Haasaa Jireenyaa @haasaajireenyaa Channel on Telegram

Haasaa Jireenyaa

@haasaajireenyaa


Of haaromsuu
Of jallachuu
Kaka'umsa
Karaa sirri irra deemuu

https://youtube.com/@galaajireenyaa

Waaliin karaa kana haa deemnu

Haasaa Jireenyaa (Oromo)

Haasaa Jireenyaa is a vibrant and engaging Telegram channel that focuses on Oromo culture, music, and entertainment. With the username 'haasaajireenyaa', this channel offers a variety of content including music videos, cultural insights, and entertaining posts to keep its audience entertained and informed. Whether you are interested in learning more about Oromo traditions, discovering new music, or simply looking for some fun content to brighten your day, Haasaa Jireenyaa has something for everyone. The channel also provides links to their YouTube channel where you can access even more content. Don't miss out on the opportunity to immerse yourself in the rich culture and entertainment that Haasaa Jireenyaa has to offer. Join the channel today and start exploring the world of Oromo music and culture! Waaliin karaa kana haa deemnu.

Haasaa Jireenyaa

21 Jan, 17:52


📲 Bilbila armaan gadii irratti cuqaasuun waan siif bahu ilaali!
    ╭━━━━━━━╮
    ┃   ● ══  ▪️      
    ┃███████┃
    ┃███████┃
    ┃███████┃
    ┃███████┃
    ┃███████┃
    ┃███████┃
    ┃███████
    ┃███████┃
    ┃███████┃
    ┃        🔘       ┃   
    ╰━━━━━━━
🎓️Hojiiwwan akka kanaa agartanii hin beektan aritiiidhaan seena

👊 𝑤𝑎𝑣𝑒𝑟 @tamisha11

Haasaa Jireenyaa

19 Jan, 18:47


Qubee maqaan keessan ittiin eegalu irratti gadi tuquudhaan 🍫 Affeerraa isiniif qophaa'e argadhaa!

🫧🄰🫧      🫧🄱🫧       🫧🄲🫧

🫧🄳🫧       🫧🄴🫧       🫧🄵🫧

🫧🄶🫧       🫧🄷🫧        🫧🄸🫧

🫧🄹🫧       🫧🄺🫧      🫧🄻🫧

🫧🄼🫧       🫧🄽🫧       🫧🄾🫧

🫧🄿🫧       🫧🅀🫧       🫧🅁🫧

🫧🅂🫧       🫧🅃🫧       🫧🅄🫧

🫧🅅🫧       🫧🅆🫧       🫧🅇🫧
      
           🫧🅈🫧      🫧🅉🫧

Affeerraa Gaarii 🌄

👊𝐰𝐚𝐯𝐞𝐫 @tamisha11

Haasaa Jireenyaa

08 Jan, 19:56


Nama hiyyeessa fuulduratti hangam dureessa akka taate hin dubbatin.

Nama gadde fuulduratti hammam akka gammadde hin dubbatin.

Nama dhukkubsate fuulduratti hammam fayyaa akka qabdu hin dubbatin.

Nama yeroo rakkisaa keessa darbaa jiru fuulduratti jireenyi kee hammam nama ajaa'ibsiisaa akka ta'e hin dubbatin.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

07 Jan, 14:06


Ayyaana Gaarii

Merry Christmas

Haasaa Jireenyaa

24 Dec, 16:07


Akka dhiiraatti
Jireenya maallaqaa kee akka waan guddaatti fudhadhu.
Maallaqa guddaa argadhu. Addunyaan hiyyeessa irratti baayyee gara jabeettidha.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

23 Dec, 19:40


Ilma jaallatamaanan.

Dubartii heerumte waliin gonkumaa hin rafiin.

Gonkumaa namoota wajjin hojjettu wajjin hin rafiin.

Gonkumaa nama hiriyyaa kee duraanii wajjin hin rafiin.

Gonkumaa haadha 'Single' waliin hin rafiin.

Gonkumaa jaalallee obboleessa keetii wajjin hin rafiin.

Dubartii umuriin kee caaltu waliin gonkumaa hin rafiin.

Dubartii hin amanne waliin gonkumaa hin rafiin.


@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

22 Dec, 12:27


Sababa moo Bu'aa?

