Waajjira barnoota bul/mag/Asallaa

@ataeo2020


Waajjira barnoota bul/mag/Asallaa

20 Sep, 14:30


Barattoonni qormaata seensa manneen barnoota Bultii Addaa qoramtanii dabartan hundii baga gammaddan!
Ramaddiin keessan dookimentii kana keessatti qindaa'ee waan jiruuf ilaallachuu dandeessu.
Tokkummaan Misoomaaf!
@odawmo

Waajjira barnoota bul/mag/Asallaa

09 Sep, 16:58


#Liinkiin_nu_dhaqqabeera.
------
BBO- 4/13/2016 Qabxii Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2016 #Liinkii asii gadiitiin ilaaluu akka danda'an dhaabbatni Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa Beeksise.

1. Portaalii፡- https://result.eaes.et

2. (Telegram Bot):- https://t.me/EAESbot

3. Karaa ergaa gabaabaatiin (SMS)፡- 6284 qubee ‘R’ dursitanii barreessuun, itti aanuun immoo lakk.addaa keessan galchuun yoo ergitan qabxii keessan beekuu ni dandeessu.
(#Fakkeenyaaf ( R1234567)
SMS kun kanfaltii qaba.

#Hubachiisa:- Portaalii ykn Telegraam Bot kanarraa qabxii keessan waraqaa ragaa yeroof ta'u buufachuufi maxxansachuu ni dandeessu.

Waajjira barnoota bul/mag/Asallaa

07 Sep, 16:15


Hoggantootni BBO #Raawwii_Hojii_Karooraa Boqonnaa Qophiifi #Riifoormii_Caasaa_Barnootaa keessatti taasifamee ture qoratan.
---------------------
BBO- Qaammee 2/2016 Hoggantootni Biiroo Barnootaa Oromiyaa "#Guyyaa_Riifoormiin_Tajaajila_Caalmaaf" jedhu sababeeffachuun hoggantoota Waajjira Barnootaa Bu. Magaalotaa waliin karaa #Viidiyoo_Konfiraansiin Raawwii Hojii karoora Boqonnaa Qophiifi Riifoormii Caasaa Barnootaa keessatti gaggeeffamee ture irratti marii gaggeessaniiru.
Guyyaa Riifoormii ilaalchisee marii Viidiyoo konfiraansiin gaggeessaniin,
- Riifoormii caasaa barnootaa keessatti taasifamee tureefi bu'aasaa,
- Hala kenniinsa tajaajilaa
- Galmee barattootaa,
- Ijaarsa manneen B'uura Boruu,
- Kenniinsa Lafa Mana Jireenya Barsiosotaa
- Ijaarsa Manneen Barnootaa Sad. 1ffaa
- Barnoota Ga'eessotaa,
- Sagantaa Tutooriyaalii keennuu, kutaa 6, 8fi 12ffaaf kennamee,
- Paarkii dijitaalaa(ICT center) hundeessuuf babal'isuu irratti marii gaggeessaniin hojiiwwan bu'a qabeeyyin kan hojjataman yoo ta'u, hojiiwwan sirrachuu qaburratti yaadni sirreeffamaa kennameera.
Walumaa galatti, Guyyaa Riifoormii ilaalchisee gamaaggamni hojiifi marii #Viidiyoo_konfiraansiin gaggeessaa oolan bu'u qabeessa ta'uun himameera.

Waajjira barnoota bul/mag/Asallaa

06 Sep, 16:14


#ሰኞ_ይፋ_አደርጋለሁ - ትምህርት ሚኒስትር

የ2016 ዓ.ም የ12ኛ ክፍል ሀገር አቀፍ መልቀቂያ ፈተና ውጤት የፊታችን ሰኞ ጳጉሜን 4/2016 ዓ.ም ይፋ እንደሚደረግ የኢትዮጵያ የሀገራችን ኢትዮጵያ ትምህርት ስርዓት እራስ ትምህርት ሚኒስቴር አሳውቋል።
https://t.me/EthiopianEducationalTelevision

Waajjira barnoota bul/mag/Asallaa

01 Aug, 13:31


Naannoo Oromiyaatti qabxiin qormaata Kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa bara 2016 ifoome
-
Naannoo Oromiyaatti Qabxiin qormaata barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 har'a ifoomeera.

