Gadaa Post @gadapost1 Channel on Telegram

Gadaa Post

@gadapost1


https://t.me/joinchat/T5Gz0apf3sRdaF_i
💯Odeeffanno haala yeroo ho'aa ta'ee fi dhugaa qofa irratti kan hundaa'eedha.
🔀Chaanaala kanatti dabalamaa.
😲Karaa #Bot keenyaa nuqunnamaa @gedapostBot

Gadaa Post (Amharic)

ጋዳ ፖስት ከመለያ ማውረድ ይችላሉ: ይህ ከተመለከተው ጽሁፍ ውጤት ጋር የተሌፉ ዝምታዎችን እና መለኮትን በጊዜ ስለሚያዩ ሁኔታዎችን ይከታተሉ: እርስዎ ለማዳን በመጀመሪያ የሚከታተሉትን አዝናኝ ዋጋዎች እና ለማስፈራራት በትክክለኛ የቤተሰብ ስህተት አዘጋጅነው: የሚቀጠለውን ፋይል የተዘጋፊው በዚህ ቻናል ያግኙ፡ #ጋዳ_ፖስት በአፕላይን ቀጥሎ እና 100% ምርት ግንባታን ግባ ተከተለው፡ በዚህ ከክፈት የሚኖር ሺህ በቀጣሪነት ማሰታወቂያ ሰራተኛ አለበት፡ @gadapost1 በመሆን ይህ ቦታ ለሁሉም የአማርኛ ቋንቋ ተዘናጭቷል።

Gadaa Post

20 Feb, 16:27


"Barattoota 150,000'f onlaayiniin qormaata kennuuf qophiin taasifamaa jira":- Ministeera Barnoota

Barattoota kutaa 12ffaa kuma 100 fi kuma 50’f oonlaayiniin qormaata akka fudhataniif qophiin taasifamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksisee jira.

Kitaabonni barnoota sadarkaa 2ffaa tokkon tokkotti walgeessu eeruun, kitaabota sadarkaa g/g fi 1ffaa garuu tokkon tokkoon kan walhin geenne ta'eef naannoleen xiyyeeffannoon akka hojjatan jedhaniiru.

Walumaagalatti damee barnoota kanatti hojii milkaa'inna dalaguuf hojii waliinii dalagutu barbaachisa jedhaniiru.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

14 Feb, 19:37


"Itiyoophiyaan Suudaaniif deeggarsa namoomaa doolaraa miliyoona 15  taasifte":– Dooktar Abiy Ahimad

Itiyoophiyaan Nageenyaa fi tasgabbii Sudaaniif tumsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Yaa’iin deeggarsa namoomaa Uummata Sudaaniif dhiyeessuurratti xiyyeeffate Magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Yaa’ichi gaga’ama Sudaan dhaabuu, keessattuu wayita sooma Ramadaanaa kana waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasiifamuun deeggarsi namoomaa Ummata Suudaaniif akka dhiyaatu dandeessisuuf taa’amaa jiraachuu eerameera.

Itiyoophiyaa fi Sudaan biyyoota ollaa qofa osoo hin taane biyyoota hidhata cimaa qaban ta’uu Dooktar Abiy Ahimad eeruun deeggarsa namoomaa Ummata Sudaaniif kan oolu doolaara miiliyoona 15 tumsa taasisuu himaniiru.

Emireetoonni Araba Gamtoomaniis Doolaara miiliyoona 200 deeggarsa taasifteerti.

Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomaa Antooniyoo Guutareez, Sudaanitti nageenya waaressuuf tattaaffii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad taasiisan galateeffataniiru.

Yeroo ammaa Ummanni Sudaan %64 deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta’uu eerameera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

06 Feb, 14:27


Saala jijjiirtonni ispoortii dubartootaa irratti hin hirmaatan:- Tiraamp

Pirezidantiin US, Doonaaldi Tiraampi namoonni saala isaanii jijjiirrachuun dubartii tahan akka dorgommii ispoortii dubartootaa keessatti hin hirmaanneef aangoo pirezidantummaa isaanii fayyadamuun mallatteessan.

Ajajni pirezidantichi dabarse qajeelfama, danbii fi hiikaa seeraa qaba. Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa seera kana hin kabajne akka qoratuuf ajajni darbeera.

Rippaabilkaanonni kun ispoortii keessatti haqii fi wal qixxummaan akka jiraatuufidha jedhu.

Garuu jaarmiyaaleen mirga jaalattoota saala wal fakkaatoof falman murtoo kana qoollifannaa jechuun balaaleffatan.

Murtoon kun atattamaan kan hojiirra oolu yoo tahu, irra caalaa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa, yuunvarsiitiiwwanii fi dorgommii ispoortii kaanis ilaallata.

Jaarmiyaalee gurguddoon ispoortii akka atileetiksii, golfii fi bishaan daakaa hogganan durumaanuu sadarkaa dorgommii ga'eessotaatti namoota saala jijjiirrachuun dubartii tahan dorgommii ispoortii dubartootaa keessaa haqaniiru.

Murtoo Tiraampi amma dabarse ministeerri barnootaa biyyattii manneetii barnootaa seera kana cabsan akka qoratuu fi hordofuuf inumaayyuu aangoo caalu kenneeraaf. #BBC

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

05 Feb, 13:32


"Finfinnee irraa ka'uun daandiiwwan saffisaa afur ijaaruuf qoratamaa jiru " Bulchiinsa Dandiiwwan Itoophiyaa

Daandiiwwan saffisaa haaraa afur Finfinnee irraa gara kutaalee biyyaatti  garaagaraatii bahan ijaaruuf qorannoo gaggeessaa jiraachuu Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa beeksise.

Daandiiwwan saffisaa qoratamaa jiranis:-

👉 Daandii Finfinnee- Jimma geessu,
👉 Daandii Finfinnee- Dassee gessuu,
👉 Daandii Finfinnee - Dabra Maarqoos gessuu fi
👉 Daandii Finfinnee -Naqamtee geessu ijaaruuf karoorfamuun ibsameera.

Haala qorannichaan pirojektoonni daandii kunneen g/g dheerina kiiloo meetira 300 kan qabaatan yoo ta’u, hojiin isaaniis marsaa garaagaraatti qoodamee kan hojjetamu ta'uun ibsameera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

22 Jan, 16:16


"Yoo xiqqaate lammiilen Itoophiyaa 20 du'an":-IOM

Bidiruun Jibutiirraa godaantoota feetee gara Yamanitti imaltu dhidhimuu hordofee lammileen Itoophiyaa 20 du'uu Dhaabbanni Godaansa Addunyaa (IOM) beeksise.

