Oromia Urban Development and Housing Bureau @daariktetooretiiwwanbiiroomisoom Channel on Telegram

Oromia Urban Development and Housing Bureau

@daariktetooretiiwwanbiiroomisoom


https://t.e/oromiaurnabdevelopmentandhousingbureau_1

Oromia Urban Development and Housing Bureau (English)

Are you interested in learning more about urban development and housing initiatives in Oromia? Look no further than the Telegram channel 'daariktetooretiiwwanbiiroomisoom'. This channel is dedicated to providing updates, news, and information about the Oromia Urban Development and Housing Bureau. Whether you are a resident of Oromia or simply interested in the region's growth and infrastructure, this channel is the perfect source for staying informed. The Oromia Urban Development and Housing Bureau works tirelessly to create sustainable and inclusive urban environments for all residents. By following this channel, you can learn about upcoming projects, community outreach efforts, and innovative solutions being implemented in Oromia. Stay connected with the latest developments and be a part of shaping the future of urban living in Oromia. Join 'daariktetooretiiwwanbiiroomisoom' today and become a part of the conversation surrounding urban development and housing in Oromia!

Oromia Urban Development and Housing Bureau

13 Feb, 13:47


Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa gamaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa fi marii haala yeroo irratti xiyyeeffate hojjettoota isaa sadarkaa naannoo jiran waliin gaggeessaa jira.

Kaayyoo sagantichaa kan ibsan Hogganaan I/A Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Huseen Ushuu, hojjettoonni biirichaa haala yeroo biyyaafi raawwii hojii hanga kurmaana 2ffaa bara 2017 sekterichaa irratti hubannoo walfakkaataa qabaatanii raawwii sekterichaa milkeessuu akka danda'an taasisuu irratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

11 Feb, 03:57


Kulaastera beelladaa qindaa'a magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Galaan Guddaatti ijaarame.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

09 Feb, 11:09


Manneen Qusannaa 266 ijaarsi xumurame fayyadamtootaf dabarsuuf qophaa'uu himame.
****
Mootumman ijaarsa manneen qusannaa akka inisheetiviitti qabate magaalota naannoo Oromiyaa hunda keessatti ijaarama jira.
Magaalaan Shaggar manneen qusannaa rakkoo namoota harka qalleeyyii fi galii gadi aanaa argataniif oolu kutaalee magaalicha keessatti ijaarama jiraachuu ibsun muuxannoo duri irra karaa sadarkaa magaalaa Shaggar foyyeessuu fi lafa qusachuu dandeessisun gamoowwan G+4 baayinni 8 ta'e ijaarun xururamun dabarsuuf qophaa'u I/Gaaffatamtuun Waajjira Mana Qopheessa Magaalaa Shaggar Aadde Roozaa Mohammad himaniru.
Gamoon ijaarame kunnenis tokko tokkoon isaanii mana jireenya fi suuqii daldala kan of keessatti qaban ta'u fi waligalan abbaa warraa 250 fi suuqii
16 waligalan maallaqa  baasii qarshii bil. 1.3'n akka ijaaraman Aadde Roozaan ibsaniru.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

08 Feb, 18:45


Misooma Koridarii Magaalaa Asallaa hojjatamaa jiran keessaa.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

26 Jan, 06:59


Bitata omisha ta'e

Oromia Urban Development and Housing Bureau

18 Jan, 12:52


Hordoftoota Amantaa Kiristanaa Hundi 𝐁𝐚𝐠𝐚 𝐀𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚 Kataraa fi 𝐂𝐮𝐮𝐩𝐡𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚 𝟐𝟎𝟏𝟕 𝐍𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧!
Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa

Oromia Urban Development and Housing Bureau

16 Jan, 15:21


Ijaarsi miidiyaa kompileeksii OBN magaalaa Finfinneetti gaggeefama jiru daawwatame.
*
Amajjii 08/201 (BMMMO) Ijaarsi miidiyaa kompileeksii OBN magaalaa Finfinneetti gaggeefama jiru daawwatame. Miseeensonni partii badhadhina fi manajimantiin Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa pirojektii ijaarsa gamoo miidiyaa kompileeksii OBN daawwatan.

Gamoon OBN miidiyaa kompileeksii seenaa ummataa keenya bu'uureeffachun ijaarama kan jiru waan ta'eef xiyyeeffannoo addaan hojjetama akka jiru ibsun gamichi roga hundan ammaayyaa'a ta'e ijaarama kan jiru fi akka Afrikaatti gamoo haala addaan ijaarama jiru ta'u I/A Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Inj. Ayyalaa Kaffalaan himaniru.

