SOLA BEDASA's post @solabedasaa Channel on Telegram

SOLA BEDASA's post

@solabedasaa


📢Mootuummaa Waaqayyoo Labsuuf
📢Waangeela Fayyinaa labsuuf
📢Beekumsa XINSAMMUU
🚫Siyaasaa Irraa Bilisa

Yaadaa kan naaf qabdan
Creator👉 @Solabedasa
kanaan na hordofaa

Mootuummaa Waaqayyoo Labsuuf (Amharic)

የተወሰደ የትምህርት አስተባባሪ መረጃ!
የ 'Mootuummaa Waaqayyoo Labsuuf' በተለያዩ የታወቀ ቦታ ለማወራ ባለአንድ አስተባባሪ መስኮች ከተወሰደ አንደኛው ቡጭት እንዲሁም ጠቀሜታ በቀላሉ እንዲፈልጉን ስለሚያሳክብ ነው::nnምሳሌ: 📢Mootuummaa Waaqayyoo Labsuufnnስለተለያዩ መረጃ: የ 'Mootuummaa Waaqayyoo Labsuuf' በቀለም ቦታ ነው በናቅናኦነ ሁሴን ይዞታል:: ከእንግዲህ በደንዝ አድራሻዎ ውስጥ የተለያዩ ቢትስቶችን ያሳያል፡፡nnማን? በመንገድ 'Mootuummaa Waaqayyoo Labsuuf' በተለያዩ የታወቀ ቦታ ሽልማት የሚሆኑትን እና ለማስፈልገት ብሔራዊ መረጃ አስተባባሪነት ባለ መረጃዎች ከተወሰደ አዲስ ኢትዮጵያ ሰዎች ምርጫ ላይ 'Mootuummaa Waaqayyoo Labsuuf' ሕግ ተጠቃሚነትን ተግባሩንም ማኖር ይችላል::nnለበለጠ የታወቀ ቦታ ምን? 'Mootuummaa Waaqayyoo Labsuuf' በማወራበር በወሲብ በኮንጎሎድ እና በቻሌን እንዲሁም በደንዝ እና በአንድነት ላይ በሕግ የተሰራ ባለ አስተባባሪ ምርጫ ለማጫናት ነው::nnእንዲሁም የቴሌግራም ቅኝት 'Mootuummaa Waaqayyoo Labsuuf' ስለሆነ የእናናቪዎች ሕግ ከነፃነቱ በስተጀርነት መመልከቱን ለማስተካከል እና በስለቱ ጎሳሌ ለማምጣት እንዲሆን ዜናዎችን ይጫኑ::nnተጨማሪ የ 'Mootuummaa Waaqayyoo Labsuuf' እና ለሌላ መረጃ የመጽሀፈ ታሪክዎች ዝግጁ በዲሽና በስሜት እንዲያገኛችበት እናወጣለን::nnእናመሰረተው በዚህ እባኮት ጥራት ላይ ማስተዘጋጀት እና ማሳረግ ከፍተኛ ሁኔታ መመገብ እና መብት መረጃዎችን ይኖራል፡፡

SOLA BEDASA's post

07 Jan, 17:12


Amanamummaan Maqaa barbaaddaniin isiniif hojjenna. Namoota biyya adda addaa jiraniif ergineerra.isinis ajajadhaa

Bakka jirtanittis siiif ergina.
Namoonni barbaaddan

Lakk Bilbilaa:
0919914169
Telegram https://t.me/solabedasaa irratti nu argachuu dandeessu
Karaa keessaa na dubbisuuf @solabedasa dhaan na dubbisaa

