Qubee TV (@qubeetv) के नवीनतम पोस्ट टेलीग्राम पर

Qubee TV टेलीग्राम पोस्ट

Qubee TV
Qubee TV is an entertainment, Educational and news media established with a great vision to be the best television in our country
19,161 सदस्य
6,164 तस्वीरें
23 वीडियो
अंतिम अपडेट 07.03.2025 03:22

समान चैनल

QUBEE MEDIA 📚
19,263 सदस्य
Oromia Freedom Media
1,821 सदस्य

Qubee TV द्वारा टेलीग्राम पर साझा की गई नवीनतम सामग्री

Qubee TV

11 Feb, 08:20

1,178

Dr. Abiyyi Ahimad keessummoota Yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniin baga nagaan dhuftan jedhan.

Qubee TV (Gurraandhala 11, 2025) Finfinnee!
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad keessummoota Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniin baga nagaan dhuftan jedhan.

Keessummoonni biyyoota garaagaraa Yaa’ii Idilee 38ffaa Hoggantootaa Gamtaafi Walga’ii Idilee 46ffaa Mana Maree Hoji Raawwachiiftotaa irratti hirmaachuuf Finfinnee gala jiru.

Dr. Abiyyi Ahimadis keessummoota kanneenin baga nagaan dhuftan jechuun ergaa dabarsan.

Itoophiyaan wayita Yaa'ii Gamtaa Afrikaa 38ffaaf anaadhufu jettee keessummootashee simattu hirmaattonni hundi waantoota Itoophiyaa dhugumaan biyya duree taasisan: qabeenyaa seenaashee, aadaawwanshee daneessa ta'aniifi teessuma lafashee ajaa'ibsiisaa ta'e daawwachuuf turtii isaanii akka dheereffattanin isaan jajjabeessa.
Qubee TV

10 Feb, 16:38

1,411

Daandiin qilleensa Itoophiyaa Suurri tibbana miidiyaalee irratti qoodamaa jiru beekkamtii dhaabbatichaan ala ta’uu ibse.

Qubee TV (Gurraandhala 10, 2025) Finfinnee!
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Tibbana miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamaa tureefi kabaja guyyaa dhalootaa nama dhuunfaa xiyyaara biratti ka'amee beekkamtii dhaabbatichaan ala xiyyaara suphaaf dhaabbate irratti kan ka'ame akka ta'e beeksise.

Dhimmicha ilaalchisuun qorannoo gaggeessaa akka jiru kan ibse daandiin qilleensichaa , qaamolee gochicha raawwatan irratti tarkaanfii bulchiinsaa akka fudhatu mirkaneesseera.
Qubee TV

08 Feb, 08:29

1,194

Injiinar Taakkalaa Uumaan Suuraan xaa’oo barri isaa darbe maxxaansanii turaniif dhiifama gaafatan.

Qubee TV (Gurraandhala 8, 2025) Finfinnee!
Injiinar Taakkalaan Suuraa xaa’oo adeemsa fe’uufi buusuu agarsiisuuf guyyaa kaleessa qoodan keessa suuraan xaa’oo bara 2022'ti tajaajila ala ta'uu qabu qaadanii turan dogoggora jechuun dhiifama gaafatan.

Itti dabaluunis suuraan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin qoodame kun xaa’oo yeroo ammaa biyya seenaa jira kan agarsiisu miti suuraa dogoggoraati jedhan.

Suuraan xaa’oo barri tajaajilaa isaa darbe kun kaleessa erga hojigaggeessaa alaanaan daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa qoodaniin booda miidiyaa hawaasaa irratti bifa komiin bal’inaan qoodamaa ture.
Qubee TV

08 Feb, 05:36

1,151

https://youtu.be/Ju-WN4_Jd4k?si=3HNc4jLMrS6idP04
Qubee TV

07 Feb, 12:26

1,544

https://youtu.be/2pdRAPdbn8I
Qubee TV

07 Feb, 10:51

1,454

Dubartiin osoo ilmoo hin argatin turan waggaa 76ffaa isaaniitti daa'ima jalqabaa argatan.

Qubee TV (Gurraandhala 7, 2025) Finfinnee!
Aadde Madihiin Hagos, naannoo Tigraay Magaalaa Meaqalee kan jiraatan yoo ta'an, waggaa 76ffaa isaaniitti ilma isaanii jalqabaa dahan.

Aadde Madihiin kanaan dura akka hin deenyeefi kun ilmoo jalqabaa isaanii ta’uu himan.

Oduu ajaa’ibsiisaan waggaa 76tti daa'ima dahuu aadde Madihiin, dubbii ijoo ta’uudhaan miidiyaa hawaasummaarras naanna’aa jira.
Qubee TV

07 Feb, 10:33

1,171

Ameerikaatti Xiyyaarri namoota 10 feetee turte achi buute ishee dhabame.

Qubee TV (Gurraandhala 7, 2025) Finfinnee!
Ameerikaa, Bulchiinsa Alaaskaatti balaliisaa dabalatee namoota 10 feetee kan turte Xiyyaarri xiqqoon tokko achi buuteen ishee dhabamuun himame.

Qabeenyummaan ishee kan dhaabbata Daandii Xiyyaaraa Beeriing jedhamuu akka taate kan himame Xiyyaarri Seesinaa Kaaraavaan jedhamtu kun, naannoo Aanaalaakleet jedhamuu kaatee gara Noom jedhamutti osoo balali’aa jirtuu bakki buute dhabame.

Hanga ammaattis xiyyaara badde kana barbaadaa kan jiran ta’uun eerame.

