Seenessaa Burqaa @seenessaaburqaa Channel on Telegram

Seenessaa Burqaa

@seenessaaburqaa


WBOn Haa Waaru!

Seenessaa Burqaa (Amharic)

ስዕነሳአ ቡርቃ፦ አስፈላጊ አማርኛ ድረገጽnnስዕነሳአ ቡርቃ ከታላቅ ከፍተኛው አማርኛ ቋንቋ፣ ኣንዴና ሽክርያን የታየችውን አዝናኝ ቡርቃ በመጪወፅ ነው። በከተማ፣ በቪሽያል እና በእስከማይታተፈ ታሪክ ስለ አብረውናም ወጎችና ሰዎች ዘጋበተ ነገሩን ለማግኘት ይስማል። ስዕነሳአ ቡርቃ በባለጠግነት ይመልከቱ።nnእንደምን አስብፉት። አሥር የአማርኛ ፕሮፌሰር ፣ ከላይንስ ውስጥ ያለ የአማርኛ ቃሊቲክስ (ሊቃንስ) እና ሁለተኛው የትምህርት ብሔር አቶ ላሊቺ እና እስቴት ጾታ አቶ አማኑኤል ተወዳጁ ሰላም ሲባሉ ነው። እና ስዕነሳአ ቡርቃ በአንዳንድ ከታላቁ ነገሮች ስፋቱ፣ አክሊንኬ ቃል፣ የማወረድ እና የቁጥር ቄሳር የተሻለ ነገሮችን የሚለያዩ ቀናት ታሪክ በነገሩም ዘጋበታለች።nnስዕነሳአ ቡርቃ በእግር ኳስ ዓረፍተ እንጦኒ በመፅሀፍ ታሪክና ታሪክ ገቢርነት ላይ ይስማል። እና እርግዛ እንደውምታ እንዳላበጃ።

Seenessaa Burqaa

27 Jan, 15:04


Akka Oromoon gara Bilisummaatti deema jiru agarsiistu guddaan Ilman Oromoo Hordoftoota Amantii Ortodksii ta'aan ofirratti dammaquusaniiti.

Seenessaa Burqaa

26 Jan, 14:24


Godina harargee lixaa Aanàa mi'eesso Araddaa ittisaa roorroo keessatti amajjii 25/2023 halkaan Eda W3O'n galgala waarii haxxee diinaa fashaleesse sadi battalatti ajj**se hedduun baqattee facaate baaragàan arra barii Ganda keessa deemte ilmaan keessaniitu bosona seenee nu fixaa jira jechuun hawaasa doorsisaa jiru hanga ammatti diinni humna qabdu Aanàa fi godina irraa garasitti oofaa jirti

Seenessaa Burqaa

26 Jan, 13:14


Walloo cabsuufi qabeenyaa Uummata barbaadeessuu duuba maaltu jira?

l*lli guyyaa 6ffaa'f Uummata keenya Walloo irratti gaggeeffama jiru l*la qinda'aa itti yaadamee meeshaa gurguddaa kanneen akka Zu-23,Moorteera,Dishqaa,Baazuqaafi Bireenaan dabaalame gaggeeffama jiruudha.
Humni l*la kana irratti qooda fudhataa jiru Humna Faann-oo dhiyeenya Ertiriyaatti leenji'ee Kutaa Waraan-an ijaaramee deebi'ee yoo ta'u Humna kana Waliin Waraanni Ertiriyaa akka jiru wal nama hin gaafachisu.
Kana biran Waraanni Raayyaa Ittisa Impaayeera utu hin hafin l*la kana irratti akka qooda fudhata jiru Ajejaa 1000 Ijoolleen Warqituu rasaas-an waxaltee ID isaa irraa fuute argitanittu.
Guututti dubbichi Oromoo walloo cabsanii laficha dhuunfachuudha.sanatti yoo milka'aan Walqayit Tigireef gadi lakkisuudha.kanaaf daboon asiif achii Oromoo Walloo irratti deema jira.
Ofirratti dammaqaa!

Seenessaa Burqaa

24 Jan, 12:56


HUBANNOO: MARII FI WALIIGALTEE IRRATTI!

Marii (negotiation) jechuun, adeemsa qaamonni humna madaalawaa qaban ittiin wal hubannoo irra gahan jechuudha. Waliigalteen ammoo, qaama marii keessaa isa tokkodha. Mariin adeemsa 5 (Five Stages of Negotiation) keessa darbee xumurama. Isaanis:
1. Qophii fi Karoora
2. Odeeffannoo wal jijjiiruu
3. Waliigaltee irra ga'uu (bargaining)
4. Cufiinsa (waliigaltee mallatteessuun) fi
5. Raawwii fi Hordoffii dha.

Sadarkaaleen shananuu saayinsii mataa isaanii qabu.

Ammoo, murni waggoota 30 oliif hooggansa qabsoo Oromoo dhuunfatee dhiiga ilmaan hiyyeessaatiin tujaaromaa, olola qofaan jiraatee fi lolee lolchiisee dhiibbaa hin uumiin, ka immoo sirna uimmanni wareegama guddaan butuche waliin "qophii fi karoora" malee dhoksaatti MARII SIYAASAAtti seenuun, mallattoo malee "Waliigaltee Asmaraa" raawwatee qumaara nyaatame, waa'ee lolaas ta'e waa'ee marii siyaasaa dhaloota Qubee gorsuu yokaan qeequuf hamilee hin qabu.

Dirree lolaa irratti dhiibbaa uumteetu dirree mariif dhiyaatta. Marii irrattis waliigaltee siif malu uumuu fi waliigaltichas raawwachiifachuuf, humnaa fi gahumsa dirree lolaa irratti qabdutu murteessa.

Jaarsummaan garbummaa ka tumsu, yoo "qophii fi humna" osoo hin qabaatiin itti seente qofa. Ammoo aadaa Oromoo keessatti jaarsummaan iddoo ol'aanaa qaba. Akka jaarsummaan gatii dhabuu fi Oromoon aadaa isaa kana akka jibbutti, sirni Itoophiyaa hooggansa qabsoo Oromoo qophii fi karoora hooggansa qabsoo malee jaarsummaa fakkeessaa uumtee mariitti seensisuun, tooftaa gowwoomsaaf itti gargaaramaa turte. Kana jechuun garuu aadaa jaarsummaatu dogoggora qaba jechuu miti.

Namni haqaa fi humna wal faana qabu gonkumaa marii kamuu hin sodaatu. Impaayerri Itoophiyaa ABO-WBO faana marii taa'uu wanti baqattuuf, haqa osoo hin qabaatiin, humna qawwee fi gowwoomsaa amantaa qofaan ijaaramtee waan jiraattuufi. Amma Oromoon humna qawwee Impaayerittii humna qawweetiin lolachaa, gowwoomsaa Habashootaa ka maqaa amantaa Qulqullittii Ortodoksii Tewahidootiin deemus ofirraa qolachaa jira. Oromoon haqa qofa miti humnas horateera. Haqa qabna, humna qabna ni moona.

Lolaanis ta'e tolaan,
Oromiyaan Biyya!

Seenessaa Burqaa

22 Jan, 18:25


Impaayera Itoophiyaa fi Amantaalee

Akkuma beekamu Impaayera (empire) jechuun, sirna mootummaa kan eenyummaa, aadaa fi amantaa saboota biroo balleessuutiin, eenyummaa, aadaa fi amantaa saba tokkoo qofa dagaagsu jechuudha. Impaayera keessatti saboonni biroo akka qabeenya yokaan garba saba Impaayerittii ijaarrateetti ilaalamu.

Impaayerri Itoophiyaa, ol'aantummaa saba "Amaara" ofiin jedhaniitiin, humna QAWWEE fi gowwoomsaa AMANTAA (OTI) tiin ijaaramte. Saboota biroo duguuguu fi gowwoomsuun garboommfatanii, Impaayera Itoophiyaa ijaaruu keessatti, qawween deggersa Faranjiitiin argamee fi amantaan Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa (OTI), Minilikiif humna guddaa ta'aniiru.

Gama amantaatiin, amantaan Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa kan jedhamtu, harka mirgaa garboommfattootaa ta'uun:

1) Amantaan Waaqeffannaa, kan Oromoo waan ta'eef qofa balleesuun seenaa qofa irratti hambisuuf "Traditional Religion" ittiin jedhan.

2) Amantaan Musliimaa, hordoftoota sabaan Oromoo ta'an hedduu waan qabuu fi Oromummaa irratti ejjennoo gaarii waan qabu qofaaf duula hamaa irraan gahaa turanii, ammallee itti jiru.

3) Amantaa Pirootestaantii wayita Onesmos Nasiib gara uummata Oromoo fidee sabicha barnoota ammayyaa barsiisuu eegalu, "Oromoon barachuu hin qabu" jechuun duula ulfaataa irraan gahaa, ergasiis amantaa Protestantiin, "መጤ" jedhanii xiqqeessaa turan. Akka Onesmos Nasiib biyya isaa Oromiyaa hin seenneef illee sochii cimaa taasisaa turan.

4) Manuma amantaa Ortodoksiitti illee, tajaajiloota isaanii keessatti gochoota tuffii Oromoof agarsiisan hedduu kan akka:
a) Alaabaa Minilik, mallattoo duguuggaa sanyii Oromoo sana Oromoo irratti mirmirsuu;
b) "Waaqayyo Afaan Oromoo hin dhaga'u" jechuun sabichatti baacuu;
c) "Oromoon Daaqonummaa (deacon) olitti tajaajiluu hin danda'u" jechuun Qeesota Habashootaa fidanii Oromoo irratti muuduu;
d) "Taabotatu bu'e" jechuun lafa Oromiyaa saamuu;
e) Manneen amantaa kuusaa meeshaa waraanaa gochuun ittiin Oromoo daguugsisuu fi wanneen kana fakkaatan dalagaa turan.

Manni amantaa OTI kun qabeenya Oromoo guurrachuu malee, guyyaa tokkollee rakkoowwan uummatichaaf deggersa uummataa taasiftee hin beektu.

Amma immoo hanqinoota OTI sana furuuf, tarkaanfii fudhatameen manni amantaa "Ortodoksii Tewaahidoo Oromiyaa" ijaaramuu isaa fi luba ofii muuddachuu isaatti gungummii kaasu. Seera biyyattii cabsuun mootummaan dhimma amantaa isaanii keessa akka seenuufis waamicha taasisaa jiru.

Lammiilee Oromiyaatiin baga gammaddan jechaa, Abuuna Sawafirosiif bara hojii gaarii hawwina!

Manni amantaa Ortodoksii Tewahidoo Oromiyaa hongee fi buqqaatii lammiilee Oromiyaaf xiyyeeffannoo kenna jennees abdanna.

Didne Garbummaa!
Oromiyaan Biyya!

Seenessaa Burqaa

22 Jan, 14:38


Kottaa sagantaa jalqabee jira



https://www.clubhouse.com/room/MKbvqBRQ?utm_medium=ch_room_mrc&utm_campaign=jMXOSlfsGOeNgLMuDV1LNQ-556206

Seenessaa Burqaa

22 Jan, 09:00


Namni akka Anbaxxaa qabsoo Bilisummaa Oromoo busheessuuf rafee bula hin jirre inuma hin jirre.

Seenessaa Burqaa

17 Jan, 10:41


Hoggansi na hooqi sin hooqatti amanu hoggansa tarkaanfataa ta'u hin danda'u.Hoghansi sirriin akeekaaf kaayyoo taaliga irra dhaabbate ajeja sirriifi yeroo kenne kan warraaqsa belbelchuudha!
Itti amanaa,kun qorsaati!

Seenessaa Burqaa

10 Jan, 10:12


Rakkoon keenya guddaan hanqina keenya amannee hin fudhannu.akka gad-aantummaatti ilaalla.kanaaf nama hanqina keenya nutti himu akka diin-a guddaa keenyatti ilaalla.rakkoo kana ofiikoo irraa jalqabe akka Sabaatti akka qabnun arge.
Kun ammoo qabsoo Oromoof hin fayyadu.
Of irraatti haa dammaqnu!

Seenessaa Burqaa

10 Jan, 08:25


https://www.facebook.com/100080440486543/posts/pfbid02mPviGUktawPkP5hBhYYSC8cHzQbPavb3UmA9JpXrV9GGp8zHqrNhxrKavAk6n4pAl/?app=fbl

Seenessaa Burqaa

09 Jan, 16:46


l*la jajjabaa guyyaa har'a Zoonii Lixaatti gaggeeffama oolen Qondaalota Waraa-na Weerar*uu dabalatee Waraa-anni Weerar*uu hojiin ala ta'e Humna guddaa Biltsiginnaan ni qabna,Qellem irraa kaasanii Haga Horroo Gudurutti Shan-ee qulqulleessu danda'u jette bifa riphee l*latiin fakkeessite birgeeditti ijaartee meeshaa gurguddaan dabaaltee lixatti bobbasteedha.Humna Akkaan itti Abdatamu,Abiyin kallattiin hordofama turefi bakka isaan dhukaas-a gaggeessan Maratti Dirooniin utu hin hafin isaan tumsee boombii Waraa-ana keenya irratti dabra ture.ta'us Kaayyoon haqafi injifataa Sun akkuma haqasatti Abbaa Haqaa irraa aanseera.
Weerar*uun akka ajaayibatti obbaate.Mad-oon Hospitaala Dambidolloo dabalatee Gambeellaatti guurameera.
Meeshaan Waraa-na irraa booji'ame hedduudha.
Konkolaattonni reeshinaa,Weerar*tuufi Meeshaa Waraa-na fe'ee ture heddutu hojiin ala ta'e.
Moonaan qabsoo Oromoo ammoo akka ajaayibatti itita jira.
OROMIYAAN gara ifaatti.

Seenessaa Burqaa

08 Jan, 06:51


Dubbisa gaarii!

Seenessaa Burqaa

06 Jan, 07:39


Gowwaa koflisiisanii ilkaan lakka'u jedhan.Obbo Tashitee Saayibni Abiyi as jira.

Seenessaa Burqaa

06 Jan, 07:05


Suura tokkicha,kitaaba tokko ta'u.

Seenessaa Burqaa

05 Jan, 05:53


Itti dhiyaadhaa.

Deeggartootaa fi mararfattoota QBOtif dhugaadha isin utubaa qabsoo kanaati galma gahinsa qabsichaafis abdiin isini.
Wanti isin beekuu qabdan garuu ololli meeshaa waraanaa guddaa kan sagalee hin qabne dha ololli wal shakkii qabsaa'ota gidduutti fida,ololli shororkaa uumee tokkummaa laaffisa kanaaf qaamni faallaa walii dhaabbatu tokko dhimma itti baha.

Wanti hubatamuu qabu rakkoo hooggansi dhaabaa furuu dadhabe hin jiru wanti jiru rakkoo qabsooti rakkoon qabsoo ammoo kaleessas ni ture har'as ni jira borus ni jiraata kana beeknee itti seenne.fb'n dirree beekaa fi wallaalaan,gowwaa fi qaroon, Gootaa fi dabeessi,xiqqaa fi guddaan itti fayyadamu dha.

Nuti qabsootti jirra qabsoon ammoo gartuu ilma namaatiin gaggeeffama gartuu ilma namaa irrattis gaggeeffama kana keessatti akkuna nuti caasaa diinaa keessaa nama qabnu diinnis intelligence nu keessaa qabaachuu danda'a ergami namichaa kun icciitii jaarmiyaa waraanaa baasee qisaasuu,olola oofee ofsisuu,wal shakkii gidduu qabsaa'otaatti uumuufi kkkk fa dha.kun qabsoo keenya keessatti kan jalqabame miti.

Wanti biraa kan jiru miseensaa fi qondaala waraana Bilisummaa Oromoo tokko tokkoo dantaa ykn ammoo firummaan (Aantummaan) kiyyeessuun icciitii waraanaa Europe fi America ykn Finfinnee fi Aadaamaa teessee guuraa ooluun yo diinummaa qabaatte malee si hin fayyadu.
Akkuma icciitii jaarmiyaa waraanaa beekuuf kuftee kaatu icciitii mooraa diinaa argachuuf kuftee kaatee yo gabaafte gaariidha.
Icciitiin waraanaa dhimma isa ilaallatu malee miseensa waraanaa irraayyuu dhokataa dha garuu Naamusa dhablummaa,dammaqinsa dhabuu,fi dantaan kiyyeeffamuudhaan yeroo hedduu icciitiin jaarmiyaa ni qisaasama.
Jaallan lola irratti kufan,jaallan lola irratti madaa'anii fi wantoota biroo dursinee namoota jaarmiyaa waraanaan ala jirani irraa dhaga'aa jirra turre kun ammoo naamusa jaarmiyaa ABO_WBO kan sharafu dha.

Nuti rakkoon yo jiraate daandii ittiin furannu qabna innis fb miti seera,Heeraa fi dambii bulmaataa mataa keenyaa ti.
Hoggansa bilchaatoo fi Muratoo dantaaf hin jilbeeffanne qabna sanas filmaata karaa Dimokiraasiitiin akkaataa Heera keenyaatiin kan filanne qabna.
Haga Gaalaa ciifnee haga Loonii ciisuu hin dadhabnu fb'n Injifannoo W*B*On lola irratti gonfatu gabaasuu fi hojii ololaaf qofa nu fayyada malee dhimma keessoo keenyaa gadi baafnee haasa'uuf nu hin fayyadu yo hojii farrummaaf ta'e malee.

Dhadhaan fira fakkaatee wayyaa balleessa jedhani miidiyaa Oromooti jechaa hoggansa keessan irraa ajaja hin fudhatiinaa naannoo naannoo keessanitti qabsoo gaggeessaa kan jedhus jira warra akkasii duuba ammoo qaamota jirani ni beekna guyyaan walitti gadi baanus nu dura jira isinis yeroo booda akkuma warra Gullallee qodaa cabaa taatanii akka haftan natti mul'ata.
Hoggana jaarmiyaa tokko gaggeessu tokko ofitti qabanii kaan achi qabanii hamii gaggeessuun farrummaadha.

Walumaagalatti QBO milkeessuuf jaallan haga amma barreeffamni kun qophaa'utti wareegamaa jirani kutaaf ykn gandaaf ykn dantaa nama dhuunfaa tiksuuf miti Oromoo fi Oromiyaa kabachiisuufi namootni maqaa kanaan deemtu miseensaas taate deeggaraan lafeen jaallan wareegamaniifi wareegamaa jiranii si ha gaafatu.
Har'a waraanichi guddatee sadarkaa Cibraa fi Birgeediitiin socho'aa jira maarree jaarmiyaa kana keessa namni dantaa isaaf lo'ee seenee hojii diinummaa dalagu hin jiru jettee amantaa? Lakki ani hin amanu har'a miti gaafa muraasaan socho'aa turreyyuu lo'ee seenaa diinaa qabaa turre.
Namni beekees ta'e otoo hin beekiin Naamusa dhaabaa cabsee iccitii keessoo jaarmiyaa bakka hin barbaachifnetti qisaasu hojii diinummaa dalagaa jiraachuu beeki.

Qabsicha gaggeessuu yo dadhabde qabsichatti ba'aa fi gufuu hin ta'iin.
Namootni miseensa waraana Bilisummaa Oromoo keessaan sossobdanii icciitii Jaarmiyaa Waraanaa irraa guurtanii fb irratti maxxansitan of qusadhaa yo ergama qabaatte ammoo dirqama kankee irra jirta waan ta'eef jabaadhu garuu hin milkooftu.

har'aaf Goolabeera dogoggora qubeef na ofkolchaa.
Galatoomaa ♥️💚❤️

Dhugaan Hin Maseenuun(Jaal Badhaadhaa)

Seenessaa Burqaa

04 Jan, 05:57


Kitaabni Maraammartoo Maxxansi Sadaffaan biyya yemenitti raabsama waan jiruf Uummatni keenya kitaabicha bitattanii akka dubbistan Isin affeera.