ABDII FI WALALOO✍️ @abdiifiwalaloo Channel on Telegram

ABDII FI WALALOO✍️

@abdiifiwalaloo


➲ chanalii kanati makamnaan dhugaan sin jedha susii kolfaatu😂 si qaba.
✥--------------------✥
For your comment,feedback and promotion
@abdiiempire

ABDII FI WALALOO (Amharic)

እንኳን ወደ ABDII FI WALALOO ቻናል በአማርኛ በአለም ላይ መገናኛውን አርትዖን ተከፈቱ። ABDII FI WALALOO ቻናል በአስተማሪ ሓም የሚገኙበት ከታቸው ትክክለኛለሽ አቅምን የትናንት ትእዛዝ እና መረጃዎችን በማሻሻያ ማስተካከል ይችላል። ABDII FI WALALOO ቻናል ከንቱ ነው? እስከ ወሊያ ነፃ? ድረስ የሚገኝበት ሰው? በስልክ ይደውሉ:: በእርምጃ ከተጠየቀ ሰነዳችን እና በወርሃዊ ችግር ከእደዊሃል የሚያደርጉትን መጽሀፍት ቻናልን ABDII FI WALALOO የምመረጥየነው::

ABDII FI WALALOO✍️

29 Jan, 19:29


Jireenyi kun maal akka isin barsistee waan nu qodaniif Hundi keesanu galatoomaa 🙏

ABDII FI WALALOO✍️

29 Jan, 15:29


Live stream finished (58 minutes)

ABDII FI WALALOO✍️

29 Jan, 15:09


Maayyimiin ofumaa "Du'aa booda jireenyi jira" siin jechaa baatee, Gaafa namni du'u immoo hirqinfattee boossu maal jedhamti? Silaa yoo namni du'uun gammachuudha beeki. Sobdeeti malee du'aa booda akka jireenyi hin jirre beekti jechuudhaam😎

ABDII FI WALALOO✍️

29 Jan, 14:30


Live stream started

ABDII FI WALALOO✍️

29 Jan, 14:29


Yeroo ati Toronto teesse nuuf bilbiltee waan kaardii fakkeessitee waan ittin qicannu nu gacca’aa turte, Saniin Nama mirxii akka taate justify godhanne Nuti.Ameerikaa mitii Dubai deemanii hiriyoota meeqatu nu dagate,ati garuu erga biyyatti deebitee illee akka Diaspora yoom of goote!

Dhugaadha Mucaa Warqii amala qabeessa,Nama jaalalaati ati.

ABDII FI WALALOO✍️

29 Jan, 13:08


Foonni kiiloodhaan nii gurguramaayii?

Ani waxii isaa qofan beeka. Garuu mataan re’ee kan karaa irratti gurguramu tokkos rakasa. 👍

ABDII FI WALALOO✍️

28 Jan, 19:54


Yaa waqayoo ati anas nama🫵 kana dubisaa jirus fixi ati 🙏

ABDII FI WALALOO✍️

28 Jan, 19:45


Firaol yet neh?🫣😁
Yet neh firaol? 🫣😄

Isan jechaa deemu namni hin maarate se'a yoona.

Firaol yet neh?

ABDII FI WALALOO✍️

28 Jan, 18:38


.

Jireenyi kun maal isin barsistee?

#Inbox dhaan na ergaa guys @ABDIIEMPIRE 👈

.

ABDII FI WALALOO✍️

28 Jan, 05:48


Attam bultan🙂

Gorsa Shamarraniif Jaalala dhugaa keessatti...

-Mana keetti beellamii waami
-Dhungadhu, nyaata affeeri
-rukuttaa jaalalaa rukuti(Jira mitiiree, tiraasiifaan isa Wal rukutan tokko) maleemmoo Isa akka poolisii humna addaatti nama rukutan sana miti 🙈
- Yeroo inni si biraa deemuuf jedhu ija keessa ilaali, akka Isa jaallattus itti himi

-Achumaan transport qarshii 10k Kenniif🙄
Maal yoo laatteef hin duutaa? 😏

ABDII FI WALALOO✍️

27 Jan, 16:16


Firaol yet neh?🫣😁

ABDII FI WALALOO✍️

24 Jan, 12:09


Group telegram kana jalatti wal baranii namoota baay'eetu gaa'ila ijaarrate🕺
https://t.me/farsoonjira

Join godhaa itti makama

ABDII FI WALALOO✍️

24 Jan, 11:34


Meeshaan jaalala
ittiin safaran maal jedhama! 💔🫂😖

ABDII FI WALALOO✍️

24 Jan, 08:07


Jumaa Mubarak

ABDII FI WALALOO✍️

23 Jan, 18:51


Biyyi lafa kun shaarmuxaadha 😄

ABDII FI WALALOO✍️

23 Jan, 17:06


Ani wa'ee dhiiroota keenyaa kanan dhiise isuma isaan "jaalala " keessatti sirba qabsoo nama afeeran sana dadhabeeni 😕 jette sumeriyan

ABDII FI WALALOO✍️

23 Jan, 15:46


Warronni Kanada Jiraattan Yoo Beeksisini Makkalakiya Bahe Natti Himaa Nan Deemaati

ABDII FI WALALOO✍️

23 Jan, 07:38


Maalif yeroo mootummaan rafu wal sassabnee hin badnuu🤔

ABDII FI WALALOO✍️

22 Jan, 18:48


Tajjabbii ayyaana cuphaa ukka darbee iratti 🫣

Kan biraas bayyetu jiraa 😄

ABDII FI WALALOO✍️

22 Jan, 17:36


Buddeena tokko qooda qarshii 20'n binnu maalif qarshii 50'n buddeena 2 bitannee qarshii 10'n hin buufannuu🤔.

ABDII FI WALALOO✍️

22 Jan, 16:36


Live stream started

ABDII FI WALALOO✍️

22 Jan, 06:06


Maaloo maaloo yaa ha°ttoota biyyaa
Maaloo maaloo yaa Gameechotakoo😄

ABDII FI WALALOO✍️

21 Jan, 18:24


Utuu qubee "S" n hin jirree silaa (Udaan ) taaneerra jette biyyi Sudaan.

ABDII FI WALALOO✍️

21 Jan, 17:08


Yaa Rabbi Nu fixii
Barana nun Baasin 🙌

ABDII FI WALALOO✍️

21 Jan, 16:43


Alcohol 🍺🍻 dhuganii macha'un maal isaatu nama midha?

