yaadachiisumaafi! Yeroon wal tokko si gorsa, akkasumas si caalu sitti himaa miti, akka ati na caaltuuf malee! FAZAKKIR㋛︎ kan akka isaatti itti fufuu dubbisaa. Itti fayyadamaa gocha fi bishaa Oromoo kan itti fayyadamuu dandeessa. Ifaa isanuma murtessuufuu, bifa isanuma cabsuufuu! Follow faazakkir12 kan nama dhibu! #Oromoo 🖤🥀

FAZAKKIR㋛︎

05 Jun, 19:15


Dhugumatti karaan sun fagoo taʼuu mala...Garuu kaleessa caalaa har'a itti dhihaannee jirra!.🖤🥀


@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

05 Jun, 19:12


Jireenya keessatti Namni dadhabee beeku si qofaa miti!... Gaddaa fi mufannaan kan itti dhagahamu si qofa miti!... Si qofa miti namni waa hedduu barbaade dhabe! Namni hundi qormaata if dandahe qaba.. Waraana itti moo'amuu qabu namuu ni qaba!.
    
Daandii kee namoota biroo wajjin wal hin madaalin..Milkaa'ina kee nama biraatiin hin madaalin!...Gammachuu kee nama biraa keessa hin barbaadin!.. Mataa kee matuma keeti waliin wal bira qabi!...Kaleessa bakka turte caalaa ta'uuf yaali..namoota irraa baradhu garuu isaan ta'uuf hin yaalin!. Ati ka tahuu qabdu waan tahuu qabdu qofa!.

  Abjuu kee hanga galmaan geessutti falmi!.🖤🥀


@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

12 May, 17:41


Amantaa ISLAAMA keessattii "Guyyaa Haadha/Mother's day" ja'amu hin jiru.
Haadha tee yeroo hunda kunuunsi isiin Yeroo hunda dhugaa ta si jaalattuudha!.🖤🥀


@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

10 May, 17:33


Namni akkanumatti Eessa deemta? eessa dhufte? Ja'ee sin gaafatu nama kiyya ja'e yoo si kabaje malee!.🖤🥀



@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

10 May, 15:38


Yeroon waan kee tahe hunda oofaa sitti fida ati Obsumaan eegi!.🖤🥀


@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

10 May, 15:37


Miira takka takka ibsachuun hedduu ulfaata!.🖤🥀



@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

21 Apr, 16:19


Jireenyi kun ajaa'iba. Harka duwwaa dhuftee waan hundaaf falmatta, dhumarratti waan hunda dhiistee harka duwwaa deemta. Hojii gaarii malee!.🖤🥀



@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

16 Apr, 19:53


Namoota si hubachuuf fedhii hin qabneef gonkumaa of hin ibsin. Yeroo hundumaa waan itti amananiin sitti murteessu. Kanaaf isaan irraa of fageessi waan hojjettu hojjechuu itti fufi. Yaadni isaanii akkaataa jireenya kee akka hin jijjiirre!.🖤🥀




@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

16 Apr, 17:47


Yoo waan hunda akka dhabaa jirtu sitti dhaga'ame, mukkeen waggaa waggaan baala isaanii dhangalaasuun guyyaa fooyya'aan akka dhufu eeguun dheerachuu isaanii yaadadhu!.🖤🥀



@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

16 Apr, 17:44


Of jaallachuu... Of kabajuu...Yeroo ofiif kennuu... Gatii Ofiif kannuu #BARADHU!.🖤🥀


@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

16 Apr, 11:44


Erga Qaama dhiqatte booda dhoqqetti yoo hin deebine, Soomana dura waan dalaguu turte soomana booda itti hin deebi'in!.🖤🥀



@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

14 Apr, 18:24


Addunyaan tun yeroo baayʼee carraaqqii osoo taʼin buʼaa akka badhaastu yaadadhu! Kanaaf namni nan galateeffanne jattee carraaqqii hin dhaabinaa!.🖤🥀




