☪BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙 @b_islaamummaa Channel on Telegram

☪BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

@b_islaamummaa


Gorsa babbareedaa
Seenaa babbareedaafi
Barnoota adda addaa
Inshaa Allaah gargaarsa
Rabbiitiin
isiniif dabarsina
Yadaa yoo qabatan
@YaadaYaadaaBot nun gahaa
Isinis channel keenya
join godhaa nama biraallee...

☪BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙 (Oromo)

BAREEDINA ISLAAMUMMAA is a Telegram channel that focuses on sharing Islamic knowledge and teachings in the Oromo language. The channel provides daily quotes, prayers, and educational content related to Islam. It aims to create a community of believers who are dedicated to learning and practicing the teachings of Islam. Members can engage with the channel by reading the posts, participating in discussions, and using the @YaadaYaadaaBot for further exploration. Join BAREEDINA ISLAAMUMMAA today to deepen your understanding of Islam and connect with like-minded individuals in the Oromo-speaking community. May Allah bless this channel and guide us on the right path.

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

17 Apr, 03:07


Haafiz Ibnu Rajab Akkana jedhu📚
👇 👇 👇 👇 👇
"Yaa Gabroottan Rabbii Baatiin Ramadaanaa  fe'atee nurraa godaanuudhaaf murateera
Waan xiqqoosii male wonni hafe hin jiru
Namni tolchee haqasaa guutee haala gaariidhaan soomanaa jiru akkasumatti jabaatee hanga hafte haguuttatu
Namni qiimaasaa wollaalee haqasaa balleessaa jirummoo ammarraa tolfatee haaxumuru
Hojiin xumura toluutu laalama"

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

29 Mar, 21:15


👉Aaragalfiin inni Dhugaa

"ALHAMDULILLAAH"
Jechuudha Waan hunda keessatti

Waa'ii Duniyaa kanaatiif jedhanii danuu of cinquun hin barbaachisu

Seeqadhu..😊
Waan Rabbiin siif Murteesse hundaan wol qunnamuuf teessa
Rabbirraammoo Kayirii malee hamtuu hin qunnamtu👌

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

28 Aug, 15:11


#Sheyxaana arrabsuun akka dhoorkaa ta'e beektuu?

#Sheyxaana hin arrabsinaa, sharrii isaarraa Rabbitti maganfadhaa.

#Sahaabichi tokko [ r.a ]akka jedhe : Guyyaa tokko Rasuulli [s.a.w] yaabbii isaanii duubaan na yaabbisanii osoo deemanii horiin isaanii gufannaan, ani 'sheyxaanni haa badu'n jedhe achumaan Rasuulli [s.a.w] "bismillaahi jedhi malee akkas hin jedhin naan jedhan, ati yoo akkas jette guddatee hanga manaa ga'ee, humna kootiinan akkas godhe" jedha yoo bismillaah jettemmoo, xiqqaatee hanga titiisaa ta'a".

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

24 Aug, 14:27


⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

Kutaa 2️⃣ffaa
Kutaa 1ffaa dubbisuu hubadhaa

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

Gumaacha inni godhe keessa tokko; kan guyyaa lola Badrii godhe. Guyyaa kana Abu Ubeeydaan seeyfii isaa hidhatee hiriira kaafirtootaa dhoose. Addaan dhoosiinsa nama du’a hin sodaanne, irraa naannawee, babbaqaqsee lola kaafiraa keessaa seene. Gootni tokko gaaru kaafirtoota keessaa akka inni hin lolleef fuula isaa dura dhaabbate. Yoo inni kallattii mirgaatti goru namtichi kaafiraas kallattii mirgaatiin itti dhufa. Yoo Abu Ubeeydaan gara bitaatiin dhufus, akkasuma innis bitaan itti dhufa. Dhuma irratti obsa isa fixachiisee, Akkumaa obsi isaa dhumeenis gara laafiinsa takka malee, seeyfiin mataa isaa dhahee bakka lamatti dhoosee namtichas lubbuun isaa osomaa Abu Ubeeydaan argu baate. Yaa obboleessa koo kabajamoo fi qaalii kan kitaaba kan dubbistu hoo, namni kun enyuu jettee beekuuf hin yaalin akkuma dura seensaratti sii hime mokkortii Abu Ubeeydaa herreguu mitii tilmaamuu hin dandeettu. Inumaahu ni taha jettee yaaduun si dhibaa.

Yaa obboleewwan koo! Namni Abu Ubeeydaan ajjjeese kunis, nama adunyaratti argamuu isaatiif sababa isaa tahe. Innis Abdallah binu Jarraah kan tahe Abbaa isaati. Obboleesa koo garuu asitti wanti ati hubachuu qabdu Abu Ubeeydaan ajaja Rabbiin ajaje san didee ykn jibbaa abbaa isatiif isa hin ajjeesne. Inni jibbaa shirkiitiif qofa shirkii ajjeese malee.

Wanti raajii namatti tahus Rabbiin ajaja kiyya kan ani “abbaa keessan kabajaa!.” jedhe didde jedhee balaa itti hin buusne. Inumaahuu dalagaa isaa jaalatee deeggaruun aayaa qur’aanaa tan hanga guyyaa qiyaamaatti qara’amtu suuraa Mujaadalaa aayata 22 sababa isaa buuse, Kan aayata sanirratti dalagaa isaa gaarii tahu kan ragaa bahu.

Gochii isaa kuni Abu Ubeeydaa ibsuuf, kun qofti gahaa miti. Guddinni imaana isaa, amantii islaamaati gaarii yaaduun isaa, amanamaa ummata Muhammad s.a.w tahuun isaa, kan lubbuun ilma namaa kajeeltu tahee argameera.

Muhammad Binu Ja’afer akkana jechun odeesse “Ummatni Nasaaraa gama Rasuulaa s.a.w dhufuun, “Yaa Abal Qaasim hordoftoota kee keessaa nama dalagaa isaa irraa jaalattu, dinaagdee nuti irraatti wal dhabne keessaatti nuu murteessu nuduuka ergi. Isin warrootni muslimaa nu biratti jalatamoodha.” jennan Rasuulli s.a.w “waaree booda natti koottaa. Nama jabaa amanamaa isin wajjiin ergaa.” jedhaniin. Umar Ibnu Kaxxaabis ni hawwe. Nama kana tahuufis ganamaan gara salaataa deeme. Yeroo hawwii guyyaa sanii nuuf himu Umaris; “Guyyaa tokkollee mootummaa hin barbaanne, guyyaa kana maalee. Akka namticha Rasuula s.a.w ibse kana tahuf malee Rasuulis s.a.w akkuma nuun salaatee geeseen gamaa gamana mimildhachun waa soquu eegale. Anis na haa arguuf kajeelee morma kiyya ummata keessaa ol dhedheeresse. Innis osomaa akkas mimildhatuu Abu Ubeeydaa argee yaame. Abu Ubeeydaas Nasaarota waliin akka waan wal dhaban keessatti haqaan murteessuuf isa erge.”

Kutaa 3ffaan itti fufa inshaallaah....

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

31 Jul, 15:59


الســـــــــــــــــــــــــــلام عليــــــــــــــــــــــــــــكم
ورحمة الله وبــركاتـــــــــــــــــــــــــــــه
═══════════════

⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

Kutaa 1️⃣ffaa
Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

“Ummata hundaafuu/cufaafuu nama amanamaatu/amanamattu jira, amanamaan ummata kiyyaas Abu Ubeeyda binu Jarraahiiti.” jedhe nabi Muhammad s.a.w

Bareedaa fi ifa fuulaa, kan laaluuf nama harkisu, kan qaama qal’aa, kan dhaabbannaa dheeraa, kan fuulli isaa gad qajeelaa fi qal’aa, kan ijji yoo isa laaltu gammaddu, kan lubbuun isa arguun qofa bohartu, kan onneen yoo isa argitu tasgabbii argattu, kan hedduu qaanfatuu fi gadi uf-qabu, nama amala salphaa kan fuula bashaashaa, kan yeroo haalli jajjaboon argame haala fi amala isaa hunda lafa kaawwatee akka leencaatti utaalu, kan fuulli isaa akka bakkalcha urjiitti ifu, irra caalaa amanamaa ummta Muhammad s.a.w, Innis Aamir binu Abdallah binu Jarraah al-fihiruyyu al-qureyshiyyu dha.

