Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa @ojcvbureau Channel on Telegram

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

@ojcvbureau


Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (Oromo)

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa kan walitti bu'insa gammachuun hin dandeenye. Biiroonni kun, ojcvburea, akkasumas mana barnootaafi leenjii qulqullinaaf gahumsa qabu kennuun carraa hojii bal'inaan ni uumnaa. Biiroonni kun kan hundi erga lola qabdiin kun, aadaafi afaan Oromootiin filmaatafachuu dandeenye. Uummanni kanaa carraa hojii daandii ol hin godhamne kennuudha. Biiroonni kun akkamitti duraan qooda bilisummaa Oromiyaatti hin arganne. Kan uummanni kana danda'amaa, gahumsa qabduu, ogummaa Oromiyaa fudhatanii, ogummaa walitti bu'insichaanii hiriira kennuufi isin barbaachisuu dandeenye. Biiroonni kun hojii Oromiyaa keessatti akka hin argannel aangoo dhaloota hin qabneef ogummaa Oromiyaa walitti bu'insa haa dhaabbannu!

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

18 Feb, 10:09


๐Ÿ’กLeenjiin Ogummaa_Furtuu Milkaa'ina Keessaniiti๐Ÿ’ก

Mootummaan lammiileen ogummaa gabaan hojii barbaadu gonfatanii carraa hojii biyya keessaafi alatti jirurraa fayyadamoo akka ta'aniif tarsiimoofi sagantaalee garaagaraa bocee hojiitti hiikaa jira.

Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaas dhaabbilee leenjii mootummaafi dhuunfaa ulaagaa guutaniif beekamtii kennuudhaan leenjii bobbii biyya alaa akka kennan taasisaa jira.

Dhaabbilee leenjii bobbii biyya alaa dhuunfaa beekamtii argatanii leenjii bobbii biyya alaa kennuudhaan dargaggoonni naannichaa ogummaa gonfatanii carraa hojii biyya alaatti jiru irratti bobba'uun hojiitti akka galan taasisuuf hojjechaa jiran keessaa Dhaabbatni Leenjii Bobbii Hojii Biyya Alaa Cilaaloo isa tokko.

Dhaabbatichi Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti kan argamu yoota'u, guyyaa kaleessaa daawwannaa tasaa taasifneen dhaabbaticha keessatti leenjifamtoota leenjii ogummaa fudhachaa jiran dubbifneerra.

Leenjifamtoonni kunneen turtii leenjii dhaabbaticha keessatti dabarsaa jiraniin ogummaafi muuxannoo hojiitti yommuu bobba'an akka milkaa'an isaan taasisuu danda'u argachaa jiraachuu dubbatu.

Hojiigaggessaan Dhaabbata Leenjii Bobbii Hojii Biyya Alaa Cilaaloo obbo Barakat Tasfaayee, dhaabbatichi marsaa lamaan leenjifamtoota 360 simatee ogummaa gonfachiisee jiraachuu ibsuun, marsaa 3ffaaf leenjifamtoota 120 simatee leenjii ogummaa gabaan hojii barbaadu kennaafii jiraachuu himaniiru.

Leenjiin bobbii hojii biyya alaa milkaaโ€™ina keessaniif furtuu waanta'eef, Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa dhaabbilee leenjii mootummaafi dhuunfaa beekamtii qabanitti galmaa'uun leenjitanii abbaa ogummaa ta'uun carraa hojii biyya alaatti jirurraa akka fayyadamtan waamicha dabarsa.

Odeeffannoo haaraa walitti fufiinsaan argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

18 Feb, 08:59


Biirichi Qajeelfamootaafi Maanuwaalota hojiirra jiran torba fooyyessuuf wixineewwan qophaa'an irratti marii'ate.

Guraandhala 11, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa waliin ta'uun qajeelfamootaafi maanuwaalota hojiirra oolaa jiran fooyyessuuf wixineewwan qophaa'an irratti marii gaggeessaa jira.

Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan Hogganaa Ittaanaan BCHUOO obbo Waasihuun Golgaa, biirichi labsii qaamolee raawwachiiftuu MNO irra deebiidhaan gurmeessuu, aangoofi gahee hojii isaanii murteessuuf bahe labsii lakkoofsa 242/2014 fi dambii 226/2014 labsii kana hojiirra oolchuuf bahe bu'uura godhachuun qajeelfamoota hojiirra jiran fooyyessuufi kanneen biroo hojicha raawwachuuf dandeessisan qopheessuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Waltajjichaanis wixineewwan qajeelfamootaafi maanuwaalii hojii qophaa'an torban: Qajeelfama Gamtaa Intarpiraayizoota Maayikiroo, Xixiqqaafi Giddugaleessaa Hundeessuuf Bahe, Qajeelfama Gurmaa'insaafi Hojmaata Gosoota Hojii Kaappitaala Ka'umsaa Horachuu, Qajeelfama Misooma Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo, Qajeelfama Modeela Baasuu, Muuxannoo Gaarii Qindeessuufi Babal'isuu Intarpiraayizootaa, Qajeelfama Raawwii Ce'umsa Sadarkaa Guddina Intarpiraayizoota Maayikiroo, Xixiqqaafi Giddugaleessaa, Qajeelfama Hojmaataafi Raawwatiinsa Carraa Hojii Uumuu fi Qajeelfama Hojii Industirii Godoo Misoomsuu, Babal'isuufi Gidduugala Misooma Industirii godoo hundeessuufi bulchuuf qophaa'e dhiyaatanii bal'inaan irratti marii'atamaa jira.

Hirmaattonni waltajjichaas wixineewwan qajeelfamootaafi maanuwaalota hojiirra jiran fooyyessuuf qophaa'anii dhiyaatan gabbisuun hojiirra akka oolu gochuuf yaadota galtee ta'an kaasuu akka qaban obbo Waasihuun dhaamaniiru.

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

15 Feb, 10:23


"Yeroon kun yeroo Afrikaan haqa itti barbaadduudha." Abiyyi Ahimad (PhD)

Guraandhala 08, 2017 (Komn.BCHUOO)- Yaa'ii idilee 38ffaa Dureewwan Gamtaa Afrikaa Finfinneetti ta'amaa jirurratti haasawaa baniinsaa kan taasisan Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad yeroon kun yoomiyyuu caalaa Afrikaanonni waliin dhaabbatanii haqa kan itti barbaadan ta'uu ibsaniiru.

Afrikaanoonni waliin ta'uun kabajamuu haqaaf hojjechuu akka qaban ibsuun, kana malees fuulduree addunyaa bocuurratti sagaleen Afrikaa waltajjii addunyaarratti dhaga'amuu akka qabu eeraniiru.

Afrikaan teekinooloojiidhaan guddachuu, guddinicha keessattis akka keessummaatti osoo hintaane akka gumaachituu ijootti hirmaachuu akka qabdus kaasaniiru.
Maddi: Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa.

Odeeffannoo haaraa walitti fufiinsaan argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

14 Feb, 13:05


Dursitoota Garee Misooma WKTIT fi Ce'umsa Intapiraayizootaa fi Dhiyeessii Faayinaansiifi Meeshaalee Kaappitaalaa Godinaalee fi Bulchiinsa Magaalootaatiif leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsu kenname.

Guraandhala 07, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa dursitoota garee Misooma WKTIT fi Ce'umsa Intapiraayizootaa fi Dhiyeessii Faayinaansiifi Meeshaalee kaappitaalaa Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalootaatiif leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Leenjichis: qajeelfama sadarkeessuufi ceesisuu, muuxannoo gaarii qindeessuufi babal'isuu, hojmaata qabiinsaa galmee herregaa, akkasumas qajeelfama Odiitii irratti kennamaa jiraachuun ibsameera.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

14 Feb, 11:49


"Harki Ogummaa qabu, hagabuu hinbulu!"

Odeeffannoo haaraa walitti fufiinsaan argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

14 Feb, 09:33


Carraa hojii bobbii biyya alaa irraa fayyadamoo taโ€™uuf maal gochuu akka qabdan beektuu?

โœ… Galmee Sirna Odeeffannoo Gabaa Hojii Itoophiyaa (www.Imis.gov.et) irratti galmee barbaachisaa ta'e bakka kamirraayyuu bilbila harkaa (moobaayila) keessan fayyadamuun guutuu,

โœ… Deeggarsa ogummaa yoo barbaaddan Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo isinitti dhiyoo jiru deemuun galmaa'uu ni dandeessu,

โœ…Odeeffannoowwan gaafatamtan guuttanii yommuu xumurtan bilbila keessan irratti lakkoofsi dijiitii 8 isiniif ergama,

โœ… Itti aansuun, lakkoofsa baayoomeetirii isiniif ergame qabachuun gara Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo isinitti dhiyoo jiru deemuudhaan ashaaraa qubaa keessan kennitu,

โœ…Odeeffannoo erga xumurtanii booda bilbila keessan irratti ergaan lakkoofsa eenyummaa hojjetaa dijiitii kudhan of keessaa qabu isiniif ergama.  Kana jechuun Galmee Sirna Odeeffannoo Gabaa Hojii Itoophiyaa keessatti galmeen keessan xumuramee jira jechuudha.

๐Ÿ“ขHubadhaa
โœ… Tajaajila kanaaf kaffaltiin isinirraa eegamu tokkollee hinjiru!

โœ…Odeeffannoo dabalataa Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo (WKTIT) naannoo keessan jiru keessaa tokko irraa argachuu dandeessu!

Odeeffannoo haaraa walitti fufiinsaan argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

09 Feb, 17:48


"Hawaasa ogummaa hedduu qabuufi intapiruunara ta'e horachuuf hojjetamaa jira," jedhan Pirezidant Shimallis Abdiisaa.

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

09 Feb, 07:41


Carraan hojii dhaabbii miliyoona 1fi kuma 300 uumameera- Pirezidaant Shimallis Abdiisaa

Guraandhala 02, 2017- Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa Caffeef dhiheessaniin hawaasni keenya ogummaa gonfachuun dorgomaa akka taโ€™u gochuuf ogummaalee adda addaatiin namoota Miliyoona 1fi kuma 600 oliif leenjiin ogummaa kennameera jedhan.

Ogummaa Naatoo hawaasa keenya bira jiru leenjiifi tekinoolojiidhaan dagaagsuun buโ€™uura indaastirii buusuufi lammileen galii dabalataa akka argatan gochuuf kilaastarootni Indaastirii Godoo 7,374 hojiitti akka galan taasifamee jira.

Hojii dhabdummaa Magaalaa fi baadiyyaatti mulโ€™atu karaa hiikoo qabuun hirโ€™isuuf carraan hojii dhaabbii Miliyoona 1fi kuma 300 Uumameera.

Dargaggoonni carraa hojii dhaabbii argatan buโ€™a qabeessa akka taโ€™an gochuuf; Paakeejiiwwan deeggarsaa adda addaatiin liqii birri biiliyoona 2.83 mijeessuun dandaโ€™ameera.

