Galmee Seenaa Qulqulloota!

@qulqulloota


" Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman."
Ibroota 11: 37

Galmee Seenaa Qulqulloota!

12 Sep, 17:28


Namni waa'ee kootiif abdii hin kutanne, gammachuu attamii qaba" isaaniin jedhe.

Maqaalee Yohaannis Cuubaa
1. Raajicha.
2. Duuka bu'aa.
3. Wareegamaa.
4. Tolaa.
5. Luba.
6. Nama kawaalaa / bosona.
7. Cuubaa Waaqaa.
8. Qulqullichaa.
9. Karaa saaqaa.
10. Lallabaa fi ifataa.
11. Barsiisaa fi gorsaa.
12. Riqicha kakuu duraa fi kakuu boodaa.
"Kan dhufuudhaaf jiru si'i moo? Yookiis kan biraa eeggannu?" jedheen.
Yesus immoo deebisee, "Deebi'aa! Waan dhageessan, waan argitanis Yohannisitti himaa!
Kan jaaman in argu, kan hokkolan in adeemu, kan lamxaa'an in qullaa'u, kan duudan in dhaga'u, kan du'an in ka'u, hiyyeessotaafis misraachoon in lallabama.
Namni waa'ee kootiif abdii hin kutanne, gammachuu attamii qaba" isaaniin jedhe.

Eebbi wareegama qulqullicha kana hunda keenyarraa haa bulu😍
Mat.11:3-6 dubbisaa😍

Galmee Seenaa Qulqulloota!

04 Apr, 15:31


Nagaan waaqayyoo isiniif haa tahuu maatiiwwan koo !

Dhiifama guddaa isin gaafadha. haala bara kana ilaaleen tajaajila afuuraarraa fagadhee turee. Amma garuu haala ilaalanii tajaajila afuuraa geggeessuun sirrii akka hin taane hubadheera.

Waaqayyoon na kadhadha.

Ulfaadha kabajamaa !

Galmee Seenaa Qulqulloota!

16 Apr, 01:34


Kiristoos du'aa ka'e, humnaaf Aangoo isaan, seexanni hidhame,Addaam bilisaa ba'e, kana booda ,nageenyiifi gammachuun ta'e. Baga Ifa Du'aa Ka'umsa Gooftaa keenya Iyyaasuus kiristoosii nagaan Gessan.
Ayyaana Gaarii !

Galmee Seenaa Qulqulloota!

19 Mar, 20:09


Nagaan waaqayyoo isiniif haa tahuu jechaa !

Haala adda addaan walirraa fagachuun keenya ni beekama.
Kanan booda heyyama waaqayyoo yoo ta'ee waliin barumsa amantaa baranna.

Garee kana keessa kanneen jirtan online fedhiidhaan koorsii barachuu kan barbaaddan karaa inbox kottaa sanaan booda garee koorsii baratuu hundeessina barnoota jalqabna yoo fedha waaqayyoo ta’ee.

Galmee Seenaa Qulqulloota!

15 Dec, 10:38


Waaqayyoo obsaa waan taheef !

Waaqayyoo obsaadha. Obsummaan isaas cubbamootaan danda'ee callisuu isaa qofa miti. Rakkoon yommuu nurra gahu hanga yeroon hojii isaa gahutti waaqayyoo ni callisa. Callisuun isaa kunis obsa isaati. Waaqayyoo cubbuu yommuu hojjennu qofaa osoo hin taanee gidiraan yommuu nurra gahuus abbaa obsaadha. Ni callisa. Kunis kaniin callisuu hanga yeroon hojii isaa gahuuttii dha !


Maddi kitaaba: "Waaqayyoo kan nu irraanfate maaliif nutti fakkaata ?"
Kan jedhuurraa !

Dubbisa kitaaba baay'ee namatti toluu dha.

Galmee Seenaa Qulqulloota!

06 Oct, 06:39


🌹 BAGA GEESSAN🌹

🌽FULBAANA 26 YEROO YAADANNOO GODAANSA GIIFTII KEENYA DURBOO MAARIYAAMIITI.🌽

Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 ti kan yaadatamuu dha.

Yeroon kunis "Bara Abaaboo" jedhamee beekamaa.