Ta’ullee garuu Aamir Binu Abdallaah kun, maqaan isaa kan cooraa fi kan ittiin hedduuu hordoftoota amantii Islaamaaa biratti beekkamuun “Abu Ubeeydaa Binu Jarraah.” jedhameeti. Abdallah ilma Umaris baredinaafi amala Abu-ubeeydaan ummata Qureyishii biratti qabu akkana jechuun faarseen “Namni sadi Qureyishi keessaa irra bareedoo fuulaa, irraa gaarii amala fi irraa qaanfatoo namaati. Yoo siin hasawan kan sitti hin kijiibne, yoo itti haasofte kan si hin kijibsiifneedha. Isaanis Abbaa Bakri, Usmaan binu Affaan fi Abu Ubeeydaadha.”

Akkaa Abdalla ilmi Umar nuuf odeessetti; tarree nama malaa’ikaan irraa qaanfattuu (Usmaan binu affaan) fi erga Anbiyootaati fi Rusultootaatti nama imaana qabaachuun, sadarkaa duraa qabate (Abbaabakri) wajjiin isa hiriirseen.

Abu Ubeeydaan erga Abaa Bakarii islaamahee booda guyya lama turee islaamawun, warroota dura mi’aa islaamummaa dhandhamanii bu’uura islaamaa tahan keessaa tokkodha.

Akkuma mi’aa islaamummaa ergamaa Rabbii s.a.w irraa dhandhamee, Qureyishotarahis hokkorsaa fi dararaa warroota duraa, kan akka Bilaal wajjin cinqii namni tokko erga gaafa islamummaan ife irraa, hanga guyyaa har’aattii hin dhandhamin dhandhamuun, dararaa guddinni isii Gaara uhuditti madaaltu itti obsuun, amantii islaamaa dhiiga isaanitin utubaa dhaaban.

Dararaan inni islaamummaa keessatti dararame, wanta herreegdon herreegu hin dandenne, tan sammuun namaa ni taha jettee hin eegne, tan yeroo dubbatan arrabatti ulfaattu, tan onnee namaa laalessitu dhandhamuun, qaamaa fi lubbuu isaa aarsaa godhe.

Kutaa 2ffaan itti fufa inshaallaah.....

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

21 Jul, 14:54


MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
KUTAA 1️⃣7️⃣FA
Ku.16fa dubisu Hubadha

✺ WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA
Sababa dhugaa iimaanaafi dirqamoolee gurguddaa kan ulfina isheetiin qalbii
Ergamaa Rabbii ﷺ guuttee rifeensa isaaniitiifi gogaa isaanii irratti mul’ate waan of keessaa qabduuf Ergamaa Rabbii ﷺ arreessite Innis Akkuma ajajamtetti gadi dhaabbadhu warri
si wajjin toobatanillee gadi haa dhaabatanu ken jedhuudha.

Sahaabonni Ergamaa Rabbiis ﷺ Qur’aana ni qara’u ni xiinxalu ittiin jijjiiramu turan Abuu Bakriin nama gaddu qalbii laafaa ture yeroo namoota salaachise haasaa Rabbii qara’e lubbuu isaa boo’icha irraa to’achuu hin danda’u Umar jecha Rabbii ol ta’ee kan adabbiin
Rabbii keetii ni dhufa wanti isa deebisu tokkollee hin jiru jedhu qara’uudhaan dhukkubsate Yeroo jecha Rabbiin waa’ee Ya’aquub irraa dubbate qara’u akkaan boo’uun isaa duuba saffii hedduutiin dhaga’ame ani yaaddoofi gadda kiyyas
Rabbuma qofattin himadha Usmaan immoo ni jedhe odoo qalbiin keenya qulqullooftee silaa Qur’aana Rabbii
irraa hin quuftu ture Inni miidhamaa shahiida ta’e dhiigni isaa mus-hafa isaa irratti dhangalaafamee ajjeefame
Ayyuub irraa odeeffamee ni jedhe Sa’iid bin Jubeeriin aayatattii kana yeroo digdamii wahi deddeebisuun dhaga’e guyyaa isa keessa gama Rabbii deebifamtanu sodaadhaa Isheen dhuma aayata Qur’aana irraa buuteeti Inni aayatattii guutus sana booda lubbuun hunduu odoo hin miidhamin mindaa guutamtee kennamti jedha Ibraahiim bin Bashaar ni jedhe aayatattiin isheen Aliyyi bin Al-Fudeel ishee qara’aa du’e odoo yeroo ibidda irra dhaabamanii yaa badii keenya odoo deebifamnee aayata Rabbii keenyaa kijibsiisuu dhiifnee hawwina jedhan sana argitee waan nama naasisu argita kan jedhu keessatti du’e Ani namoota isarratti salaatan keessaa tokkon ture Inumaayyuu sujuuda tilaawaa birattis ijjannoo addaa qabu turan Isaan keessaa tokko seenaa namicha jecha Rabbii haala boo’aniin lafee areeda isaanii irratti sujuuda bu’u sodaa beekumsa qabdus isaaniif dabala qara’ee sujuuda tilaawaa bu’ee ergasii lubbuu isaa komatee kunillee sujuudaa! Eessa jiraree boo’ichi? jedhe.

Wanti guddaan xiinxalamu fakkeenyowwan Qur’aanni kaa’e xiinxaluudha Sababni isaas Rabbiin yeroo fakkeenya Qur’aana keessatti nuuf godhu isa xiinxaluufi yaadachuutti nu waame Ni jedhe Rabbiin namootaaf
akka isaan gorfamaniif jecha fakkeenyowwan ibsa.

Salafa irraa namni tokko fakkeenya Qur’aanaa wahii xiinxalee hiikti isaa isaaf galuu dide Ni boo’e Maaltu si
boossisa jechuu gaafatame Innis Rabbiin ol ta’e ni jedhe fakkeenyota kana namootaaf ibsina kan ishee hubate beektota malee hin jiru Al-Ankabuut43
Ani immoo fakkeenyicha hin hubanne beekaa miti jechuudha. Beekumsi kiyya na jalaa baduudhaanin boo’e.

Rabbiin Qur’aana keessatti fakkeenyota baay’ee nuuf ibseera Isaanis Rabbiin fakkii nama ibidda qabsiisee fakkii nama waan hin dhageenyetti lallabuu fakkii firii ishee sootalloo qalqalloo firii baatu torba biqilchitee fakkeenya saree arraba isaa gadi baasuu harree kitaabota gurguddaa baatuu titiisa birbirooftee fakkeenya jaamaatiifi duudaa argaafi dhaga’aa fakkeenya daaraa isa qilleensi itti baay’atee muka gaarii muka badduu
bishaan samii irraa bu’uu fakkii foddaa ishee ifti keessa jiruu qabrichi to’atamaa isa waan tokko irrattuu dandeettii hin qabne namicha gabricha isa keessatti warri horate waliif hin galleefi kan biroollee Rabbiin fakkeenya godhe
Walumaa galatti kaayyoon jiru gara aayatoota fakkeenya godhanii deebi’anii ilaaluufi itti xiyyeeffachuudha.