Maddi: OBN

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

07 Feb, 07:56


Karoora Imala Badhaadhinaa milkeessuuf carraa hojii Ogummaan durfamuufi itti fufiinsa qabu dhugoomsuun fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf pooteenshaala naannoo keenyaa qixaan fayyadamuun murteessaadha jedhan injiner Eebbaa Garbaa.

Amajjii 30, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa raawwii hojiifi duubdeebii kur.2ffaa caasaalee isaa sadarkaan jiran waliin magaalaa Adaamaatti qorachaa jira.

Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa., mootummaan carraa hojii bal'aafi itti fufiinsa qabu uumuun jireenya lammiilee fooyyessuufi intarpiruunarshiippii dagaagsuu irratti qaamolee deeggartootaa waliin qindoomee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Biirichi raawwii hojii hanga kur. 2ffaa bara 2017tti jiruun lammiilee mil. 1.34 ta'aniif carraa hojii dhaabbiin kan hojiitti galche yoota'u, maddeen faayinaansii adda addaa irraa liqaa qar. bil. 2.8 ol hojii barbaaddota Intarpiraayiziin gurmaa'aniif akka dhiyaatu taasifamuu ibse.

Waltajjichis hojiilee ji'oottan jahan darbanitti raawwataman gamaggamuun ciminoota jiran itti fufsiisuu, hanqinoota jiran immoo maqsuufi dhimmoota xiyyeeffannoo addaan hogganamuu qaban irratti hubannoo walfakkaataa uumuurratti kan xiyyeeffate ta'uun hubatameera.

Bu'uuruma kanaan Rakkoo hojii dhabdummaa furuuf pooteenshaala carraa hojii jiru qixaan hogganuufi tumsa qaamolee deeggartootaa cimsuun inisheetivoota keenya hunda hojiitti hiikuun murteessaadha kan jedhan injiner Eebbaa Garbaa, caasaaleen sadarkaan jiran kana hubachuun harcaatii hojii mul'atu sirreessuun karoora xiiqii qabame milkeessuuf hanqinaalee raawwii keessatti mul'atan galtee karoora kurmaana itti aanuu taasifachuu akka qaban dhaamaniiru.

Waltajjicharrattis itti Gaafatamtoonni Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godinaaleefi Bulchiinsa magaalotaa akkasumas miseensonni manajimentii BCHUOO hirmaachaa jiraachuun beekameera.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

01 Feb, 09:03


Dargaggoonni naannichaa ogummaa jarraan ammaa barbaadu gonfatanii hojiitti akka galan taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan obbo Waasihuun Golgaa.

Amajjii 24, 2017 (Komn.BCHUOO)- Waajjirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee sagantaa xumura shaakallii hojiirraa dargaggootaa Piroojektii Biqaat marsaa 2ffaa gaggeessaa jira.

Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Kantiibaa Ittaanaafi Qindeessaan Kilaastara Diinagdee magaalaa Shaashamannee Dr.Firaa'ol Uddeessaa magaalichatti ogummaa dagaagsuu, carraa hojii uumuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Saganticharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan BCHUOO obbo Waasihuun Golgaa, biirichi dargaggoonni naannichaa ogummaa jarraan kun barbaadu gonfatanii hojiitti akka galan taasisuuf industiriiwwan waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Piroojektiin shaakallii hojiirraa dargaggootaa Biqaat lammiileen ogummaa gabaan hojii barbaadu gonfatanii hojiitti akka galan taasisuu keessatti deeggarsa taasisaa jiruuf galateeffachuun, dargaggootni piroojektichaan deeggaramaa turuun carraan hojii uumameef kunneen kutannoon hojjechuun diinagdeen of cimsuu akka qaban dhaamaniiru.

Gabaasa raawwii hojii pirojekti Biqaat marsaa 2ffaa akka Naannoo Oromiyaatti jiru kan dhiyeessan BCHUOOtti Daarektarri Daarektoreetii Carraa Hojii Uumuu Magaalaa obbo Tamaam Huseen, sagantaan shaakallii hojiirraa Dargaggootaa Piroojektii Biqaat marsaa 2ffaa magaalota sadan: Adaamaa, Jimmaafi Shaashamanneetti hojiirra oolaa turuu ibsuun sagantichaanis dargaggoota 2910 ogummaa gonfachiisuun hojiitti galchuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru.

Ittigaafatamtuun Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa magaalaa Shaashamannee aadde Masarat Tasammaa, magaalichatti dargaggoota 454 ta'aniif shaakalliin hojiirraa piroojektii Biqaat marsaa 2ffaa dhaabbilee 85 keessatti kennamaa kan ture ta'uu ibsuun, kanneen keessaas dargaggoota 415niif carraan hojii uumamuu ibsaniiru.

Dargaggootni sagantichaan deeggaramaa turanis yeroo turtii leenjii isaaniitti beekumsaafi muuxannoo gaarii argatanii jiraachuu himuun ogummaa gonfatanis qabatamaan hojiitti hiikuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Xumura sagantichaa irrattis, qaamolee milkaa'ina piroojektichaaf tumsa taasisaa turaniif waraqaan ragaa galataa kennamee jira.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

29 Jan, 19:16


Raawwii hojii kenna tajaajila lammummaa ji'oottan 6n darbeen Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa manneen hojii sadarkaa naannoo keessaa dursa qabachuun beekamtii argate.

Amajjii 21, 2017 (Komn.BCHUOO)- Raawwii hojii kenna tajaajila lammummaa ji'oottan 6n darbeen Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa manneen hojii sadarkaa naannoo keessaa dursa qabachuun beekamtii argate.

Sirna beekamtii biiroon dhimma dubartiifi daa'imman Oromiyaa magaalaa Bishooftuutti qopheesse irratti biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa hojjettootaafi hooggantoota isaa hirmaachiisuun qar. 782,504 mana haadha tokkoo ijaaruun meeshaa manaa guutuun kan dabarseef yoota'u, diinagdeen maatii kanaas akka cimuuf lukkuu 40 fi mana lukkuu itti horsiisan lama bituun kennee jira. Kana malees barattoota harka qalleeyyii ta'aniif meeshaalee barnootaa adda addaa qarshii mil 1.5 oliin bitee raabsuun hojii fakkeenyummaa guddaa qabu raawwachuu isaan beekamtiin kuni akka kennamef beekamee jira.

Hojii fakkeenyummaa guddaa qabu kana keessatti qooda guddaa kan qabdan hojjettoonnii fi hooggantoonni BCHUOO beekamtii argameef baga gammaddan jechaa yeroo itti aanutti muuxannoo kana babal'isuun duudhaa keenya ganamaatti deebi'uuf hojjechuu qabnaan dhaamsa keenya.

"BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!"

Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

29 Jan, 07:25


Jilli Hoggantuu Ittaantuu Biiroo Ogummaafi Hojii Naannoo Soomaalee aadde Marwoo Abdulaziiziin durfamu Bulchiinsa Magaalaa Adaamaafi Bishooftuutti hojiilee carraa hojii uumuufi ogummaan hojjetaman daawwate.

Amajjii 21, 2017 (Komn.BCHUOO)- Jilli Hoggantuu Ittaantuu Biiroo Ogummaafi Hojii Naannoo Soomaalee aadde Marwoo Abdulaziiziin durfamu Bulchiinsa Magaalaa Adaamaafi Bishooftuutti hojiilee carraa hojii uumuufi ogummaan hojjetaman daawwatee jira.

Daawwannaa kanaanis muuxannoo hojii Kolleejjii Poolii Teeknika Adaamaafi Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuu, akkasumas magaalota lamaanitti Wiirtuulee Kenniinsa Tajaajila Iddoo tokkoofi dhaabbilee leenjii bobbii biyya alaa kennaa jiran daawwatamanii jiru.

Daawwannicharratti kan argaman Hogganaa ittaanaafi ittigaafatamaan Damee Leenjii Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddiin Qaadii biyyi kan guddatu naannoleen hundi sochii walfakkaataa keessa galuun yoo hojjatan qofa ta'uu himaniiru.

Hoggantuu Ittaantuun Biiroo Ogummaafi Hojii Naannoo Soomaalee aadde Marwoo Abdulaziiz simannaa taasifameef galateeffachuun muuxannoo hojii qooddatan qabatamaan hojitti jijjiiruuf kutannoon kan hojjetan ta'uu ibsaniiru.

"BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!"

Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

24 Jan, 13:34


Carraa hojii itti fufiinsa qabu uumuuf misooma ogummaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaadha jedhan injiner Eebbaa Garbaa.

Mudde 16, 2017 (Komn BCHUOO)- Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa Kolleejjii BLTO Hasaasaatti hojiilee ogummaa dagaagsuufi yaadama kolleejjii intarpiraayizii milkeessuuf hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Sagantaa daawwannaa kanaanis haalli kenniinsa leenjii kolleejjicha keessatti adeemsifamaa jiru, akkasumas yaadama kolleejjii intarpiraayizii milkeessuuf hojiileen oomisha kuduraafi muduraa, oomisha balbalaafi foddaa gaggeeffamaa jiran daawwatamanii jiru.

Kolleejjichatti kalaqa teekinooloojii cimsuun rakkoo hawaasaa furuuf hojiilee kalaqaa hojjetamaa jiran keessaas hojiin kalaqa baajaajiifi konkolaataa bashannanaa leenjistootaafi leenjifamtoota kolleejjichaan kalaqaman daawwatamaniiru.

Carraa hojii itti fufiinsa qabu uumuuf misooma ogummaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaadha kan jedhan injiner Eebbaan, kolleejjichatti hojiileen galii keessoo cimsuufi kalaqa teekinooloojii cimsuuf hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru.

Dhaabbileen leenjii mootummaafi dhuunfaa naannichaa qulqullina leenjii mirkaneessuun hawaasa ogummaa gonfateen hojii uummatu baay'inaan horachuuf kutannoon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Diiniin Kolleejjii BLTO Hasaasaa obbo Faqii Haajii, kolleejjichi simannaa haaraafi buleeyyiin leenjifamtoota dhibba 8 ol simatee leenjisaa jiraachuu ibsuun, galii keessoo kolleejjichaa cimsuuf hojii xiyyeeffannoon hojjetameen hanga ammaatti galii miliyoona 4.8 maddisiisuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

18 Jan, 06:11


Dhaabbileen leenjii dhaloota diinagdee dijitaalaaf qopheessuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabu- obbo Nasraddin Qaadii.

Amajjii 10, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Itti aantoota Diinii Kolleejjota Poolii Teeknika Naannoo Oromiyaa keessatti argamaniif leenjii Diijitaalessuu magaalaa Bishooftuutti kennaa jira.

Kaayyoo leenjichaa kan ibsan Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Damee Leenjii BCHUOO obbo Nasraddiin Qaadii, yeroo ammaa addunyaan ariitiin gara diijitaalaatti jijjiiramaa waan jirtuuf dhaloonni amma jiru jijjiirama kanarraa akka fayyadamu gochuuf dhimma diijataalessuurratti xiyyeeffannaan hojjachuugochuufn murteessaa ta'uu ibsaniiru.