SOLA BEDASA's post

07 Jan, 06:09


Baga Guyyaa Yaadannoo Dhalachuu Gooftaa keenyaa, Fayyisaa keenyaa Yesus Kiristoosiin isin ga'e!
Ayyaana Gaarii🙏Isiniif haa ta'u 👋 jechaa Egaa kiristiyaanaaf guyyaan hunduu Ayyaana.Yerooma hundumaa yaadanna malee waggaatti altokko miti jechuuf jedheeni.
Seenaa baayyeerraa kan beeknu uumamatu uumaa ta'uuf yaalii gochaa ture.
Seenaa keessatti Mucaa dhalatee guddatee baratee...Mootii ta'u malee,Mootii mucaa ta'ee dhalatu Yesuusiin argine.
Dinqiin kana caalu hinjiru Uumaatu uumama ta'e!
Kunis kan ta'eef sababii mataasaatii qaba.Dhalli namaa Foon uffatee cubbuutti kufe.Ilmi waaqayyo Yesuus Foon uffatee cubbuuf seexana injifatee hiika/ toora jireenyaa nu barsiise.Akkasumas,Akka seeraatti Gatii cubbuutiif aarsaa ta'ee kan dhiyaatu Dhiiga,Tokkichi ilmi waaqayyo Gooftaan keenya Yesuus Kristoos Hoolaan mudaa hin qabne Foon uffatee fannoorratti fannifamuun Dhiiga coccobsaa anaf siif(Hunduma keenyaaf) Lubbuu isaa dabarsee kennee altokkicha barabaraaf akka ta'utti Furamuu, Dhiifamuu cubbuu nu argachiise.
Yesus Gooftaadha!

SOLA BEDASA's post

07 Jan, 06:08


Baga Guyyaa Yaadannoo Dhalachuu Gooftaa keenyaa, Fayyisaa keenyaa Yesus Kiristoosiin isin ga'e!
Ayyaana Gaarii🙏Isiniif haa ta'u 👋 jechaa Egaa kiristiyaanaaf guyyaan hunduu Ayyaana.Yerooma hundumaa yaadanna malee waggaatti altokko miti jechuuf jedheeni.
Seenaa baayyeerraa kan beeknu uumamatu uumaa ta'uuf yaalii gochaa ture.
Seenaa keessatti Mucaa dhalatee guddatee baratee...Mootii ta'u malee,Mootii mucaa ta'ee dhalatu Yesuusiin argine.
Dinqiin kana caalu hinjiru Uumaatu uumama ta'e!
Kunis kan ta'eef sababii mataasaatii qaba.Dhalli namaa Foon uffatee cubbuutti kufe.Ilmi waaqayyo Yesuus Foon uffatee cubbuuf seexana injifatee hiika/ toora jireenyaa nu barsiise.Akkasumas,Akka seeraatti Gatii cubbuutiif aarsaa ta'ee kan dhiyaatu Dhiiga,Tokkichi ilmi waaqayyo Gooftaan keenya Yesuus Kristoos Hoolaan mudaa hin qabne Foon uffatee fannoorratti fannifamuun Dhiiga coccobsaa anaf siif(Hunduma keenyaaf) Lubbuu isaa dabarsee kennee altokkicha barabaraaf akka ta'utti Furamuu, Dhiifamuu cubbuu nu argachiise.
Yesus Gooftaadha!

SOLA BEDASA's post

06 Jan, 08:10


Baga jala bultii Ayyaana Dhalachuu Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos nagaan geessan🎉