Pirojektiin Miidiyaa Kompileeksii OBN bara kanaga.a tokkon xumurun istuudiyoo Tv 2 fi raadiyoo 2'n tajaajila akka jalqabuuf hojjetama kan jiru ta'u Qindeessan Gorsa Koroporshinii ijaarsaa Oromiyaa Inj. Tasfaayee himaniru.

Miseensonni manajimantii fi miseensi paartii badhaadhinaa hojjettoota mootumma Biiricha daawwannaa kana irratti yaada kennanin akka jedhanitti ijaarsa gamoo miidiyaa kompileeksii OBN gaggeeffama jiru sadarkaa kana irratti argu isaaniin kan gammadan ta'u ibsun teknoolojii gamichi of keessatti hammate ijaarama jirutti seenaa guddina ummataa Oromoo kan mul'isu ta'u dubbataniru.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

16 Jan, 10:20


Konferansii Paartii badhaadhinaa hojjettoota mootumma Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa gaggeeffame.

Wixinee dambii ittin bulmata paartii qophaa'e mariin irratti gaggeeffamera.
Wixineen dambicha haala qabatama yeroon barbaadu fi badhaadhinaa fakkatun kan qopha'ee ta'u fi rakkoo keessoo paartii hiikuun naamusa olaanaan hojjechu kan dandeessisu ta'u ibsamera.

Dambichan maqaan gurmaa'insa sadarkaan jiru bifaa haaraan mogaaffame dhiyaate irratti mariin gaggeeffamera.
Konferansichi xumura irratti hirmaattoota yaa'ii paartii badhaadhinaa irratti namoota hirmaatan filachuun golabameera.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

06 Jan, 10:25


Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Hundi Baga Ayyaana Qilleetiin Nagaan Geessan!
ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች እንኳን ለኢየሱስ ክርስቶስ የልደት በዓል ገና በሰላም አደረሳችሁ!

Ayyaana Gaarii!!!
መልካም በዓል!!!

Oromia Urban Development and Housing Bureau

02 Jan, 16:37


Magaalonni Oromiyaa giddugala badhaadhinaa taasisuuf hojjetama jira.

Mootumman naannoo Oromiyaa galmoota magaalaa afur qabate milkeessuuf Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa hojiiwwan garagaraa xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu I/A Hogganaa Biirichaa Obbo Birhaanuu Baqqalaan himaniru.
Obbo Birhaanuun addaatti turti OBN waliin taasisaniin hojiiwwan Biirichi hojjecha jiru irratti ibsa kennaniru.
Bara kana galmoota qabaman keessa wabii nyaataa lammilee mirkaneessuuf hojjetama jirun; inisheetivoota akka qonna magaalaa omishaa kudura fi mudura daangaa magaalota naannicha keessatti hojii raawwatama jirun ummanni qe'ee fi masaa isaa irratti omishaa jiraachu obbo Birhaanuun ibsaniru.
Gama biraan hojii misooma beelladaa karaa ammaayyaa'a fi qindaa'en hojjetama jirun bu'aan guddaan irra akka argamuuf magaalota Oromiyaa hunda keessatti bara kana ijaarsi kilaastara misooma beelladaa 138,800 ijaarama jiraachu dubbataniru. Kilaastera beelladaan misooma aannanii, furdiisa horii, horsiisa lukkuu fi booyyee, qurxummii, omishaa dammaa fi kkf magaalota keessa hojjetama jirun magaalaa iddoo omishaa taasifama jiraachuu obbo Birhaanuun ibsaniru.
Hojiiwwan inisheetivii qonna magaalaa raawwtama jiruunis bu'aan akka qaal'iinsa gabaa tasgabeessuu, carraa hojii bal'inaan uumuu, aadaa hojii jijjiiru, galii hawaasaa guddisuu, fi diinagdeen biyyaa utubuun wabii nyaata lammilee mirkaneessuu fi kkf irratti xiyyeffatame hojjetama jiraachuu obbo Birhaanuu dubbataniru.
Gama biraan bara kana pirojektoota bu'uuralee misooma 1,896 baajata moootummaa fi 2,256 immoo hirmaannaa uummataan hojjetama jiraachu fi jijjiirama magaalota irratti bu'a argamsisa akka jiran ibsaniru.
Pirojektoonni kunnen daandiiwwan garagaraa, iddoo magariisu daandii qarqara, sheediiwwan, gamoowwan, asfaaltiiwwan, bo'oo lolaa, sarara ibsaa fi bishaanii diriirsuu, paarkiiwwan magariisa fi kkf ta'u himamera.
Hojiiwwan inisheetivoota hojjetama jirun magaalaan iddoo omishaa taasisuun jireenyaaf mijataa akk ta'aniif hojjetama akka jiru obbo Birhaanuun ibsaniru.
Kana immoo jijjiiramni argama jiru hunda galeessa akka ta'uuf qabeenya mootummaafi hirmaannaa hawaasa qindeessun hojii bal'inaan hojjetma jiru kan itti fufiinsan hojjetamu ta'u obbo Birhaanuun beeksisaniru.