Dhaabbileen leenjii keessattuu kolleejjonni poolii teeknikaa gidduugala jijjiiramaa waan taโ€™aniif ofii isaaniitii dursanii of qopheessuun saffisa addunyaan itti deemaa jirtu kana wajjin tarkaanfachuun barbaachisaa ta'uu eeraniiru.

Leenjicharrattis Imaammatni Dijataalessuu Ministeerri Hojiifi Ogummaa qopheesseefi muuxannoon biyyootaa gama kanaan saffisaan guddataa jiranii dhiyaatee kan jiru yoota'u, muuxannoon Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuu gama Diijitaalaan hojjatamaa jiruufi hojiiwwan muuxannoo taโ€™uu dandaโ€™an kan biroo daawwatamanii jiru.

Hirmaattonni leenjichaas hubannoo leenjicharraa argatan Kolleejjota BLTO Kilaastara isaanii jala jiraniif qooduufi kolleejjota irraa dhufan keessatti galmee E-LMIS dabalatee hojii diijitaalessuu kallattii adda addaatiin hojjetaman keessatti hojiirra oolchuu akka qaban obbo Nasraddin kallattii kaa'aniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

17 Jan, 11:37


Gabaasni hojii deeggarsaafi hordoffii hojiilee kurmaana 2ffaa bara 2017 irratti gaggeeffamaa ture qoratame.

Amajjii 09, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa gabaasa hojii deeggarsaafi hordoffii raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2017 irratti gaggeeffamaa ture qorachaa jira.

Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa, waltajjichi duubdeebii gabaasa raawwii hojii deeggarsaafi hordoffii kurmaana 2ffaa gaggeeffamaa ture qorachuun ciminoota jiran itti fufsiisuufi hanqinaalee jiran immoo maqsuun karoora sekterichaa milkeessuu haalota dandeessisan uumuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Waltajjichaanis gareewwan kudha jahan hojii deeggarsaafi hordoffiif godinaaleefi bulchiinsa magaalotaatti bobba'an hundi gabaasa raawwii hojii isaanii dhiyeessuun irratti marii'atamaa kan jiru yoota'u, xumura irrattis galtee hojii gara fuulduraa akka ta'uuf argannoon duubdeebii gabaasa deeggarsaafi hordoffii gaggeeffamee qindaa'ee kan gadi bu'u ta'uu obbo Waasihuun kallattii kaa'aniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

08 Jan, 08:12


Dhaabilee Leenjii Bobbii Biyya Alaa (Domestic works) hayyama fudhatanii ulaagaa kaa'ameen gadi leenjii kennaa jiran sadii irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatame.

Mudde 30, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Dhaabilee Leenjii Bobbii Biyya Alaa (Domestic works) hayyama fudhatanii ulaagaa kaa'ameen gadi leenjii kennaa jiran sadii irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhatee jira.

Biirichi Aangoo labsii 242/2014 keeyyata 30, keeyyata xiqqaa 33 jalatti kennameef bu'uureffachuun Dhaabbilee Leenjii Mootummaa fi Dhuunfaatiin hayyama leenjii kennuun lammiileen Carraa hojii ogummaan durfamu biyya keessaafi biyya alaatti akka argatan hojjataa jiraachuu kan ibsan Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Damee Leenjii BCHUOO obbo Nasraddiin Qaadii ibsaniiru.

Biirichis eeruu hawaasa irraa argameefi daawannaa tasaa dhaabbilee leenjii biratti qaamaan gaggeeffameen dhaabbilee leenjii ulaagaa barbaachisoo Ministeerri Hojiifi Ogummaa Federaalaa fi Biiroon CHUO Oromiyaa baasee gaditti raawwataa jiran sadii irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhatamuu himaniiru.

Dhaabbileen leenjii bobbii biyya alaa tarkaanfiin irratti fudhatame kunniin kanaan dura yeroo gareen ogeeyyii madaallii gaggeessan meeshaalee leenjiif barbaachisu haala gaariin qophaa'anii waan turaniif hayyamni kan kennameef ta'uun himameera.

Yeroo ammaa garuu dhaabbileen kunniin gurmaa'insi isaaniis ta'e meeshaaleen leenjiif barbaachisan akka hin guuttanne gamaggama tasaa gaggeeffameen irra waan gahameef hojiin alseerummaa kun immoo namoota bobbii hojii biyya alaatiif deemuu barbaadan irratti miidhaa qaqqabsiisuu bira darbee maqaa gaarii naannoon keenya gama kanaan qabdu kan miidhu waan ta'eef tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaadha jedhan obbo Nasraddin.

Dhaabbileen leenjii bobbii biyya alaa tarkaafiin sirreefamaa irratti fudhatames: Dhaabbata Leenjii Bilisummaa magaalaa Asallaatti argamu, Dhaabbata Leenjii Barii Magaalaa Asallaatti argamuufi Dhaabbata Leenjii Barii Magaalaa Shaashamanneetti argamu ta'uus eeraniiru.

Dhaabbileen leenjii bobbii biyya alaa sadan tarkaanfiin sirreeffamaa irratti fudhate kunneen yeroof hayyamni isaanii kan haqameefi hanqina jiru yoo sirreeffatan baatii sadiin booda ulaagaa guutuun isaanii mirkanaa'ee hojitti deebi'uu kan danda'an ta'uus obbo Nasraddin himaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

06 Jan, 12:08


Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti galmeen sirna odeeffannoo gabaa hojii duulaan gaggeeffamaa jiruu daawwatame.

Mudde 28, 2017 (Komn.BCHUOO)- Hoggantuu Ittaantuun Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa aadde Magartuu Mohaammad Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti galmee sirna odeeffannoo gabaa hojii duulaan gaggeeffamaa jiruu daawwataniiru.

Daawwannaa gaggeeffame irrattis Hoggantuu Ittaantuu BCHUOO aadde Magartuu Mohammad dabalatee ogeeyyiin Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaafi hoggansiif raawwattoonni Carraa Hojii Uumuufi Bulchiinsa magaaalichaa hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

04 Jan, 04:50


https://vm.tiktok.com/ZMkD3oYMT/ This post is shared via TikTok Lite. Download TikTok Lite to enjoy more posts: https://www.tiktok.com/tiktoklite

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

03 Jan, 14:58


Godina Arsii Lixaa aanaa Hasaasaafi magaalaa Koofaleetti galmeen sirna odeeffannoo gabaa hojii duulaan gaggeeffamaa jiruu daawwatame.

Mudde 25, 2017 (Komn.BCHUOO)- Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii Godina Arsii Lixaa aanaa Hasaasaafi magaalaa Koofaleetti galmee sirna odeeffannoo gabaa hojii intarpiraayizootaafi hojii barbaaddotaa duulaan gaggeeffamaa jiruu daawwataniiru.

Saganticharrattis Hogganaa Ittaanaa BCHUOO obbo Nasraddin Qaadii, Itti gaafatamaan WCHUO godina Arsii Lixaa obbo Abdoo Huseenii fi qaamoleen garaagaraa hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

03 Jan, 11:52


Bulchiinsa Magaalaa Mattuufi Godina Iluu Abbaa Booritti duulli sosochii galmee sirna odeeffannoo gabaa hojii (E-LMIS) Hojii Barbaaddotaafi Intarpiraayizootaa eegale.

Mudde 25, 2017 (Komn.BCHUOO)- Bulchiinsa Magaalaa Mattuufi Godina Iluu Abbaa Booritti duula sosochii galmee sirna odeeffannoo gabaa hojii (E-LMIS) hojii barbaaddotaafi intarpiraayizootaa guyyoota 45niif gaggeeffamu eegalchiisaniiru.

Saganticharrattis Ittigaafatamaan WCHUO magaalaa Mattuu obbo Admaasuu Hambisaa, Ittigaafatamaa Ittaanaan WCHUO Godina Iluu Abbaa Boor obbo Tashoomaa Gabrawaldi, ogeeyyiin Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa, raawwattoonni Carraa Hojii Uumuufi Wiirtuuleen Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo godinaafi bulchiinsa magaalichaa hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

03 Jan, 09:31


Bulchiinsa Magaalaa Jimmaafi Aggaaroo, akkasumas Godina Jimmaa aanaalee garaagaraatti galmeen sirna odeeffannoo gabaa hojii duulaan gaggeeffamaa jiruu daawwatame.

Mudde 25, 2017 (Komn.BCHUOO)- l Bulchiinsa Magaalaa Jimmaafi Aggaaroo, akkasumas Godina Jimmaa aanaa Qatsaa, Asandaaboofi Deedootti galmeen sirna odeeffannoo gabaa hojii duulaan gaggeeffamaa jiruu daawwatamee jira.


Daawwannaa gaggeeffameenis galmee sirna odeeffannoo gabaa hojii irratti hubannoo uumameen fedhiin galmaa'uu hojii barbaaddotaa, intarpiraayizootaafi leenjifamtoota leenjii bobbii biyya alaa fooyya'aa jiraachuun ibsameera.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

01 Jan, 16:06


แ‰ขแˆฎแ‹ แˆฅแˆซ แˆแˆ‹แŒŠแ‹Žแ‰ฝแŠ•แŠ“ แŠขแŠ•แ‰ฐแˆญแ•แˆซแ‹žแ‰ฝแŠ• แ‰ แŠขแ‰ตแ‹ฎแŒตแ‹ซ แ‹จแˆฅแˆซ แŒˆแ‰ แ‹ซ แˆ˜แˆจแŒƒ แˆฅแˆญแ‹“แ‰ต แˆ‹แ‹ญ แˆˆแˆ˜แˆ˜แ‹แŒˆแ‰ฅ แ‹ซแˆˆแˆ˜ แŠ•แ‰…แŠ“แ‰„ แ‹ซแ‹ แŠ แ‹ฐแˆจแŒˆแกแก

แ‹จแŠฆแˆฎแˆšแ‹ซ แŠญแˆแˆ แˆฅแˆซ แ‹•แ‹ตแˆ แˆแŒ แˆซแŠ“ แŠญแˆ…แˆŽแ‰ต แ‰ขแˆฎ แˆฅแˆซ แˆแˆ‹แŒŠแ‹Žแ‰ฝแŠ•แŠ“ แŠขแŠ•แ‰ฐแˆญแ•แˆซแ‹ญแ‹žแ‰ฝแŠ• แ‰ แŠขแ‰ตแ‹ฎแŒตแ‹ซ แ‹จแˆฅแˆซ แŒˆแ‰ แ‹ซ แˆ˜แˆจแŒƒ แˆฅแˆญแ‹“แ‰ต แˆ‹แ‹ญ แˆˆแˆ˜แˆ˜แ‹แŒˆแ‰ฅ แ‹ซแˆˆแˆ˜แ‹ แ‹จ45 แ‰€แŠ“แ‰ต แŠ•แ‰…แŠ“แ‰„ แ‹ญแ‹ แŠ แ‹ตแŒ“แˆแกแก

