Diraamaa Afaan Oromoo❤️ @dirama_afaan_oromoo Channel on Telegram

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

@dirama_afaan_oromoo


Channela keenya kana irraa:-
☑️Jechoota jaalala
☑️Baacoo fi Afoola
☑️Dubbiste irraa baratta
diraamaa Afaan oromo
kitabiilee asoosama

👉channela YouTube koo plse subscribe naf godha!
👇👇👇👇👇👇👇
https://youtube.com/channel/UC97vMW3A4tJXDWzwQpGmczA

Diraamaa Afaan Oromoo ❤️ (Afan Oromo)

Diraamaa Afaan Oromoo channel is a hub for all fans of Oromo drama, literature, and culture. With a variety of content including love stories, comedy, and educational materials, this channel is a one-stop destination for all things related to Oromo language and entertainment. Whether you are looking for traditional Oromo dramas or modern adaptations, this channel has it all. In addition to drama series, the channel also offers educational resources such as language learning materials and literature collections. For those interested in exploring further, there are also links to subscribe to the channel's YouTube page for more exclusive content. Join the Diraamaa Afaan Oromoo channel today and immerse yourself in the rich and vibrant world of Oromo culture and storytelling!

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

22 Nov, 04:02


My people💔
Gara laafootakoo🥹

Maali balleessaan keessan? Maali keenya kan hin guttamne kun?

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

19 Nov, 15:27


"Edaa" garamitti hiikuu?
****
Ani siif jedhe cabeen
Caba kee siif okola
Dubbachullee dadhabeen
Cobni imimmaani nan lola
***
Halkan walakkaa faa
Hiriyyoota koo rafisee
Keessattu Alalaasaa
Dhokfachuun boochisee
***
Michuu gaafa rakkoo
Jedhame waamamee
Beelaf dheebuun koo
Garaadhan waadamee
* *
Maafan galata dhabee
Nyaachise obaasee
Isa uffata hin qabne
Daarayyuu baasee
**
rakkata meeqa ilaalen
Keessi koo nan lola
Ijaare hin qabuuf malee
Mana koottan sin gala
***
Edaa edaa yaa jiruu
Jiruu lafa kanarraa
Ol baatee samii xuqxuu?
yookaa badii lafarraa
***
Cinaacha tokkoon rafuun
Ani mee si gammachisuufi
Beenyan koo didee dabuun
Luugama malee kaachisuufi
**
Edaa garamitti hiikuu?
yaa isa guyyaa gurraachesite
Dadhabiin silaa hin mul'atu
"Edaanu" maaf barbaachifte?
***
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
✍️...
https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

16 Nov, 16:23


😛

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

16 Nov, 16:23


Jaalalli kee na qabee
Na dhoowwattera fala
Ka'en gabaree ta'e
ganda keessaniti gala.😒

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

16 Nov, 15:30


t.me/seed_coin_bot/app?startapp=1844498758

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

14 Nov, 18:23


#Gorsa Shamarran Abbaa manaa gaarii argachuu barbaaddaniif.😋

1. Ani dhiira dheeraan jaalladha, dhiira chestii qabun jaalladha. dhiira magaalatu natti tola jettee, FB irratti baastee yaadakee hin ibsatin.💊

2. Yeroo haasoftu akka xaaxee boqolloo hin xaxxaaxa'in suuta jedhii dubbadhu😁

3. Yeroo hunda bilbila gurratti qabattee hin adeemin! 😏

4. Nama wajjin deemtu adda baafadhu! Hiriyyaankee amalli ishee gadheedha yoo ta'e wajjin hin adeemin!😐

5. Amantii keetti cimi, Amala gaarii qabaadhu, dhiira hunda hin haasofsiisiin! tokkuma jaalladhu🤭

6. Ofii keetii dhiira sagalitti haasoftee Dhiirri amanamaan hin jiru hin jedhin.😏

7. Yoo dhiirri sagaltamii sagal siif bilbile hunduma isaanii irraa bilbila kaastee hin haasofsiisiin gurruma keetiif iyyuu gaarii miti.😁

8. Yeroo hundaa dhiira gidduu buutee Mel_mel fet_fet jechaa hin deemin!💃🏼

9. Dhiira yemmuu siif bilbilu, Siifan kadhadha, Waaqayyo si jaallata minaamin jedhee haasaa jalqabu, walumaa gala dhiira akka Apostle ykn akka Raajii wayii godhatu yerooma sana bilbila irratti cufii block itti cabsi!🤝🏼

10. Ammas irra deebi'een jedha, Raajii sobduun nama Waaqayyoo fakkaattee, qofaa keettan siif kadhadha jettee shamarran baay'ee tabalasheessite irraa of eeggadhu!🙆🏾‍♂️

11. Dhiira dhufee postii kana jalatti koomentii arrabsoo naaf laatu irraa of eeggadhu😁

😬Manager keechaan
https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

14 Nov, 02:33


Jaalala Dhugaa

Jaalalli dhugaan kana
Gaafan taa'ee ilaalu
Onnee isaanii lamaan
Kan jaalalli dhaalu

Jaallatanii wal argatan
Beeku jooraa jaalalaa
Jaalala isaanii kana
Gabaa tokkotti daldalaa

Jaalalli jooraan qabu
Dhumasaat gaariidha
Jaalallii sobaan imaluu
Dhumasaat aaridhaa

Muka muummee gamaa
Eenyutu jala dhaqee taa'a
Akka jaalallee ofii illee
Maaltu namaaf ga'aa

Qabbaneessituu onnee
Mi'ooftuu akka dammaa
Waan akka jaalalaa tolu
Dhuguma jiraa  ammaa

Gaafa jaalalaa dhamdhamanii
Inni har'aa isa kaleessaa caala
Namni mi'aa jaalalaa hin beekne
Jaalalleewwan darban ilaalaa