Sababiin maqaan kun kennameef yeroo kana keessaa Abaaboon qalbii namaa hawwatan, urgaa'inni isaanii immoo kan nama gammachiisan, firii mucaan namaa nyaatu kennuuf kan nama abdachiisaan baay'inaan yeroo itti argamaniidha.
Haaluma kanaan abbootiin keenya durboo Maariyaamiin abaaboo kanatti akka isheen fakkeeffamtu godhanii barsiisaniiru.
Fakkeenyaaf Abbaan Efreem Galataa Sanbata Guddaa Lakk.7 irratti " Ati yaa #Maariyaam_Abaaboo bareedde urgooftuu dha, firiin si irraa argame #kiristoosiidha" jedhee barsiiseera.
Qulqulluun Gabri'eel "Firiin garaa keetii kan eebbifamee dha" jedheera.
Haati keenya #Durboo #Maariyaam waggaa 3 fi ji'a 6 guutuu bona aduudhaan, ganna bokkaadhaan, qorraan, dheebuu fi beela’an hanga biyya Gibxii geessutti, biyyaa Gibxii yeroo geessuu immoo simannaa dhabdee bosona biyya Gibxii keessaa baayyee rakkattee, dhiphattee buddeena jireenya isa ta’ee gooftaa keenya nuuf argamsiifte waan taheef yaadannoon ishee bara baraan ni yaadatamaa.

Gondaansi Maaliif Barbaachisee?

1. Raajii raajamee sana raawwachuudhaaf.
Isay.19:1-2 irratti " Yaa Gibxii, Waaqayyoo duumessa ariifataa yaabbatee gara kee ni dhufa, waaqa tolfamaa kees ni caccabsa!" kan jedhamee sana raawwachuudhaafi dha.
2. Hose'i 11:1 irratti " Mucaa koo biyya Gibxii ti naan waamee raajii jedhu akka raawwatamuuf.
3. Walumaa gala Raajii dubbatame ture dhugoomsuudhaa fi fakkeenya macaafa keessatti iccitiin caafame jiru dhugoomsuudhaaf. Mat.10:23, M.Yoh.12:13-17 fi k.k.fa'a ilaaluu dandeessu.

🌹@abbootii🌹
🌹@Qulqulloota🌹


Arjummaan Waaqayyoo, Araarsummaan Durboo Maariyaamii, Kadhannaan Qulqulloota Toloota fi Wareegamtoota ,bartootaa, Ergamoota bara baraan nuu waliin haa jiraatu. Ameen

Galmee Seenaa Qulqulloota!

13 Sep, 16:17


Yaa Addaamii fi Hewaan maal isin goone jettanii gaaffii warra gaafattaniif deebiin kunoo

Kitaaba #Haadha_Ifaa jedhuu dubbisuu dha.

"Yaa Addaamii fi Hewaan nuyi isin qeequun nuuf hin danda’amu. Utuu ittiin haasa'aanii arraba ofii qeequun akkuma hin danda'amne akkasuma isin nuyi dha;nutis isini dha.
Yaa Addaamii fi Hewaan akka nuti isin hin qeeqneef gidiraa gooftaan dhiifama taasisu isinitti fide irraa gaabbitanii gaabbii seentaniittu.

Yaa Addaamii fi Hewaan isinoo fayyitaniittu; dhiiga gooftaa bu'uura ta'ee isin fayyiseen gara dhaala keessan duraa sana gara jennataatti galtaniittu.....nuyii fi ijoollotni keenya garuu cubbuun akka abiddaatti nu gubde.
Fedhiin fooniis nu bobeessite" !

Qiddaasee Qulqulluu Atinaatiwoos irratti akkas jedha.

T.me/qulqulloota

Galmee Seenaa Qulqulloota!

09 Sep, 15:48


#Haadha_Ifaa..........Dubbisaa !

Dhugumaan firii muka tokkoo nyaachuun gatii hanga kanaa nama kafalchiisuu qaba turee ?
Waaqayyos maaliif mukicha uume ?
Mukichi muka waan gaarii fi yaraa kan nama beeksisu taanaan waaqayyo waan gaarii fi yaraa(hamaa) akka adda baasnu hin barbadu jechuudhaa ?

Mukicha erga nyaataniin booda iji isaanii ni banaman.
Kanaafuu, gorsi bofa sirrii ture jechuudhaa ?
Hewaan waan tokko illee hin balleessine jechuudhaa ?

T.me/qulqulloota

Bitadhaa dubbisaa maaloo !
🙏💓🙏

Galmee Seenaa Qulqulloota!

08 Sep, 04:45


Yaa waaqa Qulqulluu Rufaa'eel !
dhiphina foonii fi lubbuu jalaa na dhoksi !

Yaa Rufaa'eel ! Humni dadhabootaa si'iidha hoo.
Yaa Rufaa'eel ! Ajaa'iba kan hojjettu waan taateef ajaa'ibawwan kee nan dubbadha.
Yaa Rufaa'eel ! Kadhannaa koo fi galata koo ol gara samiitti akka ol na baastuuf, maqaa waaqayyoo Ilmaa fi haadhaasaa #Durboo Maariyaamiin sin kadhadha.