แ‰ แŠ•แ‰…แŠ“แ‰„ แˆ›แˆตแŒ€แˆ˜แˆชแ‹ซ แˆ˜แˆญแˆƒ แŒแ‰ฅแˆฉ แˆ‹แ‹ญ แˆ˜แˆแ‹•แŠญแ‰ต แ‹ซแˆตแ‰ฐแˆ‹แˆˆแ‰แ‰ต แ‹จแŠฆแˆฎแˆšแ‹ซ แŠญแˆแˆ แˆฅแˆซ แ‹•แ‹ตแˆ แˆแŒ แˆซแŠ“ แŠญแˆ…แˆŽแ‰ต แ‰ขแˆฎ แˆ/แŠƒแˆ‹แŠ แŠ แ‰ถ แ‹‹แˆฒแˆแŠ• แŒŽแˆแŒ‹ แŠฅแŠ•แ‹ฐแŒˆแˆˆแŒนแ‰ตแฃ แŠ•แ‰…แŠ“แ‰„แ‹ แ‰ แŠญแˆแˆ‰ แ‰ แˆšแŒˆแŠ™ แˆตแˆแŠ•แ‰ต แ‹žแŠ–แ‰ฝ แ‹ญแŠซแˆ„แ‹ณแˆแกแก

แ‰ แ‹šแˆ…แˆ แŠจ620แˆบ แ‰ แˆ‹แ‹ญ แˆฅแˆซ แˆแˆ‹แŒŠแ‹Žแ‰ฝแŠ“ 95 แˆบ แŠขแŠ•แ‰ฐแˆญแ•แˆซแ‹ญแ‹žแ‰ฝ แ‹ญแˆ˜แ‹˜แŒˆแ‰ฃแˆ‰ แ‰ฐแ‰ฅแˆŽ แ‹ญแŒ แ‰ แ‰ƒแˆ แ‰ฅแˆˆแ‹‹แˆแกแก

แ‹จแŠ•แ‰…แŠ“แ‰„ แˆฅแˆซแ‹ แˆˆแ‰ฐแŠจแ‰ณแ‰ณแ‹ญ 45 แ‰€แŠ“แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแŠซแˆ„แ‹ตแˆ แŒ แ‰แˆ˜แ‹‹แˆแกแก

แˆแ‹แŒˆแ‰ฃแ‹ แ‰ แ‰ฐแˆˆแ‹ซแ‹จ แ‹˜แˆญแ แŠจแˆšแˆแŒ แˆฉ แ‹จแˆฅแˆซ แ‹•แ‹ตแˆŽแ‰ฝ แ‹œแŒŽแ‰ฝแŠ• แ‰ แแ‰ตแˆƒแ‹ŠแŠแ‰ต แ‰ฐแŒ แ‰ƒแˆš แˆˆแˆ›แ‹ตแˆจแŒ แ‹จแˆšแˆตแ‰ฝแˆ‰ แ‰ฐแŒจแ‰ฃแŒญ แˆ˜แˆจแŒƒแ‹Žแ‰ฝแŠ• แˆˆแˆ›แˆฐแ‰ฃแˆฐแ‰ฅ แ‹จแˆšแˆตแ‰ฝแˆ แˆ˜แˆ†แŠ‘แŠ•แˆ แŠ แˆตแˆจแ‹ตแ‰ฐแ‹‹แˆแกแก

แ‰ แŠญแˆแˆ‰ แ‹จแ‰ฐแˆˆแ‹ซแ‹ฉ แ‹žแŠ–แ‰ฝ แˆแ‹แŒˆแ‰ฃแ‹ แŠ แˆตแ‰€แ‹ตแˆž แˆฒแŠจแŠ“แ‹ˆแŠ• แˆ˜แ‰†แ‹จแ‰ฑแŠ• แ‹จแŒˆแˆˆแแ‰ต แˆ/แ‰ขแˆฎ แŠƒแˆ‹แŠแ‹ แ‹จแ‰ฐแˆปแˆˆ แŒแŠ•แ‹›แ‰คแŠ• แ‰ แˆ˜แแŒ แˆญ แŠจแแ‰ฐแŠ› แ‰แŒฅแˆญ แ‹ซแˆ‹แ‰ธแ‹แŠ• แˆฅแˆซ แˆแˆ‹แŒŠแ‹Žแ‰ฝแŠ•แŠ“ แŠขแŠ•แ‰ฐแˆญแ•แˆซแ‹ญแ‹žแ‰ฝแŠ• แˆˆแˆ˜แˆ˜แ‹แŒˆแ‰ฅแŠ“ แ‰ฐแŒ แ‰ƒแˆš แˆˆแˆ›แ‹ตแˆจแŒ แ‹ซแˆˆแˆ˜ แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆ†แŠ แŠจแ‰ขแˆฎแ‹ แ‹ซแŒˆแŠ˜แŠแ‹ แˆ˜แˆจแŒƒ แ‹ซแˆ˜แˆˆแŠญแ‰ณแˆแกแก

แ‹จแŠขแ‰ตแ‹ฎแŒตแ‹ซ แ‹จแˆฅแˆซ แŒˆแ‰ แ‹ซ แˆ˜แˆจแŒƒ แˆตแˆญแ‹“แ‰ต แŠจ23 แ‰ แˆ‹แ‹ญ แŠ แŒˆแˆแŒแˆŽแ‰ถแ‰ฝแŠ• แˆ˜แˆตแŒ แ‰ต แ‹จแˆšแ‹ซแˆตแ‰ฝแˆ แˆตแˆญแ‹“แ‰ต แŠแ‹แกแก

แ‰ แ‹šแˆ… แˆตแˆญแ‹“แ‰ต แ‹จแˆšแˆ˜แ‹˜แŒˆแ‰ฅ แˆฅแˆซ แˆแˆ‹แŒŠ แŠจแˆ€แŒˆแˆญ แ‹แˆตแŒฅแŠ“ แŠจแ‹แŒญ แˆ€แŒˆแˆญ แ‹จแˆฅแˆซ แ‹•แ‹ตแˆŽแ‰ฝ แ‰ แ‰ฐแŒจแˆ›แˆช แ‰ แˆญแŠซแ‰ณ แ‹จแˆญแ‰€แ‰ต แ‹จแˆฅแˆซ แ‹•แ‹ตแˆŽแ‰ฝแŠ• แ‹จแ‰ฐแˆ˜แˆˆแŠจแ‰ฑ แˆ˜แˆจแŒƒแ‹Žแ‰ฝ แŠซแˆˆแ‰ แ‰ต แˆ†แŠ– แˆ›แŒแŠ˜แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฒแ‰ฝแˆแŠ“ แ‹จแˆฅแˆซ แ‹•แ‹ตแˆ‰ แ‰ฐแŒ แ‰ƒแˆš แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆ†แŠ• แ‹ซแˆตแ‰ฝแˆˆแ‹‹แˆแกแก

แˆˆแŠขแŠ•แ‰ฐแˆญ แ•แˆซแ‹žแ‰ฝแˆ แˆแˆญแ‰ตแŠ“ แŠ แŒˆแˆแŒแˆŽแ‰ถแ‰ปแ‰ธแ‹แŠ• แ‰ แŠแƒ แ‹จแˆ›แˆตแ‰ฐแ‹‹แ‹ˆแ‰…แฃ แ‹จแ‹แ‹ญแŠ“แŠ•แˆต แŠ แ‰…แˆญแ‰ฆแ‰ต แŠฅแŠ“ แ‹จแŒˆแ‰ แ‹ซ แ‰ตแˆตแˆตแˆญ แˆ˜แแŒ แˆญแŠ• แŒจแˆแˆฎ แ‹จแ‰ฐแˆˆแ‹ซแ‹ฉ แˆ˜แŠ•แŒแˆตแ‰ณแ‹Š แ‹ตแŒ‹แŽแ‰ฝแŠ• แŠฅแŠ•แ‹ฒแ‹ซแŒˆแŠ™ แ‹จแˆšแ‹ซแŒแ‹ แˆตแˆญแ‹“แ‰ต แŠแ‹แกแก

แˆˆแ‹ˆแ‰…แ‰ณแ‹Š แ‰ตแŠฉแˆต แ‹จแˆฅแˆซแŠ“ แŠญแˆ…แˆŽแ‰ต แˆšแŠ’แˆตแ‰ดแˆญ แˆ˜แˆจแŒƒ แก
แ‰ณแˆ…แˆณแˆต 23แค 2017
แ‰ แ‹ตแˆจแŒˆแŒฝแก- http://mols.gov.et/
แŒแˆตแ‰กแŠญแก- https://www.facebook.com/MolsFDRE
แ‰ดแˆŒแŒแˆซแˆแฆ https://t.me/fdre_mols
แ‹‹แ‰ตแˆตแŠ แ•แก- https://whatsapp.com/channel/0029VakCgcYIyPtTbPZtDW1y
แ‰ฒแŠญแ‰ถแŠญ:- tiktok.com/@mols_official
แˆŠแŠ•แŠญแ‹ฒแŠ•แก- https://www.linkedin.com/.../ministry-of-labor-skill-fdre/

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

01 Jan, 15:40


Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furii aanaalee Muudaa Furiifi Caffee Karaabuutti galmeen sirna odeeffannoo gabaa hojii duulaan gaggeeffamaa jiru daawwatame.

Mudde 23, 2017 (Komn.BCHUOO)- Hogganaa Ittaanaan BCHUOO obbo Waasihuun Golgaa, Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furii Wiirtuulee Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo Muudaa Furiifi Caffee Karaabuutti galmeen sirna odeeffannoo gabaa hojii duulaan gaggeeffamaa jiruu daawwataniiru.

Daawwannaa gaggeeffameenis jalqabbiin duula sosochii galmee eegalamee jiru gaarii ta'us, galmee hojii barbaaddotaa, intarpiraayizootaafi leenjifamtoota leenjii bobbii biyya alaa walsimsiisuun raawwachuurratti qaawwi jiraachuun kan adda bahe ta'uu ibsaniiru.

Wiirtuuleen Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo duula sosochii galmee baayoomeetiriksii guyyoota hafan keessatti galmee leenjifamtoota leenjii bobbii biyya alaa qofarratti xiyyeeffachuu keessaa bahuun kan hojii barbaaddotaafi intarpiraayizootaa waliin walsimsiisuun raawwachuu akka qaban obbo Waasihuun kallattii kaa'aniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

01 Jan, 13:24


Hoggantuu Ittaantuun Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa aadde Magartuu Mohaammad, duula sosochii galmee Sirna Odeeffannoo Gabaa Hojii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuufi Magaalaa Moojoo eegalchiisan.