Gaarummaa malee
Jaalallii jibba hin qabu
Jaalalaan hanqaaqunuu
Dhagaaarraa bu'ee hin cabu

Bakka jaalalli jiraatu
Qabbanatu mul'ata
Dhala namaa qofa miti
Bineensuu jaalala  jaallata

Namni erga nama ta'ee
Maalumaan wal caalaa
Qabeenyaan nama hin ibsu
Namni garuu isa ilaalaa
 
https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

08 Nov, 19:47


#GUDUUNFAA
#Kitaaba_Asoosamaa

#ANTEENEE_XILAAHUN_ADABAA

#KUTAA_1FFAA
#AMEERIKAA_KAABAA(NORTH AMERICA)
#MAGAALAA_NIWU-WOORKII(NEW WORK CITY)


Magaalota Ameerikaan qabdu keessaa Niwu-Woorkiin gama hundumaan ho'ituudha.Gara lixaa,qarqara magaalattii irratti manni daraan guddaa ta'e tokko ni argama.Dhugaa dubbachuuf taanaan manni sun farda gulufsiisa.Mooraan isaa guutummaatti shiboo humna elektirikaa of keessaa qabuun kan marfameedha.Nama harkaan qabate araarama tokko malee obbaafachiisa.Keessaan ammoo loltoota Ameerikaa warra akka Leenca saafilaa sanaan eegama.Naannoo kana manichaa fi namoota achi keessa jiran,akkasumas qaamolee muraasa irraan kan hafe Titiisi illee dogongoree yoo dhufe du'aan adabama."Naannoon kun maali laata?"jettee baay'ee hin dhiphatin.Giddugala qorannoo saayinsawaa Ameerikaati.Dhaabbata(A.F) jedhama

Kana jechuun America's first ykn immoo Ameerikaan haa dursitu jechuudha.

Erga bara 1975 hundaa'ee as qorannoowwan saayinsawaa ajaa'iba ta'an hedduu qoratee milkaa'ee jira.Dhaabbati kun harka mirgaa biyyattiiti. Keessumaa kabajaa fi ulfina biyyattiin dheebottu harka keessa galcheefii jira.Keessi manichaa haalluu keelloodhaan dibameera.Akkasumas bu'aawwan tekinoloojii dhaloota shannaffaa(5Th generation technology) kan jedhamuun guuteera.Gabaabumatti kana jechuun kalaqa tekinoloojii warra dhumaa fi baay'ee ajaa'iba ta'aan jechuudha. Saayintistoonni kutaalee Addunyaa mararraa coraman asumatti argamu.Egaa,jarri kun Fiiziksiidhaa amma Keemistirii,Herreegaa amma Astironoomiitti alanfatanii nyaatanii jiru

Injinarii fi doktarri gosa mummee kamiillee kan dhabame hin jiru.Dhaabbata kana al-tokko seenanii jennaan bahuun hin yaadamu.Achuma Ameerikaa keessa hanga du'aatti dhaabbatichaaf hojjechaa jiraachuun dirqama malee,filannoo miti.Kunis kan ta'eef iccitiin dhaabbatichaa yoo biyyoota biraatti tamsa'e "ni caalamna"jedhanii waan sodaataniifi. Nama seera kana cabse loltoonni biyyattii boolla inni lixe lixanii lubbuu isaa qilleensaaf kennu.Yoo dhuma illee lafa jala,bishaan keessa,samii keessa dhokattes jara harkaa ba'uun hin yaadamu.Kana yaaduun akka waan qillensa abootuuti.

Hojiiwwan dhaabbata kana keessatti hojjetaman harka Afaanirra nama kaawwachiisu.Gogaa qaamaa namaaf ni jijjiiru,Qorsa dhibeewwan kamiifillee ni kalaqu,jeettiiwwan nama malee imalan,Roobootiiwwan ajaa'ibaa ni hojjetu

Amma garuu,dhimmi guduunfaa ta'ee qorattoota mataa bowwaafachiisu tokko argameera.Saayintistoonni halkanii guyyaa qorannoodhaan muddamanii jiru.Hojii geggeessaan dhaabbata(A.F)Dr.Liinkan Jeems odeeffannoo tokko argateera.Namni dhalootaan Itoophiyaa ta'e,Iraanii keessa kan jiraatu,Piroofeesar Beekaa Oromoo kan jedhamu qorannoo Guduunfaa sana furuuf gahuumsa kan qabu fuula lafaarra isa qofa akka ta'e iyyaafate. Piroofeesar Beekaan Giddu gala qorannoo Hawaa(institute of space science) Iraanii ol-aantummaadhaan dursa.Egaa,Biyyi keenya hayyoota ariitee haala akkamii keessa jirti?siniifan dhiisa.

Dr.Liinkan jeems waajjirasaa keessa teessuma naannawaa sanarra taa'ee asii fi achi naannessaa jira.Mataa rifeensi irraa dhumee buqqee fakkaatu sana takka-takka ni qabata.Takka-takka immoo areeda fuulasaa bosona fakkaate sana haxa'a.Suufii fi kophee gurraacha,Suufii jalaan shamizii adii uffateera.Lukasaa ol fuudhee minjala irra kaa'e.Kophaa dubbachuu jalqabe. "Ameerikaan guddoo taatee utuu jirtuu namni dachee dukkanooftuurraa dhufe guduunfaashee ni fura jedhamee akkamiin yaadama?Raajiidha!kun taanaan kofoon karaa mataa baafadha.Dhugaadha!gaafas utuu hin nyaatinan deeffadha.Amma garuu,kanas ta'e,sana,basaastota lama Iraaniitti erguun qaba."jedhe

Ilaalchi fokkisaa abboonnisaa Afriikaadhaaf qabaachaa turan isa keessattis faca'ee jira.Afriikaa bakka argama dhala namaa,bakka argama sanyii namaa ishee jalqabaa Luusii(Lucy)kan taate dachee dukkanooftuu jedhee waama.

