Neueste Beiträge von Qubee TV (@qubeetv) auf Telegram

Qubee TV Telegram-Beiträge

Qubee TV
Qubee TV is an entertainment, Educational and news media established with a great vision to be the best television in our country
19,126 Abonnenten
6,140 Fotos
23 Videos
Zuletzt aktualisiert 05.03.2025 21:48

Der neueste Inhalt, der von Qubee TV auf Telegram geteilt wurde.

Qubee TV

05 Mar, 08:34

849

Wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ssoo sababeeffachuun Finfinneetti dorgommiin Biskileetii dorgomamuu eegale.

Qubee TV (Bitooteessa 5, 2025) Finfinnee!
Wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ssoo sababeeffachuun Finfinneetti dorgommiin Biskileetii dorgomamuu eegale.

Dorgommii Biskileetii Tuurii Gadaa marsaa 8ffaan kun, wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ssoo sababeeffachuudhaan ka'umsa isaa Finfinnee, Adwaa Zeeroo Zeeroo taasifachuudhaan kan jalqabame.

Dorgommichi iddoo hogganaa itti aanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Dassaalenyi Xilaahuniifi keessummoonni biroo argamanitti eegalame.

Dorgommichi Gurraandhala 26 hanga 29, bara 2017tti kan dorgomamu yoo ta'u, xumurri isaas magaalaa Yaa’aballooti jedhame.

Dorgommichi dhaadannoo “Biskileetiidhaan Dorgomaa, Aadaafi Seenaa Keenya Beeksifna” jedhuun dorgomtoota naannolee Tigraayi, Amaaraa, Sidaamaa, Hararii, Giddugala Itoophiyaa, akkasumas bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa gidduutti dorgomama.
Qubee TV

05 Mar, 08:21

759

Dhaabbanni Piroomooshiniifi Ivantii Meerii Didhaa sagantaa Kaameettii 'Podcast' jedhu hojjechuun tamsaasuuf jedha.

Qubee TV (Bitooteessa 5, 2025) Finfinnee!
Dhaabbanni Piroomooshiniifi Ivantii Meerii Didhaa sagantaa Kaameettii 'Podcast' jedhu hojjechuun karaa OBN tamsaasuuf waliigaltee mallatteessan.

Kaameettii Podcast qabiyyee Namoonni bebbeekamoon bu'aa ba'iifi muuxannoo jireenyasaanii ittiin hawaasaaf qoodan akka ta'e, Hundeessituufi Hoggantuun Dhaabbata Piroomooshiniifi Ivantii Meerii Didhaafi qopheessituun Sagantaa Kaameettii 'Podcast' Artist Meerii Didhaan ibsite.

Itti dabaluunis Meeriin Guddinaafi dagaagina qabiyyee Miidiyaa Afaan Oromoo keessatti gahee keenya bahuuf qabiyyee maatii ijaaruufi dhalootaaf muuxxannoo guddaa qoodudhas jette.

Guyyaa har’aa kanas Dhaabbanni Piroomooshiniifi Ivantii Meerii Didhaa Sagantaa Kaameetti kana qopheesse karaa OBN dabarsuuf waliigaltee mallatteessan.
Maddi: OBN
Qubee TV

05 Mar, 05:16

814

Waldorgommii liigii Oromiyaa Rammaddii A Magaalaa Dambi Dollootti geggeefamaa jiruun har'a taphoonni 5 ni geggeefamu.

Qubee TV (Bitooteessa 5, 2025) Finfinnee!
Waldorgommii Liigii 1ffaa Oromiyaaa Ramaddii 'A' Magaalaa Dambi Doollootti Wal dorgomamaa jiruun har'a taphoonni 5 waaree duraafi waaree booda ni geggeefama.

Haaluma kanaan Sa'atii 2:00 irraa eegaluun Jahan Sayyoon Horroo Bulluq waliin, Sa'atii 4'n Bishaan Top Dhidheessaa waliin, Sa'atii 6'n Mandiin Shaambuu waliin , Sa'atii 8'n Beegiin Qeebbee waliin, Sa'atii 10'n Jiituun Luugoo waliin wal morkii kan gaggeessan ta'a.
Qubee TV

04 Mar, 19:19

1,227

Pireezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleeniskiin Saffisaan waraana dhaabuuf hojjechuuf qophiidha jedhan.

Qubee TV (Bitooteessa 4, 2025) Finfinnee!
Pirezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleeniskiin, Yuukireen nagaan akka bu’u waadaa galte akka kabajju irra deebiidhaan ibsa X isaanii irratti baasaniin beeeksisan.

Waraanni dhuma hinqabne tokkoon keenyayyuu hinfayyadu jedhan.

Yuukireen nagaa waaraa fiduudhaaf daftee gara taa’anii mari’achuutti dhufuuf qophii ta’uu ishee Zeleeniskiin beeksisan.

Lammiilee Yuukireen caalaa namni nagaa barbaadus hin jiruu jedhan.

Kanaafuu garee isaanii wajjin nagaa waaraa fiduuf hoggansa cimaa Pirezidaantii US Ameerikaa Doonaald Tiraamp jalatti hojjechuuf qophii ta’uu eeruun, Zeleniskiin gocha isaanii duraatti gaabbii qabaachuu dubbatan.

Waraana biyyi isaaniifi Raashiyaan itti jiran kana xumuruuf saffisaan hojjechuuf qophii ta’uus himan.
Qubee TV

04 Mar, 08:00

1,482

Jala bultii Sirna walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa Haroomsaan booda marsaa 72ssoo sababeeffachuun Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti daawwannaan hojiilee misooma garaagaraa geggeeffame.

Qubee TV (Bitooteessa 4, 2025) Finfinnee!
Jala bultii Sirna walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa Haroomsaan booda marsaa 72ssoo sababeeffachuun Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti daawwannaan hojiilee misooma garaagaraa geggeeffame.

Daawwanichi Bulchaa Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyootiin durfamuun geggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, hojiilee misooma garaagaraa magaalicha keessatti hojjetamaa jiran kan daawwataman ta'uun ibsameera.

Daawwannaa kanaanis Giddugala Aadaa Qubii Curraa, Siidaa ajajaa kumaa Jaatani Ali, Mana Murtii Aadaa Dh/Qakee, Mana Jaarrolee Argaa dhageetti, Mana Murtii Aadaa Ol dabarfannaa Dhakaa Qakee kan daawwatamu yoo ta'u, Eebbi seensa Magaala Yaaballoos kan geggeeffamu ta'uun ibsameera.
Qubee TV

04 Mar, 03:58

1,466

https://t.me/boinker_bot?start=_tgr_hb-4TooyYjk0
Qubee TV

03 Mar, 12:26

1,702

Pireezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleeniskiin Ameerikaa wajjin waliigaltee mallatteessuuf qophiidha jedhan.

Qubee TV (Bitooteessa 3, 2025) Finfinnee!
Pirezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleeniskiin, biyyi isaanii Ameerikaa wajjin waliigaltee albuudaa mallatteessuuf qophii ta’uu himan.

Pirezidaant Zeleniskiin kana kan beeksisan erga Jimaata darbe Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp wajjin walitti dheekkamuudhaan gargara deemanii booda ta’uun eerame.

Hariiroon Ameerikaafi Yuukireen rakkoo godhachuu kan eegale, erga Ameerikaan dhimma Yuukireen irratti Raashiyaa waliin marii eegaltee as akka ta’e gabaasaaleen ni mul’isa.

Waliigalteen albuudaa Ameerikaafi Yuukreen walii mallatteessuu yaadan kun, hariiroo nageenyaa biyyoota lamaanii jabeessuuf yaadameeti jechuun BBC'n gabaase.
Qubee TV

03 Mar, 10:01

1,501

Ijaarsi Dirree Xiyyaaraa Goree-Mattuu dhibbeentaa 69 irra gahe.

Qubee TV (Bitooteessa 3, 2025) Finfinnee!
Ijaarsi Dirree Xiyyaaraa Goree-Mattuu dhibbeentaa 69 irra ga’uun ibsame.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti, Itti gaafatamaan Siyaasaa Obbo Namarraa Buliin sadarkaa ijaarsa dirree xiyyaaraa kanaa daawwataniiru.

Ijaarsi piroojektichaa sadarkaa gaariirraa jiraachuu Obbo Namarraa Buliin himan.

I‎jaarsi dirree xiyyaaraa kun waggaa lamaan dura kan eegalame yoo tahu, yeroo ammaa dhibbeentaa 69 irra gahuu hojii gaggeessaan pirojeektichaa Injiinar Asmalaash Abbaay ibsan.

Hanga Bara 2018tti guutummaan xumuramee hojii akka eegaluuf hojjetamaa jiraachuus ragaan Kominikeeshinii Godina Iluu Abbaa Boor irraa argame ni mul’isa.
Qubee TV

02 Mar, 11:18

231

Koreen Boordiin filannoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaaf filataman sirna kakuu raawwatan.

Qubee TV (Bitooteessa 2, 2025) Finfinnee!
Koreen Boordiin filannoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaaf filataman guyyaa har’aa Finfinnee Biiroo mana marichaatti sirna kakuu raawwatan.

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Federaalaa Yeroo dhihootti Filannoo adeemsisuuf karoorsee hojjechaa jiraachuun isaanii ni yaadatama. Haaluma Kanaan guyyaa har’aa Bakka Walitti qabaa Koree Boordii Filannoo Mana Marichaa kan ta’an Dr. Abdulaziz Ibraahiimiifi Mana Murtii Shariyaa Oromiyaa irraa kabajamoo Qaadii Kaalid Umar bakka jiranitti koreeleen eeraman kun sirna kakuu raawwatan.

Haaluma Kanaan
1. Obbo Muktaar Jamaal
2. Obbo Umar Aliyyii
3. Sheek Hasan Yahaya
4. Obbo Moosisaa Ibraahim
5. Ustaaz Badruu Nuuruu
6. Obbo Mahdii shamsu
7. Obbo Waariyoo Nuuruu Kakuu raawwataniiru
Qubee TV

02 Mar, 08:01

454

Kabaja yaadannoo injifannoo Adwaa 129ffaa suuraan