Hiriyaa chanel's @hiriyaakoo Channel on Telegram

Hiriyaa chanel's

@hiriyaakoo


Kayyoon keenyaa✌️
❶Dhimma jaalala.
❷Dhugaa dhoktaa dhala nama
Galmii keenyaa
➔Oromoo Sammuun bilisoome arguu😍
@hiriyaakoo 🏇🏇
Yaada qabdaniif
@kiyahiki

Hiriyaa chanel's (Dhivehi)

🌟🌟🌟 Fashaanaa! 🌟🌟🌟nnMi channelah @hiriyaakoo, Hiriyaa chanel's, mahchah nulibee! Etheh kiyanakah mi channelakah fashaanaa dhe, dhanee kibin beynun dhivehi bahdhalun dhey! Ekan beyfulhun fashaanaa ethakah channelakah dhanee!
Mi channelakah kiyanakah laadheenee beynun furathamaa dhe! Faradhubalaanaa fashaanaa programun furathamaa dhe, hingun fashaanaa programun dokaaneetha dhanee!
Keehkeh channelah, kibin beynun dhivehi bahdhalun dhey, furathamaa kuraaneetha dhanee! Channelakah mahah thibee programun hedheema joabeh kuran dhanee!
Channelakah fashaanaa programun hingun dokaaneetha dhanee! Etheh koivaru fashaanaa programukan dhuvee furathamaa dhe!
Channelakah fashaanaa programun hedheeha ekani joabeh kuran dhanee! Faradhubalaanaa fashaanaa programun dokaaneetha dhanee!
Mi channelakah mahah kiyanakah laadheenee beynun furathamaa dhe! Faradhuthakun channelakah hingun fashaanaa programun furathamaa dhe, dhanee kibin beynun dhivehi bahdhalun dhey!
Mi channelakah beynun dhivehi bahdhalun dhey! Faradhubalaanaa fashaanaa programun hedheema joabeh kuran dhanee! Channelakah mahah thibee programun dokaaneetha dhanee!
Channelakah fashaanaa programun hingun dokaaneetha dhanee! Ethakah mahah fashaanaa programukan dhuvee furathamaa dhe!
Channelakah fashaanaa programun hedheeha ekani joabeh kuran dhanee! Faradhubalaanaa fashaanaa programun dokaaneetha dhanee!
Mi channelakah mahah kiyanakah laadheenee beynun furathamaa dhe! Faradhuthakun channelakah hingun fashaanaa programun furathamaa dhe, dhanee kibin beynun dhivehi bahdhalun dhey! Ekan beyfulhun fashaanaa ethakah channelakah dhanee!

Hiriyaa chanel's

18 Jan, 07:24


Ammallee yeriichi gaarii
Obsa shaakali
@hiriyyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

11 Jan, 11:30


Naaf jiraadhu naaf hin du'iin

Hiriyaa chanel's

10 Jan, 06:55


Taateen eda galgaala ta'ee akkaa afaan warra hawwa tti metero jedhama.
Meetiroon, urjii dhukaasaa jedhamuunis kan beekamu dhaa, sarara ifaa  kan yeroo wanti xiqqaan tokko qilleensa keessan  lafaa seenu mul'atudha. Meetiroowwan kan uumaman wantootni xixiqqoo dhagaa ykn sibiilaa, meetirooyidii jedhaman hawaa keessa deemanii molakiyuulota qilleensaa, qilleensa lafaa keessa jiran waliin yoo walitti bu'an Dhaa. Wanti xiqqoo dhagaa ykn sibiilaa ta’ee fi hawaa keessa deemu Meetirooyitii jedhama  Meteoroid tokko hawaa  orraa lafaa keessa yeroo seenu, wal-nyaatinsi, dhiibbaa fi wal-nyaatinsi keemikaalaa hawaa wajjin qabu akka ho'u fi anniisaa akka balaqqeessa'u taasisa. Kunis yeroo qilleensa keessaa bu’u ifa ykn meetiroo ifaa ta’e ni uuma.
dheekmsaa waaqa yookan  rukkuta seexanna mitii.
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

08 Jan, 10:38


Gaafa Jalqaba obboleessa kooti jetteet suuraa waliinan ka’an maxxansite
tolen jedhe.

torbee tokkoon booda “garraamii koo obboleessa koo waan hundaa olii koo” jetteet deebistee maxxansite😜

amaneen tole jedhe

har’a immo “ jaalallee koo dhugaa kan waaqni naa kenne” jetteet Suura wal keessa galanii ka’anii jiran tokko possote😁
Waanan jedhun dhabe!

