jechoota jalaala(love qoute) @sallove123 Channel on Telegram

jechoota jalaala(love qoute)

@sallove123


love qoute jechoota jalalaa By 3 language

jechoota jalaala(love qoute) (Amharic)

በበለጠ ከፍተኛ ውሎ ተስፋ ከፍተኛ እውነት እና ቀዳዳ ምህዞ በበለጠ ቀን ተነሳል። "jechoota jalaala(love qoute)" የተፈጥሮ ምህዞዎችን መጠቀም የፍቅርን አዝናኝ የልብ ቅርጸትን እና ልባችንን ለተስፋ የሚሰማ መልእክት ነው። የሚለየን ጀርባ ከሆነ በመሣሪያዎች እና በምስል ውስጥ የተመረጡ ምህዞዎችን እንዳይመለከቱ እንዲህ እንደኛው ላይ ከፍተኛ ፍቅር ገልፀናል። ከመልካም እና ከአዲስ መረጃዎች በፊት የተለያዩ መልእክቶችን በማዘጋጀት አዝናኝ ተስፋዎችን ተመልከቱ። ይህን መልእክት በእኛ ላይ ያሉ በማሳይ ለፊት ከዚያ በላይ ይሆናል።

jechoota jalaala(love qoute)

08 Feb, 13:56


.
Amala dhiiraa Dubartiin Jaalattu
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆

➲ Dubartoonni uummama isaanitiin dhiira jabaa isaanii ol ta'ee isaan hogganuu danda'u fedhu. Dhiira barbaaddamummaa qabu barbaadu. Akka ati waay'eshee qofa buustee baastee jireenya mataa kee dagattu hin barbaadan.

➲ Dubartoonni hamma dhiiraa dandeettii waa murteessuu fi ofitti amanummaa hin qaban. Kanaaf jedhanii dhiira isaan utubee jireenya isaanii bareechu baay'ee barbaadu. Kanaafuu atuu isaanii gadi laafaa taanan filannoo biraa barbaaddatu.

➲ Ati jireenya mataa keetii mijeeffachaa, ishii waliin jiraachuu akka barbaaddu fi jaalattu, kanaaf ammoo miiltoo jireenyaa akka siif taatu itti himi.

➲ Baay'ee jaalalli ishee yoo sitti cimellee ishee biratti nama jaalalaan miidhame of hin fakkeessin. Nama karooraan deemu ta'i. Dadhabbinakee ofirratti hin beeksisin. Kennaa adda addaa fi sossobaa akkasumas dhiifama gaafachuu itti hin heddummeessin ykn sirumaa dhiisi.

➲ Yoo ofiif balleessite ta'e dhiifama gaafachuu dandeessa. Kan isheen balleessiteef garuu kadhaa fi sossabaan tokko hin barbaachisu. Akka ati ishee jaalattu erga beektee, deemtee deemtee allaattii reenfi lafa isa jedhan san, ni deebiti. Garuu bilbilaa fi miiseejii itti hin baayisin.

➲ Amalli shammarranii amala adurreetin tokko, yoo ati ariite si jalaa baqatti, yoo ati gattee sokkite si hordoftee dhufti. Kanaafuu madaala kee olkaasuu hin dagatin. Iddoo kamittuu waan ishiin jettu qofan guuta jettee hin yaadin. Gaaf tokko tokko gammachiisi malee ishuma gammachiisuuf yeroo mara hin dadhabin.

