Qubee TV (Bitooteessa 5, 2025) Finfinnee!
Wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ssoo sababeeffachuun Finfinneetti dorgommiin Biskileetii dorgomamuu eegale.
Dorgommii Biskileetii Tuurii Gadaa marsaa 8ffaan kun, wal harkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ssoo sababeeffachuudhaan ka'umsa isaa Finfinnee, Adwaa Zeeroo Zeeroo taasifachuudhaan kan jalqabame.
Dorgommichi iddoo hogganaa itti aanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Dassaalenyi Xilaahuniifi keessummoonni biroo argamanitti eegalame.
Dorgommichi Gurraandhala 26 hanga 29, bara 2017tti kan dorgomamu yoo ta'u, xumurri isaas magaalaa Yaa’aballooti jedhame.
Dorgommichi dhaadannoo “Biskileetiidhaan Dorgomaa, Aadaafi Seenaa Keenya Beeksifna” jedhuun dorgomtoota naannolee Tigraayi, Amaaraa, Sidaamaa, Hararii, Giddugala Itoophiyaa, akkasumas bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa gidduutti dorgomama.