Arsenaal ๐ฐ Wolviis
๐Dirree Emireetis
โฐSa'satii 12:00tti
โณ๏ธAbbaa Murtii - Piitar Baanks
โ๏ธ Oddeeffannoo garee Arsenaal
Timber, Parte, Smith fi Vera tapha ala ta'aniiru
โ๏ธOddeeffannoo Garee Wolviis
Gama Woolviistiin Daawsan miidhaan irra gahe irraa dandamachuun tapha kanaaf kan hirmaatu yoo ta'u, Goomeez fi Leeminaan ammoo tapha irraa kan dhorkaman yoo ta'u, taphataa sarara bitaa Faransaay Raayan Aayit-Nuurii sababa miidhaan tapha irraa kan hafe ta'uu ibsameera.
โ๏ธWalitti dhufeenya garee lamaanii
๐Arsenaal bara kana dorgommiiwwan Emireet keessatti taphatan hunda irratti hin mo'amne
๐Woolvis taphoota liigii 12 darban hunda irratti goolii galchuu danda'eera
๐Arsenaal liigii kana keessatti goolii 10 qofa lakkoofsisuun taphoota 6 irratti goolii kan hin galchine yoo ta'u, kunis kilaboota liigii hunda keessaa isa jalqabaa taasiseera.
๐Woolviis taphoota liigii 18 darban Arsenaal waliin taasisan hunda irratti goolii galchaniiru.
๐Arsenaal taphoota liigii 6n darban Muddee keessa injifateera
๐Woolviis taphoota liigii lamaan dirree isaanii irraa fagaatee mo'amaniiru
๐Gabri'eel Jeesus taphoota liigii 6 darban Woolviis waliin taphateen goolii 6 galcheera.
๐Wolves bara kana injifannoo 4 galmeesse hunduu garaagarummaa goolii 1n galcheera
Woolvis taphoota 23 darban dirree alaatti liigii taphateen goolii 22 lakkoofsiseera.
๐Taphoota liigii 13 darbaniin Arsenaal qabxii 30 walitti qabuun dursaa liigii yoo ta'u, Woolvis qabxii 15n sadarkaa 12ffaa irratti argama.
Taphichi Arsenaal 2 fi 0n injifachuun akka xumuramu Gaazexaan BBC Kiriis Seetoon tilmaameera.
.
๐ Carraa Gaarii ๐๐
Share
@NEW_ORO_ARSENAl