ABDII FI WALALOO✍️

21 Jan, 04:55


Abjuukoodhan osoon 🍞nyaadhuun
Of irratti dhangalaase

Sha'ee🙄

ABDII FI WALALOO✍️

20 Jan, 13:16


“Biyyi lafaa darabaadha” jettee faarfatta erga ta’ee, ‘bilbilakee gatuu dhiisii, yoo qabeenyakee mara si saaman iyyuu, xis hin jettu’ jechuudhaa beeki!

Moo anatu akka malee hubatee, ergaa kana ? Ana maal na dhibes garuu ?

ABDII FI WALALOO✍️

19 Jan, 18:32


Cheers 🥂 Ayaanicha mana kessatti warreen dabarsinef 🫥

ABDII FI WALALOO✍️

19 Jan, 14:04


Hordoftota 1k qaba jedhen yaada ture garuu akamumatti namni tokko bilbile baga gesse naman hin jedhu 🥹

Tazebkush😡

ABDII FI WALALOO✍️

16 Jan, 15:17


Mucaa ani jallaadhutuu chiiki naa barbaadi nan jettee🥲

ABDII FI WALALOO✍️

27 Dec, 19:41


Akka baayyee jaallatu itti hime. Isheenis akka baayyee gammaddeefi jaallattu itti himti. Innis ilmoo dhiiradha simmeettawwii waan ta’eef, haasawwan jaalalaaf ta’an baayyee haasa’e, Hanga kana hunda isheenis haasaa jaalalaaf ta’u haasofti.

Mucaan jaallateera waan ta’eef, akka ishee arguu barbaaduufi wal arganii akka haasa’an gaafate. Isheenis tole jette. Qaaman wal argina, bakka itti wal arginummoo ati filadhu jedhe. Isheenis iddoo itti wal argan itti himte. Tole jedhee erga haasaa hundaa haasa’anii xummuruuf ka’anii booda, dhumarratti “Hiriyaa hin qabdu mitii?” Jedhe Isheenis deebistee “Hiriyyaa nan qaba” jette…!🤔🥱😡

Ammamee asitti eenyuuti badi qaba jettuu? Ishee moo isaa? Sababa waliin:-

ABDII FI WALALOO✍️

27 Dec, 18:00


Yoo akkas ta'e jireenyi🥰

Dubartii cimtuuf gameettii tokko waliin bultii ijaarrattee, yeroo baatus yeroo galtuus fuula ifaaf amala gaariin kan si simatuudha.

Araadni kee inni tokko kolfa ishee arguudha, galgallis galgalaaye isheenis hojii manee ishee waan akka buna danfisu irbaata qopheessu, maatii waliin erga irbaata nyaatanin booda ijoollee rafiste.....!!

Wantoota sissirreessitu hunda sirreessite, hirribaaf gara kutaa ishee yeroo seentu, atimmoo inni kolfaf gammachuun ishee miirota kee kofalchiisan.........tti ishee simatte. Yoos........Kan hafe siniifan dhiise😳

@Abdiifiwalaloo

ABDII FI WALALOO✍️

26 Dec, 16:55


Eenyu akka taate hin beeku malee teeleen liqii sirraa qabdi 😄

ABDII FI WALALOO✍️

25 Dec, 10:56


Live stream finished (11 minutes)

ABDII FI WALALOO✍️

25 Dec, 10:45


Live stream started

ABDII FI WALALOO✍️

24 Dec, 03:20


Nama kitaabicha bitachuuf, maatii lafa gurgursiisaa jirutu, jira jedhan ajab🤔
Jedhan jedhaniidha garuu Ab dii Biyyatti dawwalee maatiin lafa naa gurguraa jechaani Jira jedhan

Maali sabboonummaan hagana ga’u!

ABDII FI WALALOO✍️

23 Dec, 18:08


Abdii dhaan Ingliffaan bishaan waraabii jechuun maal jechuudha jedhe gaafanaan ..

‘Record water’ nan jedhe 😌

ABDII FI WALALOO✍️

22 Dec, 20:07


"Qaamee barreesse" jedhe Abiyyi.Kun tuffii jimaaf qabu mullisa!

ABDII FI WALALOO✍️

22 Dec, 16:54


Nuti akka dargaggeessaatti wanti mootummaa irraa barbaannu.....
.
.
.
Keeyyata haarawa Dargaggeessi hundi durba durbummaa qabdu fuudhuu qaba jedhu akka hojii irraa nuuf oolchuudha.😁

@ABDIIFIWALALOO

ABDII FI WALALOO✍️

21 Dec, 16:23


Lammaa Magarsaa, filannoo jalaan gahee, akka nama paartii haaraa wayii hundeesseetti as bahee filannootti dhihaata!

Hoo’uuf kenniidhaan, akkuma inni dura kenne sanitti, aangoon itti kennamti! 🙄

Xiinxala 🙄
Kana irratti ilaallee, yoo kun milkoofte, xiinxala itti fufna! 😀🙈

ABDII FI WALALOO✍️

21 Dec, 12:13


Walaaloo toora 4'n wal
jaallanne,Arrabsoo 4000'n
adda baane 🤣🤸🤸

ABDII FI WALALOO✍️

21 Dec, 09:43


Bishaan qulqulluudha. Garuu yoo wanni gurrattiin itti naqamte ni gurraachoma, yoo wanni adiin itti naqamte ni addaata. Na amani atis akkasuma, Waanuma sitti naqameetu si jijjiire malee Atuu Qulqulluu akka bishaaniiti .

@ABDIIFIWALALOO

ABDII FI WALALOO✍️

20 Dec, 11:01


Live stream finished (12 minutes)

ABDII FI WALALOO✍️

20 Dec, 10:48


Live stream started

ABDII FI WALALOO✍️

19 Dec, 17:55


Cheers 🥂

ABDII FI WALALOO✍️

18 Dec, 02:12


Waggaa 50tti akkamitti jaalalli nama qaba? 25tti sooroma baane warri teenyu talaalli nu miliqetu jiraa laata?😮‍💨

Jaarsi sila girooserii keessatti na duuba teessanii... intala ishee kutaa 9 barattuu jaallattanii... waa'ee ishee jaarsa isa waggaa 60tti haasahaa turtan sun... (isinigaa mana keessanitti hangafa keessan biratti dargageessa taatanii mul'ataa jirtu🙈)... nagaan mana galtaniittuu?😇

Isin nama guddaa mitii? Maalif waan hin taane haasoftu?🤔

Dhala buttaagqazii🥺

ABDII FI WALALOO✍️

17 Dec, 18:49


"Ni turra malee ni urra" boombiin ishee jette immoo dhibooftuu dha😆

Boombii hojii hin jaallanne. Uruu dhiistee akka urtu haasahuu kan jaallattu. Hojii isaa odoo hin taane haasahuun isaa kan ishee gammachiisu wayii... Sababa dhiyeessitee dhibaa'ummaa ishee kan dhoksattu...