Dabalatan mann qusannaa rakkoo mana jireenya hiikuu cinaatti namoota gadi aanaa fi harka qalleeyyiif oolu akka inisheetivootti qabame magaalota naannicha keessatti hedduminaan ijaarama jiraachuu fi fayyadamumma hawaasa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetama jiraachu obbo Birhaanuun dubbataniru.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

11 Dec, 09:35


𝐈𝐛𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐝𝐚𝐚
****
Hojjetaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa kan ta’an Obbo Maarshuu Raggasaa Fayyisaa dhibee tasaa isaan mudaten Muddee 01/2017 du’aan addunyaa kanarraa boqotan.

Obbo Maarshuun Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meetaa Roobbii ganda Golaa Goorootti Bara 1964 abbaa isaanii Obbo Raggasaa Fayyisaa fi Haadha isaanii Aadde Chokolee Tasamaa  irraa dhalatan.

Bara 1987  jalqabun Ministeera Qabeenya Bishaanii  federaalaa qacaramun jalqaban.
Itti aansun Ejensii Maayikiroo Xixxiqaa fi Babal'ina Daldala Oromiyaa, Biiroo Daldala fi Industirii Oromiyaa, Biiroo Daldalafi Misooma Gabaa Oromiyaa fi hanga lubbuun isaanii addunyaa kanarra darbitutti Biiroo misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa ogummaawwan garagaraan amanumma fi kabajan dadhabee, na dheebodhe osoo hin jenne uummataa isaanii tajaajila  turaniru.  
Obbo Maarshuun abbaa ijoolee afur; dhiiraa lama (2) fi dubara lama(2) yoi ta'an dhibee tasaa isaan mudateen umurii Waggaa 53tti addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Sirni awwaalcha isaaniis, har’a Muddee 02 Bara 2017 magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Mana Abbichuu baataskannaa Akkakuu Gabri'eelitti, bakka maatii, firoottaniifi hiriyoonni isaanii argamanitti  sa’aatii 8:00 tti ni raawwatama. Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa maatiifi firoottan isaaniif jajjabina hawwa.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

05 Dec, 11:00


Dhaloota safuu fi Naamusa Gaarii ijaaruun, Badhaadhina Hunda Galeessaaf!

Guyyaan Farra Malamaltummaa akka biyyaatti yeroo fi naannoo Oromiyaatti yeroo 19ffaa bara kana "Dhaloota safuu fi Naamusa Gaarii ijaaruun, Badhaadhina Hunda Galeessaaf!" mataduree jedhuun Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaatti kabajamee.
Malaamaltummaa jibuun waantoota gaarii dhalootaf dhalchisuuf hojjechu qabna jedhame.
Biiroon  Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa guyyaan ayyaana farra malaammaltummaa akka addunayatti yeroo 21ffaa, akka boyyaatti yeroo 20ffaa'f fi akka Oromiyaatti immoo yeroo 19ffaa'f dhadannoo "Dhaloota Safuu fi Naamusaa Gaarii Ijaaruun Badhaadhina Hundaa Galeessaaf" jedhun  hojjettoota isaa waliin kabajame.

Marii balaleeffannaa malaammaltummaa kana kabajun kan barbaachise mul'ata badhaadhina qabame malaammaltummaan haala walxaxxaa fi beekumsan deeggarame kan guufachisa jiru irratti hubannoo uumuuf ta'u I/A Komishineera Komishinii Farra Malaammaltummaa fi Naamusa Oromiyaa Aadde Abaayineesh Tafara ibsaniru.
Ayyaana farra malaammaltummaa bara kana kabajamu ilaalcha fi gocha keenyan taane argamun lammii gaarii ta'uun qabsoo cimaa malaammaltummaa irratti taasisuun dadhabsiisuuf hojjenne kan badhaadhina biyyaa cimaa ijaaruun itti dhugoomsinu ta'u I/A Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa obbo Huseen Ushuu dubbataniru.
Malaammaltummaa jibuun waantoota gaarii dhalootaf dhalchisuuf waliin qindoomun hojjetamuu akka qabu obbo Huseen himaniru.