@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

14 Apr, 18:21


Nama Gaariidha jachuun nama dogoggora hin hoojjanne jachuu miti nama hoggaa dogoggoraa isaa himaniif nafsee isaa moo'ee dogoggora san sirreeffatuudha!.🖤🥀



@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

14 Apr, 18:18


#DUBARTIIN Kabajaa qabdu Akka #ADUUTI. ifa balaqqeessiti nami takkallee ol ja'e ija guutuun isii laalu hin dandahu!.🖤🥀



@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

13 Apr, 16:44


Isiin Dubartii #SABRII qabduudha.
Yeroo hunda namoota fuulduratti kolfitee Rabb isii fuulduratti boochi. Yeroo tokko tokko harka kennachuu barbaaddi garuu rabbiin akka isii qormaatu jiru hubattu. Ammaas maaliif akka qormaanni isitti cimuuf yaaddoyti. dhukkubbiin tiyya hin dhumu jettee yaaddi. Ergasii Rabbiin warra Haalaan jaallatu akka qormaatu.. dhugumatti #RAKKINA hunda booda #BALLINNI akka dhufu ni yaadatti. Kophaallee akka hin taane ni beeyti. Wanni isiin keessa dabru jirtu hunda Rabbiin isii waliin jira!.🖤🥀



@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

12 Apr, 19:02


Jaalalli nama sirrii argachuu osoo hin taane, maqaa Rabbiitiin hariiroo sirrii uumuudha. Jalqaba jaalala hangamii akka qabdu osoo hin taane hanga dhumaatti jaalala hangam akka ijaartudha.🤍🕊️


@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

11 Apr, 21:08


Simbirroon muka irra teessu baallee ishee malee mukatti hin amantu. Mukti sun yoo cabellee baallee isheetiin lubbuun jiraachuu dandeessi. Amantii kee ofirra godhi. kan ati amante yoo siganees, kan ati jaallatte si dhiisee yoo deemes, akka mataa keetiin dhaabbachuu dandeessu itti agarsiisi!.🖤🥀



@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

11 Apr, 20:51


ATI DUBARTIIDHA!.🧕

↛Ati akka abaaboo (ilillii)ti. Ilillii bareedduu ijaaf toltu, ilillii urgooytuu foolii gaarii qabduuti. Ililliin hanguma muramtee harka namaatiin hin laaqamin bareeddi. Ilillii dirrerratti biqilte yoo taate hundaatu si darba. haajaa itti baanaan ni darbamti. Biqiltuu ol fagaatte yoo taate qaqqabata. Namuu muratee urgaa fii barcedina erga dhabde ofirraa namoonni murachuuf hawwanii dharra'an malee hin argatan. Namni isii argatu nama isiidhaan qixxaatu qofa! Dubartiinis akkuma biqiltuu kana! Uumamaan qaama bareedaa fii nama hawwatu qabdan. Atiis hanguma namootaan hin laaqamin kabajaa qabda. Hanguma naamusaa fii kabajaa tee eeggattu sadarkaan tee ol guddatti! Hayyama keetiin karaarratti namaaf baatee namuu akka si qaqqabatu, hundi yeroof sitti fayyadamee akka deemuuf hin hayyamin! Akka ilillii olfagaattee biqiltee san tahi! Yeroo teetitti fayyadami! Ati akka amma jirtu kanatti hin turtu, wanti hundi ni jijiirama. Wanti beekuu qabdu nama hundaaf osoo hin taane nama tokko qofaaf uumamte! Nama hedduun laaqamtee akka hin heerumneef if eeggadhu! Dubartummaan ulfinaa fii kabaja! If kabaji aaddii!.🖤🥀


🖋Nasraddiin Hassan/Nasru kush


@fazakkir12

FAZAKKIR㋛︎

09 Apr, 17:05


اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎
Hordoftoota Amanataa islaama fi Hordoftoota channel keenya Channel FAZAKKIR #Eid_Mubarak kulu aamin wa antum bi alf kheyr!.💝 🎊🎉🎈🧨


@fazakkir12