➲ Dubartiidhaf jaalalli irra caalli isaa hinaaffadha. Hawwii fi kajeelladhaan umurii ishii fixxi. Kanaaf halkanii guyyaa hawwisiisuu, hinaafsisuun si biraa hafuu hin qabu. Dubartiin ani simalee yoo jetteen of tuuluu barbaadu waan ta'eef carraa babal'aa baay'een akka jiru ishuma fuundura deddeemii itti agarsiisi.
Ciniinsuu Jaalalaa follow, sheer taasisi?

jechoota jalaala(love qoute)

07 Feb, 14:43


No one can change my feelings for you, you're still the only one i want.

jechoota jalaala(love qoute)

07 Feb, 14:35


"Sometimes I ask myself, why they can't love me the way I love them."Zero Feeling

jechoota jalaala(love qoute)

28 Jan, 10:14


Nothing can separate when two hearts are loyal to each other.❤️

jechoota jalaala(love qoute)

28 Jan, 10:09


Distance doesn't matter, if two hearts are loyal to each other. 💞Sad life

jechoota jalaala(love qoute)

07 Jan, 18:57


Jaalalli gaa’ela duraa yeroo malee, miiraa fi miira fedhii fi jaalalaan kan guutame dha.

Dhugaan jiru garuu nama tokko hanga guyyaa guyyaa waliin dabarsitutti gonkumaa hin beektu.

Akkasumas qabsoon dargaggoota hedduu har’a taasifamu osoo kan isaanii ta’uun isaanii hin mirkanoofn dura qalbii isaanii nama tokkotti maxxansuudha.

Kunis dhimma walitti hidhamiinsa, dhiphina sammuu fi mufannaa fida.

Dhorkawwan akka meeshaa eegumsaatti akka nuuf tajaajilu yoomiyyuu hin dagatinaa.

jechoota jalaala(love qoute)

06 Jan, 13:12


Jaalala keessatti yeroo cufa "Romance" haala taheeniin jiraadha yoo jatte namni akka kee jaalala keessatti boqonnaa dhabuufii jaalala irraa gubatu hin jiru💔

Oduma wal jaalattanii...
~Sababa tokko malee akkanuma waliin tataphachuu jibbuutu jira.
~Hasawa dhadheeraa taa'anii waliin haasahuu jibbuutu jira.
~Wantummaan yeroo taan nama hin aarsine yeroo nama aarsuutu jira.

Yeruma kofaltee waliin taphachuun si jibbisiise cufatti wal jibbine, wal quufne jattee hin yaadin. Jaalala keessa wanti hedduu nama jibbisiisui oduma wal jaalatanii nama jiddutti uumamuu mala, saniif waan takka takka salphisaa laalaa, waliifiis oobsaa, "Romance" qofaas walirraa hin eeginaa !


Kan isin jiraachu jirtan jireenya qabatamaadha malee "script" diraamaa(filimaa) miti !

jechoota jalaala(love qoute)

03 Jan, 16:21


"Siin jaaladha. Dhiiraatu qaalahee dubartii rakise jachuuf odoo hin tahin, dhiiraatu dhabame dubartii baayyate jachuuf odoo hin tahin, jaalalatu oofee balbala kee na fide Habiibii.

Siin jaaladha jachuun ati qaalii tahuuf ani rakisa tahuu kan ibsuu miti, ati nama hunda caalaa anaan filatamuu Kee ibsa. Siin jaaladha siin bara cahuuf odoo hin tahin sii waliin baraaf barii,  mucucaaf rakkoo mara harka wal qabadhee cahuudhaaf"

🥰❤️

jechoota jalaala(love qoute)

29 Dec, 20:03


Dubartiiin yeroo si jaalatte siif jattee waan barbaadde ni dhabdi, "si dhiise, gargar baana" jatteenii yeroo muraasa booda "si dhabuun dadhabee wali deebina" yoo jetteenillee sirraa hin muranne yoo tahe deebiteetii siif hayyamti. 
💔Yeroo takka sirraa murattee si gad lakkisnaan, akka dhagaa cabeeti walitti hin deebitu.


Haadha manaa si malee jattu takka qabda yoo tahe jabeessi, lama hin argamtuu.
🥰

:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu

jechoota jalaala(love qoute)

27 Dec, 14:15


An si malee
an si maalee
haalli naa nattin
tole...hacee

jechoota jalaala(love qoute)

23 Dec, 13:58


Jaalaluma Jibbita!💔🥹

Gaafa dhugaan jaallattee
Amanattee; ganamtu
Gaafa jireenya keetti
Karri gaddaa banamtu

Waadaan jaalala keetii
Nyaatamee akka 'bargarii'
Nama “hireekoo” jettuun
Gaafa baate gargari...

