Majlisa Godina Buunnoo Beddellee. @buno_bedele_islamic_affairs Channel on Telegram

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

@buno_bedele_islamic_affairs


Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.

Promotional Article for Telegram Channel (English)

Are you looking for a place to connect with like-minded individuals who share your faith and values? Look no further than Majlisa Godina Buunnoo Beddellee on Telegram! This channel, with the username @buno_bedele_islamic_affairs, is dedicated to providing a platform for discussions on Islamic affairs within the context of the Bunnoo Beddelle region. Majlisa Godina Buunnoo Beddellee is an affiliate of the Federal Majlisa, encompassing both urban and rural areas to serve the Muslim community in the region. Join us to share your thoughts, engage in meaningful conversations, and stay updated on the latest news and events relevant to the Muslim community in Bunnoo Beddelle. Whether you are a resident or simply interested in learning more about the Islamic culture and practices in this region, this channel is the perfect place for you. Join Majlisa Godina Buunnoo Beddellee on Telegram today and be a part of a vibrant community of Muslim believers!

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

12 Feb, 20:51


Guraandhala 4, 2017 | Sha'ban 12, 1446 Hijira.
بسم الله الرحمن الرحيم ••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Leenjiin Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin gaggeeffamaa ture xumurameera
••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin Leenjiin akka Itoophiyaatti Qophaa'ee Kilaastera 6 irratti Guyyoota lamaaf Kennamaa ture qorannoo Kun karaa Onlinetiin Federaala,Naannoolee, Magaalota, Godinaalee, Aanolee fi Gandoolee filataman keessatti Qorannoo Sadarkaa Hoggansa Majlisaa, Koreewwan addaa addaa, Imaama Masjiidaa, Hawaasa Muslimaa juma'aa fi Jama'aa akkasumas Namoota hawaasa keessatti beekamtii qaban irratti kallatti fuulaa fi fuulaatiin Af-Gaaffii Online isin waliin gaggeessaniif Hawaasni Muslimaa Hayyoota Qorannoo kana gaggeessan Qophii hunda xumuranii Akka Godina Buunnoo Beddelleetti Aanolee 6 kanneen
1. Magaalaa Beddellee
2. Gachii 3.Dhiidheessa
4.Cooraa 5. Cawwaaqaa
6.Boorracha irratti Hayyoota hawaasa keessatti Naamusa Gaarii,Safuu fi Aadaa Amantichaa sirriitti kan eeggatan dhufuuf Qophii xumuranii waan jiranuuf isinis deeggarsa hayyootni Islaamaa isin gaafatanu akka biyya Keenyatti Majlisa durii irratti Mul'ataa turanii fi yeroo ammaa kana haala hawaasa Muslimaa itti tajaajilaa jiru hubachuuchuuf qorannoo isiniif dhiyaataa jiru dhugaa qabatamaa Naannoo keessan jiruun wal qabsiiftanii odeeffannoo guutuu fi qabatamaa ta'e akka keennitanu karaa Ustaazotaa fi Hayyoota Islaamaa kana waliin guuyyoota muraasa qofa Dhaabbata Islaamaa keessaniif gaachana ta'aa jechuun dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam ergaa isaanii Hawaasa Muslimaatiif dabarsaniiru.

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

27 Jan, 16:06


#Oduu_Gammachiisaa

#BAANKII_ZAMZAM_DAMEE_WAHDA_BEDDELLEE Diinagdee Hawaasa Muslimaa tumsuuf Baankiin Kun Hawaasa Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee tumsuuf Magaalaa Beddellee Keessatti Damee Jalqabaa guyyaa har'aa bakka Dura bu'aan Majlisa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam fi Miseensonni Majlisa Godinaa,Magaalaa Beddellee akkasumas Hawaasni Muslimaa jirutti ifatti banamuun Sagantaa Sirna Baankii Islaamaa jalqabeera.

Biyya Keenya Itoophiyaatti Sirna Baankii Shariyaa Islaamaa dhabuun rakkoo Siyaas-Diinagdee guddaaf Hawaasni Muslimaa Saaxilamaa ture Mootummaa Sirna Jijjiiramaatiin Diinagdeen Hawaasa Muslimaa haala Adeemaa Sirna Shariyaa Islaamaatiin Akka hogganuuf heyyama kennan Qabsoo Yeroo Dheeraa booda Hawaasni Muslimaa waan barbaadaa ture gammachuun argatee jira.

Hawaasni Godina Buunnoo Beddellee fi Magaalaa Beddellee Baankii Zamzam Baankii Keessan, Keenya, Kan Kee fi Kan Kootii.
Kanaafuu Baankii Damee kanatti fayyadama Tajaajila Addaa addaatti fayyadamaa isiniin Jenna.