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

08 Nov, 19:47


Dhugaa dubbachuuf taanaan qaroomminni durii addunyaa raajeffachiisan kan akka qarooma aksum,kan akka qarooma kush(meroe),kan akka qarooma Misir(Egypt),kanaaf kan kana fakkaatan Ardii isaan"dukkanooftuu"jedhanii tuffatan kana keessa malee,Awurooppaa miti.Dabalataan yeroo sirna kolonii qaroominnii fi qabeenyi afriikaa warra adiidhaan manca'eetu malee,silaa har'a warri adiin koomee keenya jalatti akka bultu beekamaadha.

Diinummaan waggoota dheeraadhaaf Biyyoota Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru yaaddoo yoo itti uumes,Dhimmichi dhimma kabaja Ameerikaa waan ta'eefbasaastota lama erguuf murteesseera.Karaa nagaadhaan Piroofeesar Beekaa argachuun ulfaataa ta'uusaa Dr.Liinkan Jeems bareechee waan hubate fakkaata.Basaastota akka biyyattiitti beekamoo ta'an,Gaannabaa fi jannata illee basaasuu ni danda'u jedhamanii kan dhugaa bahaameef,Ga'eessota lama:Deevid Kiroowinii fi Kiriis Kreed waajjiratti waame.Dr.Jeems dubbiisaa jalqabe....

"Kiroowin,Kiriis haalaan na dhaga'aa!Qurxummiin waggoota hamma kana bishaan keessa yeroo jiraattu,takkaa guyyaa tokko bishaannishee fe'ee hin beeku.Kanumatu dhugaadha!Anis waggoota hamma kana dhaabbata kana keessa yeroon hojjedhu Hojiin nuuf milkaa'uu didee guduunfaa ta'e tokko hin jiru.Amma garuu,qorannoon tokko mataa keenya dhoosuudhaaf jedha.Waanti nutti cimu erga jiraatee yoona qurxummiis bishaan ni fe'a(ni hudha)sodaa jedhun qaba".........Dr.Jeems Basaastonni lamman ni kolfani.

"As deebi'aa!yeroo kolfaa hin qabnu.Guduunfaa kana Addunyaarraa furuu kan danda'u namni tokko akka jiru dhaga'eera.'Piroofeesar Beekaa Oromoo'ti.Inni immoo biyya diinota keenyaa Iraanii jira"...........Dr.Jeems "Kanaaf, nuti maal goonu?"...........Kiriis

"Gaariidha!haala gara keenyatti ittiin isa fudhachuu dandeenyu mijeessaa!"........Dr.Jeems. "Ajajamneerra Dr"........Kiroowinii.

Kiroowin fuullisaa Daabboo dhuma garagalchaa bade fakkaata.Kireed immoo garaansaa sadarkaa borcii jedhamu irra darbee gochoo ta'eera.Egaa,hojii basaastummaa ergamaan seexanaa ittiin hin qixu jedhamee harki tumameeraaf.Imaanaa baatanii Iraaniitti qajeelaniiru.Piroofeesar Beekaa Oromoo harka keessa galfachuuf jecha.

Itti fufaa.....
Kutaan itti anuu!!

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

08 Nov, 17:12


#Mallattoolee durbi tokko gaafa Umuriin ishee deemu mullistu😋

1. Kootmootiksiin biyyatti hin hafu, guutummaan guutiitti bifa ishee isa kan umaamaa dibata garaa garaatiin jijjiirtee, Faranjii kassarte fakkaattee manaa baati.😁

2. Gaafa dhiira tokko karaa irratti argitu utuu inni hin dubbisin dursitee dubbisti.😆

3. Qamisii jalatti surree jiinsii uffattee isarrattuu kophee duudaa uffatti.😂

4. Gaafa bilbila haasoftu darabee siif hin laattu isheematu haasa'a. Ati ga'eenkee akka Raadiyootti dhaggeeffachuudha.📻🙄

5. Boorsaa harkatti qabettee deemti sanuu mobaayilii ishees boorsicha keessa keewwatti.😆

6. Xilaa (Dibaabee) harkaa hin dhabdu.☂️🤔

7. Akka chiikii hin qabne FB irratti bifa qoosaatiin maxxansiti.😁

8. Suuraa Waggaa 3 duraa irra deeddibitee profile picture godhatti.🥴

9. Dhiirri bara kanaa hin amanamu jechuu baayyisti.😌

10. Maxxansa kana erga dubbisteen booda koomentii jalatti dhuftee na arrabsuuf yaalti😁

#Dhiiroota. ........loading


🤫 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
👉https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

07 Nov, 14:32


#Jaalalleen kee amaloota akkasii qabdi taanaan ammaa kaasii dhiisi.😬
1. Kaardii naaf guuti siin jechuu baay'isti taanaan
2. Sa'a 24 FB ykn TikTok irra oolti taanaan🙄
3. Yeroo ati bilbila itti haasoftu, Biraazeerii kootu naaf bilbila jiraa cufadhu siin jetti taanaan🤪
4. Kaaffee waliin deemtanii waan qarshii 15 olii ajajatti taanaan🙋‍♀
5. Fakkeenyaaf Maqaan kee Filimona yoo ta'e, Fili koo ykn Filiye koo jettee siin waamtu taanaan😁🫦
6. Hiriyyaa keetiin ammalli isaa baay'ee natti tola jettee sitti jajji taanaan🤛🥴

Yoo dhiiste gaariidha boriif siif hin taatu.🏃‍♂😏

🤫 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
👉https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

03 Nov, 19:12


𝗛𝗔𝗔𝗗𝗛𝗔 𝗠𝗔𝗡𝗔𝗔
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Halkan tokko utuu barattoonni ga'eessonni barataa jiranii ogeessi xinsammuu tokko kutaa seenee, har'a tapha qabna jedhe.