Ibn Alqayyim waan Muslimni gogina qalbii isaa Qur’aanaan wallaanuuf godhuun irra jiru cuunfee ni jedhe kan kana lamaan to’atu waa lama tokkoffaan qalbii kee biyya addunyaa kana irraa buqqiftee biyya aakhiraa
keessa qubsiifta sana booda hunda isaatiinuu gara hiika Qur’aanaa waan isa irraa baafatamu isa xiinxaluu waan isarraa fedhamu hubachuu maaliif akka bu’e aayata hunda irraayyuu gahee kee fudhachuufi ishee geessitee dhukkuba qalbii keetii irra kaa’uutti gara galta Aayanni kun yeroo dhaqxee dhukkuba qalbii irra buute qalbichi eeyyama Rabbiitiin ni fayya.

kut.18fan itti fufa I.A.h...

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

14 Jul, 15:27


═══════════════

⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱

Kutaa 4️⃣ffaa fi isa xumuraa
Kutaa 3ffaa dubbisuu hubadhaa

Duulota inni gahee keessati taphate keessaa tokko duula yamruuki. Duula kana keessatti teessoo Kisraa fi Qeysari gargalchuu irratti Muslimoota wajjiin gahee guddaa taphate. Oduu guyyaa kana matuma isaatin akkana jechuun nuu oodesse ‘’Nuti gaafa duula yamruuk tilmaamni namaa 24000 ni taana ummatni ruumi immo 120,000 kuma dhibba tokkoofi digdama. Haala Ulfinni tarkaanfii isaanii gaara sossootu fakkaatuun, kan qeesotni dura isaanii masqala baatanii sagalee ol fuudhuun yoo jarri faarsan, waraanni duubaa jalaa qabaa, akka mandiisa roobaa sagalee nama rifachiisuun deemaa dhufan. Muslimootnis haalaa fi bay’inna isaanii arginaan onneen isaanii sodaan liqimfamte.

Abu Ubeydaa Ibnu Jarrah ajajaa waraana muslimtotaa kan yeroo sanii ka tahe. ka’ee dhaabbatuun “Yaa gabroottan Rabbbii, Rabbiif tumsaa Rabbiin isiniif tumsaa, faana teessaniinis gadi dhaabadhaa yaa gabroottani Rabbii, obsaa, obsi kuffaararraa nagaa nama baasti jaalala Rabbii namaaf argamisiifti. Qaanii (eyibii) jalaa nama baasiti. Eeboo keessanis kurfeeffadhaa, gaachana keessanin dayadhaa, lubbuu keessan keessatti faaruu Rabbii malee waan biraa hin dubbatinaa hamma ani isin ajajutti.” jechun waraana isaa keessatti onnee uumee. Yeroma kana gurbaan tokko hiriira waraanaa keessaa bahee, “yaa Abbaa Ubeeydaa Ani shahidurratti muradheetin jiraa, waan jaalallee keetti siif himu waan dhaamattu qabdaa? Jedheen. Innis ee nin qaba! salaamtaa kiyyaaf kan Muslimtootaa nurraa geessi. Itti ansun yaa ergamaa Rabbii s.a.w nuti arginee jirraa, waan Rabbiin waadaa nuuf seene.” jedheen. Mucaan kun akkuma ergaa fudhateen kophaa isaa seeyfii luqqifatee waraana keessaa bahuu arginaan aniis bararee fuul dura warana kaafiraatti jilbifadhee bakka qabadhee eboo darbadhee goota ruumi kan duraa akkuma ajjeeseen. Rabbiin sodaa onnee tiyya kessaa dhabamsiisee, diina fixuu irratti utaalee ummatni muslimaas na duubaan itti fiigee haala kanaan Rabbiin tumsa nuuf godhee ruumin cabsine jedhe.


Du’a Sa’iid
Hanga Rabbiin isaaf qoode jiraatee, rizqiin isaa dachii irraa dhumnaan sahaabdichi gootummaa fi arjummaan islaamummaa babaldhisuu keessatti gumaacha guddaa godhe, leenci leenca qureeyshaa Amiiraa Mu’umintootaa Umariin islaamummaa keessatti fakkeenya amanuu ta’eef, jiruu isaa Rabbiif jiraatee gaafa umriin isaa 70 hijraa irraa wagga 50 ykn 51 tti bakka aqiiq jedhamutti addunyaa irraa gara jannata Rabbii, gama mana isaa kan kophaatitti gama jaalalleedhan isaatti godaane. Reeffa isaa gara Madiinaa fidanii akkuma inni jiruu isaa keessatti amantii islaamaa kabaje, Rabbiinis isa kabajee reeffa isaa Sa’ad binu Abii waqqaas dhiqee Abdallah Ibnu Umar wajjiin qabrii kaahanii geggeessan.

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

12 Jul, 15:15


🔊KEYRAL-UMMA-TUBE:
🥀As wr wb 🥀

قال رسول الله "صلى الله عليه وسلم "التبسم في وجه اخيك صدقة *
✔️yoo Nama jaalattu agarte itti seeqadhu akka ati isa jaalattu haa beeku
✔️yoo Nama si waanyu/inaafisu agarte itti seeqadhu ati isa caaluu kee haa beeku
✔️yoo Nama kan sijibbu/diina kee agarte itti seeqadhu akka ati humna qabdu haa buukuu
✔️yoo Nama sin beeyne agarte itti seeqadhu hamtuu dhabuu fii kee haa beekuu
*قليل من يفهمها*


Hariiroo Hawaasa Waliin Qabdu Bareechuuf

↪️Naamusa gaarii dogoggora amananii fudhachuu dagaagsi.
↪️Dhibeen Ani nama dogoggora irraa bilisaa ta'e jedhu akka si hin hubne of eeggannoo godhi
↪️Beekumsa waa'ee naamusa gaarii irratti qabdu hundaa hojiitti hiiki (beekumsi beekumsummaa qofana ibaadaa ta'uu hin danda'u hanga hojiitti jijjiiramutti

👉@Keyralumma 👉@Keyralumma

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

06 Jul, 13:07


═══════════════

⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱

Kutaa 3️⃣ffaa
Kutaa 2ffaa dubbisuu hubadhaa

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱

Awwaatamuu Kadhaa Sa’iid
Akka Hishaam ibnu Urwaa abbaa isaa Irraa nuu oddeessetti Arwaa intala Ureyis bulcha yeroo sanii Marwaan kan tahetti dhaquun “Sa’iid daangaa na dhiibe.” jechun himatte. Sa’iidis “dubbii (hadiisa) nabii s.a.w dhagahee akkamiin dachii isii fudha?.” jedhe. Marwaanis nabii s.a.w irraa maal dhagahe laata kan jedhu irraa “mee nabii s.a.w irraa maal dhagette?.” jedhee gaafateen. Sa’iidis ana ergamaa Rabbi s.a.w namni taakkuu takkallee dachii namaa dhiibe, guyyaa Qiyaamaa dachi turban irraa itti gad dooqeffama (itti fannifama) kan jedhu dhagahe.

Marwanis eega hadiisa irraa dhagehee “ani kana booddee ragaa takkallee sirra hin barbaadu.” jedheen dhugoomseen.

Sa’iidis akkana jechun intala isa himatte abaare ‹’Yaa rabbi yoo isiin ka kijibdu taate ija ishee ballessi. Dachee isheen naan falmite tana kessatti ajjeesi’’ Rabbinis akkuma giddu kiyyaa fi miidhamaa girdoon hin jiru jedhe waadaa guutee kadhaa isaa awwaatefi, ijji ishees badde osomaa dachee san keessa deemtu boolloma orruu san kessa buutee duute. Dachuma san keessatti awwaalamte.