Lamaanuu qabaachuu hin dandeessu.
Yeroo “Boru nan godha” jettu hunda abjuu kee daran dhiibaa jirta.
Jajjabina irra naamusa filadhu, jireenyi kee akkamitti akka jijjiiramus ilaali.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

21 Dec, 11:20


Jireenyi salphaa miti. Guyyoota tokko tokko akka waan ulfaatinni addunyaa gateetti kee irra jiruutti sitti dhaga’ama, lola ati loltu namni tokkollee hin argu. Garuu dhugaan jiru kunooti: ati waan yaaddu caalaa cimaadha.

Imimmaan hundi, shakkiin hundi, duubatti deebi'iinsi hundi nama hin cabne godhee si bocaa jira.

Guyyoota kee isa rakkisoo ta’an irraa hafteetta, kanas ni dandamatta. Abdii hin kutin. Yoo barbaachise boqodhu, garuu gara fuulduraatti tarkaanfachuu hin dhiisin.

Boqonnaan ati hawwitu kan ati hubattu caalaa dhiyoodha. Cichi. Seenaan kee ammallee hin xumuramne. 🎚

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

15 Dec, 05:52


Mee kana yaadi: siree du’aa kee irra ciiftee jirta, si’i inni dargaggeessa ta’es si duratti mul’ata. Ija abdii qabuun si ilaalanii, “Maal taane? Waan abjoonne hunda hojjenne?” Akkasumas dhugaadhaan deebii isaaniif kennuu qabda, “Lakki, hin kennine. Garmalee sodaadheera, yaadni koo garmalee hiramee turee , garmalee dadhabeen ture. ‘Boru’ jedheen itti fufe, boru garuu gonkumaa hin dhufne.”

Amma fuulli isaanii akka gadduun, abdiin isaanii akka caccabu mee yaadi. Isaanis ni badu, ulfaatina osoon akkas ta'uu danda’uu jedhuun kophaa si dhiisu. Addunyaan ni tarkaanfatti, gaabbiin garuu bara baraan si biratti hafa. Carraan qisaasamame hundi, kennaa hin fayyadamne hundi, abjuun hin jiraanne hundi—si waliin du’a.

Sun amma akka hojjettu si hin taasisu taanaan wanti tokkollee hin jiru.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

07 Dec, 09:53


Bu’aa ba’ii hunda duuba halkan gara galgalaa, yaaliin fashalaa’ee fi shakkiidha guutame ni jira.

Nama kamiifuu salphaa miti, garuu warri miira namti hin tolle sana keessa dhiiban ni mo’atu.

Hundi keenya nama. Qabsoon qaama adeemsa kanaati. Itti fufi.🥇

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

07 Dec, 09:50


Torban darbee annisaa kee sirraa fixee ta'a, garuu dhumni torbee humnaa fi kaayyoo kee deebiftee guutuuf carraa keeti. Boqodhu, garuu kaayyoo kee hin dhabin.

Sammuu, qaamaa fi hafuura kee kunuunsi—cimitii deebi’i.

Dhuma torbee guddinaaf bakka qophii keetitii.🔋

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

01 Dec, 12:22


Milkaa’inni waa’ee yeroo guddaa tokkoo miti-walitti qabama tattaaffii wal irraa hin cinne, yeroo wajjin taasifamuudha.
Guyyaa hunda jiraa jedhi, yeroo rakkisaa ta’ettillee.
Amaloota galma keetti si dhiheessan ijaari. Injifannoo xixiqqoo kabaju—isaan tarkaanfii guddummaati.
Tattaafiin sochii uuma, sochiin immoo dinqii uuma.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

30 Nov, 19:22


Hanga ati milkooftutti sitti hin amanan, kunis gaariidha.

Bu'aan kee dubbii kee caalaa haa dubbatu.
Xiyyeeffannoo, hojjechun, akka ilaalan godhi.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

29 Nov, 06:12


Abjuu warri qaban ni dubbatu, warri raawwachuu jallatan ni hojjetu. Garaagarummaan siifi jireenya ati barbaaddu gidduu jiru carraaqqii wal irraa hin cinne fi boqonnaa hin qabne qofa.