"Mukichatu waddeessa tahe malee salphaattin uran ture... mukichatu jiidhaa tahe malee uruun salphaa ture" jettee sakkasaa ooltu wayii natti fakkaatti😔

Nan ura jettee haasahuu dhiistee urtee agarsiisuuf kan hin dhiphanne. Xiiiiiizzzzz jettee haasaa haasahaa kan ooltu wayii natti fakkaati😁

Boombiwwan warri akkas jedhan sun barandaa bulu jedhan😢 Ni turra malee ni urra utuu jedhanii qorri somba isaanii uree du'u jedhanii haasahu boombiwwan warri uranii mana isaanii keessa jiraatan😂

Ani baguman boombii hin tahin malee... maaltu muka sana nyaataa oola ture🙏

ABDII FI WALALOO✍️

16 Dec, 17:12


Rakkinni Hanqaaquu nama nyaachisti!😋

Ondimmee🤩

ABDII FI WALALOO✍️

16 Dec, 07:50


Live stream finished (5 minutes)

ABDII FI WALALOO✍️

16 Dec, 07:44


Live stream started

ABDII FI WALALOO✍️

16 Dec, 07:43


Dorgomichi yeroo hin beekamneef achi siqeeraa

ABDII FI WALALOO✍️

14 Dec, 18:32


Jawaar kitaaba barreesses... Jaal Sanyiin ("jaal obbo Sanyii" jette Lij Yaared xashiiniyyuu😁) galuun isaas... Jaal Shimallis manewu obbo Shimallis waa dubbatuun isaa sin fayyadu😎

Jaal Sanyiin kana booda fua fesh jedhee jiraata... favor addaatu godhamaaf taha. Jawaar Mohammed kitaaba isaa ni gurgurata... income haaraatu banamaaf😚

Ati garuu hagabuukee utuu bultuu gamanaaf gamas dhaabbattee wal arrabsita... garaan kee utuu sitti iyyuu😜... utuu gumgummii garaa kee dhageessee ni usta turte..

Mind your business bruh siin jedhaa jira😋

ABDII FI WALALOO✍️

14 Dec, 09:48


Yommun waa'e ke yaadu ya dubulushee intalaa
Isa shiroo bitif na ergaan dhiseen kikkii bite gala
Mana barumsaatti illee yaadni ke na baleessa
daftaari ingilifattin afaan oromoo barreessa🤩

ƁįňģÖº₩

ABDII FI WALALOO✍️

14 Dec, 06:24


Dorgommichi akkuma qabana'etti kanan bor xumurama.
1ffan Like 8 qofa 😭

ABDII FI WALALOO✍️

12 Dec, 07:51


Dorgommichi eegalera taptap godhaafi

Dorgomtonni afur walaloo wal fakkatadhan dorgooma jiru.😊

ABDII FI WALALOO✍️

02 Dec, 17:15


Of ta'een jiraadha
Fakkaachuu hin fedhuu
Ofii koon fakkaadha
Akka abaluun jedhuu
Ani ana malee
Miti nama biraa
Nan deema ammallee
Maafan garaa hiraa!👏

@ABDIIFIWALALOO

ABDII FI WALALOO✍️

01 Dec, 14:07


Namni akkamitti photoo 1000 ka'ee photon tokko bahuufi didaa😭

ABDII FI WALALOO✍️

30 Nov, 10:56


Abjuu kootiin namoonni like hin goone hundishee, Abidda bara baraa keessaa gadooddiin argee.

ABDII FI WALALOO✍️

29 Nov, 16:32


Yoo isheen bargarii malee
Jettee didde
Bara gaarii jedhii darbi 🤝

ABDII FI WALALOO✍️

29 Nov, 14:29


Live stream started

ABDII FI WALALOO✍️

28 Nov, 06:17


𝕚𝕤𝕚𝕟 𝕛𝕒𝕒𝕝𝕒𝕥𝕒𝕞𝕥𝕠𝕠𝕥𝕒❤️
𝙨𝙝𝙖𝙧𝙚 𝙬𝙖𝙡𝙞𝙞𝙛 𝙜𝙤𝙙𝙝𝙖𝙖🙏

ABDII FI WALALOO✍️

26 Nov, 04:58


Sababa warraa safaarikom
Akka ittii baane galluu dhabnee

ABDII FI WALALOO✍️

26 Nov, 03:21


Namni stove irratti waxii hojjetata, ani irraan sigaaraa qabsiifadha dhugaa waaqayyoo 😁

ABDII FI WALALOO✍️

24 Nov, 11:04


Acounticha cufsisna jenne

Follow goonee dhufne😩

ABDII FI WALALOO✍️

21 Nov, 16:43


Abbaaf Ilma H-idhan,Haadhammoo G-udeedan!

#Gara_Jabina!💔

ABDII FI WALALOO✍️

21 Nov, 10:51


harma muraa abboota keenyarraa dhageenye har’a morma muraa ofii agarre 😭

ABDII FI WALALOO✍️

20 Nov, 13:30


Keenya qawween isaa wal malee f**nnoo Hin ajjeessuu
Isaan garuu akka Hoolaa ciibsanii nu qalu 😭😭

Salaleeko Rabbi isin faana haa ta'u 😰

ABDII FI WALALOO✍️

19 Nov, 19:17


Utuu jaalallee dhabuun yakka tahee Kan lafa jalatti hidhamuu anaadha 😎

ABDII FI WALALOO✍️

19 Nov, 05:47


Jiiruun tolee harma jigee kaasa

Jiruun tollaan jigee yoo hafees maannii?😂

ABDII FI WALALOO✍️

18 Nov, 17:50


Jireenya ati amma jiraachaa jirtu utuu diraamaadha ta'ee mata dureesaa maal jetta?

ABDII FI WALALOO✍️

18 Nov, 16:58


#Darajjee

Darajjeen jerjeree
hundumayyu dhabee
Chikiin isa waamnan
Ituu figuu cabe😂

ABDII FI WALALOO✍️

18 Nov, 16:36


Abbaan koo naaf bilbilee "maaf baddee bro" naan jedhe😂

ABDII FI WALALOO✍️

17 Nov, 20:13


Namootni si hordofan hundi namoota si jaallatan miti. Namootni si iyyaafatan hundi namoota si yaadan miti. Namootni sitti siqan hundi namoota si gargaaran miti. Namootni si waliin kolfan hundi namoota sitti gammadan miti.