Bidiruun godaantoota feete kun Sambata darbe gargaluun lammilee Itoophiyaa- dubartoota 9 fi dhiiroota 11 du'aniiru.

Dhaabbanni IOM akka ibsetti, bidiruu lammileen Itoophiyaa 35 feete kana kaapteenii lammii Yaman oofaa kan ture yoo ta'u, bakka Al- Hajjaa jedhamutti erga dhiyaatani booda bidiruun dhidhime.

Lammileen Itoophiyaa 15 fi lammileen Yaman bidiruu sana hoofaa turan lama lubbuun oolaniiru.

IOM akka jedhutti, sababa bubbee hamaatiin bidiruun Jibutii, kaate kun dhidhimuu hin oolle jedhe.

Dhaabbatichatti hogganaan damee Yaman Abdusattor Isoyiv, taatee gaddisiisan kun godaantonni jiruu fooyyee barbaacha ''haala hamaa keessa darban nu yaadachisa'' jedhan.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

21 Jan, 10:27


"Hijaaballe ni uffatti barnoota ishees ni baratti" - Hiriirtota

Manni maree dhimmoota Islaama Tigraay dhorgaa hijaabaa waliin wal qabatee murteen mana murtii fi biiroo barnootaa hojirra akka oolu gaafachuu hiriira nagaa adeemsisaa jiru.

Hiriira nagaa dhaadannoo "Hijaaballe ni uffatti barnoota ishees ni baratti" jedhuun manni marichaa waame irratti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman argamaniiru.

Hiriirtonni kunis dhaadannoo:

- Barattoonni Musliimaa dubaraa gara kutaa barnootaa haa deebi'an!

- Heerri biyyaa haa kabajamu!

- Ajajni mana murtii haa kabajamu!

- Nagaa fi Haqni Tigrayiif! Jechuun qabatanii bahaniiru.

Suuraa - TV Tigrai

@Gadaoost1
@Gadapost1

Gadaa Post

20 Jan, 20:47


"Saala lama qofatu jira. Innis dhiiraa fi durba dha" - Pirezidaanti Tiraamp

Pirezidaantiin Ameerikaa 47ffaan Doonaald Tiraamp guyyaa har'aa erga aangoo qabatanii booda hojiiwwan gurguddoo hojjatan keessaa tokko biyyattii keessatti saala dhiiraa fi dubaraa qofaaf beekamtii kennuudha.

Kunis yeroo aangoo Pirezidaantii duraanii Joo Baayiden turetti eegumsa namoota saala jijjiirrataniif(transgender) kennamu kan haquu dha.

Dhiiraa fi dubartoota qofaaf beekamtii kennuun ajaja Tiraamp keessaa isa barbaachisaa ta’uun beekameera.

Tiraamp yeroo kakatanitti, "Har'a irraa eegalee / kana booda / imaammanni mootummaa Ameerikaa saala lama qofa, dhiiraa fi dubaraaf beekamtii kan kennuudha" jechuun mirkaneessaniiru.

Haaluma kanaaan Pirezidaanti Tiraamp, namoonni saala isaanii jijjiirratan ispoortii dubartootaa irratti akka hin hirmaanne ajaja dhorku ni baasu jedhamee eegama.

#USA #PresidentDonaldTrump

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

17 Jan, 19:51


Tiktok Ameerikaa keessatti Dilbata dhufu irraa eegalee murtee akka ugguramuu ykn Ameerikaaf akka gurguramu jedhu manni murtee Ameerikaa raggaasiseera.

Har’a Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa seera federaala Tiktok US keessatti akka cufamu ykn akka gurguramu dirqisiisu deeggarsa isaa kenneera.

'TikTok' ol'iyyannoo dhiheessus garuu fudhatama dhabeera.

Yeroo darbe appichi "odeeffannoo dhuunfaa lammiilee Ameerikaa mootummaa Chaayinaaf dabarsee kenna waan kana ta'eef nageenyaa biyyaatiif sodaa uumaa jechuun Tiktok akka dhorkamuu ykn lammiilee Ameerikaatti gurguramuu akka qabu murteen murtaa'uu isaa ni yaadatama.

Har'a Manni Murtii Olaanaa murtii kanaan dura kenname raggaasiseera.

Murtee kana hordofuun 'TikTok' Dilbata irraa eegalee ni dhorkama.

Uggurri kun TikTok 'Appstore' fi 'Playstore' irraa akka haqamu isa taasisa.

Fayyadamtoonni haaraan 'TikTok' buufachuu hin danda'an; Fayyadamtoonni duraa ammoo haaromsu(update) gochuu hin danda'an.

Pireezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp Manni Murtii Olaanaa Tiktok baraaruun murtee ugguruuf kenname yeroo biraatti akka dabarsu gaafataniiru, garuu manni murtii murtii dhumaa dabarseera.

Uggura 'TikTok' tursiisuuf kan yaalan Tiraamp Wiixata dhufu aangoo ni qabatu. Raawwii labsichaas isaaniyyuu kennameera.

Murtee mana murtii booda Tiraamp "murtee kana anatu murteessa. Murteen na bira jira. Waanan hojjedhu ni argitu" jedheera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

14 Jan, 12:54


"Magaalaan Loos Anjalas guutuun isaa sodaa balaa ibiddaa jala jira" - aanga'oota

Ameerikaatti Ibiddi bosona Los Anjalas ammallee to'annaan ala kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii 24 gaheera. Namoonni 16 eessa akka seenan hin beekamne.

Haga Ammaatti naannoon Los Anjalas 3 gubataniiru.

Yeroo ammaa ibiddi guddaan kan jiru Palisadas yoo ta’u, lafa hektaara 9,307 kan gubee fi dhibbeentaa 11'n to’atameera.

Ibiddi Iiton isa 2ffaa yoo ta’u, lafa hektaara 5,665 ol gubeera. dhibbeentaa 27 to'annoo jala ooleera.

Ibiddi Heerast guutummaatti too'annaa jala kan oolee yoo ta'u, lafa hektaara 323 gubee jira.

Gareen balaa ibiddaa ibidda guddaa kana to'achuu jalqabaniiru, garuu qondaaltonni bubbeen itti fufee jiru ''haala qilleensaa balaa guddaa geessisuu akka danda'uu fi naannoon Los Anjalas guutuu balaa ibiddaaf saaxilamuu akka danda'u akeekkachiisaniiru."