🎤🎤🎤Namoonni yeroo baayyee jechoota ittiin ayyaana dhalachuu ibsan qabu.Beekaniitu moo wallaalaniitu kan jedhu barsiisuuf :
Garaagarummaa jechoota “CHRISTMAS” fi “X-MASS” jedhan gidduu jiru .
Jecha “CHRISTMAS” jedhu fi jecha “X-MASS” jedhu gidduu garaagarummaan guddaan akka jiru beektuu?
Ayyaanni Qillee jechoota 2 walitti makuudha: “Kiristoos” fi “Gannii” .
Waggoota hedduu dura, osoo Kiristoos hin dhalatin dura, jaarraa 25 kan ture guyyaa warri ormaa Aarsaa waaqa tolfamaatiif itti ayyaaneffatan ture.
Booda bara 533 Dh.K.B Qosxanxinoos itti gaafatamaan Waldaa Roomaa yeroo sanaa garuu harra waldaa Kaatolikii Roomaa taate , guyyaa aarsaa warra ormaa irraa gara yaadannoo dhaloota Yesus Kiristoositti jijjiire. Guyyaa sana “WAlITTI QABAMA KIRISTOOS” jechuun “AKRISMAAS” jedhee waame.
1. KIRISTOOS Afaan Ibrootaatiin “Isa Dibame” ykn “Isa Filatame” jechuudha.
2. MAS afaan Giriikiitiin “Walgahii Namootaa Guddaa” jechuudha. Akkasitti Ayyaanni QULQULLUU hiikni isaa “Walga’a Kiristoos” jechuudha .
Sana booda jechi “X-MASS”, jedhu eessaa dhufe?
“Guyyaan walitti qabamuu Kiristoos” (MAASQAANykn Gannaan) addunyaa guutuutti beekamaa fi kabajamaa erga ta’ee booda, warri Waaqayyoon hin amanne fi mormitoonni Kiristoos, maqaa Kiristoos jedhu “X”n bakka buusuun, Kiristoos hin jiru jechuuf murtoo godhatan.
Hiika isaa jijjiire “X-MASS” jechuunis "Walgahiin Kiristoos hin jiru" jechuudha.
X ,jechuun yeroo baay’ee nama, wanta, sababa, maqaan isaa inni dhugaan hin beekamne ykn dhorkame ibsuuf itti fayyadamaniidha. Jechoota balleessuuf, excise fi haquuf kan gargaarudha. "X" "Kiristoos" "Isa Dibame" wajjin waan wal qabatu hin qabu. Maaloo Kiristoosiin "X" jechuun bakka hin buusin.
Akka Kiristaanaatti X-MAS ykn Happy Holiday kan akkasumaa gochuu barbaadu hin fayyadaminaa. Yeroo hunda “CHRISTMAS” fayyadamaa.
Mee namoota biroof illee nuuf himaa.
Dogoggora kana sirreessuuf akka na gargaartan nan fedha.
Isinan jaalladha....

Durri Kun kan mo'ichaati sagaleen kiraaraaf weedduu haa dhaga'amu...


https://t.me/+n8nZdY2wzoEzN2M0


Na quunnamuuf 👉 @Toliishaa

SOLA BEDASA's post

05 Jan, 17:58


MISIRAACHOO🎤🎤


Luq 2:10-11
¹⁰ Ergamichi garuu, "Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misraachoo gammachuu guddaa isinittan hima'o, kunis saba hundumaaf kan ta'uu dha. ¹¹ Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.

Misiraachoo yookiin sagalee misiraachoo jechuun maal jechuudha?

Misiraachoo jechuun waan kanaan dura dhaga'amee hinbeekne, dubbii haaraa fi nama gammachiisu namatti himamu jechuudha. Misiraachoon akkaataa itti himamu qaba. Nama itti himamus qaba. Misiraachoon biyya ilaallatu jalqaba bulchaa biyyaatti yookiin biyya sana keessatti nama dhageettii guddaa qaba jedhamee yaadamutti himama. Misiraachoon namoota gurguddaa ilaallatu namootuma gurguddaa sanatti himama. Misiraachoon nuuf dhufe garuu sanarraa addadha.

Misiraachoon guddichi nuti qabnu wangeela. Wangeelli sagalee misiraachooti. Sagaleen Misiraachoo inni wangeelli dubbatu immo kiristoos goofticha. Misiraachoon kun kan saba hundumaa biyya lafaa kanarra jiraataniiti. Kan adda isa godhu garuu iddo inni itti argamee fi namoota inni jalqaba itti dubbatameedha.

Misiraachoon guutummaa biyya lafaatiif dhufe kun mandara xiqqoo fi tuffatamtuu wanti gaariin keessaa ba'a jedhamee hin yaadamne keessatti argame. Isarrayyuu darbeemmoo namoota akka yaada namaatti wayitti hingallee fi dubbiin isaanii fudhatama hinqabne tiksootatti dubbatame. Saba sana keessatti tiksituun mana murtiillee yoo deeman ragaa ta'uu hindanda'an. Sababni isaa Jechi isaanii fudhatama hinqabu. Garuu misiraachoon guddaan kun jalqaba warra tuffatamoo fi qooda gaarii namootaa keessaa hinqabnetti dubbatame. Ergamaan yeroo isaanitti mul'ate akka isaan sodaatan argee; ''Hin sodaatinaa! Misiraachoo gammachuu guddaa isinittan hima, kunis saba hundumaaf kan ta'uudha'' isaaniin jedhe.

