Namoota dhuunfaa Mana Kitaabaa Abirihootiif kitaaba Arjoomaniif galatnikoo guddaadha. Sagantaa har'a Mana Kitaabaa Abirihootitti raawwanneen shamarreen biyya Ingilizitti barnootarratti argamtu, Beteliheem Salamoon Ingilizirra kitaabota 5200 fiddee arjoomuunshee warra kaaniif fakkeenya kan ta'udha. Waajjirri Ministira Muummee kitaaba walittiqabuuf koree olaanaa tokko kan hundeesse yoo ta'u, guyyoota muraasa booda qophii kitaaba walittiqabuu ji'a tokkoof turu ni jalqaba. Warri biyya keessas ta'e biyya alaa jirru ji'a kitaaba walittiqabuu kana keessa kitaaba arjoomuuf haa qophoofnu. Dhalootaaf beekumsa akka arjoomnun dhaama.
@DrAbiyAhmedDaily