Waan ta'eef diinota warra si godhate caalaayyuu namoota sitti dhi'aatan irraa cimsii of eeggadhu.
Keessa kiyyattin dhiiga...
Dhugaan hin badiin!

ABDII FI WALALOO✍️

17 Nov, 10:00


Eda halkan homaa hin possotiinan bule. Jinjenaa irran bule. Mucaa tilmaamaan waggaa 18 taatu tokko online irratti argadhe. Akka rocketitti furgiggufamee dhaqeen inbox ishee keessatti lafa dhahe

Saaksiidhaanin eegale. Kokkofalchiiseen jalqabe. Waa meeqa itti haasa'ee... kakadhee, kadhadhee, amansiiseen eduma fixadhee bule. Chawo singlummaa jedheen gammadee rafe🙄

Amma kunoo utuu haasofnuu...

Baay'een si jaalladha lubbuukoo ittiin jedhe
"Anis baay'een si jaalladha dammako" naan jette

Anatu caalaa si jaallata lubbuukoo jedheen barreesseef...
"Anatu caalaa si jaallata" jettee naaf deebiste

Ana caalaa beektaay? Anatu caalaa si jaallatan jedhee barreesseen itti erge...
"Kan kootu caalaan siin jedhe" naan jette

[Aariin dhufee morma na hudhe]

Anatu caalaa anatu caala jedheera... waanin siin jedhu dhagahi... deebii natti hin deebisin jedhee emoji 😠 kana waliin ergeef

[Brada, isheenis xiiqii keessa galtee jirti]

Anatu caalaa si jaallata. Ati akkamitti na waliin morkatta😏 jettee natti barreessite...

Billic natti jedhe. Block godheen... ufff jedhee aarii koo lapheerraa gadi buufadhe😋

Ab Diii mucaa yeroo hundumaa silkii chiikii naa ergu.

ABDII FI WALALOO✍️

17 Nov, 05:19


Hamma ati miidhagdu
Sitti himuu kan na rakke
Deebitee of jaallatteetu
Na jibbitaan shakke.

Tarii yoon sitti hime...

Seeqni kee akka biiftuu
Dacheef dungoo ta'uu
Simboo dubbii keetiin
Beekaa hunda booji'uu...

Akka Urjii samiirraa
Iftee calaqqisuu
Akka iliillii birraa
Addunyaa urgeesssuu...

Qal'inni mudhiikee
Soonsa infaasisuu
Dhiirri si mil'atee
Gorora hawwii cobsuu...

Kan harka dhiqatee
Uumaan qofaatti uume
"Safartuu miidhaginaa"
Jedhee itti hime....

Gita akkati hin qabne
Dachee bal'oo kanarraa
Tarii ani sitti himee
Yoo dhageesse narraa

Sumarraa jaalalli si qabee
Of jaallachuu eegalta
Miidhaga keen mo'amtee
Anaan na dagatta.

Kanatu na rakkee
Sitti himuu miidhagakee!

Si dhoksuun utuma natti cimuu
Akkati bareeddu ani sittin himu!


✍️
@ABDIIFIWALALOO

ABDII FI WALALOO✍️

16 Nov, 18:18


Wagga meeqa dhama'ee furtuu milka'inaa argadhee yeroon dhaqu gaanii isaa jijjiiraniiru🥹

ABDII FI WALALOO✍️

15 Nov, 08:50


Kitaaban dubbise keessa iddo natti tole tokko isinif dubbiseen jira.

Dhageffadhaa

ABDII FI WALALOO✍️

15 Nov, 07:40


“Jennaan jennemmoo malee, amantaa irratti namni wal gabbaru tokkoyyuu hin jiru. Yoo quumnagara hin qabdan ta’e walitti gadi yaana. Donqooroo duwwaan kun” jetteet,

Dhumarratti immoo, “Yesuus gooftaadha” 💪
Jette intalli tokko!

ABDII FI WALALOO✍️

14 Nov, 19:09


Suuraa kana buusii wallpaper kee irra godhu.yookiin miicisiisii mana keessatti fannifadhu. Sana booda namoota si jibbitu garaa kaasaa fi ol deebisaa itti abboomeera maqaa jaarsolii waldaan!✋️👋

ABDII FI WALALOO✍️

14 Nov, 16:42


Warrii hadhaa manaa namaa curuuq gotanii hamattanii wajjiin suraa katanii post gotanuu pls dhisaa ituu dhistanii wayyaa👈👈

ABDII FI WALALOO✍️

13 Nov, 12:21


Mallattoo bara dhumaa keessaa muraasa.😋

1. #Mansuur Jamaaltu fuudha.😃

2. Durbatu dhiiraaf kaardii guuta🧐

3. Arsii Asallaa keessatti Afaan Oromoo dubbatamuu jalqaba👌🏾

4. Paaspoortii ykn Viizaa tokko malee Ameeriikaa deemta😂

5. Abdii tu maraatummaa irraa fayya😁

6. #chiki kootu heeruma

Ammaaf kanuman jedha waan dhaggeffattaniif hedduu galatoomaa🙏

ABDII FI WALALOO✍️

13 Nov, 03:17


Yeroo reefuu addunyaa jaalalaa keessa seentu, jaalalleekee waliin, karaa afuriif isaa ol walitti haasofta!

Karaa Telegram irra mata duree biraa, karaa Messenger mata duree biraa, karaa WhatsApp mata duree biraa, yeroo asiin ati yaada tokko itti barreessitu, isheen achiin waan biraa sitti barreessiti!
Yaadni wal jala as darbee achi darba, akka dhungoo huummoo!

Hinumaayyuu keessa baatee yeroo tokko tokko utuma bilbilaan walitti haasoftuu, ‘text’ immoo waliif barreessita!
Gaafa xiqqoo wal quufaa dhuftu, jalqaba Kara WhatsApp sana xiqqoo akka lajab jechuu taata. Itti aansitee, Messenger dagattee, Telegram qofatti deebista.

Deemsa keessa kara hunda block wal gootee text kanaan dura haasa’aa turtan, balleessuun isaa akka sin rakkisne, of eeggataa sirbi! 🙄

ABDII FI WALALOO✍️

11 Nov, 16:42


Garaagarummaan rakkinaf Ethiopia maalii?