Hojjettonni mootummas ilaalchaa fi gochaa malamaltumma irraa ittisuuf gahee keenyaa ni bahanna jedhan.
Xumura irratti hojjettoota fakkeenyumma qaban sadii beekamtiifi baadhaasni kennameef jira.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

26 Nov, 07:11


Naannoo keenya balfa irraa keessoo keenya jibba irraa haa qulqulleessinu!
***
Bulchiinsa Magaalaa Ambootti Guyyaa sabootaa, sab-lammootaafi uummattootaa sababeeffachuun dhadannoo "Waliigaltee Biyyaalessaa Tokkummaa Sabdaneessaaf" jedhun duulli qulqullina Magaalaa geggeeffame.

Duula qulqullina Magaalaa kana irrattis hoggansa naannoofi magaalichaa dabalatee jiraattonni magaalichaa irratti hirmaataniiru.
Kabajni ayyaana kun sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Ambootti kan gaggeeffama jiru fi magaalota naannicha hafaanittis haala qabatama isaaniin kan gaggeeffamu ta'a.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

26 Nov, 07:06


Naannoo keenya balfa irraa keessoo keenya jibba irraa haa qulqulleessinu!
***
Bulchiinsa Magaalaa Ambootti Guyyaa sabootaa, sablammootaafi uummattootaa sababeeffachuun dhadannoo "Waliigaltee Biyyaalessaa Tokkummaa Sabdaneessaaf" jedhun duulli qulqullina Magaalaa geggeeffame.

Duula qulqullina Magaalaa kana irrattis hoggansa naannoo fi magaalichaa dabalatee jiraattonni magaalichaa irratti hirmaataniiru.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

21 Nov, 09:30


Hundeeffamni Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa kabajame.
*****
BMMMO (Sadaasa 12,2017) Hooggattoonni fi Hojjeettonnii Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Ayyaana hundeeffama paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa Sababeeffachuun sochii Ispoortii garaagaraa gaggeessn.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

20 Nov, 11:44


Hojjettoonni Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa hHundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa Sababeeffachuun aArjoomaa Dhiigaa Taasisan.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

08 Nov, 11:57


Sagantaa Kabaja Hundeeffama Waggaa 5ffaa Paartiii Badhaadhina Hundee Hojjettoota mootumma Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa kabajame.

Sgantaa kabajicha irratti kan argaman Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa obbo Mohammaad Guyyee haasa taasiaaniin paartii badhaadhina umurii waggaa 5 hin guune keesstti qormaatilee heddu isaa mudaata ture gara carratti jijjiirun injiffannoo gurguddaa akka biyyaafi addunyaatti galmeessisa jiraachu ibsun miseensonni paarticha baga hundeeffama paartii badhaadhina waggaa 5ffaan isin gaheera jedhaniru.
Dabalatan imala badhaadhana akka biyyaatti jalqabame cimee akka itti fufuuf miseensi hundi qixaan gahe isaa akka bahu jechun milkaa'inoota argaman daraan galmeessun biyyaa keenya biyyoota badhaadhan cinaa hiriirsuuf kan hojjetamu ta'u obbo Mohamaad ibsaniru

Oromia Urban Development and Housing Bureau

07 Nov, 09:26


Leenjiin mataadure "HUMNA ABJUU GUDDINA AMANSIISAAF" irratti kennamu itti fufeera.

Finfinnee (Onkoloolessa 28/201) Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa  hojjettoota miseensa hundee paartii badhaadhinaa Biiricha waliin marii mata duree "Humna abjuu guddina amansiisaaf jedhu magaalaa Finfinneettk  guyyaa 2ffaaf haala ho'aa ta'een itti fufee gaggeeffama jira.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

06 Nov, 08:16


"HUMNA ABJUU GUDDINA AMANSIISAAF"

BMMMO (Onkoloolessa 27/201) Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa hojjettoota miseensa paartii badhaadhinaa Biiricha waliin Finfinneetti mataa duree "Humna abjuu guddina amansiisaaf jedhu " irratti maree fi leenjii guyyoota sadiif turu eegalee jira.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

30 Oct, 03:24


Misooma kooridara Baadiyaa
የገጠር ልማት ኮርደሪ

Oromia Urban Development and Housing Bureau

21 Oct, 14:15


Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Misooma Beelladaatiif sheedii kilaastara ijaaramaa jiru.