Ibiddi kun seenaa Ameerikaa keessatti balaa guddaa kan geessise jedhamuuf dhihaateera.

Dhaabbanni dhuunfaa tilmaamaa "Akuweezar" jedhamu qabeenyi sababa ibidda kanaan dhufu doolaara biiliyoona 250 hanga 275 akka ta'u tilmaameera. #BBC

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

11 Jan, 16:48


#Update

Aksumitti barattoonni Muslimaa hijaaba dhorkamuun galmeen qormaata biyyoolessaa jalaa darbuu himan

Barattoonni Muslimaa kutaa 12ffaa Naannoo Tigraay magaalaa Aksum keessa jiran bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa kaleessa Amajjii 10 jalaa darbuu himan.

Barattoonni kunniin manneen barnootaa magaalattii keessatti hijaaba yoo ofirraa baasan malee qormaata biyyoolessaaf akka hin galmoofne isaan dhorkan. Kunis seera amantaa isaanii kan cabsu ta’uu himaniiru.

Barattuun maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte tokko maqaa yaada Addis Standard’tti laatteen, “Amantiin keenya waan dhoowwuuf, qormaata biyyaalessaaf galmaa’uuf hijaaba keenya baasuu hin dandeenyu. Seera amantii keenya cabsuu mannaa barnoota keenya dhiisuu filanna,” jette.

Barsiisaan magaalaa Aksum irraa Addis Standard dubbise tokko, galmeen barattoota idilee kutaa 12ffaa qaamaan gaggeeffamu torban darbe xumuramuu isaa mirkaneesseera.

Haa ta’u malee, galmeen karaa manneen barnootaan toora intarneetii irratti gaggeeffame ifatti kaleessa sa’aatii 10:00 xumuramuu hime.

Barattoonni kunneenis Osoo hin galmaa'in akka hafan ibsameera. #AS

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

09 Jan, 19:00


Paarlaamaan labsii qabeenya deebisiisuu hanga waggaa 10 duubatti deebi’ee hojjatuu raggaasise

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii qabeenya deebisiisuu raggaasiseera. Labsiin har’a Amajjii 09, 2025 raggaasifame kun mootummaan qabeenya madda isaanii hin ibsamne akka to’atuufi deebisiisuuf aangoo kan kennuudha.

Seerri haaraan kun liqii baankii, aksiyoonaa, boondii fi qabiinsa diinagdee qaban biroo dabalatee qabeenya waggoota kurnan darban keessatti argaman tilmaamni isaanii Birrii miiliyoona 10 ol ta’an irratti kan xiyyeeffatuu dha.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

03 Jan, 13:17


Aanaa Dulachaatti Volkaanoon dho'e

Naannawaa tibbana kirkirri lafaa itti mudataa ture keessaa Aanaa Dulachaa Gaara Doofan irratti Volkaanoon dhowuun eerame.

Dhohiinsa Volkaanichaa hordofee jiraattota naannawichaarra miidhaan akka hingeenyeef tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Naannoo Afaaritti Bulchaan Godina Gaabii Rasuu Abduu Alii Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan hojiin jiraattota buufata yeroo qubsiisuu hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Kirkirri lafaa irraa deddeebiin mudachuun itti fufuu kaasanii, dhohiinsi Volkaanoo har’a uumamuu fi kirkirri turees kan duraan mudachaa tureerra cimaa ta'uu himaniiru. #FBC

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

24 Dec, 12:46


Gaara Fantaalleetti kirkirri lafaa dhohiinsaa fi aara qabu mudate.

Naannoo Oromiyaa godina shawaa Bahaa aanaa Fantaallee fi Naannoo Affaar Awaash Fantaalleetti kirkirri lafaa sababa dhohiinsa fi aara gaara fantalleetiin uumameera.

Guyyaa kaleessaa sa'aatii 9:00 irraa eegalee kirikirri lafaa olaanaan Reektar iskeelii 4.6 galmeesse muudachuu ogeessonni himan.

Taaticha hordofee kirkirrii fi mallattoon jijjiguu gaaraa mul’achuu jiraattoonni ibsaniiru.
 
Kirkirri lafaa naannawichatti mul’atu guyyuu dabalaa jiraachuu ibsanii, jiraattotarratti rakkoo akka hinhordofsiifneef itti dhiyeenyaan hordoffii taasisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Bulchaan Godina 3 Naannoo Afaar Obbo Abdoo Alii Abubakar gama isaaniin kirkirri amma mudate sagalee dhohiinsaa dhageessisuu fi aaraa kan mul’ise ta’uu himaniiru.

Jiraattoonnis sagalee dhaga’amee fi kirkiraa mudateen yaaddoo keessaa galuu ibsan.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

17 Dec, 13:53


#Raashiyaa #Yukreen

Jeneraalli olaanaa Raashiyaa Igoor Kiriiloov Mooskoo keessatti gamoo mana jireenyaa biratti boombii dhoheen ajjeefameera.


Oppereeshinii ajjeechaa qodaala olaanaa kana duuba ammoo Yukireen jiraachuu amanteetti.

Yukireen ajjeechaa Lentanaat Jeneraal Kiriiloov kan ganama kana Mooskootti raawwatame duuba akka jirtu maddeen nageenyaa Yukireen dubbachuu Rooyitars gabaaseera.

Igoor Kiriiloov jeneraala olaanaa Raashiyaa fi itti gaafatamaa Humna Ittisa Niwukilaraa, Baayoloojikaal-Keemikaalaa (NBC) biyyattii ture.

Kiriiloov humna hooggansa kanarratti kan mudaman Ebla bara 2017 ture. Akka miidiyaan mootummaa Raashiyaa Tass jedhutti, gama barnotaatiin Mana Barumsaa Ajaja Ittisa Keemikaalaa Olaanaa Kostromaa (Kostroma Higher Military Command School of Chemical Defence) keessatti barate.

Jeneraalli kun Daarektoreetii Hogganaa Loltoota Ittisa Raadiyeeshinii, Keemikaalaa fi Baayoloojii dabalatee, waraana Raashiyaa meeshaalee balaafamaa wajjin walqabatan keessatti gahee adda addaa irra tajaajilaniiru.

Kaleessa ammoo, Tajaajilli Nageenya Yukireen (SBU) Kiriiloov Yukireen keessatti meeshaa keemikaalaa dhorkame fayyadamuu isaatiin, bakka hin jirretti murtii irratti murteessuu isaa, Kiiv Indippeedanti gabaaseera.

