Kana beektuu 🤔

@kanabeektuubymark


Kana beektuu 🤔

20 Oct, 11:40


Kana beektuu 🤔
+++++++++++++++++
Seenaa Ajaa'ibaa
*
👉 KUTAA 3ffaa
################

Akka waan bakka piknikii tokko ga'anii, bakka kennaa mo'ataa itti qooddatan.

''Keessa kootti gammachuun dhugaa natti dhagaʼame.''

''Yeroon deemuuf murteessu ijoollee keessaa tokko miila koo qabe.
Suuta jedhee miila koo gadi lakkisuuf yaale, mucaan garuu fuula koo ilaalee miila koo jabeessee qabe. Anis itti jilbeeffadhee mucaa sana gaafadhe: waan biraa si barbaachisaa ?jedheen gaafadhe.''
''Deebiin mucaan kun naaf kenne na rifachiisuu qofa osoo hin taane, ilaalcha jireenyaaf qabu guutummaatti bara baraan jijjiire.
Mucaan kun akkas naan jedhe:
"Fuula_kee sirriitti ilaaluun barbaada yeroon samii irratti si qunnamu si addaan baasee irra deebi'ee si galateeffachuu akkan danda'uuf.''😥.naan jedhe jedhe
#Hojiin gaarummaa Samii irratti illee nama galateeffachiisa; gaarummaan boqonnaa sammuuti gaarii dubbadhu! gaarii hojjedhu.
YEROO HUNDA GAARII HOJJEDHU🙏
https://t.me/KanaBeektuuByMark
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

20 Oct, 08:28


Kana beektuu 🤔
**"
Seenaa Ajaa'ibaa dha Dubbisaa
-**
👉 KUTAA 2ffaa
#################
. Yeroon sun yeroon dhiyeessii diizilaa Hindii fi Afrikaa keessaa %95 qabaadhee ture.
Akkasumas abbaa qabeenyaa warshaa sibiilaa guddaa Hindii fi Eeshiyaa ture.
✍️Garuu amma illee gammachuu akkan yaade hin arganne.''

👉 ''Tarkaanfiin afraffaan hiriyaan koo tokko ijoollee qaama miidhamtoota tokko tokkoof wiilcheeriin akkan bitu na gaafate ture.
Gara daa'imman 200 ta'an.
Ajaja hiriyyaa kootiin achumaan wiilcheericha bitadhe.Garuu hiriyaan sun akkan isa waliin deemee wiilcheericha ijoolleef dabarsee kennu cimsee natti hime. Anis qophaa'ee isa waliin deeme.
Achittis ijoollee kanaaf wiilcheeriin harka kootiin kenne. Fuula ijoollee kanaa irratti ifa gammachuu ajaa'ibaa arge. Hundi isaanii wiilcheeriin taa'anii, socho'aa fi bashannanaa arge....... itti fufaa Kutaa itti anuuf Link asi gadii join godhaa
https://t.me/KanaBeektuuByMark
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

20 Oct, 02:45


Kana beektuu 🤔
**"
Seenaa Ajaa'ibaa dha Dubbisaa
-**
👉 KUTAA 1ffaa
#################
Sooressi Hindii Raataan Taataa gaaffii fi deebii (Interview) tokko irratti; Bara yeroo jireenya kee keessatti gammachuu hunda caalu kan sitti dhagahame yoomidha? jedhanii gaafatan.

Raataan Taataa akka jedhan;
''Jireenya keessatti sadarkaa gammachuu afur keessa darbee, dhumarratti hiikni gammachuu dhugaa hubadheera''.

''Sadarkaan jalqabaa qabeenyaa fi badhaadhina kuufachuuf ture.
✍️ Garuu sadarkaa kanatti gammachuun barbaade hin arganne.''

''Sana booda sadarkaan lammaffaan meeshaalee gatii guddaa qabanii fi meeshaalee walitti qabuun eegale.
✍️Garuu bu'aan wanti kanaas yeroodhaaf akka ta'ee fi calaqqisiisni wantoota gatii guddaa qaban yeroo dheeraa akka hin turre hubadhera.''

