ABDULHALIM ARABU - Official @tulu_dawo Channel on Telegram

ABDULHALIM ARABU - Official

@tulu_dawo


🌴🌴Maal barbaaddu?🌴🌴
😍walaloo adda addaa
😍seenessa
😍Qoosaa
😍gaaffii fi deebii
😍dorgommii
😍Seenaa dhugaa gaggabaaboo
😍Raajilee addunyaa irraa
😍nashiidaalee babbareedoo fi kaanis.

yaada,ilaalchaa fi gaafii qabdaniif
👉 @a_haliiiim

ABDULHALIM ARABU - Official (Afan Oromo)

ABDULHALIM ARABU - Official kanaleen Telegramii itti fufaa, kan addunyaa keessatti mal akka falmaa tahu, walumaagalatti ilmaan Oromoo fi Oromiyaan kan adda addaa qabamuu dha. Kan dhageefadhaan seera, qoosaa, gaaffii fi deebii, dorgommii, seenaa dhugaa gaggabaaboo, raajilee addunyaa irraa nashiidaalee babbareedoo fi kaanis garsiisuuf kaayyoo qabu dha. Kan ille, ilaalleewwan, fi gaafii qabdaniif yaadaa guddaa dha. Gidiraa Telegram kan ABDULHALIM ARABU - Official irratti odeeffannoo qaban hubachuu qophaa jira. Waan dhimma kan ABDULHALIM ARABU - Official ijaaruuf dhiisanii deemsa nuu barsiisuu qophii jiru. Dhugaan yeroo kanatti mirkanessuu fi maal goochuun hunduu karaa tokkootti adda hin baabamsiisuuf ta'uu qaba. Kunis akka hin dhagahu, ilaalchaa fi gaafiin qabduun qabsoo irratti hojjetanii gochuuf Telegram kan bilisoomsedha. Dhiibbaan Telegrami kan ABDULHALIM ARABU - Official irratti dhaga'uun, ilaalli kan ABDULHALIM ARABU - Official keessatti garaagarummaa guutu qabu dha. Kanaafuu, dhiibbaan kan ABDULHALIM ARABU - Official irratti dhiibbaan ittiin-annee gara Telegram tahu ta'uu akka hin dandeenye. Fiilmiin ABDULHALIM ARABU - Official kan adda addaatti guutuu osoo hin taane, toleefi dhugaa Oromiyaa keessatti qofa tokkohuun gadi-lakkisee, araaraa, fi kan guutuun gara ilaalchaa fi gaafii qabdu dha.

ABDULHALIM ARABU - Official

01 Jul, 14:42


Eebbifamtoonni ilmaan shanan gibee; bara kana muummee garaagaraatiin Yuunivarsitiilee garaagaraa irraa eebbifamtanu; baga gammaddan, baga firii dadhabbii keessanii argitan.

Alli akka keessaa ta'uu baatus abdii fi furmaanni biyyanaa isinuma eeggata. Kanaafuu qophii keessan kan durirra jabeessaa.

Congratulations!

Kanneen suuraa keessan argachuu dhabee hin maxxansin ammoo na ofkalchaa!

Abdulhaliim A.

ABDULHALIM ARABU - Official

15 Jun, 13:47


Dhiiraaf durbaan; xiqqaaf guddaan; biyya keessaaf biyyaan alaa; HUNDI keessan obboloonni Muslimaa martuu baga Rabbiin ayyaana iid al-adahaa kan bara 1445H dhaan iain ga'e: nu ga'e.

Inni "warra baranaa" nuun jedhe "warra egeree" nuun haa jedhu.

Eid-Mubarek!

ABDULHALIM ARABU - Official

29 May, 12:45


#Yaadannoo_seenaa.
Waggaa 571 dura.
Guyyaa akka har'aa may,29 sulxaan Muhammad al-faatih magaalaa seena qabeettii magaalaa istaanbuul/koonistaant-nooppil to'ate.

Seenaan barayyuu ni yaadata.

@tulu_dawo
@tulu_dawo
@tulu_dawo
👆👆👆👆 tuquun #join gochuu hin dagatinaa.

ABDULHALIM ARABU - Official

27 May, 09:23


"Biyyi koo BOXXOLLOOdha
BOXXOLLOOttan dhaladhe
Achumattan baradhe
achumattan guddadhe
Ammas achuman jiraadha"
jedhee osoon himadhee
BOXXOLLOOn biyya kootii?
Naan galleefan gaafadhe

Jarri gaara BARCACCOOf
Jarri goda BALLAKKOO
yoo dhufanii naan qixxee
qooddatan BOXXOLLOO koo

Anis akkuma jaraa
yoon keessummaa jedhame
Jarri bitee abboomnaan
yoon abbummaa sarbame
Biyya koo BOXXOLLOOrratti
BARCACCOOn yoon goollame
Maqaaf BOXXOLLAA'UUn koo
hiika maalii qabamee?

Akkuma BARCACCOO fi
BALLAKKOOf jara kaanii
Anis nan bita taanaan
maal garaagarummaanii?

Erga akkana ta'ee
wantin bulee hubadhe
eeyyen yoomuu hin mormu
BOXXOLLOOttan dhaladhe
Garuu anaaf biyyi koo
bakkan birriin bitadhe!