SBUn Raashiyaan hoggansa Kirilloov jalatti gara yeroo 5,000tti meeshaa keemikaalaa akka fayyadamte himate.

Kiriiloov gahee inni waraanaa Raashiyaa keessaa baheen wal qabatee, UK , Kaanaad fi kanneen birootiin qoqqobbii irra kaa'anii ture.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

11 Dec, 19:55


#Ethiopia #Turk

Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Turki Reesip Xaayib Eerdohaan waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru.

Doktar Abiy Ahimad har’a waaree booda Turkii Ankaaraa galaniiru.

Pireezidaanti Eerdohaan Jila Doktar Abiy Ahimadiin durfamuuf simannaa ergaa taasisanii booda marii taasisuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerra argame ni mul’isa. #FBC

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

10 Dec, 14:03


Galmeen barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii Mudde 6, 2017 eegala - BBO

Galmeen barattoota qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa bara 2017 fudhatanii Mudde 6, 2017 Interneetiin kan eegalu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Manneen Barnootaa kumni 1 fi 280 Barattoota isaanii qorsiisuuf qophii taasisaa jiraachuu himeera.

Barattoota Istriimii Saayinsii Hawaasaa kumni 90 fi 877 kan Saayinsii Uumamaa kumni 100 fi kumni 28 fi 423, waliigalaan Oromiyaatti barattoonni kumni 200 fi kumni 19 fi 300 qormaaticha fudhachuuf qophii taasisaa jiraachuu biirichi ibseera.

Qormaatni modeelaa gahumsa barattootaa madaaluuf kennamu ammoo walakkeessa baatii Amajjii kan kennamu ta'uu biirichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaan beeksiseera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

09 Dec, 16:30


Sirni Bashiir al-Asaad kuffifame.

Sirni Pirezidaantii Sooriyaa Bashiir Al-Asaad kufee jira. Innis biyya keessaa bahee badeera.

Loltoonni Siiriyaa hidhannoo qaban torbee darberraa eegalee bulchiinsa prezidaantii Bashiir Al-Asad waggoota 24'f hidda godhatee ture kuffisuuf duula waraanaa cimaa geggeessaa turaniiru.

Keessattuu mormitoonni hidhattoota kaabaa waggoota dheeraa booda waraana biyyattii irratti haleellaa tasaa erga bananii booda yeroo muraasatti naannoolee hedduu dhuunfataniiru.

Torban tokko dura Aleppoo kan seenan.

Sana booda ittisni mootummaa guutuu biyyattii saffisaan kufa dhufeera.

Sababa fincila kanaatiin loltoonni kumaatamaan lakkaawaman ofirra qolachuu dadhabuun daangaa ce’anii gara Iraaq seenuun koolu galtummaa gaafachuuf dirqamaniiru.

Mormitoonni magaalotaa fi naannolee ijoo hedduu guyyoota muraasa keessatti sirna Asaad jalaa bilisa kan baasan yoo ta’u, halkan ammoo teessoo Asaad kan taate Damaasqoo akka seenan gabaafameera.

Asaad Damaasqoo gadhiisee akka bahe himama jira.

Ajajoonni waraanaa olaanoo lama pirezidaantichi Damaasqoo irraa gara Rooyitars deemuu isaanii mirkaneessaniiru.

Amma Asaad eessa akka jiru hin beekamu.

Ibsa mormitoonni hidhatan baasaniin ''cunqursaan Bashiir al-Asaad Damaasqoo gadhiisee jira'' jedhan.

"Damashq cunqursaa Bashar al-Asad jalaa bilisa baasneerra" jedhan.

Bashiir al-Asaad biyyaa bahuus beeksisaniiru.

Buufata televijiinii biyyaalessaas to'ataniiru.

Akka viidiyoon tokko tokkoo fi Rooyitars namoota ijaan argan wabeeffachuun ibsutti, lammiileen Sooriyaa daandii Damaasqoo irratti bahanii 'Bilisummaa! Bilisummaa! Dhaadannoo dhageessisaa fi gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

07 Dec, 16:01


"Guutuu biyyattiitti humni ibsaa addaan citee jira" - Humna Ibsaa Itiyoophiyaa

Galgala kana rakkoo tasgabbii dhabuu siistamaa irraa kan ka'e guutuu biyyattiitti humni ibsaa addaan citeera jechuun Humni Elektirikii Itiyoophiyaa beeksiseera.

Rakkoo kana furuuf fi humna ibsaa addaan cite deebisuuf warshaalee humna elektiriikaa fi buufataalee raabsaatiin tattaaffiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Maamiltoonni hanga dhimmichi furmaata argatutti obsaan akka eegatan gaafachuun, odeeffannoo jirus dafee akka beeksisu ibseera.

#EEP

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

07 Dec, 16:00


Muummichi ministeera gaafii Dabratsiyoon dhiyeesse fudhachu didan

Dabratsiyoon, obbo Geetaachoo Raddaa aangoorra akka kaafaman gaafi dhiyeesse ture.

Ji'oota jahaa oliif waldhabdeerra kan jiran Dura Taa'aa TPLF Dabiratsiyoon Gabramikaa'el fi Pireezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa marii tibbana MM Abiy Ahimad waliin taasisan irratti wal-himachuu isaanii gabaafame.

Gareen TPLF Dabratsiyooniin hogganamu rakkoo Tigraay keessatti uumamaa jiruuf dadhabina bulchiinsa yeroo naannichaa ta'uu eeruun, ''Geetaachoon aangoorraa ka'ee iddoosaa ittaanaan isaanii Lt. Jeneraal Taaddasa Warrada akka qabatan" yaada dhiyeessan.

Geetaachoo Raddaan gama isaaniin, "bulchiinsi yeroo sirnaan hojiisaa akka hin dalagne gufuu kan taatan isinii" jechuun Dabrtsiyoon fa'a himatan.

Dabratsiyoon Obbo Geetaachoon aangoorraa ka'anii iddoosaanii Lt. Jeneraal Taaddasaan bakka haa bu'an isa jedhan Ministirri Mummee Abiy Ahimad akka hin fudhanne BBCn gabaaseera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

07 Dec, 06:35


Biiroon Kantiibaa Maqalee saamsame

Waldhabdee garee ABUT lamaan gidduutti mudateen walqabatee biiroon kantiibaa magaala Maqalee saamsamuun ibsame.