Misooma Beelladaa Dinagdee Dam-daneessaaf

Oromia Urban Development and Housing Bureau

14 Oct, 06:59


Tajaajiloonni dinagdee kanneen akka giddugala dabarsa beekumsa qonna ammayyaafi dagaagina ogummaa (itti fayyadamaafi suphaa maashinoota qonnaa, ijaarsa manneen GGB, kurfeessa omishaalee qonnaafi kkf), golee industirii maanifaakchariingii xixiqqaa, agarsiisa qonna hammayyaa (hoorsiisa beeyladaa, lukkuu), lafa gabaa banaafi daldalaa (dhiyeessii boba’aafi galtee ijaarsaa dabalatee) fi dhaabbilee tajaajila faayinaansii (liqiifi qusannaa) kennan wiirtuu kanatti dhiyaatu. Mootummaan haala adeemsi kun umutti gargaaramuun, carraa hojii baldhisuufi invastimantii qonnaan bulaa jajjabeesu, hundaa’ol, qonnaan bulaan beekumsa qonnaa aadaa irraa dhaale cinaatti, ogummaa dabalataa akka horatu dandeessisuu irratti kan hojjatu ta’a. Kanaanis si’attummaafi damdaneessummaa dinagdee baadiyyaa akkasumas godaansa gara magaalatti taasifamu daran hirdhisuu kan mirkaneessu ta’a.

Inisheetiviin Haaromee, aadaa, duudhaa, diraa hawaasummaafi akeeka egeree ummata Oromoo irraa ka’a. Milkaa’ina karoorichaatif kalaqa, ogummaafi ammayyummaa qonnaa babaldhisuu, bu’uuraalee misoomaa diriirsufi tajaajila hawaas-dinagdee (bulchiinsa gandaa/araddaatin) giddugala tokkotti dhiyeessu akka tooftatti fayyadama. Gara birootin, hirmaannaa hawaasni araddaa/gandaa adeemsa murtee sagantaa kanaa keessatti taasisu baldhisuufi buleessummaa (itti fufiinsa) hawaas-dinagdeefi naannaawaatif duursa olaanaa kenna.

Sagantaan haala qabatamaa keenyafi muuxannoowwan gaggaarii idil-addunyaa irraa ka’uun qophaa’e kun, deemee deemee qaawwa misooma baadiyyaafi magaalaa gidduu jiru cufuu, baadiyyaafi magaalaa waldeeggarsaan misoomsufi jiruufi jireenya ummataa ammayyoomsuun cehumsa hawaas-dinagdee baadiyyaa jedhees magaalaa milkeessuu akka galmaatti kan kaawwate.
Haaromee: Motora Cehumsa Baadiyyaa Oromiyaa! Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

Oromia Urban Development and Housing Bureau

14 Oct, 06:59


Haaromee: Motora Cehumsa Baadiyyaa Oromiyaa!

Haala baramaa baadiyyaa keenyaa jijjiiruuf sababoota dirqisiisoo hedduutu jiru. Dhiibbaalee adda addaatiin, baadiyyaaleen Oromiyaa gama hedduun magaalotarratti hirkachuuf saaxilamaniiru. Jiruufi jireenyi bu’uuraa magaalaa, baroota hedduuf baadiyyaa adiyyoomsuu irratti hundaa’ee ture har’as guutummaatti hinjijjiiramne. Hariiron tokko qorqee tokko ‘sooru’ kun, gara walitti dhufeenya gar-lameenuu fayyadamoo taasisutti cehuu qaba.

Ummanni keenya %78 jiraataa baadiyyaati; godaansi baadiyyaarra gara magaalatti taasifamu itti fufus, lakkoofsi ummata baadiyaa ammas dabalaa jira. Kunis gama tokkoon lafti baadiyyaa dhiphachaa, oomishtummaan isaa gadi bu’aafi mancaatiin qabeenya umamaa dabalaa akka dhufu taasisus xiyyeeffannoo barbaachisu hinarganne. Gama birootin, magaalonni keenya, godaantota baadiyyaa ogummaa carraa hojii magaalaatti argamu madaalu hinqabneen akka guutaman dirqisiisee jira.

