Amala dhiiraa Dubartiin Jaalattu
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
➲ Dubartoonni uummama isaanitiin dhiira jabaa isaanii ol ta'ee isaan hogganuu danda'u fedhu. Dhiira barbaaddamummaa qabu barbaadu. Akka ati waay'eshee qofa buustee baastee jireenya mataa kee dagattu hin barbaadan.
➲ Dubartoonni hamma dhiiraa dandeettii waa murteessuu fi ofitti amanummaa hin qaban. Kanaaf jedhanii dhiira isaan utubee jireenya isaanii bareechu baay'ee barbaadu. Kanaafuu atuu isaanii gadi laafaa taanan filannoo biraa barbaaddatu.
➲ Ati jireenya mataa keetii mijeeffachaa, ishii waliin jiraachuu akka barbaaddu fi jaalattu, kanaaf ammoo miiltoo jireenyaa akka siif taatu itti himi.
➲ Baay'ee jaalalli ishee yoo sitti cimellee ishee biratti nama jaalalaan miidhame of hin fakkeessin. Nama karooraan deemu ta'i. Dadhabbinakee ofirratti hin beeksisin. Kennaa adda addaa fi sossobaa akkasumas dhiifama gaafachuu itti hin heddummeessin ykn sirumaa dhiisi.
➲ Yoo ofiif balleessite ta'e dhiifama gaafachuu dandeessa. Kan isheen balleessiteef garuu kadhaa fi sossabaan tokko hin barbaachisu. Akka ati ishee jaalattu erga beektee, deemtee deemtee allaattii reenfi lafa isa jedhan san, ni deebiti. Garuu bilbilaa fi miiseejii itti hin baayisin.
➲ Amalli shammarranii amala adurreetin tokko, yoo ati ariite si jalaa baqatti, yoo ati gattee sokkite si hordoftee dhufti. Kanaafuu madaala kee olkaasuu hin dagatin. Iddoo kamittuu waan ishiin jettu qofan guuta jettee hin yaadin. Gaaf tokko tokko gammachiisi malee ishuma gammachiisuuf yeroo mara hin dadhabin.
➲ Dubartiidhaf jaalalli irra caalli isaa hinaaffadha. Hawwii fi kajeelladhaan umurii ishii fixxi. Kanaaf halkanii guyyaa hawwisiisuu, hinaafsisuun si biraa hafuu hin qabu. Dubartiin ani simalee yoo jetteen of tuuluu barbaadu waan ta'eef carraa babal'aa baay'een akka jiru ishuma fuundura deddeemii itti agarsiisi.
Ciniinsuu Jaalalaa follow, sheer taasisi?