Akka bektonni tokko tokko nuu odessanittis akka ani daanga itti hin dabriniragaa naf bahi jechunis kadhatee robni takkaahu akkasitti naannaha sani hin roobin roobee, dachee irraa biyyee dhiqee daangaa isheen itti falmite san ifatti baase dhugaa dubbatuu isaa dirree baase.


Karaa Rabbii Keessatti Duuluu
Sa’iid duula nabi Muhammad s.a.w dulee takkallee biraa hin hafne, duula badrii malee. Duula kanas faaydaa lubbuu ofii ykn sodaadhaf hin hafne. Hajaa Rasuulaatif s.a.w malee. Ergamaanis s.a.w Sa’iid hawwii duulaa qabaachuu fi ajaja isaatif qofa hafuu waan bekuuf boojus akkuma warra duulanitti qoodef.

Kutaa 4ffaan itti fufa inshaallaah....

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

02 Jul, 14:09


MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
KUTAA 1️⃣6️⃣FFAA
Kutaa 15ffaa dubbisuu Hubadhaa

✺ WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA

Odoo waa’ee wallaansaa haasa’uutti hin seenin dura qabxiilee tokko tokko dubbachuun gaariidha. Isaanis: namoonni warri qalbiin isaanii goguun itti dhaga’amu hedduun isaanii wallaansa alarraa barbaadu; furmaata ishee keessatti kan biraa irratti hirkachuu barbaadu. Garuu odoo matuma isaaniitiif of wallaanuu yaadanii ni danda’u turan.
Inni bu’uurri isa kana. Sababni isaas iimaanni hariiroo gidduu Rabbiitiifi gabrichaati. Kan armaan gadii keessatti
ergaalee sharii’aa tokko tokko kan namni Muslimaa erga Rabbirratti hirkateefi lubbuu isaa qabsoodhaaf qopheessee booda ittiin dadhabina iimaana isaa waldhaanuufi goggina
qalbii isaa dhabamsiisuu danda’utu jira.


0️⃣1️⃣ QUR’AANA RABBII KANA XIINXALUU:
Qur’aana guddaa isa Rabbiin ibsaa waan hundaafi nuura Rabbiin ittiin gabroota isaa abbaa fedhe qajeelchu godhee buuse kana xiinxaluu:

Isa keessa wallaansi guddaafi dawaan waa hojjatu jiraachuun shakkii homaa hin qabu. Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
“Qur’aana irraa waan Mu’uminaaf wallaansaafi rahmata ta’e buufna.”

Kallattiin ittiin of wallaanan immoo xiinxaluufi gadi ilaaluudha. Ergamaan Rabbii ﷺ kitaaba Rabbii ni xiinxala
ture. Halkanis laylii salaataa isa deddeebisanii qara’u. Inumaayyuu halkan tokko keessa odoo salaatanuu aayata tokkicha kitaaba Rabbii irraa ta’e odoo deddeebisanuu utuu ishee hin dabrin bulan. Isheeni jecha Rabbii ol ta’ee kana:
إِنْ تُعَذِّبْهُمْ فَإِنَّهُمْ عِبَادُكَ وَإِنْتَغْفِرْ لَهُمْ فَإِنَّكَ أَنْتَ آلْعَزِيِزُ آلْحَكِيِمُ
“yoo isaan azzabdes (adabdes) isaan gabroota keeti; yoo isaaniif araaramtes dhugumatti ati injifataa ogeessa.”
(Almaa’idaa: 118).

Ergamaan Rabbii ﷺ Qur’aana ni xiinxalu turan; sana keessatti sadarkaa guddaa irra ga’anii turan. Ibn Hibbaan sahiiha isaa keessatti sanada gaariidhaan Axaa’i irraa gabaasee ni jedhe: aniifi Ubedullaa bin Umeer Aa’ishaa irra seennaan Ubeydullaah bin Umeer ni jedhe: ‘Ergamaa Rabbii ﷺ irraa waan baay’ee nama ajaa’ibsiisu kan argite nuuf himi.’ Ni boosse; sana booda ni jette: ‘halkan tokko salaataaf dhaabbatanii “yaa Aa’ishaa na dhiisi Rabbii koon gabbaraa” jedhan.‘ Nan jedhe: ‘wallaahii ani dhiheenya keetiifi waan si gammachiisun jaaladha. Ol ka’anii wuduu godhatan. Ergasii salaata sirnaan salaatan. Hanga inni sarbaa isaanii jiisu boo’an. Ammas hanga inni dachii jiisu
tokko boo’uu hin dhiifne. Bilaal salaata Subhii isaanitti himuu dhufe. Aluma isaanii boo’uu argu ‘yaa Ergamaa Rabbii odoo Rabbiin dilii kee irraa waan duraan dabreefi boodaas siif dhiisee jiruu boossaa?’ jedhe.’ Ni jedhaniin: “ani sila gabricha galateeffataa ta’uu hin fedhuu? Halkan edaa aayatoonni wahii narratti buuteetti; yaa badii nama isaan qara’ee hin xiinxalinii:

Uumuu samii fi dachii; wal bakka bu’uu halkanii fi guyyaa keessa warra qalbii qabaniif mallattooleetu jira. (Isaan) warra dhaabatanii taa’anii cinaacha isaanii irrattis Rabbiin faarsanii “yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf hin uumne qulqulloofte adaba ibiddaa irraas
nu baraari” jedhaa uumama samii fi dachii keessattis xiinxalanii dha.” (Aali Imraan: 190).

Silsilaa Sahiihaa keessa jira. Hadiisni kun aayatoota kana xiinxaluun dirqama akka ta’e akeeka.

Qur’aana keessa tawhiida wareega dinniina ahkaama oduu seenaa naamuusa haala gaariifi jijjiirama
isheen lubbuu adda addaa irratti fiduu dandeessutu jira. Akkasumas suuraan gariin kan suuraa biraa irra lubbuu
dinniinutu jira. Kana immoo jecha Ergamaa Rabbiitu ﷺ nu akeeka: “Suuraa Huudiifi warra ishee fafakkaatantu
harrii natti baase.” Inni kunis Silsilaa Sahiihaa keessa jira. Gabaasa biraatiin immoo “Huud Alwaaqi’aa Walmursalaatii Amma yatasaa’aluunaafi Izashamsu kuwwiratiitu harrii natti baafte.” Tirmiziitu gabaase.
Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

kutaa 17ffaan itti fufa inshaallaah...

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

30 Jun, 16:29


#Guddina buliin kurnan zulhijjah qaburraa.

•Hojiin tokko rabbi biratti irra qulqulluu, ol'aanaa ta'ee argame hin jiru, akkasuma irra ajriin isaa guddaadhaa, kan gabrichi hojjetu, irra qulqulluu kan rabbi biratti ajrii guddaa, guyyaa kurnan zulhijjah kanarra.

•Caalaan hojii hojjetamu duniyaa guutuu keessa osoo jihaadaas ta'e, namicha yaabbi, qabeenyaa fi lubbuu isaatiin jihaadaaf baye, kan homaanu hin deebi'in kan achumatti shahiide yoo ta'e malee.

ما فضل أيام عشر ذي الحجة


ما العَمَلُ في أيَّامٍ أفْضَلَ منها في هذِه؟ قالوا: ولَا الجِهَادُ؟ قَالَ: ولَا الجِهَادُ، إلَّا رَجُلٌ خَرَجَ يُخَاطِرُ بنَفْسِهِ ومَالِهِ، فَلَمْ يَرْجِعْ بشيءٍ

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

26 Jun, 14:58


═══════════════

⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱

Kutaa 2️⃣ffaa
Kutaa 1ffaa dubbisuu hubadhaa

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱
Abbaan Sa’iid Yeroo dheeraaf amantaa Nabi Ibraahim (as) soqaa/barbaadaa erga turee booda homaa waan isa gammachiisu dhabee jennaan gara biyya makkatti deebi’e.