Booda osoo hin taane amma jalqabi.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

16 Nov, 20:30


Itti gaafatamummaa fudhadhu

Dhugaadha, ati yeroo ammaa kana bu’aa filannoo fi murtoo kee qofa osoo hin taane, bu’aa warra keetii ti. Haa ta'u malee, ijoollummaan dhumeera, jijjiiramuu hin danda'u. Kana jechuun warra komatamu barbaaduu osoo hin taane, itti gaafatamummaa jireenya keetii harka kee keessa galchuu qabda. Kan darbee fi haalli tokko tokko kan to’annaa kee ol ta’e jijjiiramuu akka hin dandeenye hubadhu fudhadhu. Haala kanaan ofii keetii wajjin wal loluu ni dhiifta, akkasumas haala salphaan, of eeggannoodhaan gara ofii keetii jijjiiramuu jalqabuu dandeessa. Hundaafuu waldhabdeen keessoo rakkoo hin furu.


@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

08 Nov, 04:19


"Har’a gatii kee irratti jabaa ta'i. Akkaataa addunyaan itti si ilaaltu ulaagaa kaa’atta, kanaaf yeroo kee eegi, nagaa keetiif iddoo guddaa kenni, kaayyoodhaan deemi. Humna ati hubattu caalaa qabda—itti fayyadami."

⚡️⚡️
@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

05 Nov, 06:41


Sodaa irra amantii filadhu. Yaada kee kallattii gaariitti jijjiiri. Yaaduun yoo sitti ulfaatellee wanti hundinuu siif walsimaa akka jiru amani. Wantoota hedduunis karaake tahuu ni eegalu. Amantiin kee waan hunda jijjiiruu danda'a. Yaadni gaariin gammachuu, milkaa'ina fi jaalalaaf maagneetii si taasisa.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

01 Nov, 03:33


Akkam bulte!
Dogoggorri hundi barumsa dha, barumsi hundi bakka ati ta’uu barbaaddutti si dhiheessa. Duubatti deebi’uu keetif of hin ceepha'in; irraa baradhu gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufi. Har’a carraa waan baratte hojiirra oolchuu fi daran fooyya’aa hojjechuuf itti fayyadami.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

19 Oct, 18:11


Jireenyi si kuffisa, garuu gaaffiin dhugaa: saffisa akkamiin deebitee kaata? Iddo kufte turuun salphaadha, garuu jireenya keessatti kan mo’atan warra deebi’anii ka’anii, daran cimoodha. Kufaatiin tokko akka si ibsu hin godhin. Duubatti deebi'i, irra deebi'ii gurmaa'i, gara fuulduraatti tarkaanfadhu.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

14 Oct, 04:33


"Wiixata Ganama—Jalqaba Haaraa, Torban Eebbifamaa".

Hirribaa dammaqee kayyoo koo irratti xiyyeeffannaa qabaachuu kootti nan galateeffadha. Wiixtani jalqaba torbe qofa miti— waantota akka raawwataman gochuuf carraa haaraa dha. Akka waan salphaatti hin fudhadhu. Har’a ciminaan hojjechuu, xiyyeeffannaa keessa turuu, fi eebba fuuldura koo jiru dinqisiifachuudha. Torban kana kan faayidaa qabu haa goonu!

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

10 Oct, 10:32


Kayyoof dhiisuun adabbii miti.
Adabbiin guddina dha.

Hojiin cimaan ba'aa miti.
Hojiin cimaan riqicha.

Kufaatiin duubatti deebi'uu miti.
Kufaatiin barumsa.

Riiskiin of eeggannoo dhabuu miti.
Riskiin barbaachisaadha.

Obsi dadhabina miti.
Obsi humna.


Kophummaa jechuun kophummaa miti.
Kophummaa jechuun of argachuudha.

Dandeettiin dandamachuun filannoo miti.
Dandeettiin dandamachuu barbaachisaa dha.

Mul'anni abjuu qofa miti.
Mul'anni kallattiidha.

Wareegamni kasaaraa miti.
Wareegamni invastimantii dha.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

09 Oct, 16:47


Maallaqa qofa miti—maatiin koo waanan ijaaraa jiruun akka boonan nan barbaada. Tarkaanfiin hundi, injifannoon hundi isaaniif dha. Jireenya isaaniif malu kennuu nan barbaada, akka natti amanan beekuun immoo akkan itti fufu na taasisa. Yeroo tokko tokko rakkisaadha, garuu kolfa isaanii yeroon argu, hunduu gatii akka qabu nan beeka.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

08 Oct, 17:07


"Hin dadhabdee? Gaarii dha, Itti fufi".