ABDII FI WALALOO✍️

11 Nov, 04:29


Shiratu narratti xaxamee Ethiopiatti dhaladhe malee an sila nama Americaf malu dha. 😥

ABDII FI WALALOO✍️

09 Nov, 17:10


Chiikii keef Paa°ntii bittee Sister ishee irratti arguu caala maaltu si gu°ba!🥴

ABDII FI WALALOO✍️

09 Nov, 07:34


Mudannoo🙈
🍃Cidha Ameerikaaniitti:

☕️Nama waamame : 100
☕️Nama irratti argame : 68
☕️Kennaa Misirroof kenname : 68
☕️Meeshaa bade : 0

🍃Cidha Afirikaatti:

☕️Nama waamame: 200
☕️Nama irratti argame : 4231
☕️Kennaa misirroof kenname : 11
☕️Meeshaa bade : Mobaayilii 8; Saanii 73 : Burcuqqoo daadhii 7; shukkaa 9 ; Zayitii Jaarkaanii 2; Qaruuraa Biiraa 17 ; Fal’aana 13 ; Fooxaa ittiin harka qoorfatan 2 ; Teessoo xixiqqaa 5 ; Buddeen gogaa 16 ; Cidhaan sangaa qalamee 1 (Afuuffeef ijoollee ittiin xabachiisuuf); Mataa hoolaa 2 ; Jaarkaanii bishaanii 4 ; Gaabii uwwisaa 2 ; Lafee indaaqqoo(Farasanyaa) sadii fi qadaaddii baarmeelaa 2 ,

Guyyaa gaarii!🍃

ABDII FI WALALOO✍️

08 Nov, 14:06


Addaamiif Hewaan firii aappilii nyaatanii kan akkas jireenyi nu gubee,Utuu qaaraa nyaatani ta’ee akkam nu guba turee?😜

