waan jiraniif, bakka qaamni seera kabachiisu hin jirrettimmoo, dargagoota hojii dhabdummaa fi
abdii kutannaa keessatti gurmaa’anii jiraniif haala mijataa uumera. Sirni seera kabachiisu waan
hin jirreef, adabbii badii kanaan itti dhufurra maallaqni daragaggoonni kun argataan caalaa
dhufeera.
Rakkoo sirnaa akkasii kanaaf silaa tarkaanfiin sirreessaa fi madaalawaa tahe fudhatamuu male.
Mootummaan wal waraansa fi piroojektiiwwan dhimma hin baasneen qabamee jiruu akkasumas
mootummaan humnoota nageenyaa isaa naannolee biyyattii keessa facasee mormitoota
dhabamsiisurratti bobbaase, olaantummaa seeraa ni deebisa jedhamee hin eegamu. Warri biyya
bulchina jedhan, waamicha fakkeessaa maqaa nagaa’tiin harka kennadha jedhu bira darbanii
rakkoowwan siyaasaa fi nageenyaa furamuufiyyuu ulfaatoo tahaa jiran kanneen akka furaman yoo
kan barbaadan ta’e, dhimmoota sirnaa ijoorratti fuulleffatanii rakkoo hiikuuf murannoo qabaachuu
isaanii mul’isuu qabu.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Adoolessa 11, Bara 2024