Waldhabdee garee hoggantoota ABUT gidduutti mudate hordofee biiroo kantiibaa magaala Maqaleerratti barreeffamni “saamsameera” jedhu maxxanfamuu VOA’n gabaaseera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

05 Dec, 13:12


Sa'aatii ammaa kana Airdrop Seed keessa seenuun point 40 fudhachuu dandeessu!
👇👇
t.me/seed_coin_bot/app?startapp=499753848

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

30 Nov, 17:21


#Update

Namoonni dubartii tokko mukatti hidhanii reebsisan hidhaa hanga waggaa 7 irratti murtaa’e

Godina Boorana Bahaa aanaa Waacileetti namoota dubartiin haadha ijoollee sadii taate tokko abbaa warraasheetin gara jabinaan akka reebamtee miidhaa qaamaa cimaa akka gahu taasisuun himataman hidhaa cimaan adabamaniiru.

Viidiyoon gocha kana mul’isu ji'a tokkoon dura miidiyaarratti qoodamuu fi gabaasun keenya ni yaadatama.

Kanumaan hordofee namoota yakka kanaan shakkaman himatamtoonni:-

👉1ffaa - Galgaloo Waariyoo [abbaa warraa miidhamtu],
👉2ffaan- Jaarsoo Boruu,
👉 3ffaan- Galgaloo Jaatani fi
👉 4ffaan- Dhibaa Goollicha jedhaman to’annoo jala oolanii turan. 

Himata irratti dhiyaateen miidhamtuun waldhabbii ishiif himatamaa 1ffaa (abbaa warraashee) gidduu jiruun himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaan jaarummaan taa'uun miidhamtuun akka mukatti hidhamte abbaa warraatin reebamtu taasisuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahuu ibsameera.

Himatamaa 4ffaan ammoo hogganaan Waajjira Nageenyaa fi Milishaa Ganda Qaqalloo yoo ta'u, miidhamtu osoo hin reebamiin dura gargaarsa yeroo gaafattu gargaaruu diduu fi erga reebamte booda milishaa ajajuun ishee hiisisuu isaatin himatameera.

Manni Murtii Aanaa Waacillee dhaddacha Sadaasa 19, 2017 ALI ooleen himatamtoota 1ffaa fi 2ffaa irratti adabbii hidhaa cimaa waggaa 6 fi ji'a 4, himatamaa 3ffaa irratti ammoo adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 fi ji'a 2 murteesseera.

Akkasumas himatamaan 4ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 4 fi qarshii 5,500 irratti murtaa'eera.

Suuraan kan armaan oliiti.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

30 Nov, 14:07


Airdrop SEEDn torbee har'aa yeroo akkanaa ni xumurama! yoo hin hojjenne hagasitti hojjechuu dandeessu!
👇👇👇👇👇👇
t.me/seed_coin_bot/app?startapp=499753848

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

27 Nov, 18:14


"karameellaa siif kenna" jechuun namtichi daa'ima waggaa 9 gowwomsuun gudeede hidhaa waggaa 14'n adabame.

Magaala Yirgaa-caffeetti namtichi dhuunfaa daa'ima waggaa 9 dirqiin gudeede hidhaa waggaa 14 itti murtaa'eera.

Namtichi kun gudeeda kana kan raawwate gaafa guyyaa 10/9/2016 tilmaamaan naannoo sa'aatii 4tti magaala Yirgaa Caffee ganda Kaarra bakka addaa beetakiristaana Qiddis kidaana mihrat jedhamuun waamamutti dha.

Miidhamtuun dhuunfaa daa'imni waggaa 9 tun barattuu yoo taatu, barumsa dabalataaf waamamte osoo barattee deebi'aa jirtuu mana dhugaatii keessa taa'uun koottu Karameella fudhadhu jedhee waamun, karameellaa daasta jedhamu akkuma nyaatteen of wallaaluu ishee ibsameera.

Achiin booda daa'ima waggaa 9 tana gudeeduun yakka kana dalageera.

Yakkamaan kunis hidhaa waggaa 14 itti murtaa'uu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

26 Nov, 14:32


#Paaralaamaa #MMBBU

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa bajata dabalataa Mootummaa Fedeeraalaa birrii biiliyoona 582 raggaasiseera.

Mana marichaatti Waamamaan Mootummaa Doktar Tasfaayee Baljigee wixnee bajatichaa kan dhiyeessan yoo ta'u, gaaffiifi yaada miseensota mana marichaarraa dhiyaateef Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsaafi deebii kennaniiru.

Manni marichaas erga bal'inaan irratti mari’atee booda sagalee guutuun raggaasiseera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

23 Nov, 16:06


Qajeelfamni diizaayinii daandii magaalota Itiyoophiyaa ifoome

Qajeelfamni diizaayinii daandii magaalota Itiyoophiyaa ministeerri geejjibaa fi loojistiksii inistiitiyuutii imaammata misoomaa geejjibaa idil addunyaa waliin qopheesse ifoome.

Egzibiishinii fi Siimpooziyeemiin Itiyoo-giriin moobiliitii kaleessa baname ittifufeera.

Qajeelfamni (maanuwaaliin)diizaayinii daandii magaalota Itiyoophiyaa inistiitiyuutiin imaammata misooma geejjibaa idil addunyaa fi ministeerri geejjibaa fi lojistiksii qopheessan ifoomeera.

Qajeelfamni kun misoomota kooriidarii magaalotaa akkasumas daandiiwwan bisikileetii fi lafoo kan yaada keessa galche ta’uun eerameera.

Qajeelfamichi daandii konkolaattota geejjiba hawaasaa daandiin biskileetii fi lafoo bal’isuun tajaajilli geejjibaa mijataa akka jiraatu nitaasisa jedhameera.

Faalama qilleensaa addunyaatti gufuu ta’e kana ittisuuf geejjiboota humna haaromuun hojjetanitti fayyadamuu barbaachisa jedhan.

Itiyoophiyaan anniisaa haaromu qabdutti fayyadamuun sektara geejjibaa ammayyeessuuf tarsiimoo magariisaa baaftee hojjechaa akka jirtu eeraniiru.

Geejjiba hawaasaa fi biskileetii bal’isuun cinaatti daandiiwwan lafoo mijataa ta’an hojjechuun lammiin fayyabuleessi akka uumamu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. #TOI

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

15 Nov, 13:21


Dirree Dhawaatti konkolaattota geejjibaa elektirikii 3000 ol hojii eegalchiisuuf waliigalteen mallatteeffame

Waggoota sadan keessatti konkolaattota Bajaajii konkolaataa elektirikiitiin bakka buusuuf karoorfameera

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa konkolaattota elektirikii ammayyaa tajaajila geejjibaa kennan 3000 ol hojii eegalchiisuuf guyyaa kaleessa dhaabbata Swiift Teeknooloojii fi Baankii Gamtaa Oromiyaa (#COOP) waliin waliigaltee mallatteesse.