Hiriyoota koo dhiphina foonii fi lubbuu jalaa isaan dhoksi !

T.me/qulqulloota


🙏💓🙏

Galmee Seenaa Qulqulloota!

07 Aug, 15:31


Ilma kee isa arjaa fayyisaa addunyaa.

Gugee koo*2 gugee garaa laafeetti koo maariyaam giiftii harmee gooftaa koo qalama warqeetiin barreessi maqaa koo.

Nutti hin hidhiin badii keenyaa maariyaam giiftii harmee gooftaa keenyaa du'a ka'uu keetiin si kadhanneera.

Eenyuuti himadhuree gaddaa keessaa koo si malee maariyaam giiftii harmee gooftaa koo dafiitti naaf dhaga'ii kadhannaa koo.

Yaa giiftii keenyaa*2 nuu to'adhuu kaa gargaarsi ilma kee nurraa hin siqiin kaa.

Nun gatiin kaa nurraa hin siqiini nun muufatiinikaa yaa waaqaa nagaa nutti araarami kaa.

Waaqa muusee, waaqaa haroon waaqicha izraa hamaarra nu oolchii adaraa.

maqaa waaqa abbaafi ilmaa, afuura qulqulluu waaqarrattii si kadhannaa maariyaam duraaf booddeetti gaddaashee dhaga'i boo’ichaa fi iyyaashee kan amantaa keenya tewahidoo kadhannashee.




@qulqulloota @qulqulloota

Galmee Seenaa Qulqulloota!

13 Apr, 09:57


Wanti kamiyyuu harka waaqayyoo keessa akka jiru hubadhuutii kadhannaa geggeessi. Hojiin kamiyyuu harka kee keessa akka jiru beekiiti hojii hojjedhu. Bakka gahuu barbaaddu gahuudhaaf dandeettii qabdu hundatti fayyadami hojjedhu. Nama dadhabaa hin ta'iin. Hojiiwwan kamiyyuu abdiidhaan hojjedhu. Kan barumsa barannus firii gaarii qofa galmeessuuf miti. Kan hojjennuufis mindaa guddaan akka nuuf kaffalamu qofaaf miti. Jireenya keenyatti gammadne akka jiraannuuf malee. Dhiphachuu fi yaaddoo keessa galuu gaafa eegalu furmanni isaa harka waaqayyoo akka jiru hin dagatin. Hanga dandeettii keetii yoo hojjette kan biroo immoo waaqayyoo akka siif dabalu amani. Inni dubbii isaaf amanamaa dha.


Maddi: bu'ura jireenya afuuraa ykn mootii nageenyaa kan jedhurraa🙏💓🙏

Galmee Seenaa Qulqulloota!

28 Mar, 05:19


Ergamaa du'aatiin kufuu jalaa kan nama baastu Yaa #Gabri'eel ! Nagaan siif haa tahuu.
Halkanis guyyaas ati nu eegi. Ameen

Galmee Seenaa Qulqulloota!

10 Mar, 13:20


Bara homaa nama hin gammachiisne keessa jirra.

Wanti ilaalluu, dhageenyu, dubbisnu, wanti barreessinu hundinu kan namatti hin tollee dha.

Yeroo ammaa kana oduu gidiraa fi oduu hamaa, oduu cabsaa, oduu gaddaa irraan kan hafee wanti namatti toluu hin jiru. Barichi faallaa taheera.

Oduu nagaan jibbamtee; oduun jibba jaallatamtee. Gaarii kan ta'ee Hundinuu namatti hadha’eera.

Garuu sagaleen waaqayyoo “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!” nuun jedha. Filp. 4:4

https://t.me/Qulqulloota

Galmee Seenaa Qulqulloota!

08 Mar, 11:05


"Beekaa Beekamtii Hin Arganne"
Guta Cheru Jedhama.

Eebba kitaaba kana nu affeeree jira.
Irraa hin hafina irraa hin hafamu !

Barsiisaa Jabaa Amantootni Ortodooksiin Oromoo namaa kitaaba nu barreessee fi barreessuu qabna jennee qomaa dhiibne dubbatanu keessaa #B/saa D.n Guutaa Charuu isa angafaa dha.

Galmee Seenaa Qulqulloota!

26 Feb, 05:45


Nageenyi Waaqayyo Isiinif haa baayyatu akkam jirtan ?