ABDII FI WALALOO✍️

08 Nov, 12:53


Jireenyi naaf darbuu dide hin jedhin
Bluetooth kee cuftee
Teessee😸🤌

ABDII FI WALALOO✍️

07 Nov, 13:47


Laga Awaash buunaan
Mar'ataan na hidditee
Tur Amman coomee badaa
Qal'annaan na jibbite😢
~~~~~~~~~~~~~~
Ganama suubii barii
Simbirroon hedduu wacci
Coming soon
Yeroo dhiyootti borcii😎

ABDII FI WALALOO✍️

07 Nov, 08:19


Isa dhiironni qofaatti chiikii hamatan dhaggefattee... walitti qabdee galgala inbox ishee dhaquu😋

Akkas siin jedhu hoo... dhugumaay jettee gaafachuu😎

Halkan ishee balleessuu

Aarsuu

Halkan guutuu "eenyutu akkas nan jedhe laata" jettee dhiira beektu hunda yaadaa bulchuu😋

Hirriba ishee balleessuu (biyyoo du'@a irra haa raftu malee😛)

Block godhamtee kolfuu (jiraattes dhibdes hin xaqamtu)

ABDII FI WALALOO✍️

07 Nov, 06:58


#Daraartu 🫣

Daraartuun yoo feete
Shanbaa ranbaa jeetti
Isheen cinqii hin qabduu
Hundumaaf kenniti 🤥


@ABDIIFIWALALOO

ABDII FI WALALOO✍️

06 Nov, 18:30


Hojiin kanattii hafee 😂😂

Share➬ @Abdiifiwalaloo
Share➬ @Abdiifiwalaloo

ABDII FI WALALOO✍️

05 Nov, 12:51


Akka qorannoon jedhutti
Namni kan inni rafu yeroo hirribin Isa qabudha😋

ABDII FI WALALOO✍️

04 Nov, 13:07


Video sirbaa keessatti ammas harroota dhimma ishee Wal hoossitu Saba biraatti qabanii, sangoota Wal jifattu ammoo dhimma Saba biraatti qabanii; harrootaa fi Sangoota sana utuu hin galateeffatin darbuun isaanii Cubbuu intinaa wayiittan fudha Ani! Biyaansi galateeffamuu qabu! 😥

ABDII FI WALALOO✍️

04 Nov, 12:55


Obboleessa ko
Birrin gamachuu hin bitu jette yaadda taanan
.
.
.
Akkawontii ko iratti na dabarsi😁1000637281880000

ABDII FI WALALOO✍️

03 Nov, 18:41


“Basmaam qidduus, Maraata, Niqqiluudhamoo aantee kun ? Jallisuma Kenya sana akka hin taane” 😀

ABDII FI WALALOO✍️

03 Nov, 16:36


Ummata itoophiyaa gamachiisuuf ibsaa balleesani kahani fiduun gahaadha😂😁

Share➬ @Abdiifiwalaloo
Share➬ @Abdiifiwalaloo

ABDII FI WALALOO✍️

02 Nov, 21:44


┍≫≪≫≪≫≪≫≪≫≪≫≪┑

•••>>ፍላጎቱን ብቻ፣
•••>>ምን አይነት ቻናል ይፈልጋሉ?

𝘾𝙝𝙖𝙣𝙣𝙚𝙡 𝘼𝙠𝙠𝙖𝙢𝙞𝙞 𝘽𝙖𝙧𝙗𝙖𝙖𝙙𝙙𝙪?
𝙠𝙖𝙣 𝙛𝙚𝙚𝙩𝙖𝙣 𝙛𝙞𝙡𝙖𝙘𝙝𝙪𝙣 𝙜𝙖𝙙 𝙩𝙪𝙦𝙖𝙖!

ᶠʳᵉᵉ ʷᵃᵛᵉ 1k @Ofwaliif
┉┅━━≫≫☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎≪≪━━┅┉

ABDII FI WALALOO✍️

02 Nov, 13:50


Har'uma wal barree galgala card 25 naa guuti naan jette.gatii galmeetimoo😁😁

ABDII FI WALALOO✍️

02 Nov, 12:16


~ Jaaladheen gaafatadhe

~ Ittin yaada naan jette

~ Tolen jedheen

~ Itti yaadde...

~ Tole naaf jette😳

~ Animmoo itti yaade...

~ Deebi'een dide🙅‍♂️😂

Kunoo anis yaaduu akkan danda'un bare😁
.
. @Abdiifiwalaloo repost

ABDII FI WALALOO✍️

02 Nov, 10:26


Jireenya kanarratti Roobiif Dilbata adda baasanii beekuunu cimina tokko!

Dilbata gaarii qabaadhaa👏

ABDII FI WALALOO✍️

01 Nov, 14:19


Yaaddettaa jireenya kanarratti gaafa #Koriideriif jedhamee dukkaanni daldalaa kee si jalaa diigamu🤨

ABDII FI WALALOO✍️

30 Oct, 16:16


"Biyyoota gurguddatanitti, akka carraa utuu kaaffee teessuu, bilbilli siif bilbilamu 'vibrate' irra hin jiru ta'ee, sirkaa iyyee jennaan;"utuu isin boqonnaarra jirtanii bilbila isin irratti iyyisiisee waanin isin jeeqeef dhiifama naaf godhaa" jettee kaatee maamiltoota miilatti kuftee dhiifama hin gaafattu taanaan seeraan itti gaafatamta.
Ishee kana mul’ataanin arge (Imagine)😋

Asitti garuu church keessallee utuu ati jirtuu sirkaa iyya. Sanuu sagaleen waamicha bilbila keetii "Ya jabbilootakoo ya jabbiloota odaa jalaa, kan Nama nyaatu nu keecha jira” jedha. Namni si gaaafatu hin jiru. Dimokiraasiin asitti hafe ibboo. "😋😂

Kanaaf jijjirama kana deeggaruutti cichine nuti! 🙄

ABDII FI WALALOO✍️

30 Oct, 06:27


Gorsa onneerra madde!
1. Hammam yoo jaallatte iyyuu, Uumphaaa jettee text hin barreessiniif.😁 dhungachuu yoo barbaadde deemi dhungadhu malee qubee afaan Oromootiin hin taphatin😄

2.Gaafa durba tokko jaallattu, naaf gaafadhu jettee nama kan birootti himatin! maal ati afaan hin qabduu ofii keetii hin gaafatattuu?🙄

3. Jaalallee keetii bilbiltee gaafa toorri bilbila ishee qabamaa ta'u, Eenyutti haasa'aa turte jettee hin gaafatin! Akka isheen obboleessa kootu ykn adaadaa kootu naaf bilbile siin jettu hin beektuu ati maaliif gowwaa taata?🤦🏽‍♂️

4. Moobaayilii chiikii keetii harkaa fuutee miiseejii (📥 inbox) Seentee hin ilaalin. Amma dhuguma text dhiirri kan biroon barreesseef utuu irraa hin balleessiin sitti laatti jettee yaaddaa?🤔

5.Walaloo durii isa bishaan qilxuu jalaa kan dhugu simbira, Ani rafee hin bulu yaanni koo si bira. isa jedhu tokko ammoo hin barreessiniif! barri isaa itti darbeera. walaloo haaraa kan ofii keetii barreessuufii yaali!😋

6. Yoo haasaan sirkaa bade,booda siif bilbila jedhii irratti cufi malee, sirba jaalalaa bantee hin dhaaggeffachiisiin 📻😝

Galatoomaa🙏🏽

ABDII FI WALALOO✍️

29 Oct, 17:26


Gaafa nama dhukkubsate bira deeman;

Araba =Rabbi si haa fayisu!.

Amerikaa=Amma fayyita!.

Ethiopia= Abbaa koo tokko dhibeema akka keetii kanatu ajjeese jedhu.😔

ABDII FI WALALOO✍️

29 Oct, 08:57


Deemuun kee yoom badee
Deemuun kee maal qaba

Si bakka buusufin
Anoo bakka dhaba
Bakkakee Akkakee
Bakkakoo Akkakoo

Miladhee
Argadhee
Abdadhee
Nan shakke
Shakkituu na goote
Nan dhokse
Soodanko na moote

Sin bakka buufachuf
Bakkakee duuchachuf
Sin ala jiradhee
Jireenya tolfachuuf

Nan shakke

Kan deemetoo nama
Kan dhufutoo nama
Kan jiruhoo ana
Anoo isuma sana
Soodankoo kana

Akkamiin amanu
Amanee jiraadhu
Akamiin siimadhu
Simadhee Himadhu
Himadhee jaaladhu

Akkamii akkisaa
Maalidha hiknisaa

Kaleessi titifuu
Kalessi hin caamne
Kaleessi boba'uu
Kalessi hin dhaamne
Isatoo na qabe
Isato na labe

Isatu....

