Shaggar City Communication @shagarcitycommunication Channel on Telegram

Shaggar City Communication

@shagarcitycommunication


Shaggar City Communication (English)

Welcome to Shaggar City Communication, the ultimate destination for all things related to the bustling city of Shaggar! Our Telegram channel is dedicated to providing residents and visitors alike with the latest news, events, and updates happening in Shaggar City. From local business promotions to community events, we've got you covered. Who is it? Shaggar City Communication is a channel created for anyone interested in staying informed about everything happening in the vibrant city of Shaggar. Whether you're a long-time resident looking for the latest news or a tourist looking for recommendations on things to do, our channel is the perfect resource for you. What is it? Shaggar City Communication is your one-stop destination for all things related to Shaggar City. Stay up to date with the latest happenings, discover new businesses, and connect with other members of the community. With our channel, you'll never miss out on any important news or events in Shaggar City. Join us today and become a part of the Shaggar City Communication community! Stay connected, stay informed, and stay involved with all that Shaggar City has to offer. We look forward to seeing you there!

Shaggar City Communication

10 Nov, 15:44


Haqa waloof Mana Murtii Aadaa

Magaalaa Shaggar keessatti Manneen Murtii Aadaa hundaa'anii hojjechaa jiran haqa waloo waloo hawaasichaa mirkaneessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiru.

Manneen murtii Aadaa kunneen haqa waloo baasuun cinatti aadaafi duudhaa Oromoo jabeessuu, haaromsuu, duudhaa araaraafi nagaa babal'isuu irratti gumaacha guddaa bahaa jiru.

Shaggar City Communication

10 Nov, 15:41


Dinagdee damdaneessa guddina amansiisaatiif
-----
Biyya keenyatti dinagdee damdaneessaafi damdamataa ijaaruun guddina ariifataa galmeessuuf inisheetiivota adda addaa maddisiisuun hojjetamaa jira.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggarittis wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii bal'aa uumuuf inisheetiivonni gosa adda addaa hojiirra oolchaa jira.

Inisheetiivonni Magaalaa Bulchiinsa Magaalichaatti hojiirra oolfamaa jiranis inisheetiivii misooma beelladaa, industurii Godoo, giddugala gabaa, qonna magaalaa fi kan biroodha.

Inisheetiivota magaalichatti hojjetamaa jiraniinis gama wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii uumuutiin bu'aawwan gurguddaan argamaniiru. Magaalaan Shaggaris gama kanaan karoora imala badhaadhinaa milkeessuu akka biyyaatti qabamee hojjetamaa jiru keessatti gumaacha ishee bahachaa jirti.

Guyyaa har'aas Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr Tashoomaa Addunyaafi Itti Gaafatamaan Waajira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu Kutaa Magaalaa Furiitti inisheetiivii misooma beelladaa, Kilaastara Dammaafi kan biroo ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Shaggar City Communication

10 Nov, 15:39


Magariisummaa fi qulqullinni Hawwattummaa Magaalaa Dabaluun Jireenyaaf Filatamaa Taasisa!

Yeroo ammaa hojiin magariisummaa fi qulqullina magaalaa dhimma magaalota keessatti dhimmaa xiyyeeffannoo olaanaa argachaa jiruufi magaalota jidduutti ulaagaa dorgommii ta'aa dhufedha. Mallattoo ammayyummaas ta'aa jira. Magariisummaafi qulqullinni hawwattummaa dabaluun dorgomtummaa, jireenyaaf filatamummaa magaalaa dabala.

Magaalota keessatti itti gaafatamummaan hojii magariisummaa fi qulqullina hoogganuufi hojiirra oolchuu Manni Qopheessaaf kan kennamu yoo ta'u tarsimoo magariisummaa, qulqullinaafi miidhagina magaalaa bocuun hojii irra oolchuuf hojjeta.

Manni Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar magaalaa 'Smart' taate uumuun jiruufi jireenya uummata Magaalaa bu’uura irraa jijjiiruuf misooma ariifataa fi itti fufiinsa qabu dhugoomsuun hojii misoomaa kallattii hundaan jalqabame sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjechaa jira.

Magaalaan Shaggar magaalaa qulqulluu, miidhagduu, jireenyaaf mijattuu taate uumuufi kenna tajaajila mana qopheessaa (E-service) ammayyeessuuf, qabinsaa fi bulchiinsa balfaa tarsimaa’aa fi itti fufinsa qabu hojiirra oolchuu akkasumas, projektoota bu’uuraalee misoomaa rakkoo hawaas-dinagdee uummataa furuu danda’an diriirsuuf hojii gurguddaa hojjechaa jira.

Galma hundeeffama Magaalaa Shaggar bu'uura godhachuun hojiiwwan hojjetaman hunda keessatti karaa seenaa fi aadaa uummatichaa giddugaleessa godhateen magaalaa dorgomtuu fi haammattuu (inclusive) akkasumas, bulchiinsa teknoloojiin deeggaramte (E-Governance), misoomni dam-daneessaa (holistic development) itti mirkanaa’ee fi fayyadamummaa uummataa keessatti dhugoome hundeessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran agarsiiftuu guddaadha.

Magaalicha keessatti hojiin hojjetamu hundi teknoloojiin deeggaramuun kenni tajaajilaa akka ammayyaa'uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Akka Mana Qopheessaatti pirojektoota buleeyyii 70, fiizikaalaan bulan 18 fi faayinaansiin bulan 52 xumuramuun gara hojiitti akka galan taasisuufi bara kana pirojektoota haaraa 291 hojjechuuf kan karoorfame yoo ta’u walumaa gala pirojektota haaraa fi buleeyyii 361 bajata Mana Qopheessaa fi bajata idilee waliigala kaappitaala Qr.13,740,662,633.65 ta’uun hojjechuuf karoorfamee jira.

Humnoota waloo hojiirra oolaa jiran keessaa tokko kan ta'e Tajaajilli Lammummaa akka aadeffatamuu fi humna misoomaa sirrii ta'uun misooma magaalichaa akka ariifachiisuuf hojiin mana jireenyaa harka qaleeyyii, manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf oolu 300 ijaaruu, barattoota maatii harkaa qaleeyyiif meeshaa barnootaa bituun deeggaruu, namoota rakkoo nyaataa qaban 700 deeggaruu, mana dubbisaa 2 magaalaa keessatti ijaaruu, biqiltuu miiliyoona 1.8 bool'a qopheessuun dhaabuu, biqiltuu miiliyoona 2.5 dhaabbate kunuunsuu, Mana Barumsaa Bu’uura Boruu 3 ijaaruuf hirmaannaa humna namaa 12,000 fi maallaqa waligalatti qar.1,037,901,560'n hojjetamee kan jiru hojiin kun cimee itti fufa.

Galii Mana Qopheessaa bara darbe sassaabame %100n guddisuun bara 2017 Qar 12,085,387,040 akka sassaabamuuf kan karoorfame yoo ta’u hanga ji’a Onkololeessaatti Qar. 3,017,196,782 sassaabamee jira. Karoorri waggaaf qabame guutuutti akka milkaa'uuf gibiraafi taaksii duguuganii sassaabuufi maddoota taaksii babal'isuun xiyyeeffannoon hojjetama.

Magaalichatti kenna tajaajilaa ammayyeessuuf teknoloojiin deeggaruun tajaajila ammayyaa’e (E-Service) kennuufi maashinaroota adda addaa Mana Qopheessaa 83 ta’an hojii ga’umsa olaanaadhaan akka hojjetaniifi qisaasamni akka hir’atuuf sirna dijitaalaatiin (GPS) to’atamaa jira.

Miidhagina Magaalaa tokkoof bulchiinsi balfa gogaafi dhangala'aa baay'ee murteessaadha. Magaalaa Shaggar keessattis sagantaa balfa gogaa walitti qabuu qopheessuun balfa gogaafi dhangala'aa walitti qabuun irra deebi'anii tajaajilaaf oolchaa jira. Dhaqqabummaa tajaajilichaa amma jiru guddisu, balfa gogaa walitti qabuu fi dhabamsiisuu, balfi deebi'ee hojiirra ooluun akka qabeenyaatti akka ilaalamuuf (Composting, Reusing and recycling) fi daandii qulqulleessuu irratti xiyyeeffatamee hojjetama.

Shaggar City Communication

10 Nov, 15:39


Gama kanaan, waldaalee ijaaruun balfa jajjaboo mana jireenyaa fi daldalaa irraa gahumsaan akka funaanamu taasisuun fayyaa hawaasaa guddisuufi carraa hojii uumuun sagantaa balfa walitti qabuu idilee hojiirra oolaa jira.

Manni Qopheessaa Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar qulqulinaa fi magariisuummaa magaalaa dabaluuf hojii hojjetamaa jiru galma barbaadameen gahuufi gahumsaan hojjechuuf hawaasa sadarkaa sadarkaan jiraniif hojii hubanno uumuu hojjetamaa jira. Kunis, hawaasni balfa naannoo isaatii dhabamsiisuun naannoo isaa balfa irraa bilisa taasisuun mandara moodela uumuu yaadama jedhu bu'uura godhatee kan hojjetamaa jirudha.

Hanga ji’a Onkololessa kanatti Mandaroota waligaltee mallatteessan keessaa balfa irraa biliisa kan ta’an mandaroota 545 yoo ta’an mandaroota 79 moodela taasisuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjetamaa jira.

Hojii qulqullina Magaalaa bu'aa qabeessaa taasisuuf dhaabbanni daddabarsa balfaa (Transfer station) Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa fi Malkaa Noonnotti ijaaramanii dargaggoonnji fi dubartoonni 180 ta’an hojii qulqullinaa irratti leenjii fudhatanii level 3'n eebbifaman ijaaramanii hojii balfa deebisanii fayyadamuu (reuse, recycle, compost)irratti hojii keessa galaniiru.

Hojii magaalomsuu fi walitti hidhaminsa Magaalotaatiin Fooramii Magaalota Afrikaa qopheessummaa Itoophiyaatiin Magaalaa Finfinnee Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adowaatti gaggeeffame irratti akka Magaalaa Shaggaritti hirmaannaa taasisuun magaalota irraa muuxannoo qooddachuu fi muuxannoo akka Shagaritti jiru qooduun maqaa gaarii Magaalaa keenyaa ijaaruuf hojii guddaan hojjetameera.

Sagantaa Fooramii Magaalota Afrikaa irratti egeree Magaalaa Shaggar kan agarsiisu karoora mul’ataa fi pootenshaala dinagdee guddaa qabdu mul’isan akkasumas hundeeffama yeroo gabaabaa keessatti hojiiwwan fakkeenya ta'an irratti muuxannoo dabarsuuf hojii guddaan hojjatamee jira.

Bara bajatichaatti hojiilee misoomaa hirmaannaa hawaasaan hojjetaman babal'isuun hojiin daandii gosa gara garaa hojjechuu, sarara bishaanii diriirsuu, sarara ibsaa diriirsuun rakkoo bu'uuraalee misoomaa furuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojii guddan kan hojjetamu ta'a.

Akka waliigalaatti, hojiiwwan qulqullinaafi hawwattumaa magaalaa dabalan hojjechuun cinatti hojiiwwan hojjetaman hunda keessatti hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa, dargaggootaafi hawaasaa gama hundaan jiru guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Shaggar City Communication

01 Nov, 13:06


#Shaggar
Pilaanii Ammayyaa'aan, Dorgomummaa fi Ammayyummaa Magaalaaf Bu'uura!
------
Pilaaniin ammayyaa'aa ta'ee fi qulqullina qabu, hawwattummaa, dorgomummaa fi ammayyummaa magaalaa tokkoof dhimma murteessaadha. Karoorri qindaa'aan pootenshaala magaalichaa giddu-galeeffate karaa pilaanii magaalichaan wal simeen hojjetamuun ammoo dhimma ijoo galma magaalaa tokkoo dhugoomsudha.

Pilaaniin qabeenya lafaafi kan biroo magaalli qabdu sirnaan hoogganuun fayidaa uummataaf oolchuuf, guddinni magaalaa egere maal akka fakkaatu akeekuuf pilaaniin magaalaa baay'ee murteessaadha. Pilaaniin bulchiinsa qabeenyaafi guddina magaalaa akeekuun dhaloota egereef bu'uura kaa'uu danda'us pilaanii qindaa'aa yoo ta'e qofadha. Pilaaniin qindaa'aan galma magaalli tokko qabatte milkeessuuf bu'uuraalee misoomaa karaa kindaa'eefi waldubbiseen akka babal'atu koriidaroota misoomaa adda baasee wal unachiisuun kan kaa'udha.

Haala kanaanis, magaalaa ammayyaa giddu-gala dinagdee fi teknoloojii akkasumas jiraattotaaf hawwataa fi mijataa taate ijaaruun danda'ama. Pilaanii Misooma Ispaashaalaa (Spatial Development Plan) ammayyaa'aa tahee fi teknoloojiin deeggarame qopheessuun magaala tokko keessatti guddina ariifataafi ittifufinsa qabuu galmeessuuf barbaachisaadha.

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar, Magaalaa Jaarraa 21ffaa madaaltu, jiddu-gala teknoloojii, kalaqaa, industirii fi dinagdee akkasumas magaalaa miidhagduu, hawwattuu, dorgomtuu fi jireenyaaf mijattuu taate uumuuf, pilaanii magaalaa ammayyaa'aa ta’e hirmaannaa uummataa fi dhimmamtootaan qopheessuun karoora misoomaa bifa saffisaa fi itti fufiinsa qabuun hojirra oolchuun fayyadamummaa uummata magaalichaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

Kunis, galma Magaalaan Shaggar karoora gabaabaa, giddu-galeessaa fi dheeraa keessatti milkeessuuf qabatte akkasumas Karoora Imala Badhaadhinaa akka naannoo fi biyyaatti qabame karaa giddu-galeeffateen qophaa'ee ittiin hojjetamaa jira.

Waajjirri Karooraa fi Misoomaa Magaalaa Shaggar, bal’ina lafa magaalichaa hektaara kuma 160 ol ta'u irratti adeemsa saayinsaawaa hordofuun gara fuulduraatti misooma magaalattii qajeelchuu karaa dandeessisuun Pilaanii Misooma Ispaashaalaa qopheessee ittiin hojjechuu eegalee jira.

Waajirichi, qorannoowwan pilaanii misooma qe’ee karaa Pilaanii Misooma Ispaashaalaa lafa irra ittiin buusuun danda’amuun bal’inaan qorachaa kan jiru yommuu ta’u, qajeelfamoonni, noormiiwwanii fi istandardiiwwan gara garaa sadarkaa lafaa fi olka’iinsa gamoo hammachiisuun qopheessee jira.

Yeroo ammaa kanas akkaataa dandeettii misoomuu magaalittiin qabduun akka guddattu akkasumas bu’uuraalee misoomaa ammayyaa, hawwataa fi mijataa ta’e diriirsuun uummata magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaa fi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, investimentoota biyya keessaa fi biyya alaa hawwachuun lammiileef carraa hojii akka uuman, ce’umsa beekumsaa fi teknolojii akka fidanii fi sharafa biyya alaa akka argamsiisan taasisuun guddina ariifachiisaa fiduu karaa danda’uun pirojektiin Pilaanii Misooma Koridaraa qarqara daandii (Road Side Corridor Development Plan) Kutaalee magaalaa hunda keessatti qophaa’ee hojjetamaa jira.

Pilaaniin qophaa’ee lafarra bu’aa jiru kun, galma qabame akka milkeessu taasisuuf deeggarsaa fi hordoffiin hojiirra oolmaa pilaanii karaa itti fufinsa qabuun taasifamaa jira.

Gama biraatiin, Karoora Misoomaa dilbii magaalichaa jiddu-galeessa godhate adda baasuu fi qopheessuun, karoorri bara 2017 manneen hojii magaalichaa 37 qopheeffamuun mirkaneeffamee ittiin hojjetamaa jira. Akkasumas, KPI (Key Performance Indicators)'n manneen hojii Magaalichaa sirrummaan isaa mirkaana’ee akkaataa madaallii manneen hojiif ta’uutti qindaa'ee ittiin hojjetamaa jira.

Gama wayitaawummaa fi dhaqqabummaa ragaa misoomaatiin, ragaa xilannoo marsaa 2ffaa, bara 2016 qindeessuun Komishinii Karooraa fi Misoomaa Oromiyaatti darbee jira.

Shaggar City Communication

01 Nov, 13:06


Itti dabalees, haala Oomisha Dimshaashaa (GDP) Magaalaa Shaggar qorachuuf ogeessota dhimma kana hojjechuuf irratti ramadamaniif leenjiin gocha (shaakala) irratti xiyyeeffate kennamuunii fi hojicha karaa guutuu ta’een raawwachuudhaaf qophiiwwan gara garaa taasifamaa jira.

Agarsiiftuuwwan raawwii hojii gurguddoo (KPI) Manneen Hojii Magaalaa Shaggar ilaalchisees xinxaalli gabaasa raawwii hojii bara 2016 fi KPI bara 2015 fi 2016 akeeka gara fuuladuraaf madaallii isaa ‘trend analysis’ kan waggaa sadii (2015 – 2017)tti qophaa’uuf akka gargaarutti qindeeffamee jira.

Akka waliigalaatti, Magaalaa Shaggar Magaalaa ismaartii taate, pilaanii ammayyaa'aa qabdu, hawwattuu fi jireenyaaf mijattuu taate ijaaruun fayyadamummaa uummata magaalichaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira.

Shaggar City Communication

01 Nov, 13:04


“Hooggansi hubannoo leenjii kanarraa argatetti fayyadamuun yeroo kamuu caalaa miira tajaajiltummaa olaanaadhaan hojjechuu qaba” Obbo Alamaayyoo Tulluu
-------
Magaalaa Shaggaritti leenjiin hooggansa Paartii Badhaadhinaa marsaa sadaffaa "Humna Abjuu, Guddina Amansiisaaf" jedhuun Kilaastaroota shan irratti kennamaa ture xumurameera.

Cufinsa leenjichaa irratti kan argaman Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu hooggansi magaalichaa hubannoo leenjii dandeettii raawwachiisummaa hooggansaa cimsuuf guyyoota darban kennamaa turetti fayyadamuun hawaasaaf tajaajila si'ataa fi haqa-qabeessa ta'e kennuufi naamusa olaanaan hoogganuun ijaarsaa fi ce’umsa biyyaa qindoomina olaanaan milkeessuuf hojjechuu qaba jedhan.

Leenjichi badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuuf gumaacha guddaa kan taasisu waan ta'eef hoggansi yeroo kamiyyuu caalaa miira xiiqiifi taajaajiltummaan hojjechuu akka qabus Obbo Alamaayyoo yaadachiisaniiru.

Leenjichi karaa milkaa'ina qabuun akka xumuramuuf qophiin leenjii durarraa eegalee koree adda addaa hundeessuun qophiin gahaan taasifamaa turuu eeraniiru.

Leenjiin kun qindoomina, naamusaafi qophaa'ummaa hooggansa Magaalaa Shaggar kan agarsiise, barnootaafi muuxannoo guddaas kan irraa argannedha jechuun hooggansi magaalichaa hubanno argatetti fayyadamuun hojii Paartii cimaa ijaaruuf hojjetamu tumsuu akkasumas inisheetiivota mootummaan maddisiise milkeessuuf xiiqiifi kaka'umsaan hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Obbo Alamaayyoon qaamota leenjichi karaa hubannoofi naamusa hooggansaa cimseen, qindoomina qabuufi tasgabbiin akka xumuramuuf gumaacha taasisan Koree Qindeessistuu Magaalaa Shaggar, hooggansa Naannoorraa hirmaatan, qindeessitoota leenjichaa, Tuutaroota, Koreewwan adda addaa akkasumas leenjitoota hunda galateeffataniiru.

Leenjii Magaalaa Shaggaritti kennamaa ture irratti hooggantoonni sadarkaa Naannoo, magaalaa, Kutaa Magaalaafi Aanaalee magaalichaa hirmaataniiru.

Shaggar City Communication

31 Oct, 13:51


Hooggansi Magaalichaa sadarkaa hundarra jiru hojiiwwan inisheetiivii hunda qindeessee hojjechuu qaba" Obbo Alamaayyoo Tulluu
----
Bulchiinsi Magaalaa Shaggar gamaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kan torbanoota darbanii qoratee jira.

Hojiileen siyaasaafi misoomaa Magaalicha keessatti hojjetamaa jiran kan akka inisheetiivii misooma beelladaa, qonna magaalaa, jallisii Bonee, misooma Koriidarii, sassaabbii galii, hojii ijaarsa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu fi dhaabbilee fayyaa akkasumas hojii nageenyaa fi ijaarsa seeraan alaa to'achuu sadarkaa maalirratti akka argaman adda baasuun kallattii fuulduraa kaa'uudha.

Kaayyoo waltajjii marii kanaa hanqinaa fi cimina raawwii hojii torbanoota darbanii adda baasuun ciminoota argaman daran jajjabeessuun hanqinoota mul'atan galtee karoora itti aanuu taasiisuun galmoota Magaalaa Shaggar qabatee hojjechaa jiru milkeessuuf akka ta'e Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu himaniiru.

Waltajjiin marii raawwii hojii gaggeeffamaa jiru kun, haala gurmaa'insa hojii Paartii fi Mootummaa irratti marii bal'aa taasiisuun hanqinaa fi cimina jiru adda baasuun kallattii gara fuula duraa kaa'uun karoora akka Paartiifi Mootummaatti qabame milkeessuu akka ta'e beekameera.

Mariin gaggeefamaa jiru kun Magaalaa Shaggar magaalaa miidhagduu, jireenyaaf mijattuu, wabii nyaataa mirkaneessuu, magaalaa namni kamiyyuu jireenyaaf filatu taasiisuu akkasumas dinagdee dam-daneessa ta'e dhugoomsuu keessatti gumaacha guddaa qaba.

Itti Aanaan Kantiibaa fi Qindeessaan Kilaastara Dinagdee Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo hooggansi sadarkaan jiru hojii isaa hunda beekee hoogganuu akka qabu ibsuun keessumattuu hojiiwwan inisheetiivii hunda qindeessuun hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Hojii misooma Koriidariin walqabatee hojii Magaalaa Shaggar hawwattuu, miidhagduufi jireenyaaf mijattuu taasisu waan ta'eef hojiin deebisanii ijaaruu xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu qindoominni hooggansi Magaalaa keenyaa mul'isaa jiru fooyya'insa guddaa agarsiisaa jiraachuu himanii hojiiwwan keenya hojiilee hunda ija siyaasaatiin ilaaluun hojjetamuu qaba jechuun hubachiisaniiru.

Gama biraatiin ijaarsa seeraan alaa ittisuun xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu, inisheetiivota hunda qindeessuun bu'aa barbaadamuuf geessisuu akkasumas kenni tajaajilaa dhimma sektera hundaan itti quufinsa ummataa cimsuuf hojjetamuu qabu akka ta'e akeekaniiru.

Shaggar City Communication

28 Oct, 06:19


Hojiin Diijitaalaayizeeshinii  Manneen Barnootaa keessatti  adeemsa baruu fi barsiisu bu'a qabeessa taasiisuuf  gumaacha guddaa qaba.
==
Qulqullina Barnoota mirkaneessuun lammii sammuun isaa qaroomee guddina biyyaa ariifachiisuu danda'u hedduminaan horachuu,akkasumsi,Barattoonnii fi Barsiistoonni teknoloojii haaraan wal baruun Addunyaa har'aa waliin tarkaanfachaa deemuun murteessaadha.

Hojii kana qaqqabamaa taasiisuuf Mootummaan xiyyeeffannoo addaatiin meeshalee kanaaf barbaachisan guutuudhaan adeemsi baruu fi barsiisuu gara Diijitaalaayizeeshiniitti akka  ce'u hojjatamaa jira.

Akka Magaalaa Shaggarittis,kaayyoo Mootummaan qabate milkeessuu fi galmoota Magaalaan Shaggar qabatee hojjachaa jiru dhaloota milkeessuu danda'u fi dhaloota teknoloojii ammayyaatiin wal baraa deemuun Addunyaan har'aa bakka geesse biyyi teenya akka qaqqabdu dhaloota hojjatu horachuuf hojjatamaa jira.

Keessattuu,Caba barnootaa akka biyyaatti mudaachaa dhufe suphuuf hojiin Diijitaalaayizeeshinii bakka hanqinni kitaabaa jirutti furmaata ta'aa dhufeera.

Haaluma kanaan, Barsiistoonni fi Barattoonni Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee  Mana Barumsa sadarkaa 1ffaa Lakk.1 fi sadarkaa 2ffaa Tulluu Diimtuu hojiin Diijitaalaayizeeshinii  Manneen Barnootaa keessatti babal'achaa dhufuun adeemsa baruu fi barsiisu bu'a qabeessa  taasiisaa nuu taasiisa jira jedhan.


Kana malees,qophii qormaata kutaa 6ffaa fi kutaa 8ffaa akkasumasi, qormaata biyyooleessaaf  Hojiin Diijitaalaayizeeshinii Kun gumaacha guddaa taasiisaaf waan jiruuf deeggarsa Barsiistoonni itti dabaluun haala amma jalqabaniin  qabxii gaarii galmeesiisuuf qophaa'aa akka jiran  Barattoonni Manneen Barnoota kanatti barachaa jiran hubachiisaniru.

Shaggar City Communication

25 Oct, 13:30


Barnoota Qulqullinaafi Walgitinsa Qabu Mirkaneessuun Lammii Gahumsa Qabu Horachuuf Gargaara!
----
Bulchiinsi Magaalaa Shaggar magaalaa miidhagduu, dorgomtuufi jireenyaaf mijattuu taate uumuuf hojjechaa jira. Kunis, lammii barate gahumsa qabuufi dorgomaa ta’e horachuun milkaa’a. Magaalichatti barnoota qulqullina qabuufi walgitinsi isaa mirkanaa’e, beekumsa xabboo, ogummaafi dandeettii kalaqaa barattootaa dagaagsu qaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira.

Lammiin qulqullinaan barate galma badhaadhinaa akka biyyaatti qabame hubachuun beekumsa, dandeettii fi ogummaa horateen ijaarsaa fi badhaadhina biyyaa milkeessuu keessatti gumaacha isarraa eegamu bahachuu danda’a.

Kanaafis, magaalichatti manneen barnootaa mootummaa Bu’uura Boruu 658, sad.1ffaa 145, sad 2ffaa 35 akkasumas mit-Mootummaa sad. 1ffaa 298 fi 2ffaa 22 waliigalatti manneen barnootaa 1,158 ta’an keessatti hojiin baruufi barsiisuu gaggeeffamaa jira.

Manneen barnootaa kanneen keessatti barattoonni dhiiraa 184,495, dubara 190,349 waliigala barattoonni 374,844f barsiisota 3,627n barnoota argachuu irratti argamu. Magaalaa Shaggaritti qulqullina barnootaa mirkaneessuun cabinsa sirna barnootaa keenya muudatee ture sirreessuufi lammii dorgomaa ta’e horachuuf inisheetiiviiwwan barnootaa hojiirra oolfamaa jira.

Manneen barnootaa qulqullina olaanaan yeroo gabaabaa keessatti xumuruun hojiitti galchuun inisheetiiviiwwan gama barnootaatiin hojiirra oolaa jiran keessaa tokko yoo ta’u Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu 84 fi Ifa Boruu 2 ijaaramuun tajaajila baruu fi barsiisuu kennaa jiru. Barnoota idileen cinatti manneen barnoota bakka dandeettiin addaafi kalaqaa keessatti horatamu akka ta’uuf kalaqafi kennaatiif xiyyeeffannoon addaa kennamuun hojjetamaa jira. Kalaqaaleen hedduunis manneen barnootaa keessatti argamaniiru.

Wal gitinsa barnootaa milkeessuun barnoota qulqullina qabu, qaqqabamaa fi haqa-qabeessa ta’e kennuun garaa garummaa koorniyaa gidduu jiru xiqqeessuu, barnoota fedhii fi dandeetti addaa babal’isuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Qaqqabummaa barattootaa caalaatti mirkaneessuuf inisheetiiviiwwan barnootaa kan ta'an nyaata barattootaa fi barsiisotaa karaa idilaa'een kennuun harcaatii barattootaa xiqqeessuun, barattoonni qor-qalbii guutuun barnoota isaanii akka hordofaniif gumaacha olaanaa taasisaa jira. Inisheetiiviin kune bu’aa qabeessummaa barattootaa dabaluu keessattis gumaacha olaanaa taasisaa jira. Magaalichatti gama meeshaalee deeggarsa barnootaa guutuutiinis hojiin guddaan kan hojjetamu ta’a.

Manneen barnootaa keessatti dijitaalaayizeeshinii mana kitaabaa jalqabuun barattoonni teknoloojii haaraatti fayyadamanii kitaabota barbaadan interneetii irraa buufachuun akka fayyadaman taasifama.

Hojiin baruufi barsiisuu hojii qaama tokkoo qofa waan hin taaneefi hirmaannaan qaamota hundaa akka cimuuf Gumii Tiraansifoormeeshinii Misooma Barnootaa Sadarkaa Magaalaa fi Kutaalee Magaalotaa hundatti uummata hirmaachisuun qabeenya qarshii 1,346,432,372tti tilmaamamuun leecalloon barnootaa akka guutamu ta'ee jira. Kunis, qabeenya argame caalaa abbummaafi aantummaa hawaasni sektera kanaaf qabu kan mul’isedha.

Waajirri barnootaa Magaalichaa hojii hojjetaa tureen hangi darbuu qormaataa barattootaa yeroodhaa gara yerootti akka fooyya’u gargaareera. Bara kanas qabxii barattootaa caalmaatti fooyyessuuf karoorfamee hojii hojjetamaa tureen kan kutaa 8ffaa dhibbantaa 58(%) irraa gara dhibbantaa 83.2(%)tti, kan kutaa 12ffaa dhibbantaa 8(%) irraa gara dhibbantaa 14(%)tti olguddisuun danda'ameera.

Manneen barnootaa bakka naamusni barattootaa itti qaramu akka ta’aniif hojii hojjetameenis naamusa barattootaa, nageenyaafi tasgabbii naannoo manneen barnootaa mirkaneessuun danda’ameera.

Akka waliigalaatti, Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti barnoota walgitiinsifi qulqullinni isaa mirkanaa’e sagantaa idilee fi al-idileetiin babal’isuun lammii dandeettii, naamusafi jaalala biyyaa qabu horachuun lammiilee karoora imala badhaadhinaa qabamee hojjetamaa jiru dhugoomsuu danda’au horachuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jira.

Shaggar City Communication

24 Oct, 12:19


Oomisha ga’e haa sassaabnu; kan ooyiruurra jiru haa kunuunsinu; kan waktii Bonaa immoo haa facaafnu!
-------------
Magaalaan Shaggar, magaalaa fayyadamummaa qonnaan bulaa giddu-galeeffachuun hundoofte dha. Galmoota magaalichaa keessaa tokko wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu dha. Kana milkeessuufis qonna magaalaaf xiyyeeffannoo olaanaan kennamee hojjetamaa jira.

Hawaasa tokkoof wabii nyaataa mirkaneeffachuun dhimma ijoodha. Wabii nyaataa mirkaneessuun guddina caalu galmeessuuf bu'uura kaa'a. Biyyi keenyas sadarkaa maatii irraa eegalee akka biyyaatti wabii nyaataa mirkaneessuun badhaadhina hunda-galeessa dhugoomsuuf tarsiimoowwan garaa garaa bocuu fi tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa jirti.

Tarkaanfiiwwan kanneen keessaa tokko hojii qonna magaalaati. Qonni magaalaa lafa xiqqaa irratti oomisha garaa garaa hedduu oomishuu kan dandeessisu, gabaa irratti dhiyeessiin gahaan akka jiraatu, carraa hojii kan uumu, aadaa hojii kan jijjiiru, gabaa tasgabbeessuu keessattis qooda olaanaa kan qabuu fi wabii nyaataa hawaasa tokkoo mirkaneessuu keessatti gahee guddaa kan taphatudha.

Qonni magaalaa hojiiwwan akka qamadii jallisii Bonaa, horsiisa lukkuu, horii aannanii fi foonii horsiisuu fi furdisuu, kuduraa fi muduraa, oomishaalee man-duubee, oomisha dammaa fi kkf of keessatti haammata. Hojiiwwan kunneen ammoo lafaa bal'aa fi baasii guddaa kan barbaadan miti.

Magaalaan Shaggar, qonna magaalaa kanneen olitti eeramanii fi kan biroof mijataa waan ta'aniif, xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira.

Magaalichatti bara 2016/17tti qonna Gannaa lafa hektaara 81,535, jallisii Bonee hektaara 65,000 akkasumas kuduraa hektaara 5,788 irratti marsaan oomishamuun midhaan ga'e sassaabamuun, oomisha Bonaaf immoo facaafamuu eegaleera.

Itti fayyadama xaa'ootiinis, kan Gannaa irratti xaa'oo kuntaala kuntaala  150,350.5, jallisii Boneef kuntaala 90,000 fayyadamuun, oomisha Gannaa kuntaala Mil. 35.9 ol, kan jallisii Bonaa kuntaala 4.2 akkasumas kuduraa irraa kuntaalli Mil. 1 ol ni argama jedhamee tilmaama argateera.

Oomishaa fi omishtummaan akka hin hir'anneef oomishni ooyruurra jiru mala aadaa fi ammayyaatiin kunuunfamaa kan jiru yoo tahu, oomishni ga'e mala aadaan walitti qabuun qisaasama callaa irratti argamu xiqqeessuuf kombaayinara fayyadamuun sassaabbiin oomishaa eegaleera.

Yeroo ammaa kanas, oomishaaleen rooba Gannaatiin misooman sassaabamaa jiru. Akkasumas oomisha ooyruu irra jiruuf kunuunsii fi eegumsi wal irraa hin citne taasifamaa jira. Gama biraan immoo hojii facaasaa misooma jallisii Bonee taasifamaa jira.

Kanaafuu, harka tokkoon oomisha ga'e sassaabaa, kan ooyiruurra jiru kunuunsaa, gama kaaniin immoo facaasaa jallisii bonee raawwachuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

Shaggar City Communication

24 Oct, 09:17


#Kilaastara_Kooyyee_Faccee
Humna Abjuu, Guddina Amansiisaaf

Paartiin Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar leenjiin dandeettii raawwachiisummaa hooggansaaf cimsuufi mata duree "Humna Abjuu Guddina Amansiisaaf" jedhuun kennamu eegalee jira.

Magaalaa Shaggaritti leenjiin hooggansa Paartii Badhaadhinaa Marsaa 3ffaa Onkoloolessa 13-22/2017 tti turuufi danndeettii raawwachiisummaa hooggansa Paartichaa cimsu eegalamee jira.

Leenjichi mataa duree "Humna Abjuu Guddina Amansiisaaf" jedhuun Kilaastara Kooyyee Faccee irratti hooggantoota sadarkaa magaalaa irraa hanga Aanaatti jiraniif kennamuu eegalee jira.