Maal jechuun barbaade,warra obboleessa koo,Obboleetti koo…mnmn koo,waliin jettu fb kanarratti Suura waliin ka’an hin Amaninaa jechumaafi qicanneeti dubbii bulfachuu dadhabne,nurra hin ilaalinaa.😀
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

07 Jan, 10:44


Seenaas ta'ee seeri itti biyyi lafa jiraatu naaf hin galle, kan boddees wanta naaf ifu hin seehu.
Sababoota malee sabaabni tokko hin uumamu garuu sababaa hiyyeessi uumameef naaf hin galee
Carraadhaay?💔 maal akkamitii carraa ta'a? Waaqayyoo hin jiruuy🙄 isaa tokkof kuma kenne isaa tokkof kan tokko dhorkatuu maal waaqati gara jabaatu akkasi so jireenyi carraa mitii.tolee yoos jireenyi maaloodharee? Jabaate hojjechuudha😁 ati inni saatii 16 hojjetuu maalif wanuma ittin nama gargaartu dhabdeere😉😁. Anaaf jireenyi shiradha gammachuu namoota keessa boo'ichi lakkofsa hin qabne danuudha.
Ani illee ana kaleessii koo harka nama keessa hin turee boruun koos harka nama keessa hin jiru guyyaan dabareedha har'a hin boosa boruu ni kolfita utuuma guyyaan guyyatti wal jijjiru guyyonni ni dhumu,halkaan wal falmii qabu hiribaa malee ergan dabarse saatiin 6:02 ta'ee jennan mana bahe utuun dandii qaxxamuruuf jedhuu akkata namoonni itti bashannan jiraanif akkata warri hin qabne karaa walka ciisan argeen sammuun koo koomi tokko malee waaqa akkan koomadhuf carraa na kenne.
Garuu seerii waaqayyoo hin komaatamu jedhuu na moo'ee jechaa koo na keessatti ajeesse eelame ijoollee, kan guyyaa gaarii ofi keessa qabu waaqayyoodha.
Inni isiinif haa kennu guyyaa gaarii.

Baga geessan ayyaanicha😍
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

07 Jan, 09:34


“Bara darbe jala bultii Faasikaatti balbala baankii dura dhaabbadhee namni maallaqa tuullaa qabatee yeroo deemu ajaa'ibsiifadheen ilaala ture.

Namni wayii tokko qarshii siif erga waan nan jedheef, ATM koo amma amma itti suuqe calliseen ‘cheekiin’ godha ture. Hin dhufne. Guyyaa sadii eegeen ture. Homtu hin jiru.

Guyyaa afraffaatti akka tasaa qalbii koo keessatti miirri tokko uumame dubbachuun qaba moo hin qabu jedhee of falme. “obboloota koo na gargaaraa” jedha jedheen jechoota afaan koo keessa kaa’e. Garuu wanti ta’e hudh’e na ukkaamse.

Waaqni na uume akkan kadhadhu na hin godhu jedheen yaade. Aaree waanan tureef intala buna jabanafi shaayii gurgurtu tokko bira gadi taa’ee boqodhe. Osoo na hin gaafatin buna tokko buufte fuula dura koo keesse. Baay'een rifadhee.

Kiishaa koo keessa dumbulloo cabduun hin jirtu ture. Morma koo cabse osoon hin yaadiin imimmaan koo siinii cinaatti bu’e. “Si dhukkubeeti moo?” nan jette intaloon buna gurgurtu.

“I’ii lakki”

Maaliif boossa immoo ree?”

“Akkanumatti calliseen” jedhen imimmaan haaxa’aa. “Wal lolteeti moo? ”

“Eeyyee”

“Eenyu waliin?” Gaaffiin ishee gonkuma hin dhumatu. “ Waaqa waliin”

“Maal si godhe?” “Natti balleesse, nama gadi na kaa’e, na dagatee, rakkina koo naaf argu dhiise “Eenyu Waaqni moo?” jette ajaa'ibsiifatte!

