Oduu Waliif ( Muddee 17/2024) Finfinnee
Hogganaan Waraanaa Yugaandaa Janraal Muhuuz Kainerugaban yaada falmisiisoo dhiyeessuun beekamu Kaartuum dhuunfachuuf pirezidaantii Tiraamp eegaa akka jiran dubbatan.
Waggaa lama dura Kennerugabaan barruu falmisiisaa ta’e maxxansee ture, waraanni Yugaandaa torban lama booda Keeniyaa ni qabata jedhee.
Ibsa falmisiisaa kennuun kan beekamu hogganaan waraana Yugaandaa Jeneraal Muhozi Kenerugabaa, magaalaa guddoo Sudaan Kaartuum akka to’atu ibsa haaraa falmisiisaa jira.
Ilmi Pirezidaanti Museeveenii Jeneraal Kenerugabaa fuula X ofiisaa irratti yaada kan qodani.
Kenerugebaan waggaa lama dura waraanni Yugaandaa torban lama booda Keeniyaa ni to’ata jechuun doorsisuun isaa ni yaadatama.
Pirezidantiin Yugaandaa Yowerii Museveenin, ilmi isaanii Janraal Muhuuz Kainerugaban, kana booda dhimmoota mootummaa wal falmisiisoo ta'an irratti yaada hin kennu jedhanii turani.