■ Barattoonnis tapha akkamii jedhanii gaafatan. Barsiisaanis
barataan fedhii isaatiin ka'u jennaan barataan dhiiraa tokko ka'e. Barsiisaanis barataa sanaan namoota baay'ee
jaalattu 30 gabatee gurraacha kana irratti barreessi jedheen.

■ Baratichis maatii isaa irraa eegalee, oollaa isaa, fira isaa fi hiriyoota isaa hamma nama 30tti barreesse.
Barsiisan, kana keessaa namoota si hin fayyanne 3
balleessi jedhe. Innis maqaa ollaa isaa balleesse. Ammas maqaa nama 5 balleessi
jennaan baratichi namoota fagoo ta'an fira isaa keessaa balleesse.

■ Akkuma kanaan maqaa barreesse hunda balleessee fixee maqaa haadha, Abbaa, haadha manaa fi ilma isaa
qofatu hafe. Ammas barsiisan maqaa arfan kana keessaa maqaa nama 2 balleessi
jedheen. Barataan sun baay'ee na'ee akka nama dirqamaan balleessisee maqaa haadha isaa fi Abbaa isaa balleesse.

■ Barsiisan dhuma irratti
warra hafan 2 keessaa maqaa nama 1 akka balleessu itti hime. Ammas baratichi sammuun isaa baay'ee jeeqamaa, harki isaa hoollachaa, sodaachaa maqaa ilma isaa keessa balleesse.

■ Barsiisaan gad taa'i ittiin jedheen. Achiin booda daqiiqaa muraasa booda barsiisichi:
➛ "Maaliif maqaa haadha manaa kee hambifte?
➛ Maatiin kee siif nama ati yeroo hunda itti of abdattudha.
➛ Ilmi kee qaama kee nama baay'ee sitti aanudha.
➛ Haadha manaa garuu kan biraa fuudhuu dandeessa.
➛ Maaliif hunda isaaniirra haadha manaa kee caalchifatte?" Jedheen.

■ Barataan sunis suuta jedhee akkas jedheen:
▷ Tarii guyyaa tokko maatiin koo na dura biyya lafaa kana irraa darbuu danda'u.
▷ Ilmi koo immoo gaafa guddate sababa barumsaaf yookiin hojiin na dhiisee deema.
▷ Bara jireenya koo guutuu hamma lubbuun lafa irra jiraadhutti kan na bira jiraachuu danda'u haadha manaa koo qofa jedheen.
Yeroo kan barattoonni kutaa guutuun harka rukutaniif.

➦ #Dhugaadha. Hundi keenya iyyuu maatii keenya hammam yoo jaalanne iyyuu guyyaa tokko dhiisnee deemna. Maaliif yoo jennee haadha manaa yookiin Abbaa manaa fi Ijoolleen keenya hammam yoo nu jaallatan iyyuu nu dhiisanii deemu. Dhuma irratti kan nu biratti hafu haadha manaa keenya yookiin Abbaa manaa Keenya.

■ #Eyyeen obboloota koo.
➦ Haati manaa kennaadha malee filannoo miti.
➦ Haadha manaa fuudhun barbaachisummaan isaa galgala galgala sitti yaadatama yoo ta'e ati fuudhuu barbaadda osoo hin taane nama wajjin
bultu barbaadda.
➦ Haadha manaa fuudhun kan sitti dhaga'amu yeroo uffati kee, manni kee, xuraa'u qofaa yoo ta'e, ilaalchi kee galma murtaa'aa namni hiriyaa gaa'elaa qabaachuuf jiru kamiyyuu irratti yaaduu qabu irraa kan fagaatedha.
➦ Haadha manaa qabaachuun kee ilaalcha jaalalaa, fedhii saalqunnamtii, hiriyyummaa yookiin ijoollee godhachuuf qofa irratti kan hundaa'e ta'uu hin qabu.

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

03 Nov, 16:38


#Dhugaa
Kutaa 11ffaa

Guyyaan arraa kun sa'an ammaa tun second ammaa tun dabartaan hin deebitu ammuma itti fayyadami!.🖤🥀
https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
Add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

01 Nov, 11:43


https://t.me/Tomarket_ai_bot/app?startapp=r-0000jqDV

Farm TOMATO with me and secure your token allocation through Tomarket.ai!

I've prepared a warm welcome meal just for you! 🍅

Use my link to get 2,000 TOMATO! Limited time offer.

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

01 Nov, 04:33


Kee Koo ta'a taanaan
...................................

kan kee kiyya taanaan
kan koos hunduu keeti
Nan fudha fudhadhuu
Akka ofii barbaaddetti

Eenyummaan kee ana
Eenyummaan koos suma
Kan koo silaa kan keeti
Lama maaf jedhamnaa
Koottu tokko taanaa...
Jalqabaa hanga dhumaa

Tokko nuun haa jedhan
Bakka deemne hundatti
Kan kee kiyya taanaan
kan kiyyas hundi keeti√


╔════════════╗
➡️ https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo 💌
╚════════════╝

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

31 Oct, 16:50


#Dhugaa
Kutaa 10ffaa

Osoo dukkanti jiraachuu baatte jia'a akkuma hin agartetti Osoo rakkoon jiraatu baate ni'imaa Rabbii keenya hin agarru ture!.🖤🥀
https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
Add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

30 Oct, 15:55


Dubartii hubachuun salphaadha.

[Yeroo takka takka "Ee" yoo siin jatte "Ee" jachuma isiiti,  "lakkii" yoo siin jattees "lakkii" jachuma isiiti, yeroo takka takka immoo "Ee" yeroo siin jatte "lakki" jachuu isiiti, yeroo takka takka immo "Ee" yoo siin jatte immoo "lakkii, Ee" siin jachuu isiiti, yeroo takka takka "Lakkii" yoo siin jatte immoo "Ee, Lakkii" bakka takkatti siin jachuu isiiti.