Mudde 23, 2017 (Komn.BCHUOO)- Hoggantuu Ittaantuun Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa aadde Magartuu Mohaammad, duula sosochii galmee Sirna Odeeffannoo Gabaa Hojii guyyoota 45niif turu Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuufi magaalaa Moojootti eegalchiisanii jiru.

Saganticharrattis Hoggantuu Ittaantuun BCHUOO aadde Magartuu Mohammad, I/A kantiibaa magaalaa Bishooftuu aadde Zahaaraa Kadiir, I/A kantiibaa magaalaa Moojoo obbo Isheetuu Shuumii, Itti Gaafatamaan WCHUO magaalaa Bishooftuu obbo Dassaalenyi Taarikuu, I/G WCHUO magaalaa Moojoo obbo Tashoomaa Margaa  ogeeyyiin Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

27 Dec, 09:07


แˆˆแ‹แŒญ แˆ€แŒˆแˆญ แ‹จแˆฅแˆซ แˆตแˆแˆชแ‰ต แ‹จแˆ™แ‹ซ แˆตแˆแŒ แŠ“

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

27 Dec, 08:18


Waltajjiin gamaggama raawwii hojii galmee E-LMIS marsaa duraafi leenjiin itti fayyadama meeshaa baayoomeetiriksii marsaa 2ffaa kenname.

Mudde 18, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa waltajjii gamaggama raawwii hojii galmee E-LMIS marsaa duraafi leenjii itti fayyadama meeshaa baayoomeetiriksii marsaa 2ffaa ogeeyyii Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoofi leenjistoota Kolleejjota BLTO'f kennaa jira.

Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa, biirichi moosaajiiwwan sadarkaa biyyaafi naannootti misoomanitti fayyadamuun rakkoo kenna tajaajilaafi qabiinsa ragaa hojiibarbaaddotaafi intarpiraayizootaa keessatti mul'atan furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Waltajjichis raawwii galmee E-LMIS hanga ammaatti jiru gamaggamuun ciminootaafi hanqinaalee jiran adda baasuun hudhaalee raawwii hojii keessatti jiran furuufi fayyadamtoota marsaa 2ffaatiif leenjii hubannoo cimsu kennuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Hirmaattonni waltajjichaas hudhaalee raawwii hojii keessatti isaan quunnaman kaasuun bal'inaan irratti marii'achuufi hubannoo leenjicharraa argataniin meeshaa baayoomeetiriksiitti qixaan fayyadamuun rakkoolee galmee E-LMIS hojii barbaaddotaafi intarpiraayizootaa irratti mul'atan furuuf kutannoon hojjechuu akka qaban obbo Waasihuun dhaamaniiru.

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaatti Daarekteerri Daarektoreetii Misooma WKTIT fi Cehumsa Intarpiraayizootaa obbo Bafiqaaduu Tolasaa, waltajjichaan raawwiin hojii WKTIT 125 fi dhaabbilee leenjii 7 kanaan dura meeshaa baayoometiriksii fudhatanii itti fayyadamaa jiranii kan qoratamu ta'uu ibsaniiru.

Akkasumas, Wiirtuulee Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo 36 deeggarsa marsaa 2ffaatiin meeshaa Baayoomeetiriksii argataniif itti fayyadama meeshichaa irratti leenjiin hubannoo cimsu kan kennamu ta'uu obbo Bafiqaaduun himaniiru.

Waltajjicharrattis Wiirtuuleen Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo gabaasa raawwii isaanii dhiyeessuun kan irratti marii'atamu yoota'u, waltajjichis guyyaa har'aa irraa eegalee guyyoota afuriif itti fufiinsaan kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

24 Dec, 13:15


Beeksisa Qaxarrii

Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa ogeessota ogummaalee adda addaatiin Yuunivarsiitiiwwan Beekamtii qaban irraa Digrii Jalqabaatiin eebbifamanii ulaagaalee armaan gadii guutan gita hojii Leenjisummaa irratti waldorgomsiisee Kolleejjota BLTO Naannoo Oromiyaa keessatti argamanitti dhaabbiidhaan qaxaree hojjechiisuu barbaada.

Kanaafuu, kanneen ulaagaa barbaadamu guuttaniifi fedhii qabdan bakka ogummaan keessan jiru Kilaastara Shaashamannee, Adaamaafi Jimmaa keessaa adda baafachuun Waajjira CHUO godinaafi Bulchiinsa Magaalaa isinitti dhiyoo jirutti argamuun akka galmooftan jechaa beeksisa qaxarrii Kilaastaroota sadan irratti gaggeeffaman isiniif maxxansinee jiraachuu ni beeksifna.

Carraa Gaarii!

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

23 Dec, 12:03


Waltajjiin gamaggama raawwii hojii ji'oottan shanan darbanii damee Leenjiifi Tajaajila Ekisteenshinii Industirii gaggeeffame.

Mudde 14, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa raawwii hojii ji'oottan shanan darbanii damee Leenjiifi Damee Tajaajila Ekisteenshinii Industiriifi qorannoof Cehuumsa Teekinooloojii magaalaa Adaamaatti qorate.

Waltajjicharrattis Hogganaa Ittaanaafi Itti gaafatamaan Damee Leenjii obbo Nasraddin Qaadii, Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Damee TEI fi Qorannoof Cehuumsa Teekinooloojii obbo Habtaamuu Kaasaa, Daarektoreetiiwwan Damichaa, Diiniiwwan Kolleejjota Poolii Teeknika naannoo Oromiyaafi Qindeessitootni Kilaastaraa hirmaatanii jiru.

Waltajjichaanis raawwiin hojii ji'oottan shanan darbanii dameewwan lamanii gamaggamuun kallattiin gara fuulduraa kaa'amee kan jiru yoota'u, karoora ka'umsaa dorgommii ogummaa, teekinooloojiifi intarpiruunarshiippii bara 2017 sadarkaa naannootti gaggeeffamuuf qophaa'errattis marii'atameera.

Akkasumas, inisheetiivii "Itoophiyaan Haa Oomishtu!" jedhuun qabame Naannoo Oromiyaa keessatti hojiitti hiikuuf karoorri qabame dhiyaatee irratti marii'atamee jira.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

22 Dec, 01:37


Sosochii Duula Guyyaa Tokkoon Dargaggoota Hojii Dhabeeyyii 179f Dhaabbiin Hojiitti Galchuu Danda'aamera jedhame.

Bulchiinsa Magaalaa Ambootti Waajjirri CHUO duula Sosochii carraa hojii uumuu guyyaa tokkoo dhaabbiin hojitti galchuu bakka kantibaa magaalaa Amboo Obbo Acaaluu Gammachuu, Ittigaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Amboo Obbo Fitsuum Ababaa, bakka bu'ootni hawaasa garagaraa argamanitti waldaan gurmaa'aniif dabarfameera.

Waajjira CHUO bulchiinsa magaalaa Ambootti hojii bara 2017 qabaman keessaa raawwii hanga baatii shaniitin namoota 4,152 oliif dhaabbiin carraan hojii uumamuu kan dubbattan Obbo Darajjee Shifarraa Ittigaafatamaa waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalaa Amboo, guyyaa har'aas, dargaggoota hojii dhabdoota waldaan gurmaa'anii jiraniif duula guyyaa tokkoon waldoolee 63, miseensa 179f of keessaa qabu gara hojjitti galchuun danda'aamera jedhaniru.

Dhaabbilee akka Yuunivarsiitii Amboo, dhaabbata Bishaan dhugaatii fi dhangala'aa Amboo fi sheediiwwan bulchiinsa magaalaan ijaaraman Keessatti kan dabarfame tahu himameera.

Rakkoo dinagdee magaalaa Keessa jiru furuuf mootummaan hojjetaa jira kan jedhan Obbo Tasfaayee Daggaffaa itti Aanaa Kantibaa magaalaa Amboo dargaggoota hojii dhabeeyyii ta'aniif duula guyyaa tokkoon waldaan gurmeessine gara hojitti galchinee jirra jedhaniru.

Hojii dhabdummaa magaalaa keessatti babaldhatee jiru hambisuun dargaggoota hojii uummatan baayisnee badhaadhina maatii mirkaneessina kan jedhan Obbo Fitsuum Ababaa hojiin guyyaa har'aas hojjetame kanuma agrsisa jedhaniru.

Maddi Waajjjira Kominikeeshinii Magaalaa Ambooti.

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

09 Dec, 10:23


Daayrektoreetiin deeggarsaafi hordoffii dhimmoota namuusaafi farra malaammaltummaa BCHUO gamaggama hojii ji'a shanii gaggeessaa jira.

Sadaasa 30, 2017 (Komn.BCHUOO)-
Daayrektoreetiin deeggarsaafi hordoffii dhimmoota namuusaafi farra malaammaltummaa gamaggama hojii ji'a shanii kan sektera Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa gaggeessaa jira.

Gamaggamicha irratti argamuun saaqiinsa kan taasisan gorsaan BCHUOO obbo Aliyyii Umar: hojimaata badaafi gochoota malaammaltummaa irratti qabsaa'uun dhaloota safuufi duudhaa keenya ganamaatti deebisuun tajaajila itti quufiinsa uummataa mirkaneessu hojiirra oolchuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

Daarikteerri daayrektoreetii deeggarsaafi hordoffii dhimmoota Namuusaafi Farra malaammaltummaa BCHUOO obbo Solomoon Girmaa gama isaaniin hordoffiifi too'annoo itti fufiinsa qabu caasaalee keenya waliin qindoomnee taasisuun qabeenya uummataafi mootummaa qisaasama irraa baraaruufi namuusni gaariin akka mana hojii keessatti dagaaguuf qabsoon farra malaamaltummaa cimee itti fufuu qaba jedhan.

Gamaggamicha irratti ogeessonni deeggarsaafi hordoffii dhimmoota namuusaafi farra malaammaltummaa godinaalee, magaalotoofi koollejjii Poolii Teekiniika irraa dhufan hirmaachaa kan jiran yoota'u; gabaasa raawwii ji'a shanii dhiyeessuun duub-derbii akka fudhatan beekamee jira.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

09 Dec, 06:11


Leenjiin intarpiruunarshiippii marsaa lammaffaan Daldaltoota Naannoo Oromiyaatti argamaniif kennamaa jira.

Sadaasa 30, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa fi Biiroo Daldala Oromiyaa waliin ta'uun leenjii intarpiruunarshiippii Daldaltoota Naannoo Oromiyaatti argamaniif mataduree 'intarpiruunarshiippiin Guddina diinagdee keenyaaf' jedhuun marsaa lammaffaaf kennaa jira.