Sagantaa waliigaltee kanarratti kan argaman kantiibaan magaalattii Obbo Kadir Juhaar haasawa taasisaniin, magaalaan Dirree Dhawaa zoonii daldala bilisaa dabalatee bakka argama industiriiwwan waan taateef biroo tajaajilli geejjibaa ammayyaa sadarkaa magaalattii gitu barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Kanaafis konkolaattonni elektirikii gara magaalattii galuun magaalattiin ammayyummaa ishee qabattee akka itti fuftuuf gumaacha guddaa akka qabu eeraniiru.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

12 Nov, 12:49


#Tigraay

"Gareen Dabratsiyooniin Durfamu Fonqoolcha Mootummaa Gaggeessaa Jira," Jedhu Geetaachoo Raddaa

Bulchiinsi yeroo Tigraay kan Obbo Geetaachoo Radaatiin durfamu garee Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) kan Dr.Dabratsioon Gabramikaa’eliin durfamuu “fonqolcha mootummaa gaggeessaa jira” jechuun himateera.

Garee Oboo Geetaachoon durfamu kun Ibsa Dilbata darbe baaseen “Adda Bilisummaa Uummata Tigraay baraaruuf mari’achuuf qophii dha malee aangoo qooddachuuf qophii mitii” jedheera.

Gama kaaniin dhaabbileen waldaalee siivilii kan Tigraay torba kaleessa ibsa baasaniin, “walfalmiin hoggantoota ABUT gidduutti uumame hojiirra oolfamuu waliigaltee Piriitooriyaa irratti danqaa ta’a” jedhan.

Obbo Geetaachoo Raddaa fi Dr Dabaratsiyoon Gabramikaa’el tibbana kan wal argan yoo ta’u kunis Phaaphaasonni amantii ortoodoksii kan Tigraay maanguddummaan eega gidduu seenanii booda.

Angawoonni lamaan garaagarummaa isaanii karaa nagaa hiikuuf waadaa galuu isaanii gabaafamee jira. #VOA

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

09 Nov, 14:24


Isin Fayyada!

Donaald Tiraamp nama Crypto jaallatanii fi hedduu deeggaranidha! maarree Tiraamp pirezidaantii Amerikaa ta'uu sababeeffachuunis gatiiwwan Airdrop garaa garaa daballii hedduu agarsiisaa jira.
-Bitcoin
-Catizen
-Hamster
-X-Empire
Dog
fi kanneen biroon parsantaa hedduun daballii gatii agarsiisaa jiru.
Airdrop'n hanga ammaatti list hin taanee fi Veryfied ta'e kan hojjettan guyyaa isaa eeggata male, hinuma list ta'ee gurgurama! waan guyyaan isaa tureef hin gurguramu jettanii abdii hin kutinaa! hundaa ol Verfy kan ta'e ta'uu qaba.

AIRDROPn armaan gadiitti isiniif kaa'e kun guyyoota mursaasa booda list ta'ee gurgurama! namoonni hin eeggalle yoo jiraattan eegalaa, guyyoota jiran keessa hanga danda'ame hojjechuu dandeessu!

PAW
https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=wZOflrpJ

AGENT
https://t.me/Agent301Bot/app?startapp=onetime499753848

BLUM
https://t.me/blum/app?startapp=ref_xJR2AJYdXV

SEE
t.me/seed_coin_bot/app?startapp=499753848

COUB
https://t.me/coub/app?startapp=coub__marker_23817822

@Gadapost1

Gadaa Post

07 Nov, 16:40


Naayijeeriyaa xiyyaara Afrikaatti isa jalqabaa ta'eef simannaa hoo'a taasistee jirti.

Xiyyaarri Airbus A350 -1000’n Itiyoophiyaa, Afrikaatti kan jalqabaa balallii isaa jalqabaa Naayijeeriyaa magaalaa Leegositti taasiseera.

Leegositti Xiyyaara Airbus A350 -1000’n Itiyoophiyaaf simannaan hoo’aan taasifamuufi Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

07 Nov, 12:18


Xiyyaarri Afrikaatti jalqabaa 'Airbus A350 – 1000'n balallii eegaluuf jira.

Xiyyaarri Afrikaatti kan jalqabaa 'Airbus A350 –1000'n balallii jalqabaa gara Naayijeeriyaa magaalaa Leegositti kan taasiisu ta’uu Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Xiyyaarri kun guyyaa dheengadda Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahuun gammachuun fudhatamee jira.

Xiyyaarri imaltootaa A350 -1000 ‘’Itiyoophiyaa dachee argama dhala Namaa’’jedhamuun moggaafame kun Afrikaarraa kan calqabaa, qabeenya Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa ta'eedha.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

06 Nov, 08:07


#FilannooUSA2024

Pirezidaantiin El Salvaador eennullee osoo isaan hin dursin ammumaan Doonaald Tiraampiin ergaa baga gammadde  dabarsaniiru. Ergaa baga gammaddanii dabarsuun biyyaa isa jalqabaa ta'aniiru.

Pirezidaantiin Naayib Baaklii; Tiraampiin pirezidaantii filatamaa Ameerikaa jedhanii waamuun "Baga gammaddan! Waaqayyo isin haa eebbisu, isin haa bulchu " jedhaniini jira.

Bu’aan filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa bara 2024 ifoomuu baatus, yeroo ammaa kana Donaald Tiraamp Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa tahuuf akka itti dhiyaatan gabaafamee jira.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

06 Nov, 08:06


#Filannoo2024USA

Bu’aan filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa ammallee kan him xumuramne jiraatus, akka lakkoofsa hanga ammaa lakkaa’ameetti, injifannoon kun gara kaadhimamaa paartii Rippabilikaanii Doonaald Tiraampitti kan jilbeeffate ta’uu BBCn gabaaseera.

Tiraamp kutaalee biyyattii barbaachisoo ta’an keessaa tokko kan taate Kaaba Kaarolinaa kan injifate yoo ta’u, kutaa biyyaa barbaachisaa kan biraa Joorjiyaas injifataniiru.

Kaartaan bu'aa filannoo akka agarsiisutti Tiraamp filannoo akka bara 2016 injifatanii fakkaatee jira jedhame.