Kanaaf akkasitti hubadhu, dubartii hubachuun ulfaataadha Eenyuu siin ja'e?
Salphaadha kunoo😅]

:¨·.·¨: 
 `·.  @ https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

30 Oct, 06:19


🐶 PAWS Airdrop

Link kanan gala
✔️ Taskwaan jiran xumuraa
✔️ Invite Friends

1, Namoonni Ecosystem Ton kessaa ga'e qaban Victor Dabalatee Wa'ee kana bayyinaan beeksisa jiru.

2, Co Founder Blum Vladimir Smerkis leaderboard irraa ture.

3, Airdrop kanan duraa irratti hirmaatan like Notcoin, $DOGS fi Hamster ilaale Point isiniif kenna.

Note:
Ceo Blum Support godha garu eenyudhan akka Backed ta'e fi Investor isa ammaf hin bekamne.
Jalqabin isanii garidha yoo akkasumati itti fufeef IF NOT AS ALWAYS MEME ta'e hafa 😂 Try It


✔️ Start Early👇
👉. https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=bSy5tWao

❗️❗️❗️❗️

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

30 Oct, 06:07


https://t.me/memefi_coin_bot/main?startapp=r_cba1aa81b3

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

27 Oct, 13:48


#Yaannikomilkaa’ee

yaannikoodheeraadha
utuunaafmilkaa’ee
wantiinAniyaaduus
yoobakkanaafga,e
BiyyakooIjaareen
tokkummaaishecimsaa
lammiikooqaroomseen
sammuuisheebilcheysaa....
osoonaafmilkaa’ee
sabakoonbarsiisaa
ofiikoofbaradheen
biyyakooqaroomsaa
kufaatiihiyyummaa
jalaanumaanbaasaa
gaafanaafmilkaa’ee
guddinaanceesisaa....
Sabnikoomaafdhabee
sammuusaaqisaasa
Technologyuumuun
addunyaagarsiisaa
Barnootabarachuun
wallaalahambisaa
KanAkkaAbiyyii
offkeessaayombaasa
YaannikooMilkaa,ee
yoomanAgarsiisaa..
🤫 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
👉https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

27 Oct, 12:51


#Dhugaa
Kutaa 9ffaa
Yoo keessi kee gammachuu qabaatu baate namni takkalleen gammachuu siif kannuu dandahu!.🖤🥀
https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
Add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

26 Oct, 04:04


Dhiirri uumama isaatiin gaafa dhalatu irraa miira dorgommiiti qaba. Yoo fadhe haa dhoyfatuu malee yeroo hunda dorgommitti jira.

Saniifuu dubartii isa dinqisiifattu malee dubartii namaan isa madaaltu hedduu jibba. Isa bira teessee Ronaldo fi shaarukan 6 paak isaanii yoo itti faarsiteehuu ni hinaafa😅

Isa yoo faarsite ati isaaf humna taata. Hojii isaa dinqisiifadhuuti faarsi gaara siif cabsee si gammachiisuuf inniniis yeroo sun qophiidhaa😉

Caallisiiti inni akkas tahuu baatuus "Ati anaaf kannaadha odoo kiyya tahuu baatte na hinaafsisa, bara kana keessa dhiirri akka keetitti itti gaafatamumma isii gutuu guutu bahattu inuma jirtii, ati dhugaa adda" ja'iin jaalala tee haa maraatuu anaatu hidhaa😂