Mogoleetu si laafa
Fuuchuu dadhabda miila
Madaa’ee dhiiga boo’ee
Onneen jaalala jiila....

“Guutuu gola onneekoo
Ishee qofa dhaalchisee
Dhugaadhaan jaallachuunkoo
Hundumarra caalchiseee

Yaadaaf yaaddoo isheetiin
Qal’adhee akka lilmoo
Egereedhaaf abdadhee
Kunuunsee akka ilmoo

Isheef jecha raata’ee
Of gatee akka raatuu
Ofii kootiin dubbadhee
Isheef ta’ee maraatuu..

Giiftii onneekoo godhee
Ofirratti muuduunkoo
Ishee qofa dhagahee
Kaaniifimmoo duuduunkoo

Ijjjikoo kaan lagatee
Ishee qofa arguunsaa
Ooyruunkoo kaaniif hongee
Ishee qofaaf marguunsaa

Jaalalaaf jiraachuunkoo
Isheedhaaf amanamee
Erguma gatii dhabee
Waadaan kiyya ganamee...

Erga haqni dhibeetii
Dirra lafaa kanarra
Hariiroo tokko-n qabu
Jaalalli kun anarraa”

Jettee walaleessita
Yookaan immoo sirbita
Amanamtee ganamtee
Jaalaluma jibbita!

Boolla buutee bahuudhaaf
Oliif gadi godaata
Lama miidhamuu jiilee
Onneenkee si sodaata..

Addunyaa jaalalaarraa
Xumurattee gadaakee
Kophaa jiraachuu feeta
Kulkulfataa madaakee!

✍️... Riyaad Raayyaa repost kan godhame.💔🥹

jechoota jalaala(love qoute)

22 Nov, 17:07


Si dhaggeeffachuu nan jaalladha, fuula kee arguu nan jaalladha, gosoota ibsa fuula ati yeroo haasofnu hunda nan jaalladha, miira bishaan keessa lixuu yeroon ija kee ilaalu natti dhaga'amu nan jaalladha, sagalee kee nan jaalladha, akkamitti akka urgaa'u nan jaalladha . hammam akkan jaalladhuu fi hammam mudaa kan hin qabne akka taate ibsuuf jechoota gahaa illee hin qabu. ati addunyaa koo guutuudha.

jechoota jalaala(love qoute)

22 Nov, 17:00


Jaalalli guutuu ta'uu hin barbaachisu, dhugaa ta'uu qofa barbaachisa.

jechoota jalaala(love qoute)

21 Nov, 19:26


Bareedina addunyaa kana hunda garuu iji koo kan quufu gaafan si ilaalu qofa.

jechoota jalaala(love qoute)

21 Nov, 19:24


Rakkoo kee hunda sirreessuuf waadaa galuu hin danda'u garuu kophaa kee hunda akka si hin mudanne waadaa galuu nan danda'a.

jechoota jalaala(love qoute)

21 Nov, 09:09


Stop killing salale people

jechoota jalaala(love qoute)

10 Nov, 22:17


Akkaan beekkuuttin si jalladhee
Garuu atii hangan sii jaalladhuu
Osoon beekiin anarra fagatte

jechoota jalaala(love qoute)

06 Nov, 14:21


💔Si dhabee jiraachun heddu na midhulle
Badii kee ilaala dhifama sii gochuu hin danda,uu.

jechoota jalaala(love qoute)

27 Oct, 17:23


Nama si hin jaalanne tokko na jaalata jattee yaaduutu nama hin jaalanne siin jaaladha jattee sobuu irra nama guba.

jechoota jalaala(love qoute)

27 Oct, 11:10


Karaan fagaatef
Garaan hin fagaatu