''Sana booda pirojektii guddaa hojjedhee bu'aa guddaa qabu marsaa sadaffaan dhufe. ........ itti fufaa Kutaa itti anuuf Link asi gadii join godhaa
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

20 Oct, 02:18


Kana beektuu 🤔
#NAAMUSNI
👇👇👇👇👇
Naamusni nama milkeessa!
Naamusni kabajamaa nama taasisa!
Naamusni waliin jireenya hawaasaa nagaa qabeessa taasisa!
Naamusni gaariin ofirra darbanii nama biroo akka qajeelchan nama taasisa!
Naamusni burqaa walitti dhufeenyaa fi waliin jireenya ilma nama lalisiisuudha!
Naamusni gaariin galaa dhalootaati!
Naamusa gaarii irraa maqaa gaariin argama!
maqaa gaariin immoo siidaa onnee namaa keessa dhaabbatee dhaloonni irraa baratuudha
https://t.me/KanaBeektuuByMark
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

19 Oct, 06:15


Kana beektuu

👉KUTAA 3ffaa===================
Sababoota namootni akka gaa’elatti hin seenne godhan
============
H. Gaa’elaan dura shaakala wal quunnamtii saalaa qabaachuu :-Dhaloota kana keessatti rakkoon guddaan jiru gaa’elan dura wal quunnamtii saalaa raawwachuun waan eeyyamame fakkaata; namoonni cubbuu akkasii keessa seenan waan barbaadan tokko utuu gaa’elatti hin seeniin waan argataniif gaa’ela waaqayyo dhaabe irraa ni fagaatu. Namootni akkasii amala namoota baay’ee waan arganiif tokkotti gammadanii jiraachuu hin danda’ani. Kanaafis gaa’ela malee hafu.
I. Ofitti amantaa dhabuu (lack of self confidence) :- Namootni akkanaa ilaalchi waa’ee mataasaaniif qaban gadi aanaa waan ta’eef ani gaa’ela dhaabbachuu hin danda’u yaada jedhu qabu.
J. ‘Homo sexual’ :- Namootni akkanaa gaa’ela isa waaqayyo dhaabeen ni mormu, wal quunnamtii saala wal fakkaatu ni deeggaru. Kanarraan kan ka’e gaa’ela isa waaqayyo dhaabe ni mormu.
https://t.me/KanaBeektuuByMark
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

19 Oct, 06:10


Kana beektuu 🤔
----++++++++++----------
👉KUTAA 2ffaa
------++++++++++-------Sababoota namootni akka gaa’elatti hin seenne godhan
==========
D. Gaa’ela akka mana hidhaatti lakkaa’uu :- Namotni tokko tokko gaa’ela dhaabbachuun mirga ofii dhabuudha, kiyyootti of galchuudha, jechuudhaan gaa’elarraa fagaatu.
E. Ganamuu :- Kun nama jaallataniin yeroo ganaman namni hundumtuu akka nama isan ganetti waan lakkaa’aniif lamaffaa miidhamuu hin barbaadu jechuudhaan gaa’elarra fagaatu.
F. Humna dhabu :- Warri kun gaa’ela dhabbachuuf yeroon isaaniif mijatee osoo jiru sababii qarshii dhaburaa kan ka’e gaa’ela osoo hin dhabbatiin hafu.
G. Gaa’ilarra waan biroodhaaf dursa kennuu :- Xiyyeeffannaan namoota kanaa gaa’ela osoo hin taane wantoota garaagaraa irra waan kaa’aniif isa barbadan sana yeroo argatan gaa’elatti senuu barbadu; garuu akkaataa barbaadaniin waan hin arganneef gaa’ela malee hafu. Waan barbaadan argatanii gaa’ela barbaadan immoo dhabu. (Fkn. Barnoota, qabeenya, maatii gargaaruu …)
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

