Kaadhimamaa Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahmad dhiheessan kana karaa Bakka Bu'aa mootummaatiin mana mareetiif kan dhihaate yoo ta'u, manni marichaas sagalee caalmaa fi miseensa sagalee hin kennine tokkoon raggaasiseera.
Dr. Saamsoon Mokonnin Yunvarsiitii Finfinnee irraa digirii jalqabaa, Yunvarsiitii Amboo irraa ammoo Digirii lammaffaa akkasumas Yunvarsiitii Afrikaa Kibbaa Irraa kominikeeshiniidhaan digirii sadaffaa kan hojjetan ta'uun ibsameera.
Yunvarsiitiiwwan adda addaatti barsiisummaan tajaajilaa kan turaniifi hanga guyyaa muudaman kanaattis pirezedaantii itti aanaa Yunvarsiitii Finfinnee ta'uun tajaajilaa turan.
Muudamaa dargaggeessi kun, gama miidiyaa fi kominikeeshiniitin dhaabbilee idil- addunyaa irratti waraqaawwan qorannoo adda addaa hedduu kan maxxansiisan akka ta'es yaa'ii mana marii kanarratti ibsameera.
Ammaan dura Daayirekatara Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa kan turan Obbo Mohammed Idiris, ministira nagaa ta'uudhaan muudamuun isaanii niyaadatama.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa miidiyaalee biyya keessaa kan bulchuu fi too'atu yoo ta'u, miidiyaalee biyya alaa biyyattii keessa buufatanii hojjetaniifis heeyyama kan kennuu fi kan hordofuudha.