Dadhabbii jechuun daangaa kee dhiibaa jirta jechuudha. Garuu amma harka kennachuun? Sun namoota dadhaboofi. Yeroo cimaa ta’utti dhiisuuf hanga kana hin dhufne. Yoo barbaachise boqodhu, garuu gonkumaa hin dhaabbatin. Milkaa’inni warra dadhabeef miti—warra hin boqonneefidha. Dhukkubbii keessa dhiibi, dadhabbiin boba'aa kee haa ta'u malee sababa kee hin ta'in.


@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

01 Oct, 09:31


Smile 😊

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

30 Sep, 20:56


Halkan Gaarii.

Waan nuu goote hundaaf galatakee yaa rabbii.

Abjuu har'aa kana bor hojiitti jijjiirii.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

30 Sep, 19:16


Ati qofti dhamaati kana keessa hin jirtu obbolee.
Anis as si waliin jira, akkuma keen cimsee dhiibaa jira.
Lamaan keenyafiyyuu namni biraa akka nuuf hin goone ni beekna.
Ati abjuu qabda, anis abjuu qaba, hanga achi geenyutti hin dhaabbannu.
Garuu kana hubadhu: akkasitti guddanna waan ta’eef wal dhiibna. Yoo gufatte sin kaasa.
Yoon kufe atis akkasuma akka gootu nan eega.
Waliin kaana, waliinis injifanna-garuu akka jireenyi kee irratti hundaa’etti yoo dhamaatiikee itti fufte qofadha.

Ani duubaakee siif jira, yeroo hunda.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

30 Sep, 18:22


Har’a waan dandeessu hunda gooteetta, sun waan galateeffamuu qabudha. Ofiin boonuu qabda, dhugaadha. Boru guyyaa biraadha ammas carraaqqii kee hunda itti kenni Gonkumaa of hin shakkiin, dandeettii olaanaa qabda.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

28 Sep, 06:59


Aaddunyaan guutuun akka si argituuf gaara hin yaabbatin, addunyaa guutuu arguuf gaara yaabbadhu malee.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

23 Sep, 20:44


Gonkumaa dhiphina kee kaleessaa yaadde gammachuu kee har'a hin dhabin 😊

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

22 Sep, 16:41


Yeroo namni tokko qarshii siif liqeessuu..

Qusannoo isaanii, maallaqa balaa tasaa fi galii ciminaan argatan irraa akka ta'e yaadadhaa. Guddaas ta'e xiqqoo yoo amananii si liqeessan, osoo hin gaafatamin deebisi. Waa'ee eenyummaa keetii baay'ee dubbata.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

22 Sep, 16:32


Dhiphinni nama ta’uu keessatti waan hin oolle ta’us, akkaataa itti deebii itti kennitu gammachuu fi fayyaa kee irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a. Namoonni dandamachuu danda’an qormaataf furmaata argachuuf haala gaariin kan carraaqan yoo ta’u, kunis rakkina mo’uuf salphaa ta’a. Amala miidhaa geessisu fayyadamuu dhiisanii tooftaa dandamachuu fayya qabeessa ta’etti fayyadamuuf carraan isaanii guddaadha. Malli kun ilaalcha gaarii qabaachuuf gargaara, miira yaaddoo fi dhiphina sammuu hir’isa.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

19 Sep, 13:20


Osoo ati ofittillee hin amanin maaliif namoonni biroo natti amanu jettee eegda?
Ofitti amanamummaan kennaa siif kenname miti; waan ati ijaartudha.
Kanaaf of shakkuu dhiisi. Sodaan akka si laamshessu hin godhin.
Kaayyoo kee galmaan ga'uuf waan si barbaachisu hunda qabda. Namni karaa kee dhaabbatu si qofa.
Mataa kee keessaa ba’ii, hojiitti seenii, ofitti amanamummaa sana hojii cimaa fi ciminaan ijaaruu jalqabi.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

19 Sep, 11:06


Jecha tokkollee dubbachuun si hin barbaachisu—argamuun kee ofumaa dubbata. Akkaataan of itti ilaaltu, akkaataan itti adeemtu, sun humna kee dha.
Dhiironni dadhaboon salphaatti harka keennu.
Dhiironni ciccimoon dandamachuun dhaabatu .
Ofitti amanamummaa, naamusaa fi callisuun enyummaa kee ijaari.
Jecha tokko osoo hin dubbatiin humni kee kabaja sif haa kennu.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

17 Sep, 17:47


Namoota dogoggoraa amanuun waan hojjette hunda balleessuu danda’a.
Milkaa’ina ari’aa jirta yoo ta’e, namni hundi gartuu kee akka hin taane yaadadhu. Eenyu akka naannoo kee keessatti galchitu of eeggannoo godhi.
Namni dhuguma dugda kee qabu SI'I qofa dha.