Jalqabbii leenjichaa marsaa 2ffaa kan kilaastera Adaamaa irratti argamuun ergaa kan dabarsan Hogganaan I/A Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Waasihuun Golgaa: Daldaltoota intarpiruunara ta'an baay'inaan horachuun guddina diinagdee amansiisaafi Carraa hojii itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf murteessaa ta'uu ibsuun; Biiroo. Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaas ergama guddaa kana milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoogganaan I/A Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Kifilee Taaddalaa gama isaaniin ; ijaarsa diinagdee damdaneessaa jalqabame milkeessuu keessatti daldaltoonni intarpiruunara ta'an murteessoo waan ta'aniif leenjiin kunis guutuu Oromiyaatti
Daldaltoota keenya dinagdeen Humneessuun Badhaadhina hunda galeessaa milkeessuuf shoora guddaa qaba jedhan.

Daldaltoonni leenjicharratti hirmaachaa jiranis, matadureewwan leenjii dhiyaatan hunda qixaan hordofuun qorqalbii biizinasii gonfatanii diinagdeen of cimsuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

08 Dec, 13:18


Leenjiin intarpiruunarshiippii marsaa lammaffaan Daldaltoota Naannoo Oromiyaatti argamaniif kennamaa jira.

Sadaasa 29, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa fi Biiroo Daldala Oromiyaa waliin ta'uun leenjii intarpiruunarshiippii Daldaltoota Naannoo Oromiyaatti argamaniif mataduree 'intarpiruunarshiippiin Guddina diinagdee keenyaaf' jedhuun marsaa lammaffaan guutummaa oromiyaatti kennaa jira.

Jalqabbii leenjicha ilaalchisuun ergaa kan dabarsan Hogganaan I/A Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Habtaamuu Kaasaa, mootummaan Daldaltoota intarpiruunara ta'an baay'inaan horachuun guddina diinagdee itti fufiinsa qabu milkeessuuf
murteessaa ta'uu ibsuun Biiroo. Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaas ergama guddaa kana milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Leenjiin kennamaa jiru kunis daldaltoonni naannoo keenyaa qor-qalbii biizinesii isaanii gabbifachuun diinagdeen akka of-cimsaniif kan gargaaru ta'uun beekameera. Daldaltoonni leenjicharratti hirmaachaa jiranis, matadureewwan leenjii dhiyaatan hunda qixaan hordofuun qorqalbii biizinasii gonfatanii diinagdeen of cimsuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

05 Dec, 11:53


Leenjiin intarpiruunarshiippii guyyoota sadiif turu Daldaltoota Naannoo Oromiyaatti argamaniif mataduree 'intarpiruunarshiippiin Guddina diinagdee keenyaaf' jedhuun kennamaa jira.

Sadaasa 26, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa fi Biiroo Daldala Oromiyaa waliin ta'uun leenjii intarpiruunarshiippii Daldaltoota Naannoo Oromiyaatti argamaniif mataduree 'intarpiruunarshiippiin Guddina diinagdee keenyaaf' jedhuun kennaa jira.

Jalqabbii leenjicha ilaalchisuun ergaa kan dabarsan Hogganaan I/A Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Habtaamuu Kaasaa, mootummaan Daldaltoota intarpiruunara ta'an baay'inaan horachuun guddina diinagdee itti fufiinsa qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsuun, daldaltoonni naannoo keenyaas qor-qalbii biizinesii isaanii guddisuun diinagdeen naannoo keenyaa karaa itti fufiinsa qabuun akka utubaniif yaadama intarpiruunarshiippii gabbifachuun diinagdeen akka of-cimsaniif leenjiin kuni barbaachisaadha jedhan.

Leenjichis guutuu Oromiyaatti marsaa lamaan kan kennamu yoota'u: daldaltoonni 10,000 akka hirmaatantu eegama. Haaluma wal-fakkaatuun kutaalee hawaasa adda addaaf leenjiin Intarpiruunarshiippii kuni kennamaa jiraachuun isaa ni beekama.

Hoogganaan I/A Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Kifilee Taaddalaa gama isaaniin ergaa dabarsaniin ijaarsa diinagdee damdaneessaa jalqabame milkeessuu keessatti daldaltoonni intarpiruunara ta'an murteessoo waan ta'aniif leenjiin kunis guutuu Oromiyaatti
Daldaltoota keenya dinagdeen Humneessuun Badhaadhina hunda galeessaa milkeessuuf shoora guddaa qaba jedhan.

Haaluma wal-fakkaatuu, leenjii magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Kuraa Jiddaafi Laga Xaafaa kan jalqabsiisan gorsituun BCHUOO aadde Zamanaay Hayiluu: Daldaaltoota dorgamaa ta'an uumuun Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu keessatti murteessaa waan ta'eef xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Daldaltoonni leenjicharratti hirmaachaa jiranis, matadureewwan leenjii dhiyaatan hunda qixaan hordofuun qorqalbii biizinasii gonfatanii diinagdeen of cimsuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

05 Dec, 09:29


https://www.facebook.com/share/p/1DBqsv4zjG/

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

02 Dec, 08:28


Guutuu Oromiyaatti leenjiin intarpiruunarshiippii dargaggoota hojii barbaaddotaaf kennamuu eegaleera.

Sadaasa 23, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa waliin ta'uun leenjii intarpiruunarshiippii dargaggoota hojii barbaaddotaaf kennamu guutuu Oromiyaatti eegalchiiseera.

Kilaastara magaalaa Shaashammanneetti argamuun leenjicha kan jalqabsiisan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, mootummaan dargaggoota intarpiruunara ta'an horachuun imala badhaadhinaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Leenjichis guutuu Oromiyaatti dargaggoota hojii barbaaddota ta'an kuma 100 fi kuma 29 oliif kennuun yaadama biizinasii gonfachuun hojiitti akka galan taasisuurratti kan xiyyeeffate ta'uu himaniiru.

Leenjichis guyyoota lamaaf guutuu Oromiyaatti aanaalee hundatti bifuma walfakkaatuun kan kennamu ta'uun ibsameera.

Dargaggootni leenjicharratti hirmaatanis matadureewwan leenjii dhiyaatan hunda qixaan hordofuun qorqalbii biizinasii gonfatanii pooteenshaala carraa hojii naannoon Oromiyaa qabdutti gargaaramuudhaan hojiitti galuun diinagdeen of cimsuu akka qaban injiner Eebbaan dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

30 Nov, 02:13


https://www.facebook.com/share/p/12Ce4wDczWd/

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

29 Nov, 12:40


Leenjiin Leenjistummaa Intarpiruunarshiippii leenjistoota Kolleejjota BLTO'f kilaastara Adaamaatti kennamaa ture xumurame.

Sadaasa 20, 2017 (Komn.BCHUOO)- Leenjiin leenjistummaa Intarpiruunarshiippii Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii waliin ta'uun leenjistoota Kolleejjota BLTO'f kilaastara Adaamaatti kennaa ture guyyaa har'aa milkaa'inaan xumuramee jira.

Sirnicharrattis Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, Daarekteerri Ol'aanaan Inistituutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa Dr. Hasan Huseen, Hogganaa Ittaanaan BCHUOO obbo Waasihuun Golgaafi keessummootni garaagaaraa hirmaataniiru.

Leenjichis guyyoota kudha lamaaf kennamaa kan ture yoota'u, kanneen gahumsaan leenji'uun xumuraniif waraqaan ragaa xumura leenjii kennamee jira.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

21 Nov, 07:26


Hoggantoonniifi Hojjettoonni Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa sirnoota garaagaraatiin kabajan.

Sadaasa 12, 2017 (Komn.BCHUOO)- Hoggantoonniifi Hojjettoonni Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa hoggantootaafi hojjettoota Biiroolee Naannoo Oromiyaa waliin sirnoota garaagaraatiin kabajaa jiru.

Hoggantoonniifi hojjettoonni biirichaas saganticha sababeeffachuun dorgommiiwwan harkisa funyoo, kubbaa miilaafi fiigicha gaggeeffaman irratti hirmaachaa jiu.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

20 Nov, 14:39


Argannoo odiitii Kolleejjota BLTO bara 2012 hanga 2016tti jirurratti marii'atame.

Sadaasa 11, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa argannoo odiitii Kolleejjota BLTO bara 2012 hanga 2016'tti jirurratti caasaalee isaa sadarkaan jiran waliin magaalaa Adaamaatti marii'atee jira. 

Waltajjicharrattis diiniiwwan Kolleejjota BLTO, itti aantonni I/G WCHUO godinaaleefi bulchiinsa magaalotaa fi manaajimentiin BCHUOO hirmaataniiru.

Waltajjicharrattis argannoowwan odiitii dhaabbilee BLTO bara 2012 hanga 2016'tti jiran ogeeyyii Mana Hojii Odiitara muummichaatiin dhiyaatee bal'inaan irratti marii'atamee jira.

Dhaabbileen leenjii argannoon odiitii irratti argamee jirus  tarkaanfii akkaataa yaada odiitaraan kennamanirratti fudhachuun guyyoota digdamii shan hincaalle keessatti gabaasa isaa ragaan deeggaruun Mana Hojii Odiitara Muummichaaf dhiyeessuu akka qaban Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa kallattii kaa'aniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

12 Nov, 13:22


Biirichi dargaggoota hojiidhabeeyyii naannicha keessa jiran kuma 129 oliif leenjii intarpiruunarshiippiifi ogummaa kennuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Sadaasa 03, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa karoora leenjii intarpiruunarshiippiifi ogummaa dargaggoota hojiidhabeeyyii naannocha keessa jiraniif kennuuf qophaa'erratti sekteroota naannoo waliin marii'ataa jira.

Barreeffama ka'umsa marii kan dhiyeessan Hogganaa ittaanaan BCHUOO obbo Habtaamuu Kaasaa, biirichi Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa waliin ta'uun hojiibarbaaddotaaf leenjii intarpiruunarshiippii bal'inaan kennuun dargaggoota yaadama kalaqaafi biizinasii gonfachuun eeggattummaa keessaa bahanii hojii uummachuu danda'an horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Leenjii intarpiruunarshiippii hojiibarbaaddotaaf kennamu kan marsaa duraa kanaanis dargaggoota kuma 129 ol aanaalee 369 keessatti leenjisuuf karoorfamee jiraachuu obbo Habtaamuun himaniiru.

Waltajjicharrattis Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii Oromiyaa, Biiroon Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa, Biiroon Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaa, Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa, Biiroon Lafa Oromiyaa, Baankiin Siinqee, Waldaan Dargaggoo Oromiyaafi Waldaan Dubartoota Oromiyaa hirmaatanii jiru.

Karooricha milkeessuun dargaggoota aadaa hojii dargaggootaa jijjiiruufi carraa hojii damdaneessa uumuun badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf sekterootniifi qaamoleen dhimmi ilaalu hundi tumsa isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban Hogganaa Ittaanaan BCHUOO obbo Waasihuun Golgaa dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

12 Nov, 09:13


Maashinootni oomisha xuubii Kolleejjii Poolii Teeknika Shanootiin waraabaman intarpiraayizootaaf dabarfaman.

Sadaasa 03, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Waldaa Aksiyoona Dhiyeessa Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa Oromiyaa waliin ta'uun maashinoota oomisha xuubii Kolleejjii Poolii Teeknika Shanootiin waraabaman intarpiraayizootaaf dabarseera.