“Eeyyee isuma” jedhe maqaa isaa waamu hagan sodaadhutti of falma.

“Dhaga’i obboleessa koo hanga inni ija isaa gara keetti deebisuutti obsi. Inni gara-laafeessa!” Jala callisee jennan itti fufte “Eessa safarri ykn bakki jireenya kee?”

“Saris”

“Jedhi, amma kallattiin mana kee deemi boqodhu. Obsi tole” jette ‘rakabootii’ ishee keessa qarshii kudhan baaste harka keessa na keesse. Dafee ka’ee daandii qaxxaamuruu jalqabe.

“Koottu, koottu, koottu” jette na waamte. Deebi'een dhaqe. “Buna kee lammaaffaa kana dhugi malee” nan jette. Osoo hin qabbana’iin ho’aa isaa dhugen daandii qaxxaamure.

ATM koo itti suuqe ilaale. Qarshii 89 jedha ammas na hin geenye.

Taaksii qabadheen gara manatti deebi’ee. Waaqa koo yeroodhaaf maallaqa taaksii karaa intalatti waan naaf kenniteef sin galateeffadha.🙏

Isaa kaaniis naaf kenni jedhe kadhadheera. Galatasaa aboo!”

Ayyaana gaarii isiniif haa ta’uu!☺️
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

05 Jan, 16:21


"Eeyyeen kophaa kooti nan sodaadhe
Maxxanan keessa dhokadhu nan dhabe
Lapheen ittiin obsu nan dhabe!"

Looreet Tsaggaayee Gabramadin✍🏻
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

04 Jan, 08:07


Gaaffii hundi deebii yoo argate gaarii mitii😶
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

02 Jan, 06:27


Bareeffama guba jiruuf

Hiriyaa chanel's

02 Jan, 06:27


Haadha❤️
Baay'ee nama dinqa 😢❤️

Kirkirri lafaa Jaappaan keessatti mudate booda gareen hojjattota lubbuu bararuu mana diigame tokko keessa seenuun reeffa dubartii tokkoo argani.

Dubartiin jilbeenfattee jirti; Qaamni ishee gara fuulduraatti jilbeeffatee, harki ishee lamaan waan tokko irratti hafe jira. Manni jige dugdaa fi mataa ishee irratti kufe.

Hogganaan garee lubbuu baraarsaa kun reeffa dubartii kanaa bira ga'uuf qaawwa dhiphoo dallaa keessa jiruun harka isaa dubartii kana irra kaa'e.

Dubartiin sun lubbuun jiraachuu dandeessi jedhee abdate. Haa ta'u malee qaamni ishee qorraa fi jajjabina qaba. Kanumaan du'uun ishee hin oolu jedhee tilmaame darbee....

Inniifi gareen hafe mana dubartii sanaa ba'anii gamoo itti aanu sakatta'uuf deeman.

Garuu hogganaan garee shakkamee ammas gara mana dubartii lubbuun dabarte saaniti deebi'e.

Ammas jilbeenfatee, harka isaatiin naannoo xiqqoo reeffa jala jiru ilaalle waan tokko argate.

Hogganaan garee lubbuu baraaru akka tasaa iyye, “Daa’ima! Mucaan jira! " jedhe

Daa'imni dhiiraa ji'a 3 reeffa haadha isaa jalatti firaasha daratiin marfamee jira.

Dubartiin kun ilma ishee oolchuuf aarsaa isa dhumaa akka kaffalte ifaadha.

Yeroo manni ishee irratti jigu qaama ishee guutuu daa'ima ishee gubbaa kaa'attee lubbuu isaa olchufi ofi jalatti qabde jirti.

Hogganaan garee sanaa daa'ima sana fuudhee daa'ima sana yommuu ilaaluu mucaan sun nagaa rafaa ture.

Gareen yaalaa daa'ima kana qorachuuf ariitiin kan ba'an yoo ta'u, yeroo firaasha sana banan firaasha sana keessaa bilbila harkaa argatani.