Bulchiinsi Alaaskaa qilleensa hamaa qabaachuu isheetiin, naannoo xiyyaaronni hedduun itti badan ta’uu, CBS'n gabaasa isaa keessatti eereera.
Qubee TV

07 Feb, 08:20

1,381

Gaambeellaatti sa’aatiin hojii Mootummaa boruu eegalee ni jijjiirama.

Qubee TV (Gurraandhala 7, 2025) Finfinnee!
Naannoo Gaambeellaatti hammi Hoo’aa dabalaa dhufuu hordofee sa’aatiin hojii Mootummaa Boruu eegalee kan jijjiiramu ta’uu Manni Maree naannichaa beeksise.

Haaluma kanaan boru eegalee sa’aatiin hojii Mootummaa waaree dura sa’aatii 1:00 – 6:30tti kan ture gara sa’aatii 1:00 – 5:30tti kan jijjiiramu yoo ta'u, waaree booda sa’aatii 9:00 – 11:30tti kan ture gara sa’aatii 10:00 – 12:30tti akka jijjiiramu murtaa’uu ibsame.

Fooyyessi sa’aatii hojii kun Godina Maajaang Aanaalee Mangashiifi Godarree kan hin ilaallanne ta’uunis eerame.
Qubee TV

07 Feb, 07:45

1,212

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qondaaltota WBO boqonnaa haaraa saaqaniif galataafi ulfina olaanaa kan qabu ta’uu kan ibsan Obbo Isheetuun ammas kan galaa jiran simatamaa jiraachuu eeraniiru. Sababa garaagarummaa ilaalchaatiin nama tokkollee yoo ta’e meeshaa waraanaa hidhatee bosona akka turu mootummaanis ta’e uummanni Oromoo hin barbaadu. kanaaf, ammas balballi nagaaf baname hin cufamne; harki nagaaf diriires hin dachaane waan ta’eef carraa jiru akka fayyadaman dhaaman.

Gama misooma qonnaatiin tarsiimoowwan gurguddoo arfan, Wabii nyaataa mirkaneessuu, Al-ergii guddisuu, Oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuufi Carraa hojii uumuu giddugaleessa godhachuun hojii hojjetameen bu’aawwan gurguddoo galmaa’aa jiraachuu Obbo Isheetuun eeran.

Qonna Gannaa bara 2016/017 lafti hek. mil.11.6 misoome irraa callaa kunt.mil.327 hanga ammaatti sassaabameera. Inisheetiivii qamadii bonaatiin lafa hekt. mil. 4 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti hekt mil 2.9 faca’eera. Kanarraayis callaan kunt. mil. 163.5 ni eegama.

Alergii guddisuun sharafa alaa argamsiisufis hojii hojjetamee ji’oota ja’an darbe Albuuda gabaa Alaaf dhiyaate irraa Gabaa Alaaf dhiyaate irraa Dolaarri mil. 385 fi gabaa biyya Keessaaf kan dhiyaate irraa qar.bil.1 caalu argameeras jedhan. Hojii Investimentii hawaataa taasisuufi murtoo addaa mootummaan fudhateenis naannichatti Pirojeektoota invastimantii 10,061 simachuun piroojeektootni 4,366 murtii kennuun danda’ame.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa egeree ijaaruuf misooma barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjetaa jiraachuu ibsuun ji’oota ja’an darbe keessatti manneen barnootaa bu’uura boruu 3,549 mana jireenya barsiisota 9,549 kan ijaaraman ta’uu eeran.

Dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyeessuuf hojii hojjetameenis ji’oottan jahaan darban keessatti piroojektoota 147 xumursiisuuf karoorfamee 213 xumurameera.

Tajaajila fayyaa dhaqqabamaafi hundagaleessa taasisuun guyyaa rakkoo ummatni keenya wabummaa akka qabaatuuf namoota mil 29.5 miseensa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Hanga ji’a kanaatti namootni miliyoona 10 ol tajaajilicha irraa fayyadamuuf miseensa ta’uu himan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummanni dhiyeenyaan tajaajila Mootummaa akka argatuuf hojii xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetameen Gandoota baadiyyaafi magaalotaa 7,342 gurmeessuun hojiitti galchuun kan danda'ame ta'uus dubbatanii jiru.

Walumaagalatti raawwiin ji’oota jahaan darbe daandii imala badhaadhinaarraa jiraachuu keenyaaf ragaadha kan jedhan Obbo Isheetuun,Hoggansi humna misoomaa jiru qindeessee karooraan hogganamuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessaa waadaa hanga aadeffannaatti; injifannoo waaraaf hojjechaa jira jedhan.
Qubee TV

07 Feb, 07:44

1,115

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa raawwii karoora hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ji’oottan ja’an darbanii irratti ibsa kenne.

Qubee TV (Gurraandhala 7, 2025) Finfinnee!
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa raawwii karoora hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ji’oottan ja’an darbanii bara 2017 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.

Hoogganaa Itti Aanaan Biirichaa Obbo Isheetuu Sirneessaa miidiyaaleef ibsa kennaniin Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo bu’uureessaa, nageenya waaressaa milkaa’inoota galmeessaa jiraachuu ibsan.

Mootummaan harka nagaaf diriirse balbala nagaaf bane hojii hojjechaa jiruun waliigalteen nageenyaa qondaaltota WBO waliin mallattaa’eera jedhan. Waliigaltee mallattaa’e bu’ura godhachuunis WBO kumaatamaan lakkaawaman gaaffii nagaa uummataafi mootummaa simatanii qawwee gadi qabanii nagaan galuus dubbatan.