Guyyaan misiraachoo kun guyyaa waaqayyo uumamuu waaqaa fi lafaa dura murteessee kaa'e ture.
Gal 4:4-5
⁴ Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame. ⁵ Inni warra seera jala jiran furuudhaaf, nuyis ilmaan Waaqayyoo taanee akka guddifamnuuf kana godhe.
Karaa raajicha mikiyaas immoo mandara ishee xinnoodha jedhamte kana keessaa mootiin akka ba'u dubbatamee ture.
Mik 5:2 “Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israa'elin kan mo'u tokko si keessaa anaaf in ba'a; hundeen isa si keessaa ba'uuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti.”

Yesuus erga gara biyya lafaa kana dhufee gara namoota namni maqaa itti baasee isaanirraa goreetti goruu jaallate.
Mat 9:9-13
⁹ Yesus achii ka'ee utuu darbuu, nama Maatewos jedhamu tokko, utuu inni iddoo qaraxaa taa'uu argee, "Na duukaa bu'i!" jedheen. Maatewos yommus ka'ee, duukaa in bu'e. ¹⁰ Kana booddee immoo Yesus mana namichaatti maaddiitti taa'e; kunoos qaraxxoonnii fi warri akka seeraatti hin jiraanne baay'een dhufanii Yesusii fi bartoota isaa wajjin maaddiitti taa'an. ¹¹ Warri Fariisotaa garuu kana yommuu argan bartoota isaatiin, "Maaliif barsiisaan keessan warra qaraxxuudhaa fi warra akka seeraatti hin jiraannee wajjin nyaata?" jedhan. ¹² Yesus garuu kana yommuu dhaga'e, "Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee; ¹³ inni 'Gara-laafinan barbaada malee aarsaa miti' jedhu maalitti akka hiikamu dhaqaa baraa! Anoo warra gara-qajeelota waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe malee" jedhe.
 
Misiraachoon guddaan gara biyya lafaa dhufe kun egaa misiraachoo fayyina keenyaati. Yesuus inni nuuf dhalate kun fayyisaadha, oolchaadha, gargaaraadhas. Warra cubbamootas karaa du'aarraa deebisee gara jireenyaatti fiduudhaaf amanamaadha.


Hallelujah 🙌 Praise God 🙏

Durri Kun kan mo'ichaati sagaleen kiraaraaf weedduu haa dhaga'amu....

https://t.me/+n8nZdY2wzoEzN2M0

Na quunnamuuf 👉@Toliishaa

SOLA BEDASA's post

05 Jan, 16:58


''HIN GAABBU"(Jawaar Mohammad) pdf.

Warra iyyaafachaa turtaniif🙏
@dirreebarumsaa
@dirreebarumsaa

SOLA BEDASA's post

05 Jan, 09:33


🎄 CHRISTMAS CHALLENGE 🎄

🎄BAGA GEESSAN 🎄

Maatewoos 1:21
21 Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa ‘Yesus’ jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa” jedheen.

#Challenge_Badhaasa Qabu Isiniif Qopheessineerra!🚀🎄

🥰Kabajamoo Miseensota Keenyaa Ayyaana Yaadannoo Dhalachuu Gooftaa Keenyaa Sababeeffachuun #Dorgommii Badhaasa Qabu Isiniif Qopheessineerra!

Innis:-
🎄 Liinkii Chaanaalii Keenyaa Namoota 20 oliif Erguun Screen shot Gootanii Karaa INBOX nuuf Ergitu Namoota 20 Liinkii Ergitaniif Keessaa Namni 15 ol Chaanaalii Keenya JOIN Gochuu Qabu!. Namni Namoonni Baay'een Akka Chaanaalii Keenyatti Makaman Godhan Lama(2) Badhaafamoodha.

🎄 SCREENSHOT Karaa Kana naaf ergaa

Na quunnamuuf 👉@Toliishaa


https://t.me/+n8nZdY2wzoEzN2M0

SOLA BEDASA's post

05 Jan, 04:27


Anis Waan Amalakoo!

Namichatu osoo karaa deemaa jiruu ibidda boba'aa jiru arge ilaalee bira darbuuf jedhe. Ibidda boba’aa jiru kana keessatti bofa kufee bahuu dadhabee gubachuuf dhidhiitataa jiru arga. Namichis bofa kana deeggaree ibidda keessaa baasuuf tattaaffii taasisee harkuma isaatiin qabee baase.