Hanqinni bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessii tajaajila hawaas-dinagdee adda addaa akkasumas sochiin dinagdee daangeffamaa, jiraattota baadiyyaa godaansa, hojii hiikuu, tajaajiloota hawaas-dingdeen ala ta’uu, jedhees hiyyummaafi boodatti hafummaaf saaxileera. Kun akkuma jirutti ta’ee, fedhiin bu’uuraalee misoomaa, tajaajila hawaas-dinagdee jiraattota baadiyyaa ariitiin dabaluu irratti argama. Gama birootin, qubsumni jiraattota baadiyyaa irra caalaan faffaca`aa ta’uun isaa, dhiyeessiifi dhaqqabummaa tajaajila hawaas-dinagdee baadiyyaa daran rakkisaa taasiseera.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, rakkoolee hammaachaa dhufan kanniin hiikuu qofa osoo hintaane, baadiyyaa gara carraa motora cehumsa caasaa hawaas-dinagdee qabatamaatti ceesisuun akka danda’amu, kuni ta’uu dhabnaan, madda gaaga’amiinsa siyaas-dinagdee akkasumas hawaasummaatti kan ce’u ta’uu hubachuun sochiitti galeera. Oomishtummaa lafaa dabaluu (dhiyeessii galtee qonnaa, tajaajila ogummaafi eegumsa naannawaa), ogummaa dagaagsuu (qonnaan bulaa hojii qonnaa aadaa irraa dhaale cinaatti ogummaa adda addaa horachiisuu), akkasumas qubsuma ummata baadiyyaa dhiyeessifi qaqqabummaa tajaajiloota hawaas-dinagdee mootummaan guutuu edu danquuf fala kaa’uf imaammata, tarsiimoo, karoorafi sagantaa cehumsa baadiyyaa qopheessee raawwitti galaa jira.

Haaluma kanaan, lafa teessuma mootummaa gandaa/araddaa, Adoolessa bara 2016 hojiitti galeefi argama Giddugala Guddina Baadiyyaa (GGB) cehumsi hawaas-dingdee baadiyyaa itti addeemsifamu ta’eefi moggaasa maqaa HAAROMEE jedhuu kennameef gandoota naannichaa hunda keessatti kan hundeeffaman ta’a.

Sagantaan kun toora qabiyyee sadi irratti hundaa’e:
Bu’uuraalee Misoomaa: gama kanaan, misooma bu’uuraalee misoomaa akka daandii, dhiyeessii bishaan qulqulluu, anniisaa/ibsaa, neetwoorkii qunnamtiifi wiirtuu leenjii ogummaatif duursa kennu. Dandii yoofudhanne, baadiyyaafi magaalaa, baadiyyaafi gabaa gurguddaa, lafa omishaafi GGB (dhaabbileen tajaajila itti mandheeffatan) walqunnamsiisun guddina dinagdee kan si’eessu ta’a. Bu’uuruma kanaan, akkaata barbaachisummaafi fedhii iddoodha iddootti jiruun, aburraan pilaanii daandii baldhina meetira 30, 20’fi 15 qabu hojjatamee qophii ta’eera.

Tajaajila Hawaasummaa: tokkoon tokkoon Haaromee, GGB tajaajila bulchiinsaa (waajjiraalee sektarootaa, iddoo turtii abbootii dhimmaa, kaafteeriyaa, galmoota ummanni dhimma itti bahu, lafa dhaabbii konkolaataa), tajaajila hawaasummaa (manneen barnootaa, keellaa fayyaa, mana fincaanii), lafa mana jireenyaa (abbaa m2 500 - “biogas” fi manduubee qabufi abbaa m2 200), wiirtuu geejjibaa, akkasumas lafa banaafi iddoo magariisaa haara-galfii kan hammate ta’uun isaa jiraattota baadiyyaatif tajaajila sadarkaa magaalatti kennamu qe’eetti dhiyeessuun naannawa guutummaa qabu kan umufidha.

Wiirtuwwan Dinagdee: wiirtuwwan dinagdee Haaromee, gola xixiqqoo tarsiima’aa sochii hawaas-dinagdee baadiyyaa kakaasuf tajaajilanidha.

Oromia Urban Development and Housing Bureau

26 Sep, 13:56


Hordoftoonni Amanta Kiristanaa Hundi Baga Ayyaana Masqala Bara 2017 Tiin Isin Gahe!
Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa
እንኳዋን ለብርሃነ መስቀሉ አደረሳችሁ።