Namaaf na shakisisa
Hundaaf na kaksiisa

Isatu...

Akkan si amanee
Amanee yoon cabe
Akkan si abdadhe
Abdadhee yoon dhabe

Qalbitti asaasaa
Ituu natti abaasa
Yaada ko rarraasa
Malee....


Deemuun kee yoom badee
Deemuun kee maal qaba
Sin bakka busuufin
Anoo bakka dhaba


#Habtee_baqalaa

ABDII FI WALALOO✍️

27 Oct, 12:54


Eessa butee dhumtee ijolleen kun 🫣
Gootota barnoota 2024😒

ABDII FI WALALOO✍️

27 Oct, 04:20


Soba faayidaa qabu!
Nama wayii dubbisuu barbaaddee, ciruma waan jettee haasaa jalqabdu dhabda!

“Abjuu kiyyaan si argeen ture” himni jettu tokko, haasaa jalqabuuf baay’eema nama mararti!

“Maal ture abjuunkee, itti fufi!” Jedhamta!

“Dhiisi anoo abjuun kiyya yeroo hunda faallaadhaam, kanaan dura abjuu akkasii tokko abju’adheen soba ta’e” jettee abjuumakee isa kanaan dura abju’achaa turte keessaa tokko itti himta! 😀

Haasaa keessa gallaan, abjuu isa durii abjuu isa ammaa fakkeessitee bira kutta! Namichi araadaadha taanaan, silumaa abjuunkee haasaa jalqabuu akka ta’e hubatee, gara gilgaala biraatti ceetu!
Asitti sobni faayidaa qabu wayii jira! Sobicha yeroo biraa itti deebinee ballinaan waliin ilaalla! Soboonni miidhaa utuu hin qabaatin nu fayyadan jiru!
Isa dhageenye nuuf ha eebbisu!

ABDII FI WALALOO✍️

26 Oct, 18:02


Messagen kun maatiirraa naaf ergame! 💔😥

“Lukkuun ati bara darbe bitte, kaleessa hanqaaquun garaatti cabee, bakka isheen duutu jennee qalanne!

Bakka ishee wicoo ishee buburree kan Qabbanee amma kaakkisaa jirtu tokko siif laanne,😭Carraama keetu gogaa wayiidha malee, ishee Abbabbaan kee ji’a sadii dura bitan, amma yeroo lamaffaa kaakkisaa jirti” 💔😥

ABDII FI WALALOO✍️

26 Oct, 12:54


Biyya kana 👉🇪🇹 keessati baga dhalatte 🎂🎉 naman jechuun yakka. 😂

ABDII FI WALALOO✍️

26 Oct, 04:55


Gammaduufis mufachuufis hin jarjarinaamee🙏

Tokkotu haramaya campus'tti ramadamte. Story dhaaf poostii dhaan nu macheessaa jirti. Gammachuu daangaa darbe wayii agarsiisaa jirti😎

"Hojii waaqayyoo kanaa maaluman jedhaa" jechaa jirti. Dhuma isaa utuu adda hin baafatin hin gammadiinaamee! (gorsa nama gorora liqimse hin tuffatinaa😜). Bor warri si biraa kufan jireenya fooyya'aa jiraachuu danda'u🥹

Yeroo sana Waaqni eessuma warra kufanii sitti fakkaachuu danda'a. Anaan beekaa na dabarsee akkas na godhee... isaaniif haala mijeessaa turee edaa si jechisiisuu danda'a! Calm down please🥰

Yeroo gammaddanis yeroo galateeffattanis lafumatti godhaa🙏

ABDII FI WALALOO✍️

25 Oct, 19:01


Sigaaraa xuuxuun maal saatu nama miidha amma 🥺

ABDII FI WALALOO✍️

25 Oct, 13:20


Jaalalli jiraannaan buddeen 6



Nama 2 f gahaadha😂😂

@ABDIIFIWALALOO

ABDII FI WALALOO✍️

24 Oct, 05:08


Asqofarattii mitii"Jannata" keeysatille warra akkanumati waji qama'u nuhaa godhu🤲

ABDII FI WALALOO✍️

23 Oct, 12:20


Safaricom ukatti tajaajila jalqabe jedhani 🤥 baga bacaqii #Ethiotelecom kessa booqa #safaricom gessan 😆

Sichi postin koos #like hin dhabu 😂

@abdiifiwalaloo

ABDII FI WALALOO✍️

23 Oct, 09:38


Moo ti vee shin😳
_
Paastariin daldalaan tokko yeroo kasaaru 'motivational speaker' ta'a. Waan dhugaa hin taane sitti himee samii sadaffaatti seera harkisa lafaa malee ol si ergee, sifannisee osoo sin buusin sokka.

Ani garuu waan dhugaa ta'e tokkon sitti hima. Samii sadaffaa irratti osoo ati hin fannifamin, waan sitti fannifamee jiruun qabeen sitti hima.

🤙 Kunoo, yeroo ammaa kana sanyiin dhiiraa baattuun (cidhaan) tokko gabaa addunyaa irratti doolaara kuma 175n gurgurama. Kana jechuun Birrii miiliyoona 18 ol ta'a jechuudha.

Kanaafuu borsaa si fayyadaa hinjirre, kan birrii miliyoona 36 baatu miila kee lamaan gidduutti baattee, jireenyatu qaala'e jettee maalif ofiis rakkattee mootummaa keenyas dhiphista?

😁Beekumsi kun gaaf tokko na ajjeesisuunsaa hin oolu!
Abdii Mitikkuu akka barreessetti.
Afaan Oromootti kan hiike Nathanael Tekalign Efa ti.

ABDII FI WALALOO✍️

18 Oct, 05:49


Nama gabaabaadhaaf text dheeraa barreessuun nama sana tuffachuudha 😁

ABDII FI WALALOO✍️

17 Oct, 05:19


Bilbillikee kee Daataa fixuun yoo si rakkise

Atis daataa cufuun rakkisi🫣

ABDII FI WALALOO✍️

16 Oct, 18:27


Foon koo raammoo ta'e na nyaatee😭

ABDII FI WALALOO✍️

16 Oct, 16:10


Maal akka na nuffisiisu beektaa?

Nama lakkoofsa bilbilaa koo hin qabneef bilbilee eenyummaa koo ibsuufii...

"Ana Abdiidha"
"Abdii kam?"

Abdii Mitikkuu jechuun na dabbara... mana barumsaan jiramoo? Barsiisotakoo qofatu akkasitti na beeka

Abdii qal'oo jechuufii... Abdii namni jedhamee furdaa tahe hin jiru...

Abdii isa bareedaa jechuufii... Abdii jedhamee namni fokkisu hin jiru hh

Abdii isa chiistaa akkan hin jenneef Abdii jedhamee kan maallaqa hin qabne hin jiru.

Amma amma garuu galati isiniif haa tahu malee waan na ibsu argadheera.

Abdii kam yeroo naan jedhan... kostor jedhee

"Abdii isa telegram irraa LIGER jedhamu sana... isa abbaa beekumsa dilbii sana" yeroon jedhu saffisa aduutiin na baru😅

ABDII FI WALALOO✍️

15 Oct, 05:31


FAAYIDAA ADDAA SINGLE TAHUU🔥

Qofaa jiraachuun faayidaa gurguddaa heedduu qaba. Garuu maal fayyada... gaafa fuunu qofa nutti mul'ata... (warqeen harkaa irra jiru hanga dhagaati jedhamuun maal akka tahe kan siif galu yeroo sana😜)

* Siree kee irra gangalataa luka kee gamaaf gamana keessee cidhaan kee haftee rafuu dandeessa

(Achi siqii as siqi kan siin jettu hin jirtu😁)

* fajajjee waa'ee addunyaa... waa'ee siyaasaa CNN irraa utuu dhaggeffattu😣

Xuqur fiqiriin jalqabera Qana irra godhi kan siin jettu hin jirtu

* Facebook irratti suuraa kee maxxansita