Ummata makkaatin yeroo hundaa “isin amantii Nabi Ibraahim (as) irra hin jirtan, gadi dhiiftanii waan ofii jaalattanitti gabbartan. Akka fedha keessanii, waan ofii feetan gabbartan.” jedhee, yeroo dheeraf ummata makkaatin wal dhabaa waan tuureef, Warri biyya makkaas waan inni siidaaf duulachuu isaanii hin jaalanneef, akkuma diinni diina jibbutti mushrikkan makkaas isa jibbaa turan. Keessahu abbaan Umar Kaxxaab dargaggooti itti qacaree akka inni gara Magaalaa makkaa hin seenne waan isa dhorkeef gaara makkaa keessa akka bineensa daggalaa babbadaa yeroo dheeraf ture.

Dhumarra gara biyya shaam osoo amantii nabi Ibraahim (as) barbaacha deemu biyya lafti isii ol kaatuu taatetti dhufe. Naannoo san yoo gahu Namticha beekkumsi amantii nasaaraa isa biratti akka waan hundeen isii isa taatee, achitti hiddaan lafa qabatte fakkaatu takkotti dhufe. Waan barbaacha deemu namticha beekaa amantii nasaaraatin sammuun isaa badhaadhe kanatti itti hime. Amantiin Haniifaa (amantiin Nabii Ibrahiim) akka dachee kanarra hin jirree namtichis itti hime. Garuu waan inni barbaacha isiidhaaf raatahaa jiru ta caaltu “Biyya ati dhufte irraa yeroo ammaa kanatti Nabiyyiin haaran ergamee jira, Barri inni itti ergamu gahee jira.Yahuudaa fi Nasaaran biyya sanii isa hin jaalattu, deemii biyya keetti deebi’i.” jedhee qalbii isaa gammachuun badhaase.

Waan kana akkuma dhagaheen Zeeyid binu Amrii sardamaa gara biyya ofii osoo inni gammachuun itti ulfaattee, dhiphamaa qalbiin isaa Nabiyyicha s.a.w ergame, eennu akka ta’ee fi maal irratti akka inni nama ajaju beekuf osoo rarraatu, karaa irratti namaan waraaname, mana deemuf osoo hin gahin kararratti kufe.

Abbaan Sa’iid iddoo kufee ciisu irraa, dheebuu bishaan madda dhugaa fi qulqulluu irraa kan ka’e, osoo hin dhugin sababa hadhaa du’aa karatti hafe. Garuu bishaan dheebote san ilma isaa obaasuf hawwii qabu irraa, ija isaa gara samitti ol garagalchee “Yaa Rabbii yoo dhugaan Nabiyyiin siin ergame, an itti gahuu hin dandeenne, akka an hongawetti ilma koo Sa’iidin hin hongeessin.” jedhee rabbii isaa kadhatee du’e.

Kadhaa Zayid Binu Amrii kana Rabbiin dhagaheefi, Sa’iid Binu Zeeyid osoo Rasuulli s.a.w ganda Arqam binu Arqamitti hin galiin, dura warroota islaamummatti amanee ta’e.

Sababa islaamahuu isaa dararaa fi dorsisa hedduu isa dhandhamsiisaa turan.

Akka Qeyis ilma Haazim Sa’iid irraa dubbatetti; ‘ Osoo argitanii, yeroo Umar nu hidhee anaafi obboleetti isaa osoo hin islaamahin dura.’

Faaximaan Sa’iid abba manaa isii waliin islaamahun, Umariif sababa guddaa ta’e, akka inni amanuuf.

Sa’iid akkka ofirraa dubbatetti. ‘ Osoo nu gaara hiraa’i gubbaa jirruu, gaarri sosochoote. Yeroo kana Rasuulli s.a.w gaara miilaan gad dhiitaa, gaaraan “gad dhaabadhu!. Sirra ka jiru Nabiyyii, Siddiiq fi Shahide malee si gubbarra hin taane.” jedhan. Shahiidee dhan suniis;- Umar, Usmaan, Aliyyi, Xalhaa, Abdurahmaan, Zubeeyir, Sa’aad fi Sa’iidi.’


Kutaa 3ffaan itti fufa inshaallaah.....

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

20 Jun, 18:23


Deebiin gaaffii keenyaa
Akkuma irra caalaan keessan deebiftan 4ffaa taha
4️⃣Nabi Ibraahim

Worri deebii sirrii deebiftan Maasha'allaah jazaakumullaahu keyiran rabbiin beekumsa guddaa isiniif hadabalu👍👍👍👏👏👏
Akkasuma worroonni yaaltanis jazaakumullaahu keyiran rabbiin isinirraa hajaallatu

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

18 Jun, 12:40


◎ 𝗚𝗮𝗮𝗳𝗳𝗶𝗶𝗳 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗶𝗿𝗺𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮

➾Namni yeroo duraatiif seyfiin lole eenyu ?


1️⃣ 𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱 (𝗮.𝘀.𝘄)
2️⃣ 𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗠𝘂𝘂𝘀𝗮𝗮 (𝗮.𝘀.𝘄)
3️⃣ 𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗜𝘀𝗮𝗮 (𝗮.𝘀.𝘄)
4️⃣ 𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗜𝗯𝗿𝗮𝗮𝗵𝗶𝗶𝗺 (𝗮.𝘀.𝘄)


𝗬𝗮𝗮𝗱𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗱𝗮𝗻𝘂𝘂𝗳 ✍️
@Muslim1234_bot
@Ibnuabbaas

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

16 Jun, 14:41


KUTAA 1️⃣5️⃣FFAA


MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
KUTAA 1️⃣5️⃣FFAA
Kutaa 14ffaa dubbisuu Hubadhaa

✺ WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA
◉ Haakim Mustadrak isaa keessattiifi Xabraaniin Mu’ujam isaa keessatti gabaasanii Nabiyyiin ﷺ ni jedhan: "iimaanni akkuma huccuun moofa’ee ciccitutti garaa keessan keessatti
moofa’ee ciccita. Rabbiin iimaana qalbii keessan keessatti siniif haaromsuu kadhaa.” Haakimtu gabaase. Inni Silsilaa
Sahiihaa keessas ni jira. Haysamiin Majma’i Azzawaa’id keessatti “Xabraaniitu sanada hasaniin gabaase” jedhe. Wanti hadiisichi itti fedhe iimaanni qalbii namaa keessatti akkuma uffanni yeroo turee moofa’uun ciccitutti ciccitee bada jechuudha. Yeroo tokko tokko qalbii Mu’uminaatti duumessi dukkanni dilii irraa ta’e itti dhuftee ifaa isaa haguugdi. Achumaan namichi dukkanaafi mukuu keessatti hafa. Yeroo inni iimaana isaa dabaluuf socho’ee Rabbiinis gargaarsifate duumessi kun irraa saaqamti; ifaan qalbii isaa itti deebi’ee akkuma duraan ifaa turetti ifa.

Waa’ee dadhabina iimaanaa hubachuufi wallaansa ishee beekuuf wanti hundeen xiyyeeffannoo guddaa barbaadu iimaanni ni dabalaafi ni hir’ataa beekuudha. Kun immoo dhuka amantii ‘Ahlassunnaa wal jamaa’aati.’ Isaan 'iimaana jechuun arrabaan dubbachuu qalbiin amanuufi qaamaan hojjachuudha khayrii hojjachuudhaan dabalatee
diliidhaan hir’ata’ jedhu. Kana irratti immoo ragaa baay’ee Qur’aanaafi hadiisa irraa ta’etu akeeka. San irraa
gariin jecha Rabbii ol ta’eeti: “akka iimaana isaanii wajjin iimaana dabalatanuuf” Rabbiin ol ta’e ni jedhe: “eenyuu keessaniif isheen kun iimaana dabalte?.” Ergamaan Rabbiis ﷺ ni jedhan: “namni isin irraa waan dhorgamaa hojjatamaaru arge harka isaatiin haa jijjiiru; yoo hin danda’in arraba isaatiin yoo hin danda’in immoo
qalbii isaatiin (haa jibbu). Inni kun immoo iimaana isa hundarra dadhabaadha.” Bukhaariitu gabaase.