Bofichi garuu harka namticha kana hidda.
Innis rifatee ofirraa yeroo darbatu bofichis ibiddatti deebi'ee kufe. Namichi ammas muka barbaadee bofa sana mukaan qabee ibidda keessaa baase.

Namni kun yeroo kana hundumaa raawwatu namni biroon dhaabatee waan kana taajjabaa ture. Namni kunis akkas jechuun gaafate,''Yaa namana Osoo bofti kun si iddee jiruu maaliif lubbuu isaa oolchuu barbaaddee?"jedhee gaafata. Innis deebisee "Nuti lachuu waanuma amala keenyaa agarsiisne, Bofti hidduu fi summii facaasuun amala isaa yoo ta'u, animmoo oolchuu fi gargaaruun amala kooti.

"Innis waan amalasaa anillee waan amala koo dalagne!"jedhe.

An amalakoo Nan jaalladha.Naaf mijateera!

Akka amalakoottan jiraadha.
Akka Akka Amala keenyaatti,

Durri Kun kan mo'ichaati sagaleen kiraaraaf weedduu ha dhaga'aamu...


https://t.me/+n8nZdY2wzoEzN2M0

Na quunnamuuf👉@Toliishaa

SOLA BEDASA's post

04 Jan, 19:36


Namoonni barbaaddan
Lakk Bilbilaa:
0919914169
0799578301
Telegram @solabedasa irratti nu argachuu dandeessu

Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha
Yesus Gooftaadha
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
.
.

AMEN!

SOLA BEDASA's post

04 Jan, 09:05


(Roomaa 5 )
------------
12 Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e.
13 Utuma seerichi hin kennamin iyyuu cubbuun biyya lafaa irra jira ture; garuu lafa seerri hin jirretti cubbuun hin lakkaa'amu.
14 Haa ta'u iyyuu malee, bara Addaamii jalqabee hamma bara Museetti duuni nama hundumaa irratti mo'e; warruma sanyii irra-daddarbaa Addaamiin hin yakkin irratti iyyuu mo'eera, Addaam fakkeenya isa dhufuuf jedhu sanaa ture'o.
15 Kennaan Waaqayyo tola kenne garuu, akka irra-daddarbaa sanaa miti. Namoonni baay'een irra-daddarbaa nama tokkootiin yoo du'an, ayyaanni Waaqayyoo fi kennaan tolaa inni isa irra guddaa caalu immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan namoota baay'eedhaaf in argama.
16 Wanti kennaan Waaqayyoo inni tolaa kun fidu immoo, akka isa cubbuun nama tokkoo fide sana miti. Irra-daddarbaa namicha tokkicha sanaa irratti firdiitu kenname; firdichis yakka kan muru ture. Irra-daddarbaa namoota baay'ee irratti garuu kennaa tolaatu kenname kennaan sunis qajeelummaatti kan geessu ture.
17 Irra-daddarbaa nama tokkootiin, sababii nama tokkicha sanaaf duuni erga mo'ee, warri qajeelummaa argatan immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan hammam guddaa caalchisanii jireenyatti haa mo'an ree! Isaan ayyaana Waaqayyoo fi kennaa tolaa hamma isaan irraa hafutti fudhataniiru.
18 Egaa akkuma irra daddarbuun nama tokkichaa nama hundumaatti yakka mursiise, qajeelchuun nama tokkoo immoo namoota hundumaa firdii qajeelummaa argachiisee in jiraachisa.
19 Akkuma abboomamuu diduu nama tokkootiin baay'een cubbamoota ta'an, abboomamuu nama tokkootiin immoo akkasuma baay'een qajeelota in ta'u.
20 Seerri irra-daddarbaa baay'isuudhaaf gidduu lixe; garuu lafa irra-daddarbuun baay'atetti immoo ayyaanni Waaqayyoo caalaatti baay'ate.
21 Akkuma cubbuun karaa du'aa mo'e, ayyaannis karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos gara jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf qajeelummaadhaan in mo'a.


Durri Kun kan mo'ichaati sagaleen kiraaraaf weedduu haa dhaga'amu....


https://t.me/+n8nZdY2wzoEzN2M0


Na quunnamuuf 👉@Toliishaa