Saganticharrattis Hogganaa Ittaanaan BCHUOO obbo Habtaamuu Kaasaa, Hoggantuu Ittaantuun BCHUOO aadde Magartuu Mohaammad, Ittaanaan Daarektara Ol'aanaa WADhFMKO obbo Chombee Mahaammud Ittigaafatamaan ijaarsa Paartii Damee Sandaafaa Bakkee obbo Keerood Boggaalaafi keessummootni garaagaraa hirmaataniiru.

Saganticharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan BCHUOO obbo Habtaamuu Kaasaa, mootummaan sagantaa Qulqullummaa Oromiyaatiin manneen jireenyaa baadiyyaa ammayyeessuun jiruuf jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Biirichis "sagantaan Qulqullummaa Oromiyaa cehuumsa teekinooloojii mirkaneessuufi carraa hojii bal'aa uumuuf" dhaadannoo jedhuun Kolleejjotni BLTO maashinoota oomisha xuubii waraabuun akka baay'isan taasisuufi hojii barbaaddota damicharratti gurmeessuun hojiitti galchuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa kanas Kolleejjota BLTO garaagaraa keessatti maashinootni oomisha xuubii sharafa alaa guddaan bitamaa ture guutummaan guutuutti baay'atanii gara oomishaatti akka galan taasifamaa kan jiru ta'uus ibsaniiru.

Guyyaa har'aas maashinootni shan Kolleejjii Poolii Teeknika Shanootiin waraabaman intarpiraayizoota godinaalee Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaafi Shawaa Bahaa irraa hojii oomisha xuubii irratti bobba'uuf waldaan gurmaa'aniif magaalaa Sandaafaa Bakkeetti dabarfamee kennameera.

Hoggantuu ittaantuun BCHUOO aadde Magartuu Mohaammad, intarpiraayizoonni deeggarsa maashinii argatan kunneen qulqullinaafi baay'inaan oomishuun karoora manneen jireenyaa baadiyyaa ammayyeessuun badhaadhina maatii mirkaneessuuf qabame milkeessuu akka qaban dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

11 Nov, 13:07


Waliigalteen waloo hojii misoomaafi cehuumsa teekinooloojii milkeessuuf dandeessisu mallattaa'e.

Sadaasa 02, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa fi Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Teekinooloojii Oromiyaa waliigaltee waloo hojii misoomaafi cehuumsa teekinooloojii qindoominaan raawwachuuf isaan dandeessisu guyyaa har'aa waliif mallatteessanii jiru.

Sirnicharrattis Hogganaa Ittaanaa BCHUOO obbo Habtaamuu Kaasaa, Hogganaa Ittaanaan ATSTO Dr.Lijaalem Ayyalaafi ogeeyyiin sekteroota lamaanii hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

09 Nov, 11:26


"Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota ijoo sadarkaa maatitti milkaaโ€™uu qaban kudhan qabatee jira" Pireezidaant Shimellis Abdiisaa

Maalfaadha itti dhiyaadhaa...

Galmoota Ijoo MNO Kurnan Sadarkaa Maatii
1. Inisiheetivoota Sochoosuu: Gaโ€™umsaafi babaldhina tarkaanfilee addaa (inisheetivoota) maatii hunda qaqqabsiisuu. Kunis akkaataa haala qabatamaa gandichaafi humna maatii jiran irraa kaโ€™uun bifa adda addaa kan qabaachuu dandaโ€™u yootaโ€™u, babaldhisuu, walfakkeessufi sirneessuu dabalata.
2. Qulqullina Barnootaa Fiduu: Sadarkaa maatitti barnoota qulqullina qabu dhugoomsuu; barattootaaf barnootaa qaqqabamaafi qulqullina qabu qabu akkasumas gahoomsu kennuu. Asirratti dhaloota barnootaan dorgomaa taโ€™e umun galma qabsoo ummata Oromoo keessa isa ijoo taโ€™uun dagatamuu hin qabu.
3. Tajaajila Fayyaa Qaqqabamaa Gochuu: Kenna tajaajila fayyaafi dhiyeessii qorichaa mirkaneessuu, akkasumas dhukkuboota dura ittisuu irratti xiyyeeffachuun, maatii fayyaaleessa umuu. Kanaaf, ittisuu, waldhaansa gahaa laachuu, insuraansii fayyaa, dhiyeessii qorichaa (Faarmaasii Modeela Hawaasaa dabalatee) gahaa taasisuudha.
4. Ogmummaa Babaldhisuu: Ogummaa adda addaa sadarkaa maatitti dagaagsuu, carraa hojiifi dhaweessummaa jajjabessuu. Kun ogummaa qonna ammayyaa, omishaalee qonnaa kurfeessuu, maashinoota sochoosufi suphuu, ijaarsafi buโ€™uuraalee tajaajila hawaasummaa kan dabalatuudha.
5. Aadaa Hojii Jijjiiruufi Jabeessuu: Hojii kamuuf jalqaba hubannoo ummataa cimsuu, dandeettiifi ogummaa maatii hundaa mirkaneessuu. Aadaa hojii maatii dagaagsuu, indaastirii godoo jabeessuu, humna maatiif tooftaa jijjiiramaa kennuu, ulfina hojiileef dadammaqiinsa gochuu, hojii adda addaa walbira qabanii adeemsisuufi kkf irratti hubannoo umuu.
6. Guddina Omishaafi oomishtummaa: Daballii omishaafi oomishtummaa gaโ€™umsaa maatiin sochii kanaaf qabu guddisuun mirkaneessuu. Galma kana raawwii baayโ€™ina, ariitifi qulqullinaa irratti hundaaโ€™en masakuun dagatamuu hinqabu.
7. Qusannaa Qabatamaa: Cichoomina naamusaafi ittifufiinsan qusannaa mirkaneessuun, qabeenya umuufi cehumsa sadarkaa maatitti mirkaneessuu. Kunis, agarsiiftuwwan akka qabeenya maatiin horatame, invastimantii akkasumas sochii dinagdee gandichaatin kan madaalamuudha.
8. Invastimantii Hirmaachisaa Bocuu: Maatii invastimantiitti ceesisuufi sochii invastimantii hammataa taโ€™e umuu. Kun maatii invastimantii keessa galchuu qofa osoo hintaane, milkaaโ€™ina invastimantii maatii, babaldhinaafi guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessudhaan kan safaramu taโ€™a.
9. Sagantaa Qulqullina Maatii Dhugoomsuu : Qulqullina dhuunfaa miseensota maatii, manaa, qeโ€™ee jireenyaafi naannawaa akkasumas meeshaalee maatiin fayyadamu fooyyeessuudha. Kanaanis, sagantaa qulqullina maatii jalqabame waliin gahuufi fooyyaโ€™iinsa qabatamaa dhugoomsuun murteessadha.
10. Haaromsa Aadaa: Aadaafi eenyummaa ummataafi haala qabatamaa jiru hubachuu, akkasumas aadaa ulfoo babaldhisuufi dagaagsuu irratti xiyyeeffachuun, haaromsa aadaa sadarkaa maatitti dhugoomsuudha. Humna tokkoome umuuf wal ormeessuu osoo hintaane eenyummaa, duudhaa, safuu, aadaa, seenaa hawaasichaa hubachuu, barsiisuufi ittiin buluu gaafata; kanaanis madalama.
Kana hubachuun, hoggansi ummata waliin taโ€™uun sochiilee maatii mandheenfate raawwachuufi gaggeessuun dirqama taโ€™a-- hawaasa hirmaachisuufi walitti dhufeenya cimaa umuun, karoora MNO qabu keessatti murteessaadha. Kunis hawaasa baldhaaf carraa hirmaachisummaa kennuun, milkaaโ€™ina galmoota qabanneef buโ€™uura jabaadha.
BKMNO

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

08 Nov, 17:55


Godina Jimmaa aanaa Qarsaatti hojiileen carraa hojii uumuu daawwataman.

Onk.29, 2017 (Komn.BCHUOO)- Jilli Hogganaa Ittaanaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaatiin durfamu Godina Jimmaa aanaa Qarsaatti hojiilee carraa hojii uumuun hojjetaman daawwataniiru.

Daawwannicharrattis Hogganaa Ittaanaa BCHUOO obbo Waasihuun Golgaa dabalatee hoggansiifi ogeeyyiin sadarkaa naannoo, godinaa, aanaafi gandaa hirmaatanii jiru.

Sagantaa daawwannaa kanaanis dargaggootni hojii furdisa horii irratti waldaan gurmaa'uun hojjechaa jiraniifi dargagggootni deeggarsa dhaabbilee garaa garaan hojii meeshaalee jijjiirraa konkolaataa irratti bobba'anii jiran daawwatamanii jiru.

Sagantichaanis ganda Marawwaatti giddugalli yuuniyeenii waldaa qonnaan bultoota Godina Jimmaa keessatti oomishaaleen garaagaraa waldichaan dhiyaataniifi ganda Baabboottis qe'een qonnaan bulaa moodelaa daawwatamee jira.

Daawwannaa gaggeeffameen jiruuf jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruuf sochiin taasifamaa jiruufi hojiileen fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta'uu obbo Waasihuun himaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

08 Nov, 09:24


Utubaawwan ijaarsa biyyaafi haala seenessa waloo ijaaruun danda'amu beekuufi qixaan hojiirra oolchuun abjuu biyya jabduu ijaaruuf qabame milkeessuun dirqama yeroon gaafatudha- Inj.Eebbaa Garbaa.

Onk.29, 2017 (Komn.BCHUOO)- Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa hojjettoota isaa miseensa paartii Badhaadhinaa ta'aniif mata duree "Humna Abjuu, Guddina Amansiiisaaf" jedhuun guyyoota sadiif kennamaa ture milkaa'inaan xumurame.

Kallattii hojii garafuulduraa kan kaa'an Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, utubaawwan ijaarsa biyyaafi haala seenessa waloo ijaaruun danda'amu beekuufi qixaan hojiirra oolchuun abjuu biyya jabduu ijaaruuf qabame milkeessuun dirqama yeroon gaafatu ta'uu himaniiru.

Hirmaattonni leenjichaas hubannoo turtii leenjii isaanii keessatti gonfatan qixaan hojiirra oolchuudhaan jiruuf jireenya lammiilee fooyyessuun guddina namoomaa milkeessuufi diinagdee milkaa'ina danoomaa dhugoomsuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf kutannoo horachuu akka qaban dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

07 Nov, 16:22


Balfi gatamaan ba'aadha moo bu'aadha?

Onk.28, 2017- Balfi walitti qabamee yoo gatamu ykn gubatu malee wayta kuufamee deebi'e faayidaaf ooluu arguun badaa hin mul'atu.

Balfi miidhagina naannoo miidhuun cinaatti madda dhibee ta'ee yoo rakkoof nama saaxilu mul'ata.

