Guyyuu, Barayyuu Ajjeechaa Suukaneessaa😭
Adaabbaa, Oromiyaa
Ajjeechaa suukaneessaan akkanaa Oromiyaa keessatti caasaa Mootummaa Itoophiyaa gubbaarra hamma gandaatti/araddaatti jiruun lammiilee nagaarratti godhamu kun itti fufa hammeenya sirnaati. Finfinnee (Eekkaa, Gullallee, Abichuu, Galaan, ...), Calanqo, Aanolee, ... , Oromiyaa!
Yakkoota suukanessoo humnoota mootummaatiin guyyuu raawwataman keessaa kan waraabamu ykn odeeffannoo guutuun argamu dhibba keessaa keessaa 1% hin gahu. Hangumti bahe kuni isa 99% hafe san calaqqisa.
Akaakuun mootummicha aangoorra jiruufi namni fiixerra jiru jijijjiiramus, ajjeechaawwan hammeenyaa lammiilee nagaarratti itti fufiinsaan raawwatamuun waan himu qaba. Hariiroo Itoophiyaafi biyya Oromoo; hariiroo Itoophiyaafi nama biyya Oromoo!
1. Akka biyyaatti hariiroo Impaayera Itoophiyaa yakkaan beekkamtuu fi biyya Oromoo, Oromiyaa ka hammeenyi Itoophiyummaa irratti jige jidduu jiru hima.
2. Akka sirnaatti hariiroo Sirna Eenyummaa Itoophiyaa fi Sirna Oromoo (Sirna Gadaa) agarsiisa.
3. Hariiroo seerafi sirna Itoophiyaa mooticharraa humnaan ummatarratti gadi fe'amuu fi Seeraf sirna Oromoo hunda hammataa Caffeerra burqu jidduu jiru calaqqisa.
4. Hariiroo Mootummaa Itoophiyaafi ijaarsota bilisummaa Oromiyaa jidduu jiru ibsa. (Oromoon mootummaa mataasaa hin qabu0 Kan amma Itoophiyaatti aangomee jiru kun, Mootummaa Paartii Bilxiginnaati, Araat-Kiiloo hamma Araddaatti)
5. Hariiroo ijaarsota hawaasummaafi ijaarsota dinagdee Xoophiyaa fi ijaarsota hawaasummaa Gadaa Oromoo jidduu jiru agarsiisa.
Gabaabumatti, gochoota, yakkaa, yakka waraanaa, yakka farra namoomaafi duguuginsa sanyii Itoophiyaatti raawwatamaan jiran kanarraa, Hariiroo Sabboonummaa Itoophiyummaa (ኢትዮጵያዊነት, ኢትዮጵያዊ ማንነት, Abyssinia, ኢትዮጵያዊ ዜግነት, ሀበሻነት, አማርኛዊት ኢትዮጵያ, Itoophiyummaa) fi Sabboonummaa Oromummaa (Gadaa, Abbaa Duulaafi Abbaa Bokkuu Qabu, Bilisummaa Oromummaa, Birmadummaa Oromiyaa) jidduu jiru maal akka fakkaatu hubanna.
Impaayerri Itoophiyaa hamma gara ripabilikaatti jijjiiramtee, biyya tahuu hin dandeenyetti, namuu garbicha taa'ee itti fufa malee lammii mirga guutuu qabu tahuu hin danda'u. Addunyaa tanarraa Impaayerri guutuutti dimokiraatayee 'ripbalikatti' of jijjiiruun, garbootasaa hunda gara lammii mirga guutuu qabutti jijjiire hin jiru. Tan eenyummaa ummattoota adda addaa balleessee gara eenyummaa tokkootti baqsee, ummata eenyummaa tokko qofa qabu dhalche garuu jira. Kun waan dur yaalamee gariin itti milkaa'anii (Faransaa faa), gariin (Impaayeroota gurguddoo seenatti beekkamanii badaniifi kan akka Yugoslaaviyaa fi Raashiyaa, faa dhiyeenyumma badan) ammoo fashalanii ittiin bittinnaa'ani.
Gabroomsaan warra gabroomfate san fedhiisaatiin gabrummuma ofiif irratti fe'e jalaa bilisa isaan baasu hin jiru. Gabroomsaan takkaawuu, sirna ykn biyya ykn garee ykn namuma tokkoyyuu tahuu mala. Impaayyerri, dhiigafi badiinsa ummattoota gabroomfatteetirra dhaabbatti. Dhiigni sun kan warra isa gabroome bilisa baasu tahuu oggaa dadhabu qallaba impaayeraa/gabroomsaa taheet nyaatamee dhuma. Akkuma warra Faransaa faa. Akkuma warra Reed Indiyaans Amaarikaaniirraa badanii, akkuma gurraachota Ardii Awustiraaliyaa.
Gabroomfattoonni, gaafa biyya guutuu sirraa fudhachuu mirkaneeffatanii, baay'ina keetis akka Waaliyaa, Niyaalaa, fi Jeedala Diimtuutti haphisan, mirga namtokkee (ye zeevinnet poletikaa, civic politics) luugama dhorkanii mirga garee ammoo lagachuudhaan dimokiraasii bashbash siif taasisu. Kan duraan mirga lammummaa si dhorkan sun, atin dur abbaa biyyichaa tahuu kee kan akeeku, ibsa maqaa 'First Citizen' jedhu siif maxxansanii ati nama duraati jechuudhaan sitti qoosu.
Rabbiyyuu hin godhu, Oromoonuu hin hayyamu malee akka warri kaan ardii Amaarikanii, Awustiraaliyaa fi bakkoota biroo keessatti tahan kana odoo nurratti gochuu dandeessee, jarri nu qabatte tun maquma 'First Citizen' jedhu sanuu waan kennitu miti.