Jijjiiramni hojiin khayriitiifi diliin iimaana keessatti fidu dabaluufi hir’isuun waanuma beekamaa hubatamaafi ragaa bahamaadha. Namni tokko odoo gara gabaa deemee dubartii qaama qullaa godhanii deeman ilaalaa waca warra
gabaafi kan biraallee dhaggeeffatee sana booda gara qabrii adeemee ishee keessa seenee xiinxalee qalbiin isaa laafe inni haala kana lamaan jidduutti garaa garummaa ifaa arga. Qalbiin ariitdhaan jijijjiirama.

Waan hubannoo mata duree keenya kanaatiin wal ilaallatu keessatti gariin salafaa ni jedhe: ‘gabrichi tokko fiqhii qaba (amantii hubateera) jechuu irraa tokko iimaana isaatiifi waan isarraa hir’atu to’achuudha. Gabrichi tokko fiqhii
qaba (amantii hubateera) jechuu irraa tokko iimaanni isaa ni dabalaaramoo? Ni hir’ataaraa? Beekuudha. Ammas
jallinni shayxaanaa kallattii kamiin akka itti dhufu beekuun hubannoo namichaa irraayi lakkaa’ama.’ Sharhii Nuuniyyaa ibn Alqayyim kan Ibn Iisaa keessa jira.

Ammas qabxiin beekuu barbaadu kan biraa tokko hir’inni iimaanaa yeroo waajiba dhiisuu yookiin haraama
hojjachuu biraan nama ga’e kun yeroo halaakaati. Abbaan isaas Rabbiin biratti akkaan jibbamaadha. Gara Rabbii
dafee tawbachuufi wallaansa isaatti seenuun dirqama isatti ta’a. dadhabinni kun yeroo gara waajiba dhiisuufi haraama hojjachuutti hin dhaqqabsiisin hojii sunnaa ta’e qofa irraa kan duuba isa deebisu ta’e akka hamilee fi humna isaa kan ibaadaaf qabutti deebi’uuf jecha namicha irra of to’achuufi haqa qunnamuu barbaaduutu jira. Kun immoo jecha Ergamaa Rabbii ﷺ irraa hubatama: “dalagaa hundaafuu hamileetu jira; ammas hamilee hundaafuu dadhabina (taatiyootu) jira. Namni dadhabinni isaa gara sunnaa
kootii ta’e dhugumatti milkaa’eera. Namni gara waan biraatti ta’e immoo halaakameera.” Ahmadtu gabaase.
Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

kutaa 16ffaan itti fufa inshaallaah...

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

14 Jun, 15:43


الســـــــــــــــــــــــــــلام عليــــــــــــــــــــــــــــكم
ورحمة الله وبــركاتـــــــــــــــــــــــــــــه
═══════════════

⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱

Kutaa 1️⃣ffaa
Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱

Leenca duula yamruuk. tokkoo kurnan warra jannataan badhaafame irraa ka ta’e. tokkoo warra dura islaamahe irraa ka tahe. tokkoo warra Rabbi irraa jaalate fi ka Isaanis Rabbii irraa jaalataniti.

Dacheen gaariin waanuma gaarii biqilchiti; akkuma jedhamu abbaan Sa’iid, Zeeyid Binu Amrii kophummaa filatee, mushrikkan makkaa irraa sababa siidaa gabbaraniif addaan bahe.

Zeeyid abbaan Sa’iid kun yeroo Arabni ilmoo durbaa lubbuun awwalanitti, inni “hin awwaalinaa!.” jedhee, lubbuu durbaatif warra waan kana dalaguun walitti bu’uun of dararaa ture. Ilmoo durbaa abbaan ajjeesuf boollatti darbe erga fuudhee guddise booda, Abbaa isii dhaleetti geessun “Yoo feete guddifadhu, yookin anuu waan cufa danda’ee guddisaa.” jedhee, ilmaan namaatif bara dukkanaa sanitti ifa ta’aa ture.

Re’ee ummanni Makkaa siidaa isaaniitiif dhiiga isii gad dhangalaasaniif “sila Re’ee Rabbiin uume, tan akkasuma Rabbiin inni bishaan gubbaa gadi roobeefi lafaa baala biqilchuuf, yoo siidaa ofii boccan kanaaf dhiigaa isii dhangalaastan hin qaaneeffattani, sila hin saalfattani, Rabbii keessan hin sodaattani “jedhee ummata makka gorsaa ture.

Guyyaa tokko warra Makkaatif, ayyaanni siidaa tan waggatti al-takka kabajatu geettee, ummanni walitti yaa’anii siidaa harka ofiitin bocan, kabajaa gooftaan malu kennaniifii, ulfinna itti godhanii, irra naannawaa sujuudaniif, itti marsanii kadhaaf jala taa’an.

Waan kana ka balaaleffatan namni afurii maqoo (marii dhoksaa) waliin taa’an. Namoonni kunneen, Waraqaa Binu Nowfil, Ubeyidullahi Binu Jahishii, Usmaan Binu Huweyris fi inni afraffaan immoo Zeeyid abbaa Sa’iid ta’un waan ummanni makka itti jiru kana irraa fuula gargalfatanii Amantii Nabii Ibraahim (as) barbaadachuuf walii galan.

Haala kanaan biyyoota adda addatti baqatanii, amantiilee gara garaa qorachuuf, daandii gara amantii abbaa isaanii Nabii Ibrahimitti (as) isaan geessu sakatta’an.

Isaan keessa Waraqaaan Binu Nowfil amantii nasaaraa baratee isuma filatee, nasaara ta’e.

Ubeeyidullaahi Binu Jahishii immoo hamma amantiin islaamaa eegalamtutti amantaa nasaaraa keessa erga turee booda, muslima ta’ee Ummu habiibaa haadha mana isaa waliin gara biyya Habashaatti baqate. Booda garuu amantii islaamaa gad dhiisee Nasaaraa ta’ee biyyuma Habashaatti du’e.

Usmaan Binu Huweeyris immoo; gara biyya Ruumitti deemee mootii biyya Ruum qeysaar bira deemee achitti diin Nasaaraa baree kabajamee jiraata ture.

Abbaan Sa’iid garuu amantaa tamuu osoo hin seenin, naannoo foon baktaahe nyaatamu irraa, naannoo dhiigaa siidaaf jedhamee gadi dhangala’u irraa fagaate.

Yeroo dheeraaf amantaa Nabi Ibraahim (as) soqaa erga turee booda homaa waan isa gammachiisu dhabee jennaan gara biyya makkatti deebi’e.

Kutaa 2ffaan itti fufa inshaallaah....

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

03 Jun, 13:52


Kutaa 8️⃣ffaa

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱
Kutaa 8️⃣ffaa Kutaa xumura
Kutaa 6ffaa dubbisuu hubadhaa

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱

Du’a Sa’aad Binu Abii Waqqaas
Gootni dirree lolaa fi qe’ee, inni nyaapha islaamaa dhahata qalbii sodarraa itti dabalsiise, Arjoomaan lubbuu fi dinagdee isaa kennate, gootni irkoo diin islaamaa fi Rasuulatif s.a.w ta’e, Umrii isaa dheertuu keessatti kan duulaan qooda guddaa fudhate, guyyaan Rabbiin isaa garaa haadhaatti itti murteesse geese. Gara jaalallee isaa Rasuulatti s.a.w lubbuun godaanuf, jannata keessatti isaan qunnamuuf, waadaa Rabbiin osoo inni lafarra lubbuun jiru seeneef, qooda isaa fudhachuuf, jannata keessatti boqachuuf guyyaan isaa geesse.