Magaalaa Shaashamanneetti dargaggoonni gurmaaโ€™anii hojjatan balfi bu'aa malee ba'aa miti jedhu.

Dargaggoonni kunneen balfa bituun maashinaan hidhanii samsanii gurguru.

Balfi gatamaan kun warshaa keessa galee deebi'e faayidaaf oola.
balfa Kiiloo 1 Birrii 15โ€™n bitanii maashinaan hidhanii gara Finfinnee geessuun Birrii 30โ€™tti gurguru.

Balfa bitanii deebisanii gurguruun madda galii ta'eera. Madda galii qofa osoo hin taane kan biroofuu hirkoo ta'aa jiru.

Amma balfa gubuu jechuun maallaqa gubuu akka jechuuti kan jedhan dargaggoonni kunneen balfa deebisanii faayidaaf oolchuun miidhaginaa magaalaa dabaluu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himu.

Waldaalee diinagdee dhuunfaan cinaatti faayidaa biyyaaf gaheesaanii bahatan kan jajjabeessu ta'uu waajjirri carraa hojii uumuufi ogummaa Magaalaa Shaashamannee himeera.

Maddi: OBN cyber media.

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

06 Nov, 07:23


Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu mata duree "Humna Abjuu, Guddina Amansiiisaaf" jedhuun hojjettoota biirichaa miseensa paartii Badhaadhinaa ta'aniif kennamuu eegale.

Onk.27, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa hojjettoota isaa miseensa paartii Badhaadhinaa ta'aniif leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu mata duree "Humna Abjuu, Guddina Amansiiisaaf" jedhuun magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoo leenjichaa kan ibsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, leenjichi hojjettootni biirichaa dhimmoota siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa irratti haalota waliigalaa jiran hubachuun sochii ijaarsa biyyaa bu'uura cimaarratti hundeessuuf taasifamaa jiru akka milkeessan taasisuurratti kan xiyyeeffate ta'uu himaniiru.

Hirmaattonni leenjichaas hubannoofi beekumsa leenjicharraa argatan kutannoofi xiiqiin hojiitti hiikuun abjuu Itoophiyaa jabduufi badhaate ijaaruuf qabame milkeessuuf gumaacha isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Leenjichis guyyaa har'aa irraa eegalee guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan kennamu ta'uun ibsameera.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

30 Oct, 11:33


Kolleejjii Poolii Teeknika Arjootti hojiileen misooma ogummaa daawwataman.

Onk.20, 2017 (Komn.BCHUOO)- Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii Kolleejjii Poolii Teeknika Arjootti hojiilee misooma ogummaafi inisheetiivii Kolleejjii-intarpiraayizii milkeessuuf hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawwanaa kanaanis kolleejjichatti leenjifamtoota idilee buleeyyiif haalli leenjiin itti kennamaa jiruufi simannaa leenjifamtoota haaraaf qophiin taasifamaa jiru daawwatamee jira.

Akkasumas, Kolleejjichatti inisheetiivii Kolleejjii-intarpiraayizii milkeessuuf hojiileen oomisha qamadiifi misooma kuduraaf muduraa gaggeeffamee jiru daawwatameera.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

30 Oct, 08:17


Abbootii kalaqaa jajjabeessuun diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee ol'aanaa qaba- injiner Eebbaa Garbaa.

Onk.20, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii waliin ta'uun abbootii kalaqaafi dargaggoota dorgommii teekinooloojii sadarkaa naannootti gaggeeffamaa turerratti injifachuun beekamtii argataniif magaalaa Finfinneetti leenjii intarpiruunarshiippii kennaa jira.

Kaayyoo leenjichaa kan ibsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, abbootii kalaqaa jajjabeessuun diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee ol'aanaa qabaachuu himaniiru.

Leenjichis abbootii kalaqaa naannicha keessatti argamaniif leenjii intarpiruunarshiippii wixinee kalaqa haaraa jajjabeessuurratti xiyyeeffate kennuun kalaqa isaanii yaada irraa gara bu'aatti akka jijjiirratan taasisuurratti kan bu'uureffate ta'uu ibsaniiru.

Hirmaattonni leenjichaas beekumsa leenjicharraa argataniin teekinooloojii bu'aqabeessummaan isaa mirkanaa'e waraabuufi kalaquun madda diinagdee taasifachuufi rakkoo hawaasaa furuuf kutannoo horachuu akka qaban injiner Eebbaan kallattii kaa'aniiru.

Leenjicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Daarekteerri Ol'aanaan Inistituutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa Dr.Hasan Huseen, leenjichi abbootiin kalaqaa yaadama intarpiruunarshiippii gonfatanii kalaqa isaanii madda diinagdee akka taasifatan gochuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Abbootiin kalaqaa leenjicharratti hirmaatanis moojuloota leenjii dhiyaatan hunda xiyyeeffannoon hordofuun kalaqni isaanii cimee diinagdee isaanii akka jijjiiruufi namoota kaaniif carraa hojii akka uumu taasisuuf kutannoon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Leenjichis guyyaa har'aa irraa eegalee guyyoota saddeetiif itti fufiinsaan kan kennamu yoota'u, xumura leenjichaattis kanneen yaada kalaqaa dorgomaa ta'e dhiyeessaniif deeggarsi maallaqaa kalaqa isaanii gara diinagdeetti jijjiiruuf gargaaru kan kennamuuf ta'uu BCHUOOtti Daarekteerri Daarektoreetii Qorannoofi Cehuumsa Teekinooloojii obbo Lammii Bayyanaa himaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

28 Oct, 13:13


Gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaafi kallattii karoora kurmaana 2ffaa bara 2017 irratti marii'atame.

Onk.18, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaafi kallattii karoora kurmaana 2ffaa bara 2017 irratti caasaalee isaa sadarkaan jiran waliin magaalaa Adaamaatti marii'achaa jira.

Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, waltajjichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa gamaggamuun kallattii hojii kurmaana 2ffaa kaa'uurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Hirmaattonni waltajjichaas milkaa'inoota kurmaana 1ffaa keessatti mul'atan keessatti gaheenkoo maalture? kurmaana 2ffaatti maalan fooyyessa? dhimmoota jedhan bal'inaan kaasuun yaadota hojii garafuulduraaf galtee ta'an kaasuu akka qaban dhaamaniiru.

Waltajjicharratti itti gaafatamtoonni Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa godinaaleefi bulchiinsa magaalotaa, akkasumas miseensonni manaajimentii biirichaa hirmaataniiru.

Waltajjicha irrattis gabaasni kurmaana raawwii hojii kurmaana 1ffaa, karoorri hojii kurmaana 2ffaafi duubdeebiin gabaasa deeggarsaaf hordoffii kurmaana 1ffaa gaggeeffame dhiyaachuun irratti marii'atamaa jira.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

28 Oct, 11:49


Beeksisa Qaxarrii Kilaastara Adaamaa Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa baase.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

28 Oct, 11:46


Beeksisa Qaxarrii Kilaastara Jimmaa Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa baase.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

26 Oct, 08:51


Leenjiin dandeettii qorannoofi qo'annoo gochaa gaggeessuu leenjistootaa cimsuurratti xiyyeeffate kenname.

Onk.16, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa leenjistoota kolleejjota kilaastaraa irraa affeeramaniif leenjii dandeettii qorannoofi qo'annoo gochaa gaggeessuu leenjistootaa cimsuurratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Haasawaa saaqinsaa kan taasisan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa, biirichi gahumsaafi dandeettii leenjistootaa cimsuun hawaasa ogummaa gonfateen hojii uummatu horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Leenjichis dandeettii qorannoofi qo'annoo gochaa gaggeessuu leenjistootaa cimsuun ogeeyyii akka biyyaatti qorannoo gochaa bu'aqabeessa ta'e gaggeessuun dorgomaa ta'an baay'inaafi qulqullinaan horachuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Hirmaattonni leenjichaas beekumsa leenjicharraa gonfataniin qorannoo gochaa hudhaalee kenniinsa leenjii keessatti mudataniifi rakkoo hawaasaa furuu danda'an gaggeessuuf xiyyeeffannoon hordofuufi hirmaannaa ho'aa taasisuu akka qaban obbo Habtaamuun kallattii kaa'aniiru.

Daarekteerri Daarektoreetii Misooma Leenjistootaa BCHUOO aadde Birhaanee Dafarshaa, leenjichi leenjistoonni qorannoofi qo'annoo rakkoo hiiku gaggeessuurratti akka gahooman taasisuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsuun, leenjicharrattis leenjistoonni kolleejjota kilaastaraa afurtamaa ol hirmaatanii jiraachuu himaniiru.

Leenjichis guyyaa har'aa irraa eegalee guyyoota shaniif itti fufiinsaan kan kennamu ta'uun ibsameera.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

26 Oct, 07:05


Ogeeyyii Inispeekshiniifi To'annoo Qulqullina Leenjii sektara Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa sadarkaan jiraniif leenjiin daandeettii raawwachiisummaa cimsu kenname.

Onk.16, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa ogeeyyii inispeekshiniifi to'annoo qulqullina leenjii sektara Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa sadarkaan jiraniif leenjii daandeettii raawwachiisummaa cimsu magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoo leenjichaa kan ibsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa, biirichi gahumsaafi qulqullina leenjii mirkaneessuun hawaasa ogummaa gonfateen hojii uummatu horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Leenjichis dandeettii raawwachiisummaa ogeeyyii Inispeekshiniifi Toโ€™annoo Qulqullina Leenjii sadarkaan jiranii cimsuun hojii inispeekshinii dhaabbilee leenjii mootummaafi dhuunfaa keessatti
gaggeeffamu milkeessuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Hirmaattonni leenjichaas matadureewwan leenjii dhiyaatan hunda xiyyeeffannoon hordofuun beekumsa leenjicharraa argatan qixaan hojiirra oolchuuf kutannoo horachuu akka qaban obbo Habtaamuun dhaamaniiru.

Daarekteerri Daarektoreetii Inispeekshiniifi To'annoo Qulqullina Leenjii BCHUOO obbo Xilaahuun Sakaal, hojiin inispeekshiniifi to'annoo qulqullina leenjii gahumsaaf qulqullina leenjii mirkaneessuu keessatti gahee ol'aanaa qabaachuu ibsaniiru.

Leenjichis yaadrimeewwaniifi maanuwaalota hojmaata inispeekshiniifi to'annoo qulqullina leenjii hojiirra oolchuuf dandeessisan irratti hubannoo uumuuf kan kaayyeffame ta'uu ibsuun, guyyaa har'aa irraa eegalee guyyoota shaniif itti fufiinsaan kan kennamu ta'uus himaniiru.

Odeeffannoowwan wayitaawoo argachuuf:
Join๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/BCHUOO
Join๐Ÿ‘‰ https://t.me/OJCVBureau
Join๐Ÿ‘‰ https://www.ojocv.gov.et/
Join๐Ÿ‘‰ https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Contact Us๐Ÿ‘‰ E-mail: [email protected]