:¨·.·¨: 
 `·.  join Zis One👇

https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

25 Oct, 19:46


Jaartii qofaa miti....
~~~
Miidhagduu bayeettii
Toltuu keessaaf alaa,
Ogeettii gameettii
Rakkoo kiyyaaf falaa,

Bo'aarsituu jiruu
Herrgduu jireenyaa,
Qaroo koo ya tiru
Hiriyaa dhiyeenyaa,

Obboleettii jechuuf
Obboleettii caalta,
Hayyoodha siin jechuuf
Isheerra natti aanta,

Jaartii qofaa miti
Waa cufa naaf taate,
Maatii qofaa miti
Waaqatu naaf laate

🤫 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
👉https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

25 Oct, 17:47


#Dhugaa
Kutaa 8ffaa
Garaagarummaan Hiriyyaa dhugaatii fii Hiriyyaadha hiriyyaan seeqinsa kee qofa arga, Hiriyyaan dhugaa ammoo seeqinsa kee keessa miidhama kee arga!.🖤🥀
https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
Add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

24 Oct, 18:15


Dhiirri fi shamarran kaayyoosaa irratti
hundaa'uudhaan jaalala gosa 6 wal jaallatu.
#Isaanis:-

💐1) #Jaalala_Hinaaffaa (Diversificative Love)

➡️Jaalalli kun kallattiidhumaan hinaaffaa irraa kan maddu ta'ee, namoota wal jaallatan 2 jaalala fakkeessanii gargar baasuuf kan fayyaduudha. Gosti jaalala kanaa yeroo ammaa namoota gulantaa tokko tokko irratti wal dorgomaa jiran akka meeshaa lolaatti tajaajila. Wal jaallattoota gargar baasuudhaan amma wal maraachuu fi boqonnaa wal dhowwachuutti kan deemuudha.Fakkeenyaaf:- Diraamaa Amasiiloo keessatti jaalala Dr.Addunyaan Iftuu jaallate.

2) #Jaalala_Faayidaa (Fornificative Love):-

➡️Jaalalli kun immoo dhiirri tokko ykn durbi faayidaa addaa argachuuf jedhanii kan wal jaallataniidha. Jaalalli kun jaalala hundee hin qabneedha. Sababni isaas dhiirri ykn shamarreen kun bu'aa mataa isaa gonfachuuf malee dhiira/ dubara sana jaallateef fiigu miti. Bor faayidaa sana yoo hin argatin ykn immoo faayidaa sana ega argataniin booda haalduree tokko malee intala/dhiira sana dhiisu.

3) #Jaalala_Haalaa (Conditional Love):-

➡️Jaalalli kun kan hundaa'u haala battala sana uumamu waabeffateeti. Fakkeenyaaf qamootni wal jaallatan kunniin sababii hojiif jecha walitti dhiyaatu yoo ta'e salphumatti jaalala keessatti kufuu danda'u. Isaan kunniin ulaagaa jaalalaa guutaniif wal jaallatu osoo hin taane yeroo baay'ee qaamaan waan wal bira oolaniif jecha wal jaallatu. Gabaabumatti haala yeroo sanaa to'achuuf wal jaallatu.Jaalalli kunis jaalala hundee hin qabne jalatti ramadama.Sababni isaas haalli walitti isaan fide sun yoo jijjiirame salphumatti wal dhiisanii wal irraanfatu. Kun jaalala Yuunivarsitii keessatti baay'ee beekamee jiruudha.

4) #Jaalala_Yeroo (Tentative Love):-

➡️Jaalalli kun jecha Afaan Amaariffaa keessatti dabbaramuu jedhu nama baraaruuf fayyada. Dhiirri tokko jaalallee dhugaa fageenyaa irraa qabaatee yoo ishee obsuu dadhabe,yeroodhaaf dubara kan biraa jaallatee kan ittiin ishee eeggatuudha. Kun dhiirota biyya Araabaatii jaalallee qaban biratti beekamaadha.

5) #Jaalala_Kaayyoo (Purposive Love):-

➡️Kun gosaa jaalalaa keessaa kaayyoo dhugaaf isaa hundaa'eedha. Dhiirri tokko dubara tokko fuudhuuf ega murteesseen booda kan jaallatuudha. Jaalalli kun qixa hundumaatiin iyyuu guutuu waan ta'eef, salphaatti hin fashalaa'u. Amma dandaa'amaa ta'etti gufuu fi sakaallaa hunda darbuuf tattaafata. Sababoota garaa garaatiin danqamee osoo hin milkaa'in yoo hafe illee godaannisa ta'ee keessa namaatti hafa.

6) #Jaalala_Bakka Bu'iinsaa (Representative Love):-

➡️Jaalalli kun kan hundaa'u dhiirri tokko dubara tokko dhugaadhaan jaallatee gaafatatee, isheen garuu yoo isa didde, bakka ishee kan biraa buufachuuf jedhee dubaraa kan biraa yoo jaallatuudha. Jaalalli kun jalqaba akka jaalala yerootti kan hundaa'u yoo ta'u, turtii keessa gara jaalala kaayyo-qabeessaatti jijjiiramuu danda'a.

🌹Egaa walumaa galatti ati barruu kana dubbisaa kan jirtu waan tokkon siif dhaama. Jaallachuus ta'e jaallatamuun kee gaariidha. Garuu “Jaalala akkamiin jaallachaa jira? Jaalala akkamiin immoo jaallatamaa jira?” jettee yaaduun barbaachisaa ta'a. Namootni baay'een jaalallee isaanii isa darbe yaadatanii osoo imimmaan gaabbii boo'anii argaa oolla (Fakkeenyaaf anafaa😭😜). Kana hundumaatiif sababa guddaa kan ta'e gosa jaalala jaallatamaa jiranii wallaaluudha. Yeroo tokko tokko dubarootni keenya dhiira jaalala hin beekne harkatti kufanii yeroo miidhaman, akkasumas immoo dhiira dhugaadhaan isaan jaallate shakkanii harkaa sigigaatanii yeroo kufanii agarra. Ati garuu obboleettii koo qaamni “Sin jaalladha” siin jedhu 99 yoo ta'e iyyuu achi keessaa kan dhugaan si jaallatu muraasa . Inni kaan waan haalli itti toleef si jaallata; inni kaan faayidaa addaa argachuuf, inni kaan yeroo sitti dabarfachuuf si jaallata. Inni kaan fedha foon isaa si irratti obbaafachuuf si jaallata. Qortee yoo ilaalte waan baay'ee arguu dandeessa. Kan gaa'ela si wajjin dhaabbatee haadha-manaa si godhachuuf si jaallatu baay'ee muraasa.

🤫 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
👉https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

24 Oct, 04:04


#Dhugaa
Kutaa 7ffaa
Ati nama gaarii taatee namninis akka gaarii siif tahan ka yaaddu yoo tahe of shawwadu jirta be