Baankii Zamzam Qabeenya Keessan kuusuu qofaa osoo hin taanee Investment fi Buu'uura Hojii Ijaarsa addaa addaa irratti Tajaajila Gurguddaa Akka argattan isin taasisa.
itti fayyadamaa Qabeenya keessaniif Amanamummaa,Saffisaa akkasumas Karaa Qabeenyaa halaalaatiin Kennuu,Liqeessuu fi Invest gochuu irratti hirmaadhaa.

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

19 Jan, 18:51


Godina buunnoo Beddellee Magaalaa beddelleeti
Sagantaa da'awaa guddaa Hawaasaa fi Dargaggoo magaalicha Hirmaachise Adeemsifamaa Oolee jira !

Kutannoo fi Murannoon Hawwasni keenya magaalaa beddellee nutti agarsiise heddu kan Namatti toluudha !

Dargaggooni sagantaa kana qopheessitan Hawaasonni irratti hirmaattan Ustaazonni fi du'aatonni irratti Affeeramtan Galata Qabdu !
Ustaaz Nazif Adam
Ustaz Muktar Mahmud
Ustaz Nuuraddin
Haydar Nasha
Alaamuddin Biraanuu

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

16 Jan, 21:33


#Oduu_Gammachiisaa

"SAGANTAA MUHAADARAA MASJIIDA SAHAABAA YEMBERO"

Guyyaa 18/5/2017
Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee Maraaf Sagantaa Aanaa Dhiidheessaa Magaalaa Yemberoo fi Nannawaa isaatiin Qopheessaa jiranu Sadarkaa Oromiyaa fi Godinicha Keessa Ulamoota,Du'aatoota fi Hoggantoota Majlisaa irratti argaman irratti Hawaasni Muslimaa ganama sa’aati yoo rabbi jedhee Amajjii 18/5/2017 Wal argaan Bakka Dirree Madrasaa Bakka Burqaa Darasootaa fi Madrasaatti haa argamnu isiniin jedhaa jiruu.

Sagantaa kana irratti kan affeeraman
Ustaaz Gaalii Muktaar, Ustaaz Waziir Muhammad nuur
Dr Muhammad Saalih
Ustaaz Shuayib Shamsuu
Ustaaz Naziif Adam
Sheik Shihaab Nuuraa fi Sheik Muktaar She Ahimad fi Kanneen biroo Sagantaa kana irratti ni argamu.
Sagantaa Milkii nuuf haa taasisu

#Qindeessitoota_Sagantaa

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

04 Jan, 18:29


Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Sirna Wal irkaa fuudhiinsa gaggeesseera.

#Muddee 26/42017

Mana marii dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee tti Muudama yaa'ii Marsaa 6ffaa Bara Hojii 7ffaa irratti muudamanii turan guyyaa har'aa departmentoota hunda waliin walitti dhufuun Karoora Department Mirkaneessuu fi Sirna Wal irkaa fuudhiinsa gaggeessuun kallattii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa kaa'een kallattii gara Fuula kaa'achun akkasumas department hundi gara hojiitti Akka seenuu fi Aanoleen Qophii Karoora isaaniif mirkaanaa'een yaa'ii yeroo Gabaabaa keessatti raawwatanii gara hojiitti Akka galanu kallattii kennameera.

Xumura irratti Hojiin Bara kanaa kan duraanii Caalaa Akka foyyaa'uf hunduu yeroo fi haala Naannoo gidduu galeessa godhachun gara hojiitti Akka seenamu du'aa'ii kadhachuun Sagantaa guyyaa har'aa irratti Xalayaa muudamaa kenname wal ga'ichi xumurameera.