Biyyoonni bu’aa isaanii guutuu Ameerikaa keessatti labsan pirezidaantiin duraanii kun garaagarummaa guddaadhaan dursaa akka jiran agarsiisaniiru.

Doonaald Tiraamp pirezidaantii ta’anii filatamuuf carraa dhibbeentaa 95 ol qabachu isaa Gaazexaan Niwu Yoork Taayims ibseera.

Itti dabaluudhaanis kutaalee biyyattii hedduu keessattis injifachuu isaanii dubbataniiru.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

05 Nov, 15:04


#Itoophiyaa #USA

Ameerikaan waldhabdeen naannoo Amaaraatti hammaataa dhufeef yaaddoo akka qabdu ibsiteetti.

Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Antooniyoo Biliinken, ''waldhabdee kana furuuf mariin siyaasaa gaggeeffamuu qaba'' jedhan.

Antooniyoo Biliinken kana kan dubbatan MM Abiy Ahimad (Dr.) waliin bilbilaan haasawa taasisaniin.

Biliinken, "walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiru na yaaddesseera" jechuun, walitti bu'iinsa Itiyoophiyaa biroo dabalatee walitti bu'iinsa keessoo hiikuuf mariin siyaasaa akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa haasaa bilbilaa Muummicha Ministeera Dr.Abiy waliin taasisaniin “waa’ee waliigaltee Piritooriyaa fi hojiirra oolmaa isaa” haasa’uus ministeerri dhimma alaa Ameerikaa ibseera.

Itiyoophiyaan waliigaltee kana hojiirra oolchuuf tattaaffii taasiftu irratti gargaarsi biyya isaanii adda akka hin cinne Ministirri Dhimma Alaa ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Antooniyoo Biliinken naannoo Gaanfa Afrikaatti waldhibdeen uumame hammaataa jira jechuun, waldhabdeen kun  tasgabbaa’a akka dhufu gaafachuu isaanii gabaafameera.

#AFP #DW

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

02 Nov, 13:34


Barattoonni musliimaa sababa uffannaa isaaniin ittifaman gara barnoota isaanitti akka deebi’an waliigalame

Magaalaa Finfinnee keessatti barattoota musliimaa shamarranii sababa uffannaa isaaniin torban lamaa oliif barnoota ala ta’an “yeroodhaaf haala duraan barachaa turaniin barnootatti akka deebi’an” waliigalamuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Dhimmi barattoonni musliimaa shamarranii niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuu kun dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’urra darbee paarlaamaatti gaaffii ta’ee ka’eera.

Miseensa paarlaamaa kan ta’an Ustaaz Kaamil Shamsuu dhimmi uffannaan walqabatee rakkoon uumame kun furmaata akka argatu gaafataniiru. “Barattoonni sababa niqaaba fi hijaaba isaaniin barnoota ala ta’an iddoo tokko tokkotti kumaatamaan lakkaawwamu,” jedhan. AS

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

01 Nov, 18:35


Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa, aanaa Waacaaleetti haleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni hedduun ajjeefamaniiru.

Haleellaa har'a ganama aanaa Waacaalee keessatti raawwatameen bulchaa aanichaa Obbo Nugusee Kooruu dabalatee namoonni hedduun ajjeefamaniiru.

Bulchaa Aanaa Alaltuu kan turanii fi torbaan lama dura bulchaa Aanaa Waacaalee ta'uun kan muudaman obbo Nugusee Kooruu ajjeefamuun isaanii mirkanaa'ee jira.

Jiraataan aanichaa yaada isaa Raadiyoo Dochee Vilaa'f kenneen "Hogganaa aanaa dabalatee namoonni hedduun du'aniiru. Hammi miidhaa gahee hanga ammaatti beekkame natti hin fakkaatu." Jedhaniiru

Namoonni miidhaman hospitaala seenuu isaanii himameera.

Magaalaan guddoon aanichaa Muka xurii, Finfinnee irraa kiiloo meetira 82 fagaattee argamti.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

01 Nov, 14:16


#Update

Naqamteetti namoota gudeeddii dubartoota lamaaniin shakkaman jaha to’ataman

Namoota tibbana magaalaa Naqamteetti shamarran lama walcinaatti gareedhaan gudeeduufi yakkicha viidiyoo waraabanii miidiyaa hawaasummaa irratti qooduu keessaa harka qabaachuun shakkaman jaha to’atamaniiru.

Yakka gudeeddii kana kan raawwatan lamaan keessaa tokko Lalisaa Dirribaa kan jedhamuu fi dargaggoonni viidiyoo waraabuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodan shan to’annoo jala ooluu ibsameera.

Waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii magaala Naqamteetti ogeettii seeraa kan ta’an Aadde Shawaayyee Didhaa BBC’tti akka himanitti, shakkamtoonni kunneen Roobii ganama to’annaa jala oolan.

Haata’u malee, “shakkamaan gudeeddii kana raawwate fi maqaa Gammachuu yookan Maammee jedhamuun beekamu yeroodhaaf miliqee barbaadamaa jira,” jedhan.

Shakkamtoonni yakka kana keessatti qooda qabu jechuun to’ataman jahan Kamisa darbe mana murtiitti dhihaachuun yaanni irraa fuudhamuus himan. #BBC

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

31 Oct, 16:33


‘Xiyyaarri Itoophiyaa balaliidhaaf qilleensa Eertiraa akka hin fayyadamne hin dhorkamne’ - Daandii Qilleensa Itoophiyaa

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qilleensa Eertiraa irratti akka hin balaliine dhorkameera jedhamee odeeffannoon tamsa'aa jiru soba ta'uufi ammallee balalii idileef qilleesa Eertiraa fayyadamaa jiraachuu beeksise.

Daandiin qilleensichaa balaliidhaaf qilleensaa Eertiraa akka fayyadamu Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraa irraa hayyamni kan laatameef ta’uufi naannoo qilleensaa kana balalii idileef akka fayyadamaa jiru mirkaneesseera.

Haaluma kanaan dhimmicha ilaalchisee odeeffannoon marsaalee hawaasaa irratti naanna’aa jiru dogoggora ta’uu daandiin qilleensichi ibseera. #AS

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

30 Oct, 13:35


Airdrop kana hangama hojjettaniittu? list ta'uuf saa'atii 26 qofatu hafe! boru sa'atii 12tti eeggadhaa!

