Obbo Shimallis “Injifannoon Adwaa Faajjii gurraachotaa walqixxummaa namoomaa dhugoomsedha” jedhan.
Qubee TV (Bitooteessa 1, 2025) Finfinnee!
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa ilaalchisuun ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Injifannoon Adwaa Faajjii gurraachotaa walqixxummaa namoomaa dhugoomsedha” jedhan.
Guutuun ergaa Pireezidaant Shimallis kan armaan gadiiti.
Dhalli namaa birmadummaa guutuu gonfachuuf wareegama kaffala; Kan walqixxummaatti hin amanne ammoo kan biraa garboomsuuf yaaluu seenaan darbe ni mul’isa. Taateen waltajjii marii konfiraansii Baarlin Afrikaanota qircachuuf taa’ame madaala namoomaa kan diige garaa garummaa ilma namaa jidduutti kan bu’uureesse ture. Birmaduufi Garba akkasumas warra boodatti hafoo fi qarooman jechuun ilmaan namaa gargar qoode. Guraachota Afriikaa bifa qofaa xiqqeessuun qabeenya uumaan gonfachiise harkaa saammachuuf warra miira olaantummaan tuulametu walgurmeesse.
Murteen warra Adii marii yaadaan tumsamee karaa nagaan Afriikaanota qoodachuuf waliigalamee ture gocha qabatamaatti wayiita hiikamu akka yaadameen faallaa isaan muudate. Gootonni ilmaan sabootaa Itoophiyaanonni akkuma Kanniisa Gaagura keessa diinatti jigeetti itti timmisuun wareegama qaalii kaffalameen ajandaa Baarliin fuggisoo garagalchee humna warra Adii waraanee qaanii itti uwwisee injifannoo Adwaa galmeessuun walqixxummaa ilma namaa mirkaneesse.
Faashistoonni meeshaa waraanaa jabanaa hidhatanis onneefi gootummaa Itoophiyaanotaa injifachuu hin dandeenye. Dawoo cimaa ijaarratee baandaawwan bu’aa dhuunfaan biyya jijjiiran qindeessus tooftaa qondaaltota waraanaa keenya jalaa miliquufi duula sabdaneessaa damdamachuu dadhabuun burkuteeffame.
Injifannoon Adwaan eenyummaa dhugaa Itoophiyaa ashaaraa gootummaa xiinsammuu keenya keessatti caafame, dhaqna keenya irratti qalama dhiiga abboota keenyaafi qubeessaa caba lafee gootota keenyaatiin kan bocame eenyummaa waloo dulloomuu hin dandeenye faajjii dhalootaa dhalootatti ce’ee jiraatudha. Eenyummaan dhiigaafi lafeen ijaarame, birmadummaan gootummaan tikfame sun akka salphaatti kan galmaa’e miti. Qormaatota rog-daneessa keessaafi alaa akka abiddaa saafaa boba’u kan dhaamse, injifannoo guddicha madaala garaa garummaa gurraachaafi adii jijjiire kan nu dhaalchise, humna sabdaneessummaa obbolummaa irratti ijaarame bu’uura seenessa waloo keenya har’aati.
Kabajamaa uummata Oromoofi lammiileen Itoophiyaa biyya keessaaf biyya alaa jiraattan hundi baga guyyaa seena qabeessa Injifannoo Adwaa waggaa 129ffaa nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada.
Injifannoon Adwaa Seenaa waloo qabeenya dhaabbataa dhaallee dhaalchifnu bu’uura amansiisaa irratti kan nuuf ijaare, hariiroo obbolummaa keenyaa kan cimseefi tokkummaa biyyaalessummaa keenyatti ulfina kan horedha. Adwaan garaa garummaarra tokkummaa, jibbarra jaalala, diigamuurra ijaaramuu, qeenxummaarra walooma kan nu barsiise qaama injifannoo yeroo hunda leellifnuufi kabajnudha. Kana malees, Adwaan birmadummaa Afriikaa kan ariifachiise faajjii olaanaa galmee Addunyaarratti walqixxummaafi madaala namooma dhiigaaf lafeen caafedha.
Duula sabdaneessummaa kanarratti Oromoon goototaafi fardeen isaa kumaatamaan hirmaachisuun lolee lolchiise mallattoon birmadummaa Afriikaanotaa akka galmaa’e taasise. Haata’u malee, seenaan isaa hatameefi dabsamee bareeffamaa ture. Qabsoo taasifamaa dhufeen sun hundi seenaa ta’eera. Qabsoon Oromoofi wareegamni ijaarsa biyyaaf kaffalame ifa ta’aa dhufeera. Ammas barreessitootniifi qorattoonni seenaafi seenessa dabaa qorachuun qajeelchuu akkasumas seenessa waloo dhugaa hundaa ijaaruuf hojjechuutu nurraa eegama. Dhugaa qajeelchinee daba sireessinee dhaloota dhaalchisuuf hunduu tumsuu qaba. Adwaan kan hunda keenyaa ta’uu bira darbee mallattoo injifannoo guraachota hundaati.