Mus’aab ilmi Sa’aad Binu Abii Waqqaas akka Abbaa isaa irraa dubbatetti ‘Abbaan kiyya hadhaa du’aa keessa yeroo jirutti gudeeda kiyyarratti isa erkifadhe. Abbaa koo sahaabdicha guddaa kana dhabuun natti ulfaatee imimmaan kiyya addaan cituu didee roobe. Yeroo kana abbaan kiyya “maaf bootta? yaa ilma koo Hin boohin! Rabbi na hin dararu. Ani warra Jannataati!.” naan jedhe.’

Imaamu Zuhri akka Sa’aad irraa dubbatetti ‘Sa’aad Binu Abii Waqqaas uffata ciccittuu suufaa takka garsiisaa, Yoo an du’e uffata tanaan na maraati, osoo uffata takka itti hin dabalin isumaan na awwaalaa. Uffanni tun ta an duula badrii keesssatti godhee diina Rabbii dura dhaabadhee, Rasuula s.a.w irraa ittiin lole. Uffata tana guyyaa kanaafis ol kaawwadhe.” jedhee dhaammate.’

Sahaabdichi guddaan hojiiwwan boonsisaa fi dhaadachiisaa ummata islaamaf hanbise, Hanbaan seenaa isaa ka gadii takkalle of keessa hin qabne, Fakkeenyi dalagaawwan isaa kan Rasuulaa s.a.w fi kan Rabbii qur’aana keessatti hojiiwwan warroota irra gaggaarii jedhee nuuf buuse keessaa taate, kan osoo lubbuun jiru jannatni isa dheebotte, ka osoo warri seenaa barressu hundi wal gurmeesse sahaabaa tolli isaa galmaahee hin xumuramne san, ardii tanaa irraa gara mana barri isii lakkawamee xumura hin qabnetti, gara mana ollaa Rasuulaa s.a.w taate tola waa hundarraatin guuttamtetti deemuf imala adunyaa kanaa xumurate deeme.

Eessumni Rasuulaa s.a.w bakka Aqiiq jedhamu kan maayilii kudhan Madiinarraa fagaatutti, lubbuun isaa qaama isaa keessaa garaa jabaatte baate.

Erga inni du’ee booda Reeffa isaa ceekurratti baatanii Madiinatti geessan.

Marwaan Binu Hakamtuu irratti duulatee (salaachise) iddoo Baqii’i jedhamutti awwaalame.

Ummu Salamaan akka jette.” Sa’aad haftee Rasuula s.a.w Rabbiiti. Innillee nu gatee deeme.” jette gadda isii ibsatte.

Du’a isaa boodas warroonni hojii isaa dhaalan, maqaan isaa ummata muslimaa biratti lubbuu horatee halkanii fi guyyaa akka yaamamu godhan.

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

31 May, 14:03


MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
KUTAA 1️⃣3️⃣FFAA
Kutaa 12ffaa dubbisuu Hubadhaa

❁ HOJII DUUNIYAA QOFAAN LIQIMFAMANII QALBIIN GABRICHA ISHEE TA’UU:
◉ Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “gabrichi warqee halaakame gabrichi meetii (silvariis) halaakame.” Bukhaariitu gabaase.

• Ammas Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “duuniyaa irraa kan tokkoo keessaniif ga’u kan akka galaa nama geejjibaan deemuuti.” Axxabraaniitu Kabiiriin keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Kan inni itti fedhe wanta xiqqoo kaayyoo isaatti isa dhaqqabsiisu jechuudha. Mallattoon
isheen kun bara kana kan ishee keessa kajeellaan meeshaa caccabaa duuniyaa dabalachuuf jooruun wal ga’ee namoonni daldalaafi faabrikaalee duukaa gulufanitti bareechee ifa gale.
Kun waanuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan mirkaneessa: “Rabbiin ol ta’e ni jedhe: nuti qabeenya salaanni sirnaan haa salaatamuufi zakaan haa kennamuudhaaf buufne. Odoo ilma Aadamiif qabeenyi sulula tokkoo jiraatee lammaffaan isaaf dabalamuu hawwa. Odoo sululli lama isaaf jiraateehis sadaffaan isaaf dabalamuu hawwa. Garaa ilmaan Aadam biyyee malee homaa hin guutu. Ergasii Rabbiin nama toobate irraa tawbaa qeebala.” Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

❁ QABEENYA HAADHA MANAATIIFI ILMAAN QOFATTI SHAAGHALAMUU:

◉ Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
“dhugumatti qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan fitnaa ta’uu beekaa.” (Al-anfaal: 28).

• Ammas Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
«“namootaaf jaalalli wantoota lubbuun isaanii feetuu kan dubartootaa fi ilmaan irraa warqee fi meeta kuufamaa irraa faradoo miidhagfamte horii fi dachii qonnaaf mijooftu irraa ta’e miidhagfamee jira. Kun meeshaa
jireenya duniyaati. Rabbiin immoo Isa bira deebii bareedaatu jira.”» (Aali Imraan: 14).

• Hiikti aayata kanaa wantoota kana jaalachuun akka mataatti immoo dubartootaafi ilmaan jaalachuun yeroo
kan ajaja Rabbii fi ergamaa isaa dursu ta’e gochichi akkaan jibbamaadha; namichis arrabfamaadha. Jaalalichi yoo
karaa sharii’aa kan ajaja Rabbiitiin buluuf gargaaru ta’e inni faarfamaadha; namichis faarfamaadha. Dhugumatti
Ergamaan Rabbii (SAW) jedhanii jiru: “addunyaa irraa dubartootaafi shittoo (urgooftuutu) natti jaalachiifame.
Tasgabbiin ija kootii immoo salaata keessa naaf godhame.” Ahmadtu gabaase.Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

• Namoonni baay’een immoo duuba dubartootaa haraama keessa harkifama. Duuba ilmaaniis ajaja Rabbii irraa dagatee harkifama.

• Ergamaan Rabbii: “ilmoon gaddisiiftuudha; luqnoomsituudha; wallaalchiftuudha; jedhaniiru: Axxabraaniitu Kabiiriin keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

• Jechi inni doqnoomsituudha
jedhu yeroo inni karaa Rabbii keessatti kennachuu jedhe shayxaanni ilmaan isaa isa yaadachiisee ‘ilmaan kootu
qabeenya kana irra haqa godhatu; kanaafuu booda kiyyattin isaaniif hambisa’ jedhee karaa Rabbii keessatti arjoomuu irraa doqnooma. Jechi inni loqnoomsituudha jedhu immoo yeroo namichi karaa Rabbii keessatti qabsaa’uu fedhe shayxaanni isatti dhufee ‘ajjeefamtee duuta; ilmaan
dhiphatanii yatiima ta’u’ jennaaniin jihaada deemuu irraa taa’a. Jechi inni wallaalchiftuudha jedhu immoo barumsa barachuu isa barbaachaaf deemuu majlisa ilmii dhaquufi kitaabota isaa qara’uu immoo yeroo inni dhukkubsate irratti gadda; yeroo ilmi waan abbaan kennuufii hin dandeenye gaafates ni gadda. Yeroo guddatee abbaan buluu dide immoo inni gadda isa yeroo hundaati.

• Kaayyoon keenya haadha manaa fuuchuufi ilmaan argachuu dhiisuu miti; akkasumas guddisa ilmaanii dhiisuu miti. Kaayyoon keenya isaanii wajjin waan haraama ta’e keessatti yeroo dabarsuu irraa dhorguudha.