Eyyemamoo taatanii gara koree eebba kitaaba mana kiristaanaa ishee xiqqoo tti dhuftan. Kitaaba kana hanga danda'ame eebba gaarii taasisuun dhaloota boru mana amantaa keenya nuuf bu'aniif daandii ykn balbala akka banuuf miseensoonni mana amantaa hundi, waldoolleen hundi, barattoonni mooraa yaa'iiwwanii, duuka bu'oonni Kolleejjiiwwan Afuuraa warreen isiin beektan, Abbootii amantaa dabalatee akka afeera dhiyyeesinu.

Inni biroon yaada dimshashaa kitaaba kana kan hirmatootaaf ibsuu danda'an tajaajiltoota Gurguddoo nama afur osoo filataanii kitaaba kana dubbisuun akka itti qopha'an gochuu. Kanaaf tajaajiltoota kana afeeruu.

Miseensoonni mana amantaa karaa sab qunnamtii hawaasa ammayyaan onlive irratti hirmachisuun akka sagantaa hordofaan taasisuu. Kanaafis haala mijjeessuu.

Koreen tokko miseensa meeqa dammaqsuu akka qabu murteessuu fi irratti hojjechuun barbachisaadha.

Galmee Seenaa Qulqulloota!

07 Aug, 14:52


Sagalee Isaa Baradhu

"Ati yaa namaa!
Sagalee waaqayyoo baradhu. Yoo jijjiiramuu baatte illee callisii baradhu. Yeroo hunda baradhu. Of sirreessuu dhiisuu dandeessa, of jijjiiruu dhiisuu dandeessa, garuu baradhu. Yoo xiqqaate nama gaarii ta'uu baattus dandeettii ittiin of ceephaatu ni argatta. Yoo barachuu baatte garuu dandeettii itti of ceephaatu illee hin argattu!. Kanaaf baradhu! Yeroo barattu yoo xiqqaate yammuu cubbuu hojjettu illee of ceepha'aa hojjetta. Isheen kun immoo balbala gaabbii siif taati. Guyyaa tokki gara gaabbiitti si geessiti!


#QYohaannis_Afaan_Warqee

Galmee Seenaa Qulqulloota!

08 Mar, 19:49


Abbaa Zooyoos
...... .. .... .. .....
Mucaan dhiiraan tokko abbaa Zooyoos bira adeemee akkana jedhe; "Daboon sadii yoon guyyaatti nyaadhe baay'ee dha?" Jedhee gaafate. Abbaa Zooyoosis "Gara gadamii kan dhuftee nyaatà lakkawuuf miti" jedheen. Obboolleessi kun itti fufuudhaan "Burcuqoo sadii Waayinii yoon dhuge ni baay'ata?' jedheen. Abbaa Zooyoosis"Seexanni osoo jiràachuu baatee hin baay'atuu ture. Haa ta'uu malee seexanni waan jiruuf baay'eedha. Waayiniin fedhii Waaqayyoodhaan jiraataaniif meeshaa waranaattidha" jedhanii deebisaaniif.

@qulqulloota @qulqulloota

Galmee Seenaa Qulqulloota!

04 Dec, 12:38


🙏IRBUU🙏
ASOOSAMA AFUURAA
Dn Biqilaa Qana'aatiin
Yeroo dhiyootti...coming soon

Obboleessi keenya Dn Biqilaan kitaaba asoosama afuuraa mata dureen isaa 'IRBUU' jedhu yeroo dhiyootti waan nuuf maxxansiisuuf isa bira dhaabbannee jajjabeessuunii qabna! Kanaan dura kitaabni asoosamaa mana amantaa keenya keessatti kan beekamu miti, obboleessi keenyammoo nu bohaarsaa, nu barsiisuuf kitaaba akkasii maxxansuuf jaallateera. Yeroo maxxanfamee gabaaf dhiyaatu immoo isin beeksisna...obboleessa keenya kanammoo nuuf eebbisaa🙏🙏obboleessako eebbisami, qalamni kee hin gogiin...

⚫️@faaruuortodoksii⚫️
🔴@faaruuortodoksii🔴
⚪️@faaruuortodoksii⚪️

Galmee Seenaa Qulqulloota!

05 Oct, 17:10


Kottaa garee keenya kana keessatti gaaffii wal gaafannee beekumsa amantaa keenyaa guddisannaa...
t.me/faaruuortodoksii_group

Galmee Seenaa Qulqulloota!

08 Sep, 19:32


Baga Geessan!

Baga Bara 2013'n isiin Gahe !

Kan Nageenyaa
Kan Jaalalaa
Kan Fayyinaa
Kan Milkaa’ina
Kan Jireenyaa
Kan Qalbii Jijjiirannaa

Waaqayyoo nuuf haa taasisuu. Ameen.