Ergaa barreeffamaa iskiriinii mobaayilaa irratti dubbisan.

"Yoo lubbuun hafte yeroo hunda akkan si jaalladhu yaadadhu" jedha.

Jaalalli haati mucaa isheef qabdu akkana!!

(miidiyaa hawaasaa irraa kan argee)
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

31 Dec, 07:20


Gallery koo illee qulqulleessaa gaafan suuraa kee bira ga'u akka waan ani si dhabamsiiseetti waan natti dhaga'amuuf danda'ee suuraa kee hin haqu😭

Marartee lubbuu baasuu mitii suuraa kee haquun namaaf hin danda'amne akkamitti...?

Haacaaluu Hundeessaa Boonsaaa baga dhalatte😚
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

29 Dec, 15:20


Guyyonni tokko tokko utuu guyyaa keessa balleefaman gaarii turaan, guyyaan jedhee sun lakka erga guyyaan sun darbeedhaa😉

Wanti hin darbine hin jiru😁👈
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

27 Dec, 04:58


Yeroo tokko tokko dhukkubbii kee jechootaan ibsuuf baayʼee gad fagoo taʼa;    lubbuu kee keessatti iyya callisaa dha.
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

25 Dec, 07:56


https://aaaonline.info/inMMzp


Namni 15 download goodhatani jirtu isaan kaleessa siin kahee.
Namni 25 moo tuqtani dhiifta.
Namni tokko moo registered ta'eeraa.


Dhugaan siniin jedhaa.platform kanatti dafa makam.
Process qaba garuu obsaati coins hojjedhaa online irraa calluma jettan hin taaina.
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo
Wanta siin hin galee gaafadha keessan

Hiriyaa chanel's

24 Dec, 11:14


Namoota hamo tokko tokko yeroo argitu
Seexanni foon uufati ijaan arge jette yaada.....namoota hamo san irraa seexanna iyyuu wayya siin jechisiisa
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

24 Dec, 05:55


https://aaaonline.info/inMMzp

Hiriyaa chanel's

23 Dec, 12:49


• Milkaa'uuf dhamaatii guddaa yoo sigaafateyyuu dhamaatiikee balleessuuf yeroo muraasa qofa sitti fudhata.

• Amalli gadheen yeroo nama jalqabu akka qoosaati. Keessaa ba'uun garuu gatii nama baasisa!

•  Hojiin dogoggaraakee har'aa sirrii fakkaatee yoo sitti mul'ate, bor garuu dogoggora ta'uunsaa siif gala.

• Sanyii gaariitu deebi'ee sanyii ta'uuf keessaa fo'ama. Midhaan hundumtuu midhaan ta'eef sanyii ta'ee deebi'ee hinfaca'u. Faca'us hinmargu.

• Yeroo ati qalbii dhabdu hiriyaa itti caalchisee qalbii sidhabsiisu osoo hintaanee, hiriyaa qalbii sitti deebisu michoonfadhu!

• Jireenya keessaa jireenyi maraanmartoo jira. Maraanmartoon jireenyaa lafaan martoo ta'ee bakka jalqabaatti nama deebisa.

• Namni hojii ati hojjettu hundumaatti harka walitti siif rukutu sikuffisuuf jiraa beeki, sababnisaa hanqinakee sidhookseera waan ta'eef.

• Namni si'awwaale isa eergati lubbuun dabartee reeffa keetti biyyee deebise hinse'iin, inni sikafane malee si'awwaale miti. Namni si'awwaale garuu nama hanqinakeefi dogoggorakee sitti himuu dhiisetu jiraatti utuu ati lubbuun jirtuu si'awwaale!

• Addunyaa haaraan atirratti waan haaraa hojjettu hinjiru. Wanti haaraan ati addunyaarratti hojjettu garuu sammuukee keessa jira.

• Utuu lubbuun qabeenyaan nibitama ta'ee duuti kan hiyyeessaa qofa ture.

• Biyyoo namni barbaadu kamuu bifa salphaan argata. Warqee argachuun garuu dhamaatii guddaa nama gaafata.