• Waa’ee fitnaa qabeenyaa ilaalchisee Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: ummanni hundinuu waan ittiin mokkoramte ni qabdi mokkoroon ummata kootii immoo qabeenya.” Tirmiziitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Kutaa 14ffaan itti fufa insha'allaah....

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

24 May, 12:35


⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱
Kutaa 7️⃣ffaa
Kutaa 6ffaa dubbisuu Hubadhaa

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱

Qeysi ilma Haazim akka Sa’aad irraa dubbatetti ‘Guyyaa tokko ummata hedduu taanee, namticha waa’ee Aliyyii binu Abi Xaalib haasahutti marsinee osoo dhageennu, Sa’aad dhufee maalitti akka nu marsinee dhageeffannu laale. Erga haaswa addaan baree booda gara namticha yaabbi gubbaa ta’ee, badooma Aliyyi himutti ummata of jalaa qabaa dhihaate. Ful dura isaa dhaabbate.

Akkaan ka dallane Sa’aad “Yaa abboo maal haasawutti jirta? Aliyyii dura nama ijoollee irraa amanee, nama salaata dursa Rasuula s.a.w waliin salaatee, hunda keenyarra Aliyyii dandeetti qabu, beekaa keenya, isa dirree waraanaa xiyyaa fi eeboo gidduutti sodaa malee alaabaa Rasuulaa s.a.w ol dhaabe, isa hintala Rasuulaa s.a.w Faaximaa fudherraa badooma dubbatta?.” jedheenii erga namticha ummata duratti qaanessee, Aliyyirraa dhugaaa dubbate booda; mirkaniif jedhee gara qiiblaatti garagaluun; “Yaa Rabbii namtichi kun yoo inni ka jaalallee kee arrabsutti jiru ta’e, ummata kana dandeetti fi ogummaa keetin dhugaa isaan beeksiftu malee addaan hin oofin.” jedhee isatti Rabbii isaa kadhate. Rabbii dandeetti isaatin dhugaa sahaabdicha guddaa isaa ifa nuuf godheen kakadhee, Namtichi sun yeroma san horiin inni yaabbate isaan buxxuulee, osoo namni addaan hin faffaca’in namtichi yaabbii isaa irraa lafatti kufee, mataan dhakatti bu’ee du’e.”

Sa’aad Binu Abii Waqqaas guyyaa tokko Makkaan dhaqnaan, Umanni makka waahee awwatama kadhaa isaa waan beekaniif, hedduun isaanii gara inni jirutti eebba isaa barbaacha itti dhaqan. Sa’aad dullummaa irraa ijji isaa lameenuu ka badde ta’ee ummataa osoo eebbisu, Gurbaan qaari’ee Makkaa tokko itti dhufe. “ka kadhaan tee akkanatti awwaatamtu taatee osoo jirtuu, maalif ija keetif Rabbi guddaa si dhagahu ofiif hin kadhanne?.” isaan jedhe. Sa’aadis “An murtii Rabbi natti murteessetu na biratti jaalatamaadha. Fayyaa koo irraa jedhee fudhachuu jaaladha.” jedhee deebiseef.


Kutaa 8ffaan itti fufa insha'allaah....

Yaada Qabdanuuf 👇
@Muslim1234_bot

BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

21 May, 12:36


MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
KUTAA 1️⃣2️⃣FFAA
Kutaa 11ffaa dubbisuu Hubadhaa

❁ BARUMSA SHARI’AA BARACHUU KITAABOTA SALAFAA FI KITAABOTA IIMAANA FAYYIFTU IRRAA FAGAACHUU
◉ Kitaabota baay’ee kan namni ishee dubbisu akka isheen iimaana isaaf kaafnaan hamileen iimaanaa sila keessa isaa jiru sosocho’uun itti dhaga’amu ni jiru. Matootiin kitaabota kanaa kitaaba Rabbiiti. Sanatti aansuudhaan kitaaba warra qalbii namaa laaffisuufi gorsaaf kaa’anii warra aqiidaa bifa qalbii fayyisuun tolchee fide akka kitaaba Ibn Alqayyim Ibn Rajabiifi kkfti. Kitaabota yaada qofaan guutaman kitaaba ahkaamaa kan ragaa hin fidne yookiin kitaaba lughaa fi usuulaa dubbisaa kitaabota warreen dubbatamanii dabranii irraa fagaachuun waan yeroo tokko tokko qalbii gogsuu danda’u irraayi.

• Kun immoo kitaaba lughaa yookiin kitaaba usuulaafi kkf arrabsuu miti. Kun warra kitaaba tafsiiraafi hadiisaa odoma isheen waan qalbii namaa Rabbiin walitti hidhu taatee jirtuu irraa gara galee kan isaa ishee dubbisuu hin argamne yaadachiisuudhaafi. Fakkeenyaaf ati yeroo sahiihaynii qaraatu akka qilleensa bara durii kan sahaabaa san keessa Ergamaa Rabbii (SAW) wajjin jiraataartutu sitti dhaga’ama. Qilleensa iimaanaatu seenaa isaanii jireenya isaaniifi jireenya isaan yeroo san jiraatan irraa sitti dhufa.
Warri hadiisaa maatii Rasuulaati yoo qaama isaatiin waa’iloomuu baatanis dubbii isaatiin hiriyoomaniiru.

◉ Sababni inni kitaaba iimaanaa irraa fagaachuu kun mallattoon isaa warra barnoota Islaamaan hariiroo hin qabne kan akka filoosoofii saayikooloojii saayinsii hawaasaafi kkf warra bakka Islaamaa irraa fagoo ta’e irraa fudhataman baratan irratti ifee mul’ata. Namni oduu ogbarruu oduu jaalala dhiiraafi dubartii dubbisuu jaalatu oduu bu’aa hin qabne kan akka gaazexaa barruulee yaadannoofi kkf hordofuu fedhii qabuufi isheerratti xiyyeeffatee hordofu akkasuma.


✺ NAMNI MUSLIMNI BAKKA ITTI SAGALEEN BADIIDHAAN ITTI OL FUUDHAMU WALAKKAA JIRAACHUU:
◉ Kan namni gariin dilii hojjateen dhaaddatu kaan immoo sagalee muuziiqaatiifi haasaa isheetiin kan urgufamu kan sadaffaa immoo sigaaraa aarsu inni afraffaa barruu warra dhimma hin qabnee kan shanaffaa arrabni isaa abaarsa arrabaafi hamiidhaan gadi dhiifamaafi kkfniidha. Dubbiin akkana jedhame hin jennee jedhu hamiin walitti naqaaniifi oduun wal dorgommii adda addaa kan baay’inni isaa himamuu miti.

• Bakka gariitti immoo waa’ee duniyaa malee hin dubbatamu. Kun immoo haala taa’ichaafi mana kitaaba namoota hedduuti. Oduun daldalaa hojii qabeenyaa bu’aa argamsiisuu rakkoo hojii bu’aalee adda addaa guddinaafi kkf xiyyeeffannoofi dubbii namoota hedduu keessatti dursa argatti.

• Manneen immoo akka feete irraa dubbadhu homaa dhuma hin qabu bakka balaa guddaafi wantoota munkara kan illeen Muslimaa isarraa dafquufi dhoohuutti dhihaatuudha. Muuziiqaan bu’aa hin qabne fi ilmiin badaan wal makannaan dhiiraafi dubartii haraama ta’eefi kan biroollee wanti manneen Muslimaa ittiin guutamu naannoo akkanaa keessatti qalbiin dhukkubaan qabamee gogaa ta’a kun immoo shakkii hin qabu.


kutaa 13ffaan itti fufa inshaallaah...