Tasuma hin eegalle yoo taatan, sa'atiiwwan kana keessa hanga ta'e hojjechuu dandeessu!
👇👇👇👇👇👇

t.me/Tomarket_ai_bot/app?startapp=0001Att5

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

26 Oct, 13:40


.

#Itoophiyaa #Maaleezhiyaa

Dureeyyiin Maaleezhiyaa carraalee invastimantii Itiyoophiyaan qabdutti fayyadamanii Invast akka godhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad waamicha dabarsaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad garee jila ministirootaa waliin ta’uun Maaleezhiyaa Kuwaalaalaampuur daawwataniiru.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

21 Oct, 18:43


"Ibiddi cimaadha; ammallee hin dhaamne; namoonni qabeenya isaanii guurataa jiru" - namoota bakka sanatti argaman irraa

Finfinnee naanno Markaatto "Shaama taraa" jedhamuun beekkamutti balaan ibiddaa mudateera.

Ibiddi kun daqiiqaa hedduu turus, to'achuun akka hin danda'amne miseensonni maatii keenya bakka balaan kun itti dhaqqabe jira himaniiru.

"Ibiddichi cimaadha. Bakka sanatti balaa ibiddaa to'achuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus, dhaamuu hin dandeenye. Hojjettoota balaa tasaa iddoo sana jiraniif gargaarsi barbaachisaadha, bishaan qofaan kan dhaamuu miti," jechuun himaniiru.

Itti dabaluunis, "Namoonni naannoo sana jiran ibiddi kun waan dhaama hin jirreef qabeenya isaanii achii fageessaa jiru," jedhaniiru.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

17 Oct, 15:21


Ogeettiin Odiitii taaskii Biiroo Galiiwwanii Matta'aa birrii kuma 50 osoo fudhattu qabamte.

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Eekkaa Ogeettiin Odiitii taaskii Amaarech Balaachoo wajjira Galiiwwanii damee kanfaltoota gibiraa jiddugaleessaa osoo malaammaltummaa raawwattu fuula fuulatti qabamte.

Ogeettiin kunis nama dhuunfaa kanfalaa gibiraa ta'eef kiliraansii kennuuf osoo matta'aa birrii kuma 100 fudhachuuf waliigalaa jirtuu eeruun akka qaqqabe wajjirri kantiibaa beeksiseera.

Bu'uuruma eeruu qaqqabeen hordofuun osoo isheen biiroo keessatti birrii kuma 50 fudhattuu fuula fuulatti qabuun Poolisiin to'annoo jala oolchuun qorachaa akka jiru eereera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

17 Oct, 11:57


Itiyootelekoom aksiyoona isaa dhibbantaa (10%) gurguruu akka eegalu beeksisee jira.

Ethio Telekoom gurgurtaan aksiyoonaa isaa marsaa lama qabaachuu ibseera.

Gurgurtaan aksiyoona idilee marsaa jalqabaa:-

- Waliigalaan qooda waliini = Birrii biiliyoona 100

- Gurgurtaa aksiyoonaa idilee marsaa jalqabaa irratti kan dhiyaate = Birrii miiliyoona 100

- Hanga aksiyoona xiqqaan bitamuu danda'u aksiyoona 33 yoo ta'u, yeroo maallaqaan kuufamu Birrii 3,333 ta'a.

- Lakkoofsi aksiyoonaa ol’aanaa bitamuu danda’u 9,900 yoo ta’u, kunis yeroo maallaqaan 999,900 ta’a.

- Bituun kan danda'amu Onkoloolessa 6 hanga Muddee 25tti ta'a.

- Miseensonni aksiyoonaa kan beekaman Ammajjii 23/2017 dha.

- Gurgurtaanis teeleebirriidhaan kan rawwatamuudha.

- Kaffaltii isaa sa'aatii 48 keessatti raawwatamuun ni danda'ama.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

17 Oct, 11:56


#Saafaarikoom

Dhaabbatni telekoomii Saafaariikoom karaa M-Pesa’tiin tajaajila maallaqa Keeniyaa irraa gara Itoophiyaa erguu eegaluu beeksise.

Maamiltoonni Saafaarikoom karaa M-Pesa’tiin maallaqa fudhachuu kan danda’an ta’uu Saafaariikom ifoomseera.

Tajaajilli kuni rakkoo seektara faayinaansiitiif furmaata guddaa ta’a jedhame.

Hoggantuun tajaajila Faaynaansii Saafaariikom Keeniyaa Eestar Wayitiitu, "daddabrsa maallaqaa daangaa biyyaarra darbe baasii gadi aanaa ta’een dhugoomsuun namoota dhuunfaafi daldaltoota naannicha keessatti argaman jajjabeessaa jirra,” jedhan.

Tajaajilli kuni Itoophiyaanota M-Pesa fayyadaman hundaaf banaa ta’uu ibsameera. M-Pesa biyyoota 190 keessatti tajaajila faaynaansii kennaa jiraachuun eerameera.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

06 Oct, 19:34


"Kirkirri lafaa Finfinneetti mudate hin jiru" :-Ogeesaa

Hollannaan lafaa Magaalaa Finfinneetti mudate Gaara Fantaalleetti kirkira lafaa mudaterraan kan uumamee ta'uun ibsameera.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Daayrektarri Ji'oo Fiiziksii fi Saayinsii Hawaa Dooktar Eliyaas Leewwiin hollannaan lafaa Magaalaa Finfinneetti mudate sababa kirkira lafaan Naannawaa Gaara Fantaalleetti mudaterran akka ta'e himan.

Hollannaan Kunis galgala sa'aatii 2:10 irratti kan mudateen yoo ta'u reektar iskeelii 4.9 kan galmeessee fi balaa hamaa qaqqabsiisu kan hin taanee ta'uu ogeessi kun himaniiru.

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

06 Oct, 14:14


Hanga ammaatti namoonni AIRDROP kana sadan fayyadamuu hin jalqabne ni jirtuu? yoo jiraattan guyyoota lamaan hafte kana keessa hojjedhaa!

MAJOR
https://t.me/major/start?startapp=499753848

MEMEFI
https://t.me/memefi_coin_bot/main?startapp=r_48ef6248de

BLUM
https://t.me/blum/app?startapp=ref_xJR2AJYdXV

@Gadapost1
@Gadapost1

Gadaa Post

06 Oct, 13:11


Suuraalee Mimmiidhagoo IRREECHAA Hora Finfinnee Fi Hora Harsadee.....

Yoo isinitti tole Like👍 tuqaa!

@Gadapost1
@Gadapost1