• Ofiikee ofiikeen yoo sakattaate dogoggora baay'ee argatta. Ofiikee namaan yoo sakattaasiste dogoggorrikee hedduun similiqa.

• Maraatuu fayyaa fakkaatuufi fayyaa maraatuu fakkaatuuf hin'oo'ani.

• Namni hundumtuu fayyaa akka jiraatuuf dhalata, maraatummaa keessa garuu ofii isaa of-galcha.

• Gatiikee sumatu qaalomsata malee namni siif qaalomsuu hindanda'u. Kan ati gatiikee gadi of-jalaa buuste eenyuyyuu qaalii siif hintaasisu.

• Nama ta'anii dhalatanii Titiisa ta'anii jiraachuurra, Kanniisa ta'anii uumamanii hadhawaa gara mi'awwaatti jijjiiruu wayya!

• Dogoggorrikee inni dhumaa mana barumsaakee jalqabaati.

• Dhalli namaa isa hubatuuf, isa arguuf, isarraa baratuuf kitaaba dubbifamee hindhumnedha.

• Of-taanaan waan ta'uu qabdu akka hintaaneef wanti gufuu sitti ta'u hinjiru.

• Adeemsi sakatta'iinsa hinqabne dogoggoraan guutuudha.

• Of-malee nama biraa jaallachuu dhabuun maraatummaadha.

• Bakkeekee kana qofaa cimsuuf jabina qaamaa hinhojjetiin. Qaamni Jaldeessaafuu hinfayyadne, abshaalummaa Qamaleetu caala!

• Diinni milkaa'inaa inni guddaan yaada garaati!

• Bor biddeen ulfinaa nyaachuuf har'a hagabuu buli

• Yeroo namni fiigu nama fiigu, yeroo namni ciisu nama ciisu, burjaajjessuun salphaadha.

• Maraatummaa guddaan qullaa buusuu miti kaayyoo ofii gatuudha.

• Akka dhalootatti abdii horutti jiraadhu malee dhaloota abdii kutuuf hinjiraatiin.

• Ati karaa gaarii irra adeemtu gadheerra yoo xiqqaate maamila nama tokko horachuu dandeessa.

• Abdii kutannaan diina milkaa'uuti.

•Guyyoota muraasaaf duumessi biiftuu golguu danda'a, waggootaaf garuu itti hinfufu.

• Namni ati argitu hundi simboo qabaatee ofitti sinhawwatu. Nama keessaa garuu namni simboo qabu jira!

• Namni jiraachuuf qaroominni bu'uura. Maraatummaa kan makate garuu maraatuufi maraatummaa babal'isa!

• Daandii bu'aa gaarii hubatanii irra adeemuun ogummaa nama gaafata, daandii kasaaraarra adeemuun akka qoosaati. Namni ogummaa qabu Mixii tooraan yaaturraa barata.

• Kaayyookee fiixaan baafachuuf fiigi akka Biichee yoo hintaane akka Borofaa,  hindandeenye akka Illeettii, ta'uu baattus akka Qocaatti malee raawwatteerraa hindhaabatiin!

@hiriyaakoo
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

23 Dec, 11:58


Fakkeessanii jiraachu irra fagaatani jiraachu woyya❣️ 🥹
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

23 Dec, 08:31


Namoonni siif dhiisuu danda'u...garuu si dhiisus!
.
Gochoonni nuti namarratti raawwannu gaariinis ta'u hamaan nama sanaaf hin dagataman. Keessumaa namni gaarummaallee yoo irraanfate, hammeenya ati isarratti raawwatte hin dagatu.
.
Utuu tamsaasa Tv irratti darbu ta'uusaa beektuu...utuu akkanni viral ta'uu danda'u beektuu.. jilbeenfattee boossee dhiifama gaafatte.
.
Dhiifamashee fudhatee..ishee garuu ofitti fudhachuu dhiise. Miidhaasheen irraan geesse guddaa akka ta'e irra deddeebi'ee nutti hime...achittiyyuu bakkasheen jilbeenfattee jirtutti dhiisee deemuuf ture.
.
Jireenyasheen har'aan booda qabaattu tilmaamuun rakkisaa miti.
.
Nama yeroo miitu..itti yaaddees..utuu itti hin yaadinis ta'uu danda'a. Garuu gaaftokko nama miite sanaa wajjin walitti dhuftu... dhiifama.nama sanaa argachuuf garuu gochoota kana dura raawwatte duubatti deebitee 'undone' gochuufillee hawwitus hin dandeessu.
.
Murteeffaan tokko tokko jireenya namaa keessatti bakka olaanaa qabu. Namnimmoo of caalaa sin jaallatu...
.
Balleessaakeetiif...garaasaarraa ta'us..ta'uus dhiisu dhiifama siif godha....garuu siinis si dhiisa.
.
Weelluu Andualem Gosa 'Maarree' jedhu guutummaan guutuutti seenaa jara kanaa ni ibsa..mee weellucha dhaggeeffadhaa!
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