<Alamituun maalif love react siif goote... gudiidha Faaxeen immoo bareedaa ko siin jette... nama 37 keessa 28 dubartoota kan like siif godhe😭) kan siin jettu hin jirtu. Because u are single😋

* Muudii bareedaa keessa galtee kitaaba namatti tolu dubbisaa jirta...

Eecci kitaabicha lafa kaa'ii ibsaa dhaamsi koottu rafi namni siin jettu si bira hin jirtu😉

* Meditation keessa jirta! Callisa gadi fagoo keessa galtee xiinxalaa jirta... akka tasaa😒

Zayitiin 1500 galuu isaa dhaggeessettaa siin jette kan ayyaana sirraa kaastu si cina hin jirtu😌

* Hojiirra ooltee dadhabdee galtee siree irratti lafa dhoftee gaafa ati ciistu

<Har'as achi galagaltee rafuufii... hin ilaallaka> dubartiin siin jettu hin jirtu🙏

* Halkan jalasoota kee wajjin over baatee fua jette enjoy gootee lafa dhiittee sirbitee gaafa galtu....

Homaayyuu siin hin jettu...

Fuuteetta taanaan atuu daffartee hin baatu😢

Repost

ABDII FI WALALOO✍️

15 Oct, 05:12


Ool butii Ool butii jedhe namichi wahi

Maal Ol-gurtuun jedheem an🤔

ABDII FI WALALOO✍️

14 Oct, 18:59


#SIIFAN🤥

Siifan maaf sodaattuu
Itti siiqaa hunduu
Dhiiraa haa ta'u malee
Isheenoo hin didduu 🤥

ABDII FI WALALOO✍️

14 Oct, 05:59


Sammuun nama tokko tokkoo akkuma kiisii koo...




Keessisaa duwwadha😆

ABDII FI WALALOO✍️

13 Oct, 19:16


PIN ATM card kee si qofatu beeka erga tahee... maashinichi yeroo ati PIN kee dogoggortu akkamitti bara?🤨

Dhalooti ni gaafata😜

ABDII FI WALALOO✍️

13 Oct, 18:05


Eda halkan jaartii gurraattii... goggogduu... iji ishee inni bitaa jaamaa tahetu abjuu kiyyaan na ari'aa bulte😢 Erguma na qabachuuf kaatee alarmin Abdii Mitiku iyyee na dammaqse

Fuuli ishee guyyaa guutuu ija koo dura deemaa oole. Fuula ishee waliin kolfi ishee gurra keessaa na iyyaa oole. Dhimma maalii akka narraa qabdu hin beeku... har'a yeroon taa'ee yaadu garuu... eda baqachuun koo sirrii hin turre😎

Dhaabbadhee haasofsisuutu narra turee laata jedheen yaadaa jira. Diplomacy dhaan waanin furuu danda'u tahuu mala ture laata😍

Maaltu beeka na jaallatteetu tahuu danda'a! Maaltu beeka shugari tahuu dandeessi! Yoo baayyate na gudeeddi ture😋

Har'a garuu rafuun sodaataa jira. Eda isheenis na qabuu ishee anis harkaa bahuu koo utuu adda hin baafatinan hirribaa dammaqe mitiiree? Dubbiin gar tokkotti utuu hin deebi'iin😇...

Yoona na qabattee mana ishee na geessitee... sireetti na hiitee... hanga an deebi'ee dhaqutti na eegaa jirti taha😭

Animmoo hin dhaqu manewu hin rafu🤸‍♂

ABDII FI WALALOO✍️

12 Oct, 18:44


Gaafa namni tokko du’u, miira keessa galtanii, “Umurii gabaabduu lafa kanarra jiraannuuf wal jibbuun gaarii miti” isa jettan tokko immoo dhiisaa! 🙄

Nama waliin akka wal jibbaa turre, maaliif gaafuma namni du’u qofa namatti yaadatamaa? 😀
Ammoo nama waliin kan wal si jibbisiise dhimma wayiitu jira malee, du’a mitii, du’a sodaattanii dhiifama waliif gochuurra, rakkoo keessan sana furadhaa!

Du’a nu duraa hin xuqinaa! Du’a waan gadhee gootaniis nu duraa hin ilaalinaa! 🙄

ABDII FI WALALOO✍️

12 Oct, 17:05


Tolaan tolta jennaan
Didde tolaan toluu
Lolaan lolta jennaan
Diidde lolaan loluu
~
Akka tahuuf fali
Ofiinuu toles tola
Bakka gahuuf ka’i
Abbaa beekutu lola!!

By Tamirat 👈 🥰

ABDII FI WALALOO✍️

12 Oct, 17:02


Wanna akaakaan kee waggaa 80matti
Abbaankee waggaa 60tti
Obboleessikee waggaa 40matti
Fiduu dadhabe ati akamitti waggaa 20matti miliyenara ta'u qabda malee jette na dhistee deemta 🙄

haxarw😁

ABDII FI WALALOO✍️

12 Oct, 05:55


Altokko tokko waan film irraa arginu hunda jireenya keenya irratti odoo apply goochuu dhiisnee gaariidha. Sun fiilmiidha kan keessan real life dha. Fiilmiin soba isin garuu dhugaadha😍

Wanti amma popular tahee jiru jaalallewwan lamaan T-shirt wal fakkaatu hojjechiifatanii... day wayii kabajachuudha (waan isaan kabajan isaanumaaf sheexana qofatu beeka😀). Haa kabajatan. An sana sababan hin gooneef waan sanaan gatii hin qabu jechuu hin barbaadu...

Garuu garuu garuu...

Inni kan keenyaa dugda isaa irratti #Lo kan jedhu uffatee deema. #Ve'n garuu bira hin jirtu😪

Inni onnee cabaa wayii batee demaa isheenis akkuma sana cabaa batte deemti. ( Hikni isa garuu hanga har'atiyu naaf hin galle)

Tokko immo - isheen kan kooti -  jedhee barrefatee uffatee deema gaafuman gurba sana argu kolfatu garaa ko na dhukkubsa.

Kanaafidha kanin... hojiin kun kan warra quufanii jiraataniitu kanin jedhuuf. T-shirtin sun guyya tokko qofaaf fayyada ture. Sana booda ni gatta ture😀

Ati garuu t-shirt sana mucaa dhalchitetti uffista😭

ABDII FI WALALOO✍️

11 Oct, 17:27


Ofii hagabuu bulee
Gadaan quufaa gabbina jedhee post godha!🙏🙄

ABDII FI WALALOO✍️

11 Oct, 07:39








Yoo kufnees;yoo duunes ka'uun keenya hin oolu.

Eeyyeen!Yoo duunes kauun keenya hin oolu!😁😁






ABDII FI WALALOO✍️

09 Oct, 11:37


Nama si miidhe tokko deebistee hin midhin...🙂‍↕️

Yoo dandeesse ajjeesii malee🤓

ABDII FI WALALOO✍️

04 Oct, 15:47


Irreessi/irreechi duudhaa dhugeeffannaa Oromoo kan sirna gadaa waliin walqabatee waggoota 3000 oliif uummanni Oromoo ayyaaneffachaa jiruudha.

Dhugeeffannaa Oromoo ganamaa kan uumamaan uumaa itti galateeffataniidha jedhu hayyoonni Oromoo

Baga ayaana irressa nagayaan geessan.

@ABDIIFIWALALOO

ABDII FI WALALOO✍️

02 Oct, 16:54


Walaloon kan kee dubartii anii qaaman argee hin beekne akka essa jirtus hin beekne wajjiin Jaalala naa qabsiisu eeda🙌
Jabaa Namaa Jabaadhuu🙌

#inbox na ergamee kessaa kan natti tole

ABDII FI WALALOO✍️

02 Oct, 13:22


Akakayuun ko dur Namonni bayyen hojii isaan dhisaani postii kee dubbisutti yeroo isaani fixu nan jedhee raaja ture.

Kunoo rajiin sun har'a sirratti rawwatee😏😁