ABDULHALIM ARABU - Official

09 May, 17:40


Tokkummaa Muslimoota M/Jimmaa fi Naannoo isii!
**
   WAA
MICHA SEENA-QABEESSA
/////////////////////////////////////////////
Barattoota,Barsiisota,Hojjettootaa,Du'aatotaa fi Jiraattota M/Jimmaa dhiiraa fi dubartoota Maraaf.
=============================
Leenjii~ Mataduree~Raajii Saayinsawaa Qur'aana Kabajamaa fi Kompaaraatiivii (Scientific Miracles of the Holy Qur'an And religion comparative course)

Leenjistootaa akka Biyyaatti Beekamoo ta'an
>Ustaz Mohammed khadiri fi
>Ustaz Umar Roobee

Sanbata Xiqqaa iftaanii (Caamsaa 03/09/2016)
Waaree dura 2:30-6:00
Waaree booda 8:00-10:00
Bakka:- City View Hotel

Odeeffannoo Dabalataaf:
0941480065
0917931970
0917239959

ABDULHALIM ARABU - Official

03 May, 11:36


طاب يومكم; و بورك جمعتكم; و شفي مرضاكم; و نصر مجاهدكم.
سلام من إخوتكم الؤرميون لإخوتنا البطلان في فلسطين.

ABDULHALIM ARABU - Official

30 Apr, 11:31


"Haasaan Akka Qorichaati. Yoo Hanga Barbaachisuun Ta'e Ni Fayyada. Yoo Hamma Barbaadamuu Ol Ta'e Ammoo Miidhaa Qabaata"

Amr' Ibnul-Aas

ABDULHALIM ARABU - Official

25 Apr, 13:40


"Namoonni Hedduun Namoota Jaraaf Boo'anu Caalaa Namoota Jara Boossisanu Duukaa Boo'u"

ABDULHALIM ARABU - Official

22 Apr, 16:46


"Anaaf biyya jechuun seenaa kaleessaa osoo hin taane; eenyummaa har'aati."

Kun anaaf ilaalcha kooti. Keessan hin beeku. Garuu hanga dubbistee xumurtutti osoo maaliyyuu jechuu dhiiftee natti tola.

Anaaf biyya jechuun seenaa kaleessaa osoo hin taane eenyummaa har'aati.
Namoonni hedduun anuma dabalatee seenaa abbootii keenya kaleessaa; gootummaa,arjummaa,sab-boonummaa fi tokkummaa abbootii keenya kaleessaa himaa; kufaatii, dadhabina, dabeessummaa fi ofitti qaanfannaa keenya har'aa haguuguuf tattaaffanna.
Seenaa abbootii kaleessaatiin dhaadachuun yoo ofiifis bakka jarri turanirratti argaman; "nutis akkuma abbootii keenya kaleessaa...... akkas akkas goone." jedhanii dhaadachuuf bareeda. Malee har'a ofii gogaa saree uffannee isa kaleessa abbootiin keenya gogaa leencaa uffatan himna taanaan sirrii natti hin fakkaatu. Sababni isaas abbaan kee leenca ta'ee gogaa leencaa uffatus ati gogaa saree uffachuurraa hanga of hin baraarretti ati ammas sareedhuma.

Fakkeenyaaf biyyi tokko waggoota 100n dura jiraattonni biyyattii gootota,mootota, hayyoota,... yoo ta'an; yeroo sanatti biyyattiin "haadha goototaa, moototaa, hayyootaa,... "jedhamtee waamamuu dandeessi. Garuu har'arratti ilmaan biyyattii doofota, dabeessota, bitamtoota,... yoo ta'an; biyyattiin seenaadhuma isa kaleessaatiin har'as "haadha goototaa, hayyootaa, moototaa,..." jedhamtee waamamti osoo hin taane; ilmaan isii har'aatiin "haadha doofotaa, dabeessotaa, bitamtootaa,..." jedhamtee waamamti. Sababni isaas biyya jechuun seenaa kaleessaa osoo hin taane jiraattota har'aati. Kan kaleessaa lafa jala malee lafa irra hin jiru. Kan lafa jala jiru ammoo gabbina biyyaa fi biyyeetiif galtee ta'a malee eenyummaa biyyattii har'aa ta'uu hin danda'u.


Habiibii/Habiibtii hin gowwomin. Anuu bara danuun gowwomeetii.

ABDULHALIM ARABU - Official

12 Apr, 16:56


An sin jibbu sin jaalladha
Du'a kan keen iyyaafadha
Dhukkuba keen gaggaafadha
Caba keefan tarkaanfadha
Milkaa'uu kee nan qaanfadha
Maafan si jibba sin jaalladha

Dhufa kan keen gad ilaala
Gufaata keef nan utaala
Naasuu kan kee nan sufaala
Nagaa ta'uun kee na faala

Sin jaalladhaa na amani
Jarri si gorsan si sobani

Boqonnaa na dhowwa milkiin kee
Rakkataa na godha dilbiin kee

Rakkachuun kee naaf sooruma
Burjaajuun kee naaf tooruma
Sin jaalladha sittan himaa
Hin dhagahin haasaa namaa

Dhiphachuun kee naaf bal'isa
Rakkachuun kee naaf salphisa

Gubaan kan kee naaf qabbana
Boqonnaa kee nan hargana
Sin jaalladhaa beek namana

Dirqamuun kee anaaf fedha
Boo'ichi kee anaaf cidha
An sin jibbu sin jaaladha!

© Engr Abdulhalim Arabu



@tulu_dawo