23 Dec, 05:54


Obboleettiin Cristiano Ronaldo “Katia Aveiro” fuula ‘inistaagiraamii’ ishee irratti haasaa onnee namaa tuqu barreessiteetti.

“ ‘Gara fuulduraatti ijoolleen koo yeroo dullooman kabaja akkamii argatu? Milkaa’inni maali? Maaltu hojjeta moo hin hojjetu? Kufaatiin maali? Ol-ka’iinsi isaa maali? Cimanii hojjechuun maali?’ jedhanii yeroo na gaafatan, waa’ee obboleessa koo; waa’ee eessuma isaanii itti booneen haasa’a...

Waa’ee isa magaalaa guddoo Poorchugaal Lisbon irraa fagaattee magaala xiqqoo argamtu Maadiyeeraa keessatti mana xiqqoo tokko keessatti dhalatee....,mana bishaan roobaa akka nu hin tuqneef baaldii fi pilaastika baay’een mana marsan...,isa keessatti guddatee mana mukaan nyaata itti bilcheessinu, bishaan ho’aa dhiqachuuf ibiddaan bishaan ho’isnu...

Goota koo kutaa xiqqootti obbolaa isaa afran wajjin bakka ciisichaa dhiphoo wal dhiibaa jaalalaan ciisaa guddate, abbaa humna waraana galaanaa duraanii fi booda biqiltuu namaa bishaan obaasuun dalagaa tureefi, haadha hiyyeettii homaa hin qabne mana namaa qulqulleessuun, ittoo namaaf deemtee hojjechaa nu guddiste harkatti waan guddateef....

Waa’ee impaayera guddaa obboleessikoo ijaare nan dubbadha, humna isaa nan dubbadha....Guyyoota waadaa seenee waadaa isaa raawwate dhugaa nan ba’a. Waa’ee amala aarii isaa nan dubbadha, yeroo awwaala isaaf qotan illee abdii hin kutanne nan dubbadha. Eessumni ijoollee koo (Roonaaldoon) gammachuudhaan waa’ee nama fiilmii hojjetu isa dhugaa fiilmii TV irratti argitan caalaa bareedaa ta’e isaanitti nan haasa’a. Rakkoon, dhabuun, argachuun, kufuun, ka’uun, duwwaa ta’uun, milkaa’uun,...gabaabumatti addunyaan Kiristaanoo Roonaaldoo ta’uushee nan dubbadha.

Galanni uumaaf haa ta’uu, ani uumama seenaati. Yeroo akkamii dabarsinee? Obboleessa kootti baay’een boona”

“Kiristiyanoo Roonaaldoo raawwateera!”

Isinoo maal irraa barattu, tarii dhabdee jirtaa laata, rakkatteettaa laata, abdii murtee jirtaa laata, qabeenyahoo argattee jirtaa laata? Gabaabumatti deebiin kee barreeffama kana!

Seenaa Mokonnin is gaaftokko, “Ilaa Gurraa Choo ilaalaa!” jettee ijoolleeshii gorsiti!🍷🚶
Source Facebook
@hiriyaakoo
@hiriyaakoo

Hiriyaa chanel's

21 Dec, 08:24


Ijoollee hiriyaakoo nagaa jirtuu
Nuyi nagaa qabna.
Kun link Facebook kooti karaa achims na hordofuu dandeesuu.
@hiriyaakoo
https://www.facebook.com/qaajela.gamee