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

15 Dec, 14:54


Yaa'iin Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Muudama haaraa kan Bara 2017 muude Manni marichaa mirkaneesseera.
     #Koree Hoji Raawwachiiftuu;
1.Ustaaz Naziif Adam Dura Bu'aa.
2.Sheek Kaliil Muhammadnur _It/A/Dura Bu'aa.
3.Obbo Zaakir Yaasin-Barreessa
4.Sheek Muhammad Nazraddiin.-Hajjii,Umraa fi Hariiroo Hawaasaa.
5.Department Leenjii,Barnootaa fi Qorannoo hambaalee .-Ustaaz Awwal Adam.
6.Departm.Gurmaa'ina Caasaa, Dargaggoo fi Dubartoota.-Darg,Alamuddiin Birhaanu.
7.Departm.Bulchiinsaa fi Faayinansii. -Sheek Imaam Galataa.
8.Departm.Galiwwanii fi Misooma Diinagdee:- Haji Muhammad Ismaa'il.
9.Departm.Nageenyaa,Subqunnamtii fi Miidiya.-Bars Gurmeessaa Milkii.
10.Deparment Masjiida fi Waqfiwwanii.Bars Daliil Jamaal.
11.Department Daawaa fi Irshaada- Sheek Mizbaa Kadir.
12.Sheek Qaasim Abdurrahmaan -Miseensa.
13.Sheik Kadir She Abdussalaam.Miseensa.
    #Boordii Gorsituu
1.Haji Yaasin Abbaa Giddii-Dura Bu'aa.
2.Sheek Muhammannuur Abubakir.Itti Aanaa 1ffaa
3.Sheek Abdulhamiid Abdurrahmaan. Itti Aanaa 2ffaa
4.Sheik Abdallaa Muusaa-Barreessaa
5.Bars.Naasir Lamuu- Miseensa.
6.Haji Jihaad Kadir -Miseensa.
7.BarsTamaamJamaal-Miseensa.
       #Koree Araara
1.Obbo Kadir Dhaaba.Walitti Qabaa.
2.Haji Muniir Yusuuf .Itti Aanaa.
3.Obbo Abdallaa Soonessaa.Barreessaa.
4.Sheek Muzammil Adam.
5.Sheek Ajiibu Hasan.
    
      #Koree Fatwaa(Gumii Ulamaa) Godinaa:
1.Sheek Shihaab Nuura.Walitti qabaa.
2.- Sheek Huseen Daawud-Itti Aanaa 1ffaa.
3.Sheek Muktaar She Ahimad. Itti Aanaa 2ffaa.
4.Sheek Abdurrazzaaq Nazraddiin  -Barreessaa
5.Sheik Saali Mahmud
6.Sheek Jamaal Kaliifa
7.Sheek Huseen Abdussamad.
    #Walumaagalatti Ulamoonni Godinichaa Miseensa Gumii Ulamaati.
      #Koree Daawaa fi Barnootaa:
1.Sheek Awwal Adam_ walitti qabaa.
2 .Sheik Abdallaa Kamaal-Itti Aanaa
3.Ustaaz Abayyaziid Kamaal.Barreessaa.
4.Shee Hawwii Abduljaliil -Miseensa.
5.Sheek Saabit Xaahaa.
6.Sheek Ahimad Sharaf
7.Sheek Kaliifaa Ibrahim .Aanaa  Daapho.
8.Sheek Taaju Adam.Cooraa
9.Sheek Shamsuu Abdulqaadir__ Boorrachaa
10.Ustaaz Abdurrahmaan Aliyyii _Cawwaaqa.
11.Sheek Zubeer Kadir.
12.Ustaaz Abdulqaadir Muhammad.
13.Sheek Saadaa Dambii.
14.Sheek Musxafaa Muzeyyen.
15.Sheek Ahimad Makkoo
    
   # Koree Waldaa Dargaggoota G B Beddelle
1 ,Alamuddin Birhanu Likkaasa-Beddellee
2,Muraad Yaziid Faaris -Beddellee
3,Abdiisa Kadiri Abba Raago-Dhidheesssa
4, zubeer Sunxaal Musxafa -Cooraa
5,Idris Tashoome - Gachii
      #Ramaddii Kilaasteraa;
1.Zaakir Yaasin fi Naziif Adam-  Magaalaa Beddellee
2.Alamuddiin Birhaanu fi Sheek Mizbaa Kadir; Aanaa Beddellee fi Daaphoo.
3.She Imaam Galataa fi Sheik Qaasim Abdurrahman- Aanaa Cawwaaqa.
4.Sheek Muhammad Nazraddiin fi Bars Gurmeessaa Milkii; Aanaa Gachii.
5. Sheek Kaliil Muhammadnuur fi Sheek Abdurrazzaaq;Aanaa Cooraa
6.Sheek Shihaab Nuuraa fi Bars Daliil Jamaal- Aanaa Dhidheesaa.
7. Ustaaz Abayyaziid Kamaal fi Sheek Kadir Abdussalaam; Aanaa Boorrachaa.
8.Sheek Awwal Adam,Sheek Abdul'aziiz fi Sheek Huseen Daawud;Aanaa Deeggaa fi Makkoo muuduun Sagantaan yaa'ii goolabameera

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

01 Dec, 17:22


#Harargeen_Seenaa_Marsaa_2ffaaf_Seenaa_hojjatan.

Sheeka Sheekotaa kan ta'aniif Sheik Ahmad Watar tiif Konkolaataa Biteera.

Ulamaa'iitu kabajame.

Qabeenyi Iddoo Itti ba'uu qabutti ba'e.
ماشاء الله تبارك الرحمن 🥰🥰

Sheek Jemal Aliy Abdula fi Obbo Seyfuddiin, Akkasuma obboleeyyan isaanii kanneen Sheeka Sheekotaa Sheik Ahmad Watariif makiinaa bitan hundinuu Galatoomaa Rabbiin Qabeenya isaanii keessa barakaa haa kaa'u. Kana caalaa keyrii hojjachuu isaaniif haa laaffisu.

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

28 Nov, 12:17


Dorgommii Galmee Qur'aana Idil Adunyyaa Itoophiyaatti Marsaa 2ffaaf jalqabeera.
Namoonni galmaa'uu barbaaddan Karaa
#Email:-👇👇👇👇
[email protected] galmaa'uu dandeessu.
Dorgommiin Qur'aanaa fi Azaanaa Idil Adunyyaa Marsaa 2ffaan #Amajjii 25/2017 #February 2/2025 Finfinneetti kan gaggeeffamu ta'uu qopheessaan Sagantichaa Waldaan Qur'aanaa Zayid Ibn Saabit beeksiseera.

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

28 Oct, 14:46


Mana Mari Dhimmoota Islaamumma Godina Buunno Beddelleetti Sagantaan Leenjii
Leenjistootaa Guyyaa Kaleessaa Gumii Ulamoota Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddelleetiin Kennameera.


Gumiin Ulamoota Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Guyyaa Kaleessaa mata dureewwan armaan gadii irratti
1. Qajeelfama Sirna Bulchiinsa Masjiidaa
2. Sirna Ogummaa Kuxbaa Juma'aa
3.Hariiroo Hawaasa Islaamaa akkasumas mata duree addaa addaa irratti Aanaalee Godina Buunnoo Beddellee 9 fi Magaalaa tokko irraa Walitti dhufaniif Leenjii Leenjistootaa Ulamootaaf Marsaa 2ffaatiif Kennamee Jira.

Leenjiin Kunis Sadarkaa Aanaa,Maayibaasii fi Ganda irratti Leenjiin Kun Akka itti fufee Imaamota Sadarkaa Masjiidaa Juma'aa fi Jama'aatti Akka Kennamu kallattii Kennamee Leenjiin Kun haala gaariin Xumurameera

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

28 Oct, 12:46


السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Hawaasa Muslimaa Biyya keenyaa fi Godina Buunnoo Beddellee hundaan Baga gammaddan,Baga Gammanne Jechaa;Hunda dura Rabbiin Galanni haga'u Jechaa; Itti Aansuun Qaamoleen Adda Addaa Projektii Ijaarsa Gamoo Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee kana irratti Qaamaa Qalbiin hirmaataa turtan Galatooma isiniin jedha Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Godinichaa;Kana Sababeeffachuun Guyyaa har'aa 18/2/2017 Hogganaan Majlisa Godinichaa Duraanii fi Daa'iin beekamaan Biyyoolessaa, Akkasumas Miseensa Koree hoji Raawwachiiftuu Majlisa Oromiyaa fi Qindeessaa Kilaastera keenyaa Kan ta'an #Ustaaz Gaalii Muktaar, Projektii kana daawwatanii Sadarkaa irra jirutti Gammaduun Qaamolee Majlisaa, Qaamolee Mootummaa Jijjiiramaa Sadarkaan jiru Lafa kennuu irraa jalqabee hanga Guyyaa har'aatti Deeggarsa gochaa jiru, Akkasumas Hawaasa Muslimaa Godinichaa fi Namoota kallattii fi Alkallattiin qooda Islaamummaa ba'achaa turan galateeffachuun, hojiin hafe Tokkummaan itti fufee Yoo Rabbi jedhe Yeroo gabaabaa keessatti projektiin Kun Akka xumuramu dhaamsa dabarsaniiru.
#Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee.

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

06 Oct, 14:10


Godina B/ Beddellee A/D/Haannaa magaalaa Koneettii leenjiin "Gaggeessummaa Dargaggooofi barbaachisummaa Dargaggoo Islaamummaa keessatti" jedhu bifa hawwataafi nama gammachiisuuun gaggeeffamaa ooleera koreen dargaggoo aanaas bifa haaraan filatameera dhuma irrattis ibsa ejjannoo abbaa qabxii kudhaniittiin goolabameera! @lhamdulillaah!