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

16 Sep, 08:02


Ammas Wiixatni dhufeera. Yookaan waa'ee kanaa boo'uu ykn to'achuu dandeessa.

Ka'i guyyaa kee kana abbummaan qabaadhu!
💪 Sababa hin qabu, karaa gabaabaa hin qabu.
Jalqaba torban kee waan warri kaan hin hojjenne hojjechuudhaan ciminaan jalqabi-hojii keessa galchi, galma kee kaa’i, xumuuri.
Jireenya ati barbaaddu? Naamusaa fi gocha waliin jira.
Mee haa argannu! 👊🔥

@haasaajireenyaa

Haasaa Jireenyaa

14 Sep, 12:36


Zimbaabuwee keessatti osoo saamicha baankii irratti raawwataa jiruu, saamtuun baankii kun nama baankii keessa jiru hundaan: "Hin socho'inaa. Maallaqni kan Mootummaati. Jireenyi kee kan kee ti." jedhee akeekachise.

Namoonni baankii keessa jiran hundi callisanii ciisan. Kunis "Mind Changing Concept (Yaada Sammuu Jijjiiru) " jedhama, Akkaataa yaada barame jijjiiruu.

Giiftiin tokko haala miira nama kakaasuun minjaala irra yeroo ciiftu saamtuun sun: "Maaloo qaroomi! Kun saamicha malee gudeeddii miti!" jedheen.

Kunis "Being Professional (Ogeessa Ta'uu)" jedhama. Waan leenjifamte qofa irratti xiyyeeffadhu!

Saamtonni baankii yeroo gara manaatti deebi'an saamtuun quxisuun saamtuu isa angafaan "Obboleessa guddaa, maallaqa meeqa akka arganne haa lakkoofnu" jedhe.

Saamtuun angafaa akkana jedhe: "Ati baay'ee gowwaadha."

Maallaqni baay'ee waan ta'eef lakkaa'uuf yeroo dheeraa nutti fudhata. Halkan kana oduun TV hangam akka baankii saamne nutti hima!"

Kunis "Experience (Muuxannoo)" jedhama. Yeroo ammaa kana gahumsa waraqaa caalaa muuxannoon barbaachisaadha!

Saamtonni erga deemanii booda hogganaan baankii kun supparvaayizara baankii sanatti dafee poolisiitti akka bilbilu itti hime. Garuu supparvaayizarichi: "Turii altakka! Doolaara miiliyoona 10 baankii keessaa ofii keenyaaf baafannee, doolaara miliyoona 70 kan kanaan dura baankii irraa saamne sanatti daballa" jedheen.

Kunis "Swim with the tide (Dambalii wajjin sochoo'i) " jedhama. Haala mijataa hin taane gara faayidaa keessaniitti jijjiiruu!

Suppervaayizarichi akkas jedha: "Ji'a ji'aan saamichi yoo jiraate gaarii ta'a."

Kunis "Killing Boredom (Nuffi Ajjeesuu)" jedhama. Hojii kee caalaa Gammachuun Dhuunfaa barbaachisaa dha.

Guyyaa itti aanutti oduun TV akka gabaasetti doolaarri miiliyoona 100 baankii irraa fudhatame.

Saamtonni irra deddeebi'anii lakkaa'anii lakkaa'anii, garuu doolaara miiliyoona 20 qofa kan isaan argatan. Saamtonni kun baayyee aaranii akkas jedhanii komatan: "Lubbuu keenya balaaf saaxillee doolaara miiliyoona 20 qofa fudhanne. Hogganaan baankii doolaara miiliyoona 80 fudhate . Hattuu ta'uu caalaa barachuun wayya fakkaata!" jedhe.

Kunis "Knowledge is worth as much as gold! (Beekkumsi hamma warqee gatii qaba!)"

Haala kana hunda booddee Hogganaan baankii fi supparvaayizarri hundi isaanii kolfaa fi gammadaa jiru!!

Credit: Mandara Linkedin Irra

@haasaajireenyaa