Barattootni kutaa 8ffaa fi 6ffaa qabxii isaanii karaa Kompitara ykn bilbila isaanii irraa 'Link' asii gaditti kenname keessa galuun fuula 'Home Result' jedhu argattu.
Fuula kanarratti bakka lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun dhumarratti 'check result' kan jedhu tuquun qabxii keessan beekuu ni dandeessu.
Kutaa 6ffaaf
https://oromia6.ministry.et/#result
Dabalataanis; telegraamii irratti . @emacs_ministry_result_qmt_bot
- 'start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
- itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan beekuu dandeessu.

Kutaa 8ffaaf
Liinkiin asii gaditti kenname kan qabxii kutaa 8ffaa ittiin ilaalludha.
https://oromia.ministry.et/#result
Dabalataan, Telegraamii irratti @emacs_ministry_result_qmt_bot
- start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
- itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan beekuu dandeessu.
#Komii_yoo_qabaattan:
Barataan Komii Qabu Yoo Jiraate; Liinkii asii gaditti kenname keessa galuun komiisaa dhiheeffachuu ni danda'a.
Komiinis kan dhihaatu danda'u har'a irraa eegalee #guyyoota_hojii 10 keessatti qofa ta'a.
Kutaa 6ffaaf https://oromia6.ministry.et/#/complaint
yoo ta'u,
Kutaa 8ffaaf immoo https://oromia.ministry.et/#/complaint
fuula 'form' irratti gosa barnootaa komii irratti dhiheeffattan filachuun iyyannoo dhiheeffachuu ni dandeessu.
Hubachiisa: Dursitanii App. VPA cufuu qabdu.

Qabxii darbiinsaa
Kutaa 8ffaa
#Dhiiraafi dubartii 50%fi ol yoo ta'u,
#Naannawa horsiisee bulaatiif
dhiiraaf 48% , dubartiif 45%fi ol
# Qaama miidhamtootaaf immoo,
dhiiraaf 45% , dubartiif 42 % fi ol ta'ee murtaa'eera.

Qabxii Manneen Barnootaa Bultii Addaa Galchanis fuulduratti kan ibsamu ta'a.
https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo

Waajjira barnoota bul/mag/Asallaa

26 Jul, 11:47


Badhaasa Pirezidaanshaal Award Marsaa 3ffaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa!
= = =
Gamaggamni raawwii hojii bara bara 2016fi kallattii karoora bara hojii 2017 Paartiifi Mootummaa geggeeffamaa ture xumurame.

Gaggama kana boodas Badhaasni pirezidaanshaal Mootummaa Naannoo Oromiyaafi waraqaa ragaa Gandoota baadiyyaa, Gandoota, Magaalaa, Aanaalee Baadiyyaa, Godinaalee, Magaaalaa, Godinaalee, Magaalotaafi manneen hojii mootummaa raawwii hojii gaarii galmeessaniif Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shamallis Abdiisaan kennameera.

Haaluma kanaan Magaalonni

1. Magaalaa Shaggar Warqii,
2. Magaalaa Adaamaan Meetiifi
3. Magaalaa Bishooftuun Nahaasa

Godinaleen
1. Godina Arsii Lixaa Warqii,
2. Godina Harageen Lixaa Meetiifi
3. Godina Harargeen Bahaa Nahaasaa

Manneen hojii mootummaa keessaa
1. Biiroon Fayyaa Oromiyaa Warqii,
2. Biiroon qonnaa Oromiyaa Meetiifi
3. Inistitiyuutii qorannoo qonnaa Oromiyaa Nahaasa argataniiru.