eki! Kana jachuun ammoo Leenca ati waan miituuf inni nan miidhu jattee akka yaaduuti!.🖤🥀
https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
Add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

24 Oct, 04:01


Akka hookkoo
Takka cookkoo
Akka sheekkoo
Tasa hinqabdu
Takkaa hiikkoo!

Golli galmaa
Bakki oolmaa
Siin oolamee
Siin bulamaa!

Narra teessa
Narraa buutu
Dhagna kooti
Nattii baatu!

Sirraan hiiqaa
Natti hiiqxa!
Cabbii taates
Natti baqxaa

Na qoraasta
Na Kolaasta
Nan moosistu
Na boossista

Hiree kooti
Hiraarfamni
Hiriyyaadha
Naaf qormaatni!

Yoo hammaates
Guyyaa tokkoo
Nattii hinbaatuu
Dhiphuuf rakkoo??

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

23 Oct, 09:40


Hiriyyaa tokko tokko....

Akka waan nuti miinuu
Akka waan lubbuusaa
Harka irratti baatuu

Waa'ee isaa nu dhoksee
Waggoota hedduudhaaf
Nu waliin osoo jiraatuu

Gaafa tokko dhibee tasaan
Osoo yaala hin argatiin
Bakka ciiseetti du'ee

Isas ta'ee dhibeesaas
Osoo nuti hin bariin
Kunoo bol'a bu'ee

Ta'us waa barreerra...

Du'u isaatti gaddinullee
Dhumni keenya achumaa
Turrus ni godaannaa

Garuu erga isaatii
Diinota keenya irraa
Hiriyyaa sodaannaa

🖋️ https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

20 Oct, 15:59


#Dhugaa
#Kutaa_6ffaa
1.Shammaran jaalalan qabamuuf guyyaa 15 itti fudhata.Faallaa kanammoo,dhiirotatti Secoondii 8 qofa itti fudhata.
2.Namni rifeensi isaa moluu ta'e,carraan jalqabatti dhiira godhachuu isaa guddaadha(yoo fudheef
3.Shammaran sa'aatii 47 caalaa iccitii hin qabatan.Hiriyoota isaaniitti himu.
4.Namni guyyaa irra halkan salphaatti boo'a.

😁DHUGAAWWAN SAAYIKOOLOOJII😅🤣
🤫 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
👉https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

20 Oct, 14:11


#Dhugaa
Kutaa 5ffaa

Jiruu teenya tana keessatti namoota akka taxi tahantu jira!. Jaalalan nu ba'atanii boodarraa gatii akka kafallu nu godhan!.🖤🥀
https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
Add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

20 Oct, 04:41


#Hiriyaa_Dhugaa❤️

Hiriyaan dhugaa
Fakkeenya jiruutii
Hedduu waljaallatu
Akkuma tiruutti

Eenyut adda baasa
Dhufu malee duutii
Hiriyaan dhugaa
Kan waljaalatuuti

Warqiif meedaaliyaa
Miti kennaa namaa
Jaalalaaf tokkummaa
Baay'eetu beekamaa

Qaamaan fagaatanus
Qalbiidhaan walfaanaa
Hiriyaa dhugaa malee
Eenyu walitti Aanaa

Dhiiras Ta'ee Dubaraa
Namni Hiriyaan Tolaa
Rakkinaaf dhiphinaa
Walirraatii Qolaa

Kan gatiinsaa qaalii
Yoomuun jirre gabaa
Hiriyaa kee kunuunsi
Eeyyee kun si darbaa

𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕

👍         ❤️              ♂️
         ˡⁱᵏᵉ        ʳᵉᵃᶜᵗ           ˢʰᵃʳᵉ
* * *
🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
📡 https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

19 Oct, 05:30


https://t.me/Tomarket_ai_bot/app?startapp=0000jqDV

Farm TOMATO with me and secure your token allocation through Tomarket.ai!

I've prepared a warm welcome meal just for you! 🍅

Use my link to get 2,000 TOMATO! Limited time offer.

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

19 Oct, 05:12


#dhugaa
Kutaa 4ffaa
Osoo dhugumaan si jaalatani,
Jecha kee yaadan
Sagalee kee yaadan
Kofla kee yaadan
Osoo si jaalatani sabboonummaa sirraa hin fudhatu ture, osoo si jaalatani deemuus ni deebi'a ture
Garuu nun jaallanne 💔

https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
Add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

17 Oct, 02:24


#dhugaa
Kutaa 3ffaa
Jaalala jachuun Onnee nama takkaa keessatti bakka fudhatu osoo taane, jaalala jachuun bakka namni takkalleen fudhatuu hin dandeenye Uumuudha.🖤🥀

https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
Add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

16 Oct, 04:34


#Dhugaa
Kutaa 2ffaa
Jaalala fii Onnee🫀 maal akka wali fidu ka beekuu dandeessu, Yeroo jaalatte qofa!.🖤🥀

https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
Add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

13 Oct, 14:24


#Dhugaa
Kutaa 1ffaa
Namni jaalattu yoo sitti bobboone garaa jabaadhu dhiisi deem!.🖤🥀


https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo
add godha

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

12 Oct, 16:43


Bro sigle yoo taate pls single tahiiituma itti fufi hanga qarshiin wal argituu.

Sister single yoo taate pls single tahiiituma itti fufi hanga itti gaafatamummaa maatii bartee ifiis ilmaaniis qabuu irratti bilchaattuu🥹

Joollee amma ta kiishaan duwwa ta umriin dheedhii tana akm goonasa?😏😅

Ngy bultanii?

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

12 Oct, 14:56


❤️❤️Gorsa luqmaan ilma isaa gorseen❤️❤️

Ilma kiyya callisuu kiyyaan Sheenawee hin beeku.

Ilma kiyya boolla bishaan irraa dhuuydetti dhagaa hin deebisin

Ilma kiyya arraba kee Yaa rabbi, Yaa rabbi jechuu barsiisi waqtiilee rabbiin du'aa'ii namaa itti hin deebisneetu jira

Ilma kiyya sangaa harka namaa jirurra shimbirroo harka kee jirtuutu siif caala

Ilma kiyya waa lama yaadadhu toltuu namaaf oolte, fi hamtuu namni sirratti dalagee

Ilma kiyya hedduu mi'aawaa hin tahin tuffiidhaan akka hin nyaadhamne, ammas hedduu hadhaawaa hin tahin ni tufamtaa

Ilma kiyya haala quufarra jirtuun hin nyaatin, nyaaturra Sareef yoo darbite irra siif caala

Ilma kiyya soodaa rabbii daldala godhadhu qabadhuu, tirfii hangana hin Je'amne taatee siif dhufti

👍         ❤️              ♂️
         ˡⁱᵏᵉ        ʳᵉᵃᶜᵗ           ˢʰᵃʳᵉ
* * *
🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
📡 https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

11 Oct, 18:16


Garmalee Si Jaalachuu Koof Dhifama Naaf Godhi ; Anis Si Jaalachuu Koo Waan Ati Naaf Hin Hubanneef Dhifama Siif Godheera!

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

09 Oct, 16:36


Jaalalti jidduu keenya jiru cimaa taanaan waan waliif nu galchuutu waan wal nu dhoorku irra guddaadha. Yoo hidhaan jidduu keenyaa cimaa tahe waan waliif nama hin galchine irrattillee akka waliif galuun hin dandahamne waliif hubatameetuma bira dabrama. Wal dhiisuuf sababa hin tahu.

Bakka waliif qabaachuun keenya xiqqaannaan garuu sababa wali barbaaduutu baayyata, wal dhabbiin xiqqaaniis ibidda guddaa fida. Gaafas karaa nagaatiin gargar bahuun filannaa hunda caaleedha😍

💔Jaalalti miidhaa miti !
👍         ❤️              ♂️
         ˡⁱᵏᵉ        ʳᵉᵃᶜᵗ           ˢʰᵃʳᵉ
* * *
🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
📡 https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

08 Oct, 19:02


Siin jaaladha malee
Annii siin gabbaru
Gaafa akkas taatu
Siinu sii dabbaruu.😜

@ https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

08 Oct, 19:02


#Jalalli_Madaadha

Jaalalli dhugaa
inni hin qabne mudaa
Keessi isaa garuu
fayyaa miti madaa

Kana ilaalteetoo
yaadaf hin sardamin
Akkamitti jechuun
gafachuuf hin mamin

Eeyyoo
Jaalalli madaadha
Eeyyoo
Jaalalli dhibeedha

Hammi jaalachuu kee
obsuudha ibsama
Madaaf dhibee malee
mee maaltu obsamaa?

Ammi wal jaalatan
amma wal obsanii
Hir'uu keessa ofii
waliif yoo guutanii

Jaalalli inni dhugaa
madaadha dhugaattuu
Osoo si dhukkubuu
kolfaa kan filattuu

@Famex135
      。\|/。🌺
─────•◈🔥◈•─────
@ https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡
@ https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡
─────•◈🔥◈•─────
      💜。/|\。💎
        

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

06 Oct, 04:04


Siin dagachuu hin dagadhu!

Akka waan guutummaan koo,
Siif qofaaf jedhamtee
Murtee mataa kootitiin,
Narratti erga muudamtee;
Sababan aarsaa ta’ee,
seeqakee arguuf abjootu
Himachuun naatoo hin qabu,
callisuuf obsa hin laatu!

Bara guyyaan si kaasee,
waa’een kee leellifamu;
Owwaataa keen ture,
isa dura bu’ee bakkakee waamamu!

Maamilli siif baay’atee,
yemmuu siif guggufan;
Eegduu karra keen ture,
isa karra banuuf karra itti cufan!

Tariimmoo…
Gaafa guyyaan sii miitee,
waa’een kee hibboo taatu;
Callisaa kee hin ta’u,
isa siin dagachuu dagatu!


👍         ❤️              ♂️
         ˡⁱᵏᵉ        ʳᵉᵃᶜᵗ           ˢʰᵃʳᵉ
* * *
🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
📡 https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

04 Oct, 17:41


Sin jaalladha hedduu
Humdumaa gararraa
Gonkumaas hin yaadu
Adda ba'uu sirraa
Bifaaf amalaan
Hundaan guutuu
Guddaaf kabaja
Xinnaaf Kan simattu
Aadaaf amantaakeef
Kabaja Kan laattu
Dhuguma ati kennaadha
Kan anaaf maltu
Yoomiyyuu an keeti
Qalbiinkoo si yaada
Sagalee kee suusii
Natti ta'e araada
Waadaa eeggannee
Waliin ha turru
Ormaaf bakka qabu
Ani sin jijjiiru❤️




👍         ❤️              ♂️
         ˡⁱᵏᵉ        ʳᵉᵃᶜᵗ           ˢʰᵃʳᵉ
* * *
🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
📡 https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

04 Oct, 14:59


Irreechi Irree Kenyaa!

Bagaa Jelaa Bultii Aayyaana Irreecha Horaa Finfinnee Nagaan Gessaan Ayyaana Garii 💫

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

03 Oct, 17:06


Siin jaaladha malee
Annii siin gabbaru
Gaafa akkas taatu
Siinu sii dabbaruu.😜







🌹🌹🅹🅾️🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾️🅸🅽🌹🌹
👍         ❤️              ♂️
         ˡⁱᵏᵉ        ʳᵉᵃᶜᵗ           ˢʰᵃʳᵉ
* * *
🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
📡 https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

02 Oct, 17:41


Walaloo jachuun...❤️‍🔥👌

"An fakkeessuun beeku
Dhugaan sitti hima
Si godhachuuf ture
Michuu kiyya cimaa

Kabajaan siif qabu
Ija biroon laaltee
Gaarii An siif godhe
Gowwummaa koo seete

Gaafan An siif yaadu
Ati natti qooste
Gaafan sitti siqu
Ati narraa fagaatte

Wanta dhugaan taane
Soba fafakkaattee
Irra keessa Kolfaa
Miira kootiin xabatte

Ati addaan hin beektu
Kabajaa fi sodaa
Nattin siqin gonkumaa
Ati Arra booda"



🌹🌹🅹🅾️🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾️🅸🅽🌹🌹
👍         ❤️              ♂️
         ˡⁱᵏᵉ        ʳᵉᵃᶜᵗ           ˢʰᵃʳᵉ
* * *
🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
📡 https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡

Diraamaa Afaan Oromoo❤️

02 Oct, 13:51


🌹🌹🅹🅾️🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾️🅸🅽🌹🌹
👍         ❤️              ♂️
         ˡⁱᵏᵉ        ʳᵉᵃᶜᵗ           ˢʰᵃʳᵉ
* * *
🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha
  ♡    ㅤ   ⌲      ✉️
   ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
📡 https://t.me/Dirama_Afaan_Oromoo📡