18 Oct, 16:32


Kana beektuu 🤔
Sababoota namootni akka gaa’elatti hin seenne godhan
=========
KUTAA 1ffaa=============================
A. Ulaagaalee baay’isuu :- Namootni baay’een ulaagaa waan baay’isniif ulaagaa isaanii guutummaan guutuutti kan galmaaan ga’u waan hin arganneef gaa’ela malee hafu. Waan hubachuun nuuf malu Addunyaa kana irra dhibbaan dhibbatti ulaaga keenya kan nuuf guutu hin jiru; garuu namoota hirina qaban lamatu walitti dhufudhaan guutuu ta’anii argamu. Fkn bifa, hojjaa, sadarkaa barnootaa, amala fi kkf.
B. Gaa’ela sodaachuu :- Warri kaan immoo odeeffannoo waa’ee gaa’elaa dhaga’anii fi argan irratti hundaa’uun gaa’elli hundumtuu akkuma arganii fi dhaga’an se’u. Kanarraa kan ka’e gaa’ela irraa fagaatu.
C. Ija jabina dhabuu :- Namootni kun soda nama jaallatan gaafachuu waan qabaniif nama jaallatan sana utuu hin gaafatiin hafu. Name isaan jaallatan gaa’ela yeroo isaan garuu sababii sodaa isaanii gaa’ela hin dhaabbatiin hafu.. Kutaa itti anuuf Link asi gadii join godhaa.
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

18 Oct, 02:22


Namootni add min taatani hojjechu barbaaddan inbox na haasoofsisu dandessu @ArtMarcNg
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

08 Oct, 19:37


Odeffannowwan barnoota hunda bakka itti argattan yoo ta'uu join gochuun itti gargaaramaa akkasumas hiriyyoota kessanif #share gochuu hin dagatinaa.
https://t.me/PowerLearningChannel
https://t.me/PowerLearningChannel

Kana beektuu 🤔

07 Oct, 17:28


Kana beektuu 🤔
Biyya jaappan kessatti kaaffen "Cat Cafe's" jedhamu jira yeroo fayyadamtanittis adurree qaqqabun, baachuun bashananaa fayyadamu dandessu.
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

07 Oct, 17:21


Kana beektuu 🤔
Akka dhaabbatni NASA jedhutti 2030 booda namni ji'a(moon) irra jiraachu danda'a. jedhame
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

06 Oct, 04:06


Kana beektuu 🤔
Bara jirenya dhala namaa guutuu onneen namaa si'a billiyona 3 rukuta.
Odeffannowwan dinqisisoo biroof channel kenyaa join godha 👇👇👇👇
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

06 Oct, 04:01


Kana beektuu 🤔
Bakki qorraan cimaa Addunyaa keenya irra tti argamuu naannoo🥶 Antarctica yoo ta'uu innis temperature -93.2 °C dha.
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

06 Oct, 03:51


Kana beektuu 🤔
Yoo xiqqate daandiiwwan biyya Jarman (Germany) 70% hamma saffisa dangahaa(speed limit)hin qaban.
https://t.me/KanaBeektuuByMark

Kana beektuu 🤔

17 Sep, 14:41


👋Akkam jirtu baayyeen keessan kan beektan barumsi ykn course
Forex trading kaffaltiin Afaan oromoonis ta'e Afaan biraan
Baratamaa Jira

🫵GADAA FOREX garuu bilisaan course beggininger hamma advanced tti bilisaan isin barsiisuuf qophii xumuree argama maarre isinis course kana bilisaan nu wajjiin barattanii maallaqa argachuuf Fi financial of danda'uuf kan isinirraa eegamu chaanaali keenya join gochuu Fi hiriyyota Keessaniif share gochuun qofa

Yeroo keesan laattanii waan nu dhaggeeffattaniif guddaa Galatoomaa 🙏

😊Join us share 🙏

https://t.me/gadaaFX https://t.me/gadaaFX